Abdu samed Mohammed

Abdu samed Mohammed Xiqqaattus har'a kee kaaleessa ke irra caalchisu Qabda

Pirzdaatin Iraan Kan ummaata Palestinef Duula Ture Baala xiyaraatin Du'aani Jiruu
20/05/2024

Pirzdaatin Iraan Kan ummaata Palestinef Duula Ture Baala xiyaraatin Du'aani Jiruu

Visit Harar  nights
18/05/2024

Visit Harar nights

Jaalaalti Adunyaaf ja'te Wali Dhuftuu Adda Bahinsi Hin Olaamu Raabbif Jaachaa waal jaalaachu Qabnaa 😘
10/05/2024

Jaalaalti Adunyaaf ja'te Wali Dhuftuu Adda Bahinsi Hin Olaamu Raabbif Jaachaa waal jaalaachu Qabnaa 😘

ILAAHIN GAAFA SI JAALAATU ISLAAMA GOODHE SI UUMAA . ALHAMDULILLAHA
10/04/2024

ILAAHIN GAAFA SI JAALAATU ISLAAMA GOODHE SI UUMAA . ALHAMDULILLAHA

23/03/2024

Nu Waamaa jirti Walloon!

Waraana ummata Walloo irratti baname waan salphatti laaluu qabnuu miti. Hawaasni hundi bakka hundaa dammaqee waan kana mormachuu qaba. Imaamonni masjiidaa, majliisni naannoleetiifi hoggantoonni majliisa federaalaa, dhimma kanarratti waan danda’an hunda godhuu qaban. Osoo hawaasni Walloo dhumu, osoo miidhaan jechaan ibsuun hin danda’amne isaan irra gahu cal’isuun hin taatu. Hundi dammaqee mootummaa irratti dhiibbaa godhee, hawaasa kanaaf dirmannaan akka taasifamu godhuu qaba. ummanni Walloo qaama keenya. Miidhamni isaanii miidhama keenya. Roorroo walirratti laaluun hin taatu. Bakka jirruu waliif dirmachuu qabna.

Ummata Walloo irraa waraanni dhaabbatee hin beeku. Ta’us yeroo Ramadaanaa eeguudhaan obboloota keenya irratti gocha gara jabeenyaa hedduu raawwachuu irratti argaman. Kun ammoo waan akka tasaa mudate osoo hin taane waan itti yaadamee hojjatamaa jiruudha. Kanaafuu bara baraan rakkoo deemaa jirtu tana dhaabsisuudhaaf namuu bakka jiruu dammaqinaan hirmaachuu barbaachisa.

Waraana hamaa yeroo ammaa godina Walloo keessatti gaggeeffamaa jiruun, namoonni madaawan wal’aansa gahaa argachutti hin jiran. Gara Magaalaa Adaamaa deemanii akka hin wal’aanames karaa cufaadha. Imala dheeraa baasii guddaa gaafatuun namoonni muraasni gara magaalaa Adaamaa deemuun tajaajila wal’aansaa muraasa argachaa jiran. Warri carraa argatee gara magaalaa Adaamaa imale kunis gargaarsa nurraa barbaada. Nuti hundi bakka jirrurraa wal gurmeessinee, namoota wal’aansaaf gara Adaamaa deeman kana bira dhaabbachuu qabna. Waan qabnu walitti buusnee obboleewwan keenyaaf tumsuun dirqama Islaamummaati.

Rabbiin ummata Wallootiif haa dirmatu. Tumsa isaatiin isaan bira dhaabbatee nasriin isaan haa gammachiisu.

 , hayyicha, keenyaa fii beekhaa kheenya gara laafeeysa keenya Sh Jemal Aliy Abdula Rakkoo ummata keenya kan walloo arga...
23/03/2024

, hayyicha, keenyaa fii beekhaa kheenya gara laafeeysa keenya Sh Jemal Aliy Abdula Rakkoo ummata keenya kan walloo arganii yaroo imimmaan qabachuu dadhabanii akka roobaatti imimmaan dhangalaasan hangam takka ummata isaaniitiif akka laphee baatan namatti mullisa.
Rabbiin umrii isaanii nuuf haa dheereysu.
Ummata keenyallee rakkoo tana keeysaa Rabbi nuuf haa baasu.

Biyya kanatti namni kan jaallatamuGaafa du'e qofa animmoo jaallatamuuf Jecha du'uu hin barbaadu                 Ammuma w...
17/03/2024

Biyya kanatti namni kan jaallatamu
Gaafa du'e qofa animmoo jaallatamuuf
Jecha du'uu hin barbaadu


Ammuma wal jaallanna jechumaafin je'e

Ummaata Qashti
07/03/2024

Ummaata Qashti

Coming Ramaadaan Karim
04/03/2024

Coming Ramaadaan Karim

Haro maya
03/03/2024

Haro maya

((SEENAA))seenaan kun duniyaa kana keessatti akka of dagachuu hin qabne si barsiisaa. atis dubbisiiti hiryoota keetiif  ...
31/10/2023

((SEENAA))

seenaan kun duniyaa kana keessatti akka of dagachuu hin qabne si barsiisaa. atis dubbisiiti hiryoota keetiif .!

Guyyaa tokko intala miskiina takkatu mucaa isii dugdatti baatte osoo karaa deemuutti jirtuuti gaara ykn tabba tokko bira dhufte.!
sana booda intalti san osoo deemutti jirtuuti gaara ykn tabba sana keessaa sagalee tokko kan seeniiti waan barbaadde fudhadhu kan isin jedhu dhageesse.!

sagaleen sun ammas irra deebi'eeti intala kanaaf akeekkachiisa akkas jettu kenneef. yeroo askeessa seentu gaara kana keessa qabeenya gurguddaa kan akka warqii fi meerkuri gosa addunyaa kanarra jiru hundatu jira kanaafu qabeenya kanarraa hanga barbaadde fudhadhu.!
garu yero waan kana fudhattu hin shawwadamin qabeenyi kun kaayyo keetii fi bakka itti deemti sin dagachiisin maaliif ? yoo jette tabba kanaa erga ati baateen booda hanga xumuraatti waan cufamuuf jecha akka of hin irraanfanne jedhen.!

sana booda intalti san sagalee kana ordoftee yero achi keessa seentu dhugumatti wanti hundinuu ni jira. sana booda intaltis gammadeeti warqii fi meerkurii kalarri isaa adda adda ta'e yero argitu ilmoo dugda isii irraa qabdu sana lafa keesseeti qabeenya sana dugdaa fi mataa akkasuma qoma isiitti walitti qabachuu jalqabde.!

sana booda ammas sagaleen sun akkas jechuun itti dubbate waan fudhattu fudhadhuuti dafii bahi yeroon kee si jalaa dhumee jira garu waan si barbaachisu hunda akka hin irraanfanne hulaan gaara kanaa yoo cufame amma booda hin banamuu jedhen.!

intaltis sagalee kana dhageenyaan rifatteeti qabeenya walitti qabatte kana hunda fudhatteeti alatti gadbaatee jennaan sana booda hulaan sanis ni cufamee.!

garuu intalti san of duuba deebite yeroo maal akka hojjettee dhufte yeroo yaadattu qabeenya baayye fudhattus garuu isii yeroo rakkoo wajjin jiraacha turte achi keessatti irraanfattee baate. deebite fudhachuus hin dandeessu hulaan tabba sanaa hanga xumuraatti waan cufameef jecha. kanaafu nutis duniyaa osoo barbaannu Aakhiraa akka hindagannee.

Silaa Iyyasuus waaqayyo jettanii Eenyutu isa fannise?Inni fannifame kun Iyyasuusi moo Nama birooti? Yoo Iyyasuus ta'e ga...
29/10/2023

Silaa Iyyasuus waaqayyo jettanii Eenyutu isa fannise?

Inni fannifame kun Iyyasuusi moo Nama birooti? Yoo Iyyasuus ta'e gaafas kaameraan hin jiru. Inni kuni hoo Eenyu?

Iyyasuus kiristoos gaafa fannifamu sana eenyutu isa fannise? Garuu Rabbi ni fannifamaa? Lakki Rabbi hin fannifamu. Waa'ee fannifamu Iyyasuus Barreessitoonni kitaaba Afranii maal jedhan?

Qur'aana kabajamaa keessatti Iyyasuus akka hin fannifamne dubbatameera..

وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا ٱلْمَسِيحَ عِيسَى ٱبْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ ٱللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْۚ وَإِنَّ ٱلَّذِينَ ٱخْتَلَفُوا۟ فِيهِ لَفِى شَكٍّ مِّنْهُۚ مَا لَهُم بِهِۦ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا ٱتِّبَاعَ ٱلظَّنِّۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًۢا

Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre)Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.(An-Nisa' 4:157)

بَل رَّفَعَهُ ٱللَّهُ إِلَيْهِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا

Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe.Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.(An-Nisa' 4:158)

23/10/2023

Qalbitu nu goge
RABBIIN iimaanaan nu haa jiisu
Sammutu nu goge
RABBIIN beekumsaan nu haa kiisu

QALBEEFFADHU !!!••••••••••••••••••••Gorsa namaa hin tuffatin iddoo itti si gargaaru qaba.Hiyyeessa hin tuffatin bor isat...
18/10/2023

QALBEEFFADHU !!!
••••••••••••••••••••

Gorsa namaa hin tuffatin iddoo itti si gargaaru qaba.
Hiyyeessa hin tuffatin bor isatu nama ta'a.
Lolaaf hin ariifatin miidhamuu dandeessa.
Nama hamaa kee odeessu hin jibbin bor isumatu gaarummaa kee haasa'aa.

Kan koo qoftii haa caalu hin jedhin dhaggeeffataa
dhabdaa.
Seenaa hin dagatin dhaloota dhufuuf dabarsitaa.
Beeka jettee hin taa'iin waan ati hin beekne baay'eetu jira.

Balleessuuf hin fiigin kan si balleessutti baata.
Biyya keetti namatti hin booniin biyya ormaa deemuu dandeessa

Mattaa'a hin nyaatiin imimmaan hiyyeessaa si balleessaa.
Abdii hin kutatiin bor siif darbaa.
Jal'aa namatti hin yaadiin jal'aa taatee haftaa.
Hojii hin tuffattiin hiyyoomte haftaa.
Qabeenyaan hin booniin bor ni dhumtii.

Wanta haaraa ilaaluuf hin kaatin waan haaraa uumuuf kaadhu.
Namni ati jaallattu yoo dugda sitti gate ariifattee hamaa isaa hin haasa'iin walitti yoo deebitan gaabbitaa.

Waan si jalaa calliseef na jibbe hin jedhiin tarii haalli inni keessa jiru gaarii miti!

Wal hubachiisuun xiqqoo hin qabdu waliif qoodaa isin Yaa Saba koo!

https://t.me/Ibaadaan Sunnaa Taate Hundinuu Mullisanii Dalaguu Irra Dhoysanii Dalagutti Irra Ajrii Qabdi.

Waan Ibaadaa Teenyarrattii Akkaan Sodaachisaa Jiru Keeysaa Tokko Beekkamuu Jaalachuu, Akkasuma Naaf Haa Arkanii Fi Na Haa Dhagayanii Namaa Barbaaduu Dha..

Ibaadaan Sunnaa Taate Hundinuu Mullisanii Dalaguu Irra Dhoysanii Dalagutti Irra Ajrii Qabdi.. Yoo bikka qudwaa (hidhannoo) namaaf tahuun kajeelamutti tahe malee..

Sadaqaanilleen ta dhooysaniitu gaaddisa arshii namakhaaya guyyaa qiyaamaa, akkuma Ergamaan Rabbii jaetti..

( ﻭﺭﺟﻞ ﺗﺼﺪﻕ ﺑﺼﺪﻗﺔ ﻓﺄﺧﻔﺎﻫﺎ ﺣﺘﻰ ﻻ ﺗﻌﻠﻢ ﺷﻤﺎﻟﻪ ﻣﺎ ﺗﻨﻔﻖ ﻳﻤﻴﻨﻪ )

Rabbiinis akkana ja'a:

( ﺇﻥ ﺗﺒﺪﻭﺍ ﺍﻟﺼﺪﻗﺎﺕ ﻓﻨﻌﻤﺎ ﻫﻲ، ﻭﺇﻥ ﺗﺨﻔﻮﻫﺎ ﻭﺗﺆﺗﻮﻫﺎ ﺍﻟﻔﻘﺮﺍﺀ ﻓﻬﻮ ﺧﻴﺮ ﻟﻜﻢ ﻭﻳﻜﻔﺮ ﻋﻨﻜﻢ ﻣﻦﺳﻴﺂﺗﻜﻢ ..)

Aayatni kun sadaqaan kennatan caaltuu (bareedduu) dha, yoo dhoysitanii dhabaaf kennitan saniitu irra isiniif caala ergaa jattu kenna.. Kana malees ibaadaaleen biraatilleentan gabrichi dhooysee dalaguutu irra ikhlaasatti dhihaata,saniif shari'aan dhooyfachuu irratti nu yaamti..

Akkuma waa'ee salaata sunnaa kheysatti nabirraa odeyfametti, salaanni fardii (wajiba) hin tahin hundinuu tan manatti salaatamtuu tu irra caala

( ﺧﻴﺮ ﺻﻼﺓ ﺍﻟﺮﺟﻞ ﻓﻲ ﺑﻴﺘﻪ ﻣﺎ ﻋﺪﺍ ﺍﻟﻤﻜﺘﻮﺑﺔ ).

Qur'aana qara'uu fi salaata leeylii, soomana sunnaa fi k.k.f hundaahuu namni mu'minaa hanga dandahetti dhooysee isaa Rabbii isaa jidduu godhuutu irraa eeggama.. Santu ikhlaasarratti isa gargaaraas.. //,

Ummanni Gaggaariin nu dura dabran ibaadaa isaanii warra fiiirraahillee dhooysuu turan, dhokotanii dalagan, namni akka isaan hin agarreef tattaaffii godhan.. !!/

Yeroo amma ammoo irra hedduu namaa irraa wanni mullatu, akka waan ibaadaan namni yoo arkeef malee hin mi'ooyne ykn hin qeebalamne fakaatti..

Bikka itti salaate suuraa of kaasee gad lakkisa, addunyaan na laalaa ja'aan, na arkaa iddoonitti salaate, akkan hajjii itti godhe, anaa harama kheeysa jiruna laala, anaa huccuu (uffata ) ihraamaa qabu na laala, anaa hijaaba uffatte na laala.. anaa sadaqaa kennu na arkaa.. anaa sheekha bira jiru.. anaa.. anaa.. anaa.. .... //

Gosa ibaadaa irraa tan namni nu hin garsiifatin takkallee nuu hin hafne.., Inumaa gariin namaa ( personal life) isaa gad lakkisa, isaa warra isaa dhungatuu fi itti maramuu, hayaan dhabame, Rabbi nuhaa sattaru..

Duba addunyaarratti galanni keenya kanuma tahee akka hafu barbaannaa??..

Ilmi namaa "maashaa Allaah " jachuu ol wan siif godhu hin qabu..

Dalagaan teetiis yoo rabbiif jecha hin tahin, rabbiin arkumaa fi dhageeytii namaa sun galata siif godha..

Obbaleeyyan kiyya.. Rabbumaaf jannee ibaadaa teenya fikhayrii dalagannu haa tiyfannuu..

Qilleensarratti akka gadhin lakkifne.. Akka if duraa hin balleeysine.. // barreeyfamni dheeraa tahuu wajjiin kan dubbistan, hedduu galatoomaa.

05/09/2023

Leenca fakkii namaa
Onnataa oonnee cimaa

Laalu laalcha tola
Dubbatu dubbiitola

Lallabee dhageeysisa
Dubbii mii nibookkisa
Lammii Abdachiisa
Maqaa nisirreeysa
Nyaapha nibaaraysa

Raayyaa Abbaamaccaa
Miliyoonota hawaasaa sijaallatu keessaa
Aniis tokko
Umrii nuuf dheeradhu

01/09/2023
Sadarkaa ofi walaalun of wallaludha Sadarkaa irra kate  laali xumura ke ilaali duniyaa irratti Akkamin akiraa dagatta🤦‍♂...
29/08/2023

Sadarkaa ofi walaalun of wallaludha

Sadarkaa irra kate laali xumura ke ilaali duniyaa irratti Akkamin akiraa dagatta🤦‍♂️🤦‍♂️

20/05/2023

𝐒 𝐀 𝐰

Address

Abdu Samed
Harer

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdu samed Mohammed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Abdu samed Mohammed:

Share