Aneso Mohammed

Aneso Mohammed Jalalaa

Garaagarummaa Ilaalchaa❏ Yeroo tokko tokko garaagarummaa ilaalchaatti hanga hin amanetti waliif galuun hin danda'amu. ⩩ ...
25/09/2023

Garaagarummaa Ilaalchaa

❏ Yeroo tokko tokko garaagarummaa ilaalchaatti hanga hin amanetti waliif galuun hin danda'amu.

⩩ Waan irratti waliif gallu irratti waliif gallee darbina. Waan irratti waliif hin galle immoo akka irratti waliif hin galle waliif gallee ilaalcha walii waliif kabajnee waliin jiraanna!

⩩ Ilaalchi dhuunfaa kiyya kanuma kiyyaa; keetis akkasuma. Ilaalchi kee fi kiyya wal dhiibuun gonkumaa anaaf ati wal dhabuu hin ta'u!

Garuu:
» "Ilaalcha koo qofatu sirriidha;
» Waanan dubbadhu qofatu haqa;
» Akkana ta'i!
» Akkasitti dubbadhu,
» Akkanatti yaadi!...." jedhanii ilaalcha dhuunfaa ofii nama biroo irratti fe'uun wal garboomsuudha.

✪ Garaagarummaa ilaalchaa waliif kabajuunis dirqama ta'uu hubannee garaagarummaa ilaalchaa keenya moggaatti dhiisnee wal kabajnee jaalalaan waliin haa jiraannuu! Akkaataa itti nyaannu malee akkaataan itti yaadnu tasumaa wal hin fakkaatu! Waan dubbiftaniif Galatoomaa! Follow, Share, Like! Godhaa oro too qaqalii!❤️💚💚 ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️

22/09/2023
04/09/2023

Saluu alhaa nabiyii

Filannoon ke tokko qofa ta'uu qaba! 😩😩😩
06/05/2023

Filannoon ke tokko qofa ta'uu qaba! 😩😩😩

Leylatul-Qadrii fi Hajjii waggaa kanaa RABBIIN carraa kee haa godhu! Mee Aammin ja'i!Halkan 27 khun halkan jabaa leylatu...
17/04/2023

Leylatul-Qadrii fi Hajjii waggaa kanaa RABBIIN carraa kee haa godhu! Mee Aammin ja'i!
Halkan 27 khun halkan jabaa leylatulqadri tahuuf hedduu khajeelamu waan taheef akka rabbiin warra keeyrii isa keessa jirtu argatu nu haa godhu.

Yaa rabbi nama du.aaii tana Ammiin ja.ee janataa kessaati Olla nabbii Mohammed godhii !!Yaa RABBII warra ibidda🔥Jahannam...
14/04/2023

Yaa rabbi nama du.aaii tana Ammiin ja.ee janataa kessaati Olla nabbii Mohammed godhii !!

Yaa RABBII warra ibidda🔥Jahannam🔥jalaa bilisoomsitu keessaa nuu goodhi!!??

❤❤❤❤

Page kottiif haraa tanan like godhuun dagaatina JZK

Harka Keessan Rabbitti Ol Qabaa Aamiin Na Jalaa Ja’aa !!!••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••Bismi...
08/04/2023

Harka Keessan Rabbitti Ol Qabaa Aamiin Na Jalaa Ja’aa !!!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Bismillaahi Arrahmaani Arrahiim
Alhamdulillaahi Rabbil Aalamiin
Wassalaatu Wasaalaamu Alaa Rasuulillaahi
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam

Yaa Rabbii Keenya Dilii teenya hunda nuuf araarami
Yaa Rabbi dalagaa gaggaarii hunda nurraa qeebali
Yaa rabbi adunyatti jiruu gaarii Nu jiraachisi
Aakhiratti jannatul Firdoowsiin nu qananiisi

Yaa Rabbi waan nu jalaa bade Nuuf Mullisi
Yaa Rabbi waan nu jalaa fagaate hunda nuuf dhiheeysi

Yaa Rabbi Nama karaa Keetirratti du’u nu taasisi.
Yaa Rabbi Rizqii nutti ballisi
Kheeyriin dalaguu nuuf laaffisi

Yaa Rabbi shabaaba Keenya jaartii gaarii kenniif
Shamarran keenyaaf jaarsa gaarii kenni
Dhukkubsataa Keenya hunda nuuf fayyisi
Kan nurraa Aakhirame hundaaf Rahmata Nuuf godhi

Haadhaa abbaa keenyatti nuuf toli
Ibaadaa tee hunda Nuuf Laaffisi.

Yaa Rabbii keenya si kadhannee nuuf qeebali
Tan nurraa irratte atummaan itti nuuf guuti.

Aaaamiin Aaamiin Yaa Rabbal Aalamiin.

FIDAAKA ABII WA UMMII YAA RASUULALLAAH ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• • Nuti Ummanni Islaamaa Ergamaa K...
08/04/2023

FIDAAKA ABII WA UMMII YAA RASUULALLAAH
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

• Nuti Ummanni Islaamaa Ergamaa Keenya Nabi Muhammad Lubbuu Teenya caalaa jaalanna, Sakandii takkaaf Maqaan isaanii akka hamtuun kahu hin feenu. Namni isa arrabsu Abbaa fedhe yoo taatees diina Keenya, Namni hamtuun isa Xuqu lubbuu teenyatti nu dhufe, ija teenyatti nu dhufe, nama lubbuu fii ijatti nama dhufe ammoo obsuufiin hin jirtu.

• Nama Rasuula Keenya jaalatu ni jaalanna, nama Rasuula Keenya kabaju ni kabajna, Nama Rasuula keenyaaf bakka Qabu , nutiis bakka isaaf qabna.

• Namni Rasuula Keenya arrabsu adawwii teenya, Namni Rasuula Keenya hamtuun kaasu ammoo yoomillee hin milkaahu.

• Lubbuun teenya, Haadhaa Abbaan Keenya, Qabeenya Keenya hundi Rasuula Rabbii irra gara Keenyatti hin caalu, Waan qabnu hunda wareegnee Kabajaa Rasuula Keenyaa Eeysifna.

Namni Rasuula Rabbii Jaalatu Hundi Salawaata Buusaa

Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam

Warra Kabajaa Rasuulaa eegee Kabajamu Nu Haa Taasisu

Barreeffama kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa

Afunilalaa dhifamaa naa godhaa oblyaan Muslim hudii keessanuu rabbii jechaa afunilalaa
18/03/2023

Afunilalaa dhifamaa naa godhaa oblyaan Muslim hudii keessanuu rabbii jechaa afunilalaa

My brother is hero star mashalhaa mashalhaa mashalhaa mashalhaa mashalhaa mashalhaa mashalhaa mashalhaa sanyii
18/11/2022

My brother is hero star mashalhaa mashalhaa mashalhaa mashalhaa mashalhaa mashalhaa mashalhaa mashalhaa sanyii

08/11/2022

Rabbiin milkii gadda lamaa siif haa kanuu

S.a.w 1000,000,0000
04/11/2022

S.a.w 1000,000,0000

06/08/2022
06/08/2022

Dargaggeeysi kun Hoogoo ja'ama. Mataskaana beekkamaa biyya Sweden keessatti arkamu keessatti hogganaa dargaggootaa, akkasuma Doktora Yoo tahu Islaamummaa qeebaluun obbaleeysa keessan taheera. Sababni Islaamummaa itti qeebale, Mataskaana Sana keessatti "Quraanni hojii sheeyxaanaati" jachuu barachaa ture. Garuu internet irra barbaadee, Quraana Yoo caqasu itti tolee, Islaamummaa qorachuu eegale. Boodarra Islaamummaan itti tollaan guutumatti Islaama tahuu isaa addunyaaf ibsee jira. Kana hunda caalaa wanni sigammachiisu maatii isaa keessaa Muslimni isa qofa. Maasha Allah!

Obbaleeysa keessan kanaaf Du'aa'ii godhaaf!

06/08/2022

Sadarkaan isaa:
- Yakka waggaa tokkoo namarraa haqa. Ergamaa RABBIITU jedhe. صلى الله عليه وسلم
-Guyyaa RABBIIN mootii jallataa abbaa irree Fir'ownaaan cabse,Nabi Muusaa (A.S) fi ummata isaatiif tumse waan ta'eef galata RABBIITIIF soomna. Kanas isaantu jedhe. صلى الله عليه وسلم
- Namni guyyaan 9 ffaa jalaa dabre kurnaffaa fi kudha tokkoffaa soomuu ni danda'a.

Guyyaan boruu saglaffaa waan taheef borii fi iftaan walitti qabnee soomna. Ykn kurnaffaa fi kudha tokkoffaa walitti qabnee soomuus ni dandeenya. Irra caalaan ammoo saglaffaa fi kurnaffaa dha!

Wal Yaadachiisaa!

06/08/2022
06/08/2022
06/08/2022

Akka Lakofsaa Hijraatti boru Muharram9ffaadha wiixata/Isniinaa immoo Muharram 10ffaadha

Namni Rabbin Laafiseef Soomanni borufi Guyyaa Wixaxaa Akka Isin Dabare Sawaabni Isaa Guddadha.!!

(1) عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه ، قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم : أَفْضَلُ الصِّيَامِ، بَعْدَ رَمَضَانَ، شَهْرُ اللَّهِ الْمُحَرَّمُ

Ergamaan Rabbi (Sallallaahu Alayhi Wasallam) Hadiisa Abuu Hureyyraan (RA)Odeese Keessatti Akkana Jedhan Irra Calaan Soomanaa Soomana Ja'i Ramadana Booda Soomana Baati Muharamii..." Muslimitu Odeese

وعَنْ أَبِي قَتَادَةَ رضي الله عنه ، قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم : صِيَامُ يَوْمِ عَاشُورَاءَ أَحْتَسِبُ عَلَى اللَّهِ أَنْ يُكَفِّرَ السَّنَةَ الَّتِي قَبْلَهُ. ( صحيح مسلم)

Akkasumati Ergaman Rabbi Sallallaahu Aleyhii Wasallaam Akkana Jedhan Hadiisa Abuu Qataadan (RA) Odeeseti "Soomanni Guyyaa Ashuraa Rabbi irraahin Kajeela Akka Dilii wagga Dabree Namaaf Araaramu" Muslimitu Odeese.

Namni Rabbin Laafiseef Guyyaa boru fi Guyyaa Wixaxaa Soomanuu Danda'a Ykn Wixaxaa fi khifxata
Soomanu Danda'a Rabbin Warra soomanee milkayuu nu Haa Tasisuu yoo ofii soomanu Hin Danda'enye kheerri kana obolleeyaan kee musilmaatif Dabrsuun yaaddachisii🌹🌹🌹

06/08/2022

Dammaa fi Fayyaa
*******************
■ Dammi qulqulluun kallattiidhaan qaama madaa'e irratti yoo dibame madaan sirritti akka fayyuu fi hariifatee akka fayyu waan taasisuuf, yeroo tokko tokko sadarkaa mana yaalaatti illee ogeeyyiin fayyaa ni fayyadamu. Kanas kan taasisu dammi farra baakteriiyaa waan ta'ee fi akkasumas amala kulkula qaamaa hir'isuu (anti-inflammatory properties) waan qabuufidha.
Dammi dabalataanis faayidaalee armaan gadii kana qaba.
■ Namoota alerjii qabaniif gargaarsa guddaa godha.
■ Madda annisaa isa guddaadha.
■ Fayyummaa onneef gahee guddaa qabata.
■ Hirriba gaarii akka rafnu gargaara.
■ Coomni qaama keessa akka hin baay'anne taasisa.
■ Qufaan/utaalloo akka nurraa dafee fooyya'u taasisa.
■Keemikaalota antioxidant jedhaman qaama keenyaaf barbaachisan qaba.Gurmeessaa
***************
Fayyaan Faaya

06/08/2022
06/08/2022

Awustiraaliyaatti yeroo jalqabaatiif Baankiin Islaamaa guutummaa guutuutti tajaajila dhalarraa bilisaa kennu hundaa'uun ibsame

Haarun Miidiyaa; Adoolessa 29/2014

Awustiraaliyaatti yeroo jalqabaatiif Baankiin Islaamaa guutummaa guutuutti tajaajila dhalarraa bilisaa laatu hundaa'uun ibsameera. Kibxata Jul 5 miidiyaaf akka ibsi kennametti Islamic Bank Australia (IBA)'n baankii dhala irraa bilisaa qajeelfama Sheri'aa hordofe ta'uun himameera.

Baankichi muslimoota hundeesaitoota kaampaanii 13 ta'aniin kan hundeeffame yoo ta'u Garee Abriko kan buufata isaa Gamtaa Emireetota Arabaa taasifate waliin qindoominaan akka hojjatus baankichi beeksiseera.

Awustiraaliyaan biyya muslimoonni muraasni keessatti argaman taatullee gaaffii lammiilee ishee kabajuun seera bu'uureffachuun baankii dhalarraa bilisaa eeyyamtee jirti.

© Haarun Miidiyaa

06/08/2022

Irra caalaan soomanaa eega Ramadaanaati soomana ji’a Rabbii Muharram keeysa soomanamu. Ji’a muharram keeysa soomanni walumaa galatti jaalatamaadha. Baatii kabajamaa kana keeysa waan haraamirraa fagaachuun ibaadaan waggaa haarawa simatuun Rabbiin kheeyrii namaan fedhuudha.

Baatii muharram kana keeysa guyyaa Ashuuraa soomanuun jaalatamaadha. Suni guyyaa kudhanaffaa ji’a muharrami. Guyyaan kuni guyyaa Nabi Muusaa nageenyi irratti haa jiraatuu ummata isaa wajjiin Rabbiin Fir’oownaa fii waraana isaa jalaa najaa isaan baasee Muusaan shukrii galchuuf soomane. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam soomanaati ture. Sahaaboonnis soomana kana ni soomanan. Cubbuu waggaa takkaa namarraa haqa soomanni guyyaa takkaa.

Guyyaan kuni bara kana Alhada boruu kana 9ffaa fii Isniina iftaan walirratti soomanuun sunnaa jaalatamaa kheeyrii guddoo qabu. Haafiz ibnu Rajab Al-Hanbaliin kitaaba isaa laxaa’iful ma’aarif ja’amu keeysatti akki je’e, “muslimni waggaa haarawa ibaadaan akka jalqabu Rabbiin isaan fedhe, waggaa isaa ibaadaan akka xumuru isaaf fedhe. Namni soomanaan waggaa dabre zul hijjaa soomanuun xumure, kan waggaa haarawas muharram soomanuun jalqabe akka nama waggaa guutuu ibaadaarratti dabarseeti”

Boru alhadaa fii iftaan isiniina namni Rabbiin isiniif laaffise soomanaa. Waggaa keeysan ibaadaan jalqabaa.

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Aneso Mohammed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Aneso Mohammed:

Share