Hamza jemal page

Hamza jemal page Sabaa koof jedhee Yoon du'ees anii lafaa hin siilessuu!!!

11/04/2024
11/04/2024

"Yunvarsiitiin akkanumaan lafaa kaatanii doktoreetii kabajaa namaaf kennitan dhaabaa"_Biraanuu Naggaa.

Ministerri barnootaa Pr. Biraanuu Naggaa waan dubbachuu fedhan qabu fakkaatu. Miilana Qajeefama haara hanga baasnutti dhaabbileen barnoota olaanoo Doktoreetii kabajaa eennullefi akka hin kennine dhorkinee jirra jedha. Piroofeesar Biraanuun yaada kana kan dubbatan miilana Marii Itoophiyatti badhaasa Digirii Doktoreetii kabajaa fi Saaynsii digirii doktoreetii irratti akka ta'e himameera.

19/02/2024
26/01/2024
22/02/2023
11/02/2023
11/02/2023

Osoo Nabi Muhammadﷺ hin ergamin dura Yahuudaan “yaa Rabbi nuufi ummatoota jidduutti Nabiyyii murteessu nuuf ergi” jachaa turan. Maqaa Nabi Muhammadiin kadhatanii lola injifatan. Akka Ibn Abbaas himetti, Yahuudaan Madiinaa qubattu tun gosa Arabaa Ghaxafaan ja’amtuun lolaa turte. Gaafa Ghaxafaan jabaattee irra aante, “yaa Rabbi nuti sadarkaa Nabi Muhammad qabu, Nabiyyii katabee hin dubbifne kan zamana boodaa keessa akka bahu baallama nuuf seenteen si kadhanna, ummata kanarra nu moosisi” jattee kadhatti Yahuudaan. Inuu yeroo garii hoggaa Ghaxafaan waliin lola seenuuf deeman osoo lolli hin jalqabin dura kana kadhatan. Gosa Ghaxafaan akkasitti cabsaa turan. Gaafa Rabbiin Nabi Muhammadﷺ ergu garuu Yahuudaan itti amanuu didde. Sababa kanaaf Aayanni Qur’aanaa tun buute..

‎۝ وَكَانُوا مِنْ قَبْلُ يَسْتَفْتِحُونَ عَلَى الَّذِينَ كَفَرُوا...۝
۝Kan san dura akka warra hin amanin irratti injifannoo arkataniif (dhufaatii Nabi Muhammad Rabbiin) kadhataa turan..۝

• Gabaasa birootiin Sahaabaan beekkamaan lola Badrii lole Salamaah bin Salaam bin Waqsh akkana ja’e..👇🏾
“Ganda Banii Abdal Ash-hal kana keessaa ollaa Yahuudaa tokko qabna. Osoo Nabiin hin ergamin xiqqo dura guyyaa tokko Yahuudichi kun mana isaatii gad bahee Waltajjii Abdil Ash-hal irra dhaabbate. Ani yeroo san umriin xiqqaadha, uffata afata kalloo wahiirraa tolfame tokkoon kaayyadhee qaba. Yahuudichi kun waa’ee Qiyaamaa, du’aa ka’uu, herragaa, Miizaanaa, Jannataafi Azaabaa dubbate. Ummata Shirkii godhu, ummata Taaboota gabbaru, ummata eega du’anii ka’uutti hin amannetti kana hime. Dubbiin isaa tun dhibnaan ummanni gaafii kaase..

Ummata: Yaa dhiiroo! Abaluu keenya! Wanni jechaa jirtu dhugumaa? Amma kun ni taha jattee yaaddaa? Waan hojjataa ture galata galfamuuf namni eega du’e booda ganda Jannataa ykn Azaaba geeffamaa?

Yahuudicha: Eeyyee! Isa kakataniinin kakadha. Namni tokko yoo ibidda sanirraa qooda qabaate, boru ibidda sanirraa baraaramuuf jecha osoo akka addunyaatti okkotee guddoo argatee isii keessa seensifamee(ibidda saniifi isa jidduu waan taheefuu osoo okkoteen aantee) eeganaa ibiddatti darbamee hawwa.

Ummata: Saboo maal himta? Hayyee kun akka mudatu mallattoon/ragaan maaltu jira?

Yahuudicha: Mallattoon kanaa Nabiyyii tokkootu naannawa biyya tanaatii baha. (Gara Makkaa fi Yaman kana harkaan akeekaa akkana ja’e)

Ummata: Yoom baha? Yoom Nabiyyii san garra?

Yahuudicha: (gama Salamaah as mil’atee) mucaan kun yoo umrii dheerate ni dhaqqaba.

- Halkanii fi guyyaan osuma deemuu, osuma Yahuudichi kun lubbuun nu keessa jiruu Wallaahi Rabbiin ergamaa Isaa Muhammadﷺ erge. Nuti itti amanne, Yahuudichi garuu amanuu dide. ‘Maalif Nabiyyyiin kun Yahuudaa keessaa ergamuu oole? Maalif Araba keessaa bahe?’ jechuun jibbaafi waanyoof itti amanuu dide. Ummanni ammaas gaafii itti kaase..

Ummata: Saboo dhihoo tana ati Nabiyyii tokkootu gara Makkaa kanaa baha nuun hin jannee? Kunoo bahee maaliif itti amanuu didda ree?

Yahuudicha: Eeyyee ja’e, garuu kun isaa miti.”

11/02/2023

Badiin kaleessa hojjate arra Tawbatuu irraa si hin uggurin. Yakki kaleessa hojjatte arra fuulduratti deemuu irraa si hin dhoorkin. Tawbadhu! Gaarii hojjadhu! Diin kee dagaagsi! Hegeree tee bareechi.

11/02/2023

Ustaaz Raayyaa Abbaamacca Nama islaamummaa fi Oromummaafiis qabsaawuudha. Namni kun dhiira hedduu gara laafummaa fi gootummaa cimaa qabuudha. hagayya 30 bara 1996 namni reefka Eebbisaa Addunyaa lafaa kaase isa. Ustaaz Raayyaan Anaa fi Eebbisaan Amantii gara garaa hordofnuus Oromummaa waliin qabna jechuun reeffa gootiicha kanaa lafaa kaasuun nama seenaa qabsoo Oromoo keessatti oolma guddaa saba kana biraa qabuudha. kabajaatu malaaf❤️

Address

Harar

Telephone

+251966370766

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hamza jemal page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Hamza jemal page:

Share