Harar News Press

Harar News Press Odeeffannoo weeytaawaa ummata keenya biraan ga'uu

23/02/2024
👉Nageenyi bu'uura waan hundaati‼️========================🚩Nagaa malee misoomni, guddinni, badhaadhinni, hojjachuun, nyaa...
23/02/2024

👉Nageenyi bu'uura waan hundaati‼️
========================
🚩Nagaa malee misoomni, guddinni, badhaadhinni, hojjachuun, nyaachuun, bahuun, galuun, jireenya nagaa fi tasgabbaa'aa jiraachuun waan hin yaadamnedha! Dimokiraasii nagaa malee yaaduun hin danda'amu! Nagaa malee biyya tokko keessatti jaalalaa fi walkabajuun waliin jiraachuun hedduu ulfaataadha! Kanaaf nagaan bu'uura waan hundaati!

Dargaggoonni naannoo keenyaa hojii miidhagina hambaa Idil -Addunyaa Jogala Harar irraa qoodaa fuudhachuuf har'aa hojii j...
07/01/2024

Dargaggoonni naannoo keenyaa hojii miidhagina hambaa Idil -Addunyaa Jogala Harar irraa qoodaa fuudhachuuf har'aa hojii jalqabsiifne

Hojii miidhagina hambaa Idil- Addunyaa Jogola Harar kan pirizdaantii naannoo keenyaa kabajamoo obbo Ordiin Badriin jalqabame galmaan gahuuf guyyaa har'aa dargaggoota naannoo keenyaa hojii miidhagina hambaa Idil Addunyaa Jogola Harar hojjachuuf hojii jalqabsiifneerra.

በኩቡር ፕሬዝዳት አቶ ኦርዲር በድሪ መሪነት የተጀመረው የጁገል አለም አቀፍ ቅርስን ውስጥ ለውስጥ መንገዶችን በማስዋብ ለነዋሪዎቿ ምቹ የመኖሪያ ስፍራ እንዲሁም ለቱሪስቶች ሳቢና ማራኪ እይታን ለመፍጠር በተጀመረው እንቅስቃሴ የክልላችን ወጣት ሊግ በዚህ ታሪካዊ ስራ ላይ ያራሱን አሻራ ለማሳረፍ ከጁገል ውስጥ ለውስጥ መንገዶች በወሰደው ቦታ ከወረዳ ወጣት ሊግ አስተባባሪዎች ጋር በመሆን ማስጀሪያ መርሃግብር አካሂዷል።

13/12/2023
13/12/2023
07/12/2023
Magaalaa Harar iddoo turizimii filatamaa taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiraniif deeggarsa barbaachisu taasisaa jiraachu...
05/12/2023

Magaalaa Harar iddoo turizimii filatamaa taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiraniif deeggarsa barbaachisu taasisaa jiraachuu jiraattonni naannoo ibsaniiru.

Daandiiwwan keessoo hambaa idil addunyaa Jugal daawwattootaa fi jiraattotaaf miidhagaa fi mijataa taasisuuf hojiiwwan miidhaginaa fi misoomaa hojjetamaa jiraniif deeggarsa barbaachisu taasisaa jiraachuu jiraattonni naannoo yaada isaanii kennan ibsaniiru.

Hojiin miidhaginaa fi misoomaa keessoo Jugal keessatti hojjetamaa jiru hambaa idil-addunyaa Jugal eeguu fi dhaloota dhufuuf dabarsuu keessatti gahee guddaa akka qabu dubbataniiru.

Jiraattonni kunneen akka jedhanitti, hojiin naannicha hawwataa fi mijataa taasisuuf hojjetame dhangala’iinsa turistoota dabaluu fi boca magaalichaa jijjiiruuf faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Dhaloonni kun gama hambaalee idil addunyaa Jugal, kan Abbootiin keenya nu dhaalchisan kunuunsuun eeguutiin dhaloonni kun imaanaa seena kan qabu ta'uu eeruun, kanaaf ummanni mootummaa waliin qindoominaan hiriiruun tiksuu fi kunuunsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Wanti mootummaan hojjechaa jiru jajjabeessaa ta’uu fi naannichi kan duraanii caalaa bareedaa fi qulqulluu ta’aa akka jiru eeraniiru.

Gara fuula duraattiis hawaasni qulqullina naannoo eeguu fi gama hojii hojjetame eeguu fi kunuunsuutiin gahee isaa bahuu akka qabu eeraniiru.

04/12/2023

Biyya Keenya Jaalalaafi Nagayaan Ijaarra!
===============
Biyya jaalalaan ijaarru malee jibbaafi wal sakaaluun hin ijaaran. Warri jaalalaan biyya keessan ijaaruuf olii gadi dhama’aa, nagaafi jaalala lallabaa ooltan jabaadhaa! Warri jibbaan biyya diiguuf dhagaa hin jirre fonqolchaa, hannaaf huuba guuraa ooltan yoomiyyuu milkaa’uu hin dandeessan. Sababiin isaa ammo rabbiin biyya kanaafi uummata kana uume warra nagaya barbaaduufi jaalala lallabu waliin jira.

Mootummaan Uummataan Filatame Humnaa fi Shiraan Moo'atanii Kuffisuun Hin Danda'amu!= = = = = = = = = = = = = =Biyyi jeeq...
25/07/2023

Mootummaan Uummataan Filatame Humnaa fi Shiraan Moo'atanii Kuffisuun Hin Danda'amu!
= = = = = = = = = = = = = =
Biyyi jeeqamuu dandeesi garuu hin diigamtu. Misoomni gufachuu danda'a garuu diinagdeen biyyattii of duuba hin deebi'u. Mootummaa uummataan filatamee Dr.Abiyyiin hoogganamu irratti duuluu fi duulchisuun ni danda'ama garuu moo'achuun hin danda'amu.

Pirooppaagaandaa fi shira irratti raawwachuu fi raawwachisuun ni danda'ama ta'a garuu hanga yeroon uummatni kenneef dhumatutti aangoo irraa kaasuun mootummaa dharaa ijaarachuun goonkuma hin danda'amu!!

Dippiloomaasii cimaan bu'uura diinagdee biyyaati!= = = = = = = = = = = =Hariiroon Itoophiyaan biyyoota addunyaa waliin q...
25/07/2023

Dippiloomaasii cimaan bu'uura diinagdee biyyaati!
= = = = = = = = = = = =
Hariiroon Itoophiyaan biyyoota addunyaa waliin qabdu yeroo kamiyyuu caalaa jabaataa dhufeera. Fudhatamummaan biyyi keenya biyyoota ollaa fi biyyoota addunyaa waliin qabdu bara Abbichuu cimeera. Biyya keenya diinagdee, hawaasummaa, dippilomaasii fi siyaasaan jabeessuun hojii ajaa'ibsiisaa hojjataa kan jiru Abbichuu Abbaa Malaati.
Har'as Abbichuun hooggantoota Xaaliyaanii, Jibuutii, Somaaliyaa fi Keeniyaa waliin marii bu'a qabeessa adeemsiseera.

Jabaa, dandamachuu fi kutannoo qabaachuun, yoo ati beekuu baattullee, namoota kaan irratti dhiibbaa guddaa geessisuu dan...
25/07/2023

Jabaa, dandamachuu fi kutannoo qabaachuun, yoo ati beekuu baattullee, namoota kaan irratti dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼa. Gochi, dubbii fi ilaalchi kee namoota naannoo kee jiraniif kaka’umsa ta’ee tajaajiluu danda’a, qormaata isaanii akka isaan mudatee fi guddummaaf akka carraaqan isaan kakaasuu danda’a.

Namoonni yeroo baayʼee namoota rakkina keessatti cimina, ija jabinaafi cimina argisiisan ol ilaalu. Amaloota kana of keessaa qabaachuudhaan, namoota kaaniif fakkeenya taʼuu dandeessa, humna keessoo isaanii akka argataniifi gufuuwwan jireenyaa yaada gaariidhaan akka furan jajjabeessuu dandeessa.

Yeroo hunda kaka'umsi sochii qaamaa guddaa ykn bu'aa ba'ii ummataa irraa akka hin argamne yaadachuun barbaachisaadha; yeroo tokko tokko, dhiibbaan inni guddaan gocha gaarummaa xixiqqoo, jechoota jajjabeessaa ykn gocha kee keessatti dhugaa fi dhugaa ta’uu qofaan ta’a.

Kanaafuu, jabaadhuu ofii keetii isa hunda caalu ta'i. Eenyu akka ol si ilaalu, imala kee irraa kaka’umsa fudhachuu fi qormaata mataa isaanii mo’uuf itti fayyadamuu danda’u gonkumaa hin beektu. Humni kee jireenya nama biraa keessatti jijjiirama gaarii fiduuf kaka’umsa ta’uu danda’a.

Address

Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Harar News Press posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Harar News Press:

Share


Other Harar media companies

Show All

You may also like