Gadaa Broadcasting Service

Gadaa Broadcasting Service Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gadaa Broadcasting Service, Media, Finfinnee, Finfinnee.

Hordoftoonni amantaa muslimaa baga ayyaana Iida Al_adahaa bara 1445'ysoo geeysan Iid mubarak Ayyaanna gaarii!
15/06/2024

Hordoftoonni amantaa muslimaa baga ayyaana Iida Al_adahaa bara 1445'ysoo geeysan

Iid mubarak
Ayyaanna gaarii!

Aanaa Miidhagaa Lolaa Araddaalee tokko tokkotti Tajaajilli haawasaa guutumaan guututti hin jiru Godina Harargee Bahaatti...
14/06/2024

Aanaa Miidhagaa Lolaa Araddaalee tokko tokkotti Tajaajilli haawasaa guutumaan guututti hin jiru

Godina Harargee Bahaatti kan argamu Aanaa Miidhagaa lolaa araddaaleen naannoo somaleetiin daangeyfaman rakkoo nageenyaa malees rakkoo tajaajila hawaasaatiin rakkachaa jiru, araddaa Aanaa Miidhagaa lolaa keeysaa araddaan akka Haroo Badaddoo fi Bilisummaa araddaalee tajaajila hawaasaa dhabaaf rakkoof saaxilamaa jiran keeysaa takka yoo tahan,

tajaajila Hawaasaa akka mana barnootaa, buufata fayyaa, bishaan dhugaatii, daandii fi ifaallee kan hin qabne yoo tahu,

araddaan Badaddoo bara mootummaa dargii keeysa zoonii mullu jalatti bulaa tan turteefi bara mootummaa EPDRF jalqabee hanga bara 2016tti Araddaan tun naannoo Somaalee jalatti bulaa turte.

bara 2016 keeysa Araddaan tun deeggarsa karaa Aanaa Miidhagaatiin argataniin naannoo somalee jalaa walaba if baasuun aanaa miidhagaa lolaa jalatti if deebifte.

Bara 1997 keeysa Rifirendamii zoonii Mulluu,Cinaaksaniifi daangaalee oromiyaa naannoo sumaaleen waldaangeysan hedduutti godhamuus, araddaan Haroo Badaddoo osoo hin hammatamiin hafte.

Araddaan tun naannoo somalee jalatti haftuus; bara 2016 tattaaffii ummata isiitin naannoo Oromiyaa tahuu isii mirkaneeffatte,

ha tahuu malee tajaajilli ummataa wanti ja'aamu araddaa san keeysaa dhabamuun ammaas mootummaa naannoo Oromiyaatiin beekamtii tan hin arganne jechuuf ammoo gibira mootummaa naannoo Oromiyaatiif akka kafalaa jiran jiraattonni araddaa sanii ni dubbatu.

,akka jiraattonni araddaa sanii ja'aanitti; araddaan badaddoo tun sumudaa mataa ifiillee tan hin qabne tahuu dubbatan.

Abbaa warraa 1500 ol tan qabduufi tajaajila hawaasaa amata 40 oliif tan hin argatiin, araddaan Badaddoo akkuma araddaalee naannoo Oromiyaa tan birootti tajaajila hawaasaa argachuu qaban akka argataniif mootummaan naannoo Oromiyaa araddaa teenyaaf beekamtii akka nuuf kennuufi tajaajila hawaasaa akka argannuuf irra deddeebinee gaafannuus, gama mootummaa naannoo Oromiyaatiin deebiin arganne hin jiruu ja'aan.

Sagantaan Badhaasa Artist Hacaaluu Hundeeysaa marroo sadeeysoon waxabajjii 29, 2024 ni jalqabaWaxabajjii 14, 2024; GBS ,...
14/06/2024

Sagantaan Badhaasa Artist Hacaaluu Hundeeysaa marroo sadeeysoon waxabajjii 29, 2024 ni jalqaba

Waxabajjii 14, 2024; GBS , sagantaan Badhaasa Artiist Haacaaluu Hundeessaa marsaa 3ysoo Waxabajjii 29, 2024 Magaalaa Finfinneetti akka rawwaatamu Faawundeeshiniin Hacaaluu Hundeeysaaa ibsa kanne.

Badhaasni Haacaaluu Hundeeysaa (Hacalu Award) bara baraan Waxabajjii 29 kan gaggeeyfamu yoo tahu, sagantaan tun guyyaa Haacaaluun warreegame yaadachuufi Kaayoo Hacaaluun irratti wareegama galmaan gahuufi kan hojjatamu yoo tahu, akkasuma Artistoota ciccimoo tahanillee filatee kan badhaasuu fi hujilee Hacaaluu Hundeeysaa dhaloonni bara baraan akka yaadatuuf kan gaggeeyfamu jechuun ibsa Miidiyaaleef tan kannan wali qabduun boordii Faawundeeshinii Hacaaluu Hundeeysaa Aadde Faantuu Damiseeti.

Hundeeysaan  garee Baala daraa magaalaa Finfinnee  hoggaanaan garee Shororkeeysaa  faannoo Obboo iskindir Naggaa  mootum...
13/06/2024

Hundeeysaan garee Baala daraa magaalaa Finfinnee hoggaanaan garee Shororkeeysaa faannoo Obboo iskindir Naggaa mootummaa wajjiin marii nagayaa gochuuf fedhii akka hin qabne ibsa kanne.

Akka obbo iskindir naggaa ja'aanitti mootummaa wajjiin walii galtee nagayaa godhuuf walii galteen piritooriyaa barnoota guddaa nuuf taate ja'aan, mootummaan walii galtee piritooriyaa booda duula duguggaa shanyii hamaa ummata kiyyarratti godhe kan ja'aan obbo iskindir naggaa waggoota shanan keeysa dabarre kana mootummaan sabboonummaa sabummaa kan jalqabee fi sabboontonni sabummaa leellisan gara aangootti waan dhufaniif filannoon nuti qabnu lola akka sabaatti ummata Amharaarratti labsame kana dura dhaabbachuun ifirraa faccisuudha ja'an.

Naannoo Amharaa dhibbantaa 90 humna fannoo harka akka jiruufi humnoonni mootummaa magaalalee gurguddoo qofa akka tohatan dubbata. Kanumaan wal qabatee Roobii kaleeysa guyyaarra naannawa za'aa 6tti qindoomina zemenew kaasayeetiin Magaalaa barhadar seenuuf osoo deemanii bakka debrawit ja'aamtutti tikha mootummaa waliin kan walitti bu'an gareen faannoo goojjam keeysaa namni tokko yoo du'u namni 4 miidhaa jabaan akka irra gayeetu himama ;
namoota miidhaman kanneen keeysaa 2 eeyduu obbo iskindir naggaa yoo tahan dhimma walitti bu'iinsa kaleeysa rawwateerratti obbo iskindir ibsa hin goone.

Gootichi Oromoo Yaayyaa Alii Sire Abbaa duulaatiifi boodarra hogganaa waraana duula kannissaatiBara 1887 duula lola cali...
10/06/2024

Gootichi Oromoo Yaayyaa Alii Sire Abbaa duulaatiifi boodarra hogganaa waraana duula kannissaati

Bara 1887 duula lola calii calanqoo dura mootummaan habashaa kutaalee Oromiyaa akka walloo, Shawaa fi Arsii erga weerare booda dhuma bara 1885 fi 1886 dabareen tan Oromoo Ituu cabsuuf weerara banuu jalqabame, dhuma bara 1885 keeysa Ergamaa mootii Minilik kan tahe Walda gabree Abbaa seexaanaatiin weerarri Oromoota Ituurratti baname, weerara kana deebisuufis Oromoonni Ituu iddoo Mataharaa ja'amtutti afaan bahaniiti ifirraa deebisan, deebisuu qofa osoon taane toftaa addaa Kannisaan itti duulanii Injifannoo argatan.

* Duula Kannissaa
* Bordoddee
* Abbaa Gadaa Ittisaa Roobaa
* Mucee Ahmad Mucee
Kanaafi kan biraa.....

Yaayyaa Alii Sire eenyu?
Akka odeeyfata Haskaa Yaayyaa Alii Sire warra amma lubbuun jiran himanitti hanga tokkoofi kan biraa.....

Jaarraa 19ffaa keessa Yaayyaan ilmi Alii Siree hogganaa waraana Duula Kannisaa ol'aanadha ture.
Akka warri Yaayyaa lubbuun jiran himanitti;
Yaayya ilmaan abbaan isaa dhalche keeysaa quxisuu yoo tahu, akka Afoolaatti Yaayyaan ilma quxusuu warra Alii Sire tahuu mirrigaan hoggaa ibsan akkas jechuun mirriga keeysatti:

Higiggiraa Madhichoo
Dhiibaa laga Yaabdo’oo
Karkarroon silaa bineensaa
Kotteetu jabbii godhee
Booyyeen silaa bineensaa
Kotteetu jabbii godhee
Yaayyaa dhaloota boodaa
Ayyaanatu dura godhe
Jechuun dhalootaan ilmaan warra Alii Sire keeysaa ka boodaa tahuu ibsan

Diidaa Bookhee bakka Waaccuu Yaayyaa ja'amtutti jira
Seenaa Yaayyaa Alii Sire yeroo biraatti bal'inaan qabannee kan dhiyaannu taha.
https://www.facebook.com/profile.php?id=61554089603402&mibextid=ZbWKwL

Kitaabbileen haarawni  Ubuntuu Series ja'aamu qophaayeWaxabajjii, 3; 2024, GBS; Rakkina qulqullina barnootaa akka biyyaa...
03/06/2024

Kitaabbileen haarawni Ubuntuu Series ja'aamu qophaaye

Waxabajjii, 3; 2024, GBS; Rakkina qulqullina barnootaa akka biyyaaleeysaatti mudate furuuf qo'annoo fi qorannoo godhaniin dargaggoonni Caayaa jaatanii Barattootaa fi barnoota walitti araarsuu ja'uun kitaabbilee harawaan dhufan.

Jijjiramuu Sirna barnootaa wajjiin wal qabatee rakkoo qulqullina barnootaa keeysaa tokko hanqina dhiheeysa kitaabbilee barnootaa akka tahe erga hubataniin booda dargaggoonni, Dr Iliyaas Abdallaa, Hundeeysaa Ahimadnur fi Caalaa Yuuyyee dhaabbata qorannoo Jaatanii guddaa hundeeysan.

Baroota lamaan as aanaan kana qofa qabxiin barattoonni galmeeysaa jiran hedduu gadi bu'aa akka tahe ni beekkama, akka biyyooleysaatti bara 2022 barattoonni qormaata seensa yuunibarsitii qormaataman keeysaa dhibbantaan 3.3 qofti akka biyyatti kan dabran yoo tahu, qormaata biyyooleeysaa 2023 qoramaniinis akka biyyatti barattoonni dhibbantaan 2.7 qoftiin qormaata kan dabran tahu ni beekkama.

Jijjiirraan kitaabbileen duraan barattoonni irraa barataniifi barsisonni irraa barsiisanii kitabilee harawaan kan bakka buufamanii fi kitaabbileen harayni jijjiiraman rabsamee barattoota bira gahuuf hanqina kan qabuufi hanqinoota kana furuuf waggaa 2 ol akka itti fudhatu hoggaanaan biiroo barnoota Oromiyaa Dr Tolaa Barisoo baatii amajii 2024 keeysa ibsuun ni yaadatama.

akka naannoo Oromiyaa qofatti kitabbilee barataa sadarkaa duraa hanga ammaatti miliyoona 20 maxxanfamee barataaf kan raabsame tahuus, barattoota hunda biraan gahurratti hanqinni kitaabaa akka jiru dubbate

baayyinni barataa naannoo Oromiyaa miliyoona 7 ol akka taheefi biiroon barnoota Oromiyaa barattoota sadarkaa duraatiif qofa kitaaba kan dhiheeysu yoo tahu, barattoota sadarkaa lammeeysootiif dhiheeysurratti itti gaafatamummaa kan qabu ministeera barnootaa tahulle kaase.

Hanqinni meeshaalee barnootaa qulqullina barnootaarratti hanqina akk fide Hogganaan biiroo barnootaa dubbachuun ni yaadatama, biyyi teenya haala kanaan itti fufnaan kufaatiin gama barnootaatiin dhufu salphaa miti, kanuma bu'uura godhachuun hanqinoota mudatan kana furuuf qorannoo godhaniin karkulamii sirna barnootaa akka biyyaatti diriire kan cimsu kitaabillee haarawa qopheeysan.

hanqinoota kitaaba barataa furuu kan danda'uufi bifa salphaa taheen barattoota kan qu'achiisu kitaaba haarawa sadarkaa lammeeysaa qopheeysa jiraachuufi kitaabbilee kanneen walitti qabnee moggaasa Ubuntuu Series ja'uun xumuraa jiraachuu dubbatan.

Ertiriyaan guyyaa walabummaa isii ganna 33'ysoo kabajatteGanna 30 dura birmadummaa isii tan labsatte Ertiryaan guyyaa ya...
27/05/2024

Ertiriyaan guyyaa walabummaa isii ganna 33'ysoo kabajatte

Ganna 30 dura birmadummaa isii tan labsatte Ertiryaan guyyaa yaadannoo walabummaa isii ganna 33'ysoo caamsaa 24 jimmata dabre kabajatan

Bara 1991 Ertiriyaan biyya if dandeeyse taatee erga buluu eegalte gannaa 33'ysoo isii akka biyyatti kabajatanii turan, kabaja guyyaa yaadannoo sanirratti pirizeedantii Ertiriyaa Isaayaas Afuwarqii dhimma adda addaarratti haasawa kan taasisan yoo tahu, haasawa isaa kanaanis dhimma haala yeroorrattis akkas jechuun dubbatan,

Biyyoonni oollaa keenyaa marti nagaya kan hin qabne yoo tahan Kaaba Ithiyoophiyaatti wal waraansa hamaatu ture, nageenya Kaaba Ithiyoophiyaa mudate furuufis Ertiriyaan hirmannee turre, kaaba Ithiyoophiyaatti nageenyi bu'uus garuu daddarkaa turerraa dandamachuu hin dandeenye akkasuma ollaa keenya tan taate suudanittiis nageenyi booraheti jira, nuti ammatti Ertiriyaannoni kan godhuu qabnu oolantummaa dangaa keenyarratti qabnu mirkaneeysuu qabna jechuun dhaamsa dabarsan.

Filsxeen biyya walabaa taatee bulchinsa mataa isiitin akka if bulchituuf biyyoonni miseensa United Nation tahaan hedduun...
27/05/2024

Filsxeen biyya walabaa taatee bulchinsa mataa isiitin akka if bulchituuf biyyoonni miseensa United Nation tahaan hedduun deeggaran

Caamsaa 27, 2024, GBS, Bara 1948 gaafa Isra'eel biyya taatee hundooyturraa eegalee Yaahudotaa fi Filisxeenota jiddutti diinummaan hamaan dhalate.

osoo israa'eel biyya taatee hin hundaayin duraas filisxeenoota fi yaahudota jidduu hariiroon ture hariiroo obbolummaa osoon taane jibba shanyummaa hamaadha, israa'el erga akka biyyaatti if bulchuu eegalteerra jalqabdee jabaachaa kan dhufteefi deeggarsa biyyoota lixaarra argataniinis israa'eelotaa fi araboota jechuun, biyyoota arabaa ollaa isiirratti lola jabaa labsite,
lola saniinis biyyoota arabaa tanneen akka joordanii fi Sooriyaarra faa weerartee lafa isaanii fudhatte.

Israa'el humna argatteen Filisxeen cunqursaa turtuus ummanni filisxeen qabsoo godheen roorroo israa'eel jalaa walaba if baasuuf dhaaba Bilisummaa filisxeen (PLO) hundeeysanii qabsoo godhaa turan,

1993 yeroo duraatiif hogganaan dhaaba bilisummaa filisxeen Yaasir Arafaatii fi Mummeen ministeera israa'eel yeroo sanii Yisaaq Raabii manguddummaa Ameerkaatiin Ameerkaa magaalaa Oslootti wal arganii walabummaa Filisxeenii fi wal lola isaan jidduu jiru hambisuurratti walii galan.
ha tahuu malee warri paartii mormituu biyya israa'eel , Yisaaq Raabii filisxeen biyya walabaa akka taatuuf Yaasir Arafaat wajjiin walii galuu sun hedduu isaan aarse, inumaa akka yaada warra paartii saniitti filisxeen walaba bahuun akka waan birmadummaa israa'eel cabsuutti khan laalaniifi Mummee ministeeraa isra'eel akka waan israa'eel ganetti laaluun boodarra warruma paartii mormituu saniin hogganaan israa'eel Yisaaq Raabiirratti ajjechaa raawwatan.

Matootii paartii mormituu Yisaaq Raabii ajjeessan ja'aamanii shakkaman keeysaa Mummee ministeeraa isra'eel ammaa Biinjaamiin Netanyahu adda dureedha.

Eega Biinjaamiin Netanyahu muummee ministeeraa tahe hawwii fi yaanni filisxeen biyya walabaa tahuu manaaba taheeti dinummaan jabaan ummata filisxeeni fi israa'eel jidduu jiru hammaachaa dhufe,

Lolli filisxeeni fi israa'eel jiddutti jaarraa 1 oliif godhamaa ture kun lubbuu namoota hedduu galafachuun baqaa fi jeequmsa biyyoota ollaatiifis sababa tahaa dhufe.

Dhiheenya kana ammoo lola israa'eel garee hamaasirratti labsiteen lammilleen gaazaa hedduu galafatte
Gochi kun yakka duguggaa shanyiiti jechuun biyyoonni addunyaa hedduun israa'eel khan qeeqaan yoo tahu; rakkoo tanaaf furmaata taha ja'aanii biyyoonni miseensa United Nation hedduun walabummaa Filisxeen deeggaruu isaanii ibsan, dubbiin biyyoonni UN walabummaa filisxeen deeggaruu kun israa'eel hedduu kan aarse fakkaata, erga Dubbii tana dhageeyse israa'eel biyyoota Awurooppaa walabummaa filisxeen deeggaran ispeen, Norwayi fi Ayirland keeysaa Ambasaddaroonni isii akka biyyatti deebiyan yaamte.

Israa'eel waraana lammilee filisxeenirratti labsite akka dhaabduuf biyyoonni UN gaafataniis fedhii waraana dhaabuu akka hin qabne pirizedantiin israa'eel jechoota dhaadannoo if keeysaa qabuun karaa Miidiyaa biyyaatiin dubbate.

Israa'eel caamsaa 24 waraana Raafaharratti labsiteen qofaan lubbuun lammii kumatamaan lakkayaman galafachuun kaanis qayeerraa buqqaafte, israa'eel duula duguggaa shanyii gaazaarratti godhaa jirtu kana hin dhaabdu tanaan yakki kun mana murtii haqaa addunyaatiin kan wal dura dhaabu tahuus International Court of Justice walgayii yaameerratti dubbate.

Pirezdaantiin Iiran Ibraahim Ra'iisii balaa helekoptaraa kaleeysa mudateen du'aan addunyaarra gale Caamsaa 19; 2024, GBS...
20/05/2024

Pirezdaantiin Iiran Ibraahim Ra'iisii balaa helekoptaraa kaleeysa mudateen du'aan addunyaarra gale

Caamsaa 19; 2024, GBS; Pirezdantii Biyya Iraan dabalatee ministeeraa hajaa alaa Hassan Amiir Abdullaahi,
Imaammi masjiidaa Ayaatollaa Mohammad Ali Al- Haashim, jenaraal Maalik Rahmat, akkasumas ajajaan kutaa eegumsa pirezidanti, Saardar Sayid Mahadii Musaavii namoota balaa kanaan du'an yoo tahan ; Kaleeysa kutaa biyyattii daangaa Azerbaijanitti argamu irraa Hidha bishaanii hojjatame eeybisanii wayta deebi'aa jiraniiti Hilikooptarri Bell 212 ja'aamun osoo imalaa jiranii hilikooptarri gaaraan walitti bu'ee kufuun balaa hamaa khana khan fide
Haalli qilleensaa naannawicha ture hammaataa akka ture sabaa-himaaleen biyyatti gabaasaati jiru.

Du'a pireezidantii iraan Ibraahim Ra'iisi laalchisee Ministirri Haajaa Alaa Raashiyaa Sergee Laavroov fi pireezdantiin Siriyaa Bashaar Al_Asaadis gadda itti dhagaahame ibsatan

Pirezidant Ra'iisii fi Ministirri Haajaa Alaa Huseen Amiir-Abdullaahiin ''waahilota kiyya dhugaati, kan biyyi keenya abdattu turan, du'a isaanii gaafan dhagahu gadda guddaatu natti dhagaahame jechuun Laavroov gadda itti dhagaahame ibse.

Alii Birraa abbaa isaa Mahammad Muussaa fi haadha isaa Faaxumaa Alii irraa Xaaliyaanii biyya teenya keeysaa bahee bara t...
18/05/2024

Alii Birraa abbaa isaa Mahammad Muussaa fi haadha isaa Faaxumaa Alii irraa Xaaliyaanii biyya teenya keeysaa bahee bara torbaa Caamsa 26, bara 1948 magaalaa Dirree Dhawaa, Ganda Kaabaa kan gaara Ganda Qoree duubaan jiru jalatti arkamu-tti nama dhalate.

Mahammadii fii Faaxuma wal fuudhanii bara shanitti, Alii dhalatee amata sadihii, addaan bahan. Yeroo tana abbaan Alitti waan cicheef Faaxuma odoo hin jaalanne ilma isii abbatti dhiiftee, Ejersa Gooroo biyya itti dhalattee guddattetti deebite.

Haalli kuni Alii, abbaa malee haadha dhablee godhe, Haa tahuu malee Rabbii adaadaan iisaa Mariyam Muussaa (Aboonyi), obboleeytii abbaa bakka haadhaa buuseef.

Abbaan Alii, Mahammad nama ogummaa hujii harkaatiin beekkame, Hujii tanaan mana Sharikaa Baaburaatti qaaxarame.
San biratti, koontiraata hujii tan boombaa bishaanii manneeniif naquu fi bakka caphe tolchuu tiin bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa waliin qabuun nama jiraatu. Haala kanaan ilma isaa tokkicha Alii aayyadaa malee guddisuu murteeyfate.

Alii, akka umrii barnootaa gayeen, mana barnoota amantii Islaamaa kan maqaan Madrasaa Jadiidaatti beekkamu kan Ganda Laga-Harreetti karaa oliin arkamutti galmeeffame. Achitti hamma hulaa shanii eega barate booda mana barnootaa gaafasitti maqaa Lu'ul Makoonnin qabaachaa ture kan Gaziiraa keeysatti arkamu geeyfamee hulaa 6'ssoo xumure.

Aliin fedhii gama kanaan barnoota itti fufu dhabuu waan hubateef abbaan isaa madarasaa Arabii Ustaaz Gubee kan gaara Ganda Qabri-Joollee gubbaa naqe.

Aliin barnoota Madarasaa Ustaad Gebeetti kennamu yeroo gabaabduu keeysatti fixe.

Isaa umrii joollummaatiin barnoota cimsiifatee jiru sossoohinsi Afran Qalloo kan guddina afaanii fi aadaa Oromootiif bu'uura tahuuf jiraatu Dirree Dhawaa keeysatti jalqabe.

Kan sossooha kanaaf sababa tahe aruuza ilma Ugaasaa kan jalqaba bara 1961 keeysa godhame. Gaafana wallistoota wallee afaan adda-addaatiin afeeramtootaa booharsaa turaniin namni Abdullah Girichoo ja'aamu “mee wallee afaan keenyaatiis takkallee taatu nu dhageeysisaa khaa!” je’ee, Wallistoota keeysaa kan gaafii Abdullaahitiif deebisaa kennu dhabnaan manguddoon Hassan Umar Tarree ja'aamu sagalee ol kaateen gaafii Abdullaahii warra dooyaarra jiraniif irra deebi’e, gaafiin lamadaa itti darbatamnaan, kan miya muuziqaa dhawaa ture tokko, “meeshaan muuziqaa afaan Qottuu hin beeytuu, Yoo ittiin dhawan ni cabxi,” deebisaa jettu kenne.
Hundeeyfama Baandii Afran Qalloo fi jalqabbii Aartii Dr Alii Birraa itti fufa................
.......................

GBS

Hawwisoo Kibuur Zabanyaa keeysatti wallistoota akka Mahmuud Ahmad, Xilaahun Gassasaa fii Buzunesh Baqqalaa faa-tti hanga...
17/05/2024

Hawwisoo Kibuur Zabanyaa keeysatti wallistoota akka Mahmuud Ahmad, Xilaahun Gassasaa fii Buzunesh Baqqalaa faa-tti hanga'ee arkamuuf Alirraa yaroo hin fuune. Wallee afaan Oromootti ykn akka gaafas ibsamutti tan afaan Qottuu-tti wallisaa tokkicha qoonqabii hin qabne tahe.

Qophiin ayyaana fii dhimmoota adda-addaatiif ammaa-amma qophooytu isa malee miidhagina tan hin qabne taate.

Walleeleen Alii miidhagina qabaatanillee, Aliin haalaa fi amala Hawwisootiin wal fudhachuu dadhabe.
Inni dura rakkoo itti fide yaroo shaakhalaa, Aliin jimaa qabatee ykn mallaa guuttatee kan arkamu tahuu isaati. Haala kanaaf Aliin irra daddeebi'amee doorsifame.
Odoo saniif rakkatuu gaafa kaan dhibdee sanii olii tiin yakkame.
Badiin tan arkamte qophii hiraataa tan Hayle Sillaaseen keeysummaaf godherratti. Gaafana, akka Alii fi wallisoonni galgala Namoota buhaarsanii sagantaa miidhaysuuf dooyaa qabataniin Mootichi keeysummaa isaa waliin galma seene.
Yeroo tana, warri Alii waliin galma gubbaa jiran hundi bakka takka mudhii gaccabsanii lafa laalutti seenan. Aliin garuu akkuma dhaabbatetti hafee mootichaa waliin ija keeysa wal daawwatan.
Hoggaa tana ashkaroonni Mootichaa, kanneen hojjaan birbirsa gayan, Alii qallinaa fi dhaabbataan xiqqaa, rarraasanii achii-rraa deemaniin.

Dubbiin Alii rarraafamee galma keeysaa bahuu qofatti irraa hin oolle. Hidhaa guyyaa muraasaa tan mana qorraa booda, Dhaddacha Raayyaa-tti dhihaate.

Ajajaan himannaa Aliirratti bane
Himanni Alirratti dhihaate bira gaye, maalif Mootichaaf sujuuduu akka hanqate Ali gaafate.

Aliin akka amantii isaatti (Islaamaatti) kan sujuudamuuf Rabbi qofa tahuu fi nama akka isaatiif gadi godhachuun yakka tahuu Ajajaatti hime.

Ajajaan sujuuduufii hanqattee ammaas "Mootichaan isa jattaa?" je'een Aliin.

"Mootichi nama meeqa?" Je'een Aliin Ajajaa ija hamtuun laalaa gaafatuun!

Seenaa gabaabaa Dr Alii birraa keeysaa bu'aa bahii Dr Alii Birraa keeysa kutan gabaabsinee isiniif dhiheeysina.

Galgala boruu za'aa 2:00 Am

GBS

16/05/2024

Hellemtaan maali? Ibsa gahaa namni kanne badhaasa qaba, hanga marsaa 25 gaafiin hubannoo itti fufa, ulagaan badhaasaa gaafilee 25n dhiyaattuuf deebii gahaa ibsa gahaan nama xumure.

Murteen abbootii murtii 3n kan hordofamu
Badhaasni hin beekkamu(Surprise to winner)

GBS carraa gaarii

Magaalaa machaaraa Harargee dhihaatti magaalaa guddoo Aanaa Daaroo labuuti magaalaaleen hedduun rakkina ifaa qabaattuus ...
13/05/2024

Magaalaa machaaraa Harargee dhihaatti magaalaa guddoo Aanaa Daaroo labuuti magaalaaleen hedduun rakkina ifaa qabaattuus kan machaaraa kun walitti fufinsaan kan dhaamuufi ifaan dhamaa turuun taajajila ummataa ifaan wal qabatutti danqaa tahuutu himama.

Godina Harargee dhihaa magaalaa burqaatti waraabeysi Shiboon qaama cirame ogeeysa fayyaa beeyladaatiin hodhameCaamsaa 13...
13/05/2024

Godina Harargee dhihaa magaalaa burqaatti waraabeysi Shiboon qaama cirame ogeeysa fayyaa beeyladaatiin hodhame

Caamsaa 13, 2024, GBS; waraabeeysi shiboon qabde akka namoonni irraa baasaniif halkan mana namaatti dheeysee bule barii ganamaa eeruu hawaasaatiin waraabeeysi Shiboon qabamee qaamni isaa ciramee fi shiboon qabee irratti hafuu akkuma dhagayeen ogeeysi fayyaa naannoo sanii Dr Hassoo namni ja'aamu waraabeeysa kanaaf yaala barbaachisu godhuudhaan waraabeysi kunis akka fayyu taasisan.

𝐌𝐚𝐡𝐛𝐮𝐛𝐚 [ 𝐁𝐈𝐋𝐈𝐋𝐋𝐄𝐄], Ethiopia 🇪🇹 - 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨 slave girl who won the heart of a  𝐆𝐞𝐫𝐦𝐚𝐧 𝐏𝐫𝐢𝐧𝐜𝐞 She was born in 1820 in 𝐆𝐮𝐦𝐚, ...
13/05/2024

𝐌𝐚𝐡𝐛𝐮𝐛𝐚 [ 𝐁𝐈𝐋𝐈𝐋𝐋𝐄𝐄], Ethiopia 🇪🇹 - 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨 slave girl who won the heart of a 𝐆𝐞𝐫𝐦𝐚𝐧 𝐏𝐫𝐢𝐧𝐜𝐞

She was born in 1820 in 𝐆𝐮𝐦𝐚, a 𝐬𝐨𝐮𝐭𝐡𝐞𝐫𝐧 𝐫𝐞𝐠𝐢𝐨𝐧𝐚𝐥 𝐬𝐭𝐚𝐭𝐞 of 𝐄𝐭𝐡𝐢𝐨𝐩𝐢𝐚. Her parents named her “𝐁𝐢𝐥𝐢𝐥𝐥𝐞𝐞” which literally means 𝐰𝐞𝐥𝐥-𝐬𝐡𝐚𝐩𝐞𝐝 or 𝐩𝐫𝐞𝐭𝐭𝐲. But she later came to be known as 𝐌𝐚𝐡𝐛𝐮𝐛𝐚 which means '𝐌𝐲 𝐁𝐞𝐥𝐨𝐯𝐞𝐝' in 𝐀𝐫𝐚𝐛𝐢𝐜.

In 1835/36, when she was 15, a civil war broke out around 𝐆𝐮𝐦𝐚 and she 𝐥𝐨𝐬𝐭 her 𝐟𝐚𝐭𝐡𝐞𝐫 and 𝐬𝐢𝐱 𝐛𝐫𝐨𝐭𝐡𝐞𝐫𝐬. As her village was burned to the ground, invading captors grabbed her, her sister and her mother and dragged them away as slaves.

Mahbuba was first taken north to 𝐆𝐨𝐧𝐝𝐚𝐫, then soon after to 𝐊𝐡𝐚𝐫𝐭𝐨𝐮𝐦. After that, in 1837, slave traders took her to 𝐂𝐚𝐢𝐫𝐨. There they hoped to 𝐬𝐞𝐥𝐥 her to the 𝐡𝐢𝐠𝐡𝐞𝐬𝐭 𝐛𝐢𝐝𝐝𝐞𝐫 among the rich sheiks and princes that happened to be in town.

it so happened that, in 1837, 𝐏𝐫𝐢𝐧𝐜𝐞 𝐇𝐞𝐫𝐦𝐚𝐧𝐧 𝐅𝐮𝐫𝐬𝐭 𝐕𝐨𝐨𝐧 𝐏𝐮𝐜𝐤𝐥𝐞𝐫-𝐌𝐮𝐬𝐤𝐚𝐮 of Germany was traveling thru 𝐍𝐨𝐫𝐭𝐡 𝐀𝐟𝐫𝐢𝐜𝐚. While in 𝐂𝐚𝐢𝐫𝐨, he went to the slave market, a popular venue for tourists. There he saw and was instantly struck by the 𝐛𝐞𝐚𝐮𝐭𝐲 𝐨𝐟 𝐭𝐡𝐞 𝐲𝐨𝐮𝐧𝐠 𝐄𝐭𝐡𝐢𝐨𝐩𝐢𝐚𝐧 ‘𝐒𝐥𝐚𝐯𝐞’ 𝐠𝐢𝐫𝐥 𝐟𝐨𝐫 𝐬𝐚𝐥𝐞. He immediately bought her, disguised her as his 𝐌𝐚𝐦𝐞𝐥𝐮𝐤𝐞 𝐛𝐨𝐲, and took her with him on his travels.

The prince became completely besotted by 𝐌𝐚𝐡𝐛𝐮𝐛𝐚 as they continued their travels together through 𝐏𝐚𝐥𝐞𝐬𝐭𝐢𝐧𝐞, 𝐒𝐲𝐫𝐢𝐚 and 𝐈𝐬𝐭𝐚𝐧𝐛𝐮𝐥. He was [𝐬𝐢𝐦𝐩𝐥𝐲 𝐦𝐞𝐬𝐦𝐞𝐫𝐢𝐳𝐞𝐝] by her 𝐧𝐚𝐭𝐮𝐫𝐚𝐥 𝐠𝐫𝐚𝐜𝐞, and eagerness to learn Western ways. For her part, 𝐌𝐚𝐡𝐛𝐮𝐛𝐚 appeared to enjoy the 𝐧𝐨𝐯𝐞𝐥𝐭𝐲 of her new and totally un-imagined life.

When they arrived in Europe, they stayed in Budapest for a while; and there, Mahbuba received 𝐇𝐨𝐥𝐲 𝐁𝐚𝐩𝐭𝐢𝐬𝐦......

Gaara Qundhuudhoo eeysatti argama? Aanaa
12/05/2024

Gaara Qundhuudhoo eeysatti argama? Aanaa

11/05/2024

Nageenyi dadaa hordoftoota GBS? Deebine jirra
Jechi daaddaa ja'u maal ibsa?
Hirmaadhaa!

Godina Harargee Lixaa Aanaalee hedduutti rakkoo daandii ummata rakkisaa jiruGBS; Ebila,26; 2024 Harargee Lixaa Aanaa Oda...
26/04/2024

Godina Harargee Lixaa Aanaalee hedduutti rakkoo daandii ummata rakkisaa jiru

GBS; Ebila,26; 2024 Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum fi Aanaa Gammachisitti rakkoo daandii wal qabatee ganna hedduuf ummanni rakkachaa jiraachuufi qabeenyaa fi lubbuu namaalleen badaa jiraachuu jiraattoonni Aanalee kunniin irra deddeebi'anii dubbachaa turuun ni beekkama.

Daandiin Aanaa Odaa Bultum Magaalaa Baddeeysaa_ Shunqoo geeysu ganna 10n dura cirrachi kan afameefi ganna shanii oliif daandiin kun sababa rooba gannaatiin bakkeewwan hedduutti ciccituun Hawaasa baadiyyaa fi magaalaa kan addaan kuteefi Oomishni qonnaan bultoota baadiyyaa akka gabayaafi hin dhiyaanne erga godhe turee jiraa jedhan.

Daandiiwwan ciccituun oomishaa gabayaa dhiheessuu qofa osoo hin taane balaa qabeenyaa fi lubbuu namaa hedduu tahuun yeroodhaa yerootti rakkoo jiraattoota Aanichaa guddaadha jedhan, dhimma kanaaf qaamoota dhimmi kun ilaallatutti bararraa iyyannuus namni iyyannaa keenya dhagahu hin jiru, waajjirri geejjibaa aanaa fi Godinaatis rakkoo daandii nu mudateef furmaata kan nuuf hin kenniini jedhan.

GBS Sagalee Hawaasa Bal'aa

Keellaawwan seeramaleessaa daldala jimaa dadhabsisaa ture itti fufeGBS; Ebila 23; 2024 Baha Oromiyaa Godinaalee Harargee...
23/04/2024

Keellaawwan seeramaleessaa daldala jimaa dadhabsisaa ture itti fufe

GBS; Ebila 23; 2024 Baha Oromiyaa Godinaalee Harargee lameenitti keellaan daldala jimaa Dhangaggoo fi Bordoddee daldala jimaatiif danqaa tahu bira dabree qonnaan bultoota oomisha jimaatiin jiraataniif rakkoo beelaa hamaaf saaxiluutu dubbatama.

Rakkoowwan daldala jimaatiin wal qabatan ilaalchisee rakkoon keellaa ifaan ifatti ha mul'atuu malee daangeeyfamni ala ergi jimaatii fi dhiheeysitootaa gabayaa jimaa kan dadhabsiiseedha, danqaan daldala jimaa ganna 3 oliif mudate kun qonnaan bultoota Oomisha jimaatiin jiruuf jireenya isaanii gaggeeffatan irratti gaga'aama diinagdee hamaa kan irraan gaheefi beela qonnaan bultoota baha Oromiyaa mudateefis sababa kan taheedha.

Rakkoowwan daldala jimaatiin wal qabatee baatii 3 dura iyyannaa ummataatiin ministeerri daldalaa keellaawwan lamaan Dhangaggoo fi Bordoddee akka kaafamuuf waraqaa barreessuun ni yaadatama, ha tahuu malee rakkoo daldala jimaatiin wal qabatu bu'uurarraa furuuf keellaa qofa kaasuun furmaata kan hin taane tahuus keessa beektonni dhimma kanaa kan dubbataniidha.

Batii 3 booda iyyannaa ummataatiin erga keellaan godinaalee lameenii kaafame rakkoon gabayaa daldala jimaa hundeerraa furamuu baatuus, hanga tokko dhiheessi akka jimaa jidhaa biyya keessaa kisaaraan isaa fooyyee kan qabuudhaa jedhan daldaltoonni jimaa, ha tahuu malee yeroo gabaabaa booda keellaan Godinotaa lameenii deebi'uun gutumaan gututti daldala jimaa gabayaan ala godhee jiraa jedhan.

Keellaa jimaa Godina Harargee Lixaa Gumbii Bordodde qofarratti makinaa jimaa tokkorratti qarshii kuma 40_60 kan gafatamaniifi daldaltoota jimaa kanneen kisaaraa guddaa keessa galchuulle himan.

GBS Sagalee Hawaasa Bal'aa

Waayee bosona gaara muktaar maal beektu? Baha Oromiyaa Aanaa GammachiisSorooroDheerina tulluu gaara muktaar........
20/04/2024

Waayee bosona gaara muktaar maal beektu?

Baha Oromiyaa Aanaa Gammachiis
Sorooro
Dheerina tulluu gaara muktaar........

Balaa Xiyyaaraa mudateen ajajoonni humna ittisaa Keeniyaa shan lubbuun dabranKeeniyaa iddoo ceeptulel  jedhamutti balaa ...
18/04/2024

Balaa Xiyyaaraa mudateen ajajoonni humna ittisaa Keeniyaa shan lubbuun dabran

Keeniyaa iddoo ceeptulel jedhamutti balaa mudateen hilikooptariin kufuudhaan hoogganaa humna ittisaa keeniyaa jeneral Firaansis Ogaalaa dabalatee hooggantoota humna ittisaa keeniyaa 5n balaa irra gaheen lubbuun dabranii jiru.

Sababni balaa kanaa ibsi kenname jiraatuu baatuus, balaan kun kan qaqqabe shiftoota torbaan dabre badii geessisan argachuuf hordoffiin iddoo godhamaa jirutti balichi dhaqqabee jedha maddi odeeffannoo poolisoota keeniyaa.

Godina addaa saba wallootti Faannoon haleellaa ummata nagaa cimstee itti fufuun dhagahameSeensa baatii ramadanaa haleell...
17/04/2024

Godina addaa saba wallootti Faannoon haleellaa ummata nagaa cimstee itti fufuun dhagahame

Seensa baatii ramadanaa haleellaa kan eegale qaamni hidhatee lolu Faannoon jiraattota Godina walloo kibbaa saba Oromoorratti haleellaa cimaa geessisuun namoota nagaa hedduu galaafattee danuus madeessuun ni beekkama, haleellaan qaamota hidhatanii ummata nagayaa weeraruun yeroodha yerootti lubbuu namoota kumaataman lakkaawwamuu hedduu galafachuun qabeenya hedduu samuun manneen jiraattotaa hedduunis ibiddaan barbada'uu jiraattonni godinichaa yeroodha yerootti kan kaasaniidha.

Qaamni hidhatee haleellaa gaggeeysu kunneen maqaa Faannootiin ha of waamuu malee mootummaa naannoo Amharaatii jedhan dhalattoonni Godina wallo, haleellan kun kan jalqabe waggoota 6n arraa tahuufi hanga ammaattii mootummaa biyya bulchaa jiru biraahis furmaata hin argannee jedhan.

Ji'a tokko dura kallattii garagaraatiin dhukaasa kan eegalaniifi guyyaa arraa qofa haleellaan faannoo, walloo ganda Daawwaa Caffaa jedhamtutti haleellaa raawwataniin lubbuun namoota 3 dabruufi kan madaaye jiraachuutu gabaafame, haaluma wal fakkaatuun kallattii 4n waraanni mootummaa naannichaatiin marfamanii jiraachuus dubbatan.

GBS Sagalee Hawaasa Bal'aa

Ayyaanni Iida shawaalaa Magaalaa Hararitti kabajamee ooleGBS, Ebila 17, 2024; Ayyaanni Iida Shawalaa akkuma Ayyaanota ho...
17/04/2024

Ayyaanni Iida shawaalaa Magaalaa Hararitti kabajamee oole

GBS, Ebila 17, 2024; Ayyaanni Iida Shawalaa akkuma Ayyaanota hordoftoota Amantaa muslimaa kanneen birootti magaalaa hararitti kabajame.
Ayyaanni shawaalaa hordoftoota amantaa muslimaa biratti kabajamuun kan barame tahuu baatuus, akkuma ayyaanota iida alftrii fi ayyaana iida araafaa kabajamuun magaalaa Hararitti kabajamaa oole.

ayyanichi kanaan dura xixxiqqaatee kabajamaa turuun kan beekkamu tahuus, guyyaa arraa bifa owwaa taheen bakka sheekkotaa fi bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badrii faan argamanitti kabajamaa ooleera, ayyannicharrattis keessummoonni adda addaa irratti hirmaatanii jiran.

Erga keellaan seera maleessummaa deebi'e daldalli jimaa ummataa kisaaraaf saaxilamaa jiraachuun ifoomeGBS, ebla 15; 2024...
15/04/2024

Erga keellaan seera maleessummaa deebi'e daldalli jimaa ummataa kisaaraaf saaxilamaa jiraachuun ifoome

GBS, ebla 15; 2024 keellaan jimaa seera maleessummaa Goodinota Harargee lamaanii iyyannaa ummataa booda erga kaafame deebi'ee haaromsamuudhaan oomishni daldala jimaatiif danqaa guddaa uumuu daldaltoonni jimaa dubbatan.

Jimaan Baha Oromiyaa godinoota Harargee lameenii fe'amee gurgurtaaf Adaamaa fi Finfinnee dhaqu keellaa Gumbii bordoddee bira yeroo gahutti qaraxa humnaa olii konkolachiistoota gaafachuufi yoo hanga gaafataman hin kafalle kan hin imalle tahuus kaasan, kanumaan wal qabatee jimaan gara Finfinnee geeffamaa jiru hedduun sababa turtii iddoo keellaatiin qabeenyi haawasichaa gara qarshii milliyoona 23.7 shallagamu gubachuulleen gabaafame.

Erga keellaan deebiyee asitti gabayaan jimaa gad bu'uufi jimaan gabayaaf dhiyaatuus oomishtootaa fi daldaltoota jimaas kisaaraa guddaa keessa galchaa jiraa jedhan.

GBS Sagalee Hawaasa Bal'aa
https://www.facebook.com/profile.php?id=61554089603402&mibextid=ZbWKwL

Seenaa gabaabaa Hayyuu Oromoo Haaji Bushraa Annaa Haaji Bushraa Annaa Jiraa biyyaa , Sooreysaa fi damiina ilmaan humbann...
14/04/2024

Seenaa gabaabaa Hayyuu Oromoo Haaji Bushraa Annaa

Haaji Bushraa Annaa Jiraa biyyaa , Sooreysaa fi damiina ilmaan humbannaa yoo tahu

Haajii Bushraa Annaa kan dhalatan Oromiyaa bahaa gaara mul'ataa Aanaa Baddannootti tilmaaman naannawa bara 1887 kan dhalatan yoo tahu; Haaji Bushraa Annaa akkuma Abbaa isaanii hayyuu fi jiraa biyyaati, Haaji Bushraan abbaan isaanii Haaji Aadam Annaa nama Hayyuu fi gamna turan gaafa weerara habashaa calanqootti Oromoota cabsee sirna diriirfatan namoota mootii habashaati fi Raas mokkonnoon dura dhaabbachaa turan keessaa abbaan Haaji Bushraa Annaa Haaji Aadam adda duree ture, maatii Haaji Aadam Keessaa Haaji Bushraa Annaa bakka abbaa isaa bu'ee hayyuu fi Jiraa biyyaa tahe.

Haaji Bushraa Annaa Aadde Safiyyaa Haaji Muummee wajjiin ga'iila godhachuun ilmaan dhiiraa 8 fi dubra 4 kan horatan yoo tahu, Haaji Bushraan nama sabboonummaa fi gootummaa qabuudha, sababuma kanaan maatiin Haaji Bushraa Annaa guutuun qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti shoora olanaa kan qabaniifi Haaji Bushraa Annaa Hayyuu biyyaa qabsoo Bilisummaa Oromootiif jalqaba haawasa dammaysaniifii qabeenyaan adda Bilisummaa Oromoo tinnisuu turaniidha.

Bara 1977 gaafa Adda Bilisummaa Oromoo Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaatiin hoogganamu Jaarraa Abbaa Gadaa ummata Oromoo dammaysuuf adda Bilisummaa Oromoo murna tokko fudhatee gaara mul'ataa baddannoo gahu namni jalqaba Jaarraan Abbaa Gadaa dubbiseefi yaamicha Jaarraa Gadaa fudhatee ummata dammaysee fi adda Bilisummaa Oromoo qabeenyaa fi dahoo taheefii bira dhaabbachaa ture Haaji Bushraa Annaatif soddaa Haaji Bushraa Annaa kan tahan Sayyid Amiin Sheek Hassanii fi Aalima biyyaa Sheek Muhammad Nuuroo turan.

Baruma 1977 keessa ilmi Haaji Bushraa Annaa kan tahan Khaliil Haaji Bushraa Annaa( Qindeeysaa Sirneeysaa) barattoota barnoota sadarkaa lammeessoo addaan kutanii qabsoo bilisummaa oromootiif Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa gaara gobeelletti dubbisan keessaa nama tokko ilmi isaanii.

Baruma kana keessa waraanni Bilisummaa Oromoo haleellaa diinarratti raawwatu cimsuudhaan gaafa baddannootti mooraa waraana dargii cabsanii diina haleeluudhaan ilmaan Oromoo mootummaan dargii ABO deeggartan jettee hiite hidhaadhaa baasan,
mootummaan dargii akka malee dallantee namoota qaroo biyyaa tahaniifi miseensa WBO barbaaduu cimsitee itti fufuun wareeguu hammeeysan,
yeroo kana hoogganaan Adda Bilisummaa Oromoo Sooreysi Jaarraa Abbaa Gadaa Haaji Bushraa Annaatiif Sheekkota qabsoo Adda Oromoo deeggaraa turan akka gara Dirree Dhawaatti deeman itti hime,

Haaji Bushraa Annaatifi Sayyid Amiin Sheek Hassan soddaa Haaji Bushraa kan tahan imala isaanii Dirre Dhawaa osoo hin gahiin karaatti waraana dargiitiin qabamanii gara magaalaa ganammii geeffaman, Haaji Bushraa fi Sayyid Amiin waraanni dargii reebicha cimaa booda magaalaa ganamitti ilmaan Oromoo 12 wajjiin ija hawaasaa duratti guyyaa adii rashanan.

Maatiin Haaji Bushraa Annaatif Sayyid Amiin Sheek Hassan hedduun isaanii qabsoo Oromootti dabalamuun falmaa cimaa mootummaa habashaati wajjiin godhaa turan,

Haaji Bushraa Annaa gaafa lubbuun turan ilmaan isaatiifi darggaggoota Oromoo naannawa isaaniitiin akkana jechuun dhaamsa dhaaman;
Qabsoon Bilisummaa Oromoo qabsoo teeysani, ilmaan kiyya Adda Bilisummaa Oromootti dabalamaadha falmadhaa jechuun maatii isaaniitifi haawasa naannichaatiif dhaamsa dhaamaniin maatiin Haaji Bushraa Annaa hundi gara Adda Bilisummaa Oromootti dabalamuudhaan qabsoo gaggeeysaa turan.

Maatii Haaji Bushraa keessaa muraasa ABO'tti dabalaman;

1 Khaliil Haaji Bushraa( Qindeeysaa Sirneeysaa) kan jalqaba Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa Gobeelletti qunname
2 Zebeeyrii Haaji Bushraa ( Hordofaa Jaarraa)
3 Aliyyii Haaji Bushraa ( Ibsaa Jaarraa)
4 Abdulbaasix Haaji Bushraa (Boonaa Gadaa)
5 Sumbulaa Haaji Bushraa ( Biiftuu Jaarraa)
6 Abdulhaakim Haaji Bushraa (Gamteeysaa Sirneeysaa) fi kanneen biroo yoo tahan Haadha Manaa Sayyid Amiin kan Haaji Bushraa wajjiin wareegamee Aadde Hindiyaa Haaji Bushraa nama qabsoo Bilisummaa Oromoo tinnisuudhaan beekamtuu fi maatiin abbaan manaa isaanii hedduun adda Bilisummaa Oromoo keessatti wareegamaniidha akka fakkeenyaatti Abdinuur Sheek Hassan( Jaal Irra Aanaa Qacalee) Eebla 15 bara 1980 keessa gootota oromoo gammoojji Somaaliyaa shinniggaatti wareegaman keessaa Obbaleeysi Sayyid Amiin Abdinuur ykn maqaa qabsoo Jaal Irraanaa Qacalee nama tokko yoo tahu walumaa galatti Seenaan Hayyuu Oromoo seenaa Haaji Bushraa Annaatiif Kan biroo yeroo biraa kan isiniif dheehissinu taha.

GBS kulkaa seenaa

Sagalee Hawaasa Bal'aa

Address

Finfinnee
Finfinnee
ADAMA

Telephone

+251902512720

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gadaa Broadcasting Service posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share

Category


Other Finfinnee media companies

Show All