Oduu 24

Oduu 24 24 hours News

Waaliyaawwan tapha madaallii gahumsaa har'a Leeseetoo waliin geggeessuGareen Biyyaalessaa Itoophiyaa gita isaa Leeseetoo...
21/03/2024

Waaliyaawwan tapha madaallii gahumsaa har'a Leeseetoo waliin geggeessu

Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa gita isaa Leeseetoo waliin tapha madaallii gahumsaa har'a sa'aatii 9tti Istaadiyeemii Finfinneetti geggeessa.

Garichi ji'oota 40 keessatti yeroo jalqabaaf Istaadiyeemii Finfinnee irratti taphata.

Tapha har'aaf taphattootni 26 waamamuun haga kaleessaatti qophaahaa turuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ibseera.

Kilaba Ijipt Zeddiif kan taphatu Abeel Yaalewu garichatti makameera.

Istaadiyeemiin Finfinnee guutummaatti haaromsi isaa waan hin goolabamneef, taphicha irratti ogeeyyii miidiyaafi keessummoota waamichi taasifameen ala, deeggartootaaf cufaa ta'uu Federeeshinichi beeksiseera.

Oduu 24

Tigraayitti Sanyiin Dhiiraa hanga Birrii  kuma 10 tti gurguramaa jira.Naannoo Tigraayitti Namoonni sanyii dhiiraa Arjoma...
21/03/2024

Tigraayitti Sanyiin Dhiiraa hanga Birrii kuma 10 tti gurguramaa jira.

Naannoo Tigraayitti Namoonni sanyii dhiiraa Arjomaniif maallaqa hanga Birrii kuma 10 ni kennama jedhamee jira.

Dhaabbanni fayyaa 'Ado' jedhamuun beekamu tokko namoota karaa uumamaatiin ulfa qabachiisuu hin dandeenyeef daa'ima akka godhataniif kan isaan gargaaruu ta'uu himee jira.

Dhaabbanni fayyaa dhuunfaa 'Ado' jedhamu kun Dubartoonni akkasumas,dhiiroonni Sanyii hormaata isaanii akka arjooman waamicha dhiyeessee jira.

Teessoo isaa magaalaa Guddoo naannichaa maqaleetti kan taasifate dhaabbanni fayyaa dhuunfaa kun tajaajjila kana waraanaa kaaba biyyattiin dura kan eegale ta'uu isaa ibsuun,sababa waraanaatiin sadarkaa jedhameen hojjatamuu baatus amma garuu waan hunda guuttachuun gara hojitti seennee jirra jechuun dhaabbatichi beeksiisee jira.

Itti gaafatamaa fi abbaa dhaabbata fayyaa dhuunfaa 'Ado' kan ta'an Dr Saamsoon Mulugeetaa akka himanitti namoota sanyii hormaata isaanii arjooman eegaa jira jechuun himanii jiru.

Hangi sanyii dhiiraa Miili liitira 1.5 ta'u akka qabu himuun,miili liitira 1.5 kana keessatti sanyiin hormaata miliyeena 15 qabaachuu akka qabuus himanii jiru.

Namoonni Arjoomuu isaanitiin dura qorannoo dhiibeewwan kanneen akka 'HIV'Eedisii kanneen biroo taasiisuu akka qabanis himanii jiru.

Namoonni sanyii isaanii arjooman eenyuuf akka laatan hin himamus jedhamee jira.

Dhiiroota sanyii isaanii arjoomaniif ammoo maallaqni kumni 10 ni kennama jechuun Dr Saamsoon kan himan.

Dhaabbanni fayyaa dhunfaa 'Ado' jedhamu kun biiroo fayyaa naannichaa irraa heyyama kan argate ta'us Ministeera Fayyaa Itoophiyaatti dhimma kana irratti odeeffannoo akka hin qabne beeksisee jira.

Maddi:- BBC Afaan Tigriffaa
Oduu 24

Mootummaan akka nuti gara biyyaatti hin deebineef yaalii gara garaa taasisus nagaan gara biyyaatti galleerra."Ajajaa ola...
29/02/2024

Mootummaan akka nuti gara biyyaatti hin deebineef yaalii gara garaa taasisus nagaan gara biyyaatti galleerra.

"Ajajaa olaanaa ABO-WBO Marroo Dirribaa"

Marii araaraa Taanzaaniyaa Magaalaa Daar Es-Salaam keessatti adeemsifamaa ture irratti hirmaachuuf bosona Oromiyaa lixaa irraa giddu lixiinsa Ameerikaa, Norway fi qaamota kaaniitiin Xayyaara Fannoo Diimaatiin gara Taanzaaniyaa kan imale Marroo Dirribaa tibbana gara biyyaa deebi'uu gorsaa olaanaa ABO-WBO Jireenyaa Guddataa BBC tti himan.

Mootummaan qaamoleen fuudhanii baasan akka hin deebifne danquu isaatiin karaa ofii keenyaa hooggantoota WBO gara Oromiyaatti deebifne kan jechuun himaniiru.

Maddi:- BBC
Oduu 24

Pogbaan kubbaa miilaarraa waggoota afuriif dhorkameUtubaan Yuventuus, Pool Pogbaan, sababa qoricha si’eessu fayyadamuuni...
29/02/2024

Pogbaan kubbaa miilaarraa waggoota afuriif dhorkame

Utubaan Yuventuus, Pool Pogbaan, sababa qoricha si’eessu fayyadamuuni kan adabame.

Taphataan duraanii Yunaayitid kuni Fulbaana keessa yeroof dhorkamee ture.

Akka BBC’n odeeffateetti, Pogbaan murtee kana Mana murtii farra - qorichaa Xaaliyaanitti ni iyyata jedhamee eegama.

Akkaataa murtee kanaa Pogbaan hanga bara 2027 hin taphatu jechuudha. Yeroosimmoo umriin isaa 33 gaha.


Oduu 24

Humni waraanaa Itoophiyaafi Somaaliyaa walbira qabamee yeroo ilaalamu maal fakkaata?Waraana garaagaraa keessa kan turan ...
24/01/2024

Humni waraanaa Itoophiyaafi Somaaliyaa walbira qabamee yeroo ilaalamu maal fakkaata?

Waraana garaagaraa keessa kan turan biyyoonni lamaan waraanaa fi humna hidhannoo wal hin ginnee akka qaban odeeffannoon idil-addunyaa humna waraanaa biyyootaa gabaasu agarsisa.

Humni waraanaa waliigalaa biyyootaa madaaluun sadarkaa biyyootaaf kan laatu Global Firepower; bara 2024tti dandeettii waraanaa biyyoota 145, guddina waraana isaanii irraa kaasee hanga meeshaa waraanaa hidhataniitti sakatta’eera.

Haaluma kanaan, Global Firepower biyyoota 145 keessaa Itoophiyaa sadarkaa 49ffaa yoo kaa’u, Somaaliyaanis sadarkaa 142ffaa kaa’e.

Dabalata Suuraa irraa ilaala!
Maddi:- BBC
Oduu 24

Lammiileen Israa’el 300 fi hidhattoonni Filisxeem 400 ajjeefamanErga kaleessa loltoonni Hamaas Israa’el irratti akka tas...
08/10/2023

Lammiileen Israa’el 300 fi hidhattoonni Filisxeem 400 ajjeefaman

Erga kaleessa loltoonni Hamaas Israa’el irratti akka tasaatti lola eegalanii as yoo xinnaatee lammiileen Israa’el 300 ajjeefamuu Imbaasiin Israa’eel Tarkii keessaa yoo himan aanga’oon Filisxeem namoonni 400 ajjeefamu beeksisan.

Imbaasiin Israa’el Tarkii keessaa Ministeera Fayyaa biyyattii waabeeffachuun, kanneen ajjeefaman 300 malee lammiileen biyyattii hedduun butamuu beeksisan.

Suuraa - Reuters
Oduu 24

Irreechi baranaa dhahaa Oromoo bu’ureffachuun Fulbaana 26 Hora Finfinneetti, Fulbaana 27 ammoo Hora Arsadeetti sirna ho’...
17/09/2023

Irreechi baranaa dhahaa Oromoo bu’ureffachuun Fulbaana 26 Hora Finfinneetti, Fulbaana 27 ammoo Hora Arsadeetti sirna ho’aan kan kabajamu ta’uu Barreessaan Gamtaa Abbotii Gadaa Oromoo fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa himaniiru.

Irreechi ayyaana galataa, tokkummaa fi jaalalaa ta’uu eeruun ayyanicharratti hirmaachuuf biyya keessaas ta’e alaa kan hirmaatan hundi uffannaa fi faaya aadaan midhaguun akka kabajaman gaafataniiru.

Kabaja ayyaana irreechaarratti mallatoollee fi wantoota kabaja ayyaanichaa bakka hinbuune irra bilisa ta’uun barbaachisaa ta’uus Abbootiin Gadaa himaniiru.

Calaqqee eenyummaa fi tokkummaa Oromoo kan ta’e Ayyaana Irreechaarratti kan hirmaatu hundis safuu fi sirna ayyaanichaa eeguun akka kabajan yaadachiisaniiru.


Oduu 24

Waa'ee BRICS maaltu beekama? Kaayyoon isaa maali?BRICS bara 2001 Biraazil, Raashiyaa, Hindii fi Chaayinaan biyyoota mise...
24/08/2023

Waa'ee BRICS maaltu beekama? Kaayyoon isaa maali?

BRICS bara 2001 Biraazil, Raashiyaa, Hindii fi Chaayinaan biyyoota miseensa haaraa osoo hin dabaliin hundeeffame. Boodarra Afrikaa Kibbaa dabalatee ture.

- Garee dhiibbaa warra dhihaa mormuuf hundeeffame. Kana malees, hojii dhaabbilee faayinaansii kanneen akka IMF fi Baankii Addunyaa fooyyessuuf, dinagdee biyyoota guddachaa jiraniif sagalee fi bakka bu’ummaa uumuuf mala barbaaduu dha.

- Biyyoonni miseensa ta’an galmi garee kanaa haqaa fi sirna addunyaa heddumminaa uumuuf hojjechuudha jedhu. Sirni addunyaa warra dhihaan ol’aantummaa qabu akka xumuramu barbaadu.

- Biyyoonni shanan qofti baay'ina ummataa biliyoona 3.24 qabu, biyyoota miseensaa amma itti makaman osoo hin dabalatin jechuu dha. Walumaagalatti galiin biyyaalessaa isaanii doolaara tiriliyoona 26 ta’a. Kunis dinagdee addunyaa keessaa dhibbeentaa 26 qaba.

- Biyyoonni miseensa BRICS daldala addunyaatiif malee maallaqni dabalataa jiraachuu qaba jedhanii amanu.

- Biyyoonni miseensa ta’an maallaqa guddaa kan ta’e Doolaara caalaa mallaqni baay’ee barbaachisa jedhanii amanan, kan daldala addunyaatiif maallaqa ijoo ta’e, addunyaan biyyoota muraasaan ol’aantummaa qabaachuu akka qabdu ejjennoo cimaa qabu.

-Murteen olaantummaa diinagdee naannoo murtaa’e qofa irratti ta'uun isaa biyyoonni hedduun dhiibbaa jalattu akka kufan taasiseera, biyyoonni miseensa ta’anis kana sirreessuuf ni hojjenna jedhu.

BRICS biyyoota/miseensa/ haara dabalachuu hordofuun miseensonni waliigalaan kudha tokko (11) gahaniiru.

Isaanis ፦
🇧🇷 Biraazil
🇷🇺 Raashiyaa
🇮🇳 Hindii
🇨🇳 Chaayinaa
🇿🇦 Afrikaa Kibbaa
🇦🇷 Arjentiinaa
🇪🇬 Misir
🇪🇹 Itoophiyaa
🇮🇷 Iiraan
🇸🇦 Sa'uudii Arabiyaa
🇦🇪 Yunaayitid Arab Emireeti dha.


Oduu 24

  Yuunivarsiitiin Finfinnee bara dhufu irraa eegalee barattoota digrii jalqabaa dorgommii qofaan akka fudhatu beeksiseer...
23/08/2023



Yuunivarsiitiin Finfinnee bara dhufu irraa eegalee barattoota digrii jalqabaa dorgommii qofaan akka fudhatu beeksiseera.

Yuunivarsiitii Finfinnee bara 2016 irraa eegalee barattoota digrii jalqabaa ramaddii osoo hin taane akka fudhatu beeksiseera.

Yunivarsiitichi barattoota digirii jalqabaa kaffaltii kaffalan haala ''addaa'' ta'een barsiisuuf karoorfachuu isaa ibseera.

Yuunivarsiitiin Finfinnee yunivarsiitii of danda’ee ta'uu isaatiin walqabatee, ibsa har’a gaazexeessitootaaf mooraa guddichaatti kenneen ibseera.

Oduu 24

 Har'a Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa Budapestitti Itiyoophiyaan dorgommii xumuraa lama irratti ni hirmaatti.Dorgom...
22/08/2023



Har'a Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa Budapestitti Itiyoophiyaan dorgommii xumuraa lama irratti ni hirmaatti.

Dorgommiiwwan har'aa dorgommii meetira 1500 dubartootaa fi dorgommii xumuraa meetira 3000 dhiirotaati.

Dorgommiin kunniinis galgala sa'aatii 4:30 fi sa'aatii 4:42 irratti kan gaggeeffamu ta'a.

Atileetonni biyya keenya bakka bu'an eenyufa'i?

- Dorgommii xumuraa meetira 1500 dubartootaatiin (Atleet Darribee Woltajjii fi Birkee Hayiloom)

- Dorgommii xumuraa meetira 3000 dhiiraa (Geetinnat Waale fi Lammeecha Girmaa)

Dorgommii meetira 1500 dubartootaatiin atileetonni Itoophiyaa atileeti dhalootan Itiyoophiyaa Siifan Hasan kan Nezerlaandiif fiigdu waliin dorgommii cimaa ni taasisu jedhamee eegama.

Oduu 24

 Qormaanni Kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa, Waxabajjii 26, 2015 Irraa Eegalee Kan Kennamuu Ta'uu, Biiroon Barnootaa Oromiya...
11/06/2023



Qormaanni Kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa, Waxabajjii 26, 2015 Irraa Eegalee Kan Kennamuu Ta'uu, Biiroon Barnootaa Oromiyaa Beeksise.

Biiroo Barnootaa Oromiyaatti, Daayirektarri Qormaataafi Madaalli Barnootaa Obbo Huseen Qaasiim akka jedhanitti, qormaaticha milkeessuuf, Manneen Barnootaa, Barsiisonniifi Maatiin Barattootaa deeggarsi Barattoota keenyaaf taasisaa jirtan, cimee akka itti fufu isin yaadachiifna jedhan.

Barattoonni bara 2015 qormaata kutaa 8ffaa fudhatanis, qophii barbaachisaa akka godhan dhaaman.

Maddi:-BBO
Oduu 24

Nama haa baraaruu Gooftaan!!Hinditti Balaa Baaburaa qaqqabeen lubbuun namoota 288 darbuu dhaga’ameera.Bahaa Hindii Kutaa...
03/06/2023

Nama haa baraaruu Gooftaan!!

Hinditti Balaa Baaburaa qaqqabeen lubbuun namoota 288 darbuu dhaga’ameera.

Bahaa Hindii Kutaa Bulchiinsaa Odiishaattii balaa Baabura 3 gidduutti muudateen lubbuun namoota 288 darbuu fi namoota 900 ol irra miidhaan qaamaa qaqqabuu TRTn gabaaseera. Lubbuun namoota balichaan du’anii dabaluu akka danda’u hoggantoonni kutaa bulchiinsicha ibsaniiru.

Biyyatitti bara Faranjoota 1981 Kutaa Bulchiinsa Bihaariitti balaa mudateen lubbuun namoota 800 ol darbuun kan yaadatamuudha.

Maddi: FBC

Koreen Hoji Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa walga’ii idilee gaggeessuu eegaleKoreen Hoji Raawwachiistuu Paartii Badh...
30/05/2023

Koreen Hoji Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa walga’ii idilee gaggeessuu eegale

Koreen Hoji Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa Walga’ii idilee gaggeessuu eegaleera.
Korichi, dhiyeenya haala gaddisiisaan lubbuun isaanii kan darbe Miseensaa Hoji Raawwachiistuu Paartichaa Obbo Girmaa Yashiixilaaf yaaddannoo taasisuun maricha eegaleera.
Marichaanis dhimmoota biyyaalessaa fi paartiirratti gadi fageenyaan mari’achuun murtoowwanii fi kallattiiwwan fuulduree ni akeekaan eegama.

Sanadoota dhiyaataan gamaaggamuunis haalaa ummata hirmaachiseen utubaawwan imala badhaadhinaa milkeessan irratti ni mari’atas jedhameera.


Oduu 24

 Qormaata ba’uumsaa Yunivarsiitiiwwanii bara kanaaf qophii gahaan taasifamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksiise.B...
30/05/2023



Qormaata ba’uumsaa Yunivarsiitiiwwanii bara kanaaf qophii gahaan taasifamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksiise.

Bara kana barattoonni kumni 230 ol qormaata ba’umsaa fudhachuuf galmaa’uu Ministeera Barnootaatti Daarektarri Dhaabbilee Barnoota Olaanaa Dhuunfaa Tajaajila Damee Misooma Barnoota Doktar Iyyoob Ayyanaw FBCtti himaniiru.

Ministeerichi qajeelfama hojiirra oolmaa qormaata bahumsaa qopheessuun dhaabbilee barnootaaf erguu himaniiru.

Gosoota barnootaa adda addaa barattoonni fudhatan keessaa giddu galeessaan 10 hanga 17 kan qoraman ta’uu kaasaniiru.

Qormaata kanayunivarsiitiiwwan mootummaatti Interneetiin laachuuf kompiyuutaroonni kumni 34 qophaa’uu himaniiru.


Oduu 24

Laangaanootti ijoolleen turistoota kadhachuun aad-maleedha jechuun Gadaan Sikkoo-Mandoo labseAadde Saaraa Duubee Godina ...
30/05/2023

Laangaanootti ijoolleen turistoota kadhachuun aad-maleedha jechuun Gadaan Sikkoo-Mandoo labse

Aadde Saaraa Duubee Godina Arsii Lixaatti Haadha Siinqee yoo tahan, yeroo ammaa Komishinii Turizimii Oromiyaa keessaa hojjetu.

Isaan namoota tumaan seeraa kadhaa daa’immanii haroo Laangaanoo kun akka bahuuf adda dureen hojjetan keessaayi.

Akka isaan jedhanitti, duudhaa Oromoo keessatti kadhachuun kan baratame ''Waaqa uumaa kadhachuudha''.

''Kadhaan namatti harka ballisanii kadhatan garuu waan fafoodha,'' jedhu.

“Oromoon gaafa rakkate harka waaqatti olqabeetu waan namaaf sodaate, waan sa’aaf sodaate waaqa itti kadhata.''

''Oromoo biratti kadhaan waan fafaati yoo jennu Oromoon hin rakkatu jechuu miti,'' kan jedhan Aadde Saaraan, nama rakkate akkaataan itti gargaaranis aadaadhuma keessa jira jedhu.


Oduu 24

 Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa magaalota Abijanii fi Niwuyoorki gidduu balalii kallattiin taasisu eegale.Balalichi guy...
30/05/2023



Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa magaalota Abijanii fi Niwuyoorki gidduu balalii kallattiin taasisu eegale.

Balalichi guyyaa har'aa Buufata Xiyyaaraa Abijaanitti jalqabuu ragaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaarraa argame ni mul'isa.

Oduu 24

Ityoophiyaa bakka bu’uun dorgommii ICT Huwaawwee 7ffaarratti kan hirmaatan sadarkaa 3ffaan xumuranDorgommii Teeknoolooji...
29/05/2023

Ityoophiyaa bakka bu’uun dorgommii ICT Huwaawwee 7ffaarratti kan hirmaatan sadarkaa 3ffaan xumuran

Dorgommii Teeknooloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo (ICT) Idil Addunyaa 7ffaa Huwaawweerratti Ityoophiyaa bakka bu’uun barattoonni dorgoman sadarkaa 3ffaa ba'uun dorgommicha xumuraniiru.
Dorgommichi Chaayinaa Magaalaa SHeenzenitti Caamsaa 16-20, 2015tti gaggeeffamaa kan turedha.
Dorgommicharratti biyyoota 36 irraa gareewwan 146 hirmaataniiru.


Oduu 24

Ityoophiyaa bakka bu’uun dorgommii ICT Huwaawwee 7ffaarratti kan hirmaatan sadarkaa 3ffaan xumuranDorgommii Teeknoolooji...
29/05/2023

Ityoophiyaa bakka bu’uun dorgommii ICT Huwaawwee 7ffaarratti kan hirmaatan sadarkaa 3ffaan xumuran

Dorgommii Teeknooloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo (ICT) Idil Addunyaa 7ffaa Huwaawweerratti Ityoophiyaa bakka bu’uun barattoonni dorgoman sadarkaa 3ffaa ba'uun dorgommicha xumuraniiru.
Dorgommichi Chaayinaa Magaalaa Sheenzenitti Caamsaa 16-20, 2015tti gaggeeffamaa kan turedha.
Dorgommicharratti biyyoota 36 irraa gareewwan 146 hirmaataniiru.


Oduu 24

Pireezidaanti Reesiip Xaayib Erdohaan Filannoo Pireezidaantummaa Turkii injifatan Pireezidaanti Reesiip Xaayib Erdohaan ...
28/05/2023

Pireezidaanti Reesiip Xaayib Erdohaan Filannoo Pireezidaantummaa Turkii injifatan

Pireezidaanti Reesiip Xaayib Erdohaan Filannoo Pireezidaantummaa Turkii irra deebiin injifataniiru.

Hanga ammaatti Sagaleen % 97 kan lakkaawwame yoo ta'uu, Pireezidaanti Erdohaan % 53.4 argachuun injifachuun isaanii mirkanaa'eera.

Kamaal Kiiliidaaroogliin ammoo sagalee % 47.9 argachuu isaanii ibsameera.


Oduu 24

 Baankiin Zaman gamoo abbaa darbii 36 baasii birrii biiliyoona 1 tuqaa 5niin ijaarsise eebbisiise.Bulchaan baankii biyya...
28/05/2023



Baankiin Zaman gamoo abbaa darbii 36 baasii birrii biiliyoona 1 tuqaa 5niin ijaarsise eebbisiise.

Bulchaan baankii biyyaalessaa obbo Maammoo Mihiratuu fi dura taa’aa boordii baankichaa obbo Ermiyaas Isheetuu dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoo fi keessummoonni waamichi taasifameef sirna eebbaa kanarratti argamaniiru.

Bulchaan baankii biyyaalessaa Maammoo Mihiratuu gamoo kana eebbisanii kan banan yemmuu ta’u, gamoon kun magaalattii miidhagsuurra darbee ogummaa ijaarsa gamoo kan agarsiisedha jedhameera.

Waajjirri muummee baankichaa xumuramee eebbifamuunsaa tajaajila baankichi maamiltootaaf kennu baasii kan qusatu, si’ataa fi mijataa taasisuuf akka isa dandeessisu ibsameera.

Oduu 24

Manni Maree Waliigalaa dhimmoota islaama walga’ii ariifachiisaa waamee jira.Walgahiin ariifachiisaa Mana Maree Waliigala...
28/05/2023

Manni Maree Waliigalaa dhimmoota islaama walga’ii ariifachiisaa waamee jira.

Walgahiin ariifachiisaa Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira.

Walgahiin ariifachiisaa Hoteela Ummaatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, saganticha kan banan imaamaa Masjiida Anwaar kan ta'an Sheek Taha Muhammad Harun dha.

Pireezidaantiin Yaa’ii Waliigalaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa akka jedhanitti yeroo walgahii kana geggeessinu magaalaa Shaggar keessatti masjiidonni hedduun diigamuun, namoota diigamuu masjiidotaa mormuuf bahan irratti wareegamni akka kaffalame ibsaniiru.

"Masjidoonni mana Rabbiiti. Qaama dhimmi ilaallatu waliin mari'achuuf yaaliin godhame hin milkoofne" jedhan.

''Muslimoonni nagaa biyyattii'' jedhan pirezidaantichi, ''gaaffiin masjiidota magaalaa Shaggar keessatti diigamaa jiran ilaalchisee ka'e haala guutummaatti nagaa ta'een gaafachuu isaanii yaadachisaniiru''.

Obboloota nurraa wareegamaniif rabbiin jannataa haa keenuuf, maatii isaaniitifis jajjabinna nuuf haa kennu jedhaniiru.

Obboleewwan guyyaa kaleessa miidhamanis rabbii gara fayya guututti nuuf haa deebisu jedhaniiru.

Kanneen miidhamanis dawwataniiru.

Manni Maree Ol’aanaan Dhimmoota Islaamaa Oromiyaa fi Finfinnee gabaasa isaanii yaa’ii kanarratti ni dhiyeessu jedhamee eegama.

Oduu 24

 Iid al-Fixriin guyyaa   akka ta'e beeksifameera.Guyyaa Har'aa Sa'udii Arabiyaa Tuminar fi Sudair keessatti baatiin Shaw...
20/04/2023



Iid al-Fixriin guyyaa akka ta'e beeksifameera.

Guyyaa Har'aa Sa'udii Arabiyaa Tuminar fi Sudair keessatti baatiin Shawwaal waan mul'atteef, Iid al-Fixir Jimaata xumurama jedhameera.

Baga Ayyaana Iid al-Fixrii 1,444ffaa geessan.

Oduu 24

  Piroojektiin bishaanii Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaan Birrii miiliyoona 26 oliin Booranatti hojjetame eebbifame...
02/04/2023



Piroojektiin bishaanii Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaan Birrii miiliyoona 26 oliin Booranatti hojjetame eebbifame.

Faawundeeshinichi Godina Booranaa Aanaa Miyoo ganda Bokkuu Luboomaa fi Aanaa Dubuluqitti pirojektoota bishaan qulqulluu hojjachaa ture xumuree eebbisiisee jira.

Eebba pirojektii kana irratti Artistoonni Oromoo fi namootni bebeekkamooni kabajamtuu Haadha Waabii (Faantuu Damise) Dabalatee, Ittiiqaa Tafari, Yoosan Geetaahun, Andu'alem Gosaa, Waabi Dhaabaa, Maskii Mangee, Obsaa Abdisa fi bakka buutonni mootummaa irrati argamaniruu.

Pirojektiin bishaan dhugaatii kun, rakkoo bishaan dhugaatii jiraattota aanaalee lamaanii walumaagalatti 52,325 ta’an ni fura jedhamee eegama.

Hawaasni ardaa sanii haadha warraa Haaceef jaalala qaburraan kan kahe akka aadaatti maqaa jedhu moggaaseef.

Suura:- Fawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa

24

"Faawundeeshiniin Master kaard sagantaa marsaa 2ffaa Itiyoophiyaaf doolaara miiliyoona 630 ol raggaaseera":- ministeerri...
02/04/2023

"Faawundeeshiniin Master kaard sagantaa marsaa 2ffaa Itiyoophiyaaf doolaara miiliyoona 630 ol raggaaseera":- ministeerri hojii fi dandeettii

Pirezidaantiin Faawundeeshinichaa Riittaa Rooyi fi miseensonni boordii hooggansa hojii kanneen biroo guyyoota arfan darban Itiyoophiyaatti qorannoo sagantaa taasisaa turuusaanii ministirri hojii fi dandeettii Mufariyaat Kaamiil ibsaniiru.

Haala Kanaan sagantaa Itiyoophiyaa marsaalammaffaaf doolaara miiliyoona 360 ol raggaasuussaa Ministirittiin dubbataniiru.

Maallaqni ragga’e kun gama hojii uumuutiin, tajaajila liqii qaqqabinsa faayinaansii mirkaneessuu dandeessisudhiheessuuf, dhaabbilee ogummaa fi teekniikaa ilaalcha hojii uumuutiin qaruu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Kana malees maallaqni kun waggoota sadan itti aananiif carraa hojii uumuuf akkasumas hojiiwwan addaddaaf kan ooludha jedhaniiru.

24

Hirriirri deeggarsaa injifannoowwan Bitooteessa 24, 2010 booda argamaan deeggaruuf hiriirri deeggarsaa Godina Booranaatt...
02/04/2023

Hirriirri deeggarsaa injifannoowwan Bitooteessa 24, 2010 booda argamaan deeggaruuf hiriirri deeggarsaa Godina Booranaatti gaggeefameera.

Hirriiricharratti jiraattonni godinicha “Imala Badhaadhinaa tokko taanee jalqabnee tokko taanee fiixaan baafna”, “Bitooteessi 24 siidaa bilisummaafi walqixxummaa uummattoota Ityoophiyaati”, “Injifannoo jijjiiramaan arganne tokkummaan itti fufsiisuun badhaadhina hunda galeessa ni dhugoomsina”, “Abbichuu ilma Abbaa Gadaa si waliin jirra” fga’aan dhageessifamaniiru.
Dabalataanis, “Dheebuun angoo finxaaleeyyii hin milkaa'u”, “Tokkummaan keenya shira diinaatiin hindiigamu”, “Imalli keenya irree tokkoon gara fuula duraatti itti fufa”, “Kan Biyya diigu dura dhaabbannee ni mormina” kanneen jedhan dhageessifamaniiru.


Oduu 24

   Baankiin Siinqee lammiilee Godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 115 taasiseera.Pireezidaa...
04/03/2023



Baankiin Siinqee lammiilee Godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 115 taasiseera.

Pireezidaantii Baankii Siinqee Obbo Nuwaay Magarsaa har'a miidiyaaleef ibsa kennaniin hawaasa keenya caalatti deeggaruuf ni hojjenna jedhaniiru.

Oduu 24

Namichi obboleessa isaa(quxisuu) rasaasaan rukutee ajjeese hidhaa waggaa 18 itti murtaa'e.Aanaa Danbiyaa Bahaatti Ganda ...
04/01/2023

Namichi obboleessa isaa(quxisuu) rasaasaan rukutee ajjeese hidhaa waggaa 18 itti murtaa'e.

Aanaa Danbiyaa Bahaatti Ganda Jangwaa kessatti himatamaa maqaan isaa Ishatee Baazzazaw jedhamu Ammajjii 29/2014 ganama tilmaamaan sa’aatii 1:30 irratti, Obboleessi quxisuu isaatiin "Maaf haftee Guaayya kootii horii dheechifatta" jechuun waldhabbii ka'een Obboleessi rasaasa harkaa qabuun quxisuu isaa dugdarra rukutee ajjeesu Waajjirri Haqaa Zoonii G/G Gondar beeksiseera.

Haaluma kanaan Waajjirri Poolisii Aanaa Denbiyaa Bahaa yakka kana qoratee gara kutaa haqaa Zoonii G/G Gondaritti erguun Abbaan Alangaa Zoonii galmee sana qorateera. Mana Murtii Ol'aanaa Zoonii G/G Gondaritti galmee dhiyeessuun dhimmichi falmii keessa tureera.

Manni murtichaa dhaddacha Mudde 25/2015tti tureen himatamaan himannaa abbaa alangaa mormuu/of irraa ittisuu dhabuun yakkamaa ta’ee waan argameef hidhaa waggaa 18 akka itti murtaa’e ni mul’isa.


Oduu 24

Abbaan Taayitaa Sabqunnamtii Itoophiyaa kurmaana tokkoffaatti beeksisawwan tamsa'an  1694 irratti to'annoo taasisuu beek...
04/01/2023

Abbaan Taayitaa Sabqunnamtii Itoophiyaa kurmaana tokkoffaatti beeksisawwan tamsa'an 1694 irratti to'annoo taasisuu beeksise.

Daarektarri Kominikeeshinii abbaa taayitichaa Obbo Dassee Kaffalee akka jedhanitti, bara bajata 2015 kurmaana jalqabaatti beeksisiwwan

👉 735 biroodkaastiidhaan,
👉 671 weebsaayitiidhaan,
👉 129 maxxansaan
👉 159, bilbila socho'aan irratti to'annoon taasifameera.

Beeksisiwwan kunneenis sagantaalee idilee beeksisan uwwisuu, sa'atii tokko keessatti ala lamaa ol beeksisuu, oduu beeksisaan adda kutuu, duudhaalee turan daheeffachuun omishaafi tajaajila beeksisuu akkasumas uwwisa beeksisa gaazexaafi barruu dhibbantaa 60 beeksisan uwwifamuunsaa hanqinoota ta'uu ibsaniiru. (EPA)


OduuOduu 24Oduu 24

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaleessaa Ityoophiyaa Morookootti imaleGareen Kubbaa Miilaa Biyyaleessaa Ityoophiyaa dorgommii C...
04/01/2023

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaleessaa Ityoophiyaa Morookootti imale

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaleessaa Ityoophiyaa dorgommii Chaan irratti hirmaachuuf gara Moorookootti imaleera. Garichi imala isaa jalaqabaa jibti Kaayiroo kan tasifatee daaqiqaa muraasa dura Magaalaa Kaayiroo qaqqabun eerameera. Gareen Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa Kaayiroon booda gara Mooroorkootti akka imaalu ragaan Feedeereshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.


Oduu 24

Yuunivarsiitiiwwan ofiin akka of-bulchan mirkaneessuun qulqullina barnootaa eegsisuurra darbee gaaffiiwwan faayidaalee g...
04/01/2023

Yuunivarsiitiiwwan ofiin akka of-bulchan mirkaneessuun qulqullina barnootaa eegsisuurra darbee gaaffiiwwan faayidaalee garaagaraarratti ka’an deebisuu ta'a:- Ministeera Barnootaa.

Dhaabbileen barnootaa bilisa hin ta’iin bilisummaan hojjechuu, beekumsa isaanii qooduufi hojii isaan irraa eegamu ba’achuu kan hin dandeenye ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu’eel Kifleen eeraniiru.

Kanumarraa ka’uun Ministeerri Barnootaa yuunivarsiitiiwwan biyyattii ofiin akka of-bulchan taasisuun ijaarsa biyyaarratti gaheesaanii akka ba’ataniif sochii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Yuunivarsiitiiwwan ofiin of-bulchuun isaanii bilisummaa dhaabbatummaa isaanii kan mirkaneessu ta’uu kaasaniiru.

Sirna barnootaafi madaallii isaanii bilisa ta’anii qopheessuun ijaarsa biyyaarratti qooda isaanii akka ba’atan kan taasisu jedhaniiru.


Oduu 24

Address

Finfinnee
Finfinnee

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oduu 24 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oduu 24:

Videos

Share


Other Media/News Companies in Finfinnee

Show All

You may also like