Finfine press

Finfine press oromo protest!

02/02/2023

TOOFTAALEE SIRRII ITTIIN MUL'ATA OFII BIRA GAHUU DANDA'AN
━━━━━━━━━━━━
❏ Dhalli namaa eenyummaa guutuu fi namummaa guutuudhaan yommuu dhalatu addunyaa kanatti dhufa. Nama waan ittin jedhan hin qabnee fi waan namaan jedhu hin beeknetu gadameessa haadhaa keessaa gara addunyaa oduun gadhee fi gaariin guutamte kanatti gadi ba'a.

❏ Namni nama hamaa ta'ee dhalatu hin jiru, erga dhalatee booda hammeenya baratee of keessatti guddisaa deema malee.

❏ Dhalli namaa yommuu dhalatu wantoota barbaachisoo fi murteessoo ta'an sadan armaan gadii wajjin dhalate.
⁃ Sammuu qulqulluu wajjiin dhalata.
⁃ Onnee qulqulluu wajjiin dhalata.
⁃ Yaada garaa qulqulluu wajjin dhalata.

❏ Namni erga guddatee karaa qajeelaa irra jireenya isaa gaggeeffachuu kan danda'u tootaalee bu'uuraa armaan gadii kanatu jira:
➊) Yaada qajeelaa qabaachuu fi yaaduu!
➋) Namoota yaada qajeeltoo qaban waliin dabarsuu!
➌) Yeroo hundumaa gaarummaa yaaduu fi karoorsuu!
➍) Hammeenya irraa fagaachuu!
➎) Waa'ee mataa ofii irratti xiyyeeffachuu fi jireenya ofii guyyuu sakkata'uu!

❏ Namni wantoota kana hundumaa yoo raawwate kaayyoo lafa kana irratti dhalateef guutummaatti raawwatee itti gammadee jireenya isaa gaggeeffachuu danda'a.

🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲

09/12/2022

:

Haleellaa Xayyaaraa Godinaalee Shawaa Afran Irratti Bor Irraa Kaasee Haleellaa Obbooroo ( Barii) Sa'a 11:00 -1:00 Ganamaatti, Guyyaa Sa'a 6 -7 Galgala Sa'a 11- 2:00 Halkanitti Haleellaa Daguu ( Unintentional Attack) Haleellaa Tasaa Godhuuf Jiru.

Ganama Irraa Qabuun Kaartaa Samiirraa Xayyaaronni Hedduun Samii Irraan Bakkoota Hedduu Kaasaa Oolan.

1. Shawaa Lixaa ( Waddeessaa, Ilfataa, Booni Jalduu, Midaaqanyii, Nyamar Fi Ada'aa Bargaa Meettaa Walqixxee Qaxqaxoo Bakkeewwan Lafa Ol Ka'oo, Lafa Gammoojjii Diriiraa Irratti Raawwatuuf Jiru) Magaalota Xixiqqoo Baadiyyaa Jiran Irrattis Haleellaa Banuuf Jiru.

2. Shawaa Bahaa ( Boosat, Fantaallee, Gammoojjii Daangaa Affaari Fi Oromiyaa, )

3. Shawaa Kaabaa ( Kuuyyuu, Dagam, Birriitti, Magaalota Xixiqqoo Baadiyyaa Jiran Maratti)

4. Shawaa Kibba Lixaa ( Ammayyaa, Dallee Daak, Culullee Fi Naannawaa Ishee Magaalota Xixiqqoo Baadiyyaa Jiran)

Maal Godhuu Qabna

1. Uummanni Manneen Amantii, Manneen Barnootaa Fi Gabaa Irraa Fagaachuu

2. Bakkoota TV Fi Raadiyoo Jiran Signal Waan Dadhabuuf Hatattamaan Samiirraa Faan Furga'u Ilaaluun Kallattii Addaa Addaati Fiiguu

3. Waantota Calaqqisan Huccuu Adii Waantota Ifa Balaqqeessisan Irraa Fagaatuu

4. Lafarra Ciisuu Dhiisuu

5. Bakka Tokkotti Walitti Qabamuu Dhiisuu

6. Fageenya Meetira 30-50 Walirraa Fagaatuun Naannoo Ofii To'atuu

7. Mana Keessatti Aara Aarsuu Dhiisuu,

Waantota Kana Akka Tooftaatti Fayyadamuun Hanga Tokko Lubbuu Lammilee Nagaa Baraaruuf Dhimma Itti Haa Fayyadamnu.

Share waliif godha
..

Reefuu post gooturee yeroo ummannii dhumaa turee eessaa turtaniii???
08/12/2022

Reefuu post gooturee yeroo ummannii dhumaa turee eessaa turtaniii???

😭😭😭😭😭
08/12/2022

😭😭😭😭😭

Afaan Oromootiin yoo dubbatte deebitee waltajjii kanarra hin dhaabattu jedhanii utuu doorsisanii dide. Waaqayyo akkasitti na uume jedhee falmate. Amantaa qofaaf utuu hin taane oromummaa isaafis gatii guddaa baase!

Waggaa 60 ol wangeela lallabe. Jaalalaafi qajeelummaa barsiise. Waliif yaaduu, wal gargaaruufi wal danda’uu irratti nama ijaare.

Gorsaafi abbaa nama baay’ee Luba ’inaa Sarkaa, lubbuun keessan jannata haa boqottu!

RIP!

10/11/2022

Dhaamsa Waliigalaa.
Sadaasa 7,2022
1. WARAAANA BILISUMMAA OROMOOTIIF (WBO)

Lolli WBOn geggeessaa jiru lola WBO ykn qaama hidhannoo qabu qofaan Geggeeffaamaa jiru miti. Lola Oromoo hunda hirmaachisee lolamaa jiruudha. Lola WBO caalaa hawaasni itti du’aa jiruudha. Galaanichi guutummaatti Qurxummiitti waan jijjiirameef bilxiginnaan Oromiyaa Lixaa wal haa nyaatu jechuun ergaa murni Haannaan wal ijaarte Finfinnee keessa jirtu odeessaa jirti.
Kanaaf WBOn namoota mana namaa guban, qabeenyaa namaa saaman, nama ajjeesan sirreessa deemuun babarbaachisaadha

2. QAAMOTA BILXIGINNAAF HOJJETTAN HUNDUMAAF

Ilmaan Oromoo Miseensota Humna Waraana PP (Raayyaa Ittisaa, Humna Addaa, Poolisii, Milishaa fi Gaachana Sirnaa) keessa jirtan, liqimfamtanii AJJEESIINAA!
▪️Yoo feetan, Hojicha (Impaayera tiksuu) Dhiisuu ykn
▪️Yoo feetan, WBOtti harka kennachuuf Mirga qabdu!
ABO-WBOn, Sirna Impaayera waliin malee Namoota Dhuunfaa kamuu waliin Lolatti hin jiru.
Hin Sodaatiinaa!
Sirna Impaayeraa irraa adda of baasaa Nagaan jiraadhaa!

3. KAABINEE FI KAADIREE HUNDAAF

WBOn qaama keessan waan ta'eef akkuma waarri harki kennatan nagaan tikfamaa waan jiraniif harka kennadhaa malee Aanaa ollaatti baqachuun isin hin baasu. Abiyyiin sa'a xumuraatti xiyaaraan akkuma Mangistuu Haayile Maariyaam zimbaabuweetti baqate inni biyyaa qopheeffatetti baqachuuf waan jiruuf harka kennadhaa Magaalaan Finfinnee iyyuu marfamtee waan jirtuuf Oromiyaan harka WBO (Galaanichaa) jirti.
Galaanichi Guutummaatti Qurxummii ta'eera,
Galaanichi Hin goguu.
Oromiyaan Biyya!

guyyyan tokko jira guyyyaa itti gumaan gootota kana ba'u
08/11/2022

guyyyan tokko jira guyyyaa itti gumaan gootota kana ba'u

08/11/2022

wal argaan finfinnettii jedhe dhirri!!!

22/05/2022

Wa'ee jaalllewwan keenyaa mana adaba pp keessaa jiraanii oromoon kun maaf callise?

Address

Finfinnee
Finfinnee
ORO

Telephone

+251921213073

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Finfine press posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Finfine press:

Share


Other Media/News Companies in Finfinnee

Show All