Tulluu Finfinnee

Tulluu Finfinnee Tulluu Finfinnee irratti Oduu, Odeessaa fi taateewwan wayitaawaa Oromiya, Afriikaa fi guutuu addunyaa irratti ta’an argattu. Odeessawwan akka irratti hojjenna

Yeroo mara waan haaraa jiru baruuf gara keenya koottaa, waan isinitti dhagaahamus nutti himaa.

Osoo Qur’aanaa (Kitabaa Islaamaa) Qaraauu Jiruu Gildon nayaame
17/10/2020

Osoo Qur’aanaa (Kitabaa Islaamaa) Qaraauu Jiruu Gildon nayaame

ቡሪክ ዑመር ዝምታውን ሰበረ- በፍቅር፣ በዥልጥ ጉዳይና "ጊልዶ ቁርዓን ስቀራ ሰምቶኝ ነው ሙዚቀኛ ያረገኝ" - Part 1

13/10/2020

Hiriira Mormii

10/10/2020

Polisiin Feederaalaa Ummataa Fixee

10/10/2020

Dhamsaa fii Ergaa Hachalu

Live Yeka
10/10/2020

Live Yeka

Ummata guddaa kan Oromoo wajjiin wa loolee moottumman nagaan Itoophiyaa bulche hin jiru. Kan Abiyyis kana ala hin ta'u!
09/10/2020

Ummata guddaa kan Oromoo wajjiin wa loolee moottumman nagaan Itoophiyaa bulche hin jiru. Kan Abiyyis kana ala hin ta'u!

09/10/2020

Yaamicha Hiriira Mormii Mootumma Itoophiyaa Dubartoota Oromootin Minnesota Guyyaa Boriitti Yaamamee

09/10/2020

Ibsa HD-ABO Jaal Daawud Ibsaa

06/10/2020

Obboleessa Haacaaluu, Sagalee Akka Hacaaluu Yoo siti tole share godhi❤💚❤

03/10/2020

Obboleessa Haacaaluu, Sagalee Akka Hacaaluu Yoo siti tole share godhi❤💚❤✌

03/10/2020

Tamsaasa Kallattii ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee Magaalaa Finfinnee irraa

03/10/2020

Tamsaasa Kallattii ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee Magaalaa Finfinnee irraa

30/09/2020

Marii Hayyoota Amantaa Waliin Kabaja Ayyaana Irreechaa Bara 2020 irratti

30/09/2020

Ityoophiyaan nagaa akka taatu caasaan nageenyaa hojii hojjetuuf, mootummaan federaalaa isaan cinaa jira jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy agarsiisa poolisii federaalaa Addabaaba’ii Masqalaatti gaggeeffamerratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Waggoottan lamaan darban poolisiin hojiilee biyya, ummataa fi mootummaa boonsan hojjechaa tureeras jedhan Dooktar Abiy.
Poolisiin biyyaaf of dabarsee kan laate ta’uus ibsaniiru.

Poolisiin federaalaa siyaasarraa bilisa ta’ee, alaabaa biyyaaf kan hojjetu akka ta’u hojiin jijjiirramaa hojjetamaa ture itti fufas jedhan.

Mootummaan federaalaas hojii poolisiin hojjetu kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil ergaa qophicharratti dabarsaniin hojiilee mootummaan hojjetu keessaa tokko poolisii tajaajila ammayyaawaa laatu ijaarudha jedhan.

Hojii jijjiirramaa eegalame cimsuudhan, bara baajataa kanatti ummata waliin ta’uudhan nagaa mirkaneessuuf ni hojjetama jedhaniiru.

30/09/2020

IRREECHA BARA 2013 | Ethiopia's|Oromos Celebrate Irreecha Festival 2020 by drone

30/09/2020

Sirnicharratti muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, ministirri MInisteera Nageenyaa FDRI aadde Mufariyaat Kaamiil, hoggansi federaalaa fi Finfinnee biroon argamaniiru.

Janaraal Koomiishinarri Koomiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasaw ergaa sirnicharratti dabarsaniin waggoottan lamaan darban hojimaata poolisii ammayyeessuuf hojjetamaa turuu ibsaniiru.

Poolisii fi ummata walitti dhiyeessuuf, poolisii naamusa dansaa qabu horachuuf hojjetameeras jedhan.

30/09/2020

Janaraal Koomiishinarri Koomiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasaw waggoottan lamaan darban hojimaata poolisii ammayyeessuuf hojjetamaa turuu ibsaniiru.

Poolisii fi ummata walitti dhiyeessuuf, poolisii naamusa dansaa qabu horachuuf hojjetameeras jedhan.

Ityoophiyaatti humni poolisii kan ijaarrame bara 1934 ta’uun ni yaadatama.

21/08/2020

Tokkummaa Oromo !!!

Ijaarsi Hidha Haroomsaa Qaama miidhamtootaf hiikaa guddaa akka qabu waldaan Qaama Miidhamtoota biyyaaleessaa Itiyoophiya...
10/08/2020

Ijaarsi Hidha Haroomsaa Qaama miidhamtootaf hiikaa guddaa akka qabu waldaan Qaama Miidhamtoota biyyaaleessaa Itiyoophiyaa beeksise.

Hoggantoonni waldiicha sirna guutinsa bishaan hidha haroomsaa ilaalchisee akka jedhanitti hawaasa keessaa harki 15 qaama midhaamtoota ta’uun, ijaarsi hidha haroomsaa kan qaama midhaamtootas ta’u kan agarsisuu waan ta’ef gahee mata isaanii akka bahatan himaniiru.

Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii FDRI akka beeksisetti gatiin boba'aa qinxaabodhaan baatii Hagayyaa keesa gatuma dura...
10/08/2020

Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii FDRI akka beeksisetti gatiin boba'aa qinxaabodhaan baatii Hagayyaa keesa gatuma duraatin kan gurguramu ta'a.

Boba'aan xiyyaaraa baatii Hagayyaa 2012 keessa liitiraan Birrii 26.50 akka gurguramu murtaa'era.

Haala gabaa idil addunyaa ilaaluun sirreeffamni gatii taasifamuu malas jedheera.

Gatiin boba'aa kunis Hagayya 1 hanga Hagayya 30,2012 hojiirra kan oolu ta'a.

Ajjeechaa weellisaa Hachaaluu Hundeessaa hordofee magaalota Oromiyaa hokkorri jabaan keessatti uumamee, lubbuun namaa ak...
10/08/2020

Ajjeechaa weellisaa Hachaaluu Hundeessaa hordofee magaalota Oromiyaa hokkorri jabaan keessatti uumamee, lubbuun namaa akkasumas qabeenyi hedduun keessatti manca'e keessaa tokko Shaashamanneedha.

Hokkora kana hordofuun magaalatti keessatti namoonni hedduun kan hidhaman yoo ta'u, namoonni kunneen mana murtiitti dhiyaachaa akka hin jirre maatiin ni komatu.

Man-kuusaa, manneen barnoota fi galma walgahii keessattillee otoo hin hafiin jumlaan bakka tokkotti hidhamuu, reebamuu fi haala fayyaa isaanii gaaga'u keessa jiru jedhu maatiin BBC'f yaada kennan.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa garuu, namni seeratti otoo hin dhiyeeffamne akkanumaan hidhamee jiru akka hin jirre hima.

10/08/2020

Hirriiraa Mormii Obbo Lammaa dabalatee aanga'oonni sadii yeroof koree giddu-galeessaa Partii Badhaadhinaarraa dhorkamuu issanii Qerroo dalaansseeraa

Obbo Lammaan kanaan dura yaada isaanii midiyaa irratti ibsachuu isaanii yaadachuun, isaan boodalleen itti-gaafatamummaa Paartiin itti kenne bahachaa waan hin jirreef koree giddu-galeessaa keessaa yeroodhaaf dhorkaman jedhan.

10/08/2020

Obbo Lammaa dabalatee aanga'oonni sadii yeroof koree giddu-galeessaa Partii Badhaadhinaarraa dhorkamuu Itti-gaafatamaan Waajira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsan

Ibsa itti-gaafatamaan kun Dilbata galgala OBN irratti kennaniin, aanga'oonni koree giddu-galeessaa Paartichaarraa dhorkanamanis, Obbo Lammaa Magarsaa, Aadde Xayibaa Hasaniifi Milkeessaa Miidhagaa (PhD) dha.

Dhorkaan yeroodhaaf aanga'oota kanneen irra kaa'ame kunis koree hojii raawwachiiftuun kan ragaasiifamu ta'uu himanii, isaanis itti-gafatamummaa irraa eegamu haalaan bahachuuf qophaa'oo yoo ta'an deebi'uu akka danda'anis himaniiru Obbo Fiqaaduun.

Sababii aanga'oonni sadan kunneen ittiin koree giddu-galeessa paartichaa keessaa itti dhorkamanis Obbo Fiqaaduun himaniiru.

Obbo Lammaan kanaan dura yaada isaanii midiyaa irratti ibsachuu isaanii yaadachuun, isaan boodalleen itti-gaafatamummaa Paartiin itti kenne bahachaa waan hin jirreef koree giddu-galeessaa keessaa yeroodhaaf dhorkaman jedhan.

Dr Milkeessaa Miidhagaa aangoorraa kaafaman
Paartiin Badhaadhinaa deeggartoota yaada Obbo Lammaa ofirraa dhiibaa jiraa?
Akkasmumas, Dr. Milkeessaa Miidhagaa yaadaafi ilaalcha isaanii Paartii keessa taa'anii callaqqisiisuu osoo danda'anii, alatti tarkanfaachiisuu isaaniitiin yeroodhaaf dhorakamu himan Obbo Fiqaaduun.

Aadde Xayibaa Hasan ammoo bakkawwan rakkooleen keessatti mullatan gara garaatti maqaan isaanii waan ka'aa jiruuf, dhimmi kun hanga qulqullaa'utti koree keessaa dhorkamaniiru jedhan Obbo Fiqaaduun.

Gama biraatiin hanqinni raawwii hojii aanga'oota sadarkaa garaa garaa irratti argaman ilaalamuu kan himan Obbo Fiqaaduun, kanaan walqabatee hogantoonni sadarkaa aanaarra jiran 800 ol ta'aniifi kanneen sadarkaa godinaafi magaalotaatti argaman 117 ta'an qulqulleessuudhaaf yaalamuu ibsaniiru.

Walumaagalatti paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa kora guyyoota lamaaf haala yeroorratti gaggeesseen, qabsoon paartichaa akka naannoofi akka biyyaatti gadi-fageeyaan qorachuu isaa kan himan Obbo Fiqaaduun, aanga'oonni sadarkaa aanaa hanga olaanootti argaman raawwiin hojiisaanii qoratamuu himaniiru.

"Guguddaa nama keenyaa qofa miti, guguddaa lafa keenyaas dhabaa jirra"
Dubbii himaan waajjira Paartii Badhaadhiinaa Obbo Taayyee Danda'aas gama isaatiin aanga'oonn sadan miseensummaa koree jiddu galeessa paartichaa keessaa dhorkamuu fuula feesbukii isaaniirratti barressaniiru.

"Kana malees, qulullina ilaalchaa, raawwii hojiifi qulqullina harkaa ilaaluun caasaa mootummaa qulqulleessuuf kallattiin kaa'ameera," jedhan.

Obbo Lammaa Magarsaa Ministirri Raayyaa Ittisa biyyattii, ADWUI duranii baquun adeemsa Paaartii Badhaadhiinaa hundeessuu irratti gaaffii kan qaban ta'uu midiyaatti dubbachunsaanii ni yaadataman.

Ergasiin booda garuu sochiiwwan mootummaa keessatti wayita hirmaatanis ta'ee midiyaarrattis dhagahamnii hin beekan

Haaluma walfakkaatuun, Aadde Xaayibaa Hasan Itti-aantuu pirezidaantiin naannoo Oromiyaa irraa kaafamuun waajjira Ministira Muummeetti gorsituu olaantuun dhimmi hawaasummaatti erga mudamtee booda mullatanii hinbeekan.

Dr Milkeessaa Midhagaan ammoo naannichatti Hogganaa Biiroo Bulchiinsaa i Itti-fayadama lafaa Oromiyaa irraa kaafamuun gara gorsaa Paartii Badhaadhina Oromiyaatti mudamuunsaanii ni yaadatam.

Obbo Lammaan attamiin siyaasa Itoophiyaa keessatti gurra horatan?
Obbo Lammaa Magarsaa umuriin nama ganna 45 yoo tahan bakki dhaloota isaanii Godina Wallagga Bahaa aanaa Sibuu Sireeti.

Haala barnootaa digrii jalqabaa mummee barnootaa 'Economics' yunivarsiitii Finfinnee, digirii lammaffaa 'international relation' yunivarsiitii Finfinneefi digirii sadaffaa 'peace and security' yunivarsiitii Finfinnee irraa argataniiru.

Obbo Lammaan komishinara Komishinii poolisii Oromiyaa, Hogganaa Biiroo Bulchiinsaaffi ageenya Oromiyaa fi Af-yaa'ii caffee Oromiyaa ta'uun hojjetaniiru.

Yeroo mormiin 2014-2018 bulchiinsa ADWUI irratti dhalatee jijjiiramni MM Abiy Ahmad gara aangootti fide ammoo Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Dura Ta'aa DHDUO/ODP ta'uun hojjechaa turan.

Yeroo ammaa kana garuu Ministiri Raayyaa Ittisa Biyyaa ta'uun tajaajilaa jiru.

Obbo Lammaa Magarsaa walitti baquu paartilee miseensa ADWUI (TPLF, ODP, ADPfi Paartii kan Naannoo KIbbaa) akka hin deeggarre kanaan dura af-gaaffii VOA waliin taasisan irratti ibsanii ture.

'Kun imaanaa uummattni nutti kenne nyaachuudha' jechuun ture yaada isaanii kan ibsan.

'Ida'amni Lammaa Magarsaa hir'ise ida'ama miti'
Jalqabaa eegaluun walitti baquu paartilee kan jedhu sanas mormaa akka turan himanii turan.

Haatahu malee Xiinxalaan siyaasaafi miseensa KFO kan tahan Obbo Jawaar Mahaammad erga biyyatti deebi'ee kompiitera qabsoo ittiin gaggeessaa ture jedhe Obbo Lammaaf kennee ture.

Obbo Lammaan kompiitera koos hin ganne wan gaarii ittiin hojjechaa jira jechuun gaaffii yeroo tokko Obbo Lammaan maaliif bade jechuun waltajjiirratti ka'eef deebisee ture.

Aadde Xayibaa Hasan ammoo dubbii jajjabduu 'gama ummataa goruun dubbattuun' yaadatu namoonni. Kanaaf ammoo fakkeenya yeroo kaasan, yeroo Kantiibaa magaalaa Shaashamannee turtetti qaamota nageenyaa mootummaa namoota mormiif bahanirraan miidhaa dhaqqabsiisan akka itti gaafataman taasistee turte.

Dr Milkeessaa Miidhagaa Hogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Itti-fayadama Lafaa Oromiyaa ta'uun hojjechaa kan turan yoo ta'u,"Dhimma paartii Badhaadhinaa irratti of-qusannaa (Reservation) qabda jechuun aangorraa na kaasan" jechuun Dr Milkeessaan BBC'tti himanii turan.

Dr Milkeessaan jijjiirama siyaasaa Itoophiyaa keessatti dhufe hordofuuni gara miseensummaa dhaaba biyya bulchaa jiruufi gara hoggansa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kan dhufan.

Waggoota lamaaf Hogganaa Biiroo Dhimma Dargaggoo fi Ispoortii akkasumas hogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Itti fayadama Lafaa Oromiyaa ta'anii hojjetaa erga turanii gorsaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti geeffaman.

30/06/2020

Sirna Gaggeessaa Goota Oromoo, Finfinnee irraa kallattiin

28/06/2020

Umatta affaan banssise siritii itii himmee

Jawar Mohammed Umatta affaan banssisufii Labsii Yeroo Ariifachiisaa MNO
28/06/2020

Jawar Mohammed Umatta affaan banssisufii Labsii Yeroo Ariifachiisaa MNO

Oduu Hatatama: Jawar Mohammed Umatta affaan banssisufii Labsii Yeroo Ariifachiisaa MNO 99,000 Views Hiriira Mormii Oromiya fii Labsii Yeroo Ariifachiisaa MNO...

19/06/2020

“Ijiipti filannoon itti fayyadama laga Abbayyaa irratti qabdu Itoophiyaa waliin tumsu qofa; mirgi Itiiyoophiyaa bishaan Abbayyaa irrattiqabduus, ,Ijiipti irraa kan hafee ta’u hin qabu” jedhan Yuunvaarsiitii Finfinneetti Barsisaa Saayinsii Siyaasaa fi Qunnamti Idil-Adduunyaa akkasumas qoorataa Dhimmaa Bishaan Abbayyaa kan ta’an Piroofeesar Yaaqob Arsaanoo.

Ijiiptiif furmaata biraa barbaaduun bu’aa hin qabu kan jedhan Piroofesaar Yaaqob, sanada ibsa qajeelfamaa akka lakkoofsa Awuurooppaa bara 2015 ragga’een alatti Itoophiyaa,Ijiiptis ta’e Sudaan walin wanti dirqisiisuu hin jiru jedhan.

“bishaan Abbayyaa irratti mirgi Itiiyoophiyaa,Ijiipti irraa kan hafee ta’u hin qabu, kun yoo ta’e immoo Itiiyoophiyaan mirga abba qabeenyummaa ishees hin argattuu jechuudha” jedhan.
Ka’umsi Laga Abbayyaa Itoophiyaa waan ta’ef gara
fulduraattis itti fufa kan jedhan Piroofeesar Yaaqob, qabeenya daangaa ce’uu waan ta’ef waligalteedhaan bishaanichatti fayyadamuun ni danda’ama, garuu immoo Ijiipti fedhii ishee humnaan nama irratti fe’u hin dandeessuu, waraanaanis hin ta’u jedhan akka pireesiin Itoophiyaa gabaaseetti.

Lammileen Itiiyoophiyaas fedhii dogooggoraa Ijiiptif jedhani qabeenyaa isaani dagatanii, mirgaa isaani itti hin fayyadaman jedhe hin yaadu kan jedhan piroofesaar Yaaqob, Ijiipti fedhii ishee guuttachuuf waraanaa meeqa gaggeessiti? yeroo meeqa loltis?waranaa ishee karaa nagaan kan kessummeessuu eenyuun argachuu dandeessi? jechuun ibsaniru.

Itiiyoophiyaa qofaa osoo hin ta’in biyyoonni laga Abbayyaa irraa fayyadaman,Ijiipti karaa nagaan hin keessummeessan ,yaadni waraanaa banuu dogooggoraa qofa osoo hin taane yaada yaadamuu hin qabnedhas jedhaniru.

19/06/2020

Weerara vaayirasii koroonaa ittisuuf deeggarsi Chaayinaan Afriikaaf taasisaa jirtuu cimee itti fufuu akka qabu Ministirri Dhimma Alaa Obbo Gadduu Andaargaachaw himan.

Obbo Gadduun waltajjii marii Chaayinaan qopheessite mat-dure ‘Iniisheetiivii daandii hidhannoo tokko idil addunyaa’ jedhu viidiyoo koonfaransiin gaggeeffameerratti hirmaataniiru.

Mariin kunis kan xiyyeeffatuuu miidhaa weerarri vaayiraasii koroonaa biyyoota guddachaa jiran irraan ga’u karaa ittisuu danda’amu irratti akka ta’ee Obbo Gadduun himaniru.

Weerara vaayiraasii koroonaa ittisuuf deeggarsi Chaayinaan biyyoota Afriikaaf taasisaa jirtu hariiroo Chaayinaafi Afriikaa kan cimsuu ta’uu himan.

Hojii Itoophiyaan weerara vaayrasii Koroonaa ittisuu hojjeechaa jirtuu keessatti deeggarsi mootummaa Chaayinaa fi abbootiin qabeenyaa biyyatti deeggarsa Itoophiyaaf taasisaa jiraniif Obbo Gadduun galateeffataniiru jedha TOI.

Waltajjii marii kanarratti Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Waay, Daayreektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teedroos Adihaanoom, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutaareez fi dhaabbilee Idil Addunyaa garagaraa irratti hirmaataniru.

19/06/2020

Sirna awaalchaa nama qaamolee mootummaa harkatti lubbun isaa darbe jedhamee ka Saadiq Haaji Ibiroo irratti Sanbata dabre kana mormii ka’een daandiin guddichi Baalee Roobee irra gama Shaashamnee fi Adaamaa geessu Diinshoo irrati cufamee turuu isaa ibsame.

Yeroo hidhichi guutamu irratti Itoophiyaan ejjennoo ishee jijjiiruu hin qabdu'****************************************It...
19/06/2020

Yeroo hidhichi guutamu irratti Itoophiyaan ejjennoo ishee jijjiiruu hin qabdu'
****************************************
Itoophiyaafi Masiriin haala amma jiruun dhimma hidha guddicha Abbayyaa irratti waliigaluun baay'ee ulfaataa tahuu danda'a jedhan Yuunvarsiitii Finfinnee kolleejjii Saayinsii Hawwaasaatti Dhaabbata qorannoo Afrikaa keessa kan hojjatan pirofeesar Tesfaayee Taaffasaa.

Itoophiyan hidha Abbayyaa waggoota shan keessatti guuttee xumuruu barbaaddi. Haa tahu malee kun marii jalqabaa irraa eegalee hanga ammaatti Masiriif hin fudhatamne.

Itoophiyaan karoora baaste kana dhiistee yaada Masirii fudhannaan dhaloota itti aanullee gatii kaffalchiisuu kan danda'udha jedhu Pirofeser Tasfayeen.

Ejennoon Masirii hidhi kun suuta suuta waggoota 11- 21 gidduutti guutamuu qaba kan jedhuufi yeroo gogiinsi uumamu ammoo bishaanuma kuufamee jiru irraallee Itoophiyaan akka gadi dhiistu kan jedhudha.

Pirofeser Tasfaayeen kun birmadummaa Itoophiyaan akka biyyaatti qabdu akka tuquuti dha jedhu.

Goginsa yeroo gabaabaas tahe yeroo dheeraa waan uumamaan mudachuu danda'udha malee waan Itoophiyaan Masiriitti fiddu miti jedhanii, kanaaf dhimma Itoophiyaan rakkina isaanii baattuufiif hin qabdu jedhan.

19/06/2020

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaaroota imaltootaa harka 90 ta'u hojiirraa dhaabee jira. Ta'us Daandilee Qilleensaa gurguddoo Addunyaa kanaa mudate isa hin mudanne. Kuni akkamiin ta'e?

Obbo Tawaldee Gambramaariyaam, Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa ni ibsu.

19/06/2020

Hiriira Mormii Oromiya, Haroomayaa fii naanawa shee fii Labsii Yeroo Ariifachiisafi

18/06/2020

KFOn yaada ABO-rraa adda tahe hin qabu.
--
Gaaffifii Deebii Jawar_Mohammed amma LTV irratti Afaan Amaaratiin godhe keessaa qaphxiilee muraasa hiikkamanii fudhataman.
[Waa'ee humna riphee lolaa irratti.]
-Namoonnii mootummaa keessa jiran jalqaba irratti deeggarsa ummataafi harka walitti dhahiinsa guddaa qaban turan waan ta'eef waa'ee riphee lolaa salphisanii ilaalaa turaniiru. Riphee lolaan akka qaanqeti. Yoo dhooftu faca'ee baay'ata.
- Riphee lolaan kun akka hin galle warri godhan isaan sababeeffatanii dhaabbilee siyaasaa akka ABO filannoo keessaa dhiibuuf, namoota mootummaa mormaniifi qeeqan ittiin ukkaamsuuf, hidhuufi dhiittaa mirga namoomaa ittiin geessisuuf nu gargaara jedhanii waan yaadaniifi
-Biyya tana caalaa rakkoo siyaasaa qawweedhaan furuuf kan yaale waan jiru hin se'u. Bara Mooticha H/Sillaasee dhimma Ertiraa humnaan furuuf yaalamee ture, waggaa 30f lolli dhiiga lolaase gaggeeffamee ture. Dhumarratti Ertiraan Walabummaa ishee argachuun hin oolle.
Kana booda Oromiyaa humnaanan bulcha kan jedhu yoo jiraate maraataa qofa. hin danda'amu. xiinsammuudhaanis tahee gama dandeettii sirna dadhabsiisufii jilbiinfachiisuutin hawaasa muxannoo qabuudha; fuulduraafis qophiidha.
Amma taayitaarra kan jiru qaama jijjiirramaa osoo hin taane qaama farra jijjiirramaati. Dura humna jijjiirramaa kan jedhaman hidhamtoota siyaasaa kumaatamaan waan gadi dhiisaniifi ajjeesun moo'amuudha waan jedhaniifi. Amma deebisanii yoo hidhaniifii ajjeessan humna jijjiirramaa osoo hin taane farra jijjiirramaa tahu jechaadha.
Gaaffiin Oromoo waggaa 2 dura ce'umsa dimokiraasii ture. Amma duubatti deebinee gaaffii lubbuun jiraachuu ta'ee jira. Ifaan Baajajii keetii maaf natti ife jedhanii yoo kan nama ajjeesan tahe, ilmi kee fincile jedhanii yoo maanguddoo ajjeesan tahe gaaffilee biraa gaaffii secondary tahu.
Kanarraa kan hafe gaaffiin Oromoo sadi.
1. Qe'ee ofiititti ofiin of bulchuudha. Eenyummaasaa, aadaasaa, seenaasaa guddifachuu fedha.
2. Gaaffii diinagdeeti.
3. Bakka bu'oota inni filateen qofa buluu.
H/Sillaasee qabsoo Oromoo gatachiisuf qabsaa'ota heddu hidhe, booda isatu bade malee qabsoon Oromoo hin badne. Dargiinis karaa wal fakkaatuun nama heddu cafaccafe, heddu kolaase, garuu adaduma dhiigni dhangala'uun dhiigni keenya danfaa dhaloonni biroo bakka bu'e. Ihadegis akkasuma dhiibbeentaa 90 ol qabsoo Oromoo balleessuuf xaare. Hin dandeenne. Nutu marge. Dhiiga Baaroo tumsaa irratti biqille. Nuti dhiiga Jamaal Roobaleefi Nadhii gammadaa irratti biqille. Ammas qabsoo Oromoo nan kolaasa kan jedhu yoo jiraate ofiif kola'a. Qabsoo ummataatis ittuu finiinsa.
Dhiigni coba takkaatiis jiguu hin qabu, namni tokkos du'uu hin qabu. Garuu, ummata saamaa, fedhii isaatiin ala humnaan bulchaa ittan fufa kan jedhu yoo jiraate wareegamni barbaachisu hundi kaffalamee mirgi ummataa ni kabajama.
Aartistiin Oromoo ajjeefamaa, saamamaa, dhiibamaa waa'ee jaalalaa sirbi osoo jetteenii sagaleenuu hin bahuuf.
Fincilli ummataa kan finiine bara diinagdeen biyya kanaa saffisaan guddina agarsiise keessa ture. Ummanni garaa dura bilisummaa dursa waan taheef fincile.
Dhaloota kana waa'ee qabsoo dabballeen barsiisuu hin dandeessu. Dhiigarratti biqile; seenaa tolchee beeka; diinagdeestolchee beeka; Cunqursaatu dhalche.
Hoggansi haaraan kun qeerroon bituuf yaalii gochaa turan; hin danda'amne. Kun Dhaloota chirchaaroon of gurguruu heduu miti.
Kaayyoon KFO mirga ummata Oromoo Federaaliziimii Itoophiyaa jalatti kabachiisudha.
KFO'n yaada ummata Oromoorraa adda tahe hin qabu.
KFOn yaada ABO-rraa adda tahe hin qabu. Maaliyaa garagaraa uffannus kaayyoo tokkoof taphanna.

14/06/2020

''Oromoo fardaan dabaale, sabakoo fardaan dabaale''

Waleewwan kanneeniifi kana hedduu kan weelliste weellistuu Haloo Daawwe dhibamuu ishee himte.

"Afaan Oromoo kuni Raadiyoo cabsa jedhu, animmoo mee akkuma inni cabsun ilaala jedheetan sirbatti seenee keessatti guddadhe,'' kan jettu Haloon erga ishee dhukkube bubbuluu himti.

''Eegiin na dhukkubuu eegalee gara amata 10 nitaha. Amata shanii ol ammoo haalan waan natti cimeef waan hunda dhiiseen ciisaa jira.''

Yeroo ammaa kanattis deeggarsa maatii isheetiin alatti yaalaafuu gargaarsa akka hin qabne himti.

Atakaaroon mootummaa federaalaafi naannoo Tigiraay ittuma fufee jira****************************************************...
14/06/2020

Atakaaroon mootummaa federaalaafi naannoo Tigiraay ittuma fufee jira
****************************************************************
Mootummaan naannoo Tigiraay filannoo baatii muraasaan booda akka gaggeeffatu murteesseera.
Ejjennoon mootummaa Tigiraay filannoo yeroo kaa'ametti gaggeessuu dhabuun 'Heera mootummaa cabsuudha' kan jedhudha.
Kana malees mootummaan federaalaa sababa koronaavaayirasiin qabatee seeraan ala aangoo dheerafachaa jira jechuun himataa jira naannoo Tigiraay.
Akka Heera mootummaatti ammoo aangoo filannoo gaggeessuun kan kennameef Boordii Filannoo kan biyyaalessaa qofaaf.

Kanarraa ka'uun ammoo aanga'oonni mootummaa federaalaa TPLFn akeekkachiisaa jiru.

Obbo Dinquu Dayyaasaa dureessota Oromoo muraasa qabeenya olaanaa horataniifi biiznasiidhaan milkaa'aan keessaa tokkodha....
14/06/2020

Obbo Dinquu Dayyaasaa dureessota Oromoo muraasa qabeenya olaanaa horataniifi biiznasiidhaan milkaa'aan keessaa tokkodha.

Yunivarsiitii, hoteela, hospitaala, akkasumas biznasiiwwan garaa garaa irratti hirmaataniiru.

Haa ta’u malee, erga tibbanaa maqaan isaanii bitaa fi mirgaan ka’aa jira.

Keessumaa rizoortiin Soodaree bara 2003 bitan sababa waldhabdee mootummaa, qonnaan bultootaa fi rizoorticha gidduu uumameen erga cufamee baatiin sadii ta’eera.

Hojjetaanis dhaqee hojjetaa hin jiru. Kanneen fayyadamuu barbaadanis fayyadamaa hin jirani.

Qonnaan bulaan dubbifne ‘’erga riizoortiin kuni dhuunfaatti gurguramee amma marsaa sadaffaaf lafti keenya dhiibamaa jira" jedhu.

Godinni Shawaa Bahaa immoo ‘qonnaan bulaas buqqise, mootummaas galii dhoowwate’ jedha.

Dhaabbatichi garuu himannaa kana hin fudhatu. ’Akeekkachiisa tokko malee nurratti saamsanii’ jedhu gorsaan seeraa Obbo Dinquu Dayyaasaa.

13/06/2020

Gochaa Sukaneesa Poliissii Oromiya Hiriira Mormii Oromiya fii Labsii Yeroo Ariifachiisafi

Address

Tulluu Finfinnee
Finfinnee

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tulluu Finfinnee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Tulluu Finfinnee:

Videos

Share


Other News & Media Websites in Finfinnee

Show All

You may also like