Walabu Media

Walabu Media Dantaa fi dhugaa Oromoo! www.walabumedia.com Oduu/Odeeffannoo/Yaada waaytawaa. Humneessuu. Focus on Oromia/Ethiopia. Nu hordofaa.

12/04/2024

Akka gabaasaa fi qorannoo cimaa miidiyaan guddaan Addunyaa taasisetti miseensonni fi hoggantoonni "Koree Nageenya" Oromiyaa:-
1) Obbo Shimallis Abdiisaa
2) Obbo Fiqaaduu Tasammaa
3) Obbo Araarsaa Mardaasaa fi
4) PM Abiyyi Ahmad ta'uu ifoomsee jira.

Koree kanatu tarkaanfii Oromiyatti namarratti fudhatamuu kamuu: eenyurratti, akkamitti, yoomiif eessatti jechuun murteessan jedhe.

Jaal Batteen rasaasa 11'n ajjeefamuu ragaan ogeessota fayyaa ifoomse. Rasaasa 6 mataasaa qofatti fi rasaasa 5/6 ta'u qaa...
11/04/2024

Jaal Batteen rasaasa 11'n ajjeefamuu ragaan ogeessota fayyaa ifoomse.

Rasaasa 6 mataasaa qofatti fi rasaasa 5/6 ta'u qaama isaa iddoo adda addaatti roobamee ajjeefame. Worri sammuu, hayyummaa fi dandeettii isaa sodaate rasaasa 6 matatti roobsee balleessuu filate. Maal gara jabeenyi hammana gahu? Akka uffataatti rasaasaan erga mataa fi qaama isaa tarsaasanii booda akka woraabessi nyaatu iddoo balfaa fi raqni du'aa bineensotaa itti gatamutti gatan. Ayii yaa Battee, yaa carraa Oromoo. Dhugaa fi reeffi isaa hin badu waaqni/rabbiin jedhe Oromoota dhokatanii dhimmicha/taatee sana hordofan taasiseef. Woraanni mootummaa patrol irra jiru 4 fi namni 2 keessa taa'aanii ajaja kennaa turuu namoota naannoorraa maatiin ragaa argachuu fi reeffi isaa woraabessa irraa sababa namoota kanaa hafuu obboleessi isaa OMN tti hime.

Bineensi afaan beeku nyaatee bineensi afaan hin beekne xinnaatu reeffa isaa awwaalchaaf hambise. Oromoon diina afaan isaa hin beekne buqqisee woraabessa afaan beeku jelatti kufe.

Sirni awwaalcha hayyuu, goota, qaroo sabaa fi qabsaa'aa gameessa Oromoo jaal Battee Urgeessaa bakka dhaloota isaanii mag...
11/04/2024

Sirni awwaalcha hayyuu, goota, qaroo sabaa fi qabsaa'aa gameessa Oromoo jaal Battee Urgeessaa bakka dhaloota isaanii magaalaa Maqiitti raawwatamuuf jira. Dhugaa fi dhiigni obbo Battee akkasumas Oromoota dabaan ajjeefamnii gaafa rabbi jedhe ni baha. RIP!

"Isaan 'Tigree irra seexana nuuf woyya' jedhan wajji jiraachuu tasa hin danda'amu" Abbaa Marihaakiristoos, abbaa amantaa...
25/05/2023

"Isaan 'Tigree irra seexana nuuf woyya' jedhan wajji jiraachuu tasa hin danda'amu" Abbaa Marihaakiristoos, abbaa amantaa n/Tigraay.

02/05/2023

ከወንጌል ውጪ ሌላ ነገር ጠቅሦ የማያውቅ ድያቆን (ሀብታሙ አያሌው) ነው 1ኛ ፓለቲካ ተንታኝ (የአማራ መሪ) የሆናው። ይህን ደረጃ የጥላቻ፣ የውሸት እና የሀሰት መረጃ ስነ መለኮትን ካጠኑ ሰዎች ማየት በጣም ያሳዝናል።
Diyaaqoonii Wongeela malee kitaaba biraa quba hin qabnetu xiinxallaa siyaasaa ta'ee as baye. Namoota kitaaba Wongeela baratan irraa jibbaa, kijiba, ololaa fi shira sadarkaa kanaa arguun raajiidhuma.

Saree maraatte haadatti deebisuun tarkaanfii sirriiti.  funaanuun cimee itti fufuu qaba.
30/04/2023

Saree maraatte haadatti deebisuun tarkaanfii sirriiti.
funaanuun cimee itti fufuu qaba.

Hojiin MN Oromiyaa gufuu tarreessuu, rakkoo heddummeessuu qofa ta'e.Odoo isaan jiran loon miliyoonni meeqa dhume, ummann...
11/03/2023

Hojiin MN Oromiyaa gufuu tarreessuu, rakkoo heddummeessuu qofa ta'e.
Odoo isaan jiran loon miliyoonni meeqa dhume, ummanni miliyoonni heddu beelaaf saaxilame.
Dirqamni ummata beelaye dhaqqabuu jalqabatti kan mootummaa ta'ee odoo jiru, rakkoon toohannaan ala bayuu eegallaan, mootummaas eeganii dhabnaan, Oromoon keessaafi alaa birmachuu, faranjiinis hirmaachuu eegalan. Amma, saba hin jirre tarreessuudhaan, tattaafii ummata beelaye du'a irraa hanbisuuf godhamutti gufuu ta'uuf ibsa baasan. Hojiin hin jiru. Ibsa baasutti garuu 1ffaa. Sila fayyaa qabuu?

“Waantan dubbachuu qabu qofa dubbadhee, akkan bilisummaan biyya kana keessa jiraadhu qofa akka naaf hayyamtanin fedha!” ...
17/02/2023

“Waantan dubbachuu qabu qofa dubbadhee, akkan bilisummaan biyya kana keessa jiraadhu qofa akka naaf hayyamtanin fedha!”
Abbaa Zeenaa Maarqoos.

''Dubbii ‘sangaatu dhale’ jedhu hin dhaga’iinaa. Wanti duuba deebi’es, dhiifamni gaafannes hin jiru. Utuu ta’ees warra s...
11/02/2023

''Dubbii ‘sangaatu dhale’ jedhu hin dhaga’iinaa. Wanti duuba deebi’es, dhiifamni gaafannes hin jiru. Utuu ta’ees warra sababa malee nu abaaran, warra macaafa mana amantaarrattillee utuu hin hafiin saba guddaa kana arrabsan…isaantu nus, saba keenyas dhiifama gaafachuu qaba malee nu miti.
Hojiin jalqabne si’achi cimee itti fufa.”

Abuuna Saawiroos.

Nama hojiin isaa qofti dubbatu. Gara laafessa abbaa Oromoo hundaa jechuun beekkamu Abdataan/Muraad tajaajila   kennuu ee...
11/02/2023

Nama hojiin isaa qofti dubbatu. Gara laafessa abbaa Oromoo hundaa jechuun beekkamu Abdataan/Muraad tajaajila kennuu eegalee jira. Kun jajjabeeffamuu qaba.

10/02/2023

Erga Abiyyi aangotti dhufe wanti naf #$$nyaan qajeelatti hubatte tokko wacaa fi daaraa kaasuun Abiyyiin fincaan kan fixachiisu ta'uu isaati. Sodaa waca isaanii Abiyyi waan Oromoo gaddisiisu, dantaa Oromoo dabarsee laatu heddu dalagaa asgaye.
Marsaa kanas waca isaanii sodaatee abbootii amantaa konkolaataa farrootaa jalatti darbe taanaan, Abiyyi dogoggora seenaan hin daganne biraa akka hojjatetti laakkawama.
Abiyyi tarkaanfii taaktikaa fudhanne waan jedhuun as bayuu malu. Kuni gowwoomsaa barame ta'uu mala.

09/02/2023

Namni amantaa keessan hin hordofinaa jedhe jiraa?
Amantaa kamuu keessatti sheekkonni yoo waldhaban masjiida gargar qoodachuun, paastaroonni pheenxee garee (church) addaddaa uumachuun Itoophiyaa fi addunyaa kamuu irratti waan barame. Inni Abbaa Saawiroosis kanuma.
Jarreen fonqolchaaf didissaaru. Diraamaa kun hundi yaalii mootummaa abbootii isaanii deebisuuti. Garuu wacni isaanii booyicha Dilbataa bira waan ce'u hin fakkaatu. Lubbuun hiyyeessaa fi fayyaalessaa nama gaddisiisti garuu.

09/02/2023

Wacaa fi shirri kun hundi ijoollee hiyyeessaa fi wayyaalaa lafarraa haamsisuuf.
Lubbuun waraana juntaa irraa hafte daandii Finfinnee irratti akka tiissisaa harca'uuf deemti.

Yuunivarsiitiin Islaamaa maqaa hayyuu amantii beekkamaa Sheek Adam Tuulaatiin magaalaa Hararitti akka hundaa'uuf har'a b...
09/02/2023

Yuunivarsiitiin Islaamaa maqaa hayyuu amantii beekkamaa Sheek Adam Tuulaatiin magaalaa Hararitti akka hundaa'uuf har'a bu'urri kaa'ame!.

08/02/2023

bataskaana Gabreelii keessaa shugguxii 18 guuran.
Durattuu bataskaanni naf@ #$nyaan dhuunfatte kuusaa meeshaa waraanaa Fa@ ta'uun isaa ifagalaadha.

Sochiin isaan itti jiran:1ffaa. Jibbiinsa Oromooti.2ffaa. Wixxifannaa sirna na$%3nyaa mataa Itoophiyaa irratti fe'uuti. ...
08/02/2023

Sochiin isaan itti jiran:
1ffaa. Jibbiinsa Oromooti.
2ffaa. Wixxifannaa sirna na$%3nyaa mataa Itoophiyaa irratti fe'uuti.
Oromoon isin jalaa fagaateera. Gadaan teessan axee HS irratti xumuramtee hirmii teessan baafadhaa!

08/02/2023

በቴክኖሎጂ/21ኛ ክዘ ሰዎች እንኳን "የአንተን ቋንቋ አላቅም" ማለት በሚያፍሩበት ዘመን "አምላክ አፋን ኦሮሞ አይሰማም" ብለው ከማሳደብ በላይ ግብዝነት የለም። No2 Apartheid

Ummatni/sabni bilisummaan maal akka taate dhandhamee arge; iddoo gabrummaan jirtu tasa hin dhaabbatu. Tagaruun galatooma...
08/02/2023

Ummatni/sabni bilisummaan maal akka taate dhandhamee arge; iddoo gabrummaan jirtu tasa hin dhaabbatu. Tagaruun galatoomaa!

08/02/2023

Abbatu of kabajsiisa.
Sochii hanga ammaa godhameen phaaphaasonni kana dura Wallagga, Shawaa fi Arsitti Afaan Oromoon qaddasuu fi lallabuu mitii Afaan Oromoon ummata naga gaafachuuf hin uggine amma Gadaamii Finfinnee Kiiloo 4 jiru keessatti odoo hin hafin Afaan Oromoon lallabuu eegalanii jiru.

Abbatu of kabajsiisa.

Seenaan abbootii isaan deebisuu fedhantu kana. -----Bara 1974tti Muslimoonni Itoophiyaa Muslimni akka lammii biyya kanaa...
07/02/2023

Seenaan abbootii isaan deebisuu fedhantu kana.
-----
Bara 1974tti Muslimoonni Itoophiyaa Muslimni akka lammii biyya kanaatti haa ilaallamu, ayyaanni iidaas akka ayyaana biyyoolessaatti nuuf haa fudhatamu gaafii jedhu dhiyeessuuf hiriira bayan. Bataskaanni Ortodoksii waan kana mormuudhaan xalayaa galchite, gaafiin Muslimaa akka deebii hin arganneef dhiibbaa godhaa turte.
Qabxiin mormii isaanii …gaafiin Muslimootaa gulantaa amantaan Kiristaanaa biyya kana keessatti qabdu ni xiqqeeessa, tokkummaa biyyattiis balaa irra buusa …isa jedhu.
Gaafii ummataa afoo dhaabachuun, roorrisaa fi cunqursaa jiraachuun isaaniif haarawaa miti.

06/02/2023

Abdiin jarri qabdu, kan isiin ittiin Oromoo sodaachistu Finfinneedha. Finfinnee (FFN) waan harkaa qabnuuf mootummaa kana funyaan qabna yaada/abdii jedhu qabu.
Finfinnee keessatti laakkofsi Oromoo xiqqaachuun rakkoon isaa qe'ee ofii irraa dhabamuu qofa osoo hin taane ulee siyaasaa cimaa harka alagaa tursiisuudha. Kun hardhaafis ta'ee hegereef Oromoof rakkoodha. Hanga laakkofsi Oromoo FFN keessatti xiqqaa ta'etti, FFNn maandhee alagaa akka taatetti turti.
Tooftaan yeroo gabaabaa FFN itti marsuudhaan hafuura isaanii gabaabsuudha. Tooftaan yeroo dheeraa laakkofsa Oromoo FFN keessa jiraatuu ol kaasuudha. Kun karaa hedduu fi akka salphatti ni dhugooma. Garuu qaama onnee fi Oromummaa qabu barbaada.

06/02/2023

ጫልቱ መስቀል ጨበጠች
ጫንያለች ሀገር በጠበጠች

Isa Salamoon irraa fooyya'ee kan dhiyaate.

Amantaanis yoo eenyummaa (afaanii fi duudhaa) ummataan walsime bareeda.Waaqni na waaqeffachuuf afaanii fi eenyummaa kees...
05/02/2023

Amantaanis yoo eenyummaa (afaanii fi duudhaa) ummataan walsime bareeda.
Waaqni na waaqeffachuuf afaanii fi eenyummaa keessan baasaa gataa hin jenne.
Warra afaan, eenyummaa fi siyaasa isaanii Oromoo irratti fe'uu baretu afaanii fi duudhaa keenna xireeffata.
Afaan Oromoo dubbataa, Afaan Oromoon kadhataa, saba ofiis jaalataa Muslimaa fi Kiristaana ta'uun ni danda'ama.

   Ummanni waan isaaf ta'u beeka.Natu siif beekaan tuffiidha.Qe'ee Oromoo irratti kan murteessu Oromoodha. Hadhaayus dhu...
04/02/2023


Ummanni waan isaaf ta'u beeka.
Natu siif beekaan tuffiidha.
Qe'ee Oromoo irratti kan murteessu Oromoodha. Hadhaayus dhugaa kana fudhachuun dirqama.

 Simannaa Abuuna Phaawiloos, Phaaphaasii  .Afaan ofiitiin waaqeffachuuf hayyama waaqa afaanicha uumee malee hayyama qaam...
04/02/2023


Simannaa Abuuna Phaawiloos, Phaaphaasii .

Afaan ofiitiin waaqeffachuuf hayyama waaqa afaanicha uumee malee hayyama qaama biraa hin barbaachisu.

Isa araaramuu: wayyaalaanis erga ilkaan walcabsitee, mataa walburuqsitee booda numa araaramti.Ciminaa fi beekumsi, hayyu...
27/12/2022

Isa araaramuu: wayyaalaanis erga ilkaan walcabsitee, mataa walburuqsitee booda numa araaramti.

Ciminaa fi beekumsi, hayyummaa fi hooggansi garuu waraanaa fi diigumsa hir'isuu, qabeenyaa fi lubbuu ibiddi gubuu irraa hanbisuudha.

21/12/2022

Finfinneen magaalaa guddittii Oromiyaatiin ofgowwoomsaa OPDO/PPn ganna 30f itti turte. Yaa magaalaa guddittii! Magaalaa guddittii OPDO keessatti garuu:
-Oromoon afaan isaatiin barachuun
-Afaan isaatiin hojjachuu fi tajaajila yaalaa argachuun
-Alaabaa Oromiyaa baasee naannoo isaa faarfachuun HARAAMA ta'e. Qe'ee isaatti. DC fi Minnesotatti Afaan Oromoo Finfinnee caalaa kabajaa qaba.
Hanga tarii boru abbaaf deebitutti, hardhaaf Finfinneen tan naf*n*aati. Dhugaan hadhooftuun tanaa liqimsaa.

Hanga yeroo dhiyootti Ameerikaa abaaraa fi abaarsisaa ture.Amma akka itti kadhatan, akka itti harka qabatan ilaalaa.Kadh...
14/12/2022

Hanga yeroo dhiyootti Ameerikaa abaaraa fi abaarsisaa ture.
Amma akka itti kadhatan, akka itti harka qabatan ilaalaa.
Kadhattuu fi jalafiigduun akka Itoophiyaa hin jirtu.

Address

Finfinnee

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Walabu Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Walabu Media:

Videos

Share


Other News & Media Websites in Finfinnee

Show All

You may also like