Barumsa Jam'atul Kheyrii.

Barumsa Jam'atul Kheyrii. "π™ˆπ™ͺπ™¨π™‘π™žπ™’π™£π™ž π™€π™—π™—π™€π™‘π™šπ™šπ™¨π™¨π™– 𝙒π™ͺπ™¨π™‘π™žπ™’π™–π™–π™©π™ž"π™…π™šπ™™π™π™–π™£ 𝙍𝙖𝙨π™ͺπ™ͺπ™‘π™‘π™ž ο·Ί
(8)

Ψ§Ω„Ψ³Ω„Ψ§Ω… ΨΉΩ„ΩŠΩƒΩ… ΩˆΨ±Ψ­Ω…Ψ© Ψ§Ω„Ω„Ω‡ ΩˆΨ¨Ψ±ΩƒΨ§ΨͺΩ‡ Yaa jamaa'a
17/10/2024

Ψ§Ω„Ψ³Ω„Ψ§Ω… ΨΉΩ„ΩŠΩƒΩ… ΩˆΨ±Ψ­Ω…Ψ© Ψ§Ω„Ω„Ω‡ ΩˆΨ¨Ψ±ΩƒΨ§ΨͺΩ‡
Yaa jamaa'a

Zinaa irraa waa hubachuu ni feetaa!!Dargaggoo tokkotu ergamaa rabbii (S.A W) akka zinaa godhu hayyama gaafate. Dargaggoo...
03/08/2024

Zinaa irraa waa hubachuu ni feetaa!!

Dargaggoo tokkotu ergamaa rabbii (S.A W) akka zinaa godhu hayyama gaafate.

Dargaggoon kun ergamaa rabbitti ol seenee jedheen

Yaa ergamaa rabbii (S.A.W )ani nama haalan bareedu dubartilleen haalan na jaalatti kanaafuu akka zinaa godhu naaf hayyama jedhee gaafate.

Ergamaan rabbillee nama obsa haalan qabu nama haalli isanillee haalan bareedati waan tahaniif itti hin aarre isallee hin aarsine.

Akkana jedhaniin

Ati akka namni haadha teetitti zinaa godhu ni feetaa? Jedhaniin

Innille lakki hin fedhu jedheen

Ammas akka Obboleettii teetitti namni zinaa dalagu ni feetaa? Jedhaniin

Innis lakki hin fedhu jedheen

Ammas akka namni jaartii teetitti zinaa godhu ni jaalattaa? Jedhaniin

Innis lakki yaa ergamaa rabbii (S.A.W) hin jaaladhu jedheen

Namni hundi akkuma kee kana hin fedhan beeki.
Namni ati zinaa itti hojjattu haadha, obboleetti, jaartii namaatii beeki. Jedhaniin

Innis yaa ergamaa rabbii (S.A.W )amma booda zinaa hin kajiiluu jedheen
Ergamaan rabbillee (S.A.W )du'aa'ii godhaniif

Innis akki jedhe yeroo dura ergamaa rabbitti (S.A.W) ol seenu namni akka kiyya zinaa godhuu jaalatu hin jiru amma garuu yeroo achirraa gad bahu namni akka kiyya zinaa godhuu jibbu hin jiru jedhe

Obboleeyyan koo kan islaamaa nama jaallattaniif share godhaa Jazaakumullaahu kheeyran.

Pages kana like godhuun nugargaaraa hiriyoota keessan affeeraa invite irratti ergaafii Jzk

πŸ’› Akka odeeffametti Luqmaanul Hakiim ilma isaatiin akkana je'e, "Yaa ilma kiyya! Wanni Sadii hin Beekamtu Nama Sadiirraa...
23/07/2024

πŸ’› Akka odeeffametti Luqmaanul Hakiim ilma isaatiin akkana je'e, "Yaa ilma kiyya! Wanni Sadii hin Beekamtu Nama Sadiirraa malee :

1. Namni Obsaan hin Beekamu bikka Dallansuu biratti malee.
2. Namni Jeyni hin Beekamu bikka Lolaa biratti malee.
3. Obboleessiniis hin Beekamu bikka Haajatti malee.

22/07/2024

"Dasiin Ija tiyyaa Salaata keessatti Naaf Godhamtee." Je'an Nabiin keenya ο·Ί

13/07/2024
07/07/2024

Seenaa Gaafa Nabi Addunyarraa Deemaniiti.
Ψ΅Ω„ΩˆΨ§Ψͺ ربي ΩˆΨ³Ω„Ψ§Ω…Ω‡ ΨΉΩ„ΩŠΩ‡

Guutuun sagantaa Har’a Galgala gadi dhiifama. Inshaa ALLAAH.

Hub: Sagantaan kun sagantaalee amma dura seenaa Makkaa fi Madiinaa irratti hojjatamaa ture isa xumuraati. Hanga gaafa sagantaa haarawa - Yoo haalli naaf mijate - walitti deebinutti kuni isa xumuraati.

Sagantaalee amma dura dabre keessatti
1- Seenaa Makkaa Gadaa Nabi Ibraahim irraa hanga dhalootaa Nabi Muhammaditti (Sallallaahu Aleyhi Wasallam)
2- Gadaa Sahaabotaa irraa hanga gadaa mootummaa Sa’uudiitti
-Seenaa Madiinaa Dhaloota Nabi Iisaa irraa hanga Hijraa Rasuulaatti (Sallallaahu Aleyhi Wasallam )
3- Seenaa Hijraa Makkarraa Hanga Madiinaa
4- Madiinaa fi Eddoo seenaa
5- Seenaa Masjida Nabiyyii (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) hanga Mootummaa Sa’uudiitti
6- Jaarmaya manneen Rasuulaa (Sallallaahu Aleyhi Wasallam)
7- Dhukkubsachuu Nabi Muhammad irraa (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) hanga gaafa isaan dabranitti
8- Akkaataa awwaalchaa fi gadda sahaabota mudateen xumure.

05/07/2024

Yoo Isinitti Tole Fedha Keessaniin Channel KhanaπŸ‘‰ https://t.me/hamzahassen1 Hiriyyoota Kheeysan Afeeraa Hedduu Nuuf Galatoomaa...πŸ™

05/07/2024

Anaa Rajulun... Sagalee Raayyaa Abbaa Maccaa
Godhaa Galatoomaa πŸ™

Baatiin Zulhijjaa Mul'attee jirtiBaatiin Zulhijjaa guyyaa harraa waan mul'atteef bor Jum'aa Zulhijjaa 1 ta'a. Haaluma ka...
06/06/2024

Baatiin Zulhijjaa Mul'attee jirti

Baatiin Zulhijjaa guyyaa harraa waan mul'atteef bor Jum'aa Zulhijjaa 1 ta'a. Haaluma kanaan harri xumura baatii Zul Qa'adaati.

Gama biraatiin Ayyaanni Iid al Adahaa kan bara kanaa gaafa zulhijjaa 10 ykn ammoo Alhadaa waxabajjii 9 bara 2016 irra oola

Asiin nu hordofaaπŸ‘‰https://t.me/hamzahassen1

Yaa namaa.....Yaa nama bara kanaaYaa nama yeroo ammaaIsa garaan summiidhaaIsa arrabni dammaaAkka sky saamunaaDubbii miic...
24/05/2024

Yaa namaa.....

Yaa nama bara kanaa
Yaa nama yeroo ammaa
Isa garaan summiidhaa
Isa arrabni dammaa

Akka sky saamunaa
Dubbii miicee addeessaa
Adii gurraacha godhee
Soba dhugaa fakkeessaa

Nama wallaalaa godhee
Beekaa ta'uu barbaadaa
Abjuun gamoo ijaaree
Arrabaan bishaan waadaa

Fuula keessa yoo laalan
Nama gaarii fakkaataa
Afaanin si sossobaa
Summii garaatti baataa

Akka saree maraattee
Bakka hundaa caraanaa
Fayyaa sirraa fudhatee
Summiidhan si waraanaa

Gubbarra laallan namaa
Garuu garaan abiddaa
Osoo fira koo jettuu
Bofa ta'ee si iddaa

Nama beekaa fakkaata
Gaafa laalan halaalaa
Itti dhihaattee barraan
Garuu innoo wallaalaa

Simboo qabeessa jettaan
Yogguu ilaaltu fuulaa
Beekumsi isaa zeeroo
Sammuu duwwaan of tuulaa

Kan biraa gowwaa godhee
Abshaala ta'uu fedhaa
Arrabasaa dheeressee
Araadaa ofiin jedhaa

Garuu araadaa miti
Qadaadaa ta'uu baraa
Arrabatu dheeratee
Beekkumsi isaa yaraa

Galgala fayyaan galee
Ganama dhibeen ba'a
Har'a leenca fakkaatee
Borummoo saree ta'aa

Qeerransa ta'ee aadee
Booyyee ta'ee caraanaa
Rasaasa ta'ee ba'ee
Eeboo ta'ee waraanaa

Suuta deemi siin jedhee
Ofii ammoo ni fiigaa
Harka mirgaan ijaaree
Harka bitaatin diigaa

Har'a qajeelaa ta'ee
Borummoo micciiramaa
Ejjannoo tokko hin qabu
Yoo torba jijjiiramaa

Dhugaa ukkamsuf jedhee
Wadaroo meeqa foo'aa
Gadda kan keetif kolfee
Gammachuu keetif boo'aa

Yaa nama garaa bukoo
Nama garaa udaanii
Yeroof qaalatti malee
Bar hin cittuu dhugaanii

Kan darbee fi kan dhufu
Kan gamasiif garanaa
Silas himamee hin dhumu
Waa'en nama baranaa

Anoo si taajjabeera
Kan biraas akkasumaa
Asiif achi utaaltef
Hin milkooftu tasumaa

Yaa nama yaa namanaa
Of ilaali dhaabbadhuu
Kaleessa fi dheengadda
Wanta goote yaadadhuu

Kan dhufuuf of sirreessi
Isa darberraaa barii
Dhiifama siin jedheera
Yoo natti aartes tarii

Yaada yoo qabaattan....


Walaloo biraa argachuuf
Join
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

21/05/2024

Falfala godhuudhaan lubbuu ofii miidhuu....
Dhaggeeffadhaa...!

YAA RABBI NUN SALPHISIN. HAALA DUNIYAA … !!β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’Abdallaah Bin Abbaas Akkan...
16/05/2024

YAA RABBI NUN SALPHISIN. HAALA DUNIYAA … !!
β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’

Abdallaah Bin Abbaas Akkana je'a: Guyyaa qiyaamaa
[Duniyaa] Suuraa jaartii dullattii fokkattuu kan bifti isii bulee tan ilkaan keysaa yaa'e, Tan akkaan ajooftu taatee nama irra fidamtee Ummataan "Isii tana beektuu sila ?" je'anii gaafatan, Ummanni wayta isii argu cufti namaatuu " -Beekuu dhiisaa- Isii barannee beekuu irraayyuu Rabbitti maganfanna " je'aniin,

Jarri akkas jennaan " Tuni baraa duniyaa irratti wal fixaa turtan sanii. . . Tan isii jecha fira keessan ofirraa kutaa turtan sanii. . . . Tan isiif jecha wal jibbitan. . . . Tan isiif jecha wal waanyitan. . . . Tan isii jecha wal daydan sanii. . ." je'aniin,

Erga ummanni guutuun saalfatee salphatee booda- duniyaa tana fuudhanii ibidda jahannamitti darban,

Wayta ibiddatti darban kana duniyaan lallabdee" Yaa Rabbii ! Hordoftootaaf saahibban kiyyaa eessa jiru ??" jettee gaafatti. . . . Boodaa Rabbiin maalikal mulki " Hordoftoota isiitiif saahibban isiillee -garaa jahannam keessatti - isitti dhaqqabsiisaa itti aansaa" je'aan. . .

Achumaan kan duraan duniyaa qalbiif qaamaan jala ori'aa turan cufti ibidda jahannamitti gadi naqama, !!

Allaahumma Sallim. . . Allaahumma Sallimnaa. . .

Namni duniyaa ija kanaan laale, Galaana duniyaa keessatti of hin darbu. . . . jiruun isaa bal'inaaf qananiidhaan tarte moo. . . .

Rakkinaaf cinqaan tartee dantaa takka ittin qabu. . kanaaf Nabiin Rabbii [S,A,W,] bilokkettii bilokkettii gubbaan hin kaa'ini. . .

Gamoo gamoo gubbaa hin tuulini. .

Wayta isii irraa gaafataman "Anaaf duniyaan maalitti wal geenya ? Ani addunyaa tana keysatti akka nama yaabbii yaabbatee osoo deemu gadi bu'ee gaaddisa takka jalatti qabbaneeffatee booda ka'ee dabreeti " je'an !!

Namni duniyaa qaamaaf qalbiin jala deemu akka nama bishaan soogiddaan bulbulame dhugeeti, Hogguma dhugaatii soogiddaa dabalatu duubaan dheebuu dabalata, !!

Yaa Rabbii ! Jaalala duniyaa qalbii nu guutte tana nu keessaa format godhii jaalala diinii itti nuu caani ,

Yaa Rabbii Nu sirreessi ,Addunyaa Aakiraas Nu milkeeysi.

Halkanoota dhiyeenyaa kana,naannoo biyya jirtanitti samii keessatti halluuwwan akkanaa argitanii laata ? Obomboleettii h...
14/05/2024

Halkanoota dhiyeenyaa kana,naannoo biyya jirtanitti samii keessatti halluuwwan akkanaa argitanii laata ?
Obomboleettii hamaa aduu irraa gara ardii bubbisetu qilleensa ardii bifa kanaan jijjiiraa jira jedhu. Waggoota 20 as taateen akkanaa addunyaa keenya akka hin mudatin Miidiyaaleen addunyaa gabaasaa jiru.

Haala kanaan itti bubbullaan Saatalaayitii fi Neetwokiin miidhamuun ni sodaatama jedhu.

Ijoolleen Faransaay fi naannawa san jirtan argitanii jirtuu? Yoo amma dura hin qalbisin mee galgala eddoo ifaan magaalaa haalaan hin isin hin jeeqnetti ol laalaa.

Subhaanallaah.

13/05/2024

Rabbiin Eessa Jira?
Deebii isaa qalbiin haa dhaggeeffannuu.

25/01/2024

Ilma Namaa Fayyaduu yoo hin Dandeenye, isaan hin Miidhin.

Address

Dire Dawa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Barumsa Jam'atul Kheyrii. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Barumsa Jam'atul Kheyrii.:

Videos

Share