23/01/2025
Ameerikaa Yuunivarsiitii University of MN Kolleejjii Libiraal Art Minisootaa keessatti Afaan Oromoo baratamuu eegale.
Jaarraa dheeraaf dhiibbaa bulchiinsa Itoophiyaa jalaa bahee kan hin beekne Afaan Oromoo, hanga har'aatti qe'ee isaa Oromiyaatti qoollifatamus Ameerikaa keessatti afaan barnootaa ta'uu isaa barsiisaa Baqqalaa Garbaa beeksise.
Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Minisootaa Kolleejjii Libiraal Aartis jedhamu kan Ameerikaa Kutaa bulchiinsa Minisootaa keessatti argamutti kaleessa Amajjii 22, 2025 barsiifamuu jalqabame.
Akka maddi odeeffannoo keenya fi jiraattoonni Oromo Diaspora Media himanitti, bakka eerame kanatti Obbo Baqqalaa Garbaa ammoo Barsiisaa jalqabaa gosa barnootaa Afaan Oromoo Yuunivarsiiticha keessatti kennaan ta'anii qacaramuu himani jiru.
Kolleejii Libraal Artis keessatti kan egalame sagantaan Afaan Oromoo sirna barnoota idilee yunivarsitichaa keessatti hammatamee barattoonni eebbaaf kireditii isaan barbaachisu keessatti akka lakkaayamuuf beekamee jira.
Akka obbo Baqqalaa Garbaa jedhanitti, barattoonni gosa barnootaa kana fudhachuuf galmaayan 25 yoo ta'an barattoonni 5 eeggattummaan galmaayani jiru jechuun yeroo jalqabaatiif Yuunivarsiitii biyya alaa keessatti Afaan Oromoo akka gosa barnootaa tokkotti kennamuu jalqabee jedhan.
Afaanichi Yuunivarsiitiiwwan addunyaa hedduu keessatti akka barsiifamuuf dhiibbaan bal'aan yeroo garagaraatti taasifamaa turuu kan yaadachiisan obbo Baqqalaa Garbaa, har'a milkaayee barattoota gosa barnootaa tokkoo Yuunivarsiiticha keessatti jalqabsiisuuf barbaachisan 25 yeroo jalqabaatiin argachuun barnoonni kennamuu jalqabee jedhan.
Dhimma kana ilaalchisuun miidiyaaleen habashaa akka naasuutti wal harkaa fuudhanii gabaasaa jiran.Kun hawwaasa Oromoo addunyaarra jiraatuuf milkaa'ina ta'uu eerameera. Odeeffannoo dabalataaf Oromo Diaspora Media Oromo Diaspora Media Eticha Gudeta Fufa Itichaa Guddataa