22/06/2024
Waa'ee kee barreessuuf
Yoon yaadellee hin quufu
Jabaan akka keetii kuni
Raqaaf du'aa hin suufu
Gama qabsoo aartiin
Situ nuuf fakkeenya
Ati har'as goota...
Boris goota keenya
Oromoof Oromiyaan
Kallattii hundattuu
Hunduu si yaadata
Gaanfuree guddattuu
Bahaa hanga lixaa
Kibbaa hanga kaabaa
Dhalli Oromoo marti
Siidaa kee siif dhaabaa
Ati goota dhugaati
Kan sabni itti boonu
Daandii dhugaat baaste
Xurree itti loonu
Qomni kee osoo geeraruu
Lapheen kee osoo sirbuu
Diinatti nu duulchistee
Nutti dhaamtee irbuu
Mana gumaataa malee
Mana gumaa akkan dhaqne
Nutti dhaamtee deemte
Kayyoorra akka hin maqne
Akkanaan kunoo...
Waada nutti dhaamte
In jirta osoo jennuu
Nu biraa dhabamte!
Garuu...
Hojiin kee jiraataadha
Ni mirgisa hin gu'uu
Alaabaa yaadannoo kee
In mirmirsina hin bu'uu
Siif Barra'aa waa'een kee
Seenaan kees kuulamee
Hin hafu hin xiqqeeffamuu
Kitaabaan tuulamee💯
Hin badu hin dulloomu
Hojiin ati hojjette
Faanni kee hin badu
Bakki ati ejjette
Akkuma ati jette
Seenaa rirmi in nyaataa?
Gootni akka keetii
Hojii isaan jiraata
Si ilaalee jajjaabaata
Dhalli boodaan dhufu
Ati dhiira jabaadha
Madaalli kee hin kufu
Laphee Oromoo keessa
In jiraatta boontee
Foonii fi dhiigaattuu
Lafee keenyaa seentee