waajira Bulchinsaa fi itti fayadama lafa Bulchinsa Magaala Ciroo

waajira Bulchinsaa fi  itti fayadama lafa Bulchinsa Magaala Ciroo This page is created on the behalf of achieving kadaster of Chiro Town

07/07/2024
Lafti Bu'uura Waan Hundaati!!~~~~Agarsiifni imala milkaa'ina hojii  BLO  guyyaa lammaffaaf itti fufiinsaan gaggeeffamaa ...
04/04/2024

Lafti Bu'uura Waan Hundaati!!
~~~~
Agarsiifni imala milkaa'ina hojii BLO guyyaa lammaffaaf itti fufiinsaan gaggeeffamaa olee jira.

Agarsiifni imala milkaa'ina Biiroo Lafaa Magaalaa Finfinnee Gidduugala Aadaa Oromootti guyyaa lammaffaaf itti fufiinsaan gaggeeffamee jira.

Agarsiisni imala Oromiyaa qindeessuummaa Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaatiin qophaa'ee kun Biiroon Lafa Oromiyaa haala sirni Bulchiinsi Lafaa kaleessa haala kamin hoogganamaa akka ture har'ammoo sadarkaa irra jiru daawwattootaaf hubannoo kan uumedha.

Gama biraan hawaasni siistama lafti itti bulaa jiru akka hubatu agarsiisichi carraa kan isaanif uume ta'uu daawwattoonni himaniiru.

Agarsiisichi lafti eessaa ka'ee yeroo ammaa sadarkaa teknolojiidhan hoogganamaa jiraachuu qabatamaan daawwattootaaf kan ifoomsedha.

Agarsiifni kun guyyaa 3'f kan itti fufu ta'a.

31/03/2024

Use Telebirr superapp you wiil rewarded 10 birr for 1 invite

የጭሮ ከተማና አከባቢው ነዋሪዎች ከተወካዮቻቸው ጋር ተወያዩ ---------------(ዜና ፓርላማ) የካቲት 24፣ 2016 ዓ.ም፤ በምዕራብ ሐረርጌ ዞን የጭሮ ከተማና አከባቢው ነዋሪዎች ከተወ...
04/03/2024

የጭሮ ከተማና አከባቢው ነዋሪዎች ከተወካዮቻቸው ጋር ተወያዩ
---------------
(ዜና ፓርላማ) የካቲት 24፣ 2016 ዓ.ም፤ በምዕራብ ሐረርጌ ዞን የጭሮ ከተማና አከባቢው ነዋሪዎች ከተወካዮቻቸው ጋር በተለያዩ ርዕሰ ጉዳዮች ላይ ተወያይተዋል።
የህዝብ ተወካዮች ምክር ቤት አባል የተከበሩ ወ/ሮ አዱኛ አህመድ ኡሶ ከጭሮ ከተማና ወረዳ ከተውጣጡ የተለያዩ ማህበረሰብ ተወካዮች ጋር ውይይት አድርገዋል።
ውይይቱ በፀጥታ፣ በማህበራዊ ፣ በኢኮኖሚያዊ፣ በመልካም አስተዳደርና በስራ እድል ፈጠራ እና መሰል ጉዳዮች ላይ ያተኮረ ነበር።
በውይይቱም በማህበራዊ ዘርፍ በትምህርትና በጤና ተደራሽነትና ጥራት፣ የፕሮጀክቶች አፈፃፀም ዙሪያ በተሰሩና ባልተሰሩ ተግባራት ላይ በግልጽ አስተያየት ተሰጥቷል ።
በተለይ ደግሞ የኑሮ ውድነቱን ለመቅረፍ መንግስት ለመሰረታዊ ፍጆታ የሚውሉትን ግብአቶች እንዲያቀርብላቸው ነዋሪዎቹ ጠይቀዋል።
በጭሮ ከተማና አካባቢው ለረጅም ዘመናት ሲጠየቁ የነበሩ የመሰረተ ልማት ስራዎች ምላሽ እንዲያገኙም የአከባቢው ነዋሪዎች ጠይቀዋል::
በዉይይት ወቅት ለተነሱ ጥያቄዎች የጭሮ ከተማ ከንቲባ አቶ መሀመድ ኡመር፣ የጭሮ ወረዳ አስተዳዳሪ አቶ ያሲን መሀመድ እና የጭሮ ወረዳ ጽፈት ቤት ሀላፊ የሆኑት አቶ አህመድ አብደላ መልስ ሰጥተውበታል።
በፌደራልና በክልል ደረጃ መመለስ ያለበትን ጥያቄም በሪፖርት ውስጥ በማካተት ለሚመለከተው አካል እንደሚያቀርቡም የተከበሩ ወ/ሮ አዱኛ ገልፀዋል።

"የአዲስ አበባ አዳዲስ መልኮች"''Fuula haaraa Finfinnee''The New faces of AddisAbaba
27/02/2024

"የአዲስ አበባ አዳዲስ መልኮች"

''Fuula haaraa Finfinnee''

The New faces of AddisAbaba

  Maali?~  odeeffannoo qabiyyee lafaa tokko tokkoon eessatti akka argamu, eenyuun akka qabame, yoom akka galmaa’e, maali...
20/02/2024

Maali?
~
odeeffannoo qabiyyee lafaa tokko tokkoon eessatti akka argamu, eenyuun akka qabame, yoom akka galmaa’e, maaliif akka galmaa’e, eenyuutu galmeesse? akkamiin qabame, hangam akka qabame galmeessee kan bulchuudha.

Rakkoo lafaaf lafaan wal-qabaatu karaa salphaa ta’een furuuf sirni kadaastaraa lafaa diriirsuun hojiirra oolchuun daran murteessaa fi dhimma filannoof hin dhiyaannee ta’uu nama hin gaaffachiisu.

Inisheetiivii bara kanaa keessaa inni ijoon Biiroon Lafa Oromiyaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiru sirna kaadaastara magaalaa fi baadiyyaa diriirisuun wabii abbaa qabiyyummaa uumuun badhaadhina maatii mirkaneessuudha.

wiirtuu ragaa lafaa amansiisaa, wayitawaafi nageenyi isaa eegamu akka danda'u gochuu, qisaasamaafi al-seerummaa lafaan walqabatu xiqqeessuufi misooma barbaadamu qofaaf akka oolu taasisuuf iddoo olaanaa qaba.

gabaa mirga qabiyyee lafaafi qabeenya dhaabbataa bu’aa qabeessa, waytaawafi madaalawaa ni taasisa. Bakka galmeessi ragaa lafaa amansiisaa hinjirretti dabarsi lafaa harkifataafi bu’aa maleessa ta’a; Bu’uuruma kanaan, galmeessa lafaa hojiirra oolchuun dabarsa lafaa amansiisaa, ariifataafi bu’a qabeessa taasisuuf hojjetamaa jira.

lafa irraa argamu ni dabala. Galmeessa lafaa mirkaneessuun, bu’uura gibiraa fooyyaa’e uumuu danda’a. Bu’aan kun gama isaatiin fayidaalee akka uwwisa gibiraa baldhisuun galii dabaluu, dhoksitoota gibiraa salphaatti adda baasuu, akkasumas kafaltoota gibiraafi lammilee gidduutti haqa uumuuf kan gargaaruudha.

liqii guddisuudha. Galmeessi mirgoota lafaa mirgoota biroo seerummaa goonfachiisa.
Abbootiin qabiyyee lafaa, qabeenya isaanii qabsiisanii liqii argachuuf akka amanamaan isaan dandeessisa.

Akka waliigalaatti, hojii kaadaastara Magaalaa fi Baadiyyaatti calqabame kana daran babal’isuuf rakkooleen bulchiinsa gaarii fi kenna tajaajilaa rakkoo haala qabiinsa ragaa Lafaa irraa maddu akka salphatu fi yaa’insi ragaa lafaa jaarmiyaaleen keenya Naannoo ha

Labsiin lafa baadiyaa Lakk.248 badhaadhina maatii caalmaatti kan mirkaneessudha.=====Labsiin Bulchiinsafi Itti Fayyadama...
20/02/2024

Labsiin lafa baadiyaa Lakk.248 badhaadhina maatii caalmaatti kan mirkaneessudha.
=====
Labsiin Bulchiinsafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa lakk.248/2015 irra deebiin bahee badhaadhina maatii mirkaneessuu keessatti iddoo olaanaa qaba.

Lafti bu’uura dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa waan ta’eef sadarkaa guddinni Naannichaa irra ga’eefi akkaataa qorqalbii yookiin aadaafi duudhaa uummata naannichaatiin wal simuun, haalli bulchiinsaafi itti fayyadama lafaa carraa misoomaa dhaloota dhufuu irratti dhiibbaa osoo hin dhaqqabsisiin akka raawwatamu taasisuu keessatti labsiin lakk.248/2015 shoora olanaa qaba.

Labsiin kun bulchiinsiifi itti fayyadamni lafaa qajeeltoo iftoomina, si’oomina, bu’aa qabeessummaa, hirmaachisummaafi itti gaafatamummaa karaa qabuun hoogganuun mirga abbaa qabiyyummaafi itti fayyadama lafaa qonnaan bulaa, horsisee bulaafi gamises horsisee bulaan lafa baadiyyaa irraa qabu Heeraan kennameef haala dhugoomsuun danda’amuu diriirsuuf kan ooludha.

Gama biraan mirgi abbaa qabiyyummaafi itti fayyadamaa lafaa qonnaan bulaan, horsisee bulaafi gamisa horsisee bulaan qabiyyee lafa isaanii irratti qaban irra caalaatti tarreessuufi haala mirgi kun ittiin argamu, darbuufi addaan citu karaa guutuufi iftoomina qabuun, akkasumas weerara lafaa karaa bu’a qabeessa ta’een ittisuun danda’amurratti kan xiyyeefatedha.

Hanqinaaleen seerota duraan turan keessatti gama mirgaafi dirqamaa, wabii itti fayyadama lafaa, wal diddaan itti hiikamuu, argannaafi dabarsa seeraan alaa ittisuu, bu’aa lafa seeraan ala qabame hordofsiisuu, darbinsa yeroofi bulchiinsa lafaa ilaalchisee turan sirreessuun karaa guutuu ta’een hojjirra ni oolcha.

Akkaata tumaa labsichaatiin jiruuf jireenya hawaasa keenyaa daran jijjiruu bira darbee lafti misooma ooluuf qabu akka oolu ni taasisa. waldiddaan itti hiikamu,mirgoota qonnaan bulaan, horsiisee bulaafi gamisa horsiisee bulaan qabiyyee lafa isaa irratti qabu, akkasumas sirna lafa karaa seeraan ala qabatamu ni ittisa.
Biiroon Lafa Oromiyaa jijjiirama akka biyyaatti dhufe hordofuun badhaadhina naannoo keenya akka dhugoomuu fi jireenya Qonnaa bulaafi Horsiisee bulaa fooyyeessuuf hojii bal’aa hojjetaa tureen bu’aa abdii guddaa namaaf kennu galmeessaa dhufee jira.

Biirichis sirna bulchiinsa lafaa ammayyaa fi wayitawwaa ta’e diriirsuun, misooma Lafa irrattii gaggeeffamu karaa itti fufinsaan qabuun tekinooloojiin hogganuu, fayyadamummaa hawwaasa naannichaa qixa barbaadameen mirkaneessuun kutannoo olaanaan hojjechaa jira.
Qonnan bulaa fi Horsiisee bulaan lafa isaarratti mirga abbaa qabiyyuummaa itti uumee tajaajila adda addaa gama hundaan akka argatu gochuuf xiyeeffannoo guddaa itti kennuun hojjechaa jira.

Inni kan biroo hojiirra oolmaa sirna kaadastaraa yoo ta’u, Sirni kadaastaraa hojirra oluun galii Magaalaa guddisuu cinatti al seerumma lafaa ittisuufi pilaanii magaalaa karaa seera qabeessa ta'een hogganamuu akka qabu dandeessiseera.

Akka Naannoo keenyaatti sirna bulchiinsa lafaa ammaayyaa diriirsuun lafti Baadiyyaa fi magaalaa naannichaa keessatti argamu gara sirna kadaastaraatti galchuun qabiinsa ragaa bifa ammaayyawwaa ta'een hogganaamu akka qabu ta'ee jira.
Hojii kadaastaraa kananis kenna tajaajilaa ammayyaa gochuufi qabiinsa ragan walqabate rakkoo bulchiinsa gaarii ture sirnan furuu dandaa’amee jira.

Walumaagalatti Labsiin Bulchiinsafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa lakk.248/2015 irra deebiin bahee badhaadhina maatii caalmaatti kan mirkaneessudha.

Kalaqaa fi ariitiin hojjechuun Sirna Bulchiinsa Lafaa Caalmaatti Ammaayyaa ( Smart Digital Land Governance) ni taasifna!!

Yeroo dhihoo boodaa  yeroo biiroo baatee  Paarkii magaalaa ciroo keessatti  Boqonnaa goteet  qilleensa Qulqulluu argatte...
20/02/2024

Yeroo dhihoo boodaa yeroo biiroo baatee Paarkii magaalaa ciroo keessatti Boqonnaa goteet qilleensa Qulqulluu argatte galtaa !!!.
Tumsa barbaachisuu immoo Har'aa godhuu qabda!!

28/11/2023
Calisi Naan Hin Jadhina, Akkamittinan Calisaa? Calisuufis jadhen Coraan koo na dadhabe Ariin Hiriba Naa dhorke bita mirg...
28/11/2023

Calisi Naan Hin Jadhina, Akkamittinan Calisaa? Calisuufis jadhen Coraan koo na dadhabe Ariin Hiriba Naa dhorke bita mirga gagaragalaa Bula, Haa dubattuka manattin kireefadhe keessa galuu, ufffffff
Maalif jannaan Mirga lubbun jiraachu kootu Mulqamee
Ijjoollen Suraan Isaani as gaditti argitan Kunin Bara 2014 tti Beeksisa Hojji BMC baase irratti Dorgomuun Dorgoomtoota turan kessaa Qabxi olaana fiduun Hoojji Mirakanessa Qabiyyee Lafa (KAADASTARA) Bulchinsa Magaala Ciroo waggota sadan darbaniif Haalkani fi Guyyaa , Haalkanis Waajiratti buluun Dalagaa turan.
Haa tahu Malee Waajjirri Lafa Magaala Ciroo Osumaa Hoojji Isaani Qixa sirrin dalagaa Jirani Nama Essa akka dhufee hin beekamne fiduun hoojji akka hin hojjanne Taasise
yaa sabaa Ijjollen kun bu’a bahi barnoota kuuta 1 irra haanga Univarsiti darbani as gaahani wagga sadif Muxanno isanin Umatta isaani tajaajila ossoo jirani, Akka Alagaatti yeroo darbaman Maal isinitti fakaata???.
Haaqa Hiyyessaa Rabbuma fi Mootumma Irra Egannaa.

26/11/2023

Check out Tegene Mesfin's video.

22/11/2023

AMALOOTA NAMOOTA SHIRA XAXANII
1. Ofii mul'achuuf si dhoksu.
2. Ofii mi'aahuuf si hadheessu.
3. Amanamoo of fakkeessuuf amanamummaa kee mormu.
4. Cimina kee dhoksanii dadhabina kee qofa odeessu.
5. Yeroo si bira jiran si jajanii, duuba kee immoo si hamatu.
6. Sababa tokko malee si jibbu.
7. Hammeenya kee qofa ol kaasani odeessu.
8. Akka nama waan hunda beekuutti of tilmaamuun, ana malee jedhu.
9. Wanta gaarii hojjetan hunda beekamtii argachuuf qofa hojjetu.
10. Dhiifama gochuus ta'e gaafachuun sodaa itti fakkaata.
🙏

Green Miniral of Hararge
22/10/2023

Green Miniral of Hararge

  Bulchiinsa Gaarii Daandii Keessa Keessaattin Waal qabatee  bara dheeraa komii Hawaasa Magaalaa ture bara kana Hiikuuf ...
22/10/2023

Bulchiinsa Gaarii Daandii Keessa Keessaattin Waal qabatee
bara dheeraa komii Hawaasa Magaalaa ture bara kana Hiikuuf Hojjachaa jiraachuu I/A Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Ciroo Obbo Asana Mohammed himaaniiru!
&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&
8/2/2016 Godina Harargee Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Ciroo tti Rakkoo Bulchiinsa Gaarii daandii Keessa Keessaattin Waal qabatee bara dheeraaf komii Hawaasa Araddoota
,Najabas fi Qillisoo bara kana Xiyyeeffannoon addaa itti kennamuun hojjatamaa jiraachuu Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaala Ciroo Obbo Asana Mohammed ibsaniiru.

Daandii Keessa Keessaa Hojjatamaa jiru kun Karaa Pilaanii Magaalaa eggateen Hojjatamaa jiru kana itti fufsiisuuf
Ijaarsa Seeraan alaa Pilaanii Magaalaa Falleessan irratti tarkaanfiin fudhachaa jirru Cimee itti fufaa jedha /G Waajjira Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Ciroo Jamaal Kadiir.

Keessa Keessaa Hojjatamaa jiru kun Yeroo Xumurameetti Rakkoo Dinagdee, Hawaasummaa fi Siyaasa Ummatichaa ni fura jennee Abdii Cimaa Waan qabnuf Karaa kaminuu
Hojii jalqabnee kana ni Milkeessina
Jedhan Obbo Asanaa Mohammed.


_Bulchiinsa_Magaalaa_Cirootu
_Gabaase!Onkolooleessa 8/2016 BMCiroo!

Bulchiinsa Magaalaa CirooBMC ISA Diguufi Pilaanii Lafa Qabsisuu Cinaatti Ganda Ijarsa seraan Alaa Digne kessattiis Hojii...
15/10/2023

Bulchiinsa Magaalaa Ciroo
BMC ISA Diguufi Pilaanii Lafa Qabsisuu Cinaatti Ganda Ijarsa seraan Alaa Digne kessattiis Hojii Misooma Dandii Kessa Kessaa Hojjatama Jira.
Hojiin kun Araddoota Qabnu Hunda kessattiis itti fuufa.
Al serummaa Magalaa kenyaa tarkanfii fudhachaa Ummata Magaalaa kenyaa Dhebuu misomaa Qabu Misooma Dhandhamachiisuuf Akka Hojannu Ummatni keenya Akka nu cinaa dhabbatu Dhamsaa Keenya
Dhaamsa Obbo Asaana Mohammad

Bagaa Geessan...Ayaana Irreecha bara 2016 tiif🖤🖤🤍🤍❤️❤️..Wishing you Colorful Irrecha festival....Warra Bara Baranaa Kan ...
07/10/2023

Bagaa Geessan...
Ayaana Irreecha bara 2016 tiif
🖤🖤🤍🤍❤️❤️..
Wishing you Colorful Irrecha festival....

Warra Bara Baranaa Kan Bara Egeree Nu Haa Godhuuu

Tegene Mesfin:https://youtu.be/5_CG9j0kYgQChannel YouTube dhaloota Hegere(dhalootahegeree895)jadhu subscribe gochun subs...
28/09/2023

Tegene Mesfin:
https://youtu.be/5_CG9j0kYgQ

Channel YouTube dhaloota Hegere(dhalootahegeree895)jadhu subscribe gochun subscribe 1000 akka gunnu nu gargaara

TRAING FOR NEW HRIS SYTEM FOR(ZONE HEALTH OFFICE, HOSPITALS, WOREDA OFFICES AND HEALTH CENTER BY ORHB)SUBSCRIBE( )( )...

Congratulations congratulations Yoom akka salphaatti itti Qaaxiraan bulametiWarra dursi kenamufin qabuuf dursa keennaGod...
07/09/2023

Congratulations congratulations
Yoom akka salphaatti itti Qaaxiraan bulameti
Warra dursi kenamufin qabuuf dursa keenna
Godina hararge lixaa Bulchinsa Magaalaa Cirootti Wajjira lafa
🏠🏘️🏡🏠🏠🏠🏡🏡🏡🏡🏡🏡🏡🏡🏠🏠
Rawwii hojii bara 2015 hojii wajjiiraa ti fi hojii kaadastara magaalaatin qindomina hoggansa fi manajmanti wajjiraatin rawwatamen sadarkaa godinaatti 1ffaa (tokkoffaa) bahun badhafame jira.
Congratulations for all of our sector management.

Address

Chiro
Asebe Teferi

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when waajira Bulchinsaa fi itti fayadama lafa Bulchinsa Magaala Ciroo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to waajira Bulchinsaa fi itti fayadama lafa Bulchinsa Magaala Ciroo:

Share