20/02/2024
Labsiin lafa baadiyaa Lakk.248 badhaadhina maatii caalmaatti kan mirkaneessudha.
=====
Labsiin Bulchiinsafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa lakk.248/2015 irra deebiin bahee badhaadhina maatii mirkaneessuu keessatti iddoo olaanaa qaba.
Lafti bu’uura dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa waan ta’eef sadarkaa guddinni Naannichaa irra ga’eefi akkaataa qorqalbii yookiin aadaafi duudhaa uummata naannichaatiin wal simuun, haalli bulchiinsaafi itti fayyadama lafaa carraa misoomaa dhaloota dhufuu irratti dhiibbaa osoo hin dhaqqabsisiin akka raawwatamu taasisuu keessatti labsiin lakk.248/2015 shoora olanaa qaba.
Labsiin kun bulchiinsiifi itti fayyadamni lafaa qajeeltoo iftoomina, si’oomina, bu’aa qabeessummaa, hirmaachisummaafi itti gaafatamummaa karaa qabuun hoogganuun mirga abbaa qabiyyummaafi itti fayyadama lafaa qonnaan bulaa, horsisee bulaafi gamises horsisee bulaan lafa baadiyyaa irraa qabu Heeraan kennameef haala dhugoomsuun danda’amuu diriirsuuf kan ooludha.
Gama biraan mirgi abbaa qabiyyummaafi itti fayyadamaa lafaa qonnaan bulaan, horsisee bulaafi gamisa horsisee bulaan qabiyyee lafa isaanii irratti qaban irra caalaatti tarreessuufi haala mirgi kun ittiin argamu, darbuufi addaan citu karaa guutuufi iftoomina qabuun, akkasumas weerara lafaa karaa bu’a qabeessa ta’een ittisuun danda’amurratti kan xiyyeefatedha.
Hanqinaaleen seerota duraan turan keessatti gama mirgaafi dirqamaa, wabii itti fayyadama lafaa, wal diddaan itti hiikamuu, argannaafi dabarsa seeraan alaa ittisuu, bu’aa lafa seeraan ala qabame hordofsiisuu, darbinsa yeroofi bulchiinsa lafaa ilaalchisee turan sirreessuun karaa guutuu ta’een hojjirra ni oolcha.
Akkaata tumaa labsichaatiin jiruuf jireenya hawaasa keenyaa daran jijjiruu bira darbee lafti misooma ooluuf qabu akka oolu ni taasisa. waldiddaan itti hiikamu,mirgoota qonnaan bulaan, horsiisee bulaafi gamisa horsiisee bulaan qabiyyee lafa isaa irratti qabu, akkasumas sirna lafa karaa seeraan ala qabatamu ni ittisa.
Biiroon Lafa Oromiyaa jijjiirama akka biyyaatti dhufe hordofuun badhaadhina naannoo keenya akka dhugoomuu fi jireenya Qonnaa bulaafi Horsiisee bulaa fooyyeessuuf hojii bal’aa hojjetaa tureen bu’aa abdii guddaa namaaf kennu galmeessaa dhufee jira.
Biirichis sirna bulchiinsa lafaa ammayyaa fi wayitawwaa ta’e diriirsuun, misooma Lafa irrattii gaggeeffamu karaa itti fufinsaan qabuun tekinooloojiin hogganuu, fayyadamummaa hawwaasa naannichaa qixa barbaadameen mirkaneessuun kutannoo olaanaan hojjechaa jira.
Qonnan bulaa fi Horsiisee bulaan lafa isaarratti mirga abbaa qabiyyuummaa itti uumee tajaajila adda addaa gama hundaan akka argatu gochuuf xiyeeffannoo guddaa itti kennuun hojjechaa jira.
Inni kan biroo hojiirra oolmaa sirna kaadastaraa yoo ta’u, Sirni kadaastaraa hojirra oluun galii Magaalaa guddisuu cinatti al seerumma lafaa ittisuufi pilaanii magaalaa karaa seera qabeessa ta'een hogganamuu akka qabu dandeessiseera.
Akka Naannoo keenyaatti sirna bulchiinsa lafaa ammaayyaa diriirsuun lafti Baadiyyaa fi magaalaa naannichaa keessatti argamu gara sirna kadaastaraatti galchuun qabiinsa ragaa bifa ammaayyawwaa ta'een hogganaamu akka qabu ta'ee jira.
Hojii kadaastaraa kananis kenna tajaajilaa ammayyaa gochuufi qabiinsa ragan walqabate rakkoo bulchiinsa gaarii ture sirnan furuu dandaa’amee jira.
Walumaagalatti Labsiin Bulchiinsafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa lakk.248/2015 irra deebiin bahee badhaadhina maatii caalmaatti kan mirkaneessudha.
Kalaqaa fi ariitiin hojjechuun Sirna Bulchiinsa Lafaa Caalmaatti Ammaayyaa ( Smart Digital Land Governance) ni taasifna!!