Karaa fayyinaa- Orthodox

Karaa fayyinaa- Orthodox To discuss Orthodox religion issue!

14/04/2024

HOJJETAA AMANAMAA!

Torbee 6ffaan sooma Hudaadee GabraHeer ykn Garbicha/Hojjetaa Amanamaa jedhama, akka moggaasa Mana Kiristaanaa Ortodoksii ka Itoophiyaatti.
Egaa, Amantaa keessatti:
®Amanuu-Waaqayyo Waaqa jedhanii...
®Amanamuu-Hojii/ergama Amantichaa raawwachuun,
®Amanamummaa: qixa kamiinuu waan dhugaa ta'eef lapheenis, yaadaanis, gochaanis yaaduun, hojjechuunifi dubbachuun kan raawwatamudha.

Waaqayyo lafaaf samii uume Amantaa keenyaan jabaannee kan jiraannu nu haa taasisu!

07/04/2024
Dhugaan jiru, jara keessa kan jiru dhugaa amantaa osoo hin taane olaantummaa sabaaf siyaasaati. Kanaaf immoo karaa ishee...
07/04/2024

Dhugaan jiru, jara keessa kan jiru dhugaa amantaa osoo hin taane olaantummaa sabaaf siyaasaati. Kanaaf immoo karaa isheen itti fayyadamaa turte Amantaa Ortodoksiiti. Oolee bulee, kan galuuf galee, kan galaafatus galaafatee amanataan amantichaa kan Biyya Oromiyaa keessa jiru dhugaa kana hubachuun daandii garbummaaf isheen itti fayyadamtu cufuun Amantaan hojii Wangeelaa qofa akka hojjetu, gochaa jirti. Wixxirfachuun isheemmoo akka bofa mataa dha'amteettidha. Lubbuun keessaa ba'uun dirqama. Egaa, jabaattee hojjechuun ishee sobdootaaf arrabsitoota mana Kiristaanaaf aangoo lubummaa dayeeffatanii jiran akka isheen salphattu godhaa jira. Abboonni keenya nuuf haa jiraatan! Eebbi isaaniis nurraa haa bulu! Wanti Eebbifamoo 'eelQondaalaPhaaphaasiiShawaaLixaa irra ga'e kun hundarra waan ga'e waan ta'eef waan salphaa miti. Nan balaaleffadhas! Eebbisaanii nurra haabulu!

Cinaacha hin garagalleBakka dhim'uun gale  Hundasaa ofkalleeJiruu bu'aa bayii Hunda keessa taraaGaarummaaf gadadoo Hundu...
07/01/2024

Cinaacha hin garagalle
Bakka dhim'uun gale

Hundasaa ofkallee

Jiruu bu'aa bayii
Hunda keessa taraa
Gaarummaaf gadadoo
Hundumaa safaraa

Baguma geessani
Guyyaa Dhalootasaa
Isa itti aanusi
Dhiphinni manca'eee
Gaarummaan dagaagee
Oftuulummaan hafee
Mukaaf lafaan nagaan hundaaf ta'ee
Dhugaan kan miidhameef dhugaansaa deebi'ee
Waaq ittiin nu ha ga'u inni hunda danda'e!!!

Yaa Gabri'eelii Gabri'eelii SabbataaDiinni nu hin nyaartuSi'ool nu hin nyaattu lammata!Iddoo nagaa oolaa!
30/10/2023

Yaa Gabri'eelii
Gabri'eelii Sabbataa

Diinni nu hin nyaartu
Si'ool nu hin nyaattu lammata!

Iddoo nagaa oolaa!

Obboloonni keenya yeroo ammaa kana haala baayyee bamatti toluun hojiilee Afuurawaa garaa garaa hojjetaa jiru. Waaqayyo g...
12/09/2023

Obboloonni keenya yeroo ammaa kana haala baayyee bamatti toluun hojiilee Afuurawaa garaa garaa hojjetaa jiru. Waaqayyo gatii dadhabbii isaanii lafarratti eebba lafarraa taasiseefii samiirratti mootummaasaa badhaasee gammachuu dachaa akka argatan hawwinaaf!
Maarree obboleessi keenya faarfataan Dn Dhibbaanis, faaruuwwan garaa garaa haala yeroon wal qabatu kanneen qalbii jijjiirrannaaf oolan, kanneen galataa, kan gammachuuf kan biroo hojjetee ammas hojjechuutti jira. ta'e fuula You tube isaanii jala seennee ilaaluun , gochuun jajjabeessaan dhaamsa obbolummaati!

haaraa kan bara haaraa ortodoksii tewaahidoo 2016 ethiopian orthodox tewhido mezmur 2016 #የኢትዮጵያን ኦር...

Dhangaa kan isiniif qooduu hedduun jaaladhe! Olguddataafi barsiisaa keenya Waaq nuuf haa eebbisu!. Isinimmoo dubbisaan j...
11/08/2023

Dhangaa kan isiniif qooduu hedduun jaaladhe! Olguddataafi barsiisaa keenya Waaq nuuf haa eebbisu!. Isinimmoo dubbisaan jedha.

Download the Spaces by Wix app and join “YOHAANNIS RISAA PAGE” to read “JECHIS FOON TA’E. Yoh.1:14”. You’ll also be able to leave comments, get notified about new posts and more.

07/08/2023

Sooma Filsataa

Kan baranaa kunoo eegalleerra!

Baga geessan!

Warri Adaamaaf naannoo ishee hirmaadhaa, qophii bareeda kana!
29/07/2023

Warri Adaamaaf naannoo ishee hirmaadhaa, qophii bareeda kana!

Yaa'ii Afuuraa Idilee kan torbanii Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Shawaa Bahaatin, Irraa hin hafiinaa share gochuun obboloota biran gaha.

20/07/2023

Join me on the Spaces by Wix app to easily stay updated and get in touch on the go.

17/07/2023
Warri hangafa, hayyuu fi duree kiristaanotaa ta'an (Sinoodoosiin) iccitii torban mana Kiristaanaa irra hin deebi'amneefi...
17/07/2023

Warri hangafa, hayyuu fi duree kiristaanotaa ta'an (Sinoodoosiin) iccitii torban mana Kiristaanaa irra hin deebi'amneefi doogmaa ta'e erga fuuldura uummataatti akkas cabsanii, doogmaaf qannoonaa hammam kabajanii nus nu eegsisu jennee abdannaree?

Doogmaan erga cabee, qannoonaan immoo in bulleeffme jechuudhakaa yoona!
Waan hin malletu ta'e, nan gaddas!

07/07/2023

Qulqulluu Yohaannis

Baga guyyaa eebbifamaa kana geessan!

 . Wareegamuu/Kitimamuu jechuun barsiisa, gochaafi hojmaata macaafa qulqulluun wal faallessu kamuu dirqamaan fudhachuu d...
24/05/2023

.
Wareegamuu/Kitimamuu jechuun barsiisa, gochaafi hojmaata macaafa qulqulluun wal faallessu kamuu dirqamaan fudhachuu diduudhaan miidhama nama irra ga'u kamuu fudhachuudha. Kunis, obsaan gad of qabiinsaafi hubannoodhaan garee/nama dhuunfaa gocha faallaa macaafa Qulqulluu deemu hubachiisuufi amansiisuun otoo danda'amuu wareegamuun hin barbaachisu.
Akka Dn Isxifaanos (Hojii D/Bu'ootaa 7), akka Phaawuloosiifi Pheexroos, akka Giyoorgisii... jechuudha.
Magaalli Amboo handhuura qabsoo uummata Oromoof saboolee cunqurfamoo maraati. Gama Mana Kiristaanaa Ortodoksiitiin haalli dhiyeenya itti jiramu namni him beekne, yoo nama of him beekne ta'e malee hin jiru.
WDB Wiirtuu Shawaa Lixaas siyaasniif sanyummaan amantaa Ortodoksiitti da'eeffatee uummataaf Lafa Oromiyyaa gabroomsuuf deemu sirrii akka hin taane cichoominaan kan mormuufi siyaasa Amanticha da'eeffatee socho'u hadheeffatee kan balaaleffatuuf dura dhaabbatu ta'uunsaa ifaadha. Kanaaf leellistoota dhiibamuuf. Dhiibamus dhugaa qabatee waan deemuuf injifannoon as ga'uu danda'eera.
Jibbitoonni Waldichaaf leellistoonni magaala Amboo keessa jiraatanis dhuunfaanis ta'e gareedhaan walqindeessuuniifi leenjii dogongoraan qaxaleewwan dargaggoota magaalichaaf kennuun adeemsa waldichaa danquuf yaalaa jiru.Waan godhan wallaaluunis jechuun dargaggoota gurmeessuun ifatti sochii barachuu danquuf yaalu.
Gareen hojii xuraa'ummaa kana hojjetuufi dargaggoota aarsaa hin malle kanfalchiisu kun eenyu akka ta'es beekamadha. Hojii badiisaa akkasii dhiisuun hojii jaalalaaf macaafa qulqulluu hojjechuu irratti osoo yeroo, maallaqaaf beekumsa isaanii dhangalaasanii gaariidha!

Waluma gala, namoonni gochaa akkasii qindeessan hojii badiisaa kanarraa deebi'uun hojii macaafaa hojjetanii hordoftoota amantichaaf fakkeenya osoo ta'anii jenna.

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Karaa fayyinaa- Orthodox posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Karaa fayyinaa- Orthodox:

Videos

Share

Category



You may also like