16/04/2023
Poolisiin Keenyaa shakkamtoota ''Jannata galuuf''' namootni beelaan akka du’an sababa ta'an jedhaman qorachu eegale
***
Keeniyaatti namoonni 'barri dhumaa dhiyaatera, hamma Yesuus dhufutti ni soomna' jedhan afur du'anii kaan ammoo laafanii hospitaala galaniiru.
Keeniyaatti poolisiin erga namoonni afur ‘‘hanga Yasuus dhufuutti midhaan hin nyaannu’’ jechuun of beelessuun du’un dhagahameen booda, duree ‘amantaa’ kana duuba jiru jedhaman qorachu eegale.
Ragaan poolisii akka agarsiisutti namoonni kunneen guyyootaaf bosona keessa soomaafi kadhatarra kan turan yoo ta'u, "hanga Yesuus dhufutti" soomaa jedhee kan itti hime Dure amantaa waldaa Good News International Church Maakenze Nthengee jedhamaniidha.
Guutuu isaa dubbisaa.
https://bbc.in/3KZMXfL