Afaan Oromoo

Afaan Oromoo Qubeen koo qubeelaa kooti. Qubeen koo quba kooti. Qubeen koo qabeenyaa kooti.

09/02/2024

Qubeedhaan haa qubeessinu.

07/02/2024
Afaan Oromoo Akkatti Barreeffamaan Mul'achuu Calqabe በሚል በደጀኔ ተሰማ በ1992 ተጽፎና ተዘጋጅቶ በሪሳ ጋዜጣ ላይ ወጥቶ የነበረ ጽሁፍ ነው።Negash Qem...
07/02/2024

Afaan Oromoo Akkatti Barreeffamaan Mul'achuu Calqabe በሚል በደጀኔ ተሰማ በ1992 ተጽፎና ተዘጋጅቶ በሪሳ ጋዜጣ ላይ ወጥቶ የነበረ ጽሁፍ ነው።
Negash Qemant

06/02/2024

Abbaa hog-barruu Afaan Oromoo fi Qubee Afaan Oromoo isa dhugaa Onesmos Nasiib/Abbaa Gammachiis- Hiikaa Awwaajii nama biyya Oromoo.

Garbummaa yaadaa!
05/02/2024

Garbummaa yaadaa!

Beekaa!
04/02/2024

Beekaa!

03/02/2024

Seerluga Afaan Oromoo akka seera afaan kanaatti qorannoo ga'aan irratti adeemsifamee itti dabalamuu qaban:

1. Jechoota Abbummaa Agarsiisan
2. Jechoota Hima Gaaffii Xumuran
3. Jechoota Osoo Mallattoon Tuqaa Hin Jiraatiin Himoota Lama Yookiin Lamaa Ol Walqabsiisanii fi
4. Jechoota Hima Keessatti Jecha "fi" Dursanii Dhufan

1.Jechoota abbummaa agarsiisan:

Afaan Oromoo keessatti abbummaa("Possession") waan tokkoo maaltu agarsiisa? Jechootni Afaan Oromoo akkuma kan Afaan Ingilizii abbummaa agarsiisuuf waan ofirratti dabalatan qabu.Afaan Oromoo keessatti abbummaa agarsiisuuf kan fayyadan qubeewwan dubbachiistuu shanan(a,e,i,o,u) dha.Jechootni qubee dubbachiistuu "a"n dhuman abbummaa agarsiisuuf qubee "-a" tokko ofirratti dabalachuudhaan qubee "-aa" lamaan dhumarratti qabaachuudhaan abbummaa agarsiisu.Kanneen qubee dubbachiistuu kan biraan dhumanis akkuma kana.Haa ta'u malee, jechootni qubee dubbifamaan dhuman abbummaa agarsiisuuf qubee dubbachiistuu "-ii" lamaan dhumarratti dabalatu.Jechoota matuma isaaniitiin qubee dubbachiistuu lamaan dhumaniif abbummaa agarsiisuuf wanti itti daballu hin jiru. Kana immoo jechootaa fi barreeffamoota guyyaadhaa guyyaatti fayyadamnu irraa mirkaneeffachuu dandeenya.
Fakkeenyaaf:
1.Magaalaan kun Ambo jedhamti.Hima kana keessatti abbummaa kan agarsiisu hin jiru.Ani magaalaa Amboo keessattiin dhaladhe.Hima kana keessatti immoo abbummaa magaalaa agarsiisuuf jecha "Ambo" jedhu irratti qubee dubbachiistuu "-o" daballa.
2.Obbo Hordofaan barnoota barsiisuu barbaada.Hima kana keessatti abbummaa kan agarsiisu hin jiru.Obbo Hordofaan waajjira barnootaa hooggana.Hima kana keessatti immoo abbummaa waajjiraa agarsiisuuf jecha "barnoota" jedhu irratti qubee dubbachiistuu "-a" daballa.
3.Carraa barnootaa shamarranii babal'isuu qabna.Hima kana keessatti abbummaa carraa agarsiisuuf jecha "barnoota" jedhu irratti qubee "-a" daballa akkasumas abbummaa barnootaa agarsiisuuf jecha "shamarran" jedhu irratti qubee dubbachiistuu "-ii" daballa......

Kiiboordii khuullee!
03/02/2024

Kiiboordii khuullee!

Dr.Hayilee fidaan kan boocame qubee qabna.Mee wal cina qabnee ilaalluu?
02/02/2024

Dr.Hayilee fidaan kan boocame qubee qabna.
Mee wal cina qabnee ilaalluu?

Qubeen koo kunooti.
02/02/2024

Qubeen koo kunooti.

02/02/2024

Dubbiin Qubee Afaan Oromoo dubbii deebii argatee bubbule dha: amma maaf ka’a laata?

Qubeen Afaan Oromoo rakkoo bu’uuraa (structural problem) tokkollee hin qabu. Kun dhugaa dha. Dhiba qubeessuu xixiqqaa (minor orthographic limitations) yoo qabaata ta’e ammoo, sanuma fooyyessinee itti fufna malee duubatti deebinee gabatee haara’a “Khuullee” jedhamu kan ammaantana wantootaaf meshaalee adda addaa kanneen akka shukkaaf maankaa akkasumas doomaa fii akaafaa faffakkaatan irraa “kalaqame” kanatti deebi’uu hin dandeenyu. NO!!

Dubbiin Qubee Afaan Oromoo dubbii deebii argatee bule dha. Kanaafuu kun dubbii du’e dha.

Hey, Let’s move on dhiiroo.

11/12/2023

A... Z
Afaan Oromoodhaa!

30/11/2023

Iddoo tokkootti immoo mana nyaataa Haannaa jechuu barbaadee, mana nyaataa Haannaa jedha.
Finfinnee!

Qubeen kun sirreeffamuu qaba.
30/11/2023

Qubeen kun sirreeffamuu qaba.

✨40 JECHOOTA MILKAA'INAA: 1. "Milkaa'inni furtuu gammachuu miti. Gammachuun furtuu milkaa'inaati. Waan hojjettu yoo jaal...
25/10/2023

✨40 JECHOOTA MILKAA'INAA:

1. "Milkaa'inni furtuu gammachuu miti. Gammachuun furtuu milkaa'inaati. Waan hojjettu yoo jaallatte milkaa'ina argatta." - Albart Shuwiizar

2. "Milkaa'inni waan qabdu osoo hin taane, eenyu akka taate keessa jira." - Boo Beeneet jedhamuun beekama

3. "Milkaa'inni kan dhumaa miti, kufaatiin kan nama ajjeesu miti: Kan lakkaa'amu hamilee itti fufuudha." - Wiinston Churchill

4. "Milkaa'inni kufaatii dhabuu miti; kufaatii keessa darbuudha." - Aayishaa Taayilar

5. "Milkaa'inni waa'ee bakka itti geessu osoo hin taane, waa'ee imalaati." - Zig Ziglar jedhamuun beekama

6. "Milkaa'inni maallaqaan osoo hin taane dhiibbaa ati namoota biroo irratti qabduun madaalama." - Kan hinbeekamne

7. "Milkaa'inni nama hunda caalu ta'uu osoo hin taane, ofii kee isa hunda caalu ta'uudha." - Kan hinbeekamne

8. "Milkaa'inni hammam akka galmaan ga'u osoo hin taane, akkamitti namoota biroo akka galmaan ga'an kakaastudha." - Kan hinbeekamne

9. "Milkaa'inni carraa osoo hin taane hojii cimaa fi of kennuudha." - Kan hinbeekamne

10. "Milkaa'inni harka rukutuu osoo hin taane, waan hunda kee akka kennite beekuun quufa." - Kan hinbeekamne

11. "Milkaa'inni yeroo ati kufte osoo hin taane, yeroo ati deebitee kaatudha." - Kan hinbeekamne

12. "Milkaa'inni mudaa kan hin qabne ta'uu osoo hin taane, mudaa kee hammachuudha." - Kan hinbeekamne

13. "Milkaa'inni waan qabdu osoo hin taane, adeemsa keessa eenyu akka taatudha." - Kan hinbeekamne

14. "Milkaa'inni guddina herrega baankii keetii osoo hin taane, guddina onnee keetii ti." - Kan hinbeekamne

15. "Milkaa'inni waa'ee bakka itti geessan osoo hin taane, barumsa karaa irratti argamudha." - Kan hinbeekamne

16. "Milkaa'inni lola hunda injifachuu osoo hin taane, lola lolaaf malu filachuudha." - Kan hinbeekamne

17. "Milkaa'inni waa'ee galata osoo hin taane, dhiibbaa ati namoota biroo irratti geessistudha." - Kan hinbeekamne

18. "Milkaa'inni qabeenya ati kuufattu osoo hin taane, yaadannoo ati u

Mammaaksa Oromooti!
25/10/2023

Mammaaksa Oromooti!

20/10/2023

Afaan Oromoo haa guddisnu!

21/09/2023

Oromoon Afaan isaan boonuu,barachuu,barsiisuuf mirga qaba.

06/07/2023

Fuula kana irratti Afaan Oromoo barachuu jalqabna.
Yeroo dhiyootti eegalla.

31/05/2023

Akkam bultan hordoftoota keenya?

Mammaaksi keenya har'aa kunooti.

Hiika isaa nuuf barreessaa!

Mammaaksa biraallee nuuf ergaa!

Marsariitiin keenya: bbc.com/afaanoromoo

Address

Finfinnee
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share