Gadaa Media Network

Gadaa Media Network Gadaa Media Network is reliable partner in providing real and updated wide range information from l

 👇👇👇❤️🥰
22/08/2023

👇👇👇❤️🥰

Tokkummaa Tv Qophiwwaan garaa garaa kan isiin barsiisaan, bashaannansisaan isiinif dhiyyessaa.LIKE | SUBSCRIBE | TOKKUMMAA TV🔴 Vidiyoowwan kannan duraa 👇👇...

Mootummaan ajjeechaa daangaa Saa’ud Araabiyaa fi Yamantitti mudate jedhame hordofaa jiraachuu ibsee.
22/08/2023

Mootummaan ajjeechaa daangaa Saa’ud Araabiyaa fi Yamantitti mudate jedhame hordofaa jiraachuu ibsee.

seenaa ofii beekun of beekudha. Of beekun immoo gabrummaa jalaa bahuudha. Of beekun immoo of ta'uudha. Of beektu malee o...
22/08/2023

seenaa ofii beekun of beekudha. Of beekun immoo gabrummaa jalaa bahuudha. Of beekun immoo of ta'uudha. Of beektu malee of taatee jirachuu hin dandessuu. Of beekuf seenaa kee kalessaa beekun dirqamaa.

Kanaaf hardhaas seenaa goota oromo isiinif qophessinneet jirraa, garaa fuula youtube keenya ittii dhiyaadha. 👇👇

seenaa gootota oromoo |Seenaa Gotaa Agarii Tullu 2023 | Agarii Tulluu Eanyu? seenaan Isaac maal fakkataa? kunooti ittii dhiyaadha. Tokkummaa TV Like Subscrib...

Aadaa bareeda qabnaaHin jiruu kan keenya gituuFaayaa oromoo kumnillee hin bituu.
17/08/2023

Aadaa bareeda qabnaa
Hin jiruu kan keenya gituu
Faayaa oromoo kumnillee hin bituu.

Waa'ee " Gadaa Smart City " Isiin beeksisuun keenya akkumaa ittii fuufet jiraa. Ammaa immoo Top 10 Facts about Gadaa Spe...
17/08/2023

Waa'ee " Gadaa Smart City " Isiin beeksisuun keenya akkumaa ittii fuufet jiraa. Ammaa immoo Top 10 Facts about Gadaa Specialized Economic Zone (Gadaa Smart City ) isiinit qabannee dhufnee kunooti ittii dhiyaadha. Chanalii Subscribe godhuu maatii Tokkumma Tv ta'aa.

Tv Qophiwwaan garaa garaa kan isiin...

Finxaalessumman maali?
16/08/2023

Finxaalessumman maali?

Finxaalessummaan Bu'aa Yaada Mo'ataa Dhabuuti
--------------

Siyaasni biyya tokkoo qaroome kan jedhamu waldorgommiin siyaasaa taasifamu yaada irratti kan hundaa'e yoo ta'edha. Biyyoonni sirna dimokiraasii dagaagfachuu danda'anis adeemsa siyaasaa dorgommii yaadaa irratti hundaa'e dagaagsuufi aadaa taasifachuu waan danda'aniifi.

Biyya keenyattis adeemsi siyaasaa keenya humna, waraanaafi siyaasa shiraa irraa gara dorgommii yaadaatti akka ce'uuf hojjetamaa jira. Dorgommiin yaadaa dirree dimokiraasiif bal'isa, qaroomina siyaasaa mirkaneessa, ijaarsaafi ilaacha biyyoolessaa dagaagsa, yaanni mo'ataan fuulduratti dhufuun fudhatama argata.

Faallaa kanaan qaamonni yaada mo'ataa hin qaamne siyaasa biyya keenyaa gara kaleessaa fi bakka kaleessatti deebisuu barbaadu. Yaada mo'ataa uummata biratti fudhatama qabu, uummata fayyaduufi biyya ceesisu of harkaa waan hin qabneef siyaasa fiixee qabachuun jeequmsa, waraanaa fi siyaasa shiraan gara aangootti dhufuuf hojjetu. Yaada isaanii kanas uummata irratti fe'uuf humnaafi siyaasa shiraa fayyadamu.

Kanaaf, ammoo sabummaa, amantaafi kkf jala dhokachuun akka meeshaa qabsootti itti fayyadamuun waan saba ykn garee tokkoof quuqaman fakkaatanii sabaafi saba, amantaafi amantaa waliitti buusu. Galmi isaanii inni guddaan garuu daldala siyaasaati. Jijjiiramaan asitti hojiin adeemsa siyaasa biyya keenyaa dorgommii yaadaa irratti akka hundaa'e taasisuuf hojjetamaa jirus finxaaleyyii yaada injifataa hinnqabneen qoramaa jira. Adeemsi finxaaleyyii kanaas qormaata bira darbee yeroo garaagaraatti lubbuu namaafi qabeenyaa irratti mancaatii geessisaa jira.

Waan ta'eef, uummanni biyya keenyaafi taatonni siyaasaa hundi finxaalessummaan bu'aa hongee yaadaa ta'uu hubachuun ilaalcha, adeemsaafi gocha finxaaleyyii yaada maleeyyii nagaafi tasgabbii biyyaa jeeqan, hariiroo uummataa diiganiifi ijaarsa tokkummaa biyyoolessaa duubatti harkisan dura dhaabbachuun siyaasni biyya keenyaa ilaaf-ilaamee, dorgommii yaadaa irratti akka hundaa'uuf hojjechuun barbaachisaadha.

Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
YouTube: https://www.youtube.com/results?search_query=Oromia+Communication+Bureau
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
kallachaOromia: https://m.facebook.com

  has signed MOU (Memorandum of Understanding ) with CCEC.
16/08/2023

has signed MOU (Memorandum of Understanding ) with CCEC.

16/08/2023
Waa'ee   ykn   maal beektuu?Deebiin isaa kunooti 👇👇👇👇👇👇👇
16/08/2023

Waa'ee ykn maal beektuu?
Deebiin isaa kunooti 👇👇👇👇👇👇👇

Tokkummaa Tv Qophiwwaan garaa garaa kan isiin barsiisaan, bashaannansisaan isiinif dhiyyessaa.LIKE | SUBSCRIBE | TOKKUMMAA TV🔴 Vidiyoowwan kannan duraa 👇👇...

Kana namaa yaa olchuu deggaara irraa garaa mormattii jijjiramuu kana.
15/08/2023

Kana namaa yaa olchuu deggaara irraa garaa mormattii jijjiramuu kana.

Qaxalee oromoo kanaan waal bara Rache Tesfaye jedhamaa. Namoota yeroo ammaa kana social media irrattii dhiibbaa guddaa u...
15/08/2023

Qaxalee oromoo kanaan waal bara Rache Tesfaye jedhamaa. Namoota yeroo ammaa kana social media irrattii dhiibbaa guddaa uumaa jiraan keessaa tokko.

Yeroo fudhadhaa dubbisaa. 👇👇👇
14/08/2023

Yeroo fudhadhaa dubbisaa. 👇👇👇

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Imaammataafi Tarsiimoo tokko lama jedhamanii lakkaawwaman qabatee socho’a. Hoggansi keenya sadarkaan jiru, dhimmoota jajjaboo shan armaan gadii irratti garaagarummaa hubannoo tokko malee socho'u qaba. Isaaniis: 1. Haala keessa Jiru; 2. Maal akka hoogganu 3. Maal akka hiiku 4. Maal akka hojjetuufi 5. Kallattii/hamma/sadarkaa ittiin waan hunda hojjetuudha. Caasaan olii hanga dakaa hubannoo tokkoon gaggeessummaa yeroofi dhimmoonni armaan olii barbaadan kennuuf qabxiilee kanneen sirnaan hubachuu qaba.

A. Haala Keessa Jiru beekuu

Haalli adunyaa jijjiirama baay’ee ariifataa ta’e keessa jiraachuu hubachuun, walitti dhufeenyi, gamtaafi hariiroon (power relations) humnoota adunyaa adda addaa gidduu jiru dhaabbataa miti; jijjiiramni hariiroo kun yeroo yerootti kan jijjiiramu osoo hin taane, ammaa amma jijiiramaa jira. dhimmi biraa sirnaan hubatamuu qabu gaaga'ama diinagdee adunyaa raasaa jirudha. Gama biraatin Jijjiirama Hubannoo Nam-tolchee” (Artificial Intelligence) irratti jiru sadarkaa hin yaadamnerra gahaa jira. Kana immoo guyyaa guyyaadhaan ofbarsiisaa deemuuf qopha'ummaan yoo hin jiraanne hafoo (obsolete) taanee hafna. Barnoonni, Faayinaansiin, Daldalli, Qonni, Waraanniifi Waldhaansi Fayyaa harka caalu teeknoloojiidhaan adeemsifamaa jira.

Hoggansi keenya balaafi carraa inni fidee dhufe hubatee itti fayyadamuu qaba. Amalootaafi dhiibbaa waraana biyyoota(humnoota) adunyaa gidduutti gaggeefamaa jiru hubachuun amala biroo gonfachuun murteessaadha. Hubannoon hiyyummaafi duubatti hafummaa hamaa biyyi keenya, naannoofi ummanni keenya keessa jiru irratti qabnus murteessaadha. xummura irratti akka hoggansaafi dhalootaatti nuti kan dhaalle biyya ijaaramtee hin xummuramne, dhugaa waloo hin qabnee keessatti gaggeessaa ta'uu libsuu ijaatiif dagachuu hin qabnu.

Dhimmoota jajjaboo asii olitti tarreeffaman haala qabatamaa kanaa oliitti tuqne keessatti raawwanna waan ta'eef amala hoggansa keenya waliin hojjechaa jirruus adda baasanii beekuun gaarii ta'a. Haala qabatamaa asii oliitiin hoggansa keenya yoo ilaalle hoggansa gosa sadii qabaachuu keenya barra.

Hoggansi keenya tokko boodatti harkisaadha. Kan lammataa hoggansa bakka jirtutti mugsaa yoo ta'u, sadaffaan fuulduratti furguugaadha. Sadanuu bu’aa sababa gosa tokkooti. Dhimmi murteessaan sababichaa (haala keessa jirru) osoo hin taane akkataa ittiin ilaalleedha. Erga kana hubannee booda, gaaffii duraa ta’uu kan qabu “maal hoogganna?” kan jedhudha.

B. Maal Akka Hooggannu Beekuu

Hoggansi keenya sadarkaan jiru burjaajii yaada wal dhahaa keessaa bahee dhimmoota murteessoo sadii irratti xiyyeeffachuun hogganuu qaba. Isaaniis:
1. Tarkaanfii addaa (New Initiatives)
Hoggansi jijjiiramaa keenya akkuma angootti dhufeen waa lama hojjate; tokkooffaan seektaroota murteessoo muraasa diinagdee naannoofi biyya keenyaa ceesisuu danda’an adda baasuu yoo ta’u, inni lammaffaan hojii idilee cinaatti, tarkaanfii addaa (new initiatives) bocuun yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama fiduudha. Milkaa’inni yeroo gabaabaa keessatti gama baadiyyaa (qonna, qabeenya uumamaa), hawaasummaa (barnoota), Magaalaa (galii) irratti argame bu’aa murtoo kanaati. Fuldurattis gama hundaan seektara hundaaf tarkaanfii addaa bocuun kan sochoonu ta’a jechuudha.
2. Tajaajila Mannen Hojii Mootummaa
Dhimmi kenniinsa tajaajila mootummaa fedhii tajaajilamaa guutuufi yeroo isaa eegee dhiyeessuu danda’uufi dhabuu dhimma mootummaa ta’uufi mootummaa ta’uu dhabuuti. Yeroo ammaa, ummanni keenya tajaajila mootummaa irratti itti quufinsa akka hin qabne ifatti amannee hooggansa furmaataa ta’uuf of qopheessuu qabna. Gama kanaan, hoggansi kenninu dirqama seera bahuu bira tarree, tajaajila qulqulluu, si’ataa, akkasumas baasii, yeroofi humna tajaajilaafi tajaajilamaa qusatu ta’uu qaba. Sadarkaa wal xaxaafi harkifataa kenniinsi tajaajila mootummaa irra jiru hubannee hoggansa kalaqaan masakame kennuun dirqama.
3. Haala
Hogganaan kamuu haala akka hoogganu hubatee socho’uu qaba. Haala yeroo jennu siyaasa, nageenya, diinagdee, haala hawaasaa, haala qilleensaa, walitti dhufeenya humnootaa naannolee ollaa, qaxanaa biyyaa, rakkoo name-tolchee, rakkoo umamaa, caasaa adda addaa dabalata. Rakkoon gama kanaan jiru hoggansi tokko tokko haala irratti rarra’uu barbaadudha. “Maalif kana ykn sana hin milkeessine?” yeroo jedhamu “haalli isaa waan akkana ykn akkas ta’eefi” jedha. Mootummaan naannichaa kana booda sababa akkasii hin dhaggeeffatu. Haala jiru hogganee hojjechuun dirqama hogganummaati.

C. Maal Hiikuf Akka Hojjetu Beekuu

Dhimmi murteessaan biraa hubatamuu qabu ''maal Hiikuuf Hojjenna?'' kan jedhudha.
1. Adaa qusaana jijjiiruu
Aadaa qusanna jijjiiruuf hojjechuu qabna.
Diinagdee naannoofi karoora Badhaadhina Maatii irratti qabanne milkeessuuf aadaa qusannaa hawaasa keenyaa jijjiruu akkasumas walgahiinsa Faayinaansii Baadiyyaa irratti kutannoon hojjetamuu qaba. Milka'ina Kanaaf, ummanni keenya hundi qaama karoora badhaadhina maatii ta'uufi caasaan mootummaa hanga maatitti, namni kamuu maal akka hojjetu? Kan hojjetu irraa meeqa akka argatu? Kan argatu irraa meeqa akka qusatu? karoorsee hojjechuu qaba. Hawaasni waan omishe hunda sooratu, hanga fedhee yoo omishe maraammartoo hiyyummaa keessaa bahu hin danda'u. Ummanni hin qusanne boruu hin qabu. Ummanni boru hin qabne hiyyummaa mo'achuu hin danda'u. kanaaf hawaasa qusannaa aadeffate umuun dirqama. Bara 2016 irraa kaasee namni hundi aadaa qusannoo akka horatu hojjechuun jijjiirama fiduun dirqama.
Gama biraatiin, waliin gahiinsa faayinaansii baadiyyaa (rural financial inclusion) milkeessuun qonna keenya qaama sochii faayinaansii taasisuun ceesisuu qabna. hundeeffamni baankii Siinqee rakkoolee gama kanaan jiran hiikuuf kan kaayyeffateedha.

2. Intarpiiyuunarummaa daggaagisuu
Intarpiriyinarummaa dagaagsuuf hojjechuu qabna.
Akka nama dhuunfattis ta’ee akka mootummaatti amala Intarpiriyinarummaa gonfachuun dirqama. Intarpiriyinarummaan gama tokkoon fedhii ykn rakkoo gabaa/hawaasummaa keessatti mul’atan gara carraatti jijjiiruun sona diinagdee dabaluudha. Gama biraatiin, ammoo fedhii gabaa kana dura hin jirre uumuun sona diinagdee dabaluudha.
Akka hoggansa caasaa mootummaatti ammoo, Mootummaan Intarpiriyinaraa ibsituuwwan armaan gadii akka qabu ifatti hubannee socho'uu qabna:
i. Mootummaa damee hedduu walitti hidhee sochoosu ('damdaneessa);
ii. Humna ummataa (waloo) fayyadama;
iii. Gabaa uuma; kana yoo jennu, hir'ina gabaa furuu irra taree, fedhii gabaa haaraa uumuu gaafata
iv. Kufaatii gahuu danda'uu dursee kan fudhatuu (risk taker) dha;
v. Gama tokkoon kalaqaa (creative) dha; gama biraatiin ammoo kalaqoota jiranittii haalaan fayyadama
vi Ariitiidhaan raawwata;
vii. Carraalee argaman ni buta; kana jechuun, rakkoo hiikuu qofa osoo hin taane, carraa guddaatti jijjiira;
viii. Omishaafi oomishtummaa giddugaleeffata;
ix. "Imagine" gochuu danda’a, dilbiifi miidhagina dhokate baasee argisiisa.
Walumaa galatti, saamicha, hannaafi dhibaa’ummaa keessaa baanee miiliyoonota amaloota intarpiriyinarummaa gonfatan baafnu malee badhaadhina jennu milkeessuu hin dandeenyu. Kanaafuu, namoota amaloota akka kanaa qabanii haala mijeessudhaan baay’isuun dirqama hoggansa kanaati.
3. Al-seerummaa too’ata
Seer-alummaa yeroo jennu seerotaafi labsiiwwan sochii dinagdee sakaalaniifi sochii dinagdee irratti too’annoo dhabuu hammata. Isa duraa irratti hojii hojjanneen mootummaan federaalaa seera/labsii faayinaansii baadiyyaa dhiibu akka haaromsu taasisuu dandeenyee jirra. Rakkoo to’achuu dadhabuun biyya keenya qara lamaan dhiigsaa jira: inni tokko yeroo bahu inni biraa yeroo galu. Ollaan keenya Keniyaan albuuda bool'a tokko osoo hin qabaannee addunyaa dursaa jirti. Kaan keessatti hattoonni biyya keenyaa qooda guddaa qabuufi.
Meshaalee Sharafa kanaan galchan irraa bu'aa %1000 buufatan malee gabaadhaaf hin dhiheessan. qara lamaan dhiigsuun kana.
Walumaa galatti, seer-alummaa osoo hin to’anne diinagdee ceesisuuf yaaluun, qalqalloo urataa qawwa qabu guutuuf yaaluu akka ta’e hubannee, akka naannoo, biyyaafi qaxanaatti al-seerummaa moo’achuuf socho’uun dirqama.

D. Humnaa Maal Fayyadamee Hojjechuu Akka Qabu Beekuu

Maddi humna keenyaa sadi ta’uu haa hubannu:
1. Humnaa dhuunfaa badhaadhina maatii;
Hooggansi kamuu karoora mootummaa kanaan dura caasarratti rarra’ee hafe gadi bu’ee maatii bira akka gahu hojjachuu qaba. Haaluma kanaan, maatii tokkoon tokkoon maal hojjechuu akka qaban, ammam argachuu akka murteessan akkasumas meeqa qusachuu akka qaban karoorsuu irratti gargaaruun qabeenyi akka uumamu hojjechuun dirqama.
2. Humnaa waloo;
Carraa lama nuuf kenna: gama tokkoon baajata mootummaatiin ol humna qabnu fayyadamnee imala badhaadhinaa qabanne milkeessuu keessatti humna dabalataa yoo nuuta’u, gama biraatiin ammoo ummanni keenya dudhaa isaa galamaatti deebisa.
(Tajaajila Lammummaa, Gaachana Sirnaa, Busaa Gonoofafi Mana Murtii Aadaa;
3. Bajaata mootummaa;
Baajata mootummaa yeroo jennu, irra caala galii waliin walqabata. Hooggansi kun dandeettii galii maddisiisuu duguugee fayyadamuudhaan madaalamuu qaba. Bara kana karoora birrii bil. 144 walitti qabuuf kaawwanne milkeessuu qofa osoo hin taane birrii tokko akka hin deebinetti hojjechuu qabna. Asirratti aanaaleen waa tokko beekuu qabu. Galii walitti qabuuf karoorfatanii ol yoo sassaaban, mootummaan naannoo irraa hin fudhatu. Akaataa hojimaata faayinaansitiin deebisee akka baajatatti kan labsuuf ta’uu himuun barbaada.
Walumaa galatti, galii dabaluu qofa osoo hin taane, qusannaadhaan itti fayyadamuu irraatti hooggansa bilchaataa kennuun dirqama.

E. Kallattii Ittiin Hojjetu Beekuu

Duraan dursee, hooggansi naannoo keenyaa hiyyummaafi boodatti hafummaa hamaa keessa akka jirru hubachuu irraa ka’uu qaba. Milkaa’inni maldhataa jirus, miila liqimsaa seena baafachuuf kan dandeessisaa jiru malee, kan nama tarkaanfachiisu akka hin taane hubatee itti quufinsa irraa of fageessuu qaba. Maraamartoo hiyyummaafi boodatti hafummaa keessa jirru keessaa bahuuf waan hunda yeroo hojjennu kallatti kanneen hordofuu qabna: (1) Baay'ina; (2) Qulqullinafi; (3) Ariitii.
Gaaffiin hidhannoo kanneeniin akkamiin maal milkeessina jedhu ka'uun isaa hin hafu. Daandiin keenya IDA'AMUU, galmi keenya BADHAADHINA.
IDA'AMUUN imala haala hubataa (pragmatism) dhaan taasifamu.

F. BADHAADHINNI Fidu Maal Akka Mirkaneessu Beekuu

Hoggansi haa hafuuti lammiin keenya kamiiyyuu, badhaadhina yoo jennu maal jechuu akka ta'e akka hubatutti hojjechuu qabna. Badhaadhinni nuti fidnu dhimmoonni gurguddoon sadan kunneen keessatti kan mirkana'an ta'u qaba. 1. Badhaadhina nageenyi waaraan keessatti mirkana'ee 2. Badhaadhina misoomni hunda galeessa ta'ee itti dhugoomee 3.Badhaadhina mirgi deemokraasii itti mirkana'eedha. Rakkoo gara garaa yeroo ammaa nu muudatan keessatti waa'ee badhaadhinaa haasa'uun qoosaa kan itti fakkaatu hin dhabamu. Nuti garuu qorumsaan warra jabaatu malee, rakkoo keessatti furmaata, dukkana keessatti ifa warra argu malee dimimmisa sodaatee dukkana harka maratee kan fudhatu, rakkoo muudate maraan warra abdii kutatuu miti. Kanaaf hoggansi keenyas Ummata keenyatti abdiifi Ifa akka badhaadhinaatti argaa jiru itti agarsiisuu qaba. Yeroo sana Ummanni keenya abdii horata, nullee abdachiisa!

Ebba T.Ebba T. Bagaa Gammaddee.
14/08/2023

Ebba T.Ebba T. Bagaa Gammaddee.

Ebba Ebba T.Ebba T. Ambassadara Oromia Industrial Parks ta'ee filatameer.
14/08/2023

Ebba Ebba T.Ebba T. Ambassadara Oromia Industrial Parks ta'ee filatameer.

👉👉👉👉👉Kutaa 2ffaa👈👈👈👈👈
11/08/2023

👉👉👉👉👉Kutaa 2ffaa👈👈👈👈👈

Tokkummaa Tv Qophiwwaan garaa garaa kan isiin barsiisaan, bashaannansisaan isiinif dhiyyessaa. ta'aa.🔴 Vidiyoowwan kannan d...

11/08/2023
11/08/2023

  | Hagayaa 10, 2023.👉 Oduwwaan Gurguddoo Afur qabannee dhufneet jirraa, Nuu wajjiin turaa. 👇👇👇
10/08/2023

| Hagayaa 10, 2023.
👉 Oduwwaan Gurguddoo Afur qabannee dhufneet jirraa, Nuu wajjiin turaa. 👇👇👇

Tokkummaa Tv Qophiwwaan garaa garaa kan isiin barsiisaan, bashaannansisaan isiinif dhiyyessaa.LIKE | SUBSCRIBE | TOKKUMMAA TV🔴 Vidiyoowwan kannan duraa 👇👇...

https://youtu.be/1E3z9AZoM0U
08/08/2023

https://youtu.be/1E3z9AZoM0U

Feta Show ፈታ ሾው Daily News |Ethiopian Daily News| Ethiopian News|Zehabesha |Abel birhanu | Feta daily analysis | ...

https://youtu.be/AOPnfPgKLJg
07/08/2023

https://youtu.be/AOPnfPgKLJg

Feta Show ፈታ ሾው Daily News |Zehabesha |Abel birhanu | Feta daily analysisLike | Subscribe for more daily news. Feta show Social Media Platforms:Telegram : ht...

ለአየር ኃይል አብራሪነት እና ቴክኒሽያንነት የቅጥር ማስታወቂያበኢትዮጵያ አየር ኃይል መቀጠር ለምትፈልጉ:_ሀ/ አጠቃላይ የምልመላ መስፈርት1) ከፖለቲካ ወገንተኝነት ነፃ የሆኑ2) ከአሁን በፊ...
30/12/2020

ለአየር ኃይል አብራሪነት እና ቴክኒሽያንነት የቅጥር ማስታወቂያ

በኢትዮጵያ አየር ኃይል መቀጠር ለምትፈልጉ:_
ሀ/ አጠቃላይ የምልመላ መስፈርት
1) ከፖለቲካ ወገንተኝነት ነፃ የሆኑ
2) ከአሁን በፊት የመከላከያ ሰራዊትና የፖሊስ አባል ያልነበሩ
3) በወንጀል ይሁን በፍትሕብሔር ተከሰው ክርክር የሌለባቸው
4) ኢትዮጵያዊ የሆኑ
5) ለአየር ኃይል አብራሪነት ቢያንስ ለ10 አመት፣ ለቴክኒሻንነት
ቢያንስ ለ7 አመት ለመፈረም ፈቃደኛ የሆኑ
6) ትዳር ያልመሰረቱና ልጅ ያልወለዱ
7) የጤና ምርመራ የሚያልፉ
8) በአካባቢያቸው ሕብረተሰብ ተቀባይነት ያላቸውና ከአጉል
ሱሶች የራቁ
9) በሚመለመሉበት ቦታ ቢያስ በ2 አመት በነዋሪነት የታወቁ
10) ከላይ ለተጠቀሱት መመዘኛዎች ከቀበሌ መስተዳድርና
ከፖሊስ የፅሁፍ ማስረጃ ማቅረብ የሚችሉ
ለ) ለአየር ኃይል ተመልማዮች አካላዊ ሁኔታ
1) ቁመት 1 ነጥብ 68 ሳ/ሜና ከዛ በላይ የሆኑ
2) ክብደት ከ55 እስከ 60 ኪ/ግ የሆኑ
3) እድሜ ከ18 እስከ 22 አመት የሆኑ
ለ) የትምህርት ሁኔታ
1) በ2009 ዓ/ም የ10 ክፍል መልቀቂያ ፈተና ወስደው በሶስት
የትምህርት አይነቶች ማለትም በእንግለዘኛ፣ በሂሳብና በፊዚክስ
ውጤታቸው B እና ከዛ በላይ ውጤት ያላቸው
2) ዩኒቨርሲቲ ተማሪ ለሆኑ በ2011 ዓ/ም የ12ኛ ክፍል
ብሔራዊ ፈተና ወስደው የዩኒቨርሲቲ መግቢያ 300ና ከዛ በላይ
ያመጡ
3) በዩኒቨርሲቲ የተፈጥሮ ሳይንስ ተማሪ አጠቃላይ ውጤት 2
ነጥብ 6 ያላቸው
4)በአየር ኃይል አካዳሚ የሚሰጠውን Aptitude ፈተና ከ65
በላይ ማምጣት የሚችሉ
5) በአብራሪዎች ስልጠና የተዘጋጀ ቃለ መጠይቅ አጥጋቢ
ውጤት ያመጡ
6) የ8ኛ እና 10 ክፍል ብሔራዊ ፈተና የወሰዱበትን ሰርተፊኬት
ኦርጅናል ማቅረብ የሚችሉ
7) የትምህርት ውጤታቸውን በሀገር አቀፍ የፈተናዎች ድርጅት
ለማረጋገጥ ፈቃደኛ የሆኑ
ሐ/ ለአውሮፕላን ጥገና ተመልማዮች
1) ቁመት ከ1 ነጥብ 65 ሴ/ሜ በላይ
2) ክብደት ከ50 እስከ 60 ኪ/ግ
3) ከ18 እስከ 22 አመት
መ) የትምህርት ሁኔታ
1) በ2010 እና በ2011 ዓ/ም የትምህርት ዘመን የ10 ክፍል
ብሔራዊ ፈተና ወስደው በእንግሊዘኛ፣ ሂሳብና ፊዚክስ
ውጤታቸው C እና ከዛ በላይ የሆኑ፣ አጠቃላይ ውጤት 2 ነጥብ
4 እና ከዛ በላይ ያላቸው
2) በ2011 ዓ/ም የ12ኛ ክፍል የመሰናዶ ፈተና ወስደው
አጠቃላይ ውጤት 270ና ከዛ በላይ ያላቸው
3)በአየር ኃይል አካዳሚ የወታደራዊና አካል ብቃት ትምህርት
ቤት የሚሰጠውን የሳይኮሜትሪክ ፈተና ማለፍ የሚችሉ
4) የ8፣10 እና 12 ብሔራዊ ፈተና ያለፉበትን ኦርጅናል ማቅረብ
የሚችሉ፣ በሀገር አቀፍ ፈተናዎች ድርጅት ለማረጋገጥ ፈቃደኛ
የሆኑ
የምዝገባ ቦታና ጊዜ:_
ለአዲስ አበባ:_ጦር ኃይሎች ፊት ለፊት ከሚገኘው ምድር
ኃይል ግቢ ማደ/ማስ/ ቢሮ
አማራ ክልል:_ ባሕርዳር፣ ጎንደርና ደሴ
ለኦሮሚያ ክልል:_ ባሌ ሮቤ፣ ጅማ፣ ነቀምቴ፣ ደብረዘይት
የሌሎች ክልሎች:_በየ ክልሎቹ ዋና ከተሞች
የምዝገባ ጊዜ ከታህሳስ 15/2013 እስከ ታህሳስ 30/2013
ዓ/ም
ለበለጠ መረጃ 0114330636 መደወል ትችላላችሁ!!

Gadaa median tamaamsaa isaa bifaa haaraan jalqabeet jiraa, akka hordoftaan kabajaan isiin afferreraa.  Chanaali youtube ...
29/12/2020

Gadaa median tamaamsaa isaa bifaa haaraan jalqabeet jiraa, akka hordoftaan kabajaan isiin afferreraa. Chanaali youtube Godhaa.

https://youtu.be/TVJqAgYV5hc

Address

Addis Ababa
Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gadaa Media Network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Gadaa Media Network:

Videos

Share