Oborraa global media network

05/12/2024

-Rakkoon haassaa akummaa itti fufeetti jiraa dhageefadhaa share walif godhaa

  2ffaa Har'a seenaa gootni hayyuun Qannamaash Abdullee hojjatee isin biraan gahuuf yaali godha obsaan dubbisaan afeerra...
18/11/2024

2ffaa



Har'a seenaa gootni hayyuun Qannamaash Abdullee hojjatee isin biraan gahuuf yaali godha obsaan dubbisaan afeerra kooti waliifiis share godha🤚

Duraa irratti Kabajamoo fi jaalatamoo Abbaa keenya Rabbiin rahaamata siif haa godhuu jannataan Rabbiin sihaa qananiisuu sin jenna.

Kanatti aansee seenaa Oromoo keessatti namni maqaan isa qannamaash, dachaasmaach, fitalawraari fi kanneen kana fakkaataan seenaa Oromoo keessatti seenaa fokkotaa dhaan kaafama, kan qannamaash Abdullee garuu addaa, seenaan inni hojjatee fi waanni inni Oromoo dhaaf godha turee kaniin ani barreeysee fixuu dandahuu miti haa tahuu malee seenaa inni hojjatee keessa ilmaan isa wabeeyfadhee akkasumaas hayyoota argaa dhageeyti wabeeyfadhee namoota jaarsolii isaatti dhihaataan irra waanniin dhagahee xiqqoo irra isiniif xuxxuqa.

1 Abdullee Said Turchoo (qannamaash) nama pilaani magaalaa karramillee ijaaree magaalaa godhee akkasumaas hangaa ammaatti pilaani inni baaseen bulaa jirtuu dha, goota fi hayyuu qofa miti mahaandisaas jechuu dandeenya, hangaa ammaatti manneen inni ijaaree tokkolleen isa kan diigame hin jiruu gaafasumaahuu nama itti yaade pilaana itti baase ijaaree waan taheef mahaandisaas jechuu dandeenya jechuu fedheeti ganamumaanuu Rabbiin kenna addaa isa baadhasee Damiinoota Afran qalloo fi kan Oromoo hundaati turee gaafa jaarraa isa san.

2 Abdullee Said Turchoo nama mana barnoota ijaaree barsiisoota itti ramadee miinda isaani kiisha isaati kafalaafi turee kaniin kutaa 1ffaa keessatti isiniif hime san malee mana barnoota kan mootummaan gaafasi biyya hundaa keessatti ijaartee san, mootummaan numa jaartee malee barsiisoota itti hin fidnee, garuu inni barsiisoota itti fida je'ee mootummaa gaafannaan mootummaan bakka bulchinuu hin qabnuu jennaaniin qannamaash Abdullee ammoo mana isaatti barsiisoota galchee waa hundaa isaani dandahee akka namni barnoota baratuuf nama haala San hundaa mijjeeysee dha, gootni fi hayyuun kana caaluu eessa jira? Namni akkanatti hawaasa isaatiif dhaabbatuu.

3 Abdullee Said Turchoo nama seenaa Oromoo fi seenaa 4n qalloo akkasumaas seenaa Oborraa hundaahuu nama barreeysisee hangaa ammaatti kitaabni Oromoo Oborraa bira jira ja'aani kan odeeysaan San, akka maati isa bira jiruu dhageenyee jirra kun seenaa guddaa dha takkittiin tunuu namaaf geeysii, beektoonni addunya warroonni seenaan isaani barraahee kun hundinuu fkn warraa akka Luther king faa seena isa namaatuu barreeysee malee inni hin barreeysinee jechuu fedheeti seenaa tee namaatuu barreeysa garuu inni qaroomina waan qabuuf barreeysisee ol kaayee jechuu fedheeti, waan hedduu takka nama boonsuu fi nama Oromoon ittiin dhaadachuu qabduu dha dhugaa.

4 Abdullee Said Turchoo nama nama gaafa mootummaan haylesillaasee kufee dargiin biyya qabatee san warroota duraan nama miidha turaan keessattuu warroota maqaa qannamaash, dachaasmaach, fitalawraari qaban San hundaa gaafa hidhan, qannamaash Abdullee garuu mootummaan hin hinee sababnii isa hawaasni isa hundii bahee hin hidhina ja'aani waan dhoorkaniif nama namaaf yaaduun fi nama nama biratti fudhatamuu qabuu waan taheef hin hidhamiini, kun maal garsiisa jaalalaa inni lammi isa bira qabuufi quuqama saba isaatiif qabuufi hawaasni isa duraa bahee akka rakkoon irra hin geenyeef aarsaa kafalee osoo rakkoon takka irra hin gahiin nama turee dha.

5 Abdullee Said Turchoo nama hangaa shawaatti deemee maqaa Oborraa ja'uu kana falmatee ifiif bulchaa turee dha kun gootummaa inni qabuu keessa tokko turee, kabajaan inni hawaasa isaatiif qabuu irra kan ka'ee firrii baadiyya irra gaafa isa bira dhufuu inna jaalalaa namaaf qabuu irra keessumma ol dabarsee hangaa isaan hifatan takkatti nama osoo nama hin tuffatin tajaajila turee jedhama kun hayyuumma dha kabajaa namaaf qabaachuu irra maddaa.

6 Abdullee Said Turchoo nama dimookraasi har'a addunyaan itti bultuu kana, keessattuu da'imaa fi shamarraan akka namni xuquu ykn tumuu nama hin hayyamnee jedhama, da'imaa xuquu dhiisi nama ija hamtuun laaluuhuu itti hin dhiisuu ja'aan kun kenna addaati.kabajaa inni maati isa itti guddisee ilmaan isa hogga siif himan dhugumatti qannamaash Abdullee nama kenna addaa qabuu fi jaalalaa inni fira isaatiif qabuu hogga sitti himan garaa kana dhaah nama godha, Oromoon goota akkana kana seenaa isa himuu dhabuun cubbuu qofa osoo taanee dogongora guddaa dha, kanaaf nutiis hundaa illee ta'uu baatuu seenaa isa irra xiqqoo waan odeeyfannee irra gurra isin buusa yaana tan bira insha Allah yoo rabbiin je'ee yeroo gabaabduu keessatti kitaabaan seenaa isa dabalatee tan Afran qalloo tan Oromoo fi tan Oborraa isin biraan geenya.

7 Abdullee Said Turchoo nama mootummaan haylesillaasee ergaa kufee booda dargiin biyya qabatee, dargii bira dhaqee nama dargiin waraqa nageenya kenneefi irra inni nama tokko, nama hawaasa isa biratti jaalatama waan taheef hawaasa isa jaalalaa fi kabajaan tajaajila turee jedhama kanaatuu isa nama hundaa irra adda godha isiniin jechuu barbaadeeti seenaa goota kana takka takkaan isin yaadachiisa yaana media keenya like fi share godha namoota hundaa biraan gaha har'aaf asumarrattin gabaabsa namoota biraatiis seenaa isaani qorannee kan seenaan isaani dhokattee hundaahuu gad yaafna imallii keenya itti fufa seenaan hiyyeeysa hin qabuu galatooma horaa bulaa deebana.♥️🙏

✍️✍️

Iyyaafannoo Obboleeyyan kiyya jaalatamoo fi kabajamoo daa'imnii teenya tun umriin isii waggaa 8 fi 9 jidduu jirtii eega ...
11/10/2024

Iyyaafannoo

Obboleeyyan kiyya jaalatamoo fi kabajamoo daa'imnii teenya tun umriin isii waggaa 8 fi 9 jidduu jirtii eega baddee guyya afur duraa jechuun guyya kibxata (salaasa) guyya irra sa'aa 6:00tti baddee maqaan isii Suada Ahmad Abdoo (Shaanqoo) jedhamtii

Bakki irra baddee harargee baha aanaa kombolchaa magaalaa malkaa raafuu irra baddee hangaa ammaatti liphi isi hin agarree, maatiin isii maraacha jirani yaaboo rabbumaaf jecha namni bakka isin jirtuu nuuf eeree jazaa rabbi irra fi maati isi irra akkaaumaas hundaa keenya irra arkattanii, Rabbiin mana wadaajaatti isi haa qabuu waan laffaati teeysani ni arkattani rabbumaaf jecha nuuf iyyaafadhaa isiniin jenna.

Waan ilmoon ifii dhalaan nama gootuu namuma dhalee arkee rakkatee qofaatuu beeka, ilmoon ilmoof magantaa share godha nama hundaa biraan gaha lakkoofsa maati isi isiniif maxxaansina lakkoofsa armaan gadi kanaan maati isi qunnama eeruu nuuf kenna isiniin jenna galatooma horaa bulaa deebana ♥️🙏

00251915029141
00251931082230

  Sirna kabaja Irreecha Hora Finfinnee fi  Hora Harsadii (Suuraadhaan)
06/10/2024


Sirna kabaja Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Harsadii (Suuraadhaan)

   !!Badhaasa ‘Visit Oromia Tourism Award 2024’ Magaalaa Finfinnee Huteela Skylightitti fudhachuuf jiraachuun ifoome.Iko...
04/10/2024


!!

Badhaasa ‘Visit Oromia Tourism Award 2024’ Magaalaa Finfinnee Huteela Skylightitti fudhachuuf jiraachuun ifoome.

Ikooturizimiin Godina Harargee Bahaa Aanaa Jaarsoo_Gursumitti argamu 'Ikooturizimiin gaara Qundhudhoo gosa badhaasaa'Best Ecotourism Site of 2024' jedhu jalatti dorgomee sagalee ummataatiin"Public Vote' kennameen injifateera.

Sirna badhaasa 'Visit Oromia Tourism Award 2024' Fulbaana 23 bara 2017 Hoteela Skylight Finfinneetti geggeeffamurratti argamuudhaan badhaasa Ikooturizimii Gaara Qundhudhoo walitti qabdootni Boordii Misoomaafi Bulchiinsa Ikooturizimil Gaara Qundhudhoo Bulchaa Aanaa Gursum obbo Bakrii Abdullahi fi bulchaan Aanaa Jaarsoo obbo Tajuu Aadam qeebalanii jiru.

25/09/2024
  Allah Saudi Arabia magaala Riyadh keessatti Oborraan baallii Akka sirna gadaa Oromootti waliif dabarsitee jaalalaa fi ...
10/09/2024

Allah Saudi Arabia magaala Riyadh keessatti Oborraan baallii Akka sirna gadaa Oromootti waliif dabarsitee jaalalaa fi kabajaan wal harkaa fuudhiinsa raawwatte jirtii

Kabajamoo Damiina jaarraan isa waan dhumateef Daminummaa isa itti aanaa isa kan turee kabajamoo kennee jira. Bara hojii gaari siin jennaa bara ati muudamtee keessatti tokkummaan Oborraa kan dur caalaa leellisee haa dagaaguu jenna amaana hawaasa akka eeggattuu akkasumaas nama hundaahuu ija takkaan akka laaltuu rabbiin si haa godhuu jennee si eeybifna.♥️

Akkasumaas itti aanaa damina tahee kan muudamee kabajamoo Shekh kan duraan bakka bu'a Damiina cehuumsa tahee filamee amma itti aanaa damina tahee filamee jira bara hojii gaari isiniif haa tahuu tokko tahaa waliin hojjadha isiniin jenna barri keessan bara milkii Rabbiin nuuf haa godhuu.♥️

Kabajamoo keenya Oborraa tahee tahee muudamee jira isaan hundaanuu bara hojii gaarii isiniif haa tahuu jenna akka tokko taataani waliin oborraaf daleeydaan Abdii gudda isinirra qabna Galata guddatuu isiniif malaa isiin jaalanna galatoomaa ulfaadha fayyadaha horaa bulaa deebana ♥️🙏

=Artist   ''Sirbi anaaf kilaashii. Madaafa, boombiidha. Meeshaa waraanaati. Ani akkasittin ilaala. Quuqama sabaa yoo qab...
31/08/2024

=Artist
''Sirbi anaaf kilaashii. Madaafa, boombiidha. Meeshaa waraanaati. Ani akkasittin ilaala. Quuqama sabaa yoo qabaatte miidhaa saba keerra ga’utu si iyyisiisa. Ustee taa’uu hin dandeessu. Kanaafin sirbi mi’uma waraanaati jedhe.''

Sirbi humna meeshaa waraanaa caalu akka qabutti ibse. Sirbi wal nama barsiisa, akka of hin daganne waa nama yaadachiisa, mirga ofiif akka falmatan karaa bana, tokkummaan kaayyoo tokkorratti akka cichan galtee namaaf ta’a.

Artis Adamiif walleen kana hunda. ''Ana sirbatu uummataan wal na barsiise. Keessattuu sirbi 'Michuu baayyyeen qaba' jedhu Oromoo maraan wal na barsiise.

Artist Adam Haaruun akkamiin akka biyyasaatii baqate wayita ibsu, ''Wayyaaneetu du’a narratti murteessite. Isa booda namichi tika mootummaa ta’e tokko kan maqaansaa Haayila’ab jedhamu odeeffannoo naan ga’e. Gorsa isaatiinan baqadhee ba’e,'' jedhe.

Jalqaba maatiisaa waliin (ijoolleesaa) gara Keeniyaa imaluu kan hime Adam Haaruun, isa dura Keeniyaa kan ture Artist Maahdii Sheekaa akka isa gargaare hime.

Keeniyaan isaa fi Oromootu hedduuf iddoo itti kooluugalan ta’uun oolmaa guddaa akka oolteef hime Adam Haaruun.

''Achirraa ani gara Kanaadaa imale. Maatiin ammoo gara Hoolaand deeman. Achumarraa gargar faffacaane,'' jedhe.

Artist Adam Haarun abbaa ijoollee dhiiraa afuriiti. Isaan keessaa Iskindir namni jedhamu faana abbaasaa hordofee sirbeera. Garuu akka abbaasaa [Artist Adam Haarun] ta'uu hin dandeenye.

''Gosaa fi amantiin qoqqoodamuu dura dhaabbanne''
Bara isaaniitti wayita sirba hojjetaa turan haalli mijataan akka hin turre kan himu Artist Adam Haaruun, artistoonni amma jiran haala mijataa jirutti fayyadamuun tokkummaa fi dantaan uummataa akka mirkanaa’u cichanii hojjechuu qabu jedhe.

''Sabni kun har’a irras boru kana caalaa fooyya’aa akka deemu abdiin qaba. Kutaan Sirna Gadaa keessa hin jiru. Odaatu jira malee. Kanaafuu kutaan wal yaamuun haa hafu.''

''Oromoo keessaa gadi bu’anii gosaan, amantaan nu diigan. Diigama Oromoo kana haa dinnu bakka hundatti. Kun dhaamsa kiyya,'' jedhe.

Xiyyeeffannaan kiyya guddaan waa’ee dhimma aartii fi dhimma sabaati kan jedhu Artist Adam Haaruun, ''Aadaa fi duudhaa ofiirraa maqanii aartii fi saba guddisuun hin taatu. Kanaafuu aartistoonni keenya aadaa saba Oromoo irraa akka hin maqne adaraan jedhaan,'' jedhe.

  Godinaa Harargee Baha Magaala Dadariitti Kabineen Motummaa Ilma keetitu Facebook Gubbattii Waa Barreesse Jachudhan. Na...
09/07/2024


Godinaa Harargee Baha Magaala Dadariitti Kabineen Motummaa Ilma keetitu Facebook Gubbattii Waa Barreesse Jachudhan.
Nama Maqaan Isa Jafar Mohammed Jadhuu Guyyaa Arraa Mana Yaamani Hidhuu Jiratonni Himani.

  MM Abiy Ahimed waraana Sudaaniif furmaata taha jedhamuuf biyyicha galan.Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad guyya...
09/07/2024


MM Abiy Ahimed waraana Sudaaniif furmaata taha jedhamuuf biyyicha galan.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad guyyaa har’aa Sudaan keessatti karaatti nagaa buusuun danda’amurratti mari’achuuf Sudaan seenan.

Daawwannaan bulchaa Itoophiyaa kuni erga Sudaanitti waggaa darbe waraanni eegalee as yeroo jalqabaaf kan taasifamedha.

Waajjirri Ministira Muummee Abiy Ahmad akka beeksisetti, daawwannaan isaanii kuni ''kutannoo tasgabbii Sudaaniif furmaata waaraa barbaaduu itti fufedha.’’

MM Abiy yeroo magaalaa Port Sudaan gahan Ajajaa Waraanaa Sudaaniifi bulchaa biyyattii Janaraal Abdul Fattaah al-Burhaaniin simatamaniiru.

Biyya Kanaadaatti miseensa Hawaasa Oromoo Torontoo kan turanii fi waldaa hawaasichaa cimsuuf akkasumas hojii tola ooltum...
05/07/2024

Biyya Kanaadaatti miseensa Hawaasa Oromoo Torontoo kan turanii fi waldaa hawaasichaa cimsuuf akkasumas hojii tola ooltummaa keessatti dammaqinaan hirmaachuun kan beekaman obbo Girma Gemeda du'aan addunyaa kana irraa boqatan.

Obbo Girmaa Gammadaa artiistota Oromoo heddu hojii isaanii jajjabeessuu fi filaayar hojjachuufiinis beekamu.

Kana malees warra jalqaba irraa qabee OMN cinaa dhaabbatee kallattii hedduun tumse keessaa adda duree dha.

Intiroo fi filaayariiwwan garaagaraa hojjachuu dabalatee ogeessa Kaameeraa ta'uun OMN utubaa kan turan obbo Girmaan, ergasiiyyis hanga lubbuun isaanii dabartutti OMN cinaa dhaabbachuun ogummaa, maallaqaa fi hawaasni akka OMN gargaaru dadammaqsa gochuun tumsaa turan.

Obbo Girmaa Gammadaa Hawaasa Oromoo Toroontoo cimsuu keessatti gahee olaanaa akka bahatanii fi hojii tola ooltummaa keessatti dammaqinaan hirmaachuun akka beekaman hawaasichi ragaa baha.

Waggaa 2f dhukkubsatanii yaalamaa erga turanii booddee har'a du'aan boqatan.

Obboo Girmaa Gammadaa bultii ijaarratanii abbaa warraa fi abbaa ilma tokkoo turan.

Du'aan boqachuu obbo Girmaa Gammadaatiin OGMN gadda itti dhagahame ibsa.

Maatii, firoottanii fi Hawaasa Oromoo Torontoof jajjabina hawwa.

  Jeeynoomsaa Jiloo ( MOHAMMAD SAID ALI )Maqaan  dhalootaa Mohammad Said Ali ) Maqaan qabsoo Jaal Jeeynoomsaa Jiloo Abba...
04/06/2024

Jeeynoomsaa Jiloo ( MOHAMMAD SAID ALI )

Maqaan dhalootaa Mohammad Said Ali ) Maqaan qabsoo Jaal Jeeynoomsaa Jiloo
Abbaa isaanii Said Alii Boruu fi harmeen isaa Nuuriyaa Ahmed shankoor irraa kan dhalatan bara 1971tti dhalate magaalaa Dirree dhawaa arraddaa 08 Laga-harree karaa gad ganda guggubatti dhalate.

Jaal Mohammad Said Ali akkuma lafaa ol ka'een cunqursaa mootumman abbaa irree sirna sanii ummata irratti gaggeessaa ture diduun Jaal Mohammad Said nama onnatee iddoo dhaloota isaa tan taate dirree dhawatti qabsoo jalqabe.

Lakkumma dhooysaan qabsoo gaggeessu hariiroo cimsee namoota akka isaa bilchaataa tahanii fi quuqama qaban wajjiin, gara waraana bilisummaa Oromootti dabalaman bara 1987 kessa

Lakkuma waraana keessatti hirmaannaa gaggeessuun, faxinummaa fi abshaalummas nama qabu waan taheef waggoota 5 qabsoo erga gaggeesseen sadarkaa hogansattis nama gaggeessaa ture.

Jaal Mohammad Said Ali Nama gaafa chaaptaraa ABOn hidda jabeeyfatee akka baha Oromiyaatti madhee ABO tan taate ona Obborraa ykn Aanaa Dadar bara 1992 keessa Nama sadarkaa
Bulchaa tahee gaggeessuun beekkamuudha.

Nama jabaa yaroo sanii tahuun nama dubbatamu nama bara 1993 jaal Nadhii gammadaa wajjiin hariiroo hogansa dhaaba ABO keessatti nama gahee isaa bahachaa tureedha.

Jaal Mohammad Said Alii chaaptara duras tahe chaaptara boodas qabsoo sabaatiif Hawwiisoo dhaaba ABO kanneen akka Artist kadir Said dabalatee wallistoota hedduu wajjiin Jabuutiitti imalan.

Imalli isaanii Jiruu biyya ambaa keessattis qabsoo tinnisun, Jabuutii keessattis nama waraana ABO hogganaa tahee tajaajilaa ture dha.

Ergasiis gara Ertiraa dhaquun mooraa qabsootti hidhannoonis tahee hanga sadarkaa lolchiisuu irratti nama waraana wayyaannee wajjiin qabsoo ABO gaggessaa ture.

Jaal Mohammad Said Alii jireenya jiruu baqaatis nama dhamdhame waggoota 30 oliif nama biyya dhaloota isattis tahee biyya isaa Oromiyaa irraa fagaatee arkuuf dharra'aa ture.

Jaal Mohammad Said Ali jireenya jiruu baqaa keessatti hadhaa garaa garaa nama dhamdhamatee obsaan dabarsaa ture hiree biyya America bara 2000 keessatti gamoo guddicha Lakkuu ja'amu Osaamaa billaadiniin barbadooyte warreen carra American irraa hayxe keessaa nama tokko.

Immala gara Suudaanii keessas nama waggaa 10 ture achittis hireen hin milkoofneef ammas amna jiruu baqaa itti fufee, biyya masriittis ittisa jireenyaa haaraya jalqabe waggaa 9 hanga yoonaa dhamaatii jireenya isaa kanaaf taasisee gargaarsa tokkollee akka oromootti osoo carraa hin arkatin dirreerratti hafe.

Jaal Jeeynomsaa Jiloo ( Mohammad Said Ali, Dhibeef saaxilamus mana yaalatti osoo yaalamaa jiru Waxabajjii 03/2024tti Imbaasiyyaa mana yaalaa keessatti yaala irra osoo jiru lubbuun isaa dabarte jirtii.

Sirni Awwaalchaa isaa Waxabajjii / 2024tti biyyaa masri magaalaa Kaayroo basaatinitti rawatame jira

JAAL MOHAMMAD SAID ALI Abbaa ilmaan 6 yoo tahu kan dhiiraa 4 fi shamarran 2 qaba dhamsii
hanga guyyaa kaleessa lubbuun isaa hin bahinnitti nama amaanaa Ilmaan isaa dhaammachaa ture kun qaama dhimmi ilaallatu hunda lallata .

Jaal Mohammad Said Ali rabbi Rahmata ha godhuuf Maatii firoottan hiriyoota qabsoo fi Ummata oromoo ball'aaf jajjabina hawwina.

Waxabajjii 04/2024

28/05/2024

10/05/2024
26/04/2024

DADAR hortee ilmaan 4’rran qalloo

08/04/2024
04/04/2024

SUbscribee godhaa
23/03/2024

SUbscribee godhaa

Address

Melbourne, VIC

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oborraa global media network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share


Other Media/News Companies in Melbourne

Show All