Birraa Barii Media

Birraa Barii Media Odeeffannoo Saffisaa fi Waytaawaa ta'e Ummata Keenya biraan gahuuf Miidiyaa dhaabbatedha!

05/22/2024
05/22/2024
Africa
02/29/2024

Africa

01/16/2024

William Samoei Ruto Mr. President 👂🦻👂

Wal-qixummaa Ga'illaa kessaa😎😎
01/06/2024

Wal-qixummaa Ga'illaa kessaa😎😎

01/01/2024

Happy New Year 2024.

56k watching 🙇🙇
12/31/2023

56k watching 🙇🙇

54k watching 🙇
12/31/2023

54k watching 🙇

😳😳
12/26/2023

😳😳

11/26/2023

Jirtuu???

BBM: ODUU ( Onkoleessa 18/10/2023)Perezdaantiin Keeniyaaa Wiiliyaam Ruutoon Israa'iil cinaa akka dhaabbatan mirkaneessan...
10/18/2023

BBM: ODUU ( Onkoleessa 18/10/2023)

Perezdaantiin Keeniyaaa Wiiliyaam Ruutoon Israa'iil cinaa akka dhaabbatan mirkaneessan.

Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruuttoon biyyi isaanii Keeniyaan michuu ishee Israa'il cinaa ni hiriirti jedhuun dubbatan.

Pirezidaantichi qabsoo Abbaa biyyummaa Falasxiinonni geggeessaa jiran kana "Qabsoo shororkeessitootaa" jechuun qaanii tokko malee balfanii jiru.

Biyyoonni Afrikaa heddu haleellaa gara jabummaa Filisxeen irratti raawwatamaa jiru balaaleffataa yeroo jiranitti Perezdaantiin ollaa keenya Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon michuu isaanii Israa'iil cinaa akka dhaabbatan himan.

Faransaayi bilbila Iphone 12 dhorkite.---------------------:::::::::::::--------------------------Birraa Barii mediaBiyy...
09/17/2023

Faransaayi bilbila Iphone 12 dhorkite.
---------------------:::::::::::::--------------------------
Birraa Barii media

Biyyi Faransaayi bilbila iphone 12 dhorkuu ishee beeksiste. Sababni dhorkaa kanaas bilbilli Iphone 12 balaqqeessaa humnaa olii waan maddisiisuufi jechuunis beeksiste. Qaamni dambalii Redio to'atu akka jedhetti iphone 12 elektiroomaagneetikii raadiyeeshiinii hanga barbaadamuu ol akka maddisiisu ibseera.

Dhaabbanni oomisha Apple kun saffisaan fooyya'iinsa taasisee hin sirreesuu taanaan bilbila kana gurguramee biyya keessa kan jiru guutuu biyyattii keessaa akka walitti qabuuf nan dirqama jedheera.

To'ataan dambalii redio biyya Faramsaayi kana haa jedhu male,dhaabbanni Fayyaa Addunyaa immoo raadiyeeshiiniin bilbiloonni kun maddisiisan fayyaa namaa irratti dhiibbaan inni geessisu jiraachuu isaa mirkaneesse hin jiru jedheera.

Waxabajjii, 29/2023Seenaa Rirmi hin Nyaatu!❤️💚❤️Hacee ilma Hundeessaa!
06/29/2023

Waxabajjii, 29/2023
Seenaa Rirmi hin Nyaatu!❤️💚❤️
Hacee ilma Hundeessaa!

06/23/2023

BBM : Akkam jirtu Hordoftoota keenya Kabajamoo ? Yeroo dheeraaf Toora irraa bannee turuu keenyaaf dhiifama jechaa BBM deebi'ee tamsaasa isaa eegaluudhaaf Yaada keessan barbaada.

Yaada nuuf qoodaa.

Oduu gaddaa Qabsaa’aa fi weellisaa angafa Zarihuun Wadaajoo dhukkubsatee biyya Hindiitti osoo yaalamaa jiruu dhibeen itt...
04/23/2023

Oduu gaddaa
Qabsaa’aa fi weellisaa angafa Zarihuun Wadaajoo dhukkubsatee biyya Hindiitti osoo yaalamaa jiruu dhibeen itti hammaatee fayyuu waan hin dandeenyef Amajjii 22/2023 du’aan addunyaa kana irraa boqoteera.
Qabsaa’aa jabaa kana dhabuu keenyaf gadda guddaa natti dhagahame ibsaa maatii firoottan akkasumas jaalattoota fi dinqisiifattoota isaa maraaf jajjabina hawwa.
Nagaan boqodhu 😭😭
RIP!

04/09/2023
BBM : ODUU [ Adoolessa, 10/2023 ]Itoophiyaatti iddoowwan Hoongeen itti hammaate isaan kami?Afrikaa Bahaatti Waqtii Rooba...
03/10/2023

BBM : ODUU [ Adoolessa, 10/2023 ]

Itoophiyaatti iddoowwan Hoongeen itti hammaate isaan kami?

Afrikaa Bahaatti Waqtii Roobaa shaniif bokkaan dhabamuu isaatiin, Hoongeen barkurnee afur [waggoota afurtama] keessa isa hamaati jedhame mudatee jira.

Kanaanis Lammileen Miiliyoona 36 ol tahan Deeggarsa eeggachuuf dirqamanii jiru.

Kanneen miiliyoona lama tahan ammoo qe’eerraa buqqa’uu Dhaabbanni Godaansaa Idiladdunyaa (IOM) ibsee jira.

Kanneen keessaa Miiliyoona 24 kan tahan Itoophiyaa keessa kan argaman oggaa tahu, kanneen buqqa’an keessaa ammoo Walakkaa Miiliyoonaa ol kan tahanis biyyuma kana keessa.

BBM : ODEESSA [ Gurraandhala, 09/2023]Abbootiin Qabeenyaa olaanoon  Amaaaraa Propozaala "Beeta kinatii hanga Beeta Mangi...
02/09/2023

BBM : ODEESSA [ Gurraandhala, 09/2023]

Abbootiin Qabeenyaa olaanoon Amaaaraa Propozaala "Beeta kinatii hanga Beeta Mangistii" jedhu qopheessanii Fonqolcha mootummaa qindeessaa jiraachuu isaanii OMN Ragaalee argachuu hime.

Abbootiin Qabeenyaa kunniin gartuulee Siyaasaa Amaaraa waliin gurmaa'uun sochiitti jiru.

Ragaalee icciitiin OMN argate, Miidiyaalee 50 ol faaynaansiin utubanii dhimma kanaaf hojjachiisaa jiraachuus mul'isaniiti jiru.

Caasaa Raayyaa ittisa Itoophiyaa fi Humna Tikaa, Polisii Federalaa fi Humnoota Naannoo Amaaraatti dhimma bahuun aangoo mootummaa harka Amaaraatti deebisuu qabna jechuun hojjataa jiruu jedhame.

Sochiin tibba kana amantaa dahoo godhachuun fincila waamaa jiranis qaama sochii kanaa akka ta'e maddeen keenya ibsaniiti jiru.

Abbootii Qabeenyaa Amantii dahoo godhachuun fonqolchaa Mootummaa raawwachuuf Socha'aa jiran,

1) Obbo Geetaachaw Alamaaayyahu abbaa Qabeenya Samuel Building fi Maatii Nugusuu Xilaahun kan ta'e.

2) Tilliqsaw Gadaamuu, Abbaa Hoteela Raddison Blue fi Hoteelota hedduu.

3) Abbaa Qabeenyaa Warshaa Bishaan Amboo akkasuma daldaala Gaasii fi Boba’aa kan qabatee Obbo Tedroos Ashannaafi.

4. Warquu Ayitanaw Daldalaa Salixii fi Industirii Zayitii

5) Saamu’el Taffasaa, Abbaa Qabeenyaa Sunshine,

6) Katamaa Kabbadaa, Abbaa Qabeenya KK plc fi importara Konkolaatota fe’insaa,

7) Bizu'ayyahu Taddalaa, Abbaa qabeenya Indaastirii simintoo nashinal fi East African Holdings.

8) Balaaynah Kindee Daldalaa Zayitii, Salixii, Konkolaataa, Buna fi Meeshaalee ijaarsa.

9)Iyyob Maammoo, Lamummaa Ameerikaa kan qabuu fi Daldalaa Boba’aa irratti kan bobba'ee fi kanneen biroo hookkara biyyattiitti qabata amantiitiin kaasuuf maallaqaa deeggaraa jiraachuu odeeffannoowwan iccitii OMN qaqqaban mul'iaaniiti jiru.

Maddi: OMN

BBM : ODUU [ Gurraandhala, 09/2023 ]Yuunivarsiitiin Islaamaa Itoophiyaa keessatti kan jalqabaa ta'e maqaa gameessa Amant...
02/09/2023

BBM : ODUU [ Gurraandhala, 09/2023 ]

Yuunivarsiitiin Islaamaa Itoophiyaa keessatti kan jalqabaa ta'e maqaa gameessa Amantii Sheek Adam Tuulaatiin hundaa'uuf jedhame.

Itoophiyatti Gameessa Amantii Islaamaa kan ta'an Sheek Adam Tuulaa ji'a afur dura waggaa 110tti du'aan Addunyaa kana irraa kan boqatan yoo ta'u, Waggoota 80 oliif amantii Islaamaa barsiisuu keessatti dabarsanii jiru.

Yeroo Gameessi Amantii Islaamaa kun boqatanitti Hayyoonni Amantii Islaamaa Yaadannoo Nama kana madaalu dhaabuuf waliigaluun isaani ni yaadatama.

Maddi: OMN

BBM: ODUU [ Amajjii, 27/2023 ]Barattootni Manneen Barnootaa Bultii Addaa W. M. Oromiyaa Qabxii Olaanaa galmeessisuun dha...
01/27/2023

BBM: ODUU [ Amajjii, 27/2023 ]

Barattootni Manneen Barnootaa Bultii Addaa W. M. Oromiyaa Qabxii Olaanaa galmeessisuun dhagahame.

Barattootni Manneen Barnootaa Bultii Addaa Naannoo Oromiyaa Qormaata Biyyoolessaa Bara 2014 Kutaa 12ffaa Qabxii olaanaa galmeessisanii jiru.

Barattoota Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12faa fudhatan 76 yoo ta'an, Qabxiin isaan galmeessisan immoo;

~Qabxii 600fi ol kan fidan, Dhi_ 16 Du _ 5 Walitti 21,

~Qabxii 500 - 599 kan fidan, Dhi _ 27 Du _ 18 Walitti 45

~Qabxii 400 - 499 kan fidan, Dhi _ 3 Du_ 6 Walitti 9

~Qabxii 400 gadi kan fide immoo, Dhi _ 0 Du _ 1 yoo taatu,

Walumaagalatti, Barattoota dhiiraa 46 dubartii 30 walitti 76 kan ta'an firiin isaanii akka armaan olitti ibsame fakkaata.

Maddi: Biiroo Barnootaa Oromiyaa

BBM : ODUU [ Amajjii, 26/2023 ] Yakkamaan jaalallee isaa Saaniitaayizarii irratti firfirsuun ibddaan gubattee akka duutu...
01/26/2023

BBM : ODUU [ Amajjii, 26/2023 ]

Yakkamaan jaalallee isaa Saaniitaayizarii irratti firfirsuun ibddaan gubattee akka duutu taasiise murtoo du’aan adabame

Yakkamaan jaalallee isaa Sablee Nigusee jedhamtti Saaniitaayizarii irratti firfirsuun ibdaan gubattee akka duutu taasiise murtoo du’aan adabamee jira.

Himatamaan Daagimaawii Aragaawii jedhamu Mana Murtii Federaalaa Lidataa Ramaddii 1ffaatti Dhaddacha yakka ajjeechaa cimaan himatamuun falmiin gaggeeffamaa turuu Ministeera Haqaa Damee Abbaa Alangaa waliigalaatti Daayrektoreetiin yakkoota dhimma Dubartootaa fi Daa’immaanii ibsee jira.

Himatamaan kun Mudde 30, 2014 magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Araadaa aanaa 04 mana jireenyaa isaa Hoteela Saareem dubaatti argamutti gochaa kana raawwachuu ragaan irratti qulqullaa’uu eeramee jira.

Yakkamaan yakkicha hin raawwanne jechuun mormus Ittisa dhiyeeffadhu jedhamerratti ragaa ittisaa dhiyeeffachuu dadhabuu isaan murtoon balleessummaa irratti darbeera jedhame.

Haaluma kanaan manni murtichaa dhaddacha har’a ooleen himatamaan du’aan akka adabamu itti murteessuu ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.

Maddi: FBC

BBM: ODUU SIMBIRTUU [ Amajjii, 26/2023 ]Itti-Gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Jillee Dhummugaa Obbo Umar Aliwo...
01/26/2023

BBM: ODUU SIMBIRTUU [ Amajjii, 26/2023 ]

Itti-Gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Jillee Dhummugaa Obbo Umar Aliwoo Aadam lolli ummata Walloo irratti baname karooraa yeroo dheeraatiin itti yaadamee kan baname ta'uu ibsan.

Waraanni kun osoo hin jalqabin dura tuttuqqiin garagaraa Humna Addaa Amaaraatiin raawwatamaa akka ture Obbo Umar OMNtti himani jiru.

BBM : ODUU HAR'AA [ Amajjii, 26/2023]Lolli Hidhatoota Faannoo fi Humna Addaa Naannoo  Amaaraatiin Ummata Oromoo Walloorr...
01/26/2023

BBM : ODUU HAR'AA [ Amajjii, 26/2023]

Lolli Hidhatoota Faannoo fi Humna Addaa Naannoo Amaaraatiin Ummata Oromoo Walloorratti baname hammaatee itti fufuun dhagahame.

Aanaalee Godina Addaa saba Oromoo Walloo adda addaa keessatti lolichi hammaatee itti fufuu kan himan maddeen, hanga ammaatti Namoonni Nagaan dhibbaan lakka'aman lubbuun darbuu himan.

Lolichi lola Oromummaa irratti baname ta'uu kan himan jiraattonni, Guyyaa kaleessaa Aanaalee Jiillee Dhummugaa fi Harxummaa Fursee keessatti Lubbuun Namoota hedduu akka darbetu himama.

Guyyaa har'aas Kamisee, bakka Diimtuu fi Cuqorsoo akkasumas, Iddoo Magnii jedhamu keessatti Manneen jiraattotaa jumlaan gubachaa jiraachuufi daa'immaniu fi dubartoonni ajjeefamaa fi dararamaa jiraachuun beekamee jira.

Mootummaan Federaalaa Dhimmicha tasgabbeessuuf garas bobbaafamus, liyyuun haayilii Amaaraa ajajamuufii waan dideef, lolli eegalame dhaabbachuu hin dandeenye jedhan maddeen.

Maddi: OMN

BBM : ODUU SIMBIRTUU [ Amajjii, 26/2023 ]Waldaan Afuurawaa Barattoota Oromoo Ortodoksii Tawaahidoo Muudama Phaaphaasota ...
01/26/2023

BBM : ODUU SIMBIRTUU [ Amajjii, 26/2023 ]

Waldaan Afuurawaa Barattoota Oromoo Ortodoksii Tawaahidoo Muudama Phaaphaasota haaraa Oromiyaa akka deeggaru beeksise.

Waldichu ibsa baaseen, Murtoo Phaaphaasota muuduu gidduu kana raawwatame akka deeggaru beeksiseeti jira.

Muudama Phaaphaasotaa tibba kana raawwatame sinodoosiin duraanii akka fudhatu gaafatee jira.

Kana malees, Waldaaleen afuurawaa tajaajila Afaan Oromoon kennan sinodoosii haaraa hundaa'ee fi phaaphaasota muudaman tumsuu akka qaban hubachiisee jira.

Warri Murtoo kana gufachiisuuf yaalu gochaa isaa irraa akka dhaabbatu Waldaan Afuurawaa Barattoota Oromoo Ortodoksii Tawaahidoo hubachiiseeti jira.

BBM : ODUU AMMEE [ Amajjii, 26/2023 ] ~ Qe'ee fi Qabeenyi Oromoota Wolloo akkasitti Diinaan Barbadaa'aa jira. OROMOO dam...
01/26/2023

BBM : ODUU AMMEE [ Amajjii, 26/2023 ]

~ Qe'ee fi Qabeenyi Oromoota Wolloo akkasitti Diinaan Barbadaa'aa jira. OROMOO dammaqi!

BBM : ODEESSA [ Amajjii, 24/2023 ]Sinoodosiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa haaraa hundeeffame, deebii gaaffii Amanto...
01/24/2023

BBM : ODEESSA [ Amajjii, 24/2023 ]

Sinoodosiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa haaraa hundeeffame, deebii gaaffii Amantootni Amantichaa barootaaf gaafachaa turaniiti jechuun Rogeeyyiin Oromoo ibsan.

Warri Bulchiinsa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dhuunfatee ture Bataskaanattii giddu-gala Siyaasaa fi Aadaa Saba tokkoo godhachuun, eenyummaa fi Afaan Sabootaa ukkaamsaa turus, murtee Abbootiin Amantaa dabarsan kanaan Seenaan kun jijjiirramee jira jedhan.

Ummatni Oromoo hundis, Oromoonni Amantaa Ortodoksii hordofan Afaanii fi Aadaa isaaniitiin Waaqeffachuuf Qabsoo isaan taasisaa jiran bira dhaabbachuutu irra jira jedhanii jiru.

Address

West Land
Minneapolis, MN
55426

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Birraa Barii Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share


Other Media/News Companies in Minneapolis

Show All