Oftane Media Oromia

Oftane Media Oromia bakka itti kufte osoo hin ta'in bakka itti gufatte yaadadhu!

26/02/2024

Arjaa ilma Sooreeysaa
Kennataa kuma caaluu,
Yaadataafiin barreeysaa✍️
Xiqqo waajechuuf yaalu,
Jechuufiis nayaaddeysa
Dhugaa jechin madaalu!!

Gingilchee guggulaalu
Jecha funaanee coree,
Himnin ibsuun wallaalu
Yoomiyyuu dogongoree,

Leenci gubbaa gallaalu
Addunyaa tolluu koree,
Carraan hin u'utaaluu
Dhiira carraaqee h**e.

Gufuuf gaadii saakaalu
Cufa ciqqaawee muree,
Dhabaafi dhibdee yaalu
Rakkoo hiyyummaa fure.

Dirmataa gaafa rakkoo
Tufteeyyu qaawa maraa,
Dureeysa, lammiif irkoo
Quuqamaa laafu garaa.

Arjummaantun dhaloota
Dabareen dhufte waaraa,
Abbaa Sooreeysa, gootaa
Lubbuulubbuun baraaraa,
Leeccalloodhaan Oromoo
Hambaa kaa'eef bahaaraa,
YAADATAA ilma JAARRAA
Dhiira kaznaan haddaaraa.

Milkii hawwee haraaraa
Galii-dhaaf karoorfatee,
Bu'aa bu"iidhaan qaaraa
Hawwiisaa dhugoomfate,
Tuujii too'ee hammaaraa
Carraaqaan guduunfate,
Baasee beelaa fi daara
Dhabaa harka hiixatee,
Dhihaaf barii gargaaraa
Garaadhaan tufsiifatee,
Eybaan dagaagee saara
Onnee qalbii dhunfatee,
Leenca lammii hadaraa
Sooreysitti dhaammate,
Hin mucucaanne karaa
Haqaarraa shigigaatee.
Goblaa baasee bararaa
Roga maraan jabaate.

Abbaa qabeenya guddaa
Diinagdeen tarkaanfataa,
Wirtuudha lafee duuydaa
Biyya guutuun dhaabbata,
Tola ooltummaan hundaa
Kiishaa waadhadhawataa ,
Daaddaan qabu arjummaa
Kakka-saa yoom dhalata!

Muraad Saanii Yaadataa
Gameeysa murtii guutuu
Biyyaaf lammiis jaalataa
Hoongee agabuun buutu,
Wabii lubbuuf dhaabbata
Deegaa biraattin duutuu.

Dhabaa dhibee cimtuu
Cimimmuu hafarfataa,
Kanrakkate hundumtuu
Furmaata barbaaddataa,
Gubaa hongee finiintuu
Affeellaan hobbaafataa,
Tuujiin irratteen dhumtu
Hammaaree waraabbata,
Haaja baas hojiin himtuu
Faarsee ittiin dhaaddata.

Caayaa haara baafataa
Gaaddisa lammii balloo,
Uuda haddaar raabsata
Boolla callaa leeccalloo,
Leenca ilmaa yaadataa
Habaqaala Afran Qalloo.

Arjaa abbaa hiyyeeysa
Beela qabu nyaachisee,
Qaamni daaru dureeysa
Daara baasu uuwwisee.

Qabeenya dhangalaasaa
Dhibamaa wallaan-sisee,
Manbarnoota Hawaasaa
Bakka meeqat jaarsisee,
Deeggarsaa fi gargaarsa
Heeluun malee taasisee,
Tolangoomne olmaasaa
Kan maqaa nuyaamsise!

Baga keenya taasise.🙏🥰♥️

Walaloon, ✍️ Numoosis Jawar iin.
Guyyaa gammaachuu milkaa'ina cidha Kitaaba, HIIGAA Obboleeysa kiyya Nasru Kush baga goobaan galte.

26/02/2024
14/02/2024
Ilma abbaa caalu jechuun kan akka kabajamoo Obbo Kadir Juhar Ibraahim kana.🥰❤️
13/11/2023

Ilma abbaa caalu jechuun kan akka kabajamoo Obbo Kadir Juhar Ibraahim kana.🥰❤️

Wal-qunnamtii saalaa gaa’ela duraa (Pre marital s*x)**************************************************Wal-qunnamtiin saa...
19/07/2023

Wal-qunnamtii saalaa gaa’ela duraa (Pre marital s*x)
**************************************************
Wal-qunnamtiin saalaa gaa’ela duraa dhimma namoota gidduutti garaagarummaa uumu tahus yeroo amma dhimma rakkoon isaa caalaa olka’ee muldhatu tahuu isaa baayyeen irratti waliif galu.
MIIDHAA AKKAMII QABAA?
***********??*******************************************************
1.Fedhii dhabuu…kun dhimma baayyee rakkisaa tahee fi dhiiras tahee dubarri hariiroo keessatti erga walqunnamtii saalaa godhan booda jaalalli fi walitti dhufeenyi dur ture gaafa badu ni muudata.Kunis namoonni sun wanti isaan gara fuula duratti ilaalaa adeeman waan hin jirreef hariiroon sun rakkoo irra bu’a.

2. Rakkoo ulfaa’uu sodaachuu

3. Dhibeewwan walqunnamtii saalaaf dadarbaniif saxila bahuu

4.Xiyeeffannoon wantoota hariiroo gaariif barbachisan kan biro kanneen akka amala , beekumsa , amantaa fi kkf walii baruuf qaban ni hirdhata.

5. Rakkoo gargar bahuu sodaachuu kunis erga walqunnamtii saalaa godhan kana hunda booda yoo na dhiise/te hoo? Jedhanii dhiphachuu fida.

6. Rakkoo kophaa daa’ima guddisuuf nama saaxiluu danda’a

7. Amantii baayyee keessatti dhorkaadha .Kunis maatii , mana amantaa fi hawaasa keessatti fudhatama nama dhabsiisa

8 Gaabbii

9. Rakkoolee miidhaa qoricha ulfa ittisan fudhachuu irraa dhufanif saaxilamuu fkn ulfa gadameessan alatti uumamu (ectopic pregnancy) , rakkoowwaan hormoonii garagaraa , fedhii saalaa hirdhisuu , goguu qaama saalaa dubaraa (vaginal dryness) fi kkf

10. Rakkoowwaan xiinsammuu adda bahuu booda booda dhufan ni cimsa. Sababni isaas walqunnamtiin saalaa haariiroo hiriyyoota gidduu jiru waan cimsuuf hariiroon kun yoo hafe miidhama xiinsammuu guddaaf nama saaxila.

Fuala facebook kana like , share fi invite gochuun hiriyyoota keessaniin gahuu hin dagatinaa!

Galatoomaa 🤝

Page keenya follow godhaa.

Address

Nairobi

Telephone

+254797779860

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oftane Media Oromia posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oftane Media Oromia:

Videos

Share