Wajjira Dhima Dubartoota Daa'iim fi Dargaggootaa Aanaa Shabee somboo

  • Home
  • Ethiopia
  • Jimma
  • Wajjira Dhima Dubartoota Daa'iim fi Dargaggootaa Aanaa Shabee somboo

Wajjira Dhima Dubartoota Daa'iim fi Dargaggootaa Aanaa Shabee somboo This page is primarily created to easily communicate with the communities through social media

24/11/2020
Godina Jimma Aanaa Shabee Sombootti......YAA'IIN WALDAA DARGAGGOOTAA Geggeffama Oleera.Haaluma kanan Guyyaa Har'a Sadaas...
13/11/2020

Godina Jimma Aanaa Shabee Sombootti......YAA'IIN WALDAA DARGAGGOOTAA Geggeffama Oleera.
Haaluma kanan Guyyaa Har'a Sadaasa 04/03/2013 Yaa'iin Waldaa Dargaggootaa Dura Bu'ootaa waldaa Dargaggoo, Miseensa waldaa Dargaggoo fi Dargaggoota Adda Duree Gandoolee Aanaa keenyaa 23 keessa waliitii dhufan waliin geggeffama kan olee yoo ta'u. Baniinsa Yaa'ii kana irrattis I/Gafaatamtoonii Wajjiira Paartii Aaniichaa fi I/G ttuu W/r DhDDD Aanaa kan argaman yoo ta'u Dargaggoonii keenyaa Ijaarama isaanii ganda hundaa keesaatti lafa qabsiisuun Adeemsa Jijjiirama Biyya keenyaa taasisa jirtuu keessattii Akka gahee isaanii bahatanu Dhamaniiru itti dabaluniis Gocha Humnoonii badii biyyaa keenyaa Diiguf taasisan kamu dura Dhabbachuun akka nageenyaa biyya fi Naannoo keenyaa mootummaa ciina ta'uun akka mirkaneessan fi Gochaa TPLF Yeroo amma Rayyaa Ittiisa Biyya irratti rawwattee akka balalefatanii fi tarkafii mootummaan Olaantumma seeraa kabaachisuuf taasisa jiruu tumsa barbaachisu godhan dhamaniiru. Gama biran Dargaggoon Aadaa Hojii isaanii jijjiiruun Badhaadhinaa dhunfaa isaanii fi Aanaa keenyaa akka mirkaneesaan Dabalataniis Aadaa qusannoo Dargaggootaa akka Dagagu qabu kana yoo gonee jijjiirama maatii boruu mirkaneessu dandeenya jechuun ibsameera. Yaa'ii kana irratti Daambii Ittin Bulmata Waldaa Dargaggoo kara I/G waldaa Dargaggoo Aanaa kan dhiyatee yoo ta'uu dhuma irrattis koree hojii Rawwachiftu waldaa sadaarka Aanaa filatamani turaan hirmatootaf dhiyachun akka mirkaneesanu ta'ee jira.

Aanaa Shabee Sombootti Guyya Har'a Hiririi Deegarsa Tarkanfii Mootummaan Humnoota Badii Irraatti fudhata jiru DeegarunTa...
11/11/2020

Aanaa Shabee Sombootti Guyya Har'a Hiririi Deegarsa Tarkanfii Mootummaan Humnoota Badii Irraatti fudhata jiru DeegarunTaasifama oleera..Hiririchii Nagaayan Kan Xumuramee yoo ta'u Arjoomnii Dhiigaa fi Sangoota Rayyaa Ittiisa Biyyaaf taasisuun Antummaa, Kabaaja fi Jaalala Rayya Ittisa Biyya keenyaaf qabanu ifati agarsiisun danda'ameera. Sagantaan kun akka milka'u Dargaggootaa keenyaa Tumsa gootaniif Gudda galatooma Jena Maqaa Wajjiira Dhimma Dubartootaa Daa'iimaanii fi Dargaggootaa Aa/Sh/Sombootiin.

Wajjiira Dhimma Dubartoota Daa'iimaanii fi Dargaggootaa Aanaa Shabee Somboo #Godina Jimma Aanaa Shabee Sombootii  Har'a ...
07/11/2020

Wajjiira Dhimma Dubartoota Daa'iimaanii fi Dargaggootaa Aanaa Shabee Somboo #
Godina Jimma Aanaa Shabee Sombootii Har'a Onk. 28/02/2013 Ayyannii Daa'iimaanii Marsa 15ffaa Dhadano “ Dhaaloota Qaruun Biyya Haa ijaru ‘( A Day to Reimagine the Future” )Jedhuun Kabaajame Oleera.
Haaluma Kanan Ayyanniichis Qamootii Hawaasa adda addaa Waliin kan kabaajame olee yoo ta'u Hojiiwwaan Ayyanna kana sababeffachun Guyya har'a rawwatamaniis marii paanaalii Haala Daa'iiman Aanaa keenyaa keessaa jiranu ilaalchiise kan geggeffamee yoo ta'u Dhuma irrattis Deegarsa Adda adda taasisun xumurameera.

Godina Jimma Aanaa Shabee Somboo Magaala Shabeetii Guyya kalesa jechuunis Hagayya 28/12/2012 Hojii Tajaajila Lamumman Du...
04/09/2020

Godina Jimma Aanaa Shabee Somboo Magaala Shabeetii Guyya kalesa jechuunis Hagayya 28/12/2012 Hojii Tajaajila Lamumman Dubartoonii Duula Qulqulina Magaala fi Kununsa Biqiltuu Yaadannoo Artiistii Haacalu Hundeessa Sababeffachun Dhabbateef Taasisaniru. Kayyoon Saganta Hojii Tajaajila Lamumma Dubartoota kun qopha'eef inni Gudda fi Ijoon Dubartoonnii Hirmaana Isaanii Hojii Misooma, Nageenyaa fi Kununsa Naannoo keessatti akka Daran ciime kan kana dura caala itti fufu qabu gochuu fi Ijaarama isaanii ciimsun Gahee Murteessumma Dubartoonii Imala Jijjiirama Biyyii keenyaa qabate Jirtuu milkeesu keessatti qaban Hubatanii kara Ijaarama isaaniin Gahee isaan irra Egaamu akka Bahatanu gochudha.

  Ashaara Magaarisa Galman gahuuf Idoo Jiruuti Gahee Keenyaa Haa bahanu......Aniis, Atiis Hundii keenyaa Biqiltuu Dhabuu...
07/06/2020

Ashaara Magaarisa Galman gahuuf Idoo Jiruuti Gahee Keenyaa Haa bahanu......Aniis, Atiis Hundii keenyaa Biqiltuu Dhabuun Galmee Seenaa Ashaara Magaarisa Dhalootaf haa keenyu..... #
Bara kana karoora Ashara Magarisan Biqiltuu biliyona 5 Dhabuuf halduree barbaachisu hundii xumuramee kan jiruu yoo ta'uu guutuun lammilee biyya keenyaa Xiqqa, gudda, Dubartoota, fi dhiira saalan adda osoo baasiin, jaarsa jaartii osoo jedhiin akka irratti hirmaatani hojiin milkiin hojjettamu gamanuma sochiin Eegalame akkeka garii mul'isa. Haalumaa kanan akka Aanaa keenyaatti bara darbee Qaamni hawaasa hundii kan dhabii biqiltuu kana irrattii hirmaate dhabee yoo ta'uu keessumaa dargaggoonii Adda-duruman hirmaana ho'a taasisuun biqiltuun hangaa jedhamee ol akka dhabbatu gahee isaanii bahataniiru. Keessattu dhaloota haaraa waan gaarii dhaalchisuu fi madala umama naannoo keenya eegnee qileensaa naannoo mijattuu taatee uumuuf biqiltuu karoorfamee dhabnee kununsuun dirqama lammummaa fi namummaa keenyaa bahachuu akka qabnu waamicha dabarsina. Keessumayuu dargaggoonni aanaa keenya humna misoomaa fi abdii egeeree biyyaa ta'u keessan beektanii hirmaanna ho'aa akk taasiftan dhaamsa keenya dabarsina.
Dhimma Dubartootaa/Daa'iimaanii fi Dargaggootaa Aanaa Shabee Somboo........@@@

Guyya Hadha Aanaa shabee sombootti Dubartoota Rakkoo Dhukuba festulaf saxilamoo ta'aniif Deegarsii Kara w/ra DhDDD taasi...
03/06/2020

Guyya Hadha Aanaa shabee sombootti Dubartoota Rakkoo Dhukuba festulaf saxilamoo ta'aniif Deegarsii Kara w/ra DhDDD taasifame.
Godina Jimma Aanaa Shabee Sombootti W/ri DhDDD Aanaa Deegrsa Adda Addaa Dubartootaa Rakkoo Feestulaa Qabanii fi MKB'f saxilamoo ta'aniif kan taasisee yoo ta'uu.Haaluma kanan Dubartootaa 6 Gandoota Baadiyaa keessa adda bahani rakkoo kanaf saxilamoo ta'un isaanii mirka'eef deegarsii gaodhamu danda'eera. Deegarsa Mallaqa Dhabbata Mit-mootummaa UNPF irraa argameen Dubartootaa kaneniif deegarsii kun kenamu fi Gostii Deegarsa taasifamees Hoolaa kudha lamma(12) bittuun tokko tokkoon Dubartoota kanaf Hoolaan lamma(2) darbee kenamu danda'era.

24/04/2020

Common Preventive Tips to The spread of Covid -19
♦Listen for instructions from your local government about staying at Home.
♦Keep a save distance from others.
♦Clean hands often to disinfect frequently touched surface at home.
♦Don't touch your eyes, nose and mouth.
♦Cover coughs and sneezes with your elbow or tissues.

Protect yourself from Corona virus....Never ignore self-protection mechanism advised by Medical personal.Dhibee Korona v...
05/04/2020

Protect yourself from Corona virus....Never ignore self-protection mechanism advised by Medical personal.
Dhibee Korona vaayiraasii irraa of-haa Eegnuu....Toftalee Ittisa Taamsa'ina Dhibee korona vaayiraasii ilaalchisuun Ogeeyyiin fayya nu dhaman Tufachu irraa of haa qusanu.
Haalii Taamsa'inaa Dhibee korona vaayiraasii akka biyyoota Addunyaatti if akka biyya keenyaattii jiruu olee bulee Dachaan dabala Lubbu namoota baay'ees galafata jiraachu isaa maddeen oddeffannoo garagaara guyya guyyaan uttu hin gabaasiin olanii hin beekanu. Haa ta'utii garuu Biyyaa Akka addunyaattii yeroo duraf dhibeen kun itti mul'ate chaayinaa yoo fudhanee ilaalu hanga tokkoo taamsa'inaa dhibee kana to'achuun lubbuu lammilee ishee bararuu dandeessetti lakkofsa namoota dhibee kanan haara qabamanus baay'ee xiqqadha. Falla kana immoo Ameerikatii guyyattii Lakkofsii namoota dhibee kanan qabamanuu guyya guyyaan dachaa dachaan dabala hanga tilmamuuf namaa rakkisu fi sooda Guutuu Addunyaa ta'uu bira gaheera. Akka biyya keenyaatiis lakkofsii namoota dhibee kanan qabaama jiranu guyya guyyaan dabala dhufa jira akka ibsaa dhabbilee fayya biyya keessaa qorannoo taasisuun ifoomsa jiranuti. Dhibeen korona vaayiraasii kun biyyaa keenyaa keessattii kan mul'atee yeroo dhiyoo as ta'uus mootummaan tarkanfiwwaan taamsa'ina dhibee kana to'achuuf gargaaran adda addaa hojiira olchiira jira. Tarkafiwwan kuneen kessa sochii hawaasa yeroof dangeessuu, sosochii Hubannoo hawaasa gubba hanga sadaarka gadiittii kara adda addaan ciimsu, harka wal-fuchuu dhisuu fi harkaa keenyaa irraa deedebiin dhiqachuu, iddoowwaan baay'een walitti qabamanu fi wal-keessa olaan irrattii of-eggannoon akka jiratu gochu, Sochii Gejjibba dangeessuu, Dhabbilee barnootaa ol'aannoo yeroof akka dhabbattu gochuu fi maneen barnoota sadaarka gadii guttuman guutuutii dhabsiisu, Wal-gahii adda addaa kan mootummaas ta'ee dhunfaan hawaasni taasisu dhabbu fi dhimmota murteessoo ta'an irraatti bifa of-eggannoo ciima qabun qofa akka geggeffamu murteessuu. Dhabbileen amanta akka iddoo namootni baay'een walitti qabamanu Amantaan wal-qabate sochii taasisanu irratti yeroof dangeessuu fi kkf hundaa labsiin dhorkamee jira. Hojiin hangaa ammattii gama kanan hojjettamee kan jajjabbeffamu fi ciime itti fufu qabu yoo ta'uu. Sochiiwwaan taasifama jiruu irrattii hawaasni keenyaa bifa wal-fakkatun hojiira olchaa hin jiruu sababnii isaas akka biyyoota biroo hamaf lakkoofsi namoota dhibee kanan qabamuun isaanii adda bahe xiqqa ta'uu isaa fi lubbuun namaas kan hin

05/04/2020

Protect yourself from Corona virus....Never ignore self-protection mechanism advised by Medical personal.
Dhibee Korona vaayiraasii irraa of-haa Eegnuu....Toftalee Ittisa Taamsa'ina Dhibee korona vaayiraasii ilaalchisuun Ogeeyyiin fayya nu dhaman Tufachu irraa of haa qusanu.
Haalii Taamsa'inaa Dhibee korona vaayiraasii akka biyyoota Addunyaatti if akka biyya keenyaattii jiruu olee bulee Dachaan dabala Lubbu namoota baay'ees galafata jiraachu isaa maddeen oddeffannoo garagaara guyya guyyaan uttu hin gabaasiin olanii hin beekanu. Haa ta'utii garuu Biyyaa Akka addunyaattii yeroo duraf dhibeen kun itti mul'ate chaayinaa yoo fudhanee ilaalu hanga tokkoo taamsa'inaa dhibee kana to'achuun lubbuu lammilee ishee bararuu dandeessetti lakkofsa namoota dhibee kanan haara qabamanus baay'ee xiqqadha. Falla kana immoo Ameerikatii guyyattii Lakkofsii namoota dhibee kanan qabamanuu guyya guyyaan dachaa dachaan dabala hanga tilmamuuf namaa rakkisu fi sooda Guutuu Addunyaa ta'uu bira gaheera. Akka biyya keenyaatiis lakkofsii namoota dhibee kanan qabaama jiranu guyya guyyaan dabala dhufa jira akka ibsaa dhabbilee fayya biyya keessaa qorannoo taasisuun ifoomsa jiranuti. Dhibeen korona vaayiraasii kun biyyaa keenyaa keessattii kan mul'atee yeroo dhiyoo as ta'uus mootummaan tarkanfiwwaan taamsa'ina dhibee kana to'achuuf gargaaran adda addaa hojiira olchiira jira. Tarkafiwwan kuneen kessa sochii hawaasa yeroof dangeessuu, sosochii Hubannoo hawaasa gubba hanga sadaarka gadiittii kara adda addaan ciimsu, harka wal-fuchuu dhisuu fi harkaa keenyaa irraa deedebiin dhiqachuu, iddoowwaan baay'een walitti qabamanu fi wal-keessa olaan irrattii of-eggannoon akka jiratu gochu, Sochii Gejjibba dangeessuu, Dhabbilee barnootaa ol'aannoo yeroof akka dhabbattu gochuu fi maneen barnoota sadaarka gadii guttuman guutuutii dhabsiisu, Wal-gahii adda addaa kan mootummaas ta'ee dhunfaan hawaasni taasisu dhabbu fi dhimmota murteessoo ta'an irraatti bifa of-eggannoo ciima qabun qofa akka geggeffamu murteessuu. Dha

Godina Jimma Aanaa Shabee Somboottii@Guyya Kallessa Bitoottesa 15/07/2012 Dargaggoonii Magaala Shabee Hawaasa Bal'a guyy...
25/03/2020

Godina Jimma Aanaa Shabee Somboottii@
Guyya Kallessa Bitoottesa 15/07/2012 Dargaggoonii Magaala Shabee Hawaasa Bal'a guyyaa Gabaa Sababbeffachun gara magaala shabee Dhufanif Dhibee korona viraasii irrattii Hubannoo kena kan olaan yoo ta'uu iniis iddoowwan hawaasnii Bal'an wal-keessa qaxamuru irraa dhabbachun harka dhiqachisu fi Toftalee dursanii Dhibee kana ittisuf gargaraan irrattii akka ta'ee hubatameera. Haaluma kanan koreewwaan Hojii kanaf akka aanaa keenyaattii dhabbatan yeroon hojiitti galun iddoowwaan Hawaasnii bal'an sochii garagaara taasisan hunda deemun irratti hojjettamu qaba.

21/03/2020

Dhibeen Koronaa rakkoo fayyaa idil-addunyaa ta'ee erga labsamee bubbuleera. Biyyiifi mootummaan keenyas rakkoo fayyaa madda rakkoo siyaas-dinagdeefi hawaasummaa ta'e kana ittisuufi to'achuuf hojii qabatamaa keessa jiraachuunsaa ni beekama. Koree taaski foorsii sadarkaa hundatti hundeessee raawwii hojii guyyaa guyyaa qorachaa Jira. Hoggansi Mootummaa sadarkaa hundatti argamu hojiiwwan isaa guyyaa guyyaa keessatti dhimma ittisaafi to'annoo dhibee koronaatiif dursa kennuun akka hojjetu kallattiin taa'ee raawwiin isaas hordofamaa jira. Bu'uuruma kanaan, hoggansi Mootummaa caasaalee sadarkaan jirurratti argamu koree hoggansaafi teeknikaa hundeessuudhaan hojii hawaasaaf odeeffannoo uumuurratti hojjechaa Jira. Seektera fayyaa waliin ta'uudhaan mala ittisaafi to'annoo dhibee Koronaarratti hubannoo uumuun hojii sadarkaa duraarratti xiyyeeffannoo argatee raawwatamaa jiruudha. Odeeffannoo fi hubannoo of eeggannoo fayyaa hawaasaa ittisa dhibechaa kennuun cinaatti, rakkoowwan gabaa keessatti uumaman to'achuufi balaawwan tasaa dandamachuuf hojiin akka higgansaatti raawwatamaa jiru addatti hordofamaa Kan jiru ta'uus dabalee hubachiisuun fedha. Ogeeyyiin seektara fayyaa naannoo keenyaa weerara dhibee idil-addunyawaa kana to'achuuf tarkaanfii akka mootummaatti fudhatame nafeeffattanii hojii raawwataa jirtaniif dinqifannaafi galata guddaan qaba. Ogeeyyiin fayyaa kutannoo ol'aanaa ummata keenya dhibee daddarbaa kanarraa baraaruuf agarsiiftan cimsitanii akka itti fuftan mootummaa fi ummatni keenya amantaa guutuu isinnirraa qaba. Akkumma dhaabbanni fayyaa addunyaa tibbana ibsetti, tuttuqqaa irraa of qusachuufi qulqullina dhuunfaa irratti hojjechuun dhibicha dandamachuun akka danda'amu eeree Jira. Kanaafuu, ogeeyyiin fayyaa hammeenya dhibichaafi of eeggannoo taasifamuu qaburratti odeeffannoo wayitawaafi giddugalessa tokkorraa darbuun hawaasa hubachiisuurratti hojii eegaltan cimsitanii akka itti fuftan waamicha dabarsa. Kanuma faana, yeroo boqonnaa keessanii haarsaa gootanii sa'a 24 tajaajiluudhaan lammii akka baraartaniif dabalee dhaamuun barbaada. Hawaasa hunda hirmaachisuun hojii ittisaafi to'annoo vaayirasii Koronaa milikeessuuf guyyaa har'aa eegalee hojiin tajaajila lammummaa tatamsa'ina vaayirasii koronaa to'achuuf addatti guutuu Oromiyaatti labsamuu ibsuun barbaada. Kanaafuu, hoggansi Mootummaa,abbootii qabeenyaa, ogeeyyiin dirree adda addaarratti bobbaataniifi humni dargaggeessaa naannoo keenyaa guyyaa har'aa irraa eegaltanii hojii tajaajila lammummaa vaayirasii koronaa ittisuu fi to'achuuf godhamu irratti akka bobbaataniif waamicha lammummaa isiniif dabarsuun fedha. Xumurarrattis, hawaasni Keenya odeeffannoo qulqulluufi wayitawaa qindoomina seektera fayyaafi hoggansa dhimmi ilaallatuun giddugaleessa tokkorraa darbu dhaggeeffatee hirmaannaa isaatiin fayyaa isaa akka eeggatuuf cimsee dhaamaa, mootummaan qaamolee gabaa tasgabbii dhorkuun ummata dararuu barbaadan irratti hordoffii ga'aa taasisuun sirreessaa kan deemu ta'uun yaadachiisa.
Maddii.Ibsaa Peerezadanttii Mootummaa irraa kename.

  Jimma Aanaa Shabee Sombootti Leenjii Baarmatilee Miidhaa Dubartootaa fi Daa'iimaan irraan Gessisan irrattii kename.Bit...
13/03/2020

Jimma Aanaa Shabee Sombootti
Leenjii Baarmatilee Miidhaa Dubartootaa fi Daa'iimaan irraan Gessisan irrattii kename.
Bittottessa 01/07/2012 Wajjiirri Dhimma Dubartootaa/Daa'iimaanii fi Dargaggootaa Aanaa Shabee Somboo Baarmatilee Miidhaa Dubartoota fi Daa'iimaan irratti rawwattaman ilaalchiisuun Qooda fudhatoota Gandoota 13 keessa dhufaniif sadarkaa Anaatti Leenjiin kenameera. Haaluma kanan Hasa baniinsa bakka bu'an Bulcha bulchiinsa Aanaa shabee Somboo kan ta'an Obbo Haayider A/Jabal kan taasisan yoo ta'uu. Obbo Haayideer Abba Jabal Qooda Fudhatoota gandoolee 13 irra leenjii sadaarka Aanaattii kenamu kana irrattii Hirmaachuuf dhufaniif Barbaachiisumaa fi Kayyoo leenjiichaa ibsuun Gaheen qooda fudhatootnii sadaarka gadii jiranu Miidhaa Dubartootaa fi Daa'iimaan irrattii rawwattaman dhabamsiisu keessattii qaban idoo ol'aanaa akka ta'ee dubbattaniiru. Imala jijjiirama Biyyii keenyaa yeroo amma taasisa jirtuu galmaan gahuuf Baarmatiilee miidhaa dubartootaa fi daa'iimaan irraan gahan dhabamsiisun Hirmaana fi fayyadaamumaan isaanii akka mirkana'uu gochuu keessattii namnii hundii idoo jiruutti gahee isaa irraa egaamu bahachuu akka qabu dhamsa hirmaatoota leenjii kanaf Dabarsaniiru. Haaluma kanan Qooda fudhatoonii leenjii kana irrattii argaaman I/G W/ra A/Alaangaa, Peezeedantii Mana Murtii Fi I/G toota seekra Qindoomina Sadaarka Aanaa fi akkasumas Hoggansa Dubartoota seektara adda addaa keessa jiranii oggessota W/ra Dh/DDD Aanaa yoo ta'uu sadaarka Gandootaa Baadiyaa fi Magaala 13 keessa Caasaleen, oggessonni Ex.fayya, I/G tootaa Gummii Shamarrii Barsiistuu fi Baratuun maneen Barnootaa sad. 1ffaa(5-8) keessattii argaamanii, Jaarsoolii Biyyaa fi Abboottii Amaanta Dabalatee kan Hirmaatan yoo ta'uu w/gala Namootnii 169 leenjii kana irrattii argaamun kan leenjiin kenamufi danda'eera. Barreffamnii Marii BMG kanaf qopha'ee kara Oggessa W/ra Dhimma Dubartootaa, Daa'iimaanii fi Dargaggootaa Aanaan kan dhiyatee yoo ta'u ibsii bal'an leenjiitootaf ergaa kenamee booda Gara AbAbba wal-tajjiittii dabarsuun Addee Rahima Mahammada sanii I/G ttu wajjiira DhDDD, I/G w/ra Abba Alaangaa fi Peereezaantiin Mana murtii akka maarisanu ta'ee jira. Hirmaatotnii gama isaaniin yaada bilchaa fi gadii faggoo kasuun kana booda xiyyeffannoon akka irrattii hojjettanu fi hojjechuu qabanu ibsaniru. I/G W/ra A/Alaanga fi Peerezedaantiin mana murtii gama isaaniin xiyyeeffannoon guddan akka itti kenamee hojjettamuu qabu fi uwiinsii seera qixaa barbaadamuun akka hojiira oluu Ni taasisna jedh

  Jimma W/ra DhDDD A/Sh/Sombootti.   30/06/2012....Gamagama BMG irraattii  caasa Gandaa waliin kan taasifamee yoo ta'uu....
11/03/2020

Jimma W/ra DhDDD A/Sh/Sombootti. 30/06/2012....Gamagama BMG irraattii caasa Gandaa waliin kan taasifamee yoo ta'uu. kayyoon Gamagama kanas leenjii Baruma kana Ji'a sadaasa keessa kename tureen BMG'n gandoolee adda bahanii leenjiin kun kenamef keessattii Maal akka fakkattu, Maltu Hojjettame, Bu'a argaame fi Gandaa kamtu leenjii fudhate hojii qabatamatii jijjiiree BMG kana dhabamsiisuuf Sadarkaa Gandaattii Seeraa Aadaa Tumatee Hojiira olchee isaa jedhuu ilaalchiisun Gamagamnii kan taasifamee yoo ta'uu Caasaleen gamagama kana irrattii qooda fudhataniis hojiiwaan hojjetta turan gabaasa kan dhiyyessan yoo ta'uu Kuttannoon itti deemanii Wal-qixa socho'u irraattii gandaa gandaattii garagarumma hanga tokkoo akka qabuu hubbachuun danda'ameera. Haalumaa kanan Gandoota Hojii Garii hojjettan keessumaayuu leenjii booda Oggessii wajjiira yeroo gandaa isaanii deemu ummatta bal'a waliitti qabuun hubbannoon umamee seerii aadaa akka tumamuu fi hojiitti jijjiramuu taasisan fi Gosoota BMG kaneen akka Fudha irratti fuudha rawwachuu, Butii, kittaanna shamarranii fi kkf irrattii hojii garii hojjettaniif Waraqan Raga kara I/G ttuu W/ra DhDDD Aa/Sh/Somboo Addee Rahima mahammadsaniin kenameeraf. Gandooleen kuneenis Gandaa kishee, Walla kella, Urggeyyii, Mirgannoo Basoofi Somboo Darruu kenamu danda'eera.

17/01/2020

(BDhKMNO Amajjii 28/2012)-Galmeen tajaajila tola ooltummaa waggaa tokkoof turu guutuu biyyattiitti eegalame.

Tajaajila kana laachuuf tola ooltonni dhaabbilee barnootaa olaanoo irraa eebbifaman galmaa’uu eegalaniiru.

Tola ooltonni umriin isaanii waggaa 18 hanga 35 ta’an tajaajilicha kennuuf guutuu biyyattiitti galmeen eegalamuu Ministeerri Nageenyaa FDRI beeksiseera.

Tola ooltonni fedhii qaban dhaabbilee nageenyaa aanaalee biyyattii hunda keessatti tajaajila hawaasummaa laachuu barbaadan irratti galmaa’uu danda’u jedhameera.

Dabalataan marsariitii Ministeera Nageenyaa irratti kallattiin ‘on line’ galmaa’uu kan danda’an ta’uun ibsameera.

Marsaa kanaan tola ooltoota tajaajila tola ooltummaa laataan kuma 10 kan hirmaachisu ta’uu ministeerichi ibseera.

Tola ooltoonni kunneen baatii sadiif leenjii erga fudhatanii booda kutaa biyyattii garagaraatti bobba’uun tajaajila tola hawaasummaa ni kennu jedhameera.

Ji’oottan atti aanuu keessas tola ooltoota dhaabbilee barnootaa olaanoo irraa eebbifaman kuma 10 leenjisuun tajaajila tola ooltummaatti bobbaasuuf hojjetamaa jiraachus ibsameera.

Tola ooltoonni kunneen duudhaalee waliin jiraanyaa, ijaarsa dandeettii, ga’umsa qaamaa fi walitti dhufeenyaa irratti leenjii kan fudhatan ta’uu Ministeerichatti Daayreekteerri waajjira qindeessa tarsiimoo waldeeggarsaa fi dhaabbilee waamamaa ministeerichaa aadde Asmaa Raddii ibsaniru.

Eebbifamtoonni qonna, fayyaa, ijaarsa fi damee biroo irratti hawaasaaf tajaajila ni laatu jedhameera.

Tajaajilli tola ooltummaa ummata tajaajiluu irra darbee muuxannoo hojii gaarii fi carraa hojii argachuuf haala ni mijeessa jedhaniiru.

Carraa hojii uumuuf Ministeerri Nageenyaa qaama dhimmi ilaalu hunda waliin qindoominaan ni hojjeta jedhaniiru.

Aadaa, afaan, duudhaa, fi sirna hawaasaa walii qooduun hariiroo gaariin akka uummamuuf sagantaan garagaraa ni bocama jedhameera.

Tajaajila laattoota kanneeniif mootummaan nyaata, iddoo jireenyaa fi wantoota bu’uraa hojichaaf barbaachisan ni guuta jedhan aadde Asmaan.

Dargaggoota tajaajila kana laataniif waggaatti Birrii miiliyoonni kumni dhibba 9 ol ni qabama jedhameera.

Tajaajjilli tola ooltummaa hariiroo lammiilee kan cimsu ta’uu Ministeera Nageenyaatti daayreekteerri walitti dhufeenya biyaaleessaa fi ijaarsa qabeenya hawaasummaa obbo Tagbaaruu Yaareed dubbataniiru.

Tajaajilli kun sabboonummaa lammiilee dabaluu bira darbee, walitti bu’iinsa biyyattii keessatti uumamaa jiru hambisuuf ni gargaara jedhaniiru.FBC

03/01/2020
14/12/2019

“ሴት ተማሪዎችን መደገፍ ቤተስብን መደገፍ ነዉ!!!” በሚል ሐሳብ በገንዘብ ዓቅም ማነስ ምክንያት የንፅህና መጠበቂያ መግዛት ባለመቻላቸዉ ከትምህርት ገበታቸዉ በመቅረት ሊደርሱ ያለሙት ቦታ እንዳይደርሱ ይሆናሉ። ይህንን ችግር በትንሹም ለመቅረፍና የመደጋገፍ ተነሳሽነትን ለመፍጠር ከተለያዮ የመረጃ መረብ አክባሪዎቼ እና በቅርብ ከማዉቃቸዉ ወዳጆቼ የተሰባሰበዉን የንፅህና መጠበቄያ ለአርባ ምንጭ ዮኒቨርስቲ ለአንድ አመት የሚያገለግል የመቶ ተማሪዎች በሲስተር ዘቢደር ሜሪ ጆይ አመካኝነት፤ ለሐዋሳ ዮንቨርስቲ ደግሞ ለአንድ ዓመት የሚያገለግል ለሁለት መቶ ተማሪዎች በምህረት ገነነ ሐሚሶ አማካኝነት ያደርስን ሲሆን ለኮተቤ ኮሌጅ እና ለአዲስ አበባ ዮንቨርስቲም ከሰሞኑ እናደርሳቸዋለን፤ አሁንም ትብብራቹሁ አይለይ እያልን እገዛ ያደረጉልንን ግለሰቦች ደግሞ ከዚህ በታች በመግለፅ እናመሰግናለን። ***አላማችን በንፅህና መጠበቄያ እጦት ምክንያት ማንም ሴት ከት/ቤት መቅረት የለባትም፤ ይህንን እገዛ በተለያዮ ክፍለ ሀገሮች በሚገኙ የትምህርት ቤት ተማሪዎች ተግባራዊ ለማድረግ ነዉ።
እገዛ ማድረግ ለምትሹ ግለሰቦች +251931182962
+25100876559
[email protected]
አምለሰት ሙጩ .’
እናመሰግናለን

ዘዉዴ ማሩ
ቤተልሄም ስሜነህ
ወደ ፍቅር . . .
ቤተልሄም ዳርሰማ
ጌታቸዉ ንጋቱ
ያሬድ ሹመቴ
ብሩክታዊት ወርቁ
ማርዜል ሜካፕ
እንቁ ዲዛይን
ጎጆ ሐይላንድ ኮፊ
and more

W/ra Dhima DDD Aanaa Shabee Somboo  01/04/2012 Gandaa Sh/Dasootti Shamaran T-Group Hojii furdisa irrattii gurma'aniif De...
11/12/2019

W/ra Dhima DDD Aanaa Shabee Somboo 01/04/2012
Gandaa Sh/Dasootti Shamaran T-Group Hojii furdisa irrattii gurma'aniif Deegarsaf hordofiin Oggeesaa W/ra Qabeenyaa Misooma Beeyiladaa fi Qurxumii fi Oggeesa W/ra Dhim/DDD tan taasifameera. Haaluma kanan Ergaa Hojii jalqabanii baatii lamma ol kan lakkofsisan yoo ta'uu sadarkaa garii irrattii akka argamanuu idoo hojii isaaniittii argamuun mirkaneefachuun danda'ameera. Qindoominan deegarsii fi hordoofiin taasifamuufiti kan gammadan ta'uu ibsuun Mala saayinsawa furdiisa loonii fayyadamuun akka yeroo dhiyootii bu'a irra argaachu qabanu argatanu dhiyeesiin Kara W/ra QMBQ akka taasifamun gafaachuun hojii fakkeenyumaa gudda waldalee kaneen biroof ta'uu danda'uu hojjechuuf feedhii akka qabanu ibsaniiruu. Obbo Hussen Abdii gama isaaniitiin Hojiin Qindoomiinaan hanga ammattii taasifamee baay'ee garii ta'uu ibsuun Kana boodas akka deegarsa waliira hin ciine taasisuuf qophii ta'uu ibsuuf dhiyeesii kara wajjirraa isaanii woldaa kanaf barbaachiisuu ogguman bifa deegarameen akka godhanuu waada galaniiru. Hoora Bula.
Via # W/ra Dhim/Dubartoota, Daa'iimaanii fi Dargaggootaa Aa/Sh/Somboo.

W/ra DHDDD Aa/Sh/Somboo  29/03/2012Hojiin Kunusa Biqiltu Guyyaa Ashaara Magaarisa Sababbeffachuun Dhabbateef Taasifamee
09/12/2019

W/ra DHDDD Aa/Sh/Somboo 29/03/2012
Hojiin Kunusa Biqiltu Guyyaa Ashaara Magaarisa Sababbeffachuun Dhabbateef Taasifamee

29/11/2019

/ra Dhim/Dub/Daa’iimaanii fi Dargaggootaa Aanaa Shabee Somboo #
Hojii Tajaajiilaa Lammummaa Bonna Bara 2012
Bara 2011 dabarsiine keessaa hojjiiwwaan gagaarii fi jajjabeeffamuu gama hundaan akka aanaa keenyaattii kan hojjettama turee yoo ta’u; keessummayyu gama caaraa hojii uummu dargaggoottaa, hojii taajajiila lammumma ganna fi hojiilee gama misooma hawaasa(community development) gandoota magaalaa fi baadiyaa aanaan keenyaa qabduu keessattii hojjettama turee kan kanaan duran wal-bira qabnee yoo ilaaluu baay’ee gaarii fi fooyya’insa guddaa kan qabuu dha. Haa ta’u maalee rakkoo hawaasa dinaagdee dargaggoo fi hawaasni keenyaan bal’aan qabun yoo wal-bira qabnee ilaalee hojiin caalu akka nu eggattu beekamaadha. Kun akkuma jiruuti ta’ee muxxannoon hojii hojjenne dabarsiinee irraa argaamee yoo qindoominaan fi team jabban sochonee hojjenne bu’a gudda hawaasa bal’aa fi dargaggootaa keenyaa fayyadamaa gochuu danda’u akka fidu dandeenyuu homaa shakkiin tokko hin jiruu. Fkn hojii sosochii woraqsa diinagdeen gandoota baadiyaa murasa filachuun caara hojii dargaggootaa ummuuf taasifameen pooteenshaala lafa qonna qanbu addaa baasuun hojii qonnaa irrattii woldaan gurma’anii akka fayyadaamoo ta’anu haala miijesuun danda’ameera. Gama birattiin hojii tajaajilaa lammumma ganna bara 2011 keessattii akka Aanaa keenyaatti xiyyeffannoo guddaa fi qindoomiinaa qamma addaa addaa ciimaa ummuun hawaasa keenyaa magaala fi baadiyaa hedduu fayyaddamoo gochuun danda’ameera kunis mana jireenyaa istaandaardii isaa eggatte harka qalleeyyii fi manguddoottaa deegarsa hawaasa barbadaaniif Abboottii qabeenyaa, seektaraa mootummaa fi hirmaana hawaasattiin ijaaruu fi suphuun akka fayyadamoo ta’anuu gochuun danda’ameeraa; meeshaalee deeggarsa barnootaa, arjoomaa dhiigaa, beeyiladmana, lukku sanyii foyya’a fi gagura ammayyaa fi uffanna halkanii fi guyyaa waliin qabuun akka namootni baay’een deegarsa argaatan taasifameera. Kana irraa darbees maqaa garii hojii tola oolantummaan Aanaan keenyaa qabduu idooottii deebisuun danda'ameera.Hojii kananiis antummaa fi jaalalaa ummanii Aanaa keenyaa waliif qabuu ifaatii mul’achuu danda’era. Eggaa waa malee kana hunda hin taarressinee akkumma argaa fi dhagaha jiruu idoo gara garaattii hojiin caara hojii ummuu dargaggootaa fi hojiin tajaajilaa lammummaa bonna hamas daran ciimee itti fufee jira keesuumatuu oomiishaa qonnaan bulaa rooba yeroo isaa hin egganeen akka jala hin miidhamnee sassabbuu fi hojiiwwaan kaneen akka suphaa daandii fi kkf. haaluma kana Aanaa keenyaa keessattii akkuma gana darbee hirmaana ciimaa fi ho’aa ta’een hojiiwwaan gagaarii hedduu hojjettaa turee hamas ciimee itti fufu qaba namnii hundii idoo jiruuttii wal-dadamaqsuun keessatti hirmachuu qaba. Dhaamsa keenyaa dhumattii. Hoora bulaa.

Hojii Kena Tajajiila lammumma ganna bara 2011 keessa hojjettema turee cufiinsii isaa akka Oromiyaattii kan geggeffame yo...
15/10/2019

Hojii Kena Tajajiila lammumma ganna bara 2011 keessa hojjettema turee cufiinsii isaa akka Oromiyaattii kan geggeffame yoo ta'uu Godinii Jimma sadarkaa 1ffaa bahu danda'eera. Akka Aanaa Shabee Somboottii hojii bonsa kana keessattii Namootnii qooda fudhata turtan gudda galatooma jenera.

W/ra Dhim/Dub/Daa'iimaanii fi Dargaggootaa Aa/Sh/SombooSaganta Tajaajila Lammumma Dubartoota Ganda H/SabbaqqaaFulbanna 1...
30/09/2019

W/ra Dhim/Dub/Daa'iimaanii fi Dargaggootaa Aa/Sh/Somboo
Saganta Tajaajila Lammumma Dubartoota Ganda H/Sabbaqqaa
Fulbanna 19/01/2012 Godina Jimma Aa/Sh/Somboo Ganda H/Sabbaqqatti Sagantan hojii Tajaajila lammumma bifa ho'a ta'een geggeffama oleera. Haaluma kanan bara 2011 keessa hojiin tajaajila lammumma kan ganna akka aanaa keenyaatii bifa adda ta'een kan hojjettama turee yoo ta'uu keessumayu hojiin akka mana harka qalleyyii haara ijaaruu fi kan duran turee suphu, meeshaa deegarsa barnootaa waliitti qabuu, uffanna halkanii, miidhaan nyaata gosa adda addaa, beeyilada mana fi kkf bali'inan hojjettama kan turee fi saganta qopheesuun baka keessumoonii Godina fi Naannoo irraa dhufan argamanitti arjoomnii taasifameera. Kanuma irra ka'un gandootni baadiyaas meeshaalee deegarsa halka qalleyyiif waliitti qaban saganta qopheeffachuun kan arjooma jiranu yoo ta'uu isaan keessa Gandii H/Sabbaqqa isaa tokkoo garuu kan ganda H/Sabbaqqa wantii adda godhu Dubartootni Kara adda ta'een saganta tajaajila lammumma kana qopheeffachuu isaanitti milka'ina hojii kanafis Jaarmiyaaleen dubartoota hojii fakkenyuma gudda qabu kan hojjetta turanif iciittin milka'ina isaaniis qindomina jaarmiyaalee kanan kan dhufee ta'u ta'u isaa hubbachuun danda'ameera. Hojiin akka Ganda H/Sabbaqqattii hojjettamee gandoota birafis fakkenyaa gudda akka ta'uu abdii qabna kanaf jaarmiiyaaleen keenyaa haamas hojiiwwaan hundaa ganda isaanii keessattii hojjettaman keessattii haaluma kanan adda durumam hirmaachuun faayadamuma hawaasa keenyaa mootummaa ciina dhabbachuun akka mirkanesaan wamicha dhiyyessa namoota milka'inaa hojii kanaf gummacha taasisan hunda galatooma jena.
Hoora Bula

Saganta  Cufiinsa Hojii Tajajiila Dirqama Lammumma sababbeffachuun Arjoomnii Dhiiga Taasifame.Qaamee 05/13/2011 W/ra DhD...
10/09/2019

Saganta Cufiinsa Hojii Tajajiila Dirqama Lammumma sababbeffachuun Arjoomnii Dhiiga Taasifame.
Qaamee 05/13/2011 W/ra DhDDD Aa/Sh/Somboo
Godina Jimma Aanaa Shabee Sombootti Guyya kallessa qaamee 04/13/2011 saganta cufiinsa hojii tajajiila dirqama lammumma ganna bara 2011 sababbeffachuun Hojjettonnii mootummaa seektara adda addaa, hojjettonnii baankii daldala Itoophiiyaa, dargaggootaa magaala keenyaa keessattii hojii adda addaa irrattii boba'anii argamanuu fi hoggansa seektaroota Aanaa dabalatee kan arjoomaa dhiigaa taasisan yoo ta'uu; Hojiin kun akka milka'uu w/ri Eegumsa fayya Aanaa hoggansoota w/richa fi Oggeeyyii fayyaa dabalatee xiyyeffanna guddan kan socho'a turaan yoo ta'uu barreffamoota adda addaa gagaboo arjoomaa dhiiga ilaalchiisuuf hubbannoo namoota ciimsuu danda'aniilee rabsuun kan socho'a turan akka ta'ee hubbachuun danda'ameera. Bara kana marsaa sadiif hojii arjooma dhiiga kun godhamee yoo ta'uu sadarka godinatilee nammotnii feedhii qabanuun sangata qopha'ee turee irratti argamuun hojii gariin kan hojjettamee fi Arjoomaa dhiigaa ilaalchiisee kan bara darbeen wal-bira qabnee yoo ilaaluu foyya'iinsa dacha dachaan kan qabuu akka ta'ee ragan w/ra Eegumsa fayya Aanaa irra argane kan ibsudha. Warra hojii bonsa kana hojjettaniin gudda galatooma maqaa w/ra Dhim/Dub/Daa'iimaanii fi Dargaggootaa Aa/Sh/Sombootiin. Hora Bula.

Sagantaan Cufiinsa Tajaajila Lammummaa Gannaa Haala Ho'aa ta'een Gaggeeffameera.(Qaammee 4,2011)Godina Jimmaa Aanaa Shab...
09/09/2019

Sagantaan Cufiinsa Tajaajila Lammummaa Gannaa Haala Ho'aa ta'een Gaggeeffameera.
(Qaammee 4,2011)Godina Jimmaa Aanaa Shabee Sombootti sagantaan cufiinsa hojii tajaajila lammummaa bifa ho'aa ta'een gaggeeffameera.
Haaluma kanaan namoota harka qalleeyyii manni haaraan ijaarameefiif meeshaa mana keessatti itti tajaajilaman kennuu, deeggarsa meeshaalee qonnaa,uffaannaa fi meeshaalee barnootaa dabalatee kennaawwan jireenya lammiilee fooyyessuu keessatti gumaacha qaban garaa garaa raawwatamaniiru.
Keessummaa godinaa ta'anii kan irratti argaman W/ra ODP Godina Jimmaatti I/G Ijaarsaa fi Siyaasa Magaalaa kan ta'an # Obbo Numeerii Shamsuu sirna kana irratti argamaniiruu
Walii galaan hojii tajaajila lammummaa gannaatiin qarshii Miliyoona 11,760,000 tti hojjechuun

09/09/2019

Sagantaan Cufiinsa Tajaajila Lammummaa Gannaa Haala Ho'aa ta'een Gaggeeffameera.
(Qaammee 4,2011)Godina Jimmaa Aanaa Shabee Sombootti sagantaan cufiinsa hojii tajaajila lammummaa bifa ho'aa ta'een gaggeeffameera.
Haaluma kanaan namoota harka qalleeyyii manni haaraan ijaarameefiif meeshaa mana keessatti itti tajaajilaman kennuu, deeggarsa meeshaalee qonnaa,uffaannaa fi meeshaalee barnootaa dabalatee kennaawwan jireenya lammiilee fooyyessuu keessatti gumaacha qaban garaa garaa raawwatamaniiru.
Keessummaa godinaa ta'anii kan irratti argaman W/ra ODP Godina Jimmaatti I/G Ijaarsaa fi Siyaasa Magaalaa kan ta'an # Obbo Numeerii Shamsuu sirna kana irratti argamaniiruu
Walii galaan hojii tajaajila lammummaa gannaatiin qarshii Miliyoona 11,760,000 tti hojjechuun danda'ameera.

Address

Shabee Town
Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wajjira Dhima Dubartoota Daa'iim fi Dargaggootaa Aanaa Shabee somboo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category