Abdu shows

Abdu shows Nama tahuuf namaaf yaaduun murteessaadha!!!

Osoo si taatee eenyu dura baafta?
10/09/2023

Osoo si taatee eenyu dura baafta?

SEENAA  GARAA  NAMA NYAATU Biyya tokko keessa jaarsa umriin isaa waggaa 95 tokkootu ture guyyaa tokko dhukkubsatee  gara...
10/09/2023

SEENAA GARAA NAMA NYAATU

Biyya tokko keessa jaarsa umriin isaa waggaa 95 tokkootu ture guyyaa tokko dhukkubsatee gara mana yaalaa deemee sa'aatii24 erga oksijinii fudhatee booda manni yaalaa doolaara 500 isa gaafatan jaarsi kun garmalee gaddee boo'e ogeessi yaalaa waan kaffalu waan dhabe waan isatti fakkaateef maaliif boossa? Waan kaffaltu hin qabduu? Jedhee isa gaafate inniis deebisee lakkii yoo barbaadde caalaa siif kaffaluu nan danda'a ana garuu kan na boochise waggaa 95 guutuu qilleensa tola itti fayyadamaa tureetu sa'aatii 24 keessatti doolaara 500 na gaafachuu keeti osoo waaqayyo qilleensa ani somba kootti fudhadhu hundumaaf na kaffalchiisa ta'ee waggaa 95 guutuu Dolaara 17,337,500 maalan kaffala ture jedhe .

Mee waaqayyo isa tola si jiiraachisuun atiis galatoomi jedhi.
Galatoomi.

06/09/2023

Bu’ureesaa qabsoo sabboonaa Oromoo
Hawwaa bilisummaa yaa jaalataa qomoo
Abbaa qabsoo Oromoo bu’ura ganamaa
Jaarraa Abbaa gadaa yaa ulfaataa namaa
Rorro saba keetii fudhachuu dadhabdee
Bittaa fi gabruma cunqursaa dhaas diddee
Sadoo fi qananii irraan tarkaanfattee
Bilisummaaf jettee qabsoof manaa baatee

Xurreen ati dhiigaan kalee nuuf taraartee
Sabboonummaan atin nu kessatti abuurtee
Bu’rri bareedee daandiin isaa toltee
Abdukarim keenya silaa xiqqo turtee

Waan ati jaqabde maayyii issa gartee
Silaa waagaariidhaa umrii nuu dheerattee
Garaan nu rora’e ijji imimmanii
Hedduu dha gaddinee si dhabuu keenyaanii

Kumaatama Oromoo qabsoof hiriirsitee
Meeqa dammaysitee meeqa jeynomsitee
Qabsoo Oromotiif hedduu dha kakaastee
dargaggoo shamarran qabsoodhaaf bobbaastee

Jaarraa Abbaa Gadaa guddaa galatni kee
Hin irraafatamtuu wanni ati hojjattee
Abbaa seenaa boonsaa abbaa hujii toltuu
Yaa sabboonaa Oromoo hin irraanfatamtuu

Waan ati jaqabde maayyii issa gartee
Silaa waagaariidhaa umrii nuu dheerattee
Garaan nu rora’e ijji imimmanii

Hedduu dha gaddinee si dhabuu keenyaanii

Duutii karaa keenya namuu du’a hin ooluu
Silaa kan akka keetii kun waa du’aan hin maluu
Garuu akeeka kee bakkumani geenya

Hanga bilisoomnu yoom cal jennee teenyaa
Maatii kee rabbummaan sabrii haa keenuufi
Sabboonoota maraaf Oromoo hundaafi
Arraa nama guddaa nu harkaa miliqee
Fuula sabboonootaa imimmaniin dhiqee
***********

06/09/2023
5 Fuulbaana 2023Hoogganaan Kooriyaan Kaabaa Kiim Joong Uun ji'a kana keessa pireezidantii Raashiyaa Viladmir Putin daaww...
06/09/2023

5 Fuulbaana 2023

Hoogganaan Kooriyaan Kaabaa Kiim Joong Uun ji'a kana keessa pireezidantii Raashiyaa Viladmir Putin daawwachuuf akka jedhan aanga'aan US BBC'tti himan.

Hoogganoonni lameen Kooriyaan Kaabaa Moskoof meeshaa waraanaa haala dhiyeessitu irratti mariyachuu maluu jedhan aanga'aan US kun.

Bakki qondaaltotni lameen itti wal-argan garuu ammatti ifa hin godhamne.

Dhimma kanarratti qaama biraan yaada kenne hin jiru. Kooriyaan Kaabaas ta'e Raashiyaan hin dubbanne.

Maddeen New York Times'tti akka himanitti Kiim baabura hidhannoo waraanaa qabuun imaluu malu.

Mariin aanga'oota lamaan kanaa kan dhagaahamaa jiru Raashiyaafi Kooriyaa Kaabaa gidduu bittaa meeshaa waraanaarratti dubbiin taasisan milkaahaa dhufuu isaa US ragaa argachuu hordofeeti.

Dubbii Himaan Mana Maree Nageenyaa US Joon Kirbiiy, Ministirri Ittisaa Raashiyaa Serjee Shoguu dhiyeenya wayita Kooriyaa Kaabaa daawwatan Piyoongyaang meeshaalee waraanaa Raashiyaatti akka gurgurtu amansiisaniiru jedhaniiru.

Yeroo Piyoongyaangitti marii godhan misaayelootni baalastikii Hwasong intercontinental mul'achaa turan.

Daawwannaan Ministira Ittisaa Raashiyaa kun erga weerara Covid 19 booda biyyattiin keessummaa yoo simattu kan jalqabaa ture.

Ergasii Putiiniifi Kiim tumsa waloo isaanii cimsuurratti xalayaa walii barreessaniiru jedhan Joon Kirbiiy.

''Piyoongiyaang waadaa meeshaalee waraanaa Raashiyaaf akka hin gurgurre galte akka kabajju fi dubbii gurgurtaa meeshaa waraana Raashiyaa waliin itti jirtu akka adda kuttu waamicha goona'' jedhan Kirbiin.

Kooriyaan Kaabaa diddee Raashiyaatti meeshaa waraanaa qabdu ni gurgurti taanaan US qoqobbii kaahuu dabalatee tarkaanfii akka fudhattu himan.

Waliigaltee kana keessatti Raashiyaan waraana argattee Piyoongiyaangiif maal kenniti kan jedhu Waashingtaniifi Siwuulitti yaaddoo uumeera

Oduu Gammachiisaa...Kitaabni hayyuu oromoo Saphaloo Kadiir iin barraawe kan hedduuf namatti tolu mata duree isaa Kaasa A...
05/09/2023

Oduu Gammachiisaa...
Kitaabni hayyuu oromoo Saphaloo Kadiir iin barraawe kan hedduuf namatti tolu mata duree isaa Kaasa Areeraa jedhu isiniif dhihaateera bitadhaa itti buhaaraa...
Fuulbana 13,2016 Galma Aadaa Oromo Finfinne Oromia

05/09/2023
I can win
05/07/2023

I can win

17/06/2022

BAGA GAMMANNE BAGA GAMMADDAN!!!
Bishaan dhugaatii Bul.Mag.Warra Mahammad guyyaa arraa milkaa'inaan birkaa guddaa hadaraa seeneera.
Badhaadhinni kana...

"Tajaajila kennaarraa tajaajila bitee kan amala balleessaa jiru,isin warra mirga keessaan dabarsee kennuun tajaajila bit...
07/06/2022

"Tajaajila kennaarraa tajaajila bitee kan amala balleessaa jiru,isin warra mirga keessaan dabarsee kennuun tajaajila bitaa ooludha,kana dhiisaa."

Obbo Shimallis Abdiisaa,Pirezidaantii MNO.

27/01/2022

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ejjannoo cimaa "Waggaa shan akka waggaa digdamii-shaniitti" jedhu qabannee ummataaf haa hojjannuu jechuun murtoo darbarse!
~~~~~~~////~~~~~~
Mootummaan eyyantaa ummataatiin filatame tajaajila ummanni irraa fedhu karaa gahumsaa fi itti fufiinsa qabuun kennuuf dirqama qaba. Mootummaan dirqama ummanni irraa eegu kana karaa gahumsa qabuun bahachuuf, sagantaawwan siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa ummataaf ittiin waadaa galeef amanamaa ta’ee argamuu qaba.

Mootummaan naannoo Oromiyaas filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaatiin eyyantaa ummataa argate bifa haaraan yommuu gurmaa’u, sirni demokraasii dhugaa fayyadamummaa haqa-qabeessa mirkaneessu akka lafa qabatu, carraawwan dinagdee jiran hunda hirmaannaa ummataatiin fayyadamuun badhaadhinni hunda galeessi akka naannoo fi sadarkaa maatitti akka mirkanaa’u, dhaloonni dammaqaa, fayya-buleessaa fi tooftaan jireenyaa isaa ammayyaa’e ijaaruuf waadaa galuudhaani.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa waadaa ummataaf seene kana dhugoomsuuf, rifoormiiwwan dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa waggoottan sadan darban keessatti jalqabaman karoora tarsiima’aa fi gabaabaan caalmaatti cimsuun bu’aawwan qabatamaatti fayyadamummaa ummata Oromoo mirkaneessan galmeessuu jalqabee jira. Keessumattuu, fedhii misoomuu ummanni Oromoo waggoottan sirna Wayyaanee keessatti dhabee ture adeemsa barameen guutuun waan hin danda’amneef, Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ejjennoo cimaa “ Waggaa shan akka waggaa digdamii-shaniitti” jedhuun tarkaanfiiwwan haaraa damee dinagdee fi hawaasummaa irraatti hojiirra akka oolan taasisuun isaatiin bu’aawwan waggaa 27 keessatti hin argamne waggoottan lamaa fi sadi darban keessatti galmaa’uu danda’aniiru.

Kun akka eegametti ta’ee, tajaajilli akka mootummaatti kennaa jiru sadarkaa fedhiin misoomuu ummata keenyaa irra gaheen kan wal-gite akka hin taane, ummanni waadaa galleef komii qabu ifatti kaasaa jira. Rakkoon nageenyaa fi tasgabbii dhabuu akka biyyaatti nu mudate, si’oomina tajaajila mootummaatiif ka’umsa tokkoo ta’ee, irra jireessi gahumsa kenna tajaajilaa dhaabbilee mootummaa waliin akka wal-qabatu qorannoo adda addaatiin adda baasuun danda’ameera.

Mootummaan tajaajilaa ummataa akkuma ta’e, gaggeessitoonnii fi ogeeyyoonni tokko tokko aamaanaa mootummaarraa fudhatanii hojiitti bobba’an tajaailaa ummataa ta’uun hafee, ummatarraa tajaajila barabaadutti cehuun isaanii rakkoo guddaa ta’uun isaa hubatameera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, waadaa ummata Oromootiif gale karaa barabaadameen dhugoomsuu kan danda’u, humnoota waadaa ummataa nyaatan irratti garaa yoo jabaate qofa akka ta’e amantaan fudhachuun kutannoo ol’aanaadhaan hojiitti galee jira. Haala kanaan, rakkooleen kenna tajaajilaa dameewwan dhaabbilee kenna tajaajilaa mootummaa hunda biratti mul’atan erga adda baafamaniin booda ‘Koree ol’aanaan si’oomina tajaajilaa( task force) sadarkaa naannootii kaasee hanga godinaalee fi magaalootaatti dhaabatee hojiitti akka galu ta’eera. Kaayyoon jalqabaa koree kanaa, kenni tjaajilaa akka ammayaa’u ta’ee, adeemsa kana keessatti hoggansarraa jalqabee ogeessa amaanaa ummataa nyaatu hundarratti itti gaafatamummaan akka hordofu taasisuudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Ummanni Oromoo kadhatee osoo hin taane; ajajee tajaajila akka argatu xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan ni hojjeta. Haala kanaan hoggansi sadarkaa naannoorraa kaasee hanga aanaatti jiru, torban keessaa guyyaa Wixataa, Roobii fi Jimaata waajjiratti argamuun gaaffii ummataa akka dhaggeeffatu, tajaajila irraa egamu akka ummataaf kennu murtoo dabarsee jira. Murtoon kun hojiirra akka oolu taasisuu keessatti hirmaannaan ummata keenyaa murteessaa waan ta’eef, hoggansa ta’ee ogeessa kallattii kana cabsuun muufii uumu kamirrattuu eeruu dhiyeessuun itti gaafatamummaan akka jiraatu taasisuu keessatti qooda keessan akka baatan Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dabarsa.

Oromiyaa ni Ijaarra !
Itoophiyaa ni Utubna !
Gaanfa Afrikaa ni Tasgabbeessina !
Waaqnis nu Gargaara !

Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Amajjii 19, 2014

Ni Yaadattuu..Mammaaksa AbbichuunAmbotti taasise!!! "Arbaa fi Sareen ollaa waliin turan. Gaaf tokko Sareen ani ulfaayee ...
31/12/2021

Ni Yaadattuu..
Mammaaksa Abbichuun
Ambotti taasise!!!

"Arbaa fi Sareen ollaa waliin turan. Gaaf tokko Sareen ani ulfaayee jetteen, Arbis anis ulfaayee jedheen. Ji'a sadi booda sareen ni dhalte, Arbi ulfi isaa hin mullatu ture, ji'a jaha booda Sareen marsaa lammaaf dhalte, ji'a Sagal booda Sareen marsaa sadiif dhalte. Kaate Arba bira deemtee maal anoo marsaa sadi dhalee ati tokkollee hin dhallee maal ulfaayuu kee sobde moo jennaan Arbi ani kan ulfaaye Arba malee Saree miti gaaf dhalu lafa sossoosa, Addunyaan ilmoo koo bahee dawwata jedheen. Kanaaf nuti kan karoorsine guddaa akka Arbaati malee saree mit...."

25/12/2021

……Ibsa Ejjannoo!
….Qoosaa Dhiisaa!

Haalli Oromiyaa har’a yaaddoo teenya. Dhugaa Oromiyaan keessa jirtu sobaan jijjiiruun hin taatu. Abbootiin rakkoo Warra “Marii fi Fireena” Oromiyaa harkaa qabu. Warra kana aangoorra tursiisuuf murni cubbuun duulu marti jaraa wajjiin badan malee gonkuma jara hin baraaran. Jarriis of hin baraaru. Qabsaa’ummaan kaayyoo baraaruu dha. Aantummaan Qabsoo ummataafi. Daandiin keenya Ida’amuu dha. Galmi Keenya Badhaadhina! Hattuu fi Shirtuun Diina Keenya! Hattuu fi Shirtuun Wayyaanee simachuuf qophooytanii turtan, warri shanee oomishtanii Oromiyaa gooltan, Warri saba Oromoo yeroo kam caalaa gadadoo fi gidiraaf saaxiltan, warri fonqolchaaf Obbaleeysa ofiirratti shira fashale xaxxanii gantummaa raawwattan gonkuma aangoo ummata Oromootiin Oromoo irratti yakka raawwachaa sichi aangoo irra hin turtan! Geeyse Yeroon! Ibsa Ejjannoo! Qoosaa Dhiisaa!

14/12/2021

Walooma moo Tokkoomatu Oromoo injifatchiisa ?

Oromoon TokkoomaAn miti kan injifatu Waloomaani malee kan injifatu. Jechi Tokkummaa Oromoo jedhu kun olkaafamee haasahamuu eegale Qabsoo Oromoo warraaqsa bara Ammayyaa kana ykn Qabsoo 1960mootaa kanaan asiidha. Jechi Tokkummaa jedhu kun siyaasa bara ammayyaa kana keessa kan irraa dhufe Jecha Afaan Ingilizii "Unite" jedhu kana irraahidha. Jechi Unite jedhu kun ammoo "Gamtooma" jechuudha. Jechi ammoo Tokkummaa jedhu kun Ammoo "oneness" jechudha. Tokko ( One) jechuun Waan hundaan boca irraa kaasee hamma bifaatti tokko jechuudha. Tokkummaan ( Oneness) jechuun Jalqabni wantichaa tokko ykn Ka'umsi tokko jechuudha. Nuti Oromoon kan irratti Wal dhiiba jirru Adeemsa Siyaasa Ammayyaa keessatti Jalqaba keenya, achii dhuftee keenya irrattii miti kan wal dhabne Waloomaan hojjachuu ykn Waliin hojjachuudha. Kana jechuun Tokkummaan Oromoo yaada falmii Siyaasaaf dhiyaatu ykn Tokkummaan Oromoo waan ajendaa siyaasaa tahee yeroo hunda dubbatamuu qabuu miti Uumamaatu tokkummeesse waan taheef. Kan nuti amma akka Ummata Oromootiis, tahee akka Biyyatti irratti hojjachuu qabnu "Walooma" keenya ykn Waliin taanee waan waliin qabnu irratti waliin hojjachuuf irratti waliif galuudha.

Oromoon Tokko tahuu qaba ykn Tokkummaan Oromoo cimuu qaba ykn Oromoon tokkummaa isaa laaffise jechuun Jalqaba irratti Shakkii Uumuudha. Wanti tokko tokkummaa isaa erga beektee irra daddeebi'uun hin barbaachisu. Yoo kan irra daddeebi'amu taate Tokkooma waan sanaa keessa Shakkiitu jira jechuudha. Tokko tahuu ykn Jalqaba achii dhuftee Oromoo irratti Ummanni Oromoos tahee Hooggantoonni Siyaasaa Oromoo walin dhaban. Tokkummaa keessatti Wanticha irratti Garaagarummaan hin jiru jechuudha. Kanaaf Tokkummaa keenya ajendaa Siyaasaa godhachuu hin qabnu. Oromoo tahuu keenya irratti, jalqabni keenya tokko tahuu irratti eenyuu walin dhabnu. Kan rakkoo Oromoo tahee Injifannoo Sabichaa ykn Ummatichaa fageesse " Hooggantoonni Siyaasaa Oromoo" Fedhii Oromoo ykn Waan Oromoo Milkeessaa irratti Waloomuu ykn Waliigaluu dhabuudha. Waloomuun garaagarummaa qabaachuu dhabuu ykn Jalqabni garaagara tahuu ykn tokko qofa tahuu hin gaafatu. Waloomuun waan waliinii ykn fedhii fedhii irratti Waliif galuudha. Kan amma Oromoon dhabe ykn Hooggantoonni Siyaasaa Oromoo dhabe Waan Waloo Oromoo irratti waliif hin galini malee Tokko tahuu ykn Tokkooma ykn Achii dhuftee Oromoo irratti walin dhabne.
Kan nuti irratti hojjachuu qabnu "Walooma" keenyadha. Oromoolleen, Hooggantoonni Siyaasa Oromoolleen kan injifatu yoo Waloomeedha Siyaasa ammayyaa keessatti. Paartii Siyaasaa Garaagaraa qabaachuun, Imaammata Paartichaa Garaagaraa qabaachuun Waan tokkummaa Oromoo diiguu miti Walooma Oromoo irratti dhiibbaa yoo qabaate malee. Waloomuu dhabuun Oromoo Tokkummaa Oromoo ykn Jalqaba achii dhuftee Oromoo irratt dhiibbaa hin qabu. Yoo fedhii waliinii irratti waliin hojjachuu irratti dhiibbaa qabaate malee. Waloomuu dhabuun Oromoo Jalqabni Oromoo dhiigaan, Sanyiin, Afaaniin tokkoo miti jechuu miti. Fkn Achii dhufteen Jalqabaa, ykn Dhiigaa Somaalee tokko ykn tokkuma.
Ummanni Somaalee kan arra Diigamee jiruuf waan tookkummaa ykn tokko tahuu dhabeefii Dhiigaa fi Sanyiidhan ?
Facaatiin Somaalotaa Waan "Waloomuu ykn waan fedhii Waloo Ummata Somaalotaa irratti Waliif hin galiniifi.

Kana irratti gaa Yoo injifannoo keenya Gabaabsuu fi Saffisuu feene yeroo hunda, Sagantaa Wal gahii ykn Wal tajjii keenyaa mara irratti Tokkummaa keenya haasahuu dhiisnee nuti Dhiigaa fi Sanyiiniis, akkasuma achii dhuftee waan hundaa Tokko ykn tokkummaa qabna waan taheef Wal-Tajjii fi Wal-Marii keenya hunda irratti " walooma" keenyaaf hojjachhuudha. Oromoon ofii " Waloomnaan" Ofiifiis injifatee Itiyoopiyaas Injifachiisee Ardii Afrikaa injifachiisee Adeemsa Siyaasa Addunyaa illee jijjiira.

Kanaaf injifachuun Oromoo Waloomuu Oromooti malee tokkummaa Oromoo miti.

Kanaaf nuti akka Sabaatti waan nuti arra akka Sabatti ykn akka Ummataatti Tokko tahuu keenya ykn Tokkummaa fi Tokkooma walitti himuuf yeroo fixnuu miti. Tokko ykn Tokkummaa keenya Uumamni ykn Uumaanuu tokko nu taasise waan taheef. Kanaaf Nuti "Walooma" Keenya irratti Walii galuudha.

Yaada keessan barreeffama kanaan oli irratti nuuf qoodaa. Yaada keessan fudhachuun qophiidha.

Odeeffannoo birootiif follow, like, share, join taasisaa Website kanaan gadii hunda. Galatoomaa
Facebook. https://www.facebook.com/ahmad.qalloo
Twitter https://twitter.com/ahmadqalloo1/status/1
Telegram https://t.me/Ahmadqalloo1

A2D

Address

Chelenko Street
Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdu shows posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Abdu shows:

Videos

Share



You may also like