Bullee barii arguuf

Bullee barii arguuf Barachuun beekuu hin ibsu garuu beekuun barachuuni ni ibsa

KUTAA 1FFAANabiyyii Keetiin Walbari صلى الله عليه وسلمSeenaa isaanii irraa isa bu’uuraa baradhu.Muhammad (saw) eenyu?“Dh...
28/01/2024

KUTAA 1FFAA
Nabiyyii Keetiin Walbari صلى الله عليه وسلم
Seenaa isaanii irraa isa bu’uuraa baradhu.

Muhammad (saw) eenyu?
“Dhugumatti, nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraa sodaatee Rabbiin baay’inaan yaadatuuf ergamaa Rabbii keessatti hidhannaa gaariitu jira.” (Al-Ahzaab: 21)
Muslimoonni akka nabi Muhammad [saw] tarree nabiyyootaa isa dheeraa warra gara Rabbiin qofa gabbaruutti nama waamuuf ergamanii keessaa marsaa dhumaa ta’e amanu. Diriin nabiyyootaa kun nabiyyoota kan akka Aadam, Nuuh, Ismaa’iil, Is-haaq, Ya’aquub, Yuusuf, Muusaa, Daawud, Suleymaaniifi Iisaa of keessatti qabata. Rahmanniifi nageenyi Rabbii isaan hundarra haa jiraatu.
Muslimoonni akkuma kana Muusaa irratti Tawraat buufamuu (wahyii isa odoo hin jijjiiramin ture), Iisaa irrattis, nageenyi isarra haa jiraatuu, Injiil nuufamuu (Injiil isa odoo hin jijjiiramin Iisaa irratti buufame) ni amanu. Nabi Muhammadis (saw) akka isaan waan namootaaf buufame isaaniif ibsanuuf jecha Qur'aanni irratti buufame.
Maqaan isaanii Muhammad bin Abdullaah bin Abdul Muxxalib bin Haashim. Haashim immoo Qurayshii irraayi. Qurayshonni Araba irraayi; ilmaan Ismaa’iil bin Ibraahiim jaalallee Rabbiiti; isaafi Nabiyyii keenya irra rahmanniifi nageenyi haa jiraatu.
Haati mu'uminootaa Aa’ishaan waa’ee Nabiyyii (saw) irraa gaafatamtee ni jette: “inni Qur'aana dachii irra deemu ture.” Kana jechuun jireenya isaanii keessatti Qur'aana hojiirra oolchu jechuudha. Kan armaan gadii keessatti akkamitti akka Nabiyyiin (saw) barnoota Qur'aanaa gocha nabiyyummaa kabajamaa ta’een hojiirra oolchan ni ibsina.

23/01/2024
BIYYOOTA QAROOMAN JEDHAMAN----------------------------------------------------------Mee Suuraa kanaan maal jettu Namni U...
19/01/2024

BIYYOOTA QAROOMAN JEDHAMAN
----------------------------------------------------------

Mee Suuraa kanaan maal jettu Namni Uumee jijjiirraan Rabbi Lola isaa nutti fide natti fakkaata :-
Qullaa imaluu,
Gaa'ela hin malle raawwatuu,
Saree fi Adurree nyaachuu kkf biyyoota qarooman waa kumii kitiltu jira yaa Rabbi nurra hin taasisini si kadhannee ! Balaa Koronaa kun Lola keetii nurraa deebis!
A'UUZU BILLAAH !!!

Maliif Rassuulli Rabbii (S A W) hulaa ka'abaa🕋haala banaa tateen balbala irra dhaabbatee bilaal gaafatee nija'e naaf yaa...
16/01/2024

Maliif Rassuulli Rabbii (S A W) hulaa ka'abaa🕋haala banaa tateen balbala irra dhaabbatee bilaal gaafatee nija'e naaf yaamaa bilaal ja'ee eegasii akkana ja'e Yaa qureeshiiiiiii ! Guyyaan arraa kun guyyaa bilaal keessa azzabame balbala ka'abaa🕋tana duratti 👌.....................

Hugguma bilaal dhufe Ergamaan rabbii (S A W) bilaaliin nija'e yaa bilaal seeni namni tokkolleen nawajjiin hin salaatu ka'abaa🕋 tana keessatti simalee ja'een 👌...
~~~~~~~~~

Rassuulli Rabbii (S A W) wanni inni akkas godheef kabajaa fi guddina inni qabu ummatatti argisiisee barsiisuufi waan inni islaaminnaan duratti qixaaxa hamaa keessa tureefi 👌...
~~~~~~~~~~~

Erga ka'abaa🕋keessatti waliin salaatan booda Ergamaan rabbii (S A W) bilaaliin nija'e koottuu ka'abaa🕋tana gubbatti ol bahi 🕋 hugguma utubaa isiirra olbahuudhaaf ka'e mucucaattee gudeeda isaa irra ol baasuu dadhabe yeroo kana Ergamaan rabbii (S A W) laalee yeroo kana sahaabaa irraa Umarii fi abuu bakri(isaan lachuu rabbiin irraa haa jaalatuu) isa cinaa dhaabbatanii jiranii isaan akka isa ol fuudhanii olbaasan barbaade akkasitti bilaal miila isaa kan mirgaa morma umar kabajamaa san irra kaayyatee miila isaa kan bitaa morma abuu bakrii kabajamaa sanirra kaayyatee ka'abaa🕋gubbatti ol bahe👌.....
~~~~~~~~~~~

Ergamaan rabbii (S A W) isaan nija'e Yaa bilaal RABBII isa malee gabbaramaan tokkolleen hin jirretti kakadhee ka'abaan🕋 tun RABBI biratti goddoodha wallaahi arra siitu ka'abaa🕋 tanarra guddaadha siitu kabajamaadha RABBI biratti ja'een 👌.. Bilaal Al Habashi....🥰🥰

Yoo dubbiftee xumurte Ergamaa rabbii nabi mohammad S A W irratti salawaata buusii.💚

Waan Dhageenye Wal-Dhageessisna!! yusuf
Like share comment godha

SAMMUU KEE HIN GABROOMSIN./////////////////////////////////////////////// 📌 Namni Sammuun Gabroome Mataa Ofii Hojiin Ala...
12/01/2024

SAMMUU KEE HIN GABROOMSIN.
///////////////////////////////////////////////

📌 Namni Sammuun Gabroome Mataa Ofii Hojiin Ala Godhee, Kan Nama Biraatin yaada.!!

📌 Namni Sammuun Gabroome, harka hojii irra Harka Kadhaaf Beekamtii Kenna.!!

📌 Namni Sammuun Gabroome, maqaa namni gabroomfate itti baase kan isaa Se'a.
Yoo Horii jedhaniin, Falmachuu Dhiisee, Marga Dheeduu Shaakala.
Farda Yoo jedhaniin dugdi isaa Akka Kooraa Baachuuf Tolu ilaala.

📌 Waan itti Fe'an Baata.

📌 Qomoo ofii dhiiseeti Orma lakkaawwata.

📌 Namni Sammuun gabroome Haaraa Ofiif Bitate irra, Moofaa Ormaa Yoo Miiccatee Uffate itti Tola.

📌 Namni Sammuun Gabroome, bilisummaan gabrummaa itti fakkaata.

📌 Namni Sammuun Gabroome, Warra isaaf Falman irra Warra isatti Falman jaalata.

✍Jechoota Hayyuu Oromoo Gar/Pro/ Mihratuu Shaanqoo keessaa kan dhutameedha.!!

✍︎ Jiraachuun jirra jechuu miti. Du'uniis awwaalamuu hinibsu. Namoonni muraasni du'anii jiraatu. Danuun immoo osoo jiran...
05/01/2024

✍︎ Jiraachuun jirra jechuu miti. Du'uniis awwaalamuu hinibsu. Namoonni muraasni du'anii jiraatu. Danuun immoo osoo jiranii du'u! Du'anii jiraachuun garuu jiraatanii du'uu irra baay'ee caala.

✍︎ Nama hiikni jireenyaa galeef jiraachuunis du'uunis bu'aa qaba. Warreen hiika jireenyaa hinhubatiniif garuu jiraachuunis du'unis hangas wal hincaalu. Isaan osoo hindhalatin du'u. Wanta hojjechuuf dhalatan osoo hinhojjetin du'u jechuudha.

✍︎ Namoonni erga du'anii waggoota dhibbaa ol ta'an, garuu seenaan isaanii anaafi si warra lubbuun jiran caalaa kan dubbatamu baay'eetu jiru. Maaliif? kaayyoo dhalataniif jiraatanii darbaniiru. Galma gahuuf yaadan gahaanii, rakkoo addunyaa kanaa irraa salphisaniiru.

✍︎ Jireenyi hiika qabu, jireenya kaayyoof jiraatameedha. Namoota addunyaa kanarraa biliyoonaan lakka'aman keessaa namni tokko iyyuu kan kaayyoo malee dhalate hinjiru. Nama ta'ee kan jiraatu hunduu kaayyoo mataa isaa qaba. Garuu hunduu kaayyoo qaba jechuun, hundinuu kaayyoo isaaf jiraata jechuu miti. Namoonni muraasni abjuu isaanii dhugoomsanii seenaan yaadatamu. Baay'een immoo kaayyoo fidanii dhufan fudhatanii awwaalamu!

✍︎ Obbolee! guyyaa tokko silaa duuti hinooluu, imaanaa dhalootaa nyaattee hindu'in. Namoonni hedduun kitaabota gurguddaa osoo barreeffamee dhaloota jijjiruu fudhatanii darbaniiruu. Dandeettii kalaqaa, dandeettii fakkii kaasuu, sagalee bareedaa... waa meeqa rakkoo addunyaaf furmaata ta'uu danda'utu qabeenyaa iddoo awwaalaa ta'e.

✍︎ Waan gochuu dandeessu gochuu dhabuun, sirra darbee dhaloota har'aafi egeree miidha. Kanaaf dammaqi! Barreeffama xiqqoo kana osoon siif gumaachuu danda'uu barreessuu dhiisuun koo ofittummaadha. Atis dandeetti gurguddaa qabduun hojjechuu dhiiftee taa'uu hinqabdu. Dandeettii keen hamma dandeessu jireenya namootaa irratti dhiibbaa gaarii fiduu qabda. Waan keessa kee baasuun hiixadhu. Gahumsi guddaan ka'umsa xiqqaa irraati. Tarii wantotni ati bu'aa hinqaban seetee of keessatti hiite iyyuu furmaata guddaa ta'uu danda'u.

✍︎ Kutannoon kaayyoo keef jiraachuu eegali. Jireenya kee murteessuuf humna kan qabu tokko iyyuu hinjiru. Bocni jireenya kee harka keetu tolcha. Namoota jiran keessaas waa'een kee kallattiin suma mataa kee ilalata. Kanaaf ammuma murteeffadhu. Dursa kaayyoon koo maali? Jedhii of gaafadhu. Erga kaayyoo kee adda baafattee kaayyoo keef jiraachuu eegali. Jiraattee hindu'in, du'ii jiraadhu!

yusuf bullee barii arguuf
Like share comment godha

05/01/2024

Jechoota kitaaba miratuu shaankoo keessa kan fudhanne
Kitaabni kun kitaaba sammuu ijaarudha malee kitaaba sammuurra ijaajju miti! Namoonni baay'een gaafuma dhalatan du'an. Muraasni immoo gaafa du'an dhalatu. Ati hoo?. Osoo nama hin ta'iin, namaaf ta'uun hin jiru. Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan yoo of beektes murtoo hin murteessitu. Barachuun beekuu hin ibsu. Beekuun garuu barachuu ibsa. Gad-aantummaa×Hirkattummaa×of awwaaluu= Of wallaaluu. Of wallaaluun of Awwaaluudha. Dhala namaa malee addunyaan duwwaadha. Qabeenyi bakka malee kufee fi dagatame dhala namaati.
Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru. Lakkoofsa guutuu ta'ee dhalata malee. Ati of daangesitee teessa taanan eenyutu daangaa si ceesisa? Addunyaa keessaa jirramoo addunyaatu nu keessa jiraa? Yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenya ati qooddachuuf eeggattudha. Jaarraan kun jaarraa mul'ataan injifaniidha malee jaarraa mufachuun injifatan miti. Ilaa Addunyaan sammuukee fi jecha ati waa'eekeef qabdu keessa jirti. Nama jechuun bu'aa yaada isaati. namni waanuma nyaatu fakkaata. Barrisuu kan dandeessu hanga barrisuu dandeessu yoo amante qofaadha. Of hin shakkiin inni namni biraan si shakku iyyuu si ga'a. Dirree itti injifatamte keessatti lubbuun jiraachaa hafuuke caalaa dirree itti injifatte keessatti duutee awwaalamuu siif wayya. Meeshaa ammayyaa caalaa sammuu injifannoo qabaadhuutii gara dirree seeni. Tulluun ofiin beekee si duraa kufu hin jiru akkasumas tulluun ati dhiibdee si duraa kufuu didus hin jiru. Sammuu injifannoo malee hidhamee jiru qabaachuun rakkisaadha. Sammuu hidhamaadhaan addunyaa hiikamaa keessa jiraachuu irraa qaamaan hidhamanii sammuu hiikamaa qabaachuutu wayya. Rakkina kaleessa sirra ga'e har'as rakkina jettee dubbatta taanaan, har'a iyyu namatu siif hin argine malee ati rakkina isa kan kaleessa caalu keessa jirta. Of booda hin ilaaliin! Booriike namni siif ilaalu hin jiruuti. Karaa gabaabaa fayyadamuun kaayyoo dheeraa galmaan ga'uuf yaaluu jechuun akka dubartii osoo hin ulfaa'iin dawuudhaaf mana yaalaa deemtuuti. Jireenya filatamaa jiraachuu dura jireenya filachuutu dursa. Yeroo hundumaa filannoi sirrii qabaattee yoo fiixaan ba'insa dhabde illee yeroo hundumaa yaada filannoo sirrii hin dhabiin. Namoota erga du'anii waggaa 200 ol ta'an har'a garuu seenaan isaanii anaa fi si warra lubbuun jiran caalaa kan dubbatamu baay'eetu jira. Addunyaa wanta hamaa dalaguuf gatii nama hin gaafachiifne keessa jirra. Biyyi dhaloota isheetti hin fayyadamne biyyummaan ishee hiyyummaa ishee ta'ee hafa. Otoo dhaloota ishee hin kabajiin, Kabajni isheen argattu hin jiru. Warri Addunyaa kanaaf ga'ee isaanii osoo hin taphatiin darban dhaloota dhufu irra itti gaafatamummaa dachaa kaa'anii darbu. Addunyaan sin jijjiuru situ Addunyaa jijjiira malee.

JECHOOTA BEEKTOTAA!▬▬▬▬▬▬▬▬▬■ "Hiyyeessa taatee yoo dhalatte balleessaa kee miti, hiyyeessa taatee yoo duute garuu balle...
03/01/2024

JECHOOTA BEEKTOTAA!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
■ "Hiyyeessa taatee yoo dhalatte balleessaa kee miti, hiyyeessa taatee yoo duute garuu balleessaa keeti."
— (Biilii Giraam)

■ "Maatii irraa dhalatte filachuu hin dandeessu ijoollee sirraa dhalataniif garuu haala mijeessuu ni dandeessa."
— (Biilii Giraam)

■ "Namoonni waan tokko hojjechuuf yaalanii kufan, warra homaa utuu hin hojjetin milkaa'an irra ni caalu."
— (Looyid Joonsi)

■ "Muka ija qabutti dhagaan baay'ata."
— (Shiikeeraa)

■ "Karaa si baasu hin beektu taanaan deemsa hin eegalin."
— (Ingilizoota)

■ "Nama hundumaaf gaarummaa yaadi, garuu hiriyyaa filadhu."
— (Giriikota)

■ "Rabbi gurra lamaa fi afaan tokko nuuf kennuun isaa baayyee dhaggeeffachuu fi xiqqoo dubbachuu akka qabnu nu hubachiisuu dhaafi."
— (Araboota)

■ "Beekumsi nyaata lubbuuti."
— (Pilaatoo)

■ "Amala nama tokkoo yoo baruu feete aangoo yookiin taayitaa kenniif."
— (Abrahaam Liinkan)
📲sнαяє📲ѕнαяє📲

yusuf bullee barii arguuf
Like share comment godha

GOCHA ADDUNYAA AJAB      JECHISIISE !Atileetiin biyya Keeniyaa Abeel Muutaahi Fiigicha Dheeraa tokkoffaairratti fixuudha...
03/01/2024

GOCHA ADDUNYAA AJAB
JECHISIISE !

Atileetiin biyya Keeniyaa Abeel Muutaahi Fiigicha Dheeraa tokkoffaa
irratti fixuudhaaf Sarara dhumaa irraa yeroo xiqqoon kan hafte bira
gahuuf yommuu isa hafu waan xumure itti fakkaatee dhaabbate.
Atileetiin biyya Ispeeyiin Ivaan Fernaandeez immoo isumatti aanee
lammaffaa irra duuba isaa kan ture Atileetiin Keeniyaa kan hinhubanne
ta’uu isaa waan hubateef "hin dhaabatiin itti fufii xumuri" jedhee itti
iyye. Atileetiin Keeniyaa sun garuu afaan Ispaanish waan hin
dhageenyeef, ammas isaaf hingalle. Sana booda Atileetiin Ispeehin
Ivaan Fernaandeez akka isa hubataa hinjirre waan isaaf galeef Atileetii
Keeniyaa sanaan gara fuulduraatti achi isa dhiibee, sarara
qaxxaamursee tokkoffaa isa taasise. Gochi kun kan qalbii isaanii
hawwate Gaazexeessitoonni itti dacha’anii “Maaliif kana gootee? Ati
ofiikee maaliif tokkoffaa hin baanee?” Jedhanii gaafatan.
Ivaan Feernaandeez deebisee “Abjuun koo guyyaa tokko Jireenya
Hawaasaa kana keessatti namoonni duubatti wal harkisuu dhiisanii,
gara fuula duraatti wal dhiibanii, wal utubanii, Mo’ataa yommuu wal
taasisan arguudha
Anatu akka mo'u godhe miti mo'iichi jalqabumaahu kansaa ture jedhe.
Gaazexeessaanis deebisee ,garuu,mo'utu sirra ture" jedhe
Ivaan Feernaandeezisis,Faayidaa mo'ichaa koo maaliidha? kabaji
meedaaliyaa kanaa maali?"
Seenaa kanarraa guddaa akka barattan abdiin qaba.
Ijoollee keenya maal barsiisna!
Namni biraa akka argatuuf hammam dhamaata?
Baayyeen keenya dadhabina namootaa fudhannee ,akka faayidaatti
utuu fayyadamnee barbaanna!
Mo'attoonni waanuma yeroo sana argatan qofan mo'u osoo hintaane
siidaa jaalaalaa dhaabuun mo'anis jiru!
Namooti namaaf gaarummaa yeroo hundaa utuu yaadanii seexanni
iyyuu karaa hin argattu,gaarummaan danbali'ee,jaalallli fandishe,hunduu
akka fira dhiigatti Wal ilaala ture!
Kan Gaarii Hojeetuu Gaariitu Eegata Garummaa Namaaf Yaadi rabbiin Gaarii Siif Yaada galatooma !

Maddi, kanan dubbiserraa
yusuf bullee barii arguuf
Like share comment godha

🤷🏻‍♂WANNI HUNDI KEEYRUMAAFI🤷🏽‍♀Seenaa ajaa'ibaa👌Namticha tokko ture🕴🏼Akkas jechuun dubbataDeemsa xiyyaaran✈️ deemmamun q...
03/01/2024

🤷🏻‍♂WANNI HUNDI KEEYRUMAAFI🤷🏽‍♀

Seenaa ajaa'ibaa👌
Namticha tokko ture🕴🏼
Akkas jechuun dubbata
Deemsa xiyyaaran✈️ deemmamun qaba ture. Gara buufata xiyyaaraa deemuf akkuman manaa baheen gufadhee kufe, rifaatuu waliin daqiiqaa muraasaf ofan wallaale. Namoonni naaf birmatan, buufata xiyyaaraa osoo hin taane, buufata fayyaatti na geessan. Yeroon ani of beeku xiyyaarri na jalaa baheera. Gaddi gadda caalu nattii dhagahame, carraa kana dhabuu kootti baay'en ofitti gadde. Yeruma san Akkuma ta'etti ol jedhee TV banate. Akkasitti rifadhee hin beeku, qaama koo marti/hundi na hoollate/kirkire. xiyyaarri ani attiin deemuf ture sun akkuma lafaa ol ka'een xiqqoo deeme qilleensa irratti dhoohe/boba'e. Namoonni keessa jiran baay'inni isaanii 200 kan ta'an battaluma san du'an, ani garuu jira. Uumaa kiyyaaf Galanni haa jechuun gadda isaa gammachuutti jijjiirrate.

Qormaanni jireenya keessatti si muudatu kamiiyyuu wanta gaarii maal akka siif fidee dhufe hin beektu waan ta'eef, obsi malee hin dheekkamin. Yoona balaa meeqa jalaa si baase.
kan argatteefis kan dhabdeefis Galata🙏🏽 jedhi.

Guyyaa mi'aawwaa isiniif Hawweera yusuf bullee barii arguuf
Share like comment godha

02/01/2024

Baby

02/01/2024
02/01/2024
02/01/2024

*DHIIBAMUUN KEE OL BA'UU FIDA*

Namichatu gaaftokko Harree tokkittiin inni qabu boolla bishaanii (biirii) keessa jalaa buute, akkuma aadaa keenyaa namni gaafa rakkatu iyyatee ollaan itti birmata. namichi kunis Harreen isaa kun tokkittiin gaafa boolla buutu "naaf birmadhaa Harree Kootu boolla najalaa bu'ee" jedhee iyyate.
Ollaanis gamaa gamanaa yaa'anii gaafa birmatan boolli Harreen namichaa keessa bu'e baay'ee gad fagoo waan ta'eef kun falan qabu baasuunis hin danda'amu garuu achumatti biyyoo itti deebifna jedhanii walii galan.
Erga yaada kanatti walii galaniis boolla Harreen keessa jirutti biyyoo gad guuruu jalqaban.
Isaan Harrettii achumatti awwaaluuf biyyee darbatu Harrettiin Urgufattee dhidhiittatee irra aantee dhaabatti...utuma akkas godhanii biyyoon isaan tuulan kun Harrettii ol butaa adeemaa gara lafaatti ol ishee baase. isaan ha baddu jedhanii biyyee itti guuru biyyeen isaan guuran kun garuu ba'umsaa ta'ee Harrettii kana du'a oolche. utuu isaan biyyee kana ittin guurre ta'ee Harrettiin achitti hafti turte, egaa itti guuramuun biyyee sanaa Harrettiif gaarummaaf ta'e.
Har'as Waaqayyo isa hamaa fakkaatu gaarii siif godhee lafatti itti Awwaalamtee qabee ol si baasa. Namoonni waan kana dubbiftaniif sinitti tole Waaqayyo gaariidha utuun jedhin hin darbinaa!
Yoo sinitti tole like👍,share, comment, join gochuu hin hirraanfatinaa

♡ ㅤ ❍ ⌲
Lᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ forward

🙏♥️°°°ʏᴇʀᴏᴏ ɢᴀᴀʀɪɪ°°°♥️🙏

☞︎︎︎ fati Yusuf bullee barii arguuf

"Dhiibbaan / Hanqinni / Rakkinni si Mudatu Milkaa'ina Irraa Duubatti si Hin Deebisin!"▬▬▬▬▬▬▬▬▬Mee waa'ee namoota kufaat...
01/01/2024

"Dhiibbaan / Hanqinni / Rakkinni si Mudatu Milkaa'ina Irraa Duubatti si Hin Deebisin!"
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Mee waa'ee namoota kufaatiin isaan dadhabe tokko sin yaadachiisaa; na hordofi!

❍ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

❍ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

❍ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

❏ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

❏ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
➲ 'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
➲ 'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
➲ 'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
➲ 'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
➲ 'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
➲ 'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
➲ 'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
➲ 'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti.

Obboleessa koo obboleettii koo ABDII HIN KUTATIIN! NEVER GIVE UP!

01/01/2024

JECHAMOOTA JIREENYAA SHAN (5)
╟ 5 𝗠𝗬𝗧𝗛𝗦 𝗢𝗙 𝗟𝗜𝗙𝗘 ╢
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
①: 𝙽𝙾𝙱𝙾𝙳𝚈 𝙸𝚂 𝚁𝙴𝙰𝙻 𝙸𝙽 𝚃𝙷𝙸𝚂 𝚆𝙾𝚁𝙻𝙳 𝙴𝚇𝙲𝙴𝙿𝚃 𝚈𝙾𝚄𝚁 𝙿𝙰𝚁𝙴𝙽𝚃𝚂!
— 𝐀𝐝𝐝𝐮𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐧𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐝𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐞 𝐡𝐢𝐧 𝐣𝐢𝐫𝐮!

②: 𝙰 𝙿𝙾𝙾𝚁 𝙿𝙴𝚁𝚂𝙾𝙽 𝙷𝙰𝚂 𝙽𝙾 𝙵𝚁𝙸𝙴𝙽𝙳𝚂 𝙴𝚇𝙲𝙴𝙿𝚃 𝙶𝙾𝙳!
— 𝐇𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞𝐬𝐬𝐢 𝗐𝖺𝖺𝗊𝖺 𝗆𝖺𝗅𝖾𝖾 𝐡𝐢𝐫𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐮!

③: 𝙿𝙴𝙾𝙿𝙻𝙴 𝙳𝙾 𝙽𝙾𝚃 𝙻𝙸𝙺𝙴 𝙶𝙾𝙾𝙳 𝚃𝙷𝙾𝚄𝙶𝙷𝚃𝚂, 𝚃𝙷𝙴𝚈 𝙻𝙸𝙺𝙴 𝙶𝙾𝙾𝙳 𝙻𝙾𝙾𝙺𝚂!
— 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚 𝐠𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐭𝐚𝐧, 𝐛𝐢𝐟𝐚 𝐠𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐭𝐮!

④: 𝙿𝙴𝙾𝙿𝙻𝙴 𝚁𝙴𝚂𝙿𝙴𝙲𝚃 𝙼𝙾𝙽𝙴𝚈, 𝙱𝚄𝚃 𝙽𝙾𝚃 𝚃𝙷𝙴 𝙿𝙴𝚁𝚂𝙾𝙽!
— 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐪𝐚𝐫𝐬𝐡𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐮 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐦𝐢𝐭𝐢!

⑤: 𝚃𝙷𝙴 𝙿𝙴𝚁𝚂𝙾𝙽 𝚈𝙾𝚄 𝙻𝙾𝚅𝙴 𝚃𝙷𝙴 𝙼𝙾𝚂𝚃 𝚆𝙸𝙻𝙻 𝙷𝚄𝚁𝚃 𝚈𝙾𝚄 𝚃𝙷𝙴 𝙼𝙾𝚂𝚃!
— 𝐍𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐛𝐚𝐚𝐲'𝐞𝐞 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐭𝐭𝐮 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐚 𝐜𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐬𝐢 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚!
Fati Yusuf bullee barii arguuf
♡ ❍ㅤ ⎙ ⌲
ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ share

  SAHABAA ZABANA BULCHIINSA UMAR IBNU KHAXAB KEESSAASeenaa tun ni mi'aaha jettee sukkaara))Namni seenaa tana dubbise:- g...
01/01/2024

SAHABAA ZABANA BULCHIINSA UMAR IBNU KHAXAB KEESSAA

Seenaa tun ni mi'aaha jettee sukkaara))
Namni seenaa tana dubbise:-
gootummaa
iimaana
obsa/sobrii/ waa hedduu irraa barata:-
´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´´`````````````````
﷽ BARA 《19》 ffaa hijraa:-
Nabii keenyaarraa ﷺ zabana Bulchinsa mootummaa
Umar Ibnul Khaxxaab {r a} keessa umar Mootota biyya Ruumiin loluuf waraana qopheeysee itti erge waraana umar Ruumitti erge kana keessasahaabticha beekkama
Jagna jedhamu tokkotu jira:-

mootichi biyya Ruum kun ammoo osoo waraana isaa gara muslimtootaa hin ergin dura oduun jajjabduun guyyuu itti dhufaa oolti wal duraa duubaan oduun sunis ummanni muhammad kun
kan amma isin loluuf deemtan kun yaa jabeenya diin isaaniitiifi iimaana isaanii yaa jaalala diin isaaniitiifi amaanaa isaanii yaa dhugaa dubbachuufii qulqullina diin isaanii lubbuu isaanii karaa rabbiitiifi karaa rasuula isaanii keessatti inuma hin qusatan oduu jettu hangana quba qaba:-

Mootichi Ruum kunis duba waraana isaa ka duulu kana erguuf yeroo qoppeysee, ni jedheen ykn itti dhaammate yaa ummata kiyya waraana muslimtootaa sanirraa yoo tokkuma boojitan jabeenya isaanii waanuma ajaa'ibaa takka irraa odeessanii hin ajjeesinaa jiraa natti fidaa kottaa du'as hin sodaatan jedhanii jedheen!
lolli walitti dhaabbate:-

Yeroo lolli adda dhaabbate
Namtichi Jalqabarratti maqaa isaa kaafne sun Abdallaahi Ibnu Huzaafaa tiifi namoonni baayyeen booji'amtoota ta'anii harka aduwwii bu'an
Mooticha Ruum bira fidaman, kunoo kun sahaabaa muhammadi har'a harka keenya seene warra dura muhammaditti amane jedhaniin mootichaan! Mootichi kun Abdallaah kana laaleeti ni jedheen namana wahin sirra fidaa akkami jedheen Abdullaah maal narra fidda jedheen wannin sirra fidu lubbuu teetiin hin tapatinii (kafari) jedheen yoo kafarte gadin sidhiisa sin kabaja sin guddisaa jedheen
Abdullaahi kun nijedheen diin Nabi muhammad gadi dhiisii kafarii ati naan jettu kanarra hoggu (1000) tokkon du'a filadha jedheen😥

Mootichi kun ni jedheen ammas yaa gurbaa nama hayyuu jabaa fakkaattaa mootummaa tiyya tanarraahis siif qoodee biyya tanas walqixa waliin bulchinaa waanin siin jedhe kana qofaa narraa qeebali jedheen! Duba Abdullaahi kun kan haadaan hidhamee jiru😭 ni kolfeeti ni jedheen wallaahi qoodaa mitii mootummaa ati qabdu tanaafi waan arabani qabdu hundaafi waan (dacheen) baadhattee qabdu cufa yoo naaf kennite diin nabi muhammad zalaalamii mitii hanga libsuu ijaa) takkaaf hin jijjiiru jedheen😭

yaa subahaan Allaah☝ Mootichi kun ni jedheen erga akkana taatee sin ajjeesagaa jedheen! Abdullaahi kun ammoo waan lubbuun tee feete natti dalagi na ajjeesuus mirga) qabda jedheen😭 mootichi kun waraana isaatiin fuudhaa haadaan hidhaa mukarratti isa fannisaa qaama isaa moggaa hunda xiyyaan darbadhaa rifachiisaa ciinqaa ni laallaa yoo diin muhammad irraa deebi'e jedheen ajaja mootichaa itti dalagan duba Abdullaahi kun diin nabi muhammad jijjiiruu dide!

mootichi kun mee mukarraa gadi buusaa okkotee ykn (Barmeela) guddaa fidaa (Zeyta) itti naqaa ibiddarra kaa'aa danfisaa yeroo zeyiti kun danfee balbale barmeelli diimate😭 nama lama kabiraa muslimtootarraa fidaa bar-meela kana keessatti darbadhaa 😭 inni saahiba isaa kana dhaabbatee haa ilaaluu jedheen fuudhanii yeroo itti darbatan (second) takka keessatti lafeefii foon walirraa adda yaa'e😭

mootichi kun akkana ta'uu siif wayya moo diin mohammad gadi dhiiftee nasaaroomuu siif wayya jedheen! Abdullaahi Ibnu huzaafaa kun duraan maal aaree mitii amma daran aare ni jedheen ani diin nabi muhammad gadi hin dhiisuu waan akkanaa hin yaadin jedheen! Mootichi kun amma Aareeti waraana isaatiin isuma kana fuudhaa ibidda okkotee kanatti darbadhaa jedheen! Hoggaa Abdullaahi kana itti darbuuf ka'an ni boohe fuula isaa imimmaaniin jiise😭 waraanni kun gara mootichaa deebi'aniiti gurbaan ni boohe akkami jedhaniin! Mootichi deebisaa fidaa ni sodaate ta'aa amantii isaa jijjiiruu hin ooluu jedheen itti fidan gurbaa nikafarta moo hin kafartu jedheen maalin kafra jedheen akkastaatu maa boocharee bar wannin booheef😭

lubbuu tiyya keessattin waa takka jedhee bar yaa lubbuu tiyya okkotee tana keessatti amma darbamtaa lubbuun ammuma sikeessaa baatii maal faayidaa qabda bar silaa naaf taatee ani kanin fedhu lubbuun tiyya tun hangan lakoofsa rifeensa qaama kiyyarraa qabu kana naaf baayyattee karaa rabbii keessatti takka takkaan wal duraa duubaan okkotee tanatti nadarbaniin fedhaa tanaafi lubbuun narifattee hooye jedheen😭

subahaan Allaah}} mootichi ofiifuu rifateeti mataa kiyya nadhungattaa gadin sidhiisaa jedheen! Abdullaahi kun nijedheen tiyya qofaaf sin dhungadhuu garuu yoo booji'amtoota muslimaa biyya kee jiiru hunda gadi dhiifte sin dhungadha jedheen Ee gadin siif dhiisa jedheen! Mooticha xilaata rabbii kana dhungadhee lubbuu tiyyaafi muslimtoota harka isaatti azzabamaa jiran baasuu naaf wayya jedhee filate! Ni dhungatee mootichis biyya hunda keessaa booji'amtoota walitti qabaa kennaafii guurratee nurraa haa deemuu jedheen!

Abdullaahi kun booji'amtoota fudhatee madiinaa Umar ibnul kaxxaab {RA}bira dhufee, bar har'a akkana akkana taanee jedhee yeroo taatee argame kana hunda himeef umar boojiamtoota gadi lakkifaman yeroo arge miira gaddaatiifi gammachuu guddootu itti dhagame umar nijedhe dubaa muslimni hundi bakka jiruu mataa Abdullaahi Ibnu huzaafaa dhungachuun irratti dirqama waajiba jedheeti umar dursee anatu mataa isaa dhungata jedhee mataa isaa keessa dhungatee daddaabbaseef!! yaa Allaah

Kan onlinerra jirtu seenaa tana Share namaaf gochuu hin dagatinaa rabbi qubsuma keessan boruuf oollaa nabii keenyaaﷺisiniif haa taasisuu.

01/01/2024

Ethiopia

Ogummaa Anbiyootaa Fi Sahaabotaa beektuu?__________~ Ogummaan Nabi Aadam Qote bulaa dha. ~  Nabi Idiriis Jirbii hodhee g...
01/01/2024

Ogummaa Anbiyootaa Fi Sahaabotaa beektuu?
__________
~ Ogummaan Nabi Aadam Qote bulaa dha.
~ Nabi Idiriis Jirbii hodhee gurgura
~ Nabi Nuuh Ogeessa Ijaarsaati (Anathii dha)
~ Nabi Huudii fi Nabi Saalih magaalarra deemanii waa gurguru.
~ Nabi Ibraahimii Fi Nabi Luu**x horsiise-Bultoota turan. Akkasuma Nabi Ibraahim hojii ijaarsaatiinis seenaa Ka'abah 🕋 ijaaruus qabu.

~Nabi Is-haaqii fi Nabi Ya'aquub erga guddatan boodas re'ee tiksuu ture ogummaan isaanii.
~ Nabi Yuusuf Mootummaa biyya masrii (Egypt 🇪🇬 ) turan.
~ Nabi Shu'eeybi biyya madyanitti re'ee tiksu
~ Nabi Muusaa fi Nabi Haarunis re'ee tiksuun beekkamu.
~ Nabi Daawud sibiila cafaqanii uffata waraanaaf uffatamu hojjatu.
~ Nabi Suleymaan mootii addunyaa guutuuti 🌎 (world king) .
~ Nabi Zakariyyaan Engineera. Ogummaa ijaarsaatiin dinqama.
~ Nabi Iisaa Ilmi Maryam ogeessa fayyaati (Doctor) turan.
~ Nabi Muhammad ﷺ Ijoollummaan re'ee tiksaa turan. Dargaggummaan daldala keessatti hirmaatuun bu'aa guddaa fidanii dinqisiifatamanii turan.

~ Abuu Bakri huccuu hodhee gurgura.
~ Sa'ad Bin Abii Waqqaas xiyyaa fi gooba hojjata.
~ Abdallaah Bin Zubeyri foon cira.
~ Sa'iid Bin Al-Musayyab Damma gurgura.
~ Muhammad Bin Siiriin Zeytii gurgura.
~ Abuu Haniifaan uffata gurgura.
~ Sheikh Ibnu Baaz osoo ijji isaanii hin badin uffata gurguran.
~ Sheikh Imaam Al-Albaaniin biskileetii yaabbatiin sa'aatii harkaa gurguru.

Xurii namaa nyaachuu irra: xuraa'anii dalagachuu wayya!

Wasfii Ergamaa Rabbii صل الله عليه وسلم ●●●●●●●●●●●●●●●●●●Guuyaa tokko Ergamaan Rabbii Saw nama lamaa wajjiin deemanii m...
30/12/2023

Wasfii Ergamaa Rabbii صل الله عليه وسلم
●●●●●●●●●●●●●●●●●●

Guuyaa tokko Ergamaan Rabbii Saw nama lamaa wajjiin deemanii mana tokkotti goranii waa nyaadhamu gaafatan mana kana keessa haadha manaa malee abbaan mana hin jiru yeroo kana haati manaa tun wanni takka hin jirtu Re'etti tana malee jetteenii Garsiifte
Iznii nuuf godhi jedhanii gaafannaan iznii gootee fii Rassuulli 《S,,A,,W》Du'aaii itti godhee rabbiin yeruma sanitti du'aaii isaanii qeebalee fii haadha manaatiifis kennannii ifiifis dhuganii deeman

Erga isaan deemanii booda Abbaan manaa dhufee aannan kana Argee yaa haadha mana kiyyaa aanan kana eessaa fidde jedhee gaafate

Akkas jatteen nama sadihitu karaa kanaan dabre issaan keessa gurbaa gaarii tokkootu jiraa gurruu Ra'ettiirra haqee du'aaii itti kadhatee irraa ilmee nuufis kannee ifiifis dhuganii kutan jatteen

Hoggaa kana mee naaf wassafi Ykn fakkeeysi inni nama akkaami jennaan
Inni nama inni nama dheeraa miti gabaabaas miti furdaas miti qal'aas miti fuulli isaa ni ifa nama haalli isaa akkaan namatti tolu inni nama diimaadha fuuli isaa waliqixaadha areenni isaa diraadha mormi isaa ni ifa yoo callises nama kabajaa qabu yoo dubbatees nama dubbiin isaa namatti toltu jattee wassafteef

Isiin akkanatti itti himnaan Yaa weylaka yaa kasaaraa tee jedheen nama inni ta'e nibeeytaa ? gurbaa kana jedheen yaa abbaa mana kiyyaa hin beekuu Inni Eenyu ?
Inni ati naaf wassaftu kun Muhammadi bar saahiba qureeshiitii jedheen

Way bar osoo beeytee Re'ettii tana qaltaafii jedheen yoon isa dhaqqabe diinuma isaatiin seena jedheen

Nabiyyii akkanaa kanatti amantee
Salawaata buusuu dhuunkee salphina

اللهم صلي وسلم وبارك على سيدنا وحبيبنا ونبينا محمد صلى الله عليه وسلم

Yoo nama seenaa Ergamaa Rabbii nabi Muhammad SAW jaalatu taate Salawaata irratti buusi godhii.

SEENAA tana obsaan dubbisuuf jecha yoo lubbuu teessan dirqitan maaltu bada laata? Mindaa Sawaaba rabbii guddaa biraa itt...
30/12/2023

SEENAA tana obsaan dubbisuuf jecha yoo lubbuu teessan dirqitan maaltu bada laata? Mindaa Sawaaba rabbii guddaa biraa itti argachuuf jecha ~ Share,,,, Share,,,,,Share gootanii onnee nama tokkoo of yaadachiiftanii yoo ittiin boochiftan hoo maaltu bada laata?
Seenaa tana dubbifnee Anaafi isin hoo of gaafannee, yaa lubbuu tiyya Adduniyaafi Aakiraa nagalaafachuuf deemtaa garamitti nadeemaa jirta jennee yoo of gaafanne hoo maaltu bada laata?
Abbaa fii rabbi wal beekaa waan hojjannu keessatti fuula rabbii guddaa barbaaduuf jecha tadabarte dabartee ammarraa jalqabnee yoo hojjanne hoo maaltu bada laata?
Ilmi namaa yoo hamileen jiruuf jireenyaa isa dagdelleen du'arraa hafiisni waa hin jiru😭

Yaa jabina iimaana muslimtoota nudura darbee!
Sahaaboonni rasuula rabbii (S.A.W.) nabi muhammadifi Diin nabi muhammad ittiin dhufe akkasuma sunnaa isaa hanga jabeessan beettanii laata?
kan hin beenne kuttuu gadi bu'ii bari👇!
~~~~~~~~~~~~~~~~~
BARA (19) ffaa hijraa nabii keenyaarraa .S.A.W. zabana Bulchinsa mootummaa Umar Ibnul Kaxxaab keessa umar Mootota biyya Ruumiin loluuf waraana qopheeysee itti erge waraana umar Ruumitti erge kana keessa Namticha Jagna Abdullaahi Ibnu Huzeyfaa jedhamu tokkotu jira

mootichi biyya Ruum kun ammoo osoo waraana isaa gara muslimtootaa hin ergin dura oduun jajjabduun guyyuu itti dhufaa oolti wal duraa duubaan oduun sunis ummanni muhammad kun
kan amma isin loluuf deemtan kun yaa jabeenya diin isaaniitiifi iimaana isaanii yaa jaalala diin isaaniitiifi amaanaa isaanii yaa dhugaa dubbachuufii qulqullina diin isaanii lubbuu isaanii karaa rabbiitiifi karaa rasuula isaanii keessatti inuma hin qusatan oduu jettu hangana quba qaba;
Mootichi Ruum kunis duba waraana isaa ka duulu kana erguuf yeroo qoppeysee, ni jedheen ykn itti dhaammate yaa ummata kiyya waraana muslimtootaa sanirraa yoo tokkuma boojitan jabeenya isaanii waanuma ajaa'ibaa takka irraa odeessanii hin ajjeesinaa jiraa natti fidaa kottaa du'as hin sodaatan jedhanii jedheen!
lolli walitti dhaabbatee
Yeroo lolli adda dhaabbate
Namtichi Jalqabarratti maqaa isaa kaafne sun Abdullaahi Ibnu Huzeyfaa tiifi namoonni baayyeen booji'amtoota ta'anii harka aduwwii bu'ani,
Mooticha Ruum bira fidaman, kunoo kun sahaabaa muhammadi har'a harka keenya seene warra dura muhammaditti amane jedhaniin mootichaan! Mootichi kun Abdullaahi kana laaleeti ni jedheen namana wahin sirra fidaa akkami jedheen Abdullaahi maal narra fidda jedheen wannin sirra fidu lubbuu teetiin hin tapatinii (kafari) jedheen yoo kafarte gadin sidhiisa sin kabaja sin guddisaa jedheen
Abdullaahi kun nijedheen diin Nabi muhammad gadi dhiisii kafarii ati naan jettu kanarra hoggu (1000) tokkon du'a filadha jedheen😭
Mootichi kun ni jedheen ammas yaa gurbaa nama hayyuu jabaa fakkaattaa mootummaa tiyya tanarraahis siif qoodee biyya tanas walqixa waliin bulchinaa waanin siin jedhe kana qofaa narraa qeebali jedheen! Duba Abdullaahi kun kan haadaan hidhamee jiru😭 ni kolfeeti ni jedheen wallaahi qoodaa mitii mootummaa ati qabdu tanaafi waan arabani qabdu hundaafi waan (dacheen) baadhattee qabdu cufa yoo naaf kennitan diin nabi muhammad zalaalamii mitii hanga libsuu ijaa) takkaaf hin jijjiiru jedheen😭 yaa subahaan Allaah☝ Mootichi kun ni jedheen erga akkana taatee sin ajjeesagaa jedheen! Abdullaahi kun ammoo waan lubbuun tee feete natti dalagi na ajjeesuus mirga) qabda jedheen😭 mootichi kun waraana isaatiin fuudhaa haadaan hidhaa mukarratti isa fannisaa qaama isaa moggaa hunda xiyyaan darbadhaa rifachiisaa ciinqaa ni laallaa yoo diin muhammad irraa deebi'e jedheen ajaja mootichaa itti dalagan duba Abdullaahi kun diin nabi muhammad jijjiiruu dide! mootichi kun mee mukarraa gadi buusaa okkotee ykn (Barmeela) guddaa fidaa (Zeyta) itti naqaa ibiddarra kaa'aa danfisaa yeroo zeyiti kun danfee balbale barmeelli diimate😭 nama lama kabiraa muslimtootarraa fidaa bar-meela kana keessatti darbadhaa 😭 inni saahiba isaa kana dhaabbatee haa ilaaluu jedheen fuudhanii yeroo itti darbatan (second) takka keessatti lafeefii foon walirraa adda yaa'e😭 mootichi kun akkana ta'uu siif wayya moo diin mohammad gadi dhiiftee nasaaroomuu siif wayya jedheen! Abdullaahi Ibnu huzeyfaa kun duraan maal aaree mitii amma daran aare ni jedheen ani diin nabi muhammad gadi hin dhiisuu waan akkanaa hin yaadin jedheen! Mootichi kun amma Aareeti waraana isaatiin isuma kana fuudhaa ibidda okkotee kanatti darbadhaa jedheen! Hoggaa Abdullaahi kana itti darbuuf ka'an ni boohe fuula isaa imimmaaniin jiise😭 waraanni kun gara mootichaa deebi'aniiti gurbaan ni boohe akkami jedhaniin! Mootichi deebisaa fidaa ni sodaate ta'aa amantii isaa jijjiiruu hin ooluu jedheen itti fidan gurbaa nikafarta moo hin kafartu jedheen maalin kafra jedheen akkastaatu maa boocharee bar wannin booheef😭 lubbuu tiyya keessattin waa takka jedhee bar yaa lubbuu tiyya okkotee tana keessatti amma darbamtaa lubbuun ammuma sikeessaa baatii maal faayidaa qabda bar silaa naaf taatee ani kanin fedhu lubbuun tiyya tun hangan lakoofsa rifeensa qaama kiyyarraa qabu kana naaf baayyattee karaa rabbii keessatti takka takkaan wal duraa duubaan okkotee tanatti nadarbaniin fedhaa tanaafi lubbuun narifattee hooye jedheen😭subahaan Allaah mootichi ofiifuu rifateeti mataa kiyya nadhungattaa gadin sidhiisaa jedheen! Abdullaahi kun nijedheen tiyya qofaaf sin dhungadhuu garuu yoo booji'amtoota muslimaa biyya kee jiiru hunda gadi dhiifte sin dhungadha jedheen Ee gadin siif dhiisa jedheen! Mooticha xilaata rabbii kana dhungadhee lubbuu tiyyaafi muslimtoota harka isaatti azzabamaa jiran baasuu naaf wayya jedhee filate! Ni dhungatee mootichis biyya hunda keessaa booji'amtoota walitti qabaa kennaafii guurratee nurraa haa deemuu jedheen! Abdullaahi kun booji'amtoota fudhatee madiinaa Umar ibnul kaxxaab bira dhufee, bar har'a akkana akkana taanee jedhee yeroo taatee argame kana hunda himeef umar boojiamtoota gadi lakkifaman yeroo arge miira gaddaatiifi gammachuu guddootu itti dhagame umar nijedhe dubaa muslimni hundi bakka jiruu mataa Abdullaahi Ibnu huzeyfaa dhungachuun irratti dirqama waajiba jedheeti umar dursee anatu mataa isaa dhungata jedhee mataa isaa keessa dhungatee daddaabbaseef!! yaa Allaah

Kan onlinerra jirtu seenaa tana Share namaaf gochuu hin dagatinaa rabbi qubsuma keessan boruuf oollaa nabii keenyaa S.A.W.isiniif haa taasisuu

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bullee barii arguuf posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Bullee barii arguuf:

Videos

Share



You may also like