Murad Abdurehman Mohammed

Murad Abdurehman Mohammed [“Do not do to others what you do not want done to you”]

09/04/2024

Waliif Quudhuu!

Amala Namni Keenya Baay'een qabu Keessaa Inni fokkataan tokko nama biraatiif quudhuu dhabuudha! Waanuma silaa Gaarii tahuu isaa itti amannu kana yoo Namni Biraa Waan San Raawwate hojiin sun nu Biratti gatii dhabuutu mullata! Maaliifi ? Nama Santu Waan badaa hojjatee? Karaa dabaatiin hojjatee ? No! Waan Dhimma San Nuti Hin raawwatin Qofaaf, dhukkuba 'Hinaaffaa' jedhamu Waan qabnuuf Hojii namicha sanii tuffanna, faalleessina inumaa Osoo dandeenyee Dhimmi sun Akka hin raawwatamne feena! Fkn:- Hiriyaan Kiyya tokko kitaaba Akkaan Bareedaa Kan hawaasa kanaaf Kallattii kaayuu Dandayu Tokko yoo barreesse, An dhukkuba hinaaffaa Waaniin qabuuf Kitaabni Bareedaan Kun nabiratti gatii dhaba Hiriyaan Kiyya Kan Duraan Baay'ee jaaladhu Waan kitaaba Bareedaa kana barreesse qofaaf Akka diina kiyyatti laala! Maaliif Ni beeytaa ? Silaa Bakka Isaa 'Aaqil' Bu'ee Ittiin yaamamee Waaniin fedhuufi! Gartee " gartee haasidummaan Aaqil Akka godhutti jirtu? Hubadhaa: Wanni Kun Yeroo Akkatti Barreeffama kana Dubbifnu Waan salphaa Nutti fakkaatuu mala Garuu, dubbiin Kun ulfaataadha! Bakka tana Bira hamma Hin kutinitti Nama tahuu Hin dandeenyu, Hojii kamiinuu milkaawuu Hin dandeenyu, Nyaannu Hin gabbannu, uffannu hin bareennu Dhaandhama jireenyaa hin argannu. dandeytii Rabbiin obboleessa keetiif kennetti hinaafanii mormuun amala sheyxaanaati sheyxaanni : "Anaatu Aadamirra caala" je'ee Sujuuduu dide! Hinaaffaan Sheeyxaana Rabbiin Wal mormisiifte! Dandeytii nama birootiif Rabbiin kenne jaalatuufin quudhuufiin Qulqullummaadha, namummaadha, Guddina, Amala Nabiyyootaati." Obboleysa kiyya Haaruntu arrabni isaa kiyyarra qulqulluudha" Jedhe nabi Muusaan Aleeyhissalaam! Agartee Obboleessi Isaa Haarun isarra dandeeytii dubbatee Waa namaaf ibsuu qabaachuu Ragaa baheefi! Namni dandeeytii Obboleessa isaatiif Hin quudhine dandeeytii Rabbiin Isaaf kennetti fayyadamuu Hin dandayu! Inumaa qabaachuu isaatuu Hin beeku! Yeroo hunda fashalaa Tahee Hojii fashalummaa Qofa hojjata! Dandaytii Rabbiin nutti arjoomes itti hojjatuutu barbaachisa. Rabbiin Nabi Muusaan :" Ulee teetiin bahara dhawi!" Jedheen! Rabbiin dandeeytii isaatiin Sababa Tokko malee Bahara Osoo addaan kutuu Dandayuu Akka Nabi Muusaan Uleen dhawu ajaje! Ammas Bakka biratti Muusaadhaan: " harka kankee Qoloo tee Keessa naqi Adii( iftuu ) haala taateen baatii." Je'eeni! Asittiis Sababa Malee Raawwatuu Osoo dandayuu hojitti ajaje! Nabi Nuuhiin ammoo: " Doonii tolchi" Je'eeni! Asirraa wanni hubannu: hojiin malee bakka gayuun akka hin dandayamne; Mu'ujizaa Anbiyootaallee Rabbiin waan tokko hojjatuun walitti Qindeeysee dubbata. Hojiin malee milkiin argamuu hin eegin. Keeyrii Haa hojjannuu, nama hojii haa taanuu! Gaafa nuti hojjanne Rabbiin nu milkeysa.

29/03/2024
29/03/2024

That's 👍

12/03/2024

Nama 5000 Caalaa Nama 5 kan irratti Salawata Buusu barbaanna ﷺ

  warahmatullaahi_wabarakaatu
20/02/2024

warahmatullaahi_wabarakaatu

13/02/2024

Address

Really
Harar

Telephone

+251978173580

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Murad Abdurehman Mohammed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Murad Abdurehman Mohammed:

Videos

Share