06/08/2023
DIRREE DHAWAATII FI DHAWAA ELAMOO..
*******************************************
Mee arra moggaasa maqaatii fi Seenaa hundeeyfama magaalaa Dirree dhaawaa gabaabinaan haa ilaalluu.
********************************.
Moggaasni maqaa magaalaa Dirree Dhawaa, Jaarsa maqaan isaa "Dhawaa Elemoo Muudee" jedhamu, Kan yeroo baayyee qaamsaa mudhii oliin qullaa deemu (Uffata hin uffanne) irraa akka moggaafame seenaan ragaa bahaa.
Akka barruulee fi Manguddoonni seenaa jedhanitti, "Jaarsi Dhawaa Elemoo Muude" jedhamu kun, Lafa gammoojjii tana keeysatti waan beekkamuuf Dirreen tuniis maqaa isaatiin yaamamuu eegalte.
Dirree Dhawaa Elemoo Muude.
Dhawaa Elemoo Muude "Abbaa Dirree Dhawaa" jedhamuun beekkama.
Jaarsi kun nama baruumsa amantaatiis tahee kan hammayyaa hin barati ture.
Sheekhummaas ta’ee damiinummaallee hin qabu. Magaalaan waan taatellee nama beekuu hin turre.
Haa tahuu malee, Dhawaan Elamoo manguddoo raagaa (Falaasaa) akka ta’ee, Manguddoonni seenaa dirree sirritti hubatan ni dubbatu.
Hanga dhuma jaarraa 19ttii lafti magaalaa Dirre dhawaa lafa horsiisee bultoonni horii isaanii irraa bobboofatan turte.
Ummanni baha harargee jiraatan, Gaarreen Hararge irraa loon isaanii qabatanii gara Dirre dhawaatti dadeebi'uudhaan dheechifachaa akka turan ni dubbatama.
Daandii baaburaatii fi Hundeeyfama maagaalattii.
**************************************** Daandiin baaburaa Ethio-Jabuutii akka hojjatamuuf yaanni kan dhiyaate1877tti tahuutu himama.
Yeroo sananitti lafti yeroo amma magaalaan Dirree dhawaa irratti ijaaramtee tun, Bosona keessi isaa bineensota hedduun guutame ta’uu abuuraan biyya farance tokko barreeyseti ture.
Haatahuu malee muddee1902 A.L.I Daandiin baaburaa dirree dhawaa yeroo dhaqabutti, Lafti duraan qullaa turte foolii magaalummaa qabaachuu jalqabde.
Ijaarsa daandii baaburaa kanaaniis wal qabatee magaalaa dirree dhawaatti manneen jireenyaatii fi Suuqiiwwaan (Dukkaannan) daldalaa baayyeen ijaaramuu jalqaban.
Dirreen dhawaa magaalaa ta’uudhaaf waggaa tokko qofa akka itti fudhate barreeyfamni waa’ee magaalattii irratti barreeyfame tokko ni ibsa.
Osoo oolee hin bulin daldaltoonni Indiyaatii fi Arabootaa magaalaa dirree dhawaatti waa bituu fi gurguruu eegalan.
Bifuma kanaan magaalattii keeysaa bakka yeroo ammaa "Faras-magaalaa" jedhamtu kanatti saffisaan jijjiiramni guddaan mullachuu jalqabe.
Injiinaroonni jajjaboon lammiilee Awroophaa tahaniis, Itaalii fi Girikirraa dhufanii Naannawa kana qubachuudhaan magaalattii ijaaruu itti fufan.
Gama biraatii magaalaa dirree dhawaa keeysaa gandi lammiileen alaa kun baayyinaan qubatan Kaziiraadha.
Asirratti wanti nama ajaa'ibsiisu, yeroo sanitti iddoo "Kaziiraa" jedhamtu tana lammiilee alaa qofaatu itti jiraata.(isaan qofaaf hayyamama). Akka tasaa lammiileen biyyatti yoo achitti arkaman hidhamaniiti adabamu turan.
Boodarra ammoo lammiileen alaatiis magaalattii keeysa baballachuun, hawaasatti makamanii Aadaa, Afaan, Amantaa fi Jireenya hawaasummaatiis waliin qooddachaa jiraachuu jalqaban.
Qabxiilee fi Hambaalee seenaa Dirreen Dhawaa ittiin beekkamtu keessaa muraasa.
*****************************************
1, Dhufaatii baabura lafaatiin walqabatee bara 1902tti Magaalaan dirree dhawaa akka magaalaatti dhaabbatte.
2, Bara 1908tti Manni barnoota ammayyaa kan Faransaayi dhaabbate.
3, Bara 1908tti Manni maxxansaa jalqabaa dhaabbate.
Manni maxxansaa kuniis yeroo jalqabaatiif gaazeexaa mata-dureen
isaa "AMIROY" jedhu Oomishe.
4, Bara 1911tti Hospitaalli Faransaay tajaajila fayyaa hawaasaaf kannuuf dhaabbate.
5, Bara 1919tti Manni barnoota hawaasaa "Giriik" dhaabbate.
6, Mana jireenyaa Sheek Ibraahim Billisaa bara 1919tti ijaarame.
7, Bara 1928tti daandiin Dirree Dhawaatii fi Harar walqunnamsiisu hojjatame.
Haatahuu malee Konkolaataan magaalalee tana lamaan jiddu deemu waggaa tokko booda (bara 1929tti) tajaajila kennu akka jalqabeetu himama.
8, Dildilli Dachaatuu bara 1966tti hojjatame.
9, Jiddu-gala gabaa Qafraa, bara 1940tti ijaarame.
10, Bara 1929tti warshaan Daakhuu fi Makkoroonii dhaabbate.
Abbaa qabeenyaa, Lammii faransaay "Henry Man fire" jedha.
11, Bara 1935tti Manni barnoota hawaasaa Indiyaanootaa ykn Baaliyaanootaan dhaabbate.
12, Bara 1935tti akka biyya kanaatti yeroo jalqabaaf ” Cobble Stone ” ykn dhagaa Koobiliitiin Karaan (Dandiin) hojjatame. .......... itti fufa......
Hubachiisa:- Dogongorri seenaa yoo jiraate na sirreeysaa.
Waan dubbiftaniif galatoomaa!
Art Murad Mohammed
Adooleeysa 30/2015
Dirree Dhawaa.galatomi bro art murad. Ilmaa sabaa.