07/12/2023
GAAGA'AMA LUBBUU GALAAFATE: 😢
Waggaa dabre kana daldala jimaa biyya keeysaa fi biyya alaa danqaaleen garagaraa mudachuun jeeqaminsi Daldala Jimaa hamaan mudachuun isaa ni yaadatama. Jeeqaminsi kun furmaata tokkollee osoo hin arkatin daran hammaatee itti fufuun gaaga'amaa fi miidhaalee hangana hin ja'amneef ummata Harargee saaxileeti jira.
Dabalataan, Jeeqaminsi Daldala Jimaa kun jeequmsa diinagdeetii fi Hawaasummaa bira kutee, gaaga'ama lubbuu fidaati jira. Beelaa fi gadadoo hamaaf ummata saaxiluun hiyyummaa namtolcheef ummata saaxiluun cinatti, Diinagdee biyyattii irrattiis dhiibbaa ol'aanaa geeysisaati jira.
MIIDHAALEE FI GAAGA'AMA JEEQUMSI DALDALA GABAA JIMAA KUN GEEYSISAA JIRU KHEEYSAA MURAASNI: 👇
A. Oomishtoota Jimaa irratti;
Qoteebulaan Dhimma isaa hundaaf jimaa magaalaa geeyfateeti gurguratee dhimma san ittiin raawwatata. Erga daldalli jimaa qabbanaawee booda Qoteebulaan dhimma isaa kanneen akka dhukkubsachuu, Barnoota ilmaanii, Nyaataa fi dhugaatii, Afataa fi Uffataatiif Jimaa cabsee magaalaa geeyfachuu waan hin dandeenyeef, yoo geeyfatees gatiin isaa hedduu waan gad bu'eef rakkoo hamaaf saaxilamaa jira. Qoteebulaa fi Maatiin Qoteebulaa akka maleedha miidhamaa jiran.
Ummata waggaa meeqa(yoo xiqqaate waggaa 20) dura qoraan cabsee magaalaa fidee dhihana ilmaaniif bituu dagate kan jimaa isaa oomishee midhaan nyaataaf tahu waan waggatti nyaatu, yokaan baatitti nyaatu, yokaan torbaanitti nyaatu bitatee manatti galfatee qalbii takkaan hoojum isaa carraaqqatu, kan dhihana yaaduu bira kutee makiinaan magaalaa dhaquu darab makiinaa isaatiin ooyruu dhaquu fi okaya beeyladaa makiinaan galchuu aadeyfate, kan huccuu ammaa amma baatu afataa uffatatti bitatee uffatee ilmaaniis uffisee sadoo fi qananii amaleeyfate, kan muka gubee kasala godhee gurguruu irraanfatee kasala magaalaa bitee fayyadamuu jabeeyfate, ummata waan nyaatuu fi uffatu, waan mana haakimaatiin dhaquu fi waan manaan jaarratu, waan manaan tolfatuu fi waan afataan manatti bitatu yaaduu bira kutee;
Lafa magaalaa bitachuu, mana magaalatti jaarrachuu, makiinaa manaa bitachuu, fooqii daldalaaf taatu magaalatti jaarrachuu, daldala biyya keeysaa fi biyya alaatti miila laachuu, ilmaan isaa mana barumsaa Mootummaa qofatti osoo hin tahin mana barumsaa dhunfaa qulqullina ol'aanaa qabuu fi biyyoota biroo qulqullina barnootaatiin beekkamanitti ergatee barsiifachuu fi ifumaafuu biyyoota addunyaa gargaraatti mana bitatee jiraachuu yaadutti jiru; waan ifii nyaatuu fi ilmaan isaa nyaachisu, waan jiraatuunii fi waan ilmaan ittiin jiraachisu yaachisuun qoraan cabsee gurguruu fi muka gubee kasala gurgurutti gad deebifte.
Hunda caalaa wanti nama boochisu, muka gubanii kasala (cilee) godhanii gurguranii ilmaaniif nyaataan bitan kana beelaaf afachuu dadhabuun lubbuu ilmaaniitiif osoo yaaddawanii jerjeraan kasala luuqatti(kuntaalatti) guuran keeysatti, cilee(kasala) ibidda qabu luuqaa keeysatti guuruun harretti fe'uun osoo Magaalaa Aawwadaay geeysuuf deemanii kasalli ibidda qabu sun harree duuyda gubee harree ilmaaniif nyaataan barbaadu ajjeesuu isaati.
Kana malees, harree kasala feetee magaalaa fiddee ilmaan jiraachiftu karatti itti halkanaahuun waraabeysi arihee nyaachuun waan dhageeytiin nama dhalee fi nama namarraa dhalate hunda madeeysitu tana.
Ammaasiis, kasala nyaata ilmaaniitiin bituuf Magaalaa fidan kana nama isaanirraa bitu dhabuun harree isaaniitii fi Haati ilmaanii tan harretti kasala fe'attee magaalaa fidde halkan dukkanaa qabbana tana keeysa ala buluu isaaniitu garaa nama balleeysa.
Mee osoo si taatee, osoo Haadha tee taatee, osoo abbaa kee taatee, osoo obboleeysa ykn obboleeytii tee taatee, osoo ilma ykn intala tee tan ifii dhalte taatee hoo?😭
Isaan kuniis akkasumatti aanaa keetii beeki. Mee laalaan sitti dhagayamtu hangami?
Mee waanuma ummanni ati irraa dhalatte keeysa jiru laali.
Wanti isaan mudatan yoom kana qofa. Mee waan itti aanu kana dubbisi. Suuraa armaan gadii waliin wal qabsiisii xiinxali. Maaltu sitti dhagayama? Waan Sitti dhagayame barreeysi.
Barreeyfamaatu natti dheeraate jettee namni osoo hin dubbisin bira kuttu yoo jiraatte, beelti dheertuun si bira hin kuttuu beeki. Gaafas sheenahuu dura amma sossoohuutu wayyaadha.
Inumaa barreeyfama dubbisuuf yeroo dhabdu kanaan ummata kee beela duratti akka qabdu ni beeytaa? Yoo ummata keetitti garaa jabaattee dubbisuu hifattee, share godhuu fi inbox'n namaaf erguu dhiiftee bira kutte, beelti hamtuun akka garaa sitti jabaattu hin shakkin.👌
Mee amma dubbisa itti fufi. 👇
Qoteebulaan jimaa oomishu jimaan isaa waan gatii dhabuu bira kutee gurguramuu dhabee dhihana re'eetii fi bobeeysaa taheef, ilmaan isaa beelaaf saaxilamaniiti jiran.
Wanti akkaan onnee nama dhukkubsu, Beela tanaaf jecha bishingaa hin bilchaatin bakkuma dhaabbatutti mataa irraa laqaaqanii aduu keeysa kaayanii goggoysuun daakuu (kaawwaaraa) geeysanii daakkachuuf maallaqa ittiin daakkatan waan hin qabneef mooyyetti tumanii dhagaa irratti daakanii ibiddarratti bilcheeyfatanii lubbuun if eegutti jiraachuu isaaniiti. 😭
Ummanni kun bishingaa kana osoo ooyruurraa hin galfatin laqaaqanii beelaaf jecha nyaatanii yoo fixan booda maal akka oomishachuuf taa'an tilmaamuun nama hin dhibu. Yeroo Oomishni gahetti ummanni kun beelumaaf harka kennuu yoo taate malee, midhaaniis tahee maallaqa midhaaniin bitee nyaata ilmaan isaatti kennu tokkollee hin qabu. 😢
Ummanni kun nyaata ilmaaniitiif jecha beeyladoota manaa qabu hunda gurguree fixe. Sanuu gatii isiin malu itti barbaaduuf beelti ilmaanii waan isaan hin afachiifneef jecha gatii rakishatti gurguraniiti nyaata ilmaanii bitanii galaa turan. Amma beeyladoota manaa qaban keeysaa kanneen akka harreetiis osoo hin hambisin gurguranii fixaniiti bishingaa hin bilchaatin laqaaqqachutti jiran. Ummanni kun harree takka tan bishaaniin dhaqatullee osoo hin hambifatin gurgureeti ilmaaniif nyaataan bitee lubbuu du'a oolchaa ture.
Amma ammoo waan alaa fi manaa qaban hunda gurguranii fixaniiti beelaaf harka kennaniiti jiran.
B. Daldaltoota Jimaa irratti;
Sababa rakkoolee Daldala Jimaa mudattee tanaan;
Qoteebulaan oomisha isaatti bakka dhabe. Gatiin jimaa kan duraan Kuma 2000-30,000 tti gurguramu qarshii 20-50 tti gad bu'e. Sababa kanaan Daldaltootaa fi Hojjattoonni hojiin isaanii oomishaa fi Daldala Jimaa waliin wal qabatu hoji-dhabdummaaf saaxilamuun maatii fi namoonni hojjattootaa fi daldaltoonni kun jiraachisan hundi waan jiraatuun dhabee beelaa fi gadadoof saaxilame. Dargaggoota kuma dhibba tokkoo fi kuma shantam caalaniitu hojii dhabe. Magaalaa Aawwadaay qofa keeysatti Dargaggoota kuma jahaatamii ol tahaniitu hojii dhabee galii maatii ittiin jiraachisu dhabe.
Daldaltoonni jimaa kanneen biyya keeysaa fi biyya alaa kan jiruu fi jireenya isaanii galii daldala jimaa irraa argataniin gaggeeysan dhabuun maatii ofii kan facaasan hedduudha. Kiraa mana jireenyaatii fi Mana Hojii Jimaa kafaluu dadhabanii kan baadiyyatti deebi'anii maatii isaanii waliin maatii isaanii irratti ba'aa tahaniis hedduudha.
Kana malees Daldaltoonni sababa qabbanaawuu daldala jimaa kanaan wal qabatee hojii jimaa dhoorkaman kanneen hojii seeraan alaa kanneen akka kontrobaandiitti fuula deeffatan ni jiru. Inumayyuu hoji dhabdummaa sababa jeeqamuu daldala jimaatiin uumameen hoji dhabdoonni baayyachuu fi yakki galii argachuuf jecha raawwatamu kanneen akka hannaa, Saamichaa, Qoricha sammuu nama hadoochu fayyadamuu fi daldaluu dabaluun isaa hin hafu.
C. Hojjattoota guyyaa kanneen hojiin isaanii oomishaa fi daldala jimaatiin wal qabatan irratti;
Hammaaltota/Namoota dafqaan bulan kanneen Jimaa makiinatti fe'anii fi makiinaarraa buusan, Namoota jimaa cabsanii akka geejjibamuuf tolutti qopheeysan, Namoota Jimaa namaaf bitanii fi namoota jimaa namaaf gurguran,
Namoota abbaa jimaatiif ooyruurraa maallaqaan Jimaa cabsanii fi kkf
D. Daldaltoota meeshaa biroo kanneen daldala jimaatiif itti fayyadamanii kanneen akka:
Warqee, Dhummuugaa, Abbootii Makiinaa fe'umsaa, Abbootii Manaa kanneen mana isaanii Daldaltoota jimaatiif kireeysan, Abbootii Makiinaa kanneen Makiinaa isaanii Daldaltoota Jimaatiif kireeysan, Shufeerota Makiinaa, Namoota Makiinaa Jimaa dhiqan, Buufataalee boba'aa kanneen Makiinota Jimaa fe'aniif boba'aa gurguran, Manneen Nyaataa kanneen namoota sababa Daldala jimaatiin magaalaa dhufanitti nyaata gurguratan, Dubartoota buna dhaabanii namoota jimaa magaalaa fiduuf gurguranii fi kkf hundi sababa jeeqamuu daldala jimaa kanaan galii dhabuun ofii fi maatii isaanii jiraachisuu dadhabuun kadhaa fi godaansaaf saaxilamaniiti jiran.
E. Magaalaa JIMAA irratti;
Sababuma kanaan magaalaan daldala jimaa irratti hundooyte akkaa gara dhabdeeti onatti jijjiiramte. Fakkeenyaaf, Magaalaan Aawwadaay tan duraan "Magaalaa Aduun isii hin dhiine" ja'amtee beekkamtu aduun guyyaan itti dhiite. Magaalaan Aawwadaay haalaan qabbanooyteeti galagalaan adda galti. Dukkaanni duraan guyyatti walakkaa miliyoonaa gurguru amma kuma shantamaahuu hin gurguru. Manneen nyaataa hedduun ni cufaman. Manneen hojii daldala jimaatiif kiraawanii turan sababa Daldaltoonni Magaalaa Aawwadaay gad lakkisaniif cufaman lakkooysa hin qaban.
Ummanni isii kan duraan rakkoof harka kennee hin beeyne rakkatee rakkachuu fi rakkoo isaa himachuufuu rakkate. Manaa bahee deemee kadhachuufiis akkuma isaa kan duriii fi maquma isaa kan dur san daran qaanfate.
Qaanfii isaa kana ammoo gariin akka waan inni quufee buluu, akka waan inni gammachuuf callisuu, akka waan inni rakkoolee tana jaalatee amanfatee, akka waan ummanni kun rakkoo fi rakkinaaf uumamne je'ee rakkoo fi rakkina amala godhateetti laale. Callisa isaaniitii fi kadhaaf manaa bahanii baadiyyaa fi magaalaa girgireeysuu dhaba kana laaleeti akka waan ummanni hin beelawiniitti beela namtolchee ummatatti buute haale.
F. Galii fi Nageenya biyyattii irratti;
Ugguraa fi jeeqaminsi daldala gabaa jimaa kun daldala seeraan alaatii fi kontroobaandiin akka baballatuuf qaawa bana. Kana jechuun; Daldaltoota silaa seeraan hojjachuu fedhan sababa garagaraatiin daldala jimaa keeysaa waan dhiibamaniif gara daldala seeraan alaa kontroobaandii meeshaalee biroo seenutti jiru. Kun Galii mootummaa dhabsiisuu qofa osoo hin taane nageenya biyyattii balaarra busuudha danda’a.
Kana malees Ummanni jiruu fi jireenyi isaa yeroo bakka dhabee abbaas dhabe mufachuun mufiin isaanii kun gara biraatti jijjiiramuun mormiif sababa tahuudha mala. Mormiin sababa kanaan ka'u ammoo dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan taheef hookkarri hamaan ka'uun mootummaa fi biyyarrattiis dhiibbaa siyaasaa fi nageenyaa fiduun isaa waanuma eegamaati.
[ ] Galiin biyyaa xiqqaachuu
[ ] Galiin Qoteebulaa dhabamuu
[ ] Oomishni Qoteebulaa gabaa dhabuu
[ ] Daldalaan galii dhabuu
[ ] Hoji dhabdummaan baballachuu
[ ] Beelaa fi hiyyummaa namtolcheef saaxilamuu
[ ] Godaansaa fi kadhaan baballachuu
[ ] Yakki garagaraa baballachuu
[ ] Daldalli seeraan alaa baballachuu
[ ] Daldalli meeshaalee seeraan alaa baballachuu
[ ] Saamichaa fi hattummaan hammaachuu
[ ] Daa'imman, joollee fi Dargaggoota barsiisuun dadhabamuu
[ ] Diigaminsi maatii heddummaachuu
[ ] Daa'imman karaarraa baayyachuu fi
[ ] Nageenyi biyyaa jeeqamuu fi kkf miidhaalee sababa jeeqamuu gabaa jimaatiin dhufanii jiranii fi dhufuu malan keeysaa isaan muraasa.
Yeroo ammaa kana Rakkooleen kunneen hundi argamteeti jirti. Kanaaf jecha sirreeyfamni hatattamaan yoo kan hin godhamne taate, hegereen Qotee bultootaa fi Daldaltoota miliyoonaan lakkaawamuutiis tahee dafqaan bultootaa hedduu balaa hamaarra akka bu'e kanaan jeequmsa biraatu uumamuu mala.
Rakkoon Daldala Jimaa tan waggaa tokkicha dabre kana mudatte tun miidhaan isiin ummatarraan geeyse tan waggoottan dabran 40'mman keeysatti hin qunnamini.🥱
Miidhaan ummata kanarra geeyse tun ammaan tana yeroon barreeysaa jiru kanatti osoo furamtee gabaan jimaa akka ajaa'ibaatti toltee gatiin jimaa dacha dachaan dabaltee ummanni akka ajaa'ibaatti jimaa isaa gurguratee maallaqa argate, Diinagdee fi Hawaasummaan bakka waggaa dabre turanitti deebi'uuf yoo xiqqaate waggaa shan waan itti fudhatu natti fakkaata. Kana ammoo namuma ummatatti dhiyaatu kan ummata san keeysaa bahee fi namuma qalbiin itti dhiyaatee laaleetu hubata.
Kanaafuu dhimma kanaaf ammumaan ummata waliin mariyachuun furmaanni itti barbaadamuudha qaba. Marii namoota muraasa waliin godhanii shiraan murtii sirrii hin taane tan rakkoo uumamte furuu osoon taane rakkoo biraa uumtu tanaan ummata sobuu fi sossobuu dhiisanii marii qooda fudhattoota hunda hirmaachiftu gaggeeysuun furmaata waaraa fiduun dirqama mootummaati.
Mootummaan dirqama isaa kana bahuun lubbuu ummata Harargee akka baraaruuf; ummanni Oromoo hundi balaa beela namtolcheen ummanni Harargee mudate kana qixa sirriitiin hubachuun roga barbaachisu hundaanuu ummata kanaaf dirmachuun dirqama isaa bahachuudha qaba.✍
LUBBUU MILIYOONOTAA HAA EEWALLU ❗
Fugug Forum
Sosochii Magariisa-Green Movement
Adem Dhalate Muddee 4,2023. Maayaa Guddoo
https://t.me/fugugeconomicforum