Bilal Mohammed page

13/12/2023

Namni Tokko Waan Tokko Dalaguu Dadhabee Yoo Kufe Atiis Ni Kufta Jachuu Miti
Kufaatiin Nama Biraa Kufaatii Tee Hin Murteeysu
Inni Kufuun Atii Si Dhiphisuu Hin qabuu.
: Ati Atuma If Tahii Jiraadhu"
"Sammuun Cimaan Kaayyoo Qaba Sammuun Dadhabaan Immoo Hawwii Qaba"🤣👌

Liqimsii

10/12/2023

. Ati Rabbiif dhugaa (sincere) ta’i argamii, Rabbiin Olta’aan wanta gaarii ati hin yaanne siif kennaati.

10/12/2023

Amalli namaa kan madaallamuun amala inni Gooftaa isaa waliin qabuudha. Rabbii isaa waliin amala gaarii yoo qabaate, amaloonni hafan gaarii ta’u.
Akkamitti namni amala gaarii qaba jedham amalli inni Gooftaa isaa waliin qabu badaa ta’ee osoo jiru? Dhugumatti namni kuni mi’eessitu amala gaarii dhabee jira.

01/11/2023

wallaalummaan wanta gaarii suuraa fokkuutin, wanta fokkuu suuraa bareedatin
namatti mul’isa. Guutuu akka hir’uu ta’etti, hir’uu guutu akka ta’etti akka ilaalan nama taasisa.
Dhugumatti namni wallaalan waan gaarii fokkuu akka ta’etti ilaalun fudhachuu dhiisa; waan fokkuu gaarii akka ta’etti ilaalun hojjata.

31/10/2023

Naaf jiraadhu diinaa koo
Faaydaa kee amman baree
Baraa atii na xiiqeesinan
Hin tarree keeysaa tarree
Gocha hinaafa keetuu
Xuxuqqee na xiiqqeesee
Siitu akka miismaraa
Tutumee na jabeessee
Dhokaaf xiiqeen as gahee
Dafaqaaf dhiigaa cocobsaa
Rabbiifis haa gaalatuu
Isaa naf kanee obsaa
Silaa siif maalee
Silaa yoom gaamnaa ta'aa
Gaamnaa laalee arguu fagootti
Osoo atii hin jiree
Silaa handaqo ta'ee
Ammas qoxiirraa jiraa
Kanaafu gaalatomii diinaa koo
Oolmaa qabdaa na biraa

Hamma jiraattutti addunyaa kanarraMudannoo hedduutu fuul dura kee jiraNama baay'ee horatta hiriyyaa fi firaTokko si jaal...
14/10/2023

Hamma jiraattutti addunyaa kanarra
Mudannoo hedduutu fuul dura kee jira
Nama baay'ee horatta hiriyyaa fi fira
Tokko si jaallata tokko si gurgura
Tarkaanfii jireenyaa taasiftu keessatti
Umurii kee guutuu waggaa lakkooftutti
Michuun tokko jira hiriyyaan si hin ganne
Haala irratti hundaa'ee kan si dhiisee hin deemne
Bu'aa xiqqoof jedhee kan si hin gurguranne
Ofii darbee deemuuf boolla kan si hin buufne
Hiriyyaa dhugaa garaan isaa qulqulluu
Waahila amansiisaa fira fira caalu
Yoo kufte kan si kaasu
Dadhabnaan kan si jabeessu

08/10/2023

i've been hurt
but i'll be ok
i've been lied to
but i'll trust again
i've been heartbroken
but i can still love

My everything🤣❤️‍🩹👏

07/10/2023

Situ fide dhibbee
Kan dawaansa dhibbee
An maalan balleessee
Situu na maddeesse

05/10/2023

irra baayyeen nama lafa tanarra jiruu
dogoggora namaa haasawutu itti tola beeki.
Keessattuu naamusa obboleessa
/obboleettii saa cabsuutu isa gammachiisa.
Anaaf ati garuu kanaan adda tahuu qabna.
Dogongora namaa haasa'u caala keenya
yoo haasofnee sirreeffanne irra gaari miti
mee?
Ee irra gaari kanaaf namni akka amala
badaan si dubbatuuf carraa hin laatiniif.

15/09/2023

I'm a Muslim Alhamdulillah Alhamdulillah

07/08/2023

We live in a world where we want things immediately. But all around us , the Almighty teaches us a profound lesson that everything is a process and takes time.
You will not always see the fruits of your labour right away. Maybe not even in your lifetime
Don't get discouraged
Addunyaa hatattamaan wantoota barbaannu keessa jiraanna. Garuu naannoo keenya hunda , wanti hundinuu adeemsa akka ta’ee fi yeroo kan fudhatu ta’uu isaa barumsa gadi fagoo nu barsiisa.
Yeroo hundumaa firii dadhabbii keetii battalumatti hin argitu. Tarii bara jireenya kee keessattillee ta'uu dhiisuu danda'a
Abdii hin kutatin

26/07/2023

Rabbiin biratti kabajni fi ol’aantummaan ilma namaa kan hundaa’u baay’inna qabeenya, bareedinna, sadarkaa, sanyii fi kkf irratti osoo hin ta’in taqwaa (sodaa Rabbii) irratti hundaa’a. Namni tokko hanga fedhe qabeenya haa qabaatu, miidhagaa fi sanyii gaarii irraa haa ta’u,yoo taqwaa hin qabaatin, inni gadi aanadha. Kanaafu yunitiin safaraa ilma nama taqwaadha. Wantoonni biraa yuniti safaraa ta’uu hin danda’an. Yuniti safaraa kanas kan beeku Rabbii qofa. Kanaafu namni tokko qabeenyan ykn wanta biraatin waan si gadi ta’eef, hin xiqqeessin. Tarii inni/ishiin taqwaan si caalu danda’a/dandeessi.

Subscribe godhaa Oromoo❤️‍🩹❤️‍🩹❤️‍🩹
02/07/2023

Subscribe godhaa Oromoo❤️‍🩹❤️‍🩹❤️‍🩹

Addunyaan wantoota waal faalleessan lamaan tan guuttamteedha Ifa fi dukkanii adii fi gurachii mu'minaa fi kaafirri fi kan kkf wantoota waal falleessanidha se...

HarargeeBiyyaa bakar waareeBiyyaa Elemoo QilxuuDachee Ahimaad TaqiiWarra mohammad zaakirGalaana kitilaa goototaaBiyyaa j...
01/07/2023

Harargee

Biyyaa bakar waaree
Biyyaa Elemoo Qilxuu
Dachee Ahimaad Taqii
Warra mohammad zaakir
Galaana kitilaa goototaa
Biyyaa jaaraa Abbaa Gadaa
Tokkummaan loltaanii
Kaan qoorsitaan madaa
Warri bahaa fi dhihaa
Ilmaan Afraan qal'oo

Kan hundaa simattaan
Diina haleeltaanii
Tokkummaa labsitaau
Jaalaala biiftanii

Abbaa Qabsoo sabaa
Jaarraa Abbaa gadaa
Sabaa keef hojjattee
Dabartee waan guddaa
Kan qabsoo jaqabde
Yeroo lammif gaddaa
Lafa kerssee kutee
Bu'uuraa gurguddaa

Guyyaa arguuf jeetee
Ijaan hawwaa turtee
Har'a irraa geessee
Qeerroon atii dhiiftee
Yaa qeerroo ganamma
Jechuudhaan moggaaftee
Silaa ijaan gartee
Lubbuun kee yoo dabares
Seenaan kee ni jiraa

Mahaammad Ahimaad Qaadii
Yaa abbaa Alaabaa
Oromoo hundeessee
Kunoo ol nuuf qabaa
Gurraa addunyaa nuuf banaa
Tan orma boojitee
Qabsaa'ota dhugaa
Seenaan hin dagatuu

Jaaraa Abbaa gadaa
https://www.facebook.com/profile.php?id=100010373464948

30/06/2023

Namni siin beeknee siin madaaliin

19/06/2023

Caalaatti of jaalladha karaa haaraa ta'een, karaa sirrii namoonni dogoggora jedhanii yaadu.

17/06/2023

Maaloo ano naf kadhadha Add godha
Follow godhaa warii jahuu tokko Eeysaa badee

15/06/2023

. Nuti marga bubbeen bittinnaa’u osoo hin ta’in odaa bubbeedhaan wal hammatu ta’uu barbaanna.

12/06/2023

Biyya tokko kufaati Dinagdee isheen keessaa hin kaane keesaa kan buusu gaggeessa jijjiiramaaf hojjatu dhabuu ishee caalaa gaggeessa warraa jijjiiramaaf hojjetaan hojii dhorkuun gaggeefamuudha
Geggeessaan biyyaa fi sabatti kufaatii fidu ofii hojjechuu dhiisuu isaa irra darbee dhaloota hojjetu hojii dhorka. . Haamileen dhalootaas kan kufu gaafa kun ta'uudha. Dhaloonni haamileen isaa kufe immoo eeggataa ta'a

09/06/2023

Of-kabajuu dhabuun jireenya madaala malee hubachudha.
Of kabajuun keessan madaala irraa yoo gore, gootummaan keessan ni kufa. Mataa keessan garmalee xiqqaa akka taatanitti yoo ilaaltan, gootummaa keessan isinumatu cabsa. Mataa keessan guddaa akka taatanitti yoo ilaaltan, gootummaa keessan naannoo keessantu cabsa.

Hiigaa! Sii Eegaa jiraa Abdiin Yoom dhuftaaNasru kush❤️‍🩹❤️‍🩹❤️‍🩹❤️‍🩹
07/06/2023

Hiigaa! Sii Eegaa jiraa Abdiin
Yoom dhuftaa

Nasru kush❤️‍🩹❤️‍🩹❤️‍🩹❤️‍🩹

06/06/2023

▲Namni fedhii isaa guuttachuu keessatti daangaa darbu sammuu fi
qalbiin isaa waan hidhamaniif carraa guddaa yaadu hin argatu. Kanaafu,
namni waan guddaa yaaduu fi milkaa’u barbaadu, fedhii guuttachuu
keessatti daangaa darbu hin qabu. Fedhiin kan akka nyaataa dhugaati,
fedhii fooni fi kkf dha.

01/06/2023

Namni akkuma iimaanni isaa
cimuu fi hojii gaggaarii ikhlaasaan baay’isee hojjatuun, hasaasni sheyxaanaa
fi gubaan fedhii isarraa hir’ataa adeema. Kuni muxannoo namoota baay’etii fi
haqa hin jijjiramne, hin dagatin.

27/05/2023
27/05/2023

Taaten hundi jalqabni ishii ilaalcha irraayyii
Guddinni ibiddaa qaanqe akka xiqqootti ilaallamtu irraayyii
Ilaalcha meeqatu qalbii abbichaa gahee
Akkuma xiyyi funyoo fi qaawsi jidduu gahee
Gabrichi ija isaa gaggaragalchuu kan itti fufuu yoo ta’ee
Ija namoota keessatti balaa irra kan dhaabbatuudhaa
Fedhiin lubbuu qalbii namaa irratti dhiibbaa guddaa fiddi
Hidhamaa hawwiitii fi jaalalaan kan dararamu isa taasisti
Nama jaalalaan qabamee caalaa namni dararamaan hin jiruu
Wanta hunda caalaa fedhii mi’aawa ta’ee osoo argateeyyuu
Yeroo hundaa kan booyu ta’ee argitaa
Addaan bahuu sodaachuun yookiin wal qunnamtiif yaadda’un

21/05/2023

“Akkan hin deebinetti
Deemeera yaa tiru
Na hin eegiin barataa koo
Anoo dhufaa hin jiru!
Sin barsiisa jedhee
Yaadee manaa ba’ee
Karaattin hafe egaa
Akka carraa ta’ee…
Amma dabtara kee cufii
Qalama kees qadaadi
Akkaataa itti boossee
Na awwaaltu yaadi…
Assignment bulchii
Gaaffii qabdus kaa’ii
Qe’ee maatii kiyyaa
Dhaqii gadda taa’i…

Konkolaataan ani ittiin
Si qaqqabuuf eege
Waadaa keenya nyaatee
Lubbuu koo wareege…
Beekumsa ani siif qooduuf
Umurii itti fixe
Dhiigaafi lafee koo waliin
Hallayyaatti lixe!
Kan nyaatte hin deebistu
Dacheen ni jabaatti
Ba’een karaatti hafe
Jedhi kaa nagaatti!”

Barsiisota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu, kan har’a balaa konkolaataatiin dhumaniif gadda guddaatu natti dhaga’ame. Lubbuun keessan jannata haa boqottu obbolaan koo!

27/04/2023

“Gabroonni Ar-Rahmaan kanneen dachii irra haala salphaan
adeemanii fi yommuu wallaaltonni [dubbii badaan] isaan dubbisan,
nagaha jedhaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:63
“Of tuulaa dachii keessa hin deemin. Dhugumatti ati dachii hin urtu.
Dheerinnaanis gaarreen hin geessu.” Suuratu al-Israa 17:37

26/04/2023

Siifan Uumame!
Rabbi Siif Na Uume
Ture Ergan Baree
Kee Ta'uudhumaafuu
Lubbuukoo Baraare...
Bakkan Deemu Hundaa
Si Fudheen Adeema
Ofittii Sin Baasu
An Suman Kaddama
Yaaddookeen Huqqadhe
Kanaafin Gaddeema....
Qaamaan Qalladhullee
Keessi Koo Nagaadha
Dhukkuba Hin Qabu
Onneen Koos Fayyaadha
Yoon Rakkoo Mudadhes
Sitt obseen Dagadha....
Kan Dorgomaa Hin Qabne
Yaa Madda Tawhiidaa
Islaamummaa Kiyya
Naaf Caalta Waan Hundaa....

Address

Haramaayaa
Harar

Telephone

+251941280846

Website

https://youtube.com/@biluuinspire-fq7nj

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bilal Mohammed page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share



You may also like