18/09/2022
(QABALEE) ADDAAN CITA ❓
👉 Akka Labsii Misooma, Bulchiinsaa fi Dabarsa Manneenii Naannoo Oromiyaa
Murteessuuf Bahe, Lakkoofsa 231/2013�
kew. 54 ti Waliigalteen kiraa mana mootummaa kireessaan kireeffataa waliin qabu sababa armaan gadiitiin kan addaan citu ta’a:
(a) Magaalicha gadi lakkisee deemuun isaa yoo mirkanaa’e;
(b) Mana mootummaa karaa kamiinuu qaama sadaffaatti yoo dabarse;
(c) Mana mootummaa kireeffate irratti bakka bu’iinsa nama biraatiif yoo kenne;
(d) Magaalicha keessaa maqaa isaatiin yookiin haadha warraan yookiin galii isaatiin ijoollee umuriin isaanii waggaa18 (kudha saddeetii) gadi ta’aniin mana
yoo qabaate;
(e) Kiraa manaa akkaataa waliigalteen dhiyaatee kan hin kaffalle yookiin waliigalticha kan hin haaromsine yoo ta’e;�
(f) Magaalaa tokko keessatti mana
mootummaa tokkoo ol qabatee yoo argame;
(g) Mana mootummaatiin liqeeffachuufis ta’ee liqii duraan qabuuf qabsiisuuf kan yaale yookiin kan qabsiise yoo ta’e;
(h) Maddi galii kireeffataa mana dhuunfaa kireeffachuu, bitachuu yookiin ijaarrachuu kan danda’u yoo ta’ee; ykn
(i) Kaayyoo kireeffateef ala osoo hin heyyamaminiif kan itti fayyadame yookiin tajajila manichaa kan jijjiire yoo ta’eedha.
2) Kireessaan bu’uura kew .kana Keewwata Xiqqaa 1’tiin waliigaltee kiraa manaa addaan kutuun dura kireeffataaf xalayaa ofeeggannoo barreeffamaa manicha guyyaa 30 (soddoma) keessatti akka gadilakkisu ibsu harkatti itti kennuun beeksisuu qaba.
3) Bu’uura kew kana kew. Xiqqaa 2’tiin xalayaa harka kireeffataatti kennuun yoo hin danda’amne gabatee beeksisaa
waajjirichaa fi mana kireeffataa Ykn dallaa isaa irratti maxxanfamee guyyoota walitti aanan 30f (soddomaaf) akka turu taasifamuu qaba.
4) Guyyaa xalayaa ofeeggannoo keessatti ibsameen booda waliigalteen kiraa manaa kan addaan citu ta’a.
5) Manni Qopheessaa ykn gandi magaalichaa kireeffataan keessa jiraatu akkaataa kew. kana kew. Xiqqaa 2 fi 3’tiin kireeffataan manicha keessaa kan hin baane yoo ta’e, bu’uuruma waliigaltee isaaniitii fi adeemsaa Dambii bahu keessatti ibsamuun dirqisifamee kan keessaa bahu ta’a.��
labicha argachuuf Join
https://t.me/binimoslawyer