Ahmed Adem Usman

Ahmed  Adem Usman https://jabessa24 Sagalee Haqaa

02/03/2024
01/02/2024
27/01/2024
18/01/2024

TikTok

15/01/2024
13/01/2024

Godina Harargee bahaatti Ji'oottan6n darbanitti Qabeenyi Mootummaa garaagaraa birrii Mil.826 ol ta'u qisaasamarraa baraaramuu Waajjirri Abbaa Alangaa Godinichaa beeksiseera.
(WKGHB,Amajjii,4/2016)
Itti Gaafatamaan Waajjita Abbaa Alangaa Godina Harargee bahaa Obbo Asladdiin Ammadnur akka ibsanitti Waajjirri Abbaa Alangaa Godinichaa Caasaalee Godina Hanga sadarkaa gaditti waliin qindoomuun hojiilee waligala seektarichaa karoorri qabame caalmaan milkaawuu ibsaniiru.

Godina Harargee bahaatti Ji'oottan6n darbanitti Qabeenyi Mootummaa garaagaraa birrii Mil.826 fi kuma 524 fi 29 qisaasamarraa baraaramuun kaznaa mootummaatti galii ta'uu Obbo Asladdiin ibsaniiru.

Hojiilee kanneen keessaa Yakka Malaammaltummaan , gorsaa fi falmii birrii mil.271 ol, Gibiraa fi Taaskii mootummaa irraa birrii mil.295 ol,Raawwii Dantaa Hariiroo ummataa fi mootummaa kabachiisuufi Farmii fi gorsaan qarshiin mil.250 ol, Kaznaa mootummaatti akk deebi'u ta'eera,

Qabeenya mootummaa lafa seeraan ala qabame hek.26 olii fi lafa magaalaa kaaree kuma 36 ol, mana gandaa 34,kompitara laptoppii 19,kameera4, motoora doqdoqqee 22 Nagahee paadii105,Gps3,Tableetii 1fi mobile harkaa 2 akka deebi'u taasisuu ibsaniiru.

Godinichaatti ji'oottan 6n darbanitti.Galmeen himata waliigalaa Kuma 3 fi 982 kan dhiyaate keessaa galmeen kuma 3 fi 144 murtiin garaagaraa itti kenname yoo ta'u galmeen himata yakkoota Malaamaltummaa fiTaaksii 58 keessaa murtiin adabbii 22 murtiin bilisaa9 kennamuu Obbo Asladdiin dabaluun ibsaniiru.

Galmeen yakkoota garaagaraa 947 dhiyaate keessaa galmeen 906 murtii RTD n adabbii argataniiru.

Tajaajila Seera bilisaa Harka qaleeyyiif Abukaattoo dhuunfaa fi yunivarsitiin Namootni kuma 2 fi 900 ol tajaajila argachuus ibsaniiru.
Ji'oottan 6n kanatti hubannoon seeraa namoota mil 1 fi kuma 962 ol kennamuu obbo Asladdiin ibsaniiru.

28/12/2023

Himatamaan Yakka gocha Bu'aa Bosona Seera ala Daddabarsuu fi Kuusuu Kessattii Hirmate yakka Gargaaruu Raawwateen himatamee Adabbii hidhaa cima fi Mallaqaan Adabamera.
==//Dhimmichii akkana Himatamaan maqaan is Abdii Abdullaa- jedhamu gaafa guyyaa 14/3/2016 halkan sa’aa 4:00 tti Go/Ha/Ba/Aa/Dadar Araddaa Lameen waltahaa iddoo addaa Ganda Haroo jedhamu kessaa Bu’aa Bosonaa Namnii seeraan ala kuusee jiru Gosa Muka Shanyii dhabamuuf jiruu Gaattiraa Biyya keessaa Firii 125(dhibbaa digdamii shan)gatiin shalaggii firii tokkoo qarshii 300 taate gatiin shalaggii firii 125x300=37500(kuma soddoomii torbaa fi dhibba shan)tti shalagamtuu Gaattiraa Biyya al Firii 77 kan gatiin firii tokkoo qarshii 150 baastu fi gatiin shalaggii firii 77 walumattii qarshii -11050 taatu fi Gaattiraa firii 202(dhibba lama fi lamaa) taatu gatiin shalaggii isaa qarshii akka waliigalatti qarshii-49050 (kuma afurtamii sagalii fi shantama) Baasuu nama Hayyama daldalaa bu’aa Bosonaa bu’aa bosonaa seeraan Ragga’ee Abbaa Taayitaa irraa hin qabneef seeraan ala Bituun kan kennefi akkaumas nama Hayyama bu’aa Bosonaa Kuusuu fi Fayyamuu hin qabne irra Mallaqaan bite kan gargaree fi nama biraaf seeraan ala dabarsuun dallallumaan gocha seeraan ala bu’aa Bosonaa Daddarsuu fi Bituu akkasumas kuusuu kessattii hirmachuun gargaaru raawwateen himatamuun akkataa bu'uraa Labsii Eguumsaa,Kunuunsaa fi Itti Fayyadama Misoomaa Bosonaa Mootummaa Federaalaa labsii Lakk.1065/2010 -Kwt 26(1) bira darbuun himatamee Falmiin erga taasifamaa turee booda Ragaan ittisaa waan irraa ittisuu hin dandeenyef jecha Mannii Murtii Aanaa Dadar Dhaddacha Gaafa guyyaa 18/4/2016 oleen himatamaan kwtuma jalatti himatameen Ballessaadha jechuun Adabbii hidhaa cima waggaa Tokkoo (1 ) fi Ji'aa saddeetii (8) akkasumaas Adabbii maallaqaa qarshii 10,000 (kuma Kudhaniin) Adabameera.
==========
Yaadriimeen seericha Waraabbii Afaan Amaraa irraa ifatti Tumameraa.

24/12/2023

The Gaza crisis refers to the ongoing conflict and humanitarian situation in the Gaza Strip, a Palestinian territory located on the eastern coast of the Mediterranean Sea. The area has been a focal point of tensions between Israel and Palestine, resulting in periodic outbreaks of violence and humanitarian challenges.

The Gaza crisis has multiple dimensions, including political, social, economic, and humanitarian aspects. Here are some key points to understand the situation:

1. Background:
- The Gaza Strip is a densely populated area under the control of Hamas, an Islamist political and military organization. It has been under Israeli blockade since 2007, which severely restricts the movement of goods and people in and out of the territory.
- The conflict between Israel and Palestine has a long history, rooted in competing national aspirations and territorial disputes. The status of Jerusalem, the right of return for Palestinian refugees, and the establishment of an independent Palestinian state are among the core issues.

2. Violent Confrontations:
- The Gaza crisis has witnessed numerous episodes of violence, including military operations and armed clashes between Israel and Palestinian armed groups.
- These escalations often result in civilian casualties, destruction of infrastructure, and displacement of people, exacerbating the humanitarian situation.
- Both sides have experienced significant loss of life and suffering, with civilians, including children, bearing the brunt of the violence.

3. Humanitarian Situation:
- The Gaza Strip faces severe humanitarian challenges due to the protracted conflict and the Israeli blockade.
- The population of Gaza, which is estimated to be around 2 million people, experiences high rates of poverty, unemployment, and food insecurity.
- Access to essential services such as healthcare, education, and clean water is limited, and the infrastructure is often damaged or insufficiently

19/12/2023

Hi

15/12/2023
05/12/2023

Oolmaya dhaddachaa
---------------------------------------------
Himatamaan maqaan isaa Taajuddiin Ahmad Abraahim jedhamu gaafa 14/3/2016 galagala sa'aa 4:00 tti Go/Ha/Bahaa/Aanaa Dadar Araddaa Lameen waltahaa Ganda Haroo Arraandee Gaara Gondolaa biratti bu'aa Bosonaa Gaattiraa Biyya keessaa Shanyii dhabamuuf jiru kan bu'uura qajeelfama eegumsa bosonaatiin eegumsi addaa taasifameef firii 125(dhibbaa fi digdamii shan) kan bosona mootummaa keessaa cirame seeraan ala Kuusuu fi Gurguruun shakkamee eeruun irratti dhiyaatee Gareen qorannaa Abbaa Alangaa fi qorataan poolisii qorannaa gaggeessuun qulqulleessanii Abbaan Alangaa Himata hundeessuun Mana Murtii Aanaa Dadaritti dhiheessuun falmiin bitaa mirgaa gaggeeffamee ragaan Abbaa Alangaa erga dhagayamee himatamaan ofirraa ittisi jedhamuus ragaa ittisaa hin qabu jechuun iyyannaa galfatee MannI murtii galmee qoratee himatamaa keewwatuma ittiin himatama jallatti balleessaa taasisuun dhaddacha gaafa guyyaa 25/3/2016 ooleen Adabbii hidhaa cimaa waggaa 5 fi adabbii Maallaqaa qarshii 7000 adabee jira. WAAAD

23/09/2023

Abbaa Alangaa :- Ahmed Adem Usman

Abbootiin alangaa aanaa dadar hubannoo seeraa guyyaa 10/1/2016 kenname mata duree Yakkoota diinagdee irratti raawwataman...
21/09/2023

Abbootiin alangaa aanaa dadar hubannoo seeraa guyyaa 10/1/2016 kenname mata duree Yakkoota diinagdee irratti raawwataman keessattii gibira kafaluu diduu,Galii dhoksuu,Omishaalee qonnaa karaa seera qabeessa taheen gabaaf dhiheessuu dhabuu,meeshaaleen addaa yeroo gurguramu nagahee muruu dhabuu,bu'aa beeyladaa qisaasessuu fkn kan akka kallee ykn gogaa walumaagalatti yakkoota diinagdee irratti raawwatamuun galii biyyaattiif galuu qabu hir'isuu dandayan irratti hubannoon seeraa hawaasaa Aanaa Dadarii fi Magaalaa Dadar irraa Magaalaa dhufaniif qaamolee biroo waliin qindoomuun iddoo jaldhaabaatti hubannoo seeraa kennamee jira.

18/09/2023

Fuulbana 7 bara 2016
WAAGHB
Harar
====================
MURTII BARSIISOO
Himatamaan daa'ima umrii waggaa 4 irratti yakka ajjeechaa suukanneessaa raawwate hidhaa umrii guutuun adabame.
------------
Himatamaan maqaan isaa Abdulmaalik Xaahir jedhamu ta'e jedhee itti yaaduun Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaa Araddaa jabeen ganda caffee keessatti sababa abbaa du'aa waliin lafa irratti lola qabuuf jecha hijaa qabatee gaafa guyyaa 19/05/2015 halkanirraa toora sa'aa 5:00 yoo ta'u daa'ima Shunee Ibraahim jedhamu osoo inni ijoollee himatamaa kanaa wajjiin ciisaa jiru mancaan mataa irra diree lafee cabsuun surriin alatti akka bahu erga godhee booda morma isaas qabee hudhee ukkaamsuun battalumatti haala suukanneessaa ta'een kan ajjeese waan ta'eef kanumaan Abbaan Alangaa Godina Harargee Bahaa seeraa yakkaa bara 1996 fooyya'e bahe keew.539 (1) (a) jalatti himannaa banuun mana murtii ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tiif dhiheessa.

Kanumaan manni murtii ol'aanaa Godina Harargee Bahaatiis bitaa fi mirga falmisiisaa erga turee booda dhaddacha gaafa guyyaa 04/01/2016 ooleen keewwatuma himannaa jalatti balleessaa taasisuun adabbii himatamaa fi hawaasalle ni barsiisa jechuun itti amane adabbii hidhaa umrii guutuutiin adabee jira.

Hawaasni keenya yakkoota akkanaarraa akka of qusatuu fi raawwatamee yoo argamees ol'aantummaa seeraa mirkaneessuu keessatti qaamolee haqaa waliin ta'uun gahee isaanii bahachuu qabaniin dhaamsa keenya.

Haqaan Haqaaf Hojjenna!!!.

Komunikeeshinii WAAGHB

https://t.me/EHZAttorney

Address

Dire Dawa

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00

Telephone

+251952765001

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ahmed Adem Usman posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ahmed Adem Usman:

Share



You may also like