Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Aanaa Collee

Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Aanaa Collee Misooma Industuriitiif Bu'uura Gochuu

01/01/2024
Waajjira CHUO Aanaa Colleetti Marii baldhaa taasifameen bakka bulchaan Aanaa Collee obboo Yooseef Tolaa jiranitti hanqin...
29/12/2023

Waajjira CHUO Aanaa Colleetti Marii baldhaa taasifameen bakka bulchaan Aanaa Collee obboo Yooseef Tolaa jiranitti hanqinootaa fi ciminoota itti fufamuu qaban irratti hojjattoota waajjira Keenyaa Wajjiin taasifameera kanarratti rifoormiiwwan hojmaata Hojii dargaggootaaf akkamitti tajaajilli mijjataan Iddoo tokkotti akkamitti Akka kennamuu qabuufi qindoominni Seektaroota Aanaa keenyaa wajjiin akkamitti Akka milkaa'uu qabu irratti mariin baldhaan kan taasifameedha.

Godina Arsii Aanaa Colleetti W/Sh/ Fallaqaa,Abbee fi hiriyootaanhojjatamaa kan ture Pirojeektiin Bishaan Dhugaatii Saboo...
29/12/2023

Godina Arsii Aanaa Colleetti W/Sh/ Fallaqaa,Abbee fi hiriyootaanhojjatamaa kan ture Pirojeektiin Bishaan Dhugaatii Saboo-Eltokkee xumuramuun guyyaa har'a Tajaajila hawaasaf bana ta'e jira. Aanaa Collee Gandaa Warqii Daraartuu fi Ganda Manyaa Odaa Adiif tajaajila Kan kennuu Pirojeektiin Bishaan Dhugaatii Saboo-Eltokkee hojjatame xumuramuun guyyaa har'a Bakka ittiaanaan Bulchaa Aanaa Obboo Kadiir Kaliil fi Ittigaafatamtuun Waajjirra Paartii Badhaadhinna Aadde Maashoo Jamaal akkasumas Hoggansii Aanaa, Koreen pirojeektii fi Koreen teeknikaa argamanitti eebbifamuun tajaajila hawaasaf bana ta'ee jira. Ittiaanaan Bulchaa fi walitti qabaan Koree pirojeektii Obboo Kadiir Kaliil akka jedhanitti pirojeektii hawaasa keenyaf hojjannu Kan dhakaa bu'uura keenya dhiifnu osoo hin taane hanga hawaasni keenya itti tajaajilame itti hara galfatuu duuka buune hordofne xumursiisun tajaajilaaf olchina jedhan. Hojiin hawaasa keenyaf hojjannu ni jalqabame malee hin xumuramne jedhan. Ittigaafatamtuun Waajjira Paartii Badhaadhinna Aadde Maashoo Jamaal akka jedhanitti hawaasni gandoota lamaani baga gammaddan daraaraan Bishaan dhugaatii dhabuun hawwan teenya dararamaa turtee guututti furmaata argate jechuus baannu iddoo boonowwwan kunniin itti dhabbatanii fi naannofti suun hara galfatani jiru.
Duraan pirojeektii tokko Yoo jalqabnu filannoo fi nun jechaa turani Paartiin keenya filannoo filatamuuf osoo hin taane tajaajila hawaasaf dhimmamee Badhaadhinna maatii mirkaneessuuf hojjata jedhan. Ittigaafatamaan Waajjira Bishaanif Albuuda Obboo Rashid Nashaa hawaasa pirojeektii kana irraa fayyadamaa ta'aniin baga gammaddan jechuun milkaa'inni keessan milkaa'inna keenya waan ta'eef Hirmaannaan keessan cimee nu waliin jiraannan kana caalaa isiinif hojjachuuf qophiidha jedhan. Hawaasnis hojii pirojeektii mootummaan kallatti gara garaan hojjachaa jiru dinqisiifachuun mootummaan dhuguma mootummaa jijjirama Kan waan karoorse rawwatu ta'u nutti agarsiise jira galatooma jedhani jiru.

Guyyaa 25/01/2023 Waajjirri Carraa Hojii Uumuu Fi Ogummaa Qindeessummaa Leenjistoota Koolleejjii BLTO Aanaa Colleetiin L...
06/10/2023

Guyyaa 25/01/2023 Waajjirri Carraa Hojii Uumuu Fi Ogummaa Qindeessummaa Leenjistoota Koolleejjii BLTO Aanaa Colleetiin Leenjiin Interpreneour fi Mind set jedhu irratti Hojjattoota Seektaroota Aanaa keenyaa hundaaf bifa hoo'aa ta'een kennamaa jira.
Leenjicha kana kan nuuf saaqan Ittii gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Addee Maasho Jamaal fi itti gaafatama Siyaasa kan ta'e obboo Eliyaas Zannaba leenji kana irratti argamudhaan leenjin kennamu kun barbaachisaa ta'u isaa hojjatootaf dhaamsa dabarsani jiru.

25/07/2023

Ergaa Ariifachiisaa yeroo Xumuraatiif
Akkuma beekkamu Aanaan keenya Namoota Gaafa bitootessa 23/2014tii asi Biyya Saawudi Arabiyaa irraa galaniif deeggarsi mallaqaa karaa Waajjira keenyaatiin godhamaa turuu fi ammas deeggarsa itti fufaa jiraachuun ni beekkama. Haata'u malee Aanotni keenya namoota biyya saawudiitii galan kan qarshiin galeefii deeggarsa itti aanu argachuuf hojii isaaf mijjaawu filachuun Namoota fedhii hojii qabaniif hanga Nama shaniifi isaa olii ta'uun Qaama Seerummaa hojii irratti bobbaatan fudhachuun hatattamaan Akka hatattamaan guyyaa 3 Hafan keessatti Akka deeggarsatti fayyadamtan jechaa fi # Account keessan irratti hanga Amma mallaqni hin galiniif rakkoo jiru adda baafachuuf gama Waajjira keenyaa dhufuun wanta hafe akka sirreeffattan jechaa # hanga amma dhuftanii nubiratti galmooftanii deeggarsa mootummaan taasisaa jiru hin fayyadamin yeroo Xumuraatiif LAISSER PASSER YKN Lakk. Finger print keessaniin Waraqaa eenyummaa fi Account baankii Daldalaa Ethiopia hatattamaan baafachuun gara deeggarsa kennamutti fayyadamtan irra deddeebinee isin hubachiifna. Yeroo jedhame kanaan ala namoonni akkuma Feetee dhuftanii nurakkisaa jirtan kanaan booda isin kan hin keessummeessine ta'uu isin hubachiifna.

Gadaa University College  Koottaa Haa Barannuu Ammas Barnoota Borus Barnoota jedhaa Koottaa Galmaayaa Baradhaa
10/06/2023

Gadaa University College Koottaa Haa Barannuu Ammas Barnoota Borus Barnoota jedhaa Koottaa Galmaayaa Baradhaa

Gadaa Universal College Waan Haaraa Qabatee Kan Gara Aanaa Keenyaa Kan dhufeedha. Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalametti...
09/06/2023

Gadaa Universal College Waan Haaraa Qabatee Kan Gara Aanaa Keenyaa Kan dhufeedha. Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalametti Koolleejjiin Gadaa Universal College jedhu ogummaalee beekkamtii guutuu argate irratti Waajjjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Aanaa keenya waliin walta'uun Barattoota Galmeessee Sagantaa Torbeetiin (Weekend) dhaan leenjisuudhaaf qophii hunda xumuree Jira.
Kanaafuu Barattoonni Ogummaalee garaagaraa gonfachuuf (barachuuf) Koolleejjiin Gadaa Universal College jedhamu daandii fagoo imaluun baasii guddaaf Akka hin saaxilamneef fi namoota Carraa Barnootaa olguddifachuuf Carraa dhabaniif asumatti koottaa galmaayaa Ogummaalee armaan gadii gonfadhaa jechaa Jira. Maarree namoonni barnoota barbaaddan
Ogummaa Barnoota 1. Accounting and finance
2. Marketing and sales management
3. Building Electrical Installation
4. Database Administration
5. Hardware and networking services Kan jedhuun leenjii Kan barbaaddan Gama lakk.bilbilaa armaan gadii kanaan aanaa collee keessa Kan jiraattan galmaayuu ni dandeessu jechaa Dabalataanis Carraa kanaan barsiisota Ogummaalee armaan olitti ibsame qaban kana waldorgomsiisee qaxaruu barbaada. Lakk.0921587013/0910162344/0913591039 kanaan bilbiluun guyyaa 03/10/2015 irraa eegalee yeroo gabaabaa keessatti galmaayuun barachuu ni dandeessu.
Nagaa wajjiin

Waajjira CHUO Aanaa Colleetti leenjiin gaggabaaboon hubannoo diinagdee cimsuu fi Siyaasa diinagdee mataa ofii Akka fooyy...
15/12/2022

Waajjira CHUO Aanaa Colleetti leenjiin gaggabaaboon hubannoo diinagdee cimsuu fi Siyaasa diinagdee mataa ofii Akka fooyyeffataniif Alaa deebitoota biyya Saud Arabiyaa irraa galaniif ogeessota Koollejjii BLTO fi Diinii Koollejjii BLTO fi Ogeessota Waajjira CHUO Aanaa Colleetiin haala kallattii fuula duraa akkamitti Akka qindaayanii bifa gurmiitiin mallaqa gama deeggarsa mootummaatin kennamaafi jiruun Akka hubannoo baldhaa Akka argatan taasifneefii leenjii jirra. Leenjifamtoonni leenjii fudhatanis yaada kaasaniinis rakkoo biyya ambaatti nurra gaheen miidhaa hammana hin jedhamnetu nu qunname jedhanii jiru.

15/12/2022

Waajjira CHUO Aanaa Colleetti leenjiin gaggabaaboon hubannoo diinagdee cimsuu fi Siyaasa diinagdee mataa ofii Akka fooyyeffataniif Alaa deebitoota biyya Saud Arabiyaa irraa galaniif ogeessota Koollejjii BLTO fi Diinii Koollejjii BLTO fi Ogeessota Waajjira CHUO Aanaa Colleetiin haala kallattii fuula duraa akkamitti Akka qindaayanii bifa gurmiitiin mallaqa gama deeggarsa mootummaatin kennamaafi jiruun Akka hubannoo baldhaa Akka argatan taasifneefii leenjii jirra. Leenjifamtoonni leenjii fudhatanis yaada kaasaniinis rakkoo biyya ambaatti nurra gaheen miidhaa hammana hin jedhamnetu nu qunname jedhanii jiru.

12/04/2022

Beeksisa Ariifachiisaa
Waajjirri CHUO Aanaa Collee Carraa Barnoota Ekisteenshinii Fayyaa Sadarkaa Level IV tiin Waldorgomsiisee Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Ergee Leenjisee Qaxaree Hojjachiisuu Barbaada
Ulaagaa Dorgommiif Barbaachisan
Ganda irratti ramadaman irratti hojjachuu Kan dandaan
Saala Dubara
Baay'ina 2 (lama)
Sadarkaa Barnootaa Kutaa 12ffaa marsaa duraa Bara 2014 kan Xumuran
Qabxiilee Barbaadamu Saayinsii Uummamaatin 205 - 274
Dandeettii Afaanii:- Afaan Oromoo Dubbachuu, dubbisuu fi barreessuu kan dandeettu
Barnoota Baayooloojiitiin Qabxii 40 ol kan qabdu
Ragaa Fayyummaa fi Ulfa irraa Bilisa tauu dhaabbata fayyaa mootummaa irraa dhiheeffachuu kan dandeettu
Ragaa waraqaa qulqullummaa gandarraa dhiheeffachuu kan dandeettu
Ragaa barnootaa dhihaatan, Tiraanskiriiptii kutaa 11-12 fi raga qormaata Biyyoolessaa kutaa 8ffaa fi kutaa 12 marsaa duraa bara 2014 dhiheeffatuu kan dandeettu
Guyyaan Galmee 04/08/2014-08/08/2014tti.
Iddoon Galmee Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Aanaa Colleetti
Yeroon Galmee saaatii hojii Idilee 2:30-11:30tti
Hubachiisa
Ragaan Dhihaatu hundi orjinaalaa fi Kooppii sadi sadi qabaachuu qaba

Marii walitti makamuu Waajjira Carraa Hojii Uumuutti Dhaabbanni BLTO fi Koolleejjiin BLTO Aanaa Collee labsii haaraa Bii...
04/02/2022

Marii walitti makamuu Waajjira Carraa Hojii Uumuutti Dhaabbanni BLTO fi Koolleejjiin BLTO Aanaa Collee labsii haaraa Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa bu'uurarraa seektarri kun walitti makamuu murteesseera.
Kanumarraa ka'uudhaan Waajjirri CHUO aanaa keenyas kanumarrattii gamaaggama raawwii hojii ji'a jahaatii fi Karoora ji'oota jahan hafanii akkamitti milkaa'uu Akka qabu marii baldhaa taasisuurratti argama.

Address

Arsii Zone
Asella

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Aanaa Collee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Aanaa Collee:

Share



You may also like