ABDI SABAA

ABDI SABAA Jiruun sabaan tolte

28/03/2024
Heartiest congratulations to our toppers in ESSLCESCHOOL OF MARVEL-ASELLA
14/10/2023

Heartiest congratulations to our toppers in ESSLCE
SCHOOL OF MARVEL-ASELLA

11/10/2023

Qabxii akka Asallaatti guddaa tahe baranas kan Galmeesse M/B Marvel
YONAS AYELE 609 BAGA GAMMADDE Jedhaanii mee

09/10/2023


Prof. Birhaanuu Negaa:

"Qormaata kana irratti wanti nu rifachiisuu qabu tokko, barattoonni waliigala qormaata fudhatan keessaa dhibbeentaan 50, kana caalaa ammoo dhibbeentaa 26 kan argatan ta'uu isaati."

kuma 845 irraa; 422,500 thousand students are under 26. Salphaatti qabxii barataan tokko tilmaamaan qormaata yoo xumure illee argachuu danda’uudha.

Kanaafidha jalaa ol hojjechuu qabna kan jennu. "

Lakkoofsi qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa waa'ee bara 2015 maal jedha?

- Lakkoofsi barattoota bara 2015 qorataman 845,099; Barattoonni 27,267 (%3.2) qofatu qabxii %50 fi isaa ol galmeesse.

Kanneen keessaa:
• Barattoonni saayinsii uumamaa darban 19,017
• Barattoonni saayinsii hawaasaa darban 8,250

- Barattoonni 12ffaa darban 16,541 qofatu galgala gad lakkifame

- Qormaata dhuunfaa 169,502 barattoota 498 qofatu darbe

- Qormaata idilee 659,056 kan darban barattoonni 26,757 qofa

- Manneen barnootaa qormaata kutaa 12ffaa qoratan 3,106; Manneen barnootaa 1,328 barattoota kamiyyuu darbuu dadhabaniiru.

- Manneen barnootaa biyyattii keessatti qormaata kutaa 12ffaa gaggeessan keessaa dhibbeentaan 42.8 barattoota tokko illee darbuu dadhabaniiru.

- Barattoonni kuma 27 fi 267 kallattiin barattoota waggaa tokkoffaa ta’uun yunivarsiiticha kan seenan yoo ta’u, barattoonni gara kuma 160 ta’an ammoo karaa sirreeffamaatiin seenu.

27/09/2023

Mowlidni Shari'aa Islaamaa Keessatti Ija Kamiin ilaalama ?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Jalqaba bid'aa jechuun wantoota Ergamaan Rabbii ﷺ hin dalagne, wantoota sunnaa hin taane, wantoota diinal islaam keessatti hin jirre diinitti dabaluun raawwachuu jechuu dha. Bid'aan yeroo ammaa dalagamaa jiru hedduu dha. Isaan keessaa mowliida kabajuu.

Mowliida nabii ja'anii beeyladaa qaluus tahee niyyaan (fedhiin) irratti hirmaachuun bida'aadha waan Nasaraan dalayduu; nasaarrtti nama fakkeeysiti, dalagaa dhaloota Iisaa kirssmas kan ja'amu saniin wal-fakkaatti, kan kana hojjatu islaama irraahiis wallaalaa ummataatiifi shekkan biyya jallisu, kan daliila (ragaa) tokko harkaa hinqbneetu amatuu ji’a Rabii’ul awwl ja;amu keeysa mowliida kana godha.

Isaanirraa nama afeerraa tana , masjiidatti, mana isaatti, akkasumatti,ammllee bakka isaaf qophooyte (tolfamtetti) godhuutu jira.

▶ Dhaloota Rassuulaati ja'anii mowliida godhuun kun bida'aafi shirkii tahuun isaa beekkamaadha.

Shirkii isa keeysatti adeemsifamturraa; haqa Rassuulaa keeysatti daangaa tarkaanfachuutu jira hanga isa yaammachuu gehanii isa faarsan takkatti.

“Ergamaan Rabbii ﷺ nije'e na hiyyaamatinaa! Akka Nasaaraan Iisaa ilma Maryam yaammattutti; ani waa hin taane gabricha Rabbii malee; naan ja'aa gabricha Rabbii Ergamaa isaa”.Hadiisa kana Bukhaariifi Muslimtu gabaase.

Duuba ka inni akkana nuun ja'u gaafa ati Rssuul natti dirmadhu jette akkami ❔

Akkuma gariin namaatuu; ifumarraa cal je’ee,

“lagayyu beeyta atii
laga dhiisii namayyu beeyta atii
lagaan hin beeynee jiraa nan hadiyyeesin ati❕”je’ee yaammatu, akkas ja’ee faarsee yaammatuun haqaa Rasuulaatti daangaa tarkaanfachuurraa takka.

Ammoo Rabbiin qulqullaawe isatti qindeeysuurraa.

Waan mowliida kana keeysatti dalagamurraa warra Rassuulaatu qoophii (afeerraa) kana dhufee irratti arkama ju’uutu jira.

Bida'aan mowliida kana irraa arkamtu manzuumaa tottolchanii qaran, dhawiinsa Nagaarita- dibbee, Zikrii warra suufiyyaa, tan sunnaa Nabiyyic

Galaana Ethiopia 1Gudaaf Tsaggaye warqii2 litasanbat gideyi meeti3 Ijjigayyo taayye naahasaArgachuun xumuraniiruBaga gam...
19/08/2023

Galaana Ethiopia
1Gudaaf Tsaggaye warqii
2 litasanbat gideyi meeti
3 Ijjigayyo taayye naahasa
Argachuun xumuraniiru
Baga gammaddan hundi keessan

Where is this place? Comment your answer.
16/08/2023

Where is this place?
Comment your answer.

18/04/2023

Ifxaara daandii irraa magaala Asallaa

21/01/2022

Ajaa'ibni Bara kanaa Silas Hin Dhumu!!!
Foon Harree Sireerra Ka’an Dide Lafatti Gangalataa Jedha OROMOO.

14/01/2022

Maal jettaniin????

14/01/2022

Maaltu Maaliif
Eenyutu Eenyuuf
Jiraata?

05/06/2021

Qotiyyoo qaluuf ofii qalamee oolee. Mee laali kolfaan duutaa

28/05/2021

Aswrwb akkam jirtu Kabajamtoota warroonni Group jala jirtan hundi keessan Obboloota keessan gara Group keessa jirtan kanaa fi chaanaalii kanatti afeeramaniif link kana ergaafii
Chaanaaliin kun Rakkattootaaf kan dhaabbateedha Namni Tokko nama Gargaaruuf nama ta’uun Qofti Gahaadha.

27/04/2021
21/04/2021

BEEKSISA IRRAA DEEBIIN MAXXANFAME Hub yeroon galmee xumuramaa waan jiruuf ammuma galmaa’an affeera keenya
🎤🌹ODUU GAMMACHIISAA🌹🎤
بلغو عنی ولوکان اٰیة
👍Affeeraa namoota namoota dandeettii ogummaa barreeffamaatiin hawaasa fi amantii keessan tajaajiluuf fedha qabdan hundaaf!!!
✍Chaanaaliin keenya namoota yeroo fi beekumsa qaban islaamummaaf oolchuu barbaadaniif beekamtii kennee gama chaanaalii jedhutti isin affeeruu barbaada!!!

Ulaagaalee
1, Dhimmi as irratti ergamu hundinuu waan hunda galeessa ta'uu qaba, garuu gonkumaa Shari'aa islaamaa fi safuu hawaasa keenyaa faalleessuu hin qabu.
2, Barreeffamoonni as irratti dhiyaatanis dhimma shariaaf taanaan ragaa qulqulluu fi ifa tahe irraa fudhatamuu qabu.
3, Odeeyfannoowwan Naannoo keessan fi guutuu addunyaa irra jiran hawaasa keenya ni fayyadu taanaan dhiyaachuu danda'u, garuu dhugummaan isaa qulqullaa'uu qaba.
4, Namoonni nu waliin hojjechuu barbaaddan namoota afaan Oromoo sirritti qubeessuu danda'an osoo tahee filatamaadha.
kanaafuu
Namoonni dandeettii
👉Walaloo,
👉Asoosamaa,
👉Seenaa(siiraa),
👉Barnoota amantii(da'awaa) ,
👉Odeeyfannoo,.garagaraatiin hawaasa keenya tajaajiluu barbaaddan sa'aatii kamittuu
irraan nu qunnamuu dandeessu!!
🙏Koottaa waliin taanee hamma humna keenyaa hawaasa keenya haa tajaajilluu
Namni fedhii qabuu chanaali armaan gadii irratti nu waliin hojjechuu dandeessu https://t.me/joinchat/AAAAAFa8z7ItJWukOnMp7Q

28/03/2021

Ah way yaa Hiriyaa!!
Hiriyaan kun hedduu tokkootu jira inni tokko inni kaan (jechuun nama dubbiif gochisaa hamilee sicabsudha)
Hiriyummaan waan laafa miti hiriyaa kee hin ganin. Tarii ati ilmoo warri keeysan qbeenya qabu tahuu dandeeysa qabeenyaaf mana bareeda keessan san laalte hiriyaa kee isa miskiina san tuffachu hin yaalin sababni qabeenyi san kee osoo hin ta'in kan abbaa keetiti waan ta'ef tarii anaaf abbaan koo garaagarummaa qabnaa jattee sitti dhagahamu dandaha tahuus garuu siif abbaan kee addaa tana liqimsii inni miskiina ammoo miskinummaan warra saani xuuyxe itti hin fuftuu beeki guyyaa tokko akka namatti mataa ol qabatee jirachuuf ta'a namni miskinummaa kontiraata fuudhe hin jiru qarshii abbeetitti Rabbiin kannee akkamitti warra miskiina Rabbiin irraa hin jijjiirree jattee yaadda?
"So" horiin ni dhumaas ni dhufaas kana amanii hiriyummaa teeysan jabeeysi.
waan ofii tahuu hin barbaanne inni akka tahu hin jaalatin lubbuun teeysan lachuu takkuma akkuma tee waan ati irraa qaanfattu san inniis qaanfata quba qabaadhu.

06/03/2021

💻 𝐁𝐚𝐫𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐓𝐞𝐜𝐡 💻:
Facebookii.

waan yeroo hedduuf farra ija keenya ta'aa tureef fala nuu fidee dhufeera.

Innis kan dura halluu adiidhaan ifnanni isaa nama miidhaa kan ture, amma Dark mode ifoomseera. Appi update ta'een.

Kana gochuudhaaf -jalqaba Fb banattu, -tuqaa sadeen gubbaa tuqaa-setting gaditti dark mode kan jedhu tuquun off kan ture on goochuudhaan sirreeffattu.

Ifnanni Bilbilla kamuu akka isin hin miineef appi linki gadii irratti maxxansine kanaan buufadhaa.

29/12/2020
27/12/2020

SEENAA INTALA MOOTII
Intala mootii masaraa mootummaa keessa jiraattu tokkotu gurbaa tokko wajjin jaalalaan qabamte. Isa argachuuf mala maluu calqabde. Itti yaaddees mala tokko argatte. Loltoota masaraa keessa jiraatan keessaa tokkoof uffata, qarshii, akkasumas, waan isa barbaachisu guutuudhaan, inni immoo gurbaa kana dhoksaan masaraa mootummaa keessa seensisee dhoksaadhaan deebisee baasuudhaan waliigalan. Gaafa tokko gurbicha wajjin masaraa mootummaa keessaa waliin taphachaa turan. Taphni isaaniis Apilii caccabsanii afaan walii keessa darbatanii buusuu ture. Akka tasaa isheen darbattee afaan isaa keessa gaafa buustu apiliin sun goongoo mucaa keessatti rakkate. Isheen akka ba'uuf saggoo isaa rurrukuttus ba'uu dide. Qilleensa baasuu fi galchuu waan dadhabeef mucaan sun du'e. Intalli sun naasuu guddaadhaan waanta gootu wallaalte. Yoo iyyite masaraa mootummaa keessa waan ta'eef gurbaan kun akkamitti as keessa seenuu danda'e gaaffiin jedhu irratti ka'uu waan danda'uuf amma loltuun sun dhufutti obsuu qabdi. Yeroon gurbaa sana masaraa keessaa baasu yeroo galu, loltuun sun dhufe. Akka durii fayyaa osoo taane amma garuu waanta inni hin eegne tokkotu isa mudate. Innis namicha fayyaa ol seensiseetu amma reeffa ta'ee isa eege. Akka duraa deemaa ba'uun hin danda'amu. Intalittiinis loltuu sanaan, "reeffa kana narraa baasi malee waanta barbaadde siif nan raawwadha yeroo deebitu", jetteen. Namichis kanatti walii galuun namicha kana madaabaraa guddaa qopheessuun kosii fakkeessee fuudhee ba'e. Loltuun sun waadaa intala mootii sana irraa waan qabuuf waadaan sun akka isaaf raawwatamuuf deebi'ee dhufe. Isheenis, "Maal barbaadda?, maal siif raawwadhu?", jettee isa gaafatte. Loltuun sunis deebise, "si walin ciisuun barbaada", jedheen. Isheenis aartee isa dheekkamte. "Ati eenyuu?, Intala mootii wajjin ciisuun kan sitti miidhagee?. Amma dafii narraa ba'i" jetteen. Dhugaa jiru abbaa isheetti himtee, furmaata argachuu otoo dandeessuu isheen garuu rakkina ishee furuu caalaa baqachuu filatte. L

15/11/2020

Jawaar Mohammed nu haa fayyisuu jedhaa du'aa'i godhaafi mee ❤️ erga xumurtee onnee tuquun kabajaa fi jaalala isaaf qabduu ibsachuu hin dagatin

15/11/2020

Jabaa keenyaan Rabbi isiin haa fayyisu jedhaanii amantiidhuma keessaniin kadhaafi

31/10/2020

Oromiyaa bakkawwan adda addaatti namoonni ajjeefamuu himame!

Naannoo Oromiyaa bakkawwan adda addaatti namoonni ajjeefaman akka jiran hawaasa keessaa dubbatamaa jira. Awwadaay, Shaashamannee fi Sabbataan bakkawwan ajjeechaaleen kun itti raaw’ataman jedhan keessatti argamu.

Kana ilaalchisuun deebii kan kenne Biiroon Bulchiinsa fi Nageenya Naannoo Oromiyaa gama isaatiin ajjeechaan Awwadaayitti raaw’atame doggoggora ta'uu kan amane yoo tahu kan Shaashamanneetti raaw’atame garuu, tarkaanfii seera kabachisuuf fudhatame, jedhee jira.

Ajjechaa Sabbataatti Luba Amantii Waldaa Kiristaanaa Ortodooksii ammoo rakkoo wal gidduutti uumame irraa ka madde tahuu eeruun, “namoonni ajjeechaa kanatti shakkamanis to’annoo jala oolfamanii jiran,” jedhe.

05/09/2020

.

JAALALA MILKEESSUU
★★★★★★★★★★★★

◉ Walitti dhufeenya jaalalleewwanii bu'a qabeessa taasisuufi itti fufiinsa akka qabaatuf gochoonni nuti guyyaa guyyaan dalagnu murteessadha. Qabxiiwwan kan akka yeroo hunda miira jaalala keenyaa ibsuufii, ishi/isa gammachiisuf dhama'uun jaalala milkeessuf ga'ee qabu.

➲ Jaalallee ofiitti akka jaalatan yeroo yeroon itti himuu. Wanti barame gochi oduu akka caaludha, ta'us garuu jaalala keessatti carraa argameen oduun gocha yeroo caalu ni mul'ata. Kanaaf yeroo hunda cinaa jaalallee keenya jiraachuu kan agarsiisu jechoota caalaa wanti biraa omtuu hin jiru. Kanaafuu "sin jaaladha" jechi jedhu ammam guddaa ta'ee fi jaalachuu keessan kan agarsiisu ta'usaa hubachuun barbaachisaadha.

➲ Miira jaalalaa haa qoonnuf. Waan salphaa fakkaatu garuu wanta hunda kan ofkeessaa qabuudha. Walfaana sosochii miilaa karaarra yeroo taasisnuu, mana fiilmii yookin aartii wayii daawwannu fi carraa argame kamiinuu walbiratti argamuun jiraannan jaalallee keenya harka qabuu, harka keenya gateettii irra gochuu, dugda haammachuu fi kan kana fafakaatan raawwachuun ni gorfama.

➲ Jechoota ishii/isa jajan fayyadamuun yeroo hunda bayisanii faarsuu. Dhaabbidhaan jabeenya jaalallee keenyaa ol guddifnee itti dhaadhessuu qabna. Keessaa jabeenya isa kam akka jaalannuufi itti boonnu itti himuun jidduu keenyatti wal amantaan akka jabaatu taasisa. ♨

➲ Yoomiyyuu yaada ofii ibsachuurraa duubatti akka hin jenne; Maal akka jaalannuu fi jibbinu yeruma hundayyuu baasanii dubbachuun gaaridha. Dogoggoras too uumne alagaan mari'achuu irra jaalallee keenya beeksisuu nuuf wayya. Walumaan furmaata itti barbaadudha. Kana gochuun immoo wal amantaa cimsa.

➲Yeroo rakkoo wal bira dhaabbachuu. Bu'aa ba'ii jaalallee keenya muudatu kamifiyyuu dursinee argamuutu barbaachisa.

➲ Kennaa kennuufii. Darbee darbee kennaa jaalalleen keenya barbaadu kennuufin gaaridha. Kennaan dhiifama walii gochuu agarsiisuf osoo hin taane iddoo wali qabaachuu Keenya agarsisa.

➲ Yeroo kennuufii. Ammamiyyuu hojiin nutti baay'atee yeroo yoo dhabneyyuu kan jaalallee keenyaa dhabuun nurra hin jiraatu. Na dagate/dagatte jedhanii yaaduun waan jiraayuf yeroo wali qabaachun gaaridha.

➲ Walirraa eegun hin barbaachisu. Jaalallee keenyaa waan gaarii tokko taasifneefii isa/ishi irraa immoo kan biraa barbaadun gaarii miti. Gumaachi ati taasifteef jaalala qabduuf ibsachuuf malee ofii keetifis isa/ishii irraa waa kajeeltee miti.
┄┄┉┉✽̶»̶̥🌹✿🌹»̶̥✽̶┉┉┄┄


Address

Asella
3132

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ABDI SABAA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to ABDI SABAA:

Share



You may also like