JEJU Media Network /J M N

JEJU Media Network /J M N political

03/06/2020

Sagalee nuf tayaa jeetii qeerroon sa.udi arabi.aa sagalee tayaafii

Jaafar Alii Mataa Mahammad Amiin Galamsotti irraa mursiisee Paappayyaa Harargee nyaachuuf ganda keessa deemaa jira.
27/05/2020

Jaafar Alii Mataa Mahammad Amiin Galamsotti irraa mursiisee Paappayyaa Harargee nyaachuuf ganda keessa deemaa jira.

09/05/2020

Maatin tokkoo gututi amanti isaani kan dhalotati deebi.an godha walif

06/05/2020

JEJU Media Network /J M N

04/05/2020

JMN

27/04/2020

Ergamaan Rabbii Muhammadﷺ "Hiraabbadhaa! Hiraabbachuu keessa Barakaatu jira" jedhe

- Jabeenyi sitti dhagahamee Hiraaba dhiisuun kee karaa miti. Xiqqaattullee Hiraaba bishaan Qalaasa tokko dhuguun Sunnaa dha. Hiraaba keessa Barakaatu jira. Hiraabbadhaa!

23/04/2020

Hordoftota kenaa kabajamo baga somana getan

OdeeffannooSa'uudii Arabiyaan Lammilee biyyaa alaa ta'an ka saudi keessa jiraatan Eddoo gara garaa ykn Shariikaa adda ad...
12/04/2020

Odeeffannoo
Sa'uudii Arabiyaan Lammilee biyyaa alaa ta'an ka saudi keessa jiraatan Eddoo gara garaa ykn Shariikaa adda addaa keessati qacharamanni hojjata jiran ji'a 6f boqonnaa kafaltii malee bayu akka danda'an,Abban Sharikaas hojjaa dhabsiisu akka danda'u ,dabalatan boqonnaa ji'a 6 gara biya galu akka danda'an labsii labsame jira.Yeroo amma kana warri gara biyyaa galuu barbaadan ji'a 6f gara biyyaa ofii deebi'uu ni danda'u
Balali'iinsa Xayaaras akka eegalu beeksisani jiru.
Hubachiisa kiyyaa
Warii Shariika keessaa hojjata jirtan ji'a 6f shariikan boqonnaa/Ijaaza jedhani gara biyya akka galtan isiin gochu wan danda'aniif Of qopheessan dhamsaa kiyya.

Sa’uudii fi Emreets lammiilee Ityoophiyaa heddu biyya isaaniitii baasuuf akka tahe ibsame  April 12, 2020Ministeerri Fay...
12/04/2020

Sa’uudii fi Emreets lammiilee Ityoophiyaa heddu biyya isaaniitii baasuuf akka tahe ibsame

April 12, 2020

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa Dr Liiyaa Taaddasa Gaazexaa Addis Admas jedhamuuf akka himtetti, Sa’uudii fi Emreets lammiilee Ityoophiyaa kumaatamaan lakkaahaman, ofeeggannoo gahaa malee haala dhibeef saaxiluun biyya isaanii irraa baasaa jiraatuun yaaddoo guddaa tahuu ibsite. Dr Liyaan akka himtetti, Sa’uudiin qofti torbaan lamaan dhufu keessa lammiilee Ityoophiyaa 3,000 ol gara Ityoophiyaa deebisuuf qophii xumurtee jirti.

Lammileen kunniin qorannoon fayyaa osoo hin godhaminiif, iddoo tokkotti walitti qabamanii haala hamaa keessa kan turan tahuu isaaniitiin, dhibee Vayirasii koroonaatiif saaxilamuu malu sodaan jedhu guddaa tahuu beeksiste. Haaluma kanaan lammiilee kanniin Yunivarsiitiilee keessatti iddoon itti tursiifamanii hordoffiin fayyaa godhamuuf of eeggannoo cimaan qophaayuus ibsame.

Dr.Liyaan ibsa isii kanaan, lammiileen Sa’uudiin biyya isiitii baasaa jirtu kuma sadi ol tahuu akka maluufi, torbee dhuftu irraa jalqabee guyyattii nama 200 qofa simachuuf kan yaadame tahuu himte.
Gama biraatiin ammoo namoota hanga ammaa Vayirasichi irratti argame jidduu 27 ol Dubaay irraa kan dhufan tahuu ministeerri fayyaa beeksiste.

12/04/2020

Biyya Keenyat namoon dhibee Koroonan qabaman 71 dhaqabeera.

Abbaan alangaa waligala Federaalaa Qajeelfamoota Labsii Yeroo Muddamaa ifa godhe  April 11,2020Labsii yeroo muddamaa man...
11/04/2020

Abbaan alangaa waligala Federaalaa Qajeelfamoota Labsii Yeroo Muddamaa ifa godhe

April 11,2020

Labsii yeroo muddamaa manni marii ministeeroota dheengadda tatamsaa’a dhibee Vaayirasii Koroonaa ittisuuf labse, miseensoonni paarlaamaa guyyaa kaleessaa kan raggasisan yoo tahu, Abbaan Alangaa walii galaa Federaalaa qajeelfamoota labsiichaa guyyaa har’aa ifa godhe.

Haaluma kanaan dhorkaalee labsiicha irratti tarreefaman jidduu
1. Walgahii mootummaa ta’e ta’e kan Paartii Siyaasaa irratti, akkasumas iddoo Amantaa kamiituu namni Afurii ol walitti qabamuu kan hin dandahamne tahuu
2. Maatiin hidhamtoota, sirreeffamtoota kan qunnamuu hin dandeenye tahuu
3. Daangaalee biyyaattii irratti sochii meeshaalee alaatti, Sochiin Imala namaa gutummaa guutuutti kan uggurame tahuu
4. Namoonni mana kireeffatan fedhii isaaniitin yoo gad lakkisaan malee, akka isaan lakkisanii bahan dirqisiisuu fi kaffaltii irratti dabaluun dhorkamee jira.
5. Hojjatoota ari’uu fi waligaltee hojjatoota jidduu jiru haquun dhorkamee jira

6. Barsiisotaa fi barattoonni karaa online malee sababa barmootaaf walqunnamuu fi

7. Harka walfuudhuun dhorkaalee qajelfamicha irratti tarreeffaman jidduu tahuu gabaafame.

Breaking news  Ethiopiati namoonii dhibee koronaa vayraasin  qabaman lakofsi isaani dabalee jiraa
11/04/2020

Breaking news Ethiopiati namoonii dhibee koronaa vayraasin qabaman lakofsi isaani dabalee jiraa

10/04/2020

Kabajamtotaa hordoftota kanaa warrii karaa media kenaatin nu hordofa jirtan page kena godha walif dabarsa cina dhabadha isinin jeenaa

Darasoonni magaalaa Gindhiiriitti barataa turan gara maatii isaanitti deebifaman  Odeeyfannoo   April 10,2020  Dhibee Va...
10/04/2020

Darasoonni magaalaa Gindhiiriitti barataa turan gara maatii isaanitti deebifaman

Odeeyfannoo
April 10,2020

Dhibee Vaayirasii Koroonaa yeroo ammatti tatamsaa’a jiru ittisuuf , manni marii ulamoota Ityoophiyaa, masjidoonni biyyatti keessatti argaman, akkasumas madraasaan barnoota Diin Islaam itti barsiifamaan, yeroodhaaf akka cufaman murteessuun ni yaadatama.

Kanuuma hordofuun kutaa biyyattii gara gaaratti, guyyaa murtiin dabre irraa kaasee ummanni salaata Juma’aa fi Jama’aa manatti salaata jira, akkasumas iddoowwaan barnoonni Diin Islaam itti kennaman cufamuun barattoonni gara maatii isaaniitti akka deebi’an taasifamaa jira.

Haaluma kanaan godina Baalee bahaa magaalaa Gindhiiriitti, ulamoonni fi hawaasni muslimaa magaalaa Gindhiir, tatamsaa’a dhibee kanaa ittisuuf manneen barnoota diin Islaam magaalaattii keessaatti argaman kan cufaan yoo tahu, guyyaa kaleessaattis ummata irraa maallaqa walitti qabun, darasoota kutaa biyyattii gara garaa irraa dhufanii magaalaa Gindhiiriitti barataa turan 107 tahaniif, Makiinaa kireeffachuun gara maatii isaanitti akka deebi’aniif kan haala mijeessaan tahuu gabaafame.

Ministeerri Fayyaa Sababa Dhibee Vayirasii Koroonaatiin namni 3ffaa du’uu beeksiseOdeeyfannoo   April 10, 2020Ministeerr...
10/04/2020

Ministeerri Fayyaa Sababa Dhibee Vayirasii Koroonaatiin namni 3ffaa du’uu beeksise

Odeeyfannoo
April 10, 2020

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa galgala har’aa baaseen, dubartiin umrii 65 jiraattuu magaalaa Dukam taate, tan April 6, 2020 Vayirasii Koroonaatiin qabamuun isii ibsamee ture, guyyaa hardhaa du’uu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa Vayirasichaa du’anii 3 gahuu ibsame.

Gama biraatiin ammoo Ministeerri Fayyaa ibsa hara waaree booda baaseen, sa’aatii 24 dabre keessatti qorannoo laabraatoorii namoota 442 irratti geggeesseen, namoonni 9 vayirasichaan qabamuu kan mirkanaahe tahuu beeksise. Namoota saglan jidduu torba lammiilee Ityoophiyaa, tokko lammii Indiyaa, tokko ammoo lammii Eertiraa tahuu gabaafame.

Namoota kanneen jidduu 5 Dubaay irraa kan dhufan yoo tahu, namni lama Turkiyaa irra, tokko Ameerikaa irraa, tokko ammoo Briteen irraa gara Ityoophiyaa kan dhufan tahuu ibsame. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota Vayirasiii Koroonaatiin qabamuun mirkanaahe 65 gahee jira.

10/04/2020

Ethiopiati namnii dhibee koronan qabamee 65 gahera

10/04/2020

JMN share walif godha

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasiin Koroonaa irratti argame 21 gahuu ibsameOdeeyfannoo   Ministeerri Fayy...
29/03/2020

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasiin Koroonaa irratti argame 21 gahuu ibsame
Odeeyfannoo

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa Dr.Liiyaa Taaddasa akka ibsitetti, guyyaa kaleessaa fi har’aa qorannoo shakkamtoota irratti godhameen Vayirasichi namoota shan irratti argame. Namoota guyyaa hardhaa Vayirasiin Koroonaa irratti argame jidduu lama jiraattota magaalaa Adaamaa yoo tahan, mucaa waggaa 14 fi dubartii waggaa 48 tahuun beekamee jira. Jiraattonni magaalaa Adaamaa lamaan kanaan dura nama Vayirasichaan qabame waliin wal qunnamtii kan qaban tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Namni saddaffaa ammoo dubartii lammii Ityoophiyaa waggaa 26 dhiheenya kana Beljiyeem irraa deebite tahuu ibsame. Haaluma walfakkaatuun namoonni lama ammoo jiraattota magaalaa Finfinnee yeroo gara garaa Dubaay irraa deebi’an tahuu ibsi Ministeera Fayyaa ni addeessa.

Kanuma hordofuun magaalaa Adaamaatti tajaajilli traanspoortii taaksii magaalaa keessaa, Alhada har’aa irraa eegalee guutumatti kan addaan cite tahuu Biiroon Dhimmoota Kominikeeshiinii Naannoo Oromiyaa beeksise.

Haaluma walfakkaatuun Bulchiinsi magaalaa Asallaa weerara vayrasii Koroonaa ittisuuf sochiin traanspoortii magaalaa keessaa akka dhaabbatu kan murteesse tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

26/03/2020

Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofalee keessatti rooba cimaa cabbii makatee robeen daandiin makiinaa cufamuu gabaafame  March ...
22/03/2020

Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofalee keessatti rooba cimaa cabbii makatee robeen daandiin makiinaa cufamuu gabaafame


March 22, 2020

Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofalee ganda Ashookaa jedhamu keessatti, Alhada har’aa bokkaan cimaan cabbii makatee roobe, haala kanaan dura mul’atee hin beekneen dandiin konkolaataa fi dachiin naannichaa cabbiin uwwifamuu kominikeeshiiniin Godina Arsii Lixaa beeksise.

Cabbiin lafa uwwise kun sochii makiinaa kan danqaa jiru tahuus gabaafame. Haaluma wal fakkaatuun bokkaancimaa guyyaa har’aa roobe kanaan Naannoo Affaar keessattis daandiin konkolaataa kan cite tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

21/03/2020

Nashida Abu mujahid gasgari new godha walif dabarsa

21/03/2020

Godina jimaa Ana sigimo ganda calladuuti ilmaan oromati akasiti itti tabati federal 2020

15/03/2020

Corona Update
Alhada, March 15, 2020
Guutuu Addunyaa keessatti hanga guyyaa har’aatti Vayirasichi biyyoota 156 keessatti nama 162,578 irratti argamee jira. Namoonni 6,069 kan du’an yoo tahu, Namooni 75,968 ammoo bayyanatanii jiru.
China: Namni Qabame 80,849, Kan Du’e 3,199, kan bayyanate 66,931
Italy: Namni Qabame 21,157, kan Du’e 1,441, Kan bayyanate 1,966
Iran: Namni Qabame 13,938, Kan Du’e 724, kan bayyanate 4,339
Ispeen: Namni Qabame 7,753, Kan Du’e 291, kan bayyanate 517
Jarman: Namni Qabame 5,426, Kan Du’e 11, kan bayyanate 48
Faransaay: Namni Qabame 4,499, Kan Du’e 91, kan bayyanate 12
USA: Namni Qabame 3,083, Kan Du’e 60, Kan Bayyanate 56
Biyyoota Awrooppaa kan akka Swiizarlaand, Noorweey, Swiidin, Deenmaark, Neezarlaand, UK, Beeljiyeem fii kanneen biroo keessattis dhukkubni kun haalaan faca’aa jira.
Biyyoota Baha Jiddu Galeessaa Vayirasichi keessatti babal’ataa jiru jidduu:
Qaxar: Namni Qabame 337, Kan Du’e 0, kan bayyanate 4
Bahreeyn: Namni Qabame 211, Kan Du’e 0, kan bayyanate 60
Israa’el: Namni Qabame 200, Kan Du’e 0, kan bayyanate 4
Kuweeyt: Namni Qabame 112, Kan Du’e 0, kan bayyanate 9
Iraaq: Namni Qabame 110, Kan Du’e 10, kan bayyanate 26
Sa’uudii: Namni Qabame 103, Kan Du’e 0, kan bayyanate 2
Emreets: Namni Qabame 86, Kan Du’e 0, kan bayyanate 20

Keeniyaa, Suudaan fi Ityoophiyaa dabalatee lakoofsi biyyoota Afrikaa Vayirasichi keessatti argame 25 gahuu mirkanaahee jira.

Lammiin Jaappaan Ityoophiyaa keessatti Vayirasiin Koroonaa irratti argame, Wixata, Gurraandhala 30/2012 Godina Arsii Aanaa Dododtaa keessatti daaw’annaa Manneen Barnootaa lama irratti kan argamee ture tahuu Kominikeeshiiniin aanichaa beeksise. Dabalataanis ogeeyyonni Barnootaa Godinaa fi Aaanaatis nama kana waliin daaw’annaa hojiitif garasitti kan imalan tahuu ibsame. Dabalataanis Itti gaafatamaan Waajjira Barnoota Oromiyaa Obbo Tolaa Bariisoo Dabalatee namoonni 15 ol nama kana waliin wal qunnamuun mirkanaahe kophatti hordoffiin godhamaafii jiraatuu ibsame.

Inaalillaa wa innaa ileey rajiuun
14/03/2020

Inaalillaa wa innaa ileey rajiuun

Balaa Konkolaataa Godina Harargee Lixaa Keessatti muudateen lubbuun nama 10 dabre
===============
March 14, 2020

Waajjirri Kominikeeshiinii Godina Haragee Lixaa akka beeksisetti, Sabtii har’aa Minibaasiin imaltoota fe’attee Magaalaa Hirnaa irraa gara Ciroo deemaa turte, Aanaa Ciroo iddoo Dildila Qillisoo jedhamutti Konkolaataa meeshaa fe’atee gara Jibuutuu imalaa tureen walitti bu’uun lubbuun nama 10 battalumatti dabre. Dabalataanis namoonni shan ammoo kan midhaan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Balaa Konkolaataa Godina Harargee Lixaa Keessatti muudateen lubbuun nama 10 dabre===============March 14, 2020Waajjirri ...
14/03/2020

Balaa Konkolaataa Godina Harargee Lixaa Keessatti muudateen lubbuun nama 10 dabre
===============
March 14, 2020

Waajjirri Kominikeeshiinii Godina Haragee Lixaa akka beeksisetti, Sabtii har’aa Minibaasiin imaltoota fe’attee Magaalaa Hirnaa irraa gara Ciroo deemaa turte, Aanaa Ciroo iddoo Dildila Qillisoo jedhamutti Konkolaataa meeshaa fe’atee gara Jibuutuu imalaa tureen walitti bu’uun lubbuun nama 10 battalumatti dabre. Dabalataanis namoonni shan ammoo kan midhaan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Corona UpdateSabtii, March 14, 2020Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tamsa’inni vaayirasii koroonaa chaayinaa keessatti akka xi...
14/03/2020

Corona Update
Sabtii, March 14, 2020
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tamsa’inni vaayirasii koroonaa chaayinaa keessatti akka xiqqaatee fi biyyoota Awrooppaa keessatti ammoo haala hamaa irra gahuu beeksise. Haluma kanaan biyyoonni akka Jarman, Ispeen fi Faransaay labsii yeroo muddamaa baasa jiran.
Walumaa galatti hanga guyyaa har’aatti Vayirasichi biyyoota 149 keessatti nama 148,502 irratti argamee jira. Namoonni 5,544 kan du’an yoo tahu, Namni 72,572 ammoo bayyanatanii jiru.
China: Namni Qabame 80,824, Kan Du’e 3,189, kan bayyanate 65,569
Italy: Namni Qabame 17,660, kan Du’e 1,266, Kan bayyanate 1,439
Iran: Namni Qabame 12,729, Kan Du’e 611, kan bayyanate 3,529
Ispeen: Namni Qabame 5,232, Kan Du’e 133, kan bayyanate 193
Jarman: Namni Qabame 3,758, Kan Du’e 8, kan bayyanate 48
Faransaay: Namni Qabame 3,661, Kan Du’e 72, kan bayyanate 12
USA: Namni Qabame 2,329, Kan Du’e 50, Kan Bayyanate 41
Biyyoota Awrooppaa kan akka Swiizarlaand, Noorweey, Swiidin, Deenmaark, Neezarlaand, UK, Beeljiyeem fii kanneen biroo keessattis dhukkubni kun haalaan faca’aa jira.
Biyyoota Baha Jiddu Galeessaa Vayirasichi keessatti babal’ataa jiru jidduu:
Qaxar: Namni Qabame 337, Kan Du’e 0, kan bayyanate 0
Bahreeyn: Namni Qabame 211, Kan Du’e 0, kan bayyanate 60
Israa’el: Namni Qabame 164, Kan Du’e 0, kan bayyanate 4
Iraaq: Namni Qabame 101, Kan Du’e 10, kan bayyanate 24
Kuweeyt: Namni Qabame 100, Kan Du’e 0, kan bayyanate 5
Sa’uudii: Namni Qabame 86, Kan Du’e 611, kan bayyanate 1
Emreets: Namni Qabame 85, Kan Du’e 611, kan bayyanate 20

Keeniyaa, Suudaan, Giinii fi Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa Jum’a kaleessa namni Vayirasii qabame biyya isaanii keessatti argamuu mirkaneessan yoo tahan, walumaagalatti Vayirasichi Biyyoota Afrikaa 18 keessatti tamsa’uu mirkanaahee jira.

Lammiin Jaappaan Ityoophiyaa keessatti Vayirasiin Koroonaa irratti argame, Wixata, Gurraandhala 30/2012 Godina Arsii Aanaa Dododtaa keessatti daaw’annaa Manneen Barnootaa lama irratti kan argamee ture tahuu Kominikeeshiiniin aanichaa beeksise. Dabalataanis ogeeyyonni Barnootaa Godinaa fi Aaanaatis nama kana waliin daaw’annaa hojiitif garasitti kan imalan tahuu ibsame.

BREAKING: Namni Dhibee Vayirasii Koronaatiin qabame magaalaa Finfinnee keessatti argamuu mirkanaahe. Kantiibaan magaalaa...
13/03/2020

BREAKING: Namni Dhibee Vayirasii Koronaatiin qabame magaalaa Finfinnee keessatti argamuu mirkanaahe. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Obbo Taakkala Uumaa fuula Feesbuukii isaa irratti, nama lammii Jaappaan Finfinnee jiraatu tokko irratti vayirasichii argamuu mirkanaahee jira jedhe.

Sa’uudiin lammiileen isii Ityoophiyaa dabalatee gara biyyoota hedduu akka hin imalle uggurte============March 12, 2020Mo...
12/03/2020

Sa’uudiin lammiileen isii Ityoophiyaa dabalatee gara biyyoota hedduu akka hin imalle uggurte
============
March 12, 2020

Mootummaan Sa’uudii dhibee Vayirasii Koronaa biyyattii keessatti babal’ataa dhufe to’achuuf jecha, lammiileen isaa Ityoophiyaa dabalatee gara biyyoota hedduu akka hin imalle uggure. Biyyoota uggurri irra kaahame jidduu biyyoota Gamtaa Awrooppaa, Indiyaa, Paakistaan, Srii Laankaa, Filipiins, Suudaan, Suudaan Kibbaa, Ityoophiyaa, Jibuutii fi Somaaliyaa tahuu Ejensiin Odeeyfannoo biyyattii Maddeen Ministeera Biyya keessaa eeruun gabaase.

Uggura Kanaan biyyoota tarreeffaman irraa gara Sa’uudii seenuunis dhoorkamee jira.

Uggurri kun ogeeyyota Fayyaa Filipiins fi Indiyaa irraa gara Sa’uudii seenan, akkasumas meeshaalee bu’uuraa biyyoota kanneen irraa seensisuu kan hin ilaallanne tahuus ibsame.

’uudii godha walif dabarsa

12/03/2020
12/03/2020

Muccayoo samuun isii xuqame jiru kana ijoollee riyadh nanoo manfuhaa bankarajii bakka jedhamuti argamtii woorroni nanoo sanaa gargarani allaa fudha manatii gaallaani
Suqaa jimma birati argamtii

godha walif dabarsa

10/03/2020

Walaloo kana walif dabarsa godha walif dabarsa

10/03/2020

Garaa nama nyaata. Warra kana leenjii ga’aa malee mootummaa gara ibidda kana caala hamaatti oofaa jira. Dhiiroo, labbi labbii dhiisaa warra kana akka dansaa leenjisaa. godha walif dabarsa

10/03/2020

Faaru KFO irraa

Mootummaan Xaaliyaan Dhibee Vayirasii koronaa to’achuuf jecha guutuu biyyattii keessatti labsii yeroo muddamaa baase====...
10/03/2020

Mootummaan Xaaliyaan Dhibee Vayirasii koronaa to’achuuf jecha guutuu biyyattii keessatti labsii yeroo muddamaa baase
====================
March 10, 2020

Mootummaan Xaaliyaan Dhibee Vayirasii Koronaa biyyattii keessatti haala hamaa taheen babal’ataa jiru to’achuuf jecha, guutuu biyyattii keessatti sochii ummataa kan uggure tahuu gabaafame. Haaluma kanaan lammileen Xaliyaan miiliyoona 60 ta'an hundi magaalaa fi qe'ee isaanii keessaa akka hin baane, sirna du’aa jiruu kamiifuu namoonni akka walitti hin qabamne, akkasumas namni kamiyyuu hayyama addaa yoo argate malee magaalaa tokoo irra gara birootti akka hin imalle labsiin jedhu bahee jira.
Mootummaan Xaaliyaan labsii walfakkaataa kaleessa Kaaba biyyattii keessatti baaseen, akka namoonni walitti hin qabamneef jecha ispoortii, cidha, sirna awwaalchaa fi qophileen aadaa fi amantaa hunda dhorkee ture. Har’a ammoo uggurru kun guutuu biyyattii keessatti hojii irra akka oolu murteesse.
Muummichi ministeera biyyattii Juuseeppee kontee labsii kana ilaalchisee ibsa wixata har’aa kenneen, namootni mana isaani keessa akka turaniifi, imala akkaan barbaachisaa ta’an qofaaf eeyyama akka gaafatan ajaja dabarse. Mr. Konteen labsii kanaan, "guutuun dachii Xaaliyaan zoonii eeggamu ni ta’a" jedhe. Vayirasiin Koronaa yeroo ammoo kutaalee Xaaliyaan diigdamman hunda keessattu kan babal’ate tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan du'anii halkan edaa qofa 366 irraa gara 463 kan ol guddate yoo tahu, lakkoofsi lammiilee biyyattii Vayirasichaan qabamanii ammoo 9,172 gahee jira.

10/03/2020

Dhibee Vaayirasii Koroonaa irraa of eeguuf Gorsoota Ergamaa Rabbii Muhammad (ﷺ) irraa muraasa
★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★

Rabbiin(SW) ilma nama of dagattu keessaa baasuu fi yoo qormaatu barbaade, qormaanni gara garaa akka muudatan taasisa. Yeroo ilmi nama beekumsaa fi dandeettii qabutti abdachuun, Uumama tahuu isaa fi Rabbii isa uume dagattee tti, Rabbiin Vaayirasii ijni nama hin argine itti kaasuun akka shoroorkaa keessa seenu taasisa. Yeroo inni isa tokko ofirraa ittiise jedhe hafuura fudhatu, waan biraa itti kaasa.
Vaayirasii Koronaa dhiheenya kana argame kanaan biyyi lakkoofsa ummata guddaa qabatuun beekamtu Chaayinaan, humna fi guddina isiitti kan Abdattu Ameerikaan, qabeenya boobba’aa (Gaazii) qabachuun dureessa Addunyaa kan jedhamte Sa’uudiin, Guddina teeknooloojiin Addunyaa ni dursina kan ofiin jettu ardiin Awurooppaa fi, Afrikkaa dabalatee hundi isaanii wanta ijni hin argine, kan osoo meeshaa akka maayikirooskoopiin ni ilaala jedhanillee yeroo kuma 100 ol guddisan malee hin muldhanne diqqoo kanaan shoroorkeeffamaa jiru.
Dhaabbanni Faayyaa Addunyaa (WHO)’ dhibeen kun saffisaan faca’aa jiraatuun sadarkaa yaaddessa irra dhaqabu beeksise. Anis akka amantaa kiyyaatti, yeroo dhibeen daddarbaan akkasii kun argamu, Islamummaa fi Ergamaan Rabbii Muhammad(ﷺ) dhiimma akkasii irratti maal jedhan ? Kan jedhu irratti waan ofii hubadhe isiiniis hubachisuu barbaade.

1ffaa QULQULLINA EEGGACHUU
**********************

Islamummaan qulqullinaafi iddoo guddaa keenna, Ergamaan Rabbii Muhammad(ﷺ) qulqullina ilaalchisee irra deddeebiin barsiisaanii jiru. Namni muslimaa ta’e, qulqullina ofii isaa, kan maatii isaa, kan iddoo jireenya isaa fi Dhaabbilee amantaa isaa akka eegu qabu qofa osoo hin taane dirqama tahuus ibsan.
Ergamaan Rabbii Muhammad(ﷺ) akkas jedhan
“Qulqullinni qaama walakkaa amantaatti”
( muslim gabaase)

2) DHUKKUBA IRRAA RABBIITI DHEESSU
**********************
Namni muslimaa wanti isa sodaachise ykn dhibeen akka isa hin geenye Rabbiin gargaarsa gaafata. Ergamaan Rabbii Muhammad (ﷺ) Akkas jechuun dhibee gara garaa irraa akka Rabbiin isaan eegu kadhattu.
النَّبِيَّ صلى الله عليه وسلم كَانَ يَقُولُ ‏ "‏ اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنَ الْبَرَصِ وَالْجُنُونِ وَالْجُذَامِ وَمِنْ سَيِّئِ الأَسْقَامِ ‏"‏

“ Yaa Rabbi dhukkuba baraasa, kan sammuu (maraattummaa) dhukkuba kaniin fi kan biroottis irraa siitti magaanfadha” (Abuu Daawuud gabaase)

3.Iddoo Dhibeen Daddarbaan itti uumame Deemuu dhabuu, akkasumas magaalaa Itti uumames keessaa bahuu dhabuu
**********************

Ergamaan Rabbii Muhammadﷺ Akkas jedhan

قَالَ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ ‏ "‏ إِذَا سَمِعْتُمْ بِالطَّاعُونِ بِأَرْضٍ فَلاَ تَدْخُلُوهَا، وَإِذَا وَقَعَ بِأَرْضٍ وَأَنْتُمْ بِهَا فَلاَ تَخْرُجُوا مِنْهَا ‏"‏‏.

“Biyya tokko (Magaalaa) dhibeen daddarban itti umamuu yoo dhageessan garas hin deeminaa. Magaalaa (Biyya) isiin jiraataaniitti yoo argamees gara magaalaa ykn biyya biraa hin deeminaa.
(Bukhaarii fi Musliimi gabaase)

Dhibeen Vaayirasii Koronaa sababni yeroo gabaabaa keessatti akkasiitti faca’aa jiruuf, sababa hadiisa Ergama Rabbii kana dhagayanii itti hojjatu dhabaniif. Haga guyyaa kaleessa dhibeen kun biyyoota 110 keessatti, namoota kuma 105 qabatuu kan mirkanawe yoo tahu, san jidduu kumni 80 Chaayinaa Keessaatti argamu, haga ammatti immoo namoonni 3,100 Chaayinaa Keessaatti Du’uun beekameera.

4) Namoota Dhibee daddarban qabaman qofaatti tursuun wal’aanu
*********************************************

Dhibeen daddarban yoo uumame namoota qabaman qofaatti tursuufi wal'aanuun barbaachisaadha. Ergamaa Rabbii Muhammad(ﷺ) Akkas jechuun ibsu.
“Namoota Dhibee daddarban qabaman, namoota faayyaa qaban irraa adda baasa. (Abuu Daawud)

Islamummaan dhukkubni kamuu yoo uumame, dawaa waan qabuuf akka barbaadnu nu ajaja.
Ergamaa Rabbii Muhammad(ﷺ) akkas jedhan
“Dhibeef Dawaa barbaada. Rabbiin dhibee kamuu dawaa malee hin uumne. Dhibee tokko malee innis Dullumaa (Jaarsummaa)” (Abuu Daawud)

Yeroo ammaa kanaatti biyyoonni Addunyaa barsiisa Ergamaa Rabbii Muhammad(ﷺ) kana hordofuun namoota dhibee Kanaan faalaman hawaasa irraa addaatti fageessuun iddoo qophaa’e galchanii jiru.

08/03/2020

Sagantaa Eebba fi Tumsa Tv Nuuralhudaa Godina Arsii Aanaa Siree Magaalaa Siree (Masjiida Umar) Gurraandhala 28 /2012 guyyaa Sabtii (Sanbata Xiqqaa) geggeessuuf qophiin kan xumurame yoo tahu, Sagantaa Seenaa qabeessa ta’e kana irratti Ulamaa’onni, Ustaazoonni fi Akkasumas keeysummoonni iddoo gara garaa irraa affeeramanii jiru.

Keeysummoota Sagantaa kana irratti Afeeraman jidduu:

1. Sheikh Juneydii Umar (Magaalaa Adaamaa irraa)
2 Sheikh Huseen Ahmad Abbaa Daalee (Magaalaa Adaamaa irraa)
3. Sheikh Muktaar Haaj Maammaa (Kolooba Biiqqaa irraa)
4. Sheikh Abduljabbaar Juneydii (Magaalaa Banban irraa)
5. Ustaaz Abdurrahmaan Huseen(Xaalibuu Ridallaah)

6. Sheikh Abdallaah Idriis (Magaalaa Adaamaa irraa)
7. Sheikh Mas'uud Nuuraa (Magaalaa Adaamaa irraa)
8. Ustaaz Ibsaa Hasan (Magaalaa Adaamaa irraa)
9. Munshid Mikaa’il Huseen (Dirre Dawaa irraa) fi keeysummoonni birootis ni argamu jedhamee eeggama.
Odeeffannoo dabalataatiif:
09 09 09 33 55
09 29 43 61 66
02 22 11 83 63
Koree Qindeessituu Eebba Tv Nuuralhudaa Magaalaa Siree

08/03/2020

Kun Fakkeenya gudaa namaaf taya JEJU Media Network /J M N

Address

Asella

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when JEJU Media Network /J M N posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share


Other Media/News Companies in Asella

Show All