Haqaafan Tarreessaa

Haqaafan Tarreessaa Maal taana?

03/06/2022
Ibsituu dukkana hamaa Soorettii koo yaa qomooTiksituu duudhaa ganamaaBoosettii miti durbi Oromoo!Fakkeenya dabartummaaSi...
25/05/2022

Ibsituu dukkana hamaa
Soorettii koo yaa qomoo
Tiksituu duudhaa ganamaa
Boosettii miti durbi Oromoo!

Fakkeenya dabartummaa
Simboo uumaan faayamte
Sin dhiisu an goonkumaa
Qalbiin koo sitti haajamte

Dhibee garaa hubadhuu
Jaalala koos naaf simi
Yeruma bishaan waraabdu
Mallattoodhan natti himi

Suuraan fuula feesbuukii irraati!

_________________Boruuf milkii hawwineeDeemsa karaaf baaneDhumasaas hanqanneeDhukkuba waliif taaneHunda keessas hulluuqn...
05/05/2022

_________________

Boruuf milkii hawwinee
Deemsa karaaf baane
Dhumasaas hanqannee
Dhukkuba waliif taane

Hunda keessas hulluuqnee
Ilkaan hamataa nu ciniinee
Akka hin malle wal goonee
Booda ofiifuu wal miine

Deemnee galman geenye
dadhabneerra tarkaanfii
walis dhiisnee hin teenye
walitti taane gaaffii

irbuun keenya erbee miti
kan ciccittee tasa baddu
yaadnikee har'as na miiti
Onneen nan gammaddu!

Haqaafan Tarreessaa

Laf-bayiidhaan coqorsa ciraaAbbaan keetuu karaa cufeeGad bayii na laali asin jiraaArgaa keen yaadee dhufeeTaltallee gama...
20/03/2022

Laf-bayiidhaan coqorsa ciraa
Abbaan keetuu karaa cufee
Gad bayii na laali asin jiraa
Argaa keen yaadee dhufee

Taltallee gamarraan cehii
Achittan jabbii bobbaasaa
Takkallee naan haasayii
Arguma keetiif na raasaa!

Garbuu qotee warri baddaa
Saqaa facaasnaa barbaree
Darbuun ooltu barri gaddaa
Maqaa wal waamun dabaree !

16/03/2022

Furmaata takkaan arganne
Erga durii dabaree boochaa
Egereefuu akkan salphanne
Ta'uu qabda nama gochaa!

Dhiira dhiiraaf rifatu!
23/01/2022

Dhiira dhiiraaf rifatu!

Nama guba!
20/01/2022

Nama guba!

Qe'ee baadiyyaa!
28/07/2021

Qe'ee baadiyyaa!

Ati jiraatadha yoomuu Geeraraa gaafa barkumeeKaayyoon kees hin doomu Sidhabuut garaa nu gube Sagalee kee kiiloleeAddunya...
18/06/2021

Ati jiraatadha yoomuu
Geeraraa gaafa barkumee
Kaayyoon kees hin doomu
Sidhabuut garaa nu gube

Sagalee kee kiilolee
Addunyaatu hawwe
Hedduunis hoo lolee
Bakki kee nutti qaawwe


Hedduun diinaaf wal laata
Gariinis sadoof kaata
Doqni harka dhiigaan nyaata
Gowwaanis waan itti fe'an baata

Hayyuun ni gunguma
Gaadiin sakaalamee
Kan maraate hunduma
Hin fayyine yaalamee

Haqa sikeessaa finiinu
isa bilcheessitee dubbattu
Goota dhugaaf hiriiru
Jabaa leenca Guddattuu!

Guddisa goota kaleessaaIrbuu leenci kaayeJabaa warra waddeessaaNiwukilara diina haxaayeFakkeenya dhalootaaBakkalcha nuuf...
12/06/2021

Guddisa goota kaleessaa
Irbuu leenci kaaye
Jabaa warra waddeessaa
Niwukilara diina haxaaye

Fakkeenya dhalootaa
Bakkalcha nuuf ifu
Jabaa fakkiin gootaa
Du'a tanaaf safuu!

Nutis hamma jirrutti
Maqaa keen dhaadanna
Boonyee watwaannullee
Eessaa si arganna?

😪😪😪

Qamaleekoo Qamalittii........😪😪😡
03/06/2021

Qamaleekoo Qamalittii........😪😪😡

Laal galootoo!!!
24/05/2021

Laal galootoo!!!

Address

Ambo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Haqaafan Tarreessaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Haqaafan Tarreessaa:

Share



You may also like