Beekumaa Abarraa

Beekumaa Abarraa "Harki harka hin nyaatu yoo diina isaa malee"

16/01/2024


👉Ministeerri barnootaa Barattoota qormaata bahinsaa (Re-exit exam) qoraman hundaaf guyyaa 27/5/2016-01/6/2016 ta'uu beeksisee jira.
👉Hub. Barataan qoramuu barbaade Kanfaltii karaa birrii qofa qarshii 500 kan kanfalamu ta'uu beeksisee jira.
🖊Guyyaan kanfaltiin itti raawwatu guyyaa 08/05/2016- 15/05/2016 qofa ta'uu isaa beeksisee jira.
👉Karaan ittiin kanfaltti kanfalamuu fi akkaatan ittiin kanfalamu. Liinkii ministeera barnootaa 👉 (https://exam.ethernet.edu.et) kanaan erga seentanii booda user name(maqaa keessan kan Yuunivarsiitii ykn kolleejjii dhuunfaatti siniif kenname erga itti galchitanii booda gara dhumaa irratti payment kan jettu cuqaasuun kan kanfaltan ta'uu fi yoo isinii galuu baate gara dhaabbilee barnootaa olaanoo ykn mana Intarneetaa eeyyama fi dandeetti isaa qabanii deemtanii kanfaluu akka dandeessan(Of eeggannoodhaan)
👉Barattoonni marsaa 1ffaa qoramtan karaa dhaabbilee itti barattanii akka kanfaltan beeksisa kanarraa ni hubatama
ማስታወቂያ
የመውጫ ፈተና በድጋሚ ለምትፈተኑ አመልካቾች በሙሉ

ከ2015 የትምህርት ዘመን ጀምሮ በሁሉም በቅድመ ምረቃ ፕሮግራሞች ለእጩ ተመራቂ ተማሪዎች የከፍተኛ ትምህርት የመውጫ ፈተና እየተሰጠ መሆኑ ይታወቃል፡፡ በ2016 ዓ.ም አጋማሽ ላይ የመውጫ ፈተናን ለመፈተን በመጠባበቅ ላይ ያላችሁ ተፈታኞች በሙሉ ፈተናው ከጥር 27- የካቲት 1/2016 ዓ.ም የሚሰጥ ይሆናል፡፡

ስለሆነም በሐምሌ ወር 2015 ዓ.ም የመውጫ ፈተናውን ተፈትናችሁ ያላለፋችሁ እና ከጥር 27 - የካቲት 1/ 2016 ዓ.ም ድረስ የመውጫ ፈተናውን በድጋሚ (Re-exam) ለመውሰድ በመጠባበቅ ላይ ያላችሁ ተፈታኞች በሙሉ ምዝገባ የምታካሂዱትና የመፈተኛ ተቋም (የመንግስት ዩኒቨርሲቲ) የምትመርጡት ከታች በተገለጸው ማስፈንጠሪያ (Link)
(https://exam.ethernet.edu.et)
ስለሆነ፣ ከጥር 08 እስከ ጥር 15/ 2016 ዓ.ም ድረስ የምዝገባ ክፍያ 500.00 ብር በቴሌ ብር ብቻ በመክፈል መመዝገብ የምትችሉ መሆኑን እንገልጻለን።

አመልካቾች ተጨማሪ ድጋፍ የምትፈልጉ ከሆነ በስልክ ቁጥር +251 118 13 21 76 ወይም በኢሜይል [email protected] በኩል ድጋፍ ማግኘት የምትችሉ መሆኑን እንገልጻለን፡፡

ማሳሰቢያ
1. ለመጀመሪያ ጊዜ የመዉጫ ፈተና የምትፈተኑ እጩ ተመራቂዎች ምዝገባ የምታካሂዱት እና የአገልግሎት ክፍያ የምትፈፅሙት በተቋማችሁ በኩል መሆኑን እየገለጽን አስፈላጊው የመፈተኛ መረጃዎች በተቋማችሁ የሚደርሳችሁ መሆኑን እናሳውቃል።

Ministry of Education | Exitexam registration portal

21/11/2023

AKKA JIRRUTTI JIRRA😭😭

Ummata nagaa fedhu nagaa dhorkachuun fafa!
Uummatni siyaasa walxaxaa fi dantaa paartii tokkoo osoo hin taane nagaa ittiin bahee galu fedha.

Ummanni yoo hin jiraanne paartiinis siyaasnis hin jiru.
Hidhiin ilkaan malee hin bareedu!

 😭😭  Haloo Daawwee galgala kana Adaamaa mana jireenya isheetti du’aan addunyaa kana irraa boqotte jirti. Maatii,  Jaalat...
14/10/2023

😭😭

Haloo Daawwee galgala kana Adaamaa mana jireenya isheetti du’aan addunyaa kana irraa boqotte jirti. Maatii, Jaalattoota Artiist Haloo daawwee fi Ummata Oromoo maraaf Jajjabiina hawwina. Umurii ishee guutuu uummata isheef jiraatte😭😭😭😭

Rabbii lubbuu ishee jannataatti haa qananiisu😭😭😭😭

Hirkoo cimaa koo kanaan na ga'uu keetiif galanni koo dachaadha Waaqayyo kootif.🙏🙏🙏🙏 Akkasuma maatii koo abbaaf haadhakoo...
11/08/2023

Hirkoo cimaa koo kanaan na ga'uu keetiif galanni koo dachaadha Waaqayyo kootif.🙏🙏🙏🙏

Akkasuma maatii koo abbaaf haadhakoof obboloota koo hangafaa hangaa quxusuu galanni ani siniif qabu dachaadha uumaan koo bara keessan haa eebbisu .🙏🙏

Firoota fi hiriyootaf, hiriyaa koof oolmaan keessan dachaadha.🙏🙏

Dhumarratti olmaa naaf ooltan dachaa godhee Waaqayyo isiniif haa deebisu🙏🙏🙏

CONGRATULATION Jedhan sun kanuma🙏❤❤

CONGRATULATION TO ME🙏🙏
11/08/2023

CONGRATULATION TO ME🙏🙏

10/08/2023

Gootummaan gaafa machii
Utaalchoon gaafa haraqee
Paakeejiin torbee hin gunne
FAANNOO(FAANDOO) lagatti naqe😂😂😜💪💪

05/08/2023

gorii na dubbisi‼️
ADDUNYAAN NI QAROME MOO NI DOOME?‼️
Addunyaa kanarratti waantootni uumaman gaafa to’annaa dhala namaatiin ala ta'an dhalli namaas to'annoo isaan ala ta’eetu waan addunyaarratti isaaf hin malle yaada.kessattuu qaroominni ardii Ameerikaa, Awurooppaa fi Eeeshiyaa sammuu dhala namaa waan gara fuula duraatti bute fakkeessuun sammuu dhala namaa akka oomisha Chaayinaa isa gara biyyoota sichuun guddatanitti ergitu waliin tokko taasise.dhugaa dubbachuuf yoo ta'e qaroominni Kuushii durii qaroomina addunyaa ammaa kana dachaa meeqaan caala. Sababni isaas qaroomina Teekinooloojii fi qaroomina sammuuti. Qaroominni Teekinooloojii ija sammuu dhala namaa jaamsee ija maashinoota dhala namaatiin kalaqamee ifa baasa. Dhalli namaa yeroo ammaa kana sammuu uumaan isaa akka gaarii yaaduuf isaaf kenne dhiiseetu sammuu Teekinooloojiitti fayyadamee jiruu isaa, abboommii Waaqayyoo, fi kkf. balleessaa jira.bara qaroomina Kuush sammuun dhala namaa isuma keessa jira amma garuu sammuun dhala namaa Teekinooloojii keessa jira.yeroo tokko tokkos dhalli namaa ofumaan harka isaan waantota qara qaban tolchee ittiin harkasaa mura, kana yoo hubanne ''albeen abbaan qare abbaa qale'' jedha oromoon.(doomina addunyaaf Sababni qaroomina addunyaati).akka kootti addunyaan qaroomina ofiin fidde itti fayyadamuu kan qabdu qaroominni itti fayyadame,Qaroominni ammayyaa seera uumaa rabbii of keessaa hin qabu kanaaf rakkoo adda hin citne ta'e.qaroominni kuush seera uumaa of keessaa qaba.kanaafuu qaroominni addunyaa qaroo dhala namaa akka barbaaduutti jaamseera.sababni teekinoolojiin dhala namaa seer-uumaa yakkeef seera uumaa waan hin beekneefidha, akkasumas namoonni Teekinooloojii akka waaqayyootti ilaalan waaqni isaanii teekinooloojiidha. Nuti warri uumaa keenya beeknu teekinooloojii addunyaas akka waaqa beeku gochuu qabna akkattis itti fayyadamna.garuu ammayyummaa uumaa keenya hin beekne ni balaaleffanna.
Ammayyummaan addunyaa addunyaaf waanti inni gumaache inni guddaan jibbaa, lola,dhumaati dhala namaa fi wal-waraansa fide.biyyoonni guddatan ofii isaaniif maallaqa isaanii walitti qabatanii teekinooloojiitti fayyadamanii meeshaa waraanaa gurguddaa qopheessuun biyyoota sichuun guddatanitti meeshaa waraanaa isa duraan qaban itti gurguruun akka isaan wal unkuran jajjabeessu,niikularrii Kooriyaa kabaa biyyoota guddatan kana malees kan guddinarra jiraniif addunyaa maratti yaaddoo guddaa uuma.shirri Ameerikaa inni 'white house' keessaa ba'u, waggoota darban keessa Jirmaaf damee(Itoophiyaa fi Tigiraay) mataa waliin dhahaa ture ammas Raashiyaa fi yuukireen mataa waliin reebaa jira.weessoo(hubboo)n dhiigni itti raafamu biyyoota guddachaa jiranii fi hiyyeeyyii keessatidha.dhiiga raafame baaduu isaa kan dhugu biyyoota guddatanidha.rakkoon biyyoota guddachaa jiraniis aadaa biyyoota guddatanii malee aadaa isaanif bakka homaatu hin qaban.aadaan biyya ormaa addaan nama deemsisa malee walitti nama hin deebisu.kana qofaa seetuu wayyoon keessa deebii hin qabne ummata qaroomne ofiin jedhan argachuuf jira. Seera uumaa warri dagate ofiisaas dagateera garuu, ''jalqaba uumamattii waaqayyo dhiira, dubartiis ni uume (mar.10:6) kana garuu seera waaqaas ta'ee seera aadaas aadaan nama ormaa nurraa fudhatee, mana keenyatti dhufee nun mormaa jira. Waliif nahuun ni dhibe, guyyaa guyyaan wal ajjeessuu fi wal-makarsuun ittuma fufaa deeme.abbaaf ilmoon mana tokko keessatti s@yaasaa lama qabu isayyuu s@yaasa mataaf milla hin qabnedha. Akkas akka ta'uuf sababnisaa gaggeesitoota. Uummatni gaggeessaa kan filatuuf birrii ykn gamoo gurguddaa barbaadeetii miti nageenya aadaa, safuu, duudhaa fi walqixxummaa amantii akkasumaas namummaa barbaada.kanaafuu nageenyii dhala namaa qofaaf osoo hin taane bineensa lagaatiif illee ni barbaachisa🙏🙏
QAROOMINA DOOMINAA SIN HAA OOLCHU 🙏🙏
Xiinxalaa keessan😂miti barataa keessan Beekumaa A.
Adoolessa 30/2015

Bu'aan keenya Gadda ta'e😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭  piroofeesera   jedhama. Dhalataa godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayee, ...
04/08/2023

Bu'aan keenya Gadda ta'e😭😭😭😭
😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭
piroofeesera jedhama. Dhalataa godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayee, Bakka addaa dhalalate.Yuuniversiitii Walqixeetti barsiisaa ture. Qormaata kutaa 12ffaa qoruuf Naannoo Amaaraa Yuuniversiitii Gondar deemee ture. Guyyaa kaleessaa Hagayya 3/2023 garee finxaaleyyii Amaaraa Faannoo jedhamaniin ajjeefame.

Gadda onnee nama cabsu Dargaggoon suura isaa argitan kun   Abdataa jedhama. Dhalataa ol-adeemaa fi Aartiin da'imummaan k...
27/07/2023

Gadda onnee nama cabsu Dargaggoon suura isaa argitan kun Abdataa jedhama. Dhalataa ol-adeemaa fi Aartiin da'imummaan keessatti biqile kana haala hin taaneen kichuu kana dhabuun keenya baay'ee nama gaddisiisa .
Lubbuu isaaf jannata😭😭😭😭😭😭

 #  Burreedha!Silaa addunyaan kuniiDachee waaqni diriirseMilkii naamaaf hin laatuToora galchee hiriirseeAkkaa waan gaafa...
15/07/2023

# Burreedha!

Silaa addunyaan kunii
Dachee waaqni diriirse
Milkii naamaaf hin laatu
Toora galchee hiriirsee

Akkaa waan gaafa aaran
Jinniin kosii itti haatuu
Jireenyi Addunyaa kanaa
Tolee Wal hin qixxaatu!

Gaafa tokko gad bu'uu
Gam-tokko tulluuf gaara
Gaafa tokko uffatuu
Isa tokkotu daara

Gaafa inni tokko seequu
Tokkotu guura nyaara
Gaafa tokko gammadu
Inni kaan immoo in aara

Gar-tokkeen dachee kanaa
Kaan gammoojjii kaan baddaa
Gaafan har'a gammaduu
Borii booda Nan gadda!

Hundumtuu daddarbatee
Dabareen na furuursa
Kanaafin aariin guutee
Booruu kiyya budduuksa!

Yogguun suurakee arguOnneetu na tirtiraKutataa qaroo sabaaHaceekoo abbaa firaaAkeekaa bar-egeree Qaalluu dhugummaan raag...
23/06/2023

Yogguun suurakee argu
Onneetu na tirtira
Kutataa qaroo sabaa
Haceekoo abbaa firaa

Akeekaa bar-egeree
Qaalluu dhugummaan raage
Ol-adeemaa guddattu
Qal'ayyoo abbaa gaafuree
Essakoo si fuudhuree?😭😭❣️❣️

Onnee keenya dhiigsitee
Isheen Sumaan si qalte
Maseentuu yaadaaf qalbii
Joortuu akka maraatuu
Bar-jireenyashee guutuu
Qalbidhaan haa maseentu
Dhabbiitti boolla haa seentu
Milkii omaa hin argatiin
Gufuun itti haa baay'atu
Akka onneenkoo dhiige
Onneensaa haa dhaabbatu
😭😭😭😭😭💔💔💔💔💔💔💔

08/06/2023

YAA WAAQ! AKKUMA AMANTII FI SIYAASA ADDA NUUF BAAFTE, BARNOOTAA FI SIYAASA ADDAAN NUUF FOTTOQSI MAALOO😜

malee isin jirtuka warri 👊

11/05/2023

TOKKUMMAAN OROMOO LAGA CEESISA MALEE MANATTI HIN HAMBISU.

×4 💪💪💪💪

Lubbuun kee jannata haa dhaalu goota koo😭😭😭😭
23/04/2023

Lubbuun kee jannata haa dhaalu goota koo😭😭😭😭

Hordoftoonni Amantaa Kiristiyaanaa hundi keessan baga sooma hiikaa Faasikaa bara 2015 ni nagaan geessan ayyaana Gaarii s...
15/04/2023

Hordoftoonni Amantaa Kiristiyaanaa hundi keessan baga sooma hiikaa Faasikaa bara 2015 ni nagaan geessan ayyaana Gaarii siniif haa ta’u.✝️✝️✝️✝️✝️. We learn forgiveness, mercy, brotherhood and love from the Cross of Jesus! To all of christians, happy easter. may God grant us love and forgiveness.

*********************** Dhiifama, araara, obbolummaa fi jaalala Fannoo Yesuus irraa baranna! Kiristaanota hundaaf baga ayyaana Faasikaa geessan. Waaqayyo jaalalaa fi dhiifama nuuf haa kennu.

05/04/2023

WAL-QOODUUN SIRRIIDHAA?
1FFAA
MACCAA FI TUULAMA
Maccaa fi Tuulamni ilmaan Booranaati.Odaa Nabee waliin jiraachaa turan, haa ta'u malee osoo waliin jiraachaa jiranii, daangaa qubsuma saanii babal'ifachuuf jecha, Tuulamni gara bahaatti, macca immoo gara Lixaatti horteesaa babal'ifate. Akkataa kanaan Oromoon hortee hedduu qaba.mee kan obboloota lamaanii haa ilaallu kan Maccaa fi Tuulamaa;-
1,Macca wiirtuusaa Xuuxee Bisil/Odaa Bisil taasifachuun tumaa sirna Gadaasaatii qajeelfachaa ittiin wal-bulchaa.Macca ijoollee hedduu dhalche isaanis
➺Liiban Maccaa
➺Guduruu Maccaa
➺Sayyoo ""
➺Calliyaa ""
➺Noonnoo ""
➺Jaawwii ""
➺Leeqaa ""
➺Sibuu ""
➺Eebantuu ""
➺ Tum'ee "" fi
➺Didhaa(Daallee) Maccaa ti.
Kana malees
➬ Jimma
➬Limmuu
➬Gomma fi
➬ Geeraan illee hortee Maccaati.
Haa ta'u malee sirni gita bittaa yeroo durii obbolaa lamaan akkataa ittin gargar qoodee ittiin cabsu tooftaa lagaan qooduu isa ijoo fi ittiin milkaa’uu godhatee obbolaa lamaan gidduutti kutaan akka qoodaman godhe ittin ilmaan Boorana kana akkasumas ilmaan Oromoo walii walii isaanitiin cabsaa ture.
Kutaa lammafaa isaa akkataa fi qoodaminsa isaan lafa qabachuuf wal irraa fagaatanii diinan diina walitti ta'an waliin ilaalla....

GOOTA ADUWAATU SIDHA!
01/03/2023

GOOTA ADUWAATU SIDHA!

Karra ADUWAA      HACEEKOO  # # #  KOO
28/02/2023

Karra ADUWAA
HACEEKOO
# # # KOO

Uummata keenya   haa Birmannu.🙏🙏🙏Waaqayyoo haa kadhannuuf🙏🙏🙏 Quufni harka waaqa sassata hin qabu waan ta’eef Waaqayyoo h...
25/02/2023

Uummata keenya haa Birmannu.
🙏🙏🙏Waaqayyoo haa kadhannuuf
🙏🙏🙏 Quufni harka waaqa sassata hin qabu waan ta’eef Waaqayyoo haa kadhannuuf.
# qabnuun haa gargaarru.

Nagaan Uummata keenyaaf haa deebi'u🙏🙏

22/02/2023
Qaawwa Finjaala tokko unachaa guyyaa gaarii qabaadhaa.
28/01/2023

Qaawwa Finjaala tokko unachaa guyyaa gaarii qabaadhaa.

03/01/2023

ʜᴀǫᴀ ɴᴀᴍᴀ ʜᴀɴɢᴀ ʜɪɴ ɴʏᴀᴀɴɴᴇᴛᴛɪ
ʜᴀǫᴀ ᴋᴇᴇ ɴᴀᴍɴɪ ɪᴛᴛɪ ʙᴜ'ᴜ ʜɪɴ ᴊɪʀᴜ
ʜᴀǫᴀ ᴋᴇᴇssᴀɴɪɴ ʙᴜʟᴀᴀ!

ʜᴀʟᴋᴀɴ ɢᴀᴀʀɪɪ🙏🙏🙏

Jabaa namaa, hayyuu sabaa kan Gadaa deebisanii beeksisuu keessatti adda dureen qabsaa’aan Abbaa Gadaa duraanii Aagaa Xen...
22/12/2022

Jabaa namaa, hayyuu sabaa kan Gadaa deebisanii beeksisuu keessatti adda dureen qabsaa’aan Abbaa Gadaa duraanii Aagaa Xenxenoo !! Eebba isaanii bareedaa san eenyutu dagata? qabsoo finiinsuu keessattis shoora guddaa taphatan. Duuti hin ooltu, ammas gameessa sabaa dhabne. Biyyoon itti salphatinna. Maatii, firootaafi saba bal’aaf jajjabina hawwina.😭😭

Ofumaan seera tumteeOfumaan seera cabsiteeAkka kormaa lukkuu!!!!
22/12/2022

Ofumaan seera tumtee
Ofumaan seera cabsitee
Akka kormaa lukkuu!!!!

20/12/2022

Seenaa biyya kanaa keessatti kan akka bara kana hedduun jiraatanis kan bara kanaa adda.

Namummaan maaliif badee??

Waaqayyo gaafa Seexana gadi darbate darbate!

07/12/2022

OROMOON WAAQA MALEE
FIRA HIN QABU.




Guyyaan OROMOOF dhufaa jira!!

05/12/2022

keenya muran
keenya muran
keenya muran
keenya muran
Keenya guban.
Mee maaltu isaan hafe😭😭😭
😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭

03/12/2022

Oromoon yoo salphate kan salphise, qaamolee siyaasaa Oromootu Salphise(Art.Haacaaluu Hundeessaa)

Address

Finfinnee
Ambo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Beekumaa Abarraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Beekumaa Abarraa:

Videos

Share



You may also like