05/08/2023
gorii na dubbisi‼️
ADDUNYAAN NI QAROME MOO NI DOOME?‼️
Addunyaa kanarratti waantootni uumaman gaafa to’annaa dhala namaatiin ala ta'an dhalli namaas to'annoo isaan ala ta’eetu waan addunyaarratti isaaf hin malle yaada.kessattuu qaroominni ardii Ameerikaa, Awurooppaa fi Eeeshiyaa sammuu dhala namaa waan gara fuula duraatti bute fakkeessuun sammuu dhala namaa akka oomisha Chaayinaa isa gara biyyoota sichuun guddatanitti ergitu waliin tokko taasise.dhugaa dubbachuuf yoo ta'e qaroominni Kuushii durii qaroomina addunyaa ammaa kana dachaa meeqaan caala. Sababni isaas qaroomina Teekinooloojii fi qaroomina sammuuti. Qaroominni Teekinooloojii ija sammuu dhala namaa jaamsee ija maashinoota dhala namaatiin kalaqamee ifa baasa. Dhalli namaa yeroo ammaa kana sammuu uumaan isaa akka gaarii yaaduuf isaaf kenne dhiiseetu sammuu Teekinooloojiitti fayyadamee jiruu isaa, abboommii Waaqayyoo, fi kkf. balleessaa jira.bara qaroomina Kuush sammuun dhala namaa isuma keessa jira amma garuu sammuun dhala namaa Teekinooloojii keessa jira.yeroo tokko tokkos dhalli namaa ofumaan harka isaan waantota qara qaban tolchee ittiin harkasaa mura, kana yoo hubanne ''albeen abbaan qare abbaa qale'' jedha oromoon.(doomina addunyaaf Sababni qaroomina addunyaati).akka kootti addunyaan qaroomina ofiin fidde itti fayyadamuu kan qabdu qaroominni itti fayyadame,Qaroominni ammayyaa seera uumaa rabbii of keessaa hin qabu kanaaf rakkoo adda hin citne ta'e.qaroominni kuush seera uumaa of keessaa qaba.kanaafuu qaroominni addunyaa qaroo dhala namaa akka barbaaduutti jaamseera.sababni teekinoolojiin dhala namaa seer-uumaa yakkeef seera uumaa waan hin beekneefidha, akkasumas namoonni Teekinooloojii akka waaqayyootti ilaalan waaqni isaanii teekinooloojiidha. Nuti warri uumaa keenya beeknu teekinooloojii addunyaas akka waaqa beeku gochuu qabna akkattis itti fayyadamna.garuu ammayyummaa uumaa keenya hin beekne ni balaaleffanna.
Ammayyummaan addunyaa addunyaaf waanti inni gumaache inni guddaan jibbaa, lola,dhumaati dhala namaa fi wal-waraansa fide.biyyoonni guddatan ofii isaaniif maallaqa isaanii walitti qabatanii teekinooloojiitti fayyadamanii meeshaa waraanaa gurguddaa qopheessuun biyyoota sichuun guddatanitti meeshaa waraanaa isa duraan qaban itti gurguruun akka isaan wal unkuran jajjabeessu,niikularrii Kooriyaa kabaa biyyoota guddatan kana malees kan guddinarra jiraniif addunyaa maratti yaaddoo guddaa uuma.shirri Ameerikaa inni 'white house' keessaa ba'u, waggoota darban keessa Jirmaaf damee(Itoophiyaa fi Tigiraay) mataa waliin dhahaa ture ammas Raashiyaa fi yuukireen mataa waliin reebaa jira.weessoo(hubboo)n dhiigni itti raafamu biyyoota guddachaa jiranii fi hiyyeeyyii keessatidha.dhiiga raafame baaduu isaa kan dhugu biyyoota guddatanidha.rakkoon biyyoota guddachaa jiraniis aadaa biyyoota guddatanii malee aadaa isaanif bakka homaatu hin qaban.aadaan biyya ormaa addaan nama deemsisa malee walitti nama hin deebisu.kana qofaa seetuu wayyoon keessa deebii hin qabne ummata qaroomne ofiin jedhan argachuuf jira. Seera uumaa warri dagate ofiisaas dagateera garuu, ''jalqaba uumamattii waaqayyo dhiira, dubartiis ni uume (mar.10:6) kana garuu seera waaqaas ta'ee seera aadaas aadaan nama ormaa nurraa fudhatee, mana keenyatti dhufee nun mormaa jira. Waliif nahuun ni dhibe, guyyaa guyyaan wal ajjeessuu fi wal-makarsuun ittuma fufaa deeme.abbaaf ilmoon mana tokko keessatti s@yaasaa lama qabu isayyuu s@yaasa mataaf milla hin qabnedha. Akkas akka ta'uuf sababnisaa gaggeesitoota. Uummatni gaggeessaa kan filatuuf birrii ykn gamoo gurguddaa barbaadeetii miti nageenya aadaa, safuu, duudhaa fi walqixxummaa amantii akkasumaas namummaa barbaada.kanaafuu nageenyii dhala namaa qofaaf osoo hin taane bineensa lagaatiif illee ni barbaachisa🙏🙏
QAROOMINA DOOMINAA SIN HAA OOLCHU 🙏🙏
Xiinxalaa keessan😂miti barataa keessan Beekumaa A.
Adoolessa 30/2015