TV Sagalee Dhugaa

TV Sagalee Dhugaa WDB'n guyyuma hundeeffame Onkololessa 14 bara 2004 miidiyaa ittiin ergaa afuuraa uummataaf dabarsu hu https://wdb-eotc.org
(2)

Marii Paanaalii WDB Wiirtuu Baalee suuraadhaan
21/04/2024

Marii Paanaalii WDB Wiirtuu Baalee suuraadhaan

Saganataa WDB Wiirtuu Baalee Itti fufeera.
21/04/2024

Saganataa WDB Wiirtuu Baalee Itti fufeera.

Odeeffannoo amma nu gahenWaldaan Duuka Bu'ootaa Damee Aanaa Lumee Sagantaa Paanaalii qopheessee guyyaa har'aa Eebla 13/2...
21/04/2024

Odeeffannoo amma nu gahen
Waldaan Duuka Bu'ootaa Damee Aanaa Lumee Sagantaa Paanaalii qopheessee guyyaa har'aa Eebla 13/2016 BA Hooteela Yeroosan jedhamuutti geggeessaa tureera.
Haa ta'u Malee jidduudhaan Qaamni Nageenyaa Waragaa Hayyamaa fidaa jechuun Koree Sagantaa kana Qindaassaa turan fi Abban Qabeenyaa Hooteela hayyameef qaama nageenyaan to'atamaniiru
Koree Qaama Nageenyaan to'ataman
✍️Abbuu Nagaash W/Qabaa
✍️Wagaane Fayyisaa I/A/Walitti Qabaa
✍️Gosee Tsaga Odiitiif Inspeekshinii

21/04/2024
TV Sagalee DhugaaBaaleetti argameera.Marii Paanaalii Waldaa Duuka Bu'oota Wiirtuu Baalee/Roobee qophaa'eef.
21/04/2024

TV Sagalee Dhugaa
Baaleetti argameera.
Marii Paanaalii Waldaa Duuka Bu'oota Wiirtuu Baalee/Roobee qophaa'eef.

Miseensonni WDB Wiirtuu Asallaa Mata Duree'Naamusa Kiristaanummaa 'Jedhu irratti Abbootaan Leenjii Fudhachaa jiru.Abbaa ...
20/04/2024

Miseensonni WDB Wiirtuu Asallaa Mata Duree'Naamusa Kiristaanummaa 'Jedhu irratti Abbootaan Leenjii Fudhachaa jiru.
Abbaa Keenya Waaqayyoon Umurii Dheeraa Fayyaa Guutuu Waliin Isiniif Haa Laatu

Monoksummaa(Moloksummaan) maali?Maalif Monokkosu?Monoksee jechi jedhu kun ‘Mon ahos’ kan jedhu jecha Giriik irraa dhufe....
18/04/2024

Monoksummaa(Moloksummaan) maali?Maalif Monokkosu?
Monoksee jechi jedhu kun ‘Mon ahos’ kan jedhu jecha Giriik irraa dhufe. Hiikkan isaas nama kophaa jiraatu jechuudha. Akka kitaaba Monoksootaa irratti ibsames Monoksee jechuun kan addunya irraa fagaate, namarraayis kan adda bahe” jedhamee himameera (Filik meqdim fuula 4).
Baahitaawii(kopheessa) jechuun ammoo kan adda bahe kophaa kan jiraatu jechuudha. Egaa lamaan kuniyyuu kan namootarraa adda bahanii Waaqayyoon tajaajiluuf murteessanidha. Ka`uumsi isaanis kitaaba qulqulluudha. Kitaaba qulqulluun barbaachisummaa wanta hunda dhiisanii Waaqayyoon hordofuu haala armaan gadii kanaan teessisee jira
“Hunduma kan raawwattu ta`uu yoo barbaadde dhaqiitii wanta qabdu hunduma harka qalleeyyotaaf kenni duukaa koo bu`i, galmee kees samiirratti ni argatta,”(Maat 19:21).
Egaa namni hunduma raawwachuuf sadarkaan inni dhumaa wanta qaban hunduma harka qaleeyyiif kennanii qabeenya tokko malee Waaqayyoon tajaajilaa jiraachudha. Karaan monoksummaas kanadha.
Monoksoota bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya. Inni tokko, jireenya isaa keessatti osoo haadha warraa hin horatin, gaa`ela osoo hin raawwatin, dhiiraa fi dubara waliinis walquunamtii qaama saalaa osoo hin raawwatin qeerrummaa isaaniin jireenya isaanii guutuu kan jiraatanidha. Monoksoonni akkasii kun yoo baratan, aangoo diyaaqonummaa irraa hanga phaaphaasitti guddachuun mana kiristaanaa tajaajiluu danda`u.
Monoksoonni isaan lammaaffaan ammoo jalqaba gaa`ela raawwatanii, haati warraa ykn abbaan warraa yoo jalaa du’e(duute) sana booda gaa’ela lammataa raawwachuu dhiisanii warra monokkosan yoo ta`an, namoonni akkasii kun jalqaba aangoo lubummaa qabu yoo tahe,monoksee tahuudhaan lubummaadhan tajaajilu malee hanga aangoo phaaphasumatti kan ol guddatan miti.
Dubartootaaf garuu dubrummaadhaanis jiraatan yookan heerumanii boodas yoo monokkosan aangoon lubummaa kan laatamuf miti. Walumaa gaalatti garuu namni tokko monoksee ta`e yoo jedhamu,qabeenya kan hin kuusanne,bultii kan horanne,jireenya isaas gadaamii keessa namarra adda ta`ee haala addaan kadhannaa fi tajaajila afuurawaatin murtaa`ee kan jiraatu jechuudha.
Seenaa Monoksummaa fi kophummaa jiraachuu keessatti abbootni kanaa gadii kun yeroo hunduma ni yaadatamu.Isaanis
1. Abbaa Phaawulii: Kakuu haaraa keessatti kophaa jiraachuu kana Masriitti kan eegaledha.
2. Abbaa Inxoons (251-356): Isaanis biyyi isaanii Masrii yoo ta’u qoobiin(askeeman) monoksootaa fi uffata monoksee uffachuun isaanin eegalame. Monoksee jalqabaa jedhamaniis beekamu. Abbaa Inxoonsi wanti isaan barsiisan keessaa yeroo hunduma kan yaadatamu “qurxummiin bishaan keessaa bahee fi monokseen kawaala gadi shiisee bahe tokko” jedhu ture.
3. Abbaa Maqaaris guddicha(300-390): Masrii bakka Manuuf jedhamutti dhalatanii jireenya monoksummaa kan babal’isanidha.
4. Abbaa Phaakumis: Masriitti kan dhalatan yemmuu ta`an seera Gadaamii baasudhaanii fi Gadaamii dubartootaa hundeessudhaan beekamu.
Egaa gababbinaan maqaa isaanii kaasuf malee abbootni kun seenaa olaana kan qabanii fi hojii gurguddaa kan hojjatan, kawaalotni isaan hundeessanis hanga ammaatti beekamanidha.
(Madda: Naahii)

WDB Damee Hoolataa Eebbaa Faaruu  H/F/ Walda Sambat  Irratti
17/04/2024

WDB Damee Hoolataa
Eebbaa Faaruu H/F/ Walda Sambat Irratti

Kunimmoo Sagantaa Xoofoo WDB Wiirtuun Sulultaati
15/04/2024

Kunimmoo Sagantaa Xoofoo WDB Wiirtuun Sulultaati

WDB Wiirtuun Wallaggaa Bahaa Guyyaa Kaleessaa Imala Afuuraa Gara MK Baadiyyaatti Taasisuun Kiristaanota naannoo jiran Ja...
15/04/2024

WDB Wiirtuun Wallaggaa Bahaa Guyyaa Kaleessaa Imala Afuuraa Gara MK Baadiyyaatti Taasisuun Kiristaanota naannoo jiran Jajjabeesseera

Imala Afuuraa  WDB Wiirtuun Arsii Gara MK Baadiyyatti Taasise
14/04/2024

Imala Afuuraa WDB Wiirtuun Arsii
Gara MK Baadiyyatti Taasise

Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Wallagga Lixaa. Baga geessan
14/04/2024

Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Wallagga Lixaa. Baga geessan

Imala Afuuraa Guddaa Wiirtuu Arsiin. Dilbdatin haala gaariin iddoo hundatti darbaa jira. Galata Waaqayyoof.
14/04/2024

Imala Afuuraa Guddaa Wiirtuu Arsiin. Dilbdatin haala gaariin iddoo hundatti darbaa jira. Galata Waaqayyoof.

Sagantaa Hundeeffama WDB Qooqaa. Irra Deebiin baga geessan.
14/04/2024

Sagantaa Hundeeffama WDB Qooqaa. Irra Deebiin baga geessan.

Hundeeffama WDB Qooqaa bakka uummanni Kiristaanaa Hedduu argamanitti eegalameera.
14/04/2024

Hundeeffama WDB Qooqaa bakka uummanni Kiristaanaa Hedduu argamanitti eegalameera.

14/04/2024

Hundeeffama WDB Qooqaa

Qooqaatti WDB Hunddaffamasaa Kabajachuuf Qophii Xumureera
13/04/2024

Qooqaatti WDB Hunddaffamasaa Kabajachuuf Qophii Xumureera

Hojii Qajeelummaa  .Waldaa Duuka Bu'oota Dhaabbata barnoota oolanoo Wiirtuu Asallaa Mana Kiristaanaa Qulqulluu Mikaa'eel...
11/04/2024

Hojii Qajeelummaa
.

Waldaa Duuka Bu'oota Dhaabbata barnoota oolanoo Wiirtuu Asallaa Mana Kiristaanaa Qulqulluu Mikaa'eel Asallaa irraatti haalaa kana fakkatun namoota harka qalleyyif Uffataa Miicce Jira.

Imala Duuka Bu'ummaa Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Wallagga Bahaa/ Naqamtee. Warri naannoo sanaa irratti haa hirmaannu.
09/04/2024

Imala Duuka Bu'ummaa Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Wallagga Bahaa/ Naqamtee. Warri naannoo sanaa irratti haa hirmaannu.

Kitaaba Qulqulluu Kakuu Haaraa Baay'inaan ajajuu dandeessu.0977771155 Wiirtuu Muummee
09/04/2024

Kitaaba Qulqulluu Kakuu Haaraa
Baay'inaan ajajuu dandeessu.
0977771155 Wiirtuu Muummee

Faaruu Haaraa Yeroo Dhiyootti. Faarfattoottaa Waldaa Duuka Bu'ootaan.Lafa nagaa oolaa!
09/04/2024

Faaruu Haaraa Yeroo Dhiyootti. Faarfattoottaa Waldaa Duuka Bu'ootaan.
Lafa nagaa oolaa!

Amboo:Torbee Sooma Guddichaa Mana Kiristanaa ishee baadiyyaatti. Miseensonni WDB Wiirtuu Sh/Lixaa manneen kiristaanaa ta...
08/04/2024

Amboo:Torbee Sooma Guddichaa Mana Kiristanaa ishee baadiyyaatti.
Miseensonni WDB Wiirtuu Sh/Lixaa manneen kiristaanaa tajajailaaf addaan qooddachuun tajaajila baadiyyaa mana Kiristaana ishee cufamte, Kiristaanota tajaajila hin argannes dhaqqabsisiuuf waan danda'amu hundaan sochii taasisa jiru. kaleessa gaafa 29/07/2016 gara Altufaa Q/Giyoorgisii fi Kubee Q/Baalawaldiitti imaluun tajaajila barbaachisu kennanii hordoftootas amantiitti jajjabeessanii jiru//

Yaa'ii Afuuraa guddaan guyyoota 3'f WDB damee ammayyaatiin qophaahe milkiin xumurameera
08/04/2024

Yaa'ii Afuuraa guddaan guyyoota 3'f WDB damee ammayyaatiin qophaahe milkiin xumurameera

Yaayyoo: Iluu Abbaa BooraaTorbee 5ffaa Soomaa Gooftaa Tulluu Ejersaa (Debree Zeyiit) sababeffachun imalaa Afuuraa Waldaa...
08/04/2024

Yaayyoo: Iluu Abbaa Booraa
Torbee 5ffaa Soomaa Gooftaa Tulluu Ejersaa (Debree Zeyiit) sababeffachun imalaa Afuuraa Waldaa Dukaa Bu'ootaa Damee Yaayyoo Mana Kiristanaa Qulqulluu Sillasee Abbiyyuutti taasise. Bifaa nama gammachiisuun Kan ademsifame Qiddaseen Afaan Oromootin guutummatti kan taajajilame yoo tahu, barumsaa Waangela fi faaruun dhiyaateera.
29/07/2016

WDB Wiirtuun asallaa kaateederaala fayyisaa addunyaa Asallaatti haala kanaan harqalleeyyii soorata  nyaachisaniiru
08/04/2024

WDB Wiirtuun asallaa kaateederaala fayyisaa addunyaa Asallaatti haala kanaan harqalleeyyii soorata nyaachisaniiru

BookeeHarargee Lixaatti kabaja hundeeffama WDB Damee Bookee Waggaa 3ffaa. Sagantaa kana irratti namoota tajaajila keessa...
08/04/2024

Bookee
Harargee Lixaatti kabaja hundeeffama WDB Damee Bookee Waggaa 3ffaa. Sagantaa kana irratti namoota tajaajila keessatti hirmaachaa turaniif waraqaan ragaa fi akkasuma manneenn kiristaanaaf kennaan kitaabota afuurawaa taasifameera// 29/07/16

Erga WDB Damee LumeeMaqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyo Tokko Ameen!"Walitti qabama keenya hin dhiisnu w...
07/04/2024

Erga WDB Damee Lumee
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyo Tokko Ameen!

"Walitti qabama keenya hin dhiisnu waliin haa mari'annu malee" Ibr. 10:25

Sagantaa Hundeeffamaa fi Baga Nagaan Dhuftanii Miseensota Haaraa

Waldaa Duuka Bu'ootaa Damee Lumeetti Dameen Xiqqaa Qooqaa Dilbata dhufu Ebla 6/2016 guyyaa hundeeffamaa fi miseensota haaraa baga nagaan dhuftanii sababeeffachuun sagantaa afuuraa guddaa waan qopheesseef hundumti keessan maaddii kanarraa akka hirmaattan Maqaa Waaqayyootin affeeramtaniirtu.

➥Iddoo: M/K/T/S/Q/Maariyamii Qooqaa
➥Guyyaa: Ebla 6/2016 sa'aa 3:00-6:00tti

Qoph. WDB Damee Lumeefi Damee Xiqqaa Qooqaa

Isa kanaafisimmoo waaqayyoon ni galateeffannaAanaa Daawuroo Gannaatti Namoonni 38 cuuphamuun mucummaa Sillaasee argatani...
07/04/2024

Isa kanaafisimmoo waaqayyoon ni galateeffanna
Aanaa Daawuroo Gannaatti Namoonni 38 cuuphamuun mucummaa Sillaasee argatani Gara tokkummaa kiristaanotaatti makamaniiru

Waaqayyoo Umurii Keessan Fayyaa Guutuu Waliin Isiniif Haa Dheeressu?? ??  Coop Bank Of OromiaWarra Gujiif Mana Amantaa I...
07/04/2024

Waaqayyoo Umurii Keessan Fayyaa Guutuu Waliin Isiniif Haa Dheeressu

?? ??
Coop Bank Of Oromia
Warra Gujiif Mana Amantaa Ijaaran
Nama Waaqni Eebbise Umrii dheeraa Qabaadha.
"Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!" jedheen."
(Maatewos 5: 16)

Address

Keelloo Masqalaa
Addis Ababa
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when TV Sagalee Dhugaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to TV Sagalee Dhugaa:

Videos

Share

Category



You may also like