TV Labsituu Kiristoos

TV Labsituu Kiristoos Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from TV Labsituu Kiristoos, TV Channel, Kella, Addis Ababa.

AKKAMITTI JIREENYA CUBBUU IRRAA DEEBI'UUN DANDA'AMA?1Yohn 3:4, 1Yoh 5:17, 1Yoh 2:15Namni cubbuu hojjetu seera malee in j...
19/11/2023

AKKAMITTI JIREENYA CUBBUU IRRAA DEEBI'UUN DANDA'AMA?
1Yohn 3:4, 1Yoh 5:17, 1Yoh 2:15
Namni cubbuu hojjetu seera malee in jiraata. Cubbuu hojjechuu jechuun seera malee jiraachuu jechuudha. Cubbuun faallaa sagalee waaqayyooti. Waan gochuu danda'an gochuu dhiisuudha. Cubbuun gocha fi miira. Miirri immoo taatee nu muudateef deebii nuti deebisuu dandeenyudha.
AKKAATAAN ITTIIN CUBBUU IRRAA DEEBI'AN:_
1). Qalbii jijjiirrachuudhaan
Qalbiin namaa bakka gurguddaa 3tti qoodama.
a). Qalbii fayyaa
b). Qalbii dhukkubsataa( miidhamaa)
c) . Qalbii du'aa
Qalbiin dandeettii ittiin waan sirrii fi hamaa gargar baasanidha. Qalbiin miira fi gochaan kan adeemaifamudha.
Miirri namaa bakka gurguddaa 6tti qoodama
1). Miira gammachuu
2). Miira sodaa
3). Miira aarii
4). Miira gaddaa
5). Miira tasgabbii
6). Miira gaabbii
Rom 5:12 Rom 6:13
Qalbii diddiirrannaan gochaa fi miiraan kan adeemsifamudha.
Qalbiin waan gurguddoo 4tti fakkeeffama.
A). Koompaasii
B). Daawwitii ( fuullee) ( of ilaalee)
C). Michuu ( hiriyyaa)
D). Abbaa murtiitti fakkeeffama.
Jireenya ilma namaatiif bu'uurri qalbii isaati. Qalbiin namaa jijjiirramnaan jireenyi namaa guutummaan guutuutti ni jijjiirrama. Namni qalbiisaa jijjiirratu gammadaa jiraata. Miirri cubbuu fi gochaan cubbuu qalbii namaa irra taa'a.
NAMNI YEROO QALBII ISAA JIJJIIRRAATU:_
A). Gammachuun guutama.
B). Ni haara'a
C). Ni jijjiirrama
D). Lammaffaa dhalata
E). Siif dabalama malee sitti hin hir'atu
F). Dhaaltuu mootummaa waaqayyoo ta'a.

keenya follow, like fi share taasisuu hin dagatiinaa!

Youtube, tiktok keenya Tv labsituu kiristoos jettanii galtanii nu hordofuu dandeessu!

18/11/2023
Dilbata fuuldura keenya jiru irratti.Mata Duree:_ Akkamitti jireenya cubbuu irraa deebi'uun danda'ama?Youtube, tiktok ke...
17/11/2023

Dilbata fuuldura keenya jiru irratti.
Mata Duree:_ Akkamitti jireenya cubbuu irraa deebi'uun danda'ama?

Youtube, tiktok keenya Tv Labsistuu Kiristoos jedhattanii galuun nu hordofuu dandeessu!

Sagantaa Fayyinaa Guyyaa Har'aa.  WAAQAYYOO BILLAADHA!“Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, b...
15/11/2023

Sagantaa Fayyinaa Guyyaa Har'aa.
WAAQAYYOO BILLAADHA!

“Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a,”
— Ibr. 4:12

Sagaleen waaqayyoo:_
1). Jiraatadha humna hojjetu of keessaa qaba.
2). Billaadha ni mura.
3).Lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasa.
4). Akeeka garaa namaa qoree farada.

Sagalee waaqayyootti qabamanii jiraachuun gonfoo nama badhaasisa.
“Fayyina akka gonfoo sibiilaatti, sagalee Waaqayyoos akka billaatti, hafuura qulqulluu biraa fudhadhaa!”
— Efe. 6:17
gosa lamatu jira ( Efs 6:17)
1). Gonfoo Ulfinaa fi
2). Gonfoo Qoraattiiti.

keenya follow, like, share taasisuu hin dagatiinaa!

tube, tiktok keenya Tv Labsituu Kiristoos jettanii yoo galtan, tajaajila keenya bal'inaan achirraa argattu.

  Fayyinaa Roobii Boruu Guyyaa Guutuu._ Waaqayyo Ulfinaan Ni Faarfatama._ Sagaleen Waaqayyoo Ni Baratama._ Namoota Rakko...
14/11/2023

Fayyinaa Roobii Boruu Guyyaa Guutuu.

_ Waaqayyo Ulfinaan Ni Faarfatama.
_ Sagaleen Waaqayyoo Ni Baratama.
_ Namoota Rakkoo Adda Addaa Qabaniif Ni Kadhatama.

Buraayyuu, Keellaa taaskii gara Askoo geessu irraan gara kaampii Chaayinaatti 150m kesssa seennee argamna.

keenya bal'inaan hordofuuf page keenya follow, like fi share nuuf taasisaa!

Tube, tiktok keenya Tv Labsituu Kiristoos jettanii galtanii nu hordofuu dandeessu!

Waaqayyo nu gargaaree konfiraansii keenya xumurreerra!ABDIIN KEE SUN AKKA SIIF DHUGOOMU HIN SHAKKIIN!Far. 40¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¹ ...
12/11/2023

Waaqayyo nu gargaaree konfiraansii keenya xumurreerra!
ABDIIN KEE SUN AKKA SIIF DHUGOOMU HIN SHAKKIIN!
Far. 40
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Ani abdii guutuu dhaan Waaqayyoon nan eeggadhe, inni immoo gara kootti jedhee, iyya koos anaaf in dhaga' e.
² Inni boolla huursaa bishaan sodaachisaa keessaa, dhoqqee akka suphee nama qabatu keessaas harkisee na baase; inni miilla koo dhagaa hin sochoone irra anaaf dhaabachiise, ejjennaa koos anaaf in jabeesse,
³ Inni faarfannaa haaraa, isa ani ittiin isa jajadhu afaan koo keessa in kaa’e; baay’een kana arganii isa in sodaatu, waaqayyummaa isaa in amanatu.
_ INNI SI HIDHE SIRRAA HIIKAMA.
_ CABDEE GOLATTI HIN HAFTU SI YAADATA WAAQAYYO.
_ CABA KEE HIN ILAALIIN ABDII GODHADHU.
_ CABUU FI DHIISUUN MUL'ATA MITI, ABDII QABACHUUDHA MUL'ATNI.
_ QARSHII QABAACHUUF DHABUU MITI MUL'ATNI, ABDII QABAACHUUDHA.
WAAN SHAN (5) FILACHUU HIN DANDA'U.
1). ABBA IRRAA DHALATU
2). BIFA
3). GUYYAA DHALOOTAA
4). GUYYAA DU'AA
5). CARRAA
DAAWIT WAAN KEESSA TAA'EE ABDIIDHAAN WAAQAYYO EEGGATE.
1). HUURSAA BISHAAN SODAACHISAA KEESSA TAA'EE
2). DHOQQEE AKKA SUPHEE NAMA QABATU KEESSA TAA'EE

jirtu jiraadhuu eeggadhu siif dhufa lafa raasa abdiin kee.

Follow, share, like taasisaa!
Youtube, tiktok keenya Tv Labsituu Kiristoos jechuun galtanii hordofuu dandeessu!

Waaqayyo nu gargaaree konfiraansii keenya xumurreera.ATI FIXEERA JETTA WAAQAYYO SIIF JALQABA!Luq. 10¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯³⁰ Yesus i...
12/11/2023

Waaqayyo nu gargaaree konfiraansii keenya xumurreera.
ATI FIXEERA JETTA WAAQAYYO SIIF JALQABA!
Luq. 10
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
³⁰ Yesus immoo deebiseefii, "Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gad bu'uu, warra saamtuu afaan bu'e; uffata isaas isa irraa baafatanii, erga reebanii isa butuchanii, du'aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeeman.
³¹ Lubni tokko karaa sana utuu darbuu, namicha yommuu lafatti arge irraa goree darbe.
³² Akkasumas namni gosa Lewwii tokko, iddoo sana dhufee yommuu isa arge, irraa goree darbe.
³³ Namni Samaariyaa tokko garuu, utuu karaa adeemuu achi ga'ee, yommuu isa arge in oo'eef.
³⁴ Itti dhi'aatees, madaa isaa dibataan mucuceessee, daadhii wayniis itti naqee erga hidheefii, horii ofii isaatii yaabee adeemaa ture irra teessisee, mana buufata keessummaatti isa geesse; achittis isa gargaare.


³⁶ Yesus itti fufee, "Egaa jarreen sadan kana keessaa, isa kamtu namicha warra saamtuu afaan bu'e kana akka ofii isaatiitti ilaale sitti fakkaata?" jedhee gaafate.
³⁷ Barsiisaan seeraa sun immoo deebisee "Isa oo'eef' jedhe; Yesus immoo, "Atis dhaqii, akkasuma godhi!" ittiin jedhe.

_ Kanfalamaa keessa jiraatta.
_ Isa ati itti yaadda'aa adeemtu Yesuus xumureera.
Mat. 28
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Sanbanni erga darbee, jalqaba torbaniitti barii [gaafa Sanbataguddaa], Maariyaam isheen Magdalaa fi Maariyaam isheen kaan awwaalicha ilaaluu dhaqan.
² Kunoo, ergamaan gooftichaa waaqa irraa gad bu'ee, dhufee dhagicha balbala awwaalichaa irraa garagalche waan irra taa'eef, socho'i lafaa guddaan isaa ta'e.
³ Bifni isaa akka bakakkaa, uffanni isaas akka cabbii adii ture.
_ Dhagichi si awwaalee ture sun sirraa garagareera.
“Isheen kana irratti dhaqxee nama Waaqayyoo sanatti in himte; inni immoo, "Dhaqiitii dhadhicha ejersaa gurgurii liqii kee baafadhu, isa irraa hafeen immoo atii fi ilmaan kee jiraachuu in dandeessu" jedhe.”
— 2Mot. 4:7

Follow, like, share taasisaa!
Youtube, tiktok keenya Tv Labsituu Kiristoos jechuun galtanii nu hordofuu dandeessu!

TV.labsituu kiristoos
11/11/2023

TV.labsituu kiristoos

11/11/2023
Konfiraansii guyyaa 2ffaaYESUUSIIN QABAA TOLCHI RAKKINNI AKKA DHAGAA SITTI JABAATE KUN IN DAAKAMA!Mat. 27¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯⁵⁷ Yo...
11/11/2023

Konfiraansii guyyaa 2ffaa
YESUUSIIN QABAA TOLCHI RAKKINNI AKKA DHAGAA SITTI JABAATE KUN IN DAAKAMA!
Mat. 27
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁵⁷ Yommuu galgalaa'e sooressi mandara Armaatiyaa, Yoseef jedhamu tokko dhufe; namichi kun ofuma isaatii bartuu Yesus ta'eera.
⁵⁸ Inni Philaaxos bira dhaqee, reeffa Yesus kadhate; kana irratti Philaaxos akka kennamuuf in abboome.
⁵⁹ Yommus Yoseef reefficha fuudhee, wayyaa haarrii quncee talbaa irraa dha'ameen kafanee,
⁶⁰ awwaala isa reefuu ofii isaatiif garaa dhagaa keessatti tolfate keessa kaa'e; dhagaa guddaas gara balbala awwaalichaatti gangalchee, adeeme.
⁶¹ Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam isheen kaanis fuullee awwaalichaa in taa'u turan.
_ CINIINSUU LAFA ITTI DEESSU DHABDE SANAAF BAKKI IN ARGAMA.
_ IFNI GUDDAAN TOKKO QE'EE KEETII BA'A.
_ IN LUBBUU KEE GAADU DU'EERA.
_ WAAQAYYO ISA SI GAADU JALAA SI MILKISA.
_ WAAQAYYO ISA SI RAKKISU RASAASAAN MITI, RAAMMOODHAAN AJJEESA.
_ DIGIRIIN YESUUS KEESSA HIN JIRRE FOORJIDIIDHA.
_ GAA'ILLI YESUUS KEESSA HIN JIRRE KAN BEELLADAATIIN WAL HIN CAALU.

Page keenya follow, like, share taasisaa.
, tiktok keenya Tv Labsituu Kiristoos jedhaatii galaa nu hordofaa!

Konfiraaansii qaama miidhamtootaa fi harka qalleeyyii guyyaa 1ffaaHIN YAADDA'IINAA!'''Kanaafis ani isinittan hima; waa'e...
10/11/2023

Konfiraaansii qaama miidhamtootaa fi harka qalleeyyii guyyaa 1ffaa

HIN YAADDA'IINAA!

'''Kanaafis ani isinittan hima; waa'ee jireenya keessaniif, waan nyaattanii fi [waan dhugdaniif], yookiis dhagna keessaniif waan uffattaniif hin yaadda'inaa! Jireenyi nyaata irra, dhagnis uffata irra guddaa in caala mitii ree?”Mat. 6
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁶ Simbirroota qilleensa keessa balali'an ilaalaa isaan hin facaasan hin haamanis gombisaattis hin galchan; garuu abbaan keessan inni waaqa irraa isaan in soora. Egaa isin immoo isaan irra guddaa hin caaltanii ree?
²⁷ Isin keessaa namni tokko hammam yaadda'u illee, bara jireenya isaatiitti yeroo gabaabaa² dabalachuu kan danda'u jiraa ree?
²⁸ Waa'ee uffataa immoo maaliif yaaddoftu ree? Mee daraaronni bakkee attamitti akka biqilanii guddatan ilaalaa! Isaan hin soqan hin fo'anis.
²⁹ Haa ta'u iyyuu malee, Solomoon mootichi inni ulfina guddaa qaba ture illee, isaan kana keessaa hamma isa tokkoo akka hin uffatin isinittan hima,
³⁰ Egaa Waaqayyo biqiltuu har'a bakkeetti argamee, bor ibiddatti naqamutti akkana bareechee itti uffisa erga ta'ee, isinitti guddaa caalchisee hin uffisuu ree? Isin warra amantiin itti hir'atuu dha malee.


³⁴ Waa'ee boriifis hin yaadda'inaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaadda'atao; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in ga'a" jedhe.
— Mat. 6:25
Luq. 12
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Namoonni hamma wal irra ejjetanitti kumaatama baay'ee ta'anii, yeroo walitti qabamanitti, Yesus duraan dursee bartoota isaatiin, "Raacitii warra Fariisotaa irraa, kana jechuun koos 'Of arguu dhabuu isaanii irraa' of eeggadhaa.


²² Ergasii Yesus bartoota isaatiin, "Kanaafis isinittan hima jireenya keessaniif waan nyaattaniif, yookiis dhagna keessanitti waan uffattaniif hin yaadda'inaa!
²³ Jireenyi nyaata irra guddaa in caala, dhagnis uffata irra guddaa in caala.
²⁴ Qurruu ilaalaa, hin facaasan, hin haamanis; gombisaa hin qaban, gumbiis, garuu Waaqayyo isaan in soora; isin immoo allaattii irra guddaa in caaltu.
²⁵ Isin keessaa namni tokko hammam yaadda'u illee, bara jireenya isaatiitti yeroo gabaabaa⁶ kan dabalachuu danda'u jiraa ree?
²⁶ Egaa waan xinnoo akkasii iyyuu godhachuu erga hin dandeenyee, isa kaaniif maaliif yaaddoftu ree?
²⁷ Daraaronni bakkee attamitti akka biqilanii guddatan ilaalaa! Hin soqan hin fo'anis; haa ta'u iyyuu malee, Solomoon mootichi inni ulfina guddaa qaba ture illee, isaan keessaa hamma isa tokkoo akka hin uffatin isinittan hima.
²⁸ Egaa Waaqayyo biqiltuu har'a bakkeetti argamee, bor ibiddatti nam'utti akkana bareechee itti uffisa erga ta'ee, isinitti immoo hammam caalchisee haa uffisu ree! Isin warra amantiin itti hir'atee dha malee.
²⁹ Isinoo, yaada keessan waan nyaattanii fi waan dhugdan barbaaduutti hin hidhinaa! Yaaddoodhaanis hin dhiphatinaa!
³⁰ Warri biyya lafaa irraa Waaqayyoon hin beekne hundinuu, yaada isaanii isaan kanatti hidhanii jiru; soora kana argachuun akka isin barbaachisu abbaan keessan in beeka.
³¹ Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama" jedhe.

MAALTU JIREENYA ILMOO NAMAA YAADDDESSA?
1). Nyaataaf dhugaatii.
2). Uffannaadha.

Qaama hir'achuun sammuu hir'achuu miti. Jireenyi uffatarra ni caala.

Namoota akkasiirraa tajaajilamuu keenyaaf nuti carraa qabeeyyiidha.
# PAGE KEENYA FOLLOW, LIK& SHARE TAASISAA!
, tiktok, keenya Tv labsituu kiristoos jettanii argachuu dandeessu.

TV.LABSITUU KIRISTOOS BURAYYUU KELLAA GUYYAA 30/2/2016
09/11/2023

TV.LABSITUU KIRISTOOS BURAYYUU KELLAA GUYYAA 30/2/2016

Olmaa Guyyaa 28/2/2016
08/11/2023

Olmaa Guyyaa 28/2/2016

Sagantaa Fayyinaa Roobii boruu irratti.Waaree dura 3:00_7:00 fi Waaree booda 9:00_12:00tti.Sagantaa kanarratti namootaaf...
07/11/2023

Sagantaa Fayyinaa Roobii boruu irratti.
Waaree dura 3:00_7:00 fi Waaree booda 9:00_12:00tti.

Sagantaa kanarratti namootaaf bal'inaan ni kadhatama.

TV.labsiituu kiristoos
05/11/2023

TV.labsiituu kiristoos

Konfiraansii Afuuraa guddaa gaafa guyyaa 30/02/2016 -02/03/2016 waldaa labsituu kiristoos Isa fannifamee Guutuu addunyaa...
04/11/2023

Konfiraansii Afuuraa guddaa gaafa guyyaa 30/02/2016 -02/03/2016 waldaa labsituu kiristoos Isa fannifamee Guutuu addunyaa, keellaatti qophaa'e hundumti keessan irratti argamtanii akka eebba kana irraa hirmaattan jaalala waaqayyoon isin affeerra!

Nagaan waaqayyoo isiniif haa baay'atu!Akkuma baay'een keessan beektan waldaan keenya qaama miidhamtootaa fi harka qallee...
03/11/2023

Nagaan waaqayyoo isiniif haa baay'atu!
Akkuma baay'een keessan beektan waldaan keenya qaama miidhamtootaa fi harka qalleeyyii deggaruun kan beekamtudha. Ammammoo Waldaan keenya Gaafa guyyaa 30/02/2016 _ 02/03/2016tti konfiraansii qaama miidhamtoota qopheessitee jirti. Isaan tajaajiluuf kan qophaa'anis qaama miidhamtoota.
Qaama miidhamtoota kana kan hojii hojjetanii jireenya isaanii jiraachisuu danda'aniif carraa hojii uumuu fi kan hojii hojjechuu hin dandeenyemmoo deeggaruun mul'ata waldichaati. Konfiraansii kanarratti qaama miidhamtoota affeeraan dhaamsa keenya.

Page keenya follow, like, share taasisuu hin dagatiinaa!

Nagaaf araarri Waaqayyoo bakkaafi haala jirtan hundumaa keessatti isiiniif haa ta'u Maatiiwwan Waaqayyoo Akkam jirtu?  a...
31/10/2023

Nagaaf araarri Waaqayyoo bakkaafi haala jirtan hundumaa keessatti isiiniif haa ta'u Maatiiwwan Waaqayyoo Akkam jirtu?

akkuma beekkamu Waldaan keenya Waldaan ,Sagantaa fayyinaa dhaabbataa Guyyaa Roobii yeroo hundumaa;
✅sa'aatii duraa sa'aatii 3:00-7:00 ✅Sa'aatii booddee sa'aatii 9:00-12:00tti akka qabdu ni beektu,Kanaafuu namoonni saganticha irraatti maatii,hiriyyootaa fi namoota rakkoo gara garaa qaban affeeruun hirmaattota sagantichaa akka taatan jaalala Gooftaan isin beeksifna.

“Yesus itti fufee, "Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna.”
“Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu.”

Mat. 11:28-29

Jajjabootaa fi qulqulloota Waaqayyoo jaalalaa fi kabaja nutti agarsiisaa turtan hundaaf Ulfina argadhaa!Addumaan immoo Y...
30/10/2023

Jajjabootaa fi qulqulloota Waaqayyoo jaalalaa fi kabaja nutti agarsiisaa turtan hundaaf Ulfina argadhaa!
Addumaan immoo Yerusaaleem ishii haaraatti qalbii keenya ol buttaniittu, umurii dheeraa jiraadhaa!
_ Namoota karaa hundaan sagantaa kana nu wajjin hirmaachaa turtan ulfaadhaa, galatoomaa isiniin jechuu barbaadna!

Sagantaan Tv labsituu Kiristoos inni dhaabbataan;

Dilbata sagantaa idilee Waaree dura sa'aatii 3:00_ 7:00 fi Waaree booda sagantaa dargaggootaa sa'aatii 9:00_ 12:00

Roobii sagantaa fayyinaa Waaree dura sa'aatii 3:00_ 7:00 fi Waaree booda sa'aatii 9:00_12:00

Sanbata xiqqaa sagantaa daldaaltotaa fi hojjettoota mootummaa waaree booda sa'aatii 9:00_ 12:00

Page keenya follow, like,share taasisuu hin dagatiinaa!

Koonfiraansii keenya guyyaa 3ffaa, waaqayyo nu gargaaree mo'icha guddaan xumurreerra!
29/10/2023

Koonfiraansii keenya guyyaa 3ffaa, waaqayyo nu gargaaree mo'icha guddaan xumurreerra!

Koonfiraansii keenya guyyaa 2ffaa, Waaqayyo  haalaan nu gargaaraa jira!
28/10/2023

Koonfiraansii keenya guyyaa 2ffaa, Waaqayyo haalaan nu gargaaraa jira!

Konfiraansiin keenya guyyaa tokkoffaan akkasiin oole!
27/10/2023

Konfiraansiin keenya guyyaa tokkoffaan akkasiin oole!

Guyyaa 16-18/2/2016
26/10/2023

Guyyaa 16-18/2/2016

Boru ganama sa'aatii 3:00 irraa eegalee, sagantaan keenya guyyaa 3f itti fufa.እግዚአብሔር ይመስገን አንድ ቀን ብቻ ነው የቀረው።Galanni Wa...
26/10/2023

Boru ganama sa'aatii 3:00 irraa eegalee, sagantaan keenya guyyaa 3f itti fufa.

እግዚአብሔር ይመስገን አንድ ቀን ብቻ ነው የቀረው።
Galanni Waaqayyoof haa ta'u guyyaa tokko qofatu hafe.

Saganticha waanti adda isa taassisu.
▶Guyyichatti dhukkubsattootaaf iddoon boqonnaaf kadhataa kophaatti qophaahee jira.
▶Qaama miidhamtootaaf deeggarsi ni taassifama, Macaafni qulqulluun tola namootaaf ni hirama.
▶Waangeelli Mootummaa Waaqayyoo humnaan ni lallabama.
▶Waaqayyo Faarfannaan ni jajama.
▶Biyya,Naannoof Magaalaa keenyaaf ni kadhatama.
▶Hojiin Seexanaa ni diigama.
Kanaaf maatii,firootaaf hiriyyoottan keessan afeeruun hirmaattoota eebba guddicha kanaa akka taatan kabajaaf jaalala guddaan isin beeksifna

Toora miidiyaa hawaasaa keenya hunda jechuunis , fi
taasisuun waamicha kana namootaaf dabarsaa!

The day has arrived.ቀኑ ደርሷል።Only two days left, don't miss it!ሁለት ቀን ብቻ ቀረው፣ አያምልጥዎ!Waaqayyo abaarsa saba keenya qabee j...
25/10/2023

The day has arrived.
ቀኑ ደርሷል።

Only two days left, don't miss it!
ሁለት ቀን ብቻ ቀረው፣ አያምልጥዎ!

Waaqayyo abaarsa saba keenya qabee jiru ni caccabsa.
God will break the curse that has held our nation.
እግዚአብሔር ህዝባችንን የያዘውን እርግማን ያፈርስልን።

Hojiin seexanaa dhaloota keenyarraa ni diigama.
The works of Satan will be destroyed from our generation.
የሰይጣን ስራ ከኛ ትውልድ ይጠፋል።

Ammallee PAGE keenya taasisuun nu hordofaa!

Waldaa labsituu kiristoos  Buraayyuu.
24/10/2023

Waldaa labsituu kiristoos Buraayyuu.

 ! Shaaloom!Maatiiwwan Waaqayyoo fagoof dhihoo jirtan,Konfiraansiin afuuraa guddaan Daldaltootaa fi Hojjettoota Mootumma...
23/10/2023

! Shaaloom!
Maatiiwwan Waaqayyoo fagoof dhihoo jirtan,Konfiraansiin afuuraa guddaan Daldaltootaa fi Hojjettoota Mootummaa Waldaa Labsituu kiristoos Isa fannifame guutuu addunyaan qophaa’ee waan jiruuf,Onkolooleessa 16-18tti,Jimaata Ganaama sa'aatii 3:00 irraa eegaluun guyyoota 3'f kan turu yoo ta'u,Jalqabuuf guyyoota 4 qofaatu hafe.
Saganticha waanti adda isa taassisu.
▶Guyyichatti dhukkubsattootaaf iddoon boqonnaaf kadhataa kophaatti qophaahee jira.
▶Qaama miidhamtootaaf deeggarsi ni taassifama, Macaafni qulqulluun tola namootaaf ni hirama.
▶Waangeelli Mootummaa Waaqayyoo humnaan ni lallabama.
▶Waaqayyo Faarfannaan ni jajama.
▶Biyya,Naannoof Magaalaa keenyaaf ni kadhatama.
▶Hojiin Seexanaa ni diigama.
Kanaaf maatii,firootaaf hiriyyoottan keessan afeeruun hirmaattoota eebba guddicha kanaa akka taatan kabajaaf jaalala guddaan isin beeksifna

Toora miidiyaa hawaasaa keenya hunda jechuunis , fi
, , , gochuun akka nu cinaa dhaabbattan kabajaan isin gaafanna.

Konfiraansiin keenya guyyaa 5 qofatu hafe.Jimaata ganama sa'aatii 3:00 irraa eegala.~Namoota dhukkuba gurguddaa qabaniif...
22/10/2023

Konfiraansiin keenya guyyaa 5 qofatu hafe.
Jimaata ganama sa'aatii 3:00 irraa eegala.

~Namoota dhukkuba gurguddaa qabaniif, iddoon itti boqotanii isaaniif kadhatamu qophaa'eefii jira. Kanaaf namoota hidhaa garagaraa qaban sagantaa kanarratti affeeraa!
_ Waaqayyo abaarsa lafa keenya irraas,Nama keenya irraas ni kaasa.

LABSITUU KIRISTOOS ISA FANNIFAME GUUTUU ADDUNYAA!

keenya taassisaa!

Konfiraansii Hafuuraa Guddaa!     Gaafa Guyyaa 16-18/02/2016 tti kan gaggeeffamu yommuu ta'u, hirmaattota  eebba kanaa a...
20/10/2023

Konfiraansii Hafuuraa Guddaa!
Gaafa Guyyaa 16-18/02/2016 tti kan gaggeeffamu yommuu ta'u, hirmaattota eebba kanaa akka taatan kabajaan isin affeerra!

Page kana gochuu hin dagatinaa!

TV Labsituu Kiristoos
Jimaata Sa'aatii 2:30 irraa jalqabee Waaree Booddees akkasumatti Itti fufa.
Sanbata guyyaa guutuu akkasumas,
Dilbata guyyaa guutuus itti fufa!
IRRAA HIN HAFAMU!

  FAYYINAA GUYYAA BORUU IRRATTI ( 07/02/2016)Roobii  Guyyaa  Guutuu  Yeroo Kadhannaatti!PAGE keenya follow, share fi lik...
17/10/2023

FAYYINAA GUYYAA BORUU IRRATTI ( 07/02/2016)

Roobii Guyyaa Guutuu Yeroo Kadhannaatti!

PAGE keenya follow, share fi like gochuun, hojii babal'isuu wangeelaatti hirmaadhaa!

TV LABSITUU KIRISTOOS!TAAJAAJILA DILBATAA ( Guyyaa 04/02/2016)MACAAFA QULQULLUUJechuun maal jechuudha? Hiikni isaa maal?...
15/10/2023

TV LABSITUU KIRISTOOS!

TAAJAAJILA DILBATAA ( Guyyaa 04/02/2016)

MACAAFA QULQULLUU
Jechuun maal jechuudha? Hiikni isaa maal?
Geggeessaa hahuura waaqayyoon barreeffame.
Jechi "qulqulluu" jedhu kun jecha Gi'iizii irraa dhufe.
Hiikni isaa:_
1). Qulqulleessaa jechuudha.
2). Ulfeessaa ( Ulfina) kennaa jechuudha.
3). Olqabaa jechuudha.
4). Adda baasaa ( seecca'aa) jechuudha.
■Qulqulluu jechuun durumaanuu xurii kan hin qabne jechuudha. Qulqullaa'e jechuun immoo dura xurii qaba ture, garuu amma qulqullaa'e jechuudha.
Sagalee waaqayyoo fi namni sagalee waaqayyoo tajaajilu tokko miti.
Sagalee Waaqayyoo jechuun missiraachoo ( oduu gammichiisaa) jechuudha.
□Kaayyoon sagalee waaqayyoo:_
1). Argama Uumama hundaa kan ibsu.
2). Namni du'a barabaraa jalaa akka bahuuf, kallattii agarsiisa
MAACAFNI QULQULLUUN FAAYIDAAN ISAA MAALI?
1). Lammaffaa dhalachuun mucaa waaqayyoo ta'uu ofii mirkaneeffachuuf.
HoE 17:11
2). Isa waaqayyorraa dhufuu fi isa namarraa dhufu addaan baasuudhaaf nu gargaara.
MACAAFNI QULQULLUUN MAALITTI FAKKEEFFAMA?
1). Ibsaa (Dukkana ibsa) Far 119:105
2) Burruusa ( Kattaa caccabsa) Erm 23:29
3). Nyaata (Beela baasa) . Kes 8:3
4). Aannan ( Ni qabbanaa'a) 1Phe
5). Damma ( Ni mi'aawa) Far 119:103
6) Ibidda (In guba).
7). Bishaan ( Ni jiraachisa).
8). Of ilaalee ( Of agarsiisa).
9).Billaadha ( Ni mura) Efs 6:17
10). Sanyiidha( Facaafama) Luq 8:5
TV PREACHING CHRIST!

SUNDAY SERVICE ( 04/02/2016)

What does it mean to be a BIBLE? What is the meaning of it? Written by the Spirit of God. The word "holy" comes from a Greek word. Meaning:_
1). It means cleansing.
2). It means to give glory ( Glory).
3). It means upwards.
4). It means identify ( filter).
■Clean already means spotless. Cleaned means that he was dirty before, but now he is clean. The Word of God and the person who serves the Word of God are not the same. The Word of God means gospel ( good news).
□The purpose of the Word of God:_
1). Describing the presence of all Creation.
2). It shows the direction for man to escape eternal death.
WHAT IS THE USE OF THE BIBLE?
1). To be born again to prove yourself a child of God. Acts 17:11
2). It helps us to distinguish between what comes from God and what comes from man.
WHAT IS THE BIBLE LIKE?

1). Light (Illuminates the Darkness) Ps 119:105
2) Breaks ( Breaks the Rock) Jer 23:29
3). Food (Removes hunger) Ex 8:3
4). Milk ( It will cool) 1Phe
5). Honey ( Is sweet) Ps 119:103
6). Fire (It burns).
7). Water ( It gives life).
8). He looks at himself ( He shows himself).
9).It is a sword ( It cuts) Eph 6:17
10). It is the seed( Sowing) Luke 8:5

የቴሌቪዥን ስብከት ክርስቶስ!
የእሁድ አገልግሎት ( 04/02/2016)

መጽሐፍ ቅዱስ መሆን ምን ማለት ነው? ትርጉሙ ምንድን ነው? በእግዚአብሔር መንፈስ የተጻፈ። “ቅዱስ” የሚለው ቃል የመጣው ከግሪክ ቃል ነው። ትርጉም፡_
1) መንጻት ማለት ነው።
2) ክብር መስጠት (ክብር) ማለት ነው።
3) ወደላይ ማለት ነው።
4) መለየት (ማጣሪያ) ማለት ነው።
■ንፁህ ማለት ነውር የለሽ ማለት ነው። ጸድቷል ማለት ቀደም ሲል ቆሽሾ ነበር, አሁን ግን ንጹሕ ሆኗል. የእግዚአብሔር ቃል እና የእግዚአብሔርን ቃል የሚያገለግል ሰው አንድ አይነት አይደለም። የእግዚአብሔር ቃል ማለት ወንጌል (ምሥራች) ማለት ነው።
□ የእግዚአብሔር ቃል ዓላማ፡_
1) የሁሉንም ፍጥረት መኖር መግለጽ።
2) ሰው ከዘላለም ሞት የሚያመልጥበትን አቅጣጫ ያሳያል። የመጽሐፍ ቅዱስ ጥቅም ምንድን ነው?
1) የእግዚአብሔር ልጅ መሆንህን ለማረጋገጥ ዳግመኛ መወለድ። የሐዋርያት ሥራ 17፡11
2) ከእግዚአብሔር የሆነውንና ከሰው የሆነውን ለመለየት ይረዳናል። መጽሐፍ ቅዱስ ምን ይመስላል?
1) ብርሃን (ጨለማን ያበራል) መዝ 119፡105
2) ይሰብራል (ዓለቱን ይሰብራል) ኤር 23፡29
3)። ምግብ (ረሃብን ያስወግዳል) ዘፀ 8፡3
4)። ወተት (ይቀዘቅዛል) 1 Phe
5). ማር (ጣፋጭ ነው) መዝ 119፡103
6)። እሳት (ይቃጠላል).
7) ውሃ (ሕይወትን ይሰጣል)።
8) ራሱን ይመለከታል (ራሱን ያሳያል)።
9) ሰይፍ ነው (ይቆርጣል) ኤፌ 6፡17
10)። ዘሩ ነው (መዝራት) ሉቃ 8፡5

#ገጽ ይከታተሉ፣ ላይክ እና ሼር ያድርጉ!

Follow, like and share!

Follow, like fi share taasisuu hin dagatiinaa!

Amantoota Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee hundaaf.●Konfiraraansii Afuuraa Guddaa,  Daldaaltotaa Fi Hojjettoota Mootummaatii...
14/10/2023

Amantoota Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee hundaaf.
●Konfiraraansii Afuuraa Guddaa, Daldaaltotaa Fi Hojjettoota Mootummaatiin Qophaa'e.

Guyyaa 16_ 18/02/ 2016

• Waaqayyo abaarsa ni caccabsa.
• Eebbaan harka namootaa ni qaqabata!
• Guyyaa kanatti macaafni qulqulluun tola namootaaf ni hirama.

_ Wangeelli mootummaa waaqayyoo humnaan ni lallabama.
_ Waaqayyo ulfinaan ni faarfatama.
_ Waaqayyo inni ulfinaan guutuun ni kadhatama.
□Namoota qaama hir'uuf gargaarsa ni taasifna.
keenya follow, share & like taasisuun hojii waaqayyoo nu wajjin babal'isaa!

ለገፋርሳ ጉጄ ወረዳ ምእመናን በሙሉ።

●በነጋዴዎችና በመንግስት ሰራተኞች የተዘጋጀ ታላቅ መንፈሳዊ ጉባኤ።

ቀን 16_ 18/02/2016

• እግዚአብሔር እርግማን ያፈርሳል።
• በረከት በሰዎች እጅ ይደርሳል!
• መጽሐፍ ቅዱሶች በዚህ ቀን በነፃ ይሰራጫሉ።
_የእግዚአብሔር መንግሥት ወንጌል በኃይል ይሰበካል።
_እግዚአብሔር የተመሰገነ ነው።
_ ክብርን የሞላበት አምላክ ይጸልያል።
□አካል ጉዳተኞችን እንረዳለን።
የእግዚአብሄርን ስራ ከእኛ ጋር ለማዳረስ ፔጃችንን ይከተሉ፣ ሼር እና ላይክ ያድርጉ!

To all the believers of Gafarsa Gujee District.
●Great Spiritual Conference, Organized by Businessmen and Government Employees.
Date 16_ 18/02/ 2016

•God will break the curse.
•Blessings will reach people's hands!
• Bibles will be distributed free of charge on this day.
_ The gospel of the kingdom of God will be preached with power.
_ God is gloriously praised.
_ God, who is full of glory, is prayed to.
□We provide assistance to people with disabilities.

Follow, share & like our to spread God's work with us!

Sagantaan Guyyaa Sanbataa Akkuma itti fufetti Jira Guyyaa 04/2/2016 Hirmaattuu Eebba Kanaa Ta'aa!
13/10/2023

Sagantaan Guyyaa Sanbataa Akkuma itti fufetti Jira
Guyyaa 04/2/2016
Hirmaattuu Eebba Kanaa Ta'aa!

SAGANTAA FAYYINAA GUYYAA HAR'AA (30/01/2016)Mata_duree:_ YAADA NAMA HAMAA FI SUMMII BOFAA (HoE 28:1-5)~ Paawuloosii fi i...
11/10/2023

SAGANTAA FAYYINAA GUYYAA HAR'AA (30/01/2016)

Mata_duree:_ YAADA NAMA HAMAA FI SUMMII BOFAA (HoE 28:1-5)

~ Paawuloosii fi imaltootni isa wajjin jiran galgaloota gidiraa baay'ee, miidhama qorraa, bubbee galaanarraa fi bishaaniin nyaatamuu erga oolanii booda biyya Malaaxiyaatti dhaamocha dabarfachuuf jecha ibidda qabsiifatan.
~ Qoraan ibidda ittiin bobeeffachuuf walitti qaban keessaa bofti hadhaa'aa qabu, ho'a ibiddaa utuu baqatuu Paawuloosiin hidde.
Paawuloos hiddamus summiin bofaa isa hin miine, boficha qabee ibiddatti gadi hurgufe malee.

~ Jechi nama hamaas akka summii bofaati.
Jechi hamaa fi summiin bofaa si hidduu danda'a, garuu si ajjeessuu hin danda'u.
Amma badda amma duuta utuu jedhanii jiraatta.
● Isa si hidde ibiddatti hurgufi. Qorichi diina keetii Ibidda.
● Akka sitti hammaatuuf eegamaa jirta yoo ta'eyyuu, Sitti hin hammaatu. Waan hiddamteef hin duutu.

Bofti tokko nama hidde taanaan mallattoon nama irratti argamu:_
1). Dhaqni namaa ni dhiita'a.
Amma of wallaalee lafa dha'a jedhanii eegaa jiru, inni garuu isa isa hidde qabee gad hurgufe.
Du'a Paawuloos eegaa kan turan warra yaada gaarii isaaf hin qabne turan. Kun nama gumaati jedhanii warra maqaa isa balleessanidha.
yaada hamaa irratti eegaa turantu, waaqayyo arraba jijjiiirraan kun waaqayyo keessaa isa tokko jechuun maqaasaa jijjiirran. Yaadni hamaan garaa namaa keessaa akka summii bofaati.
Rakkisaa kee alatti baaftee hin darbatiin, abiddatti gad darbadhu.
YAADA HAMAA WAA SADI (3) PAAWULOOS IRRATTI EEGAA TURAN.
a). Dhiita'uu isaa eegu turan.
b). Lafa dhahuu isaa eegu turan.
c). Du'uu isaa eegu turan.

Namni bofni hidde:_
a). NI boo'a.
b). Ni gorora.
c). Ni dhiiga.
d). Ni dhiita'a.
e). Ni kufa.
f). Ni du'a.
#3. Warri du'a kee labsan faallasaa gaarummaa kee labsu.
Jechi nama hamaa irra qaamaatti garuu, summiin bofaa keessa dhaqna namaatti.

keenya follow, like & share taasisuun hojii waaqayyootti nu wajjin hirmaadhaa.

የዛሬው የድኅነት መርሃ ግብር (30/01/2016)
ጭብጥ፡- የክፉ ሰው አሳብና የእባብ መርዝ (የሐዋርያት ሥራ 28፡1-5)

~ ጳውሎስና ጓደኞቹ ብዙ ምሽቶች በመከራ፣ በብርድ፣ በባሕር ማዕበልና በውኃ ተሠቃዩ፣ ከተበሉም በኋላ ተቀመጡ። መልእክት ለማስተላለፍ እሳት ወደ ማላያ።
~ እሳት ሊነድ ከሰበሰቡት እንጨት የወጣ መርዘኛ እባብ ጳውሎስ ከእሳቱ ሙቀት አምልጦ አስሮታል። ጳውሎስ ታስሮ ነበር ነገር ግን የእባቡ መርዝ አልጎዳውም፤ እርሱ ግን እባቡን ይዞ ወደ እሳቱ ወረወረው።
~ የክፉዎች ቃል እንደ እባብ መርዝ ነው። መጥፎ ቃላት እና የእባብ መርዝ ሊያስሩህ ይችላሉ ነገር ግን ሊገድሉህ አይችሉም። አሁን ትሞታለህ ካሉ ትኖራለህ።
● ያሰረችሁን ወደ እሳት ጣሉት። ለጠላትህ መድኃኒቱ እሳት ነው።
● የባሰ ይሆናል ተብሎ ቢጠበቅም የከፋ አይሆንም።
ስለታሰርክ አትሞትም። የእባብ ንክሻ ምልክቶች፡_
1)። ሰውነቱ አብጦ ነው። አሁን ንቃተ ህሊናውን አጥፍቶ መሬት ላይ ይወድቃል ብለው እየጠበቁት ነበር፣ እሱ ግን ያሰረውን ይዞ ጣለው። የጳውሎስን ሞት የሚጠባበቁት ለእርሱ ምንም ዓይነት በጎ ሐሳብ ያልነበራቸው ናቸው። ነፍሰ ገዳይ እያሉ ስም የሚያጠፉት እነሱ ናቸው።
#እነዚሁ ክፉውን ሃሳብ ሲጠባበቁ የነበሩት ይህ አንደበት ቀያሪ ከአማልክት አንዱ ነው ብለው የአምላኩን ስም ቀየሩ። በልብ ውስጥ ያለው ክፉ ሐሳብ እንደ እባብ መርዝ ነው። የሚያሠቃይህን ወደ ውጭ አትጣለው ነገር ግን ወደ እሳት ጣልው። ከጳውሎስ ሦስት (3) ነገሮች የሚጠበቁት ክፉ አስተያየቶች።
ሀ) እስኪያብጥ ይጠብቁ ነበር።
ለ) መሬት እስኪመታ ጠበቁት።
ሐ) ይሞታል ብለው ጠበቁት።

በእባብ የተነደፈ ሰው፡_
ሀ)። እያለቀሰ ነው።
ለ) ጎራራ ነው።
ሐ) ያደማል።
መ) ሊያብጥ ነው።
ሠ) ሞት ነው። እየሞተ ነው።

#3. ሞትህን የሚያውጁ የቸርነትህን ተቃራኒ ያውጃሉ። የክፉ ሰው ቃል በሥጋ ነው የእባብ መርዝ ግን በሥጋ ነው።

የእግዚአብሄርን ስራ ለመቀላቀል ፔጃችንን ላይክ እና ሼር ያድርጉ።

TODAY'S SALVATION PROGRAM (30/01/2016)
Theme:_ THE THOUGHTS OF THE WICKED MAN AND THE POISON OF THE SERPENT (Acts 28:1-5)

~ Paul and the travelers with him suffered many evenings of suffering, injuries from the cold, storms at sea and water after being eaten, they set fire to Malaya to convey a message.
~ A poisonous snake from the wood they had gathered to make a fire, bound Paul as he escaped the heat of the fire. Paul was bound but the venom of the snake did not harm him, but he grabbed the snake and threw it into the fire.
~ The words of the wicked are like the poison of a snake. Bad words and snake venom can bind you, but they can't kill you. You live if they say you will die now.
● Throw the one who tied you to the fire. The cure for your enemy is Fire.
● Even if you are expected to get worse, it won't get worse. You will not die because you are imprisoned. The signs of a snake bite are:_
1). The body is swollen. Now they were expecting him to lose consciousness and fall to the ground, but he grabbed the one who had tied him up and threw him down. Those who were waiting for Paul's death were those who had no good intentions for him. They are the ones who defame him as a murderer.
same ones who were waiting on the evil idea, changed the name of the god by saying that this tongue-changer is one of the gods. Evil thoughts in the heart are like the poison of a snake. Do not throw your tormentor outside, but throw him into the fire.
EVIL OPINIONS EXPECTED THREE (3) THINGS FROM PAUL.
a). They would wait for it to swell. b). They waited for him to hit the ground.
c). They expected him to die.

A person who is bitten by a snake:_
a). HE'S crying.
b). It's gorora.
c). It bleeds.
d). It's going to swell.
e). It's death.
f). He's dying.

#3. Those who proclaim your death proclaim the opposite of your goodness. The words of a wicked man are in the body, but the ven

SAGANTAA FAYYINAAGuyyaa 30/1/2016 Roobii boruu ganama sa'aatii 3:00 hanga 7:00 tti. _ dhukkubsattootaaf ni kadhatama._ N...
10/10/2023

SAGANTAA FAYYINAA
Guyyaa 30/1/2016
Roobii boruu ganama sa'aatii 3:00 hanga 7:00 tti. _ dhukkubsattootaaf ni kadhatama.
_ Namoota hojii hin qabneef ni kadhatama. _Rakkoo keessaniif waaqayyoo furmaata laata.

koottaa hirmaattuu sagalee waaqayyoo ta'aa!

SUNDAY SURVICE (27/01/2016)Mata-duree:- WAAQAYYOOF KARAA TOLCHAA( Mat 13, Mat 11 fi Isa40:3Barsiifni Yohaannis cuuphaa i...
09/10/2023

SUNDAY SURVICE (27/01/2016)
Mata-duree:- WAAQAYYOOF KARAA TOLCHAA( Mat 13, Mat 11 fi Isa40:3
Barsiifni Yohaannis cuuphaa inni hangafaa namni waaqayyoof akka karaa tolchu ture. Waaqayyoof karaa tolchuu jechuun karaa waaqayyo irra adeemu wal qixxeesuu jechuudha. Karaa biraatiin immoo lapheen dhalootaa kiristoosiif akka bulu taasisuu jechuudha. Haalonni jireenya namaa lafarra harkifataa kan inni ta’uuf, kiristoos gara namaa akka dhufuuf baay’een isaa kan eeyyamu miti. Kiristoos gara keenya dhufuudhaaf daandiin wal qixxaachuu qaba. Kaayyoon nuti gara walitti qabama amantootaa deemnuuf:-
_ Dhukkuba irraa fayyuuf qofa miti
_ Wanta barbaadnu argannee galuuf qofa miti.
_ Kiristoosiin giddu galeessa jireenya keenyaa godhannee jiraachuuf malee.
Giddu galeessa jireenya keessanii kiristoosiin taasifannaan mootummaan waaqayyoo kan keessani. Bara jirru kana keessatti dubbii sagalee waaqayyoo dubbachaa jiraanna taanaan nuti dhugaa beekna jechuudha, yoos immoo boquu gad qabattanii hin jiraattan.
KEENYA NI GURGURRA TAANAAN:-
Jooraa hafna.
Eesawu hangafummaa isaa buddeeniin jijjiire. Dhugaasaa faayidaa yartuudhaan gurgure. Kristoos hangafummaa keessani. Har’a faayidaa yerootiin kiristoos gurguraa jirtuu? Kiristoosiin maaltu isin harkaa fudhachaa jira? Dhugaan hoo kiristoosii dhugaa eessatti gurgurtee jirta?
FIL 2:5-11
Yaadni garaa Kiristoos qaba ture maali?
Kiristoos bara fooniin lafarra jiraachaa turetti:-
Gara dhiifamaa qaba.
Gad deebi’ootatti michoome
Fedha isaa abbaa isaa keessa dhokse.
Abboommamaa ta’e

PREPARING THE WAY FOR GOD( Mat 13, Mat 11 and Isa 40:3 )
The main teaching of John the Baptist was that man should prepare the way for God .In other words, it means to make the heart of the generation submit to Christ.The circumstances of human life on earth are so slow that many do not allow Christ to come to man. The path must be level for Christ to come to us for believers to go:-
_ Not just to be healed of disease _ Not just to get what we want in.
_ But to live with Christ at the center of our lives. If you make Christ the center of your life, the kingdom of God is yours it means we know the truth, and then you won't be holding your breath down. Esau exchanged his birthright for bread. He sold his truth for a small profit. Christ is your firstborn. Are you selling Christ for the benefit of time today? What is taking Christ away from you? Where have you really sold the true Christ?
PHIL 2:5-11 What was the mind of Christ? Christ during His physical life on earth:-
_ He has a forgiving heart.
_ He befriended the humble
_ Hid his will in his father and
_ He became obedient

የእግዚአብሔርን መንገድ ማዘጋጀት (ማቴ 13፣ ማቴ 11 እና ኢሳ 40፡3)

የመጥምቁ ዮሐንስ ዋና ትምህርት ሰው ለእግዚአብሔር መንገድ ማዘጋጀት እንዳለበት ነው። የትውልድ ልብ ለክርስቶስ ይገዛል። በምድር ላይ ያለው የሰው ሕይወት ሁኔታ በጣም አዝጋሚ በመሆኑ ብዙዎች ክርስቶስ ወደ ሰው እንዲመጣ አይፈቅዱም። አማኞች እንዲሄዱ ክርስቶስ ወደ እኛ እንዲመጣ መንገዱ ደረጃ መሆን አለበት፡-
_ ከበሽታ ለመፈወስ ብቻ ሳይሆን የምንፈልገውን ለማግኘት ብቻ ሳይሆን
_ በሕይወታችን ማእከል ከክርስቶስ ጋር ለመኖር ነው። ክርስቶስን የሕይወታችሁ ማዕከል ካደረጋችሁት፣ የእግዚአብሔር መንግሥት ያንተ ናት ማለት እውነትን እናውቃለን፣ ያኔ እስትንፋስህን አትዘጋም። ኤሳው ብኩርናውን በእንጀራ ለወጠው። እውነትን በትንሽ ትርፍ ሸጠ። ክርስቶስ የበኩር ልጅህ ነው። ዛሬ ክርስቶስን የምትሸጠው ለጊዜ ጥቅም ነው? ክርስቶስን ከአንተ የሚወስደው ምንድን ነው? እውነተኛውን ክርስቶስን የት ሸጣችሁት?
ፊልጵ 2፡5-11 የክርስቶስ አስተሳሰብ ምን ነበር? ክርስቶስ በምድር በሥጋዊ ሕይወቱ፡-
_ ይቅር ባይ ልብ አለው።
_ ትሑታንን ወዳጀ
_ ፈቃዱን በአባቱ ደበቀ እና
_ ታዛዥ ሆነ.

keenya follow, like and share taasisuun nu wajjin hojii waaqayyootti hirmaadha.

Address

Kella
Addis Ababa

Telephone

+251980000052

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when TV Labsituu Kiristoos posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category



You may also like