Shagar Post

Shagar Post GREAT KUSH
(3)

Lataa Qana'ii AagaaMootii Moototaa Walaloo
25/12/2022

Lataa Qana'ii Aagaa

Mootii Moototaa Walaloo

Abbaa Gadaa duraanii, yuuba Aagaa Xanxanoo du’aan addunyaa kanarraa boqotanii jiru! Waaqni lubbuusaanii jannata haa qana...
22/12/2022

Abbaa Gadaa duraanii, yuuba Aagaa Xanxanoo du’aan addunyaa kanarraa boqotanii jiru!

Waaqni lubbuusaanii jannata haa qanansiisu!

Seenaa  Jawar Mohammed                     Kutaa 1Jawar Mohammed kan dhalate bara 1985A.L.A Godina Arsii gara Daangaa Ha...
21/12/2022

Seenaa Jawar Mohammed
Kutaa 1
Jawar Mohammed kan dhalate bara 1985A.L.A Godina Arsii gara Daangaa Harargeedhaan waldaangessu magaalaa xiqqoo Dhummuugaa jedhamtutti dhalate. Naannoo Dhummuugaa kan jiraatu ummanni gara dhibbeentaa 90(90%) hordoftoota Amantii Musliimaa yommuu ta’an, dhibbeentaan 10 hafe immoo hordoftoota amantii garagaraati. Haa tahuu malee Dargaggeessi qaroon Oromoo kun Maatii amantiidhaan walmakaa(Abbaadhaan Musliimaafi haadha Kiristaana) irraa dhalate.
Haalli kun Dargaggeessi gameessi kun umrii dargaggummaasaatti muudannoo jireenya hawaasummaa adda addaa kan itti qorame akka tahe dubbata. Akkasumas, haalli sun; Jawar, Hariiroo walitti dhufeenyaafi waliin jiraanya hawaasa maatii amantiiwwan garagaraa hubaachuu keessatti carraa guddaa akka uumeef, akkasumas yeroo fudhatee yeroo adda addaatti amantii dhuunfaasaatiyyuu murteessuuf karaa qabsiisuuf akka yaadeefi kunis waliin jireenya dhuunfaasaafi hawaasummaatiif, akkasumas obsa horachuuf hangam akka isa gargaare hima.
Jawar hanga umriin isaa barnootaaf gahuufi asuma Magaalaa Dhummuugaa jiraate.Umrii dargaggummaan Dhummuugaa jiraate keessatti akkuma dargaggoota kaawwanii Hangafootaafi maanguddoota waliin kan dabarsu akka taheefi sababni dargaggootni naannoo dhummuugaa Hangafootaafi Manguddoota waliin yeroo dheeraa dabarsaniif Beekumsa irraa argachuufi bilchina hangafootaa dhaaluuf akka tahe dubbata Leencichi Jawar Mohammed.
Haaluma walfakkaatuun Dargaggoon Jawaris Seenaa, Seera, Aadaafi Duudhaa, Safuufi Siyaasa Akaakayyuu(Abbaa abbaa isaa) irraa fi hangafootasaa irraa akka barate dubbata. Haala kanaan Dargaggeessi gameessi Jawar akka jedhutti, Hubannoofi Muuxannoo Abbaafi Akaakoo isaa waliin madaalee, Akaakoon abbaa isaa immoo isaan kanneen caala akka dargaggoo gorsuufi gahoomsuu danda’an tilmaama isaa kaaya. Hayyuun gameessi Jawar, akka jedhutti “Dhaaloota baroota jahaatamootafi torbaatamoota keessa turaniif, Dinqisiifannaafi Kabaaja Guddaa akka qabuufi, Ummanni sun ummata tattaafataa, ofittoo kan hin taaneefi itti gaafatamummaadhaan kan socho’an” akka ta’an akka amanu dubbata.

TEEWDIROOSII FI DALAGAA ISAAKUTAA 2FFAA°°°°°°°°°°°°°°°°°°Adeemsa bara sanaa keessatti Teewdiroos mootittii Ingilizii Vik...
18/12/2022

TEEWDIROOSII FI DALAGAA ISAA
KUTAA 2FFAA
°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Adeemsa bara sanaa keessatti Teewdiroos mootittii Ingilizii Viktooriyaa irraa gargaarsa meeshaa argachuun, lafa Oromoo walloo qabachuuf baroota 1960 keessa sochii taasiseen, ummanni Oromoo Walloo wal ijaaruun itti duulee ofirraa dhorkaa akka ture ni himama. Sagantaan jala deemtotaaf ilmaan habashaa baafatanii socho’an yoo amantaa Kiristaanaa fudhachuu dide ajjeessuuf saamuu, yoo afaan Amaaraa dhiisee afaan biraa dubbate arraba muruuf yakkoota suukanneessu irraan gahuun daangaa bal’ifachuu kan jettu akka ture ifaadha. Kana gaafan kaasu sagantaan habashootaa wal fakkaataa akka ta’e akka ummanni keenya hubachuu qabuufi.
Teewdiroos Ilma habashaa Oromoo irratti yakkoota hamaa raawwataa tureedha. Yakka isaa kanaan ilmaan Oromoo hedduun araddaaf qabeenya dhabaniiru. Qe’een Oromoo hedduus saamameera. Ajjeechaa suukanneessaa inni Oromoo irratti godheen, Kitilaan ilmaan Oromoo biyyoon qorkee nyaateera. Ilma habashaa dhiiga Oromoo buusuutti boqotu kana kanneen faarsan jiraatanis, yakka isaa kaleessaan hambaan ilmaan kaleessa inni qaama saalaaf morma, harkaaf miila muree abiddatti darbaa tureen ni kulkulfanna. Teewdiroos gara jabeessa yakkamaa sanyii namaa balleessaa tureedha. Oromoo akka namatti ilaalee kan hin beekne yoo ta’u akkuma bineensatti ilaalullee garaa laafeefii hin beeku. Ilmaan Oromoof cunqurfamtoota kaawwan Kumaatamaan lakkaahaman ukkaanfamanii fannifamanii gaafa du’an nama gammadu ture. Sagantaawwan isaa kiristaanummaa babal’isuuf sirna habashaa ijaaruu keessatti ilmaan Oromoo jaarsa, jaartii, da’imaaf guddaa, dhiiraa fi shamara Oromoo walitti qabee
abiddaan gubee Qileetti nama darbataa kan ture ta’uu seenaan ni raaga.
kutaa 3ffaan itti fufa

░K░U░T░A░A░░1░F░F░A░A░𝐆𝐨𝐨𝐭𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐀𝐛𝐢𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐆𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐀𝐛𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐆𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐝𝐮𝐮𝐥𝐚𝐚 (𝐦𝐨𝐨𝐭𝐢𝐢 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧𝐢𝐬 𝐧𝐢 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐚𝐦𝐚) 𝐮𝐦𝐦𝐚𝐭𝐚 ...
18/12/2022

░K░U░T░A░A░░1░F░F░A░A░
𝐆𝐨𝐨𝐭𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐀𝐛𝐢𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐆𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚

𝐀𝐛𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐆𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐝𝐮𝐮𝐥𝐚𝐚 (𝐦𝐨𝐨𝐭𝐢𝐢 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧𝐢𝐬 𝐧𝐢 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐚𝐦𝐚) 𝐮𝐦𝐦𝐚𝐭𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐧𝐚𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐇𝐨𝐫𝐫𝐨𝐨 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐭𝐮𝐫𝐞𝐞 𝐲𝐨𝐨 𝐭𝐚'𝐮 𝐠𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐤𝐚𝐦𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚. 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐀𝐛𝐢𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐆𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚 𝐇𝐮𝐫𝐫𝐮𝐮𝐛𝐚𝐚 𝐲𝐨𝐨 𝐭𝐚'𝐮 𝐡𝐚𝐚𝐭𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐃𝐚𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐭𝐢. 𝐀𝐚𝐝𝐝𝐞 𝐃𝐚𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞 𝐝𝐚𝐥𝐝𝐚𝐥𝐭𝐮𝐮 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐤𝐚𝐦𝐭𝐮𝐮 𝐲𝐨𝐨 𝐭𝐚𝐚𝐭𝐮𝐮 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚𝐧𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐝𝐮𝐮𝐥𝐚𝐚𝐭𝐢.

𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐃𝐮𝐮𝐛𝐚𝐚

𝐀𝐛𝐢𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐆𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚 𝐢𝐥𝐦𝐚 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐝𝐮𝐮𝐥𝐚𝐚 𝐎𝐝𝐚𝐚 𝐁𝐮𝐥𝐥𝐮𝐪 𝐤𝐚𝐧 𝐧𝐚𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐇𝐨𝐫𝐫𝐨𝐨 𝐤𝐚𝐧 𝐭𝐮𝐫𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐆𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚 𝐇𝐮𝐫𝐫𝐮𝐮𝐛𝐚𝐚𝐭𝐢. 𝐆𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚 𝐇𝐮𝐫𝐫𝐮𝐮𝐛𝐚 𝐬𝐢𝐫𝐧𝐚 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚𝐭𝐢𝐧 𝐎𝐝𝐚𝐚 𝐁𝐮𝐥𝐥𝐮𝐪𝐢𝐢𝐧 𝐟𝐢𝐥𝐚𝐭𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐝𝐮𝐮𝐥𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐚 𝟏𝟖𝟓𝟎-𝟓𝟒𝐭𝐭𝐢 𝐭𝐚𝐣𝐚𝐚𝐣𝐢𝐥𝐚𝐚 𝐭𝐮𝐫𝐞. 𝐖𝐚𝐠𝐠𝐚𝐚 𝐚𝐟𝐮𝐫 𝐚𝐤𝐤𝐮𝐦𝐚 𝐭𝐚𝐣𝐚𝐚𝐣𝐢𝐥𝐞𝐞𝐧 𝐆𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐧𝐢 𝐝𝐮'𝐞. 𝐀𝐛𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐆𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐮𝐮𝐧 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐝𝐮𝐮𝐥𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐰𝐚𝐠𝐠𝐚𝐚 𝐚𝐟𝐮𝐫 𝐡𝐚𝐟𝐞 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞. 𝐊𝐮𝐧𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐬𝐢𝐫𝐧𝐚 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐮𝐝𝐡𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐧𝐞 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐭𝐚'𝐞𝐞𝐟 𝐦𝐨𝐫𝐦𝐢𝐢𝐧 𝐢𝐬𝐚 𝐦𝐮𝐝𝐚𝐭𝐞; 𝐠𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐝𝐞𝐞𝐠𝐠𝐚𝐫𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐦𝐮𝐫𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐮 𝐝𝐚𝐫𝐠𝐚𝐠𝐠𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐧𝐢 𝐪𝐚𝐛𝐚 𝐭𝐮𝐫𝐞. 𝐁𝐨𝐨𝐝𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐀𝐛𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞𝐧 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐝𝐮𝐮𝐥𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐡𝐮𝐦𝐧𝐮𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐝𝐡𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐝𝐮𝐮𝐥𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐞. 𝐊𝐮𝐧𝐢𝐬 𝐛𝐚𝐫𝐚 𝟏𝟖𝟓𝟓𝐭𝐭𝐢. 𝐖𝐚𝐠𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐫𝐟𝐚𝐧 𝐡𝐚𝐟𝐚𝐧 𝐱𝐮𝐦𝐮𝐫𝐚𝐦𝐚𝐧𝐢𝐬 𝐀𝐛𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞𝐧 𝐚𝐚𝐧𝐠𝐨𝐨 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐬𝐢𝐫𝐧𝐚 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐠𝐚𝐝𝐡𝐢𝐢𝐟𝐧𝐞, 𝐢𝐭𝐭𝐮𝐦𝐚 𝐟𝐮𝐟𝐞𝐞 𝐰𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐦𝐚𝐧𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐧 𝐰𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐝𝐨𝐨𝐫𝐬𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐚𝐚𝐧𝐠𝐨𝐨𝐬𝐚𝐚 𝐟𝐮𝐝𝐡𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐞. 𝐍𝐚𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐇𝐨𝐫𝐫𝐨𝐨𝐭𝐭𝐢 𝐰𝐞𝐞𝐫𝐚𝐫𝐫𝐢 𝐆𝐨𝐨𝐣𝐣𝐚𝐦 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨𝐧 𝐤𝐚𝐧 𝐝𝐡𝐮𝐟𝐮 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐭𝐮𝐫𝐞𝐞𝐟 𝐀𝐛𝐢𝐬𝐡𝐞𝐧 𝐚𝐦𝐦𝐨 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐬𝐢𝐫𝐫𝐢𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐚𝐜𝐜𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐭𝐮𝐫𝐞𝐞𝐟 𝐧𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢𝐬 𝐟𝐮𝐝𝐡𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐞.

𝐀𝐛𝐢𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞𝐧 𝐥𝐨𝐥𝐞𝐞 𝐧𝐚𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐤𝐮𝐦𝐚 𝐤𝐮𝐝𝐡𝐚 𝐬𝐡𝐚𝐧 𝐭𝐚'𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐚 𝐭𝐮𝐫𝐞.

Itti Fufaa!

18/12/2022

morma keenya wanti dhabneefi oromiyaan akka hin cabnefi.

TEEWDIROOSII FI DALAGAA ISAAKUTAA 1FFAA°°°°°°°°°°°°°°°°°°Teewdiroos II ykn Kaasaa Hayiluun bara 1855 irraa kaasee mootii...
17/12/2022

TEEWDIROOSII FI DALAGAA ISAA
KUTAA 1FFAA
°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Teewdiroos II ykn Kaasaa Hayiluun bara 1855 irraa kaasee mootii habashaa ykn absiiniyaa ture. Inniis sirna bulchiinsa isaan Gondorii fi Dabra Taabor qabaachuun bulchaa ture. Yakkoonni addaa nama suukanneessan harka habashaan laatamuu kan jalqaban bara namtichi kun aangoo ofharkaa qabu akka ture beekamaadha.
Teewdiroos ummata Oromoorratti nama gara jabuummaan duguuggaa raawwataa tureedha. Saamicha lafa Oromoo keessatti nama yeroo jalqabaaf qooda fudhataa tureedha. Teewdiroos kaayyon isaa inni ijoon Oromoo waan jedhamtu lafa irraa balleessee habashaa lafa Oromoorra qabachiisuu ture Haa ta’uu malee garboonfataa dunuunfatee itti deemaa ture kana Oromoon mormaa ture malee tole jedhee mataa gadi qabachaafii hin turre. Yakkoota kanaan Teewdiroos Ummata Oromoo harkaa amantaa, aadaa fi siyaasaa harkaa rukutee saamuun sagantaa jalqabaa baafate. Oromoon hanga jaarraa kanaatti gadaan akka bulaa ture gamanumaan ibsuun barbaada. Baruma aangoo isaa kana, sagantaa Oromoo fixuuf Teewdiroos ykn Kaasaa Hayiluu baafate keessaa sagantaa “ Qiny Gizaat masfaafaat” ykn afaan Warra adiitiin “An expansion to colonise new territories” jedhu gara dhuma jaarraa 19ffaa keessa dursa uummata Walloo irratti xiyyeeffatuun Meeshaa waraanaa kadhachuun lafa Oromoo kanneen akka Laastaa, Ejjuu, Booranaa, Dugda Gaalaa, Raayyaa, Konbolcha, Kamisee fi k.k.f lafa Oromoo ilmi Habashaa Kaasaan gara Kaabaarraan Oromoorraa baroota sana keessa saamaa ture ta’uu ragaaleen seenaa nii hubachiisu.
Lafootiin saamaman kunneen ammallee akka uummata Oromoorraa saamamanii jiran hubachuun ni barbaachisa.
kutaa 2ffaan itti fufa

17/12/2022
16/12/2022

Ilmaan Minilik Bineensa!

16/12/2022

''Waraana fi Salphina Jalaa Kan Nama Baasu Gootummaadha.''

Kol Abdisaa Aagaa

''Waraana fi Salphina Jalaa Kan Nama Baasu Gootummaadha.''''ከጦርነትና ከውርደት የሚያወጣው ጀግንነት ነው።''Kol Abdisaa Aagaa
16/12/2022

''Waraana fi Salphina Jalaa Kan Nama Baasu Gootummaadha.''

''ከጦርነትና ከውርደት የሚያወጣው ጀግንነት ነው።''

Kol Abdisaa Aagaa

🦅🦅
15/12/2022

🦅🦅

Risaa Oromoo😍
15/12/2022

Risaa Oromoo😍

08/06/2022

"Oromoon Tokkoo."

Jaal Nadhii Gammadaa

07/06/2022

06/05/2022

JAAL ABDII RAGGAASAAAbdii Raggaasaa godina Shawaa Lixaa Dirree Incinniitti bara 1969 dhalatan.Maqaan dhalootaa isaanii T...
05/04/2022

JAAL ABDII RAGGAASAA
Abdii Raggaasaa godina Shawaa Lixaa Dirree Incinniitti bara 1969 dhalatan.
Maqaan dhalootaa isaanii Takluu ture, booda gaafa qabsootti seenan maqaan Abdii jedhu moggaafameef.
Barnoota sadarkaa duraa mana barumsaa Dirree Incinniitti, sadarkaa lammataa ammoo Ambotti baratan.
Barnoota sadarkaa lammataa erga xumuranii booda Kolleejji Poolisii galuun Sandaafaatti barnoota 'Intalajansii' ykn tikaa baratan.
Bara mootummaa Dargii waggaa tokkoof ministira haajaa alaa keessa qondaala tikaa ta'anii dalaganii turan.
Yeroosuma sagantaa barnoota al-idileetiin yuunivarsiitii Finfinnee galanii muummee barnoota saayinsii siyaasaa barachuu eegalan.
Osoo qondaala mootummaa Dargii ta'anii hojjetaa turanii Adda Bilisummaa Oromoo waliin qunnamtii uummachuun, namoota ijaaruu dabalatee hojii adda addaa hojjetaa turan.
Bara 1991 kufaatii mootummaa Dargiin booda guutummaan guutuutti ABO'tti makamuun hanga ABO'n chaartara keessaa bahuutti qondaalaa tikaa ABO ta'uun tajaajilaa turan.
'Zoonii Kibbaa jechuun Abdii Raggaasaa jechuudha'
Bara 1992 ABO'n chaartara keessaa bahuun dura Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii Dhihaa gama Wallagga akkasumas zoonii Bahaa gama Harargee keessa socho'aa ture.
ABO'n chaartara keessaa bahuu hordofuun loltoonni TPLF zooniiwwan lamaan kanarratti xiyyeeffatee waraanaa fi hogganoota ABO adamsuu eegale.
Hoggannoonni dhaabichaa gariin ajjeefamanii, gariin ammoo yoo hidhaman gariin ammoo gara biyya ollaatti baqatan.
Haaluma kanaan Obbo Abdii Raggaasaa bara 1993 biyyaa bahanii gara Naayiroobii imalani.
Erga ABO'n chaartara keessaa bahe bakki waraanni ABO itti gadi of dhaabe Zoonii Kibba lafa Booranaa iddoo Solooloo jedhamutti.
Zoonii Kibbaa kana gadi dhaabuu keessatti ammoo Abdii Raggaasaa nama shoora olaanaa taphate dha.
Namni bara 1993 jalqaba zoonii Kibbaa saaqee bara 1991-92 hogganaa waajjira ABO Nageelle Booranaa kan ture nama Mulugeetaa Baqqalaa Hirphaa jedhamudha.
Namni kun baruma san kan wareegaman. Ergasii booda Abdii Raggaasaa, Olqabaa Lataa fi namoonni kaan gara Soloolootti imaluun Zoonii Kibbaa qubatanii leenjii eegalan.
"Waraanni kun hidhannoos, waan nyaatuufi uffatus osoo hin qabaatiin hamilee itti horee hogganaa waraana kana jiraachisedha jaal Abdiin.
Oromoo Booranaa naannoo daangaa Itoophiyaafi Keeniyaa jiraatu biratti Abdiin nama gootummaan beekamuufi daran jaalatamudha.
Bara 1998 kora hatattamaa ABO'n Moqadishuutti godhateen miseensa gumii sabaa ta'anii filataman.
1998 hanga 2004 miseensa gumii sabaa ta'anii Zoonii Kibbaa turan. Bara 2004 kora sabaa sadaffaa Eertiraa Asmaraatti taa'amerratti miseensa Shanee Gumii [Hojii Raawwachiiftuu] ta'uun filaman.
Bara 2005 gara Eertiraa imaluun hanga 2018 ajajaa waraana Bilisummaa Oromoo ta'anii hojjetaa turan.
Bara 1999 wayita dirree qabsoo zoonii Kibbaa jiran dhukkuba sombaa daran dhukkubsatanii sadarkaa du'aaf of eeguurra gahanii turan.
Yeroos qullubbii adii qorichaaf ta'ullee bitachuuf humna dhabne, qoricha aadaa Booranaa lafa jalaa qotamu Awaachoo jedhamuun akka wayyaa'an himu jaalli qabsoo isaanii gaafas waliin turan.
Ergasii dhukkuba sanarraa guutummaatti akka hin fayyineefi bara 2018 osoo gara biyyaa hin deebi'iin ji'oota muraasaaf wal'aansaaf gara Faransaay deemanii turan.
Maatiin isaanii ammallee achuma Faransaay jiru.
Jaalleen qabsoo isaanii waggoota dheeraa akka waliin turan nutti himanis, "Abdiin akkuma maqaa isaati" jedhu.
"Qabsaa'ota birattis, hogganoota birattis nama jaalatamu, akka hogganaa waraanaatti lolee kan lolchiisu, ajajuu qofa osoo hin taane hojjetee kan hojjechiisudha" jedhu.
Mootummaan Itoophiyaa hogganoota ABO durii kaasee addatti barbaachaa ture keessaa tokko Abdii Raggaasaati jedhu namni kun.
"Humna leenjiifi hidhannoo addaa qabu bobbaasee, akkasumas karaa Imbaasii Itoophiyaa Naayiroobii jiruu yeroo adda addaa hidhuuf yaalii gochaa ture" jedhu.

Dambii Doolloo, Oromiyaa ✈️
01/04/2022

Dambii Doolloo, Oromiyaa ✈️

LEENJISOO DIIGAA  https://youtube.com/channel/UCl0K7J0EI4SCAkfx_hXtXzQ        Leenjisoo Diigaa Beektuu Laata?Seenaa qabs...
30/03/2022

LEENJISOO DIIGAA
https://youtube.com/channel/UCl0K7J0EI4SCAkfx_hXtXzQ

Leenjisoo Diigaa Beektuu Laata?

Seenaa qabsoo diddaa gabrummaa Oromoonni Sirna gitabittaa nafxanyaa irratti gaggeessan keessaa qabsoon Oromoon Arsii(Sikkoo Mandoo) bara 1881-1887tti gaggeesse
akkaan hadhaawaa fi Aarsaa guddaa kan gaafate akkasumas injifannoowwan dirree waraanaa irratti Oromoon Nafxanyaa irratti gonfate keessaa injifannoon Doddotaa, Albasoo, Dibbee, Haroo Hamoommotaa fi laga Qalaxaatti Humni Waraana Arsii Leenjisoo Diigaatiin Hoogganamu si'a shaniif bara 1881-1885 tti Minilik itti Jilbiiffachiise kan yoomuu dagatamuu miti. fakkeenyaaf, Waraana bara 1884tti gaggeeffameen Leenjisoon akkasumas Jaatamee Bultumii fi ilmaan isaa farda Minilik Yaabbate kan Abbaa Daanyoo jedhamu
ajjeesuudhaan hanga Dibbee fi Gonfoo mataa minilik irraa fuudhanitti kan kalaahe ture. haa
ta'uu malee Minilik xinnomaaf lubbuunsaa baraaramtee jirti. Guyyaa sana Leenjisoon Minilikiif Jal-deemtuu isaa hanga Magaalaa Mojootti fardaan ari'ee biraa deebi'ee ture. Leenjisoo Diigaa harka muraa fi Harma muraa Aanoleetiin booda waan harka kennate fakkaachuudhaan nafxanyaan waraana akka hiikkattu erga taasiseen booda Hoogganaa Waraana Nafxanyaa Dajjaach Wasanee jedhamu ajjeesuudhaan Gootummaa isaa mirkaneessee jira. Oromoon Arsii har'as ijoollee isaa yommuu Eebbisu Onnee Leenjisoo, Harka Leenjisoo, Ija Leenjisoo, Gurra Leenjisoo isiniif haa kennu jedha. kunis Gootummaa fi Hayyummaa
Leenjisoo mirkaneessuudhaaf. Leenjisoon Gosa Arsii kan Kolooba Jedhamu keessaa dhalatus kan isa guddise garuu gosa Harmee isaa Abeeta akka ta'e himama. ilmi Oromoo Arsii tokko akka Aadaatti gosa Abbaa Malee kan haadhaa biratti hin guddatu ture. haa ta'uu malee wayta inni ijoollee turetti Abbaan isaa waan irraa du'eefhaati isaa maatii ishee bira fiddee laatte. Leenjisoon gosti Abbaa isaa Koloobni waan isa hin guddifneef aarii irraa qaba ture. guyyaa tokko Bosona deemee ijoollummaa isaatti Leenca erga ajjeeseen booda Gosa Kolooba jedhamu kan Abbaa Kootii naaf yaamaa jedhee Eessuma isaa ajaje. Eessumni isaas Gosa koloobaa keessaa namoota baay'ee wameef kana booda Leenjisoon haala Armaan gadii kanaan gosa Abbaa Isaa Kolooba geerarsaan qaanesse '' Koloobni gadi gatee Abeetni guddifatee waan boru biyyaa tahu waan boru Arsii tahu Leenjoon har'uma mudhifatee,,,,(2x). Leenjisoon kana jedhee kan geerareef gosa Abbaa isaa Kolooba Gaabbii keessa galchuuf ture. Gootummaan Leenjisoo tan guyyaa keessa dhufte osoo hin taane tan ijoollummaa irraa waliin guddate ta'uu umrii ijoollummaatti adamoo bahee Leenca Ajjeesuun isaa kun ragaadha. Gaaf Leenjisoon du'e Ummanni Sikkoo Mandoo kan Waabee gamaa fi gamanaa marti yaa'ee boohe manguddoon Sirna Awwaalcha isaa irratti argaman tokko immoo haala armaan gadiitiin Leenjsoo faarsuudhaan
ummata tasgabbeessaniiru.
'' Waan akka Leenjisoo
Homuu hin qabnee
warri midhaan nyaatu
nuyyuu hafnee,,,,,,(2x)'' Hiikkaan dubbii tanaas,
Leenjisoon Seenaa Yoomuu hin duune hojjateera waan ta'eef hin duune. kan du'e immoo nuyi warra Seenaa osoo hin hojjanne midhaan nyaatu kan qabsoon keenya midhaaniif bishaan ta'e malee jechuudha.,,,,,,,,,,Leenjisoon Heexosaa irraa dhiheenyatti kan argamu naannawa Doddotaatti akka dhalate ni himama. Goonni du'us Seenaan isaa bara bara baraan kan jiraatu ta'a.

https://t.me/Jecha_Haayyotaa

MARARAA GUDDINAAhttps://www.facebook.com/chera.birhanuMararaa Guddinaa (1956-) barsiisaa saayinsii siyaasaa fi hoogganaa...
28/03/2022

MARARAA GUDDINAA
https://www.facebook.com/chera.birhanu
Mararaa Guddinaa (1956-) barsiisaa saayinsii siyaasaa fi hoogganaa garee mormituu Koongireesii Federaalawaa Oromoo KFOti . prof Mararaan umurii isaa guutuu waa'ee ummata Oromoof jecha qabsaa'aa kan dabarse yoo ta'u ammas paartii momituu hoogganuudhan siyaasa Itoophiyaa keessatti socho'aa jira.

SEENAA DUUBAA

Mararaa Guddinaa Adoolessa 5 bara 1956 godina Shawaa Lixaa aanaa
Tokkee Kuttaayee ganda Caancoo Obbiitti dhalatee guddate. Ijoollummaa isaarraa jalqabee waan isaaf hingalle cimsee gaafachuu fi waan sammuun isaa hinfudhanne hunda mormuu isaarraan kan ka’e maatii isaa fi namoota naannoo biratti maqaa masoo “Didaa” jedhamuun beekama ture. Oromoota muraasa yeroo sana carraa barnootaa argatan keessaa tokko yoo ta’u barnoota sadarkaa tokkoffaa achuma aanaa Tokkee Kuttaayee magaalaa Gooroo Sooleetti barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo magaalaa
Ambootti haala gaariin hordofuudhaan qabxii olaanaa galmeessisee
Yuunivarsiitii Finfinnee seenuudhaan barnoota Saayinsii Siyaasaa hordofuu jalqabe. Haa ta’u malee carraan hidhamuu, dararamuu fi ajjeefamuu barattoota Oromoo irra ga’aa turee fi ga’aa jiru Mararaa Guddinaa irras ga’uu dhaan Mootummaan Dargii badii tokko malee mooraa barnootaa keessaa qabuudhaan waggaa torbaa oliif mana hidhaa keessatti isaan darare. Bara Jireenya isaanii keessatti abdii kutatanii kan hin beekne prof Maraa Guddinaa waggaa torbaa oliif badii tokko malee mana hidhaa keessatti dararamanii erga ba’anii booda gara Kaayiroo Ijiiptitti imaluudhaan barnoota addaan kutan itti fufanii Yuunivarsiitii Kaayiroo irraa barnoota Saayinsii Siyaasaatiin Digirii Jalqabaa fudhatan.
Barnootaaf bakka guddaa kan qaban Mararaa Guddinaa barnoota isaanii itti fufuudhaan bara 2002 yuunivarsiitii guddichaa fi beekamaa ta’e Yunversiitii Nezerlaandirraa barnoota Saayinsii Siyaasaatiin doktarummaa fudhatan.
Mararaan bara 1986 barsiisummaadhaan Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti tajaajiluu kan jalqaban yoo ta’u hanga ammaatti achumatti barsiisaa jiru.
Sochii Siyaasaa
Prof Mararaa qabsoo Oromo o biyya keessaa bifa bittinnaa’een adeemsifamaa ture daandii qabsiisuudhaaf bara 1996 paartii
Koongireensii Biyyoolessaa Oromoo hundeesse. Kunis qabsoo uummata Oromoof daandii haaraa bane. Sochii dinqisiisaa fi fudhatamaa ta’e uummata Oromoo waliin taasisuudhaanis filannoo bara 2005 irratti hojii guddaa dalaguudhaan uummatarraa jaalalaa fi amantaa guddaa argatan. Sababa kanaanis Oromiyaa bakka hedduu keessatti injifatanii mana maree Federaalaa seenuudhaan mirgi
uummata Oromoo akka kabajamuuf cimsanii falmaa turan.
Haala kanaan moo'amuu fi uummata biratti fudhatama argachuu Mararaatti kan hin gammadne ADWUIn miseensota garaa isaanii guuttachuuf Koongirensii Biyyolessa Oromoo keessa seenan kanneen akka Tolasaa Tesfaayeetti qarshii muraasa hiixachuudhaan daandii godhatee shira hin jirre paartii kana keessatti uumuudhaan hundeessaa paartii kanaa kan ta’e Mararaan paarticha irraa fudhachuudhan paartiin uummata Oromoo biratti jaallatamee fi abdatame
Koongireesiin Biyyoolessa Oromoo warra gantuuf dabarfamee kenname. Namoota kana godhan keessa tokko kan ta'e Tolasaa Tasfaayee akka hooganuufis angoon kijibaa ni kennameef.
Sochii godhan keessatti haala rakkisaa kam keessattis abdii kutatee kan hin beekne Dr Mararaan ammas adeemsa isaa itti fufuudhaan bara 2008/2009 paartii hayyuu diinagdee kan ta'an
Bulchaa Dammaqsaatiin hundeeffame paartii Warraaqsa Federaalistii Dimokiraatawaa Oromoo(WFDO) waliin walitti makamuudhaan Koongiresii Federaalistii Oromoo (KFO) bifa haaraan hundeessanii qabsoo isaanii itti fufan. Paartii kana qabachuudhaanis uummata keessa gadi bu’anii qabsoo rincicee ture oo'isuudhan uummata dammaqsanii sochoosan.
Mirgi uummataa akka kabajamuuf halkaniif guyyaa carraaquu irraan kan hafe waa’ee jireenya dhuunfaa isaanii yaadanii kan hin beekne Mararaa Guddinaa hanga har’aatti mana hin qaban, maatii hin qaban, ijoollee hin qaban. Manni isaanii dachee Oromiyaa halkaniif guyyaa waardiyyaa dhaabbataniifidha.

Maatiin isaanii
uummata Oromoo hundadha, Ijoolleen isaanii Dhaloota Qubee of jalaan horatanidha.
https://t.me/Jecha_Haayyotaa

Agarii Tulluu
25/03/2022

Agarii Tulluu

Goota Baddaa Sayyoo.Oliiqaa Dingiil.
24/03/2022

Goota Baddaa Sayyoo.
Oliiqaa Dingiil.

W*B*O
17/03/2022

W*B*O

Ilma Debretsi.
15/03/2022

Ilma Debretsi.

Ijoollen Oromoo Yuuniversitii Finfinnee  reebbichi hamaan irra gahee hospitalaa Yakatit 12 jiru.
14/03/2022

Ijoollen Oromoo Yuuniversitii Finfinnee reebbichi hamaan irra gahee hospitalaa Yakatit 12 jiru.

Oromoo ijoolle kee Qaroo Kee Qaqabii.
13/03/2022

Oromoo ijoolle kee Qaroo Kee Qaqabii.

Anaan Wallookoo.Yaa Oromoo Walloof Haa Birmannuu
12/03/2022

Anaan Wallookoo.
Yaa Oromoo Walloof Haa Birmannuu

12/03/2022

BIYA ITOOPIYAA

❤
08/03/2022

Baga Guyyaa Dubartoota Addunyaa Geessan!Haadha Wabii
08/03/2022

Baga Guyyaa Dubartoota Addunyaa Geessan!
Haadha Wabii

Baga Guyyaa Dubartoota Addunyaa Geessan!Harmee Hacaaluu Hundeessaa fi Harmee Eebbisaa Addunyaa
08/03/2022

Baga Guyyaa Dubartoota Addunyaa Geessan!
Harmee Hacaaluu Hundeessaa fi
Harmee Eebbisaa Addunyaa

Yuuniversiitin Finfinnee Akkasitti jirti.
05/03/2022

Yuuniversiitin Finfinnee Akkasitti jirti.

Gen Waaqoo Guutuu
04/03/2022

Gen Waaqoo Guutuu

ijoolle warqituu Sab Boontuu Koo
04/03/2022

ijoolle warqituu
Sab Boontuu Koo

03/03/2022

Abbaa Duulaa Dinquu Dayyaasaa

W*B*O...
28/02/2022

W*B*O...

Oromoo fi Minilik 2ffaaKutaa 1ffaaMinilik ilma Hailemolokot Sahlesilasie ti. Minilik 2ffaan bara 1889 Sootala hidhate wa...
28/02/2022

Oromoo fi Minilik 2ffaa
Kutaa 1ffaa
Minilik ilma Hailemolokot Sahlesilasie ti. Minilik 2ffaan bara 1889 Sootala hidhate warra Kiristaana hin taane fixi jedhamee, eebbifamee Mootii Moototaa jedhamee, akka ittiin kolonisi babal'ifatu gorsamee muudame.
Akkuma Mootota Habashaa kaannen biroo kaayyoon Minilikis Ummata oromoo cabsanii oromummaa balleessudha.
Oromoo mootonni Habashaa waggaa 450 waraananii guutuutti cabsuu dadhaban, Minilik akkamiin cabsuu danda'e? Yoo jenne guddina minilik hubachuu qabna.
"Fuula na qajeelchii balballummaa ollaa jalatti baruu" jedha mammaaksi oromoo.
Minilik maqaa booji'amaatin Masaraaa tewodroos keessatti guddate. Masaraaa Tewodroos keessa immoo Ingilizootaa go faranjoota hedduutu turan. Faranjoonni Sun ammoo harlı caalaan maqaa amantii tiin hojiin isaanii basaasummaa dha.
Ajandaan addunyaa bara sanaa waayee biyya koloneffachuuti. Egaa Minilik Gara Jabeenyaan nama fixuu Tewdros irraa barate. Akkaataa Ummata qoqqoodanii walirratti kaasuudhaan isumaan İsa waraanani biyya koloneffatan immoo Ingilizootarraa bare, jechuun no danda'ama.
Minilikiin qaaman gurraacha has ta'u malee, qorqalbii koloneffattotaa ingliziitiin guddate; akka isaanittis dhugeeffata. Mootonni Habashaa Marti Minilik ta'ee Hailesilasien nuti gurraacha jedhanii him beekamu.
" Anbessa Ze imnegede Yihudaati" ofiin jedhu.
Kanaaf minilik koloneeffataa Adii Haalluu gurraacha dibatedha. Innis An sanyii Kuush gurraacha ofiin jedhee him beeku. Kaninni ofiin him Jennee immoo ittiin jedhamuu him qabu.
Minilik bara bulchiinsa isaa guutuu meeshaa waraanaa fi hayyoota waraanaa biyya alaatii fiduudhaan oromoo fi ummata kibbaa irratti duuluudhaan, namoota miliyoona hedduu fixe, qabeenya Ummataa saame, Gara biyya alaatti gurguree, meeshaa waraanaa ittiin bitee Ummata fixaa fi Garba gurguraa akka ture ragaan ni jira.
"Emperor Minilik, The founder of Ethiopian Empire and his wife at one time owned 70,000 slaves and he was considered " Ethiopia's great slave enterprenur" to obtain slaves and economic resources, the emergenging Ethiopian state committed genocide on people like oromos. The oromo population was reduced from 10 million to 5 million through war, slavery massive killings dieses and war induced famine during the 2nd half of the nineteenth century."
Madda: Oromummaa as the master ideology of the oromo national movement, Knoxville USA 2009 fuula3
Hiiknisaa: Minilik inni impayera Itiyophiyaa Ijaaree Fi Haati manaa isaabar tokko garboota 70,000 qabu ture. Minik Itiyophiyaa keessatti Ummata garboomsee gurguruudhaan dorgomaa hin qabu ture. Garboota fi maddeen diinagdee guurrachuuf Impayeerri Ethiopia biqila turte duguuggaa sanyii Ummata kanneen akka oromoo irraatti labsite. Heddumminni Ummata oromoos adeemsa lolaa keessa Miliyoona 10 Gara Miliyoona 5 tti had bu'ee ture. Garbummaa, Ajjeechaan Jumlaa, dhukkubni fi waraanni walakkessaa Lammaffaa bardhibbee 19ffaa keessa beela fide." Jechuudha
waraana isaa itti ramadee oromoo adamsee qabee biyya alaatti gurguraa ture. Mootichi Habashaa Minilik mataadhumti isaatuu barreettii(xalayaa) muddee 6 bara 1878 Beeljiyeemiif barreessseen akka armaan gadiitti mirkaneesseera.
"Mootummoota Kiristaana ta'an biratti Garba gurguruun dhorgameera jechuu waanin dhagayeef Allan waldaa mootummootaa keessaa him baaneef jecha oromoota gabrummaan gurguramuuf qabamanii waraana kiyya harka Kiran keessaa altokko 50,000 yeroo biraa immoo 20,000 akka Gara haadhaa fi abbaa isaanitti deebi'an gadlakkiseera" jedha.
Hubadhaa: Ijoollee gurgurtaaf qabaman 70,000 keessaa tokko illee ilma amaaraa yılın tigiree miti.
Minilik Habashoonni tokkummaa biyyaa ijaare jedhanii faarfatan kun kaayyoon isaa qabeenya Ummata oromoo fi kibbaa saamee, nama illee osoo hin hambisin meeshaa waraanaa bitachaa ture. Kaayyoo isaa kana garaa guurrachuuf sanyii duguuggaa oromoo fi ummata kibbaa irratti raawwateera. Sabaha kanaan baayyinni Ummata oromoo walakkaan daguugame.
Bartu minilik bara koloneeffattoonni Awurooppaa Ardını Afrika'da hirmaataa turan waan tureef, minilikis maxxantuu koloneeffattootaa ta'ee Afrikaa koloneeffataa ture.
Itti FUFA

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shagar Post posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share

Category



You may also like