Macaafa qulqulluu

Macaafa qulqulluu Mulaatnii pagii kana Dhalootaan ergaa wangeela gahuudha

05/09/2023
RIP
07/12/2022

RIP

27/07/2022

(Macaafa Faarfannaa 122 )
------------
1 "Gara mana Waaqayyoo dhaqna!" yeroo anaan jedhanitti, ani nan gammade.
2 Ammas miilli keenya, balbaloota kellaa kee keessa in dhaabata, yaa Yerusaalem!
3 Yaa Yerusaalem, ishee mandaraaf akka ta'utti ijaaramtee, ishee tokkummaadhaan walitti hidhamtee!
4 Achitti gosoonni ol in ba'u; gosoota Waaqayyoo ta'anii, Israa'eliif akkuma abboomametti, maqaa Waaqayyoof galata in galchu.
5 Achitti teessoowwan firdii, teessoowwan mana Daawit dhaabamaniiru.
6 Nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa! Warri si jaallatan itti tolee gabiitti haa jiraatan!
7 Nagaan masaraa kee keessa, gabiinis mana mootummaa kee keessa haa jiraatu!
8 Sababii obboloota koo fi hiriyoota koof, "Nagaan si keessa haa jiraatu!" nan jedha.
9 Sababii mana Waaqayyoo gooftaa keenyaaf, wanta gaarii argachuu kee nan barbaada!

15/01/2022

" Ammas isin warra yaada garaa tokkoo ta'uudhaan, jaalala tokko qabaachuudhaan, yaada walitti dabalattanii tokko ta'uudhaan, yaada tokkotti waliif galuudhaan gammachuu koo fiixaan anaaf baasaa! "
(Filiphisiiyus 2: 2)

16/12/2021

(Macaafa Iyaasuu 4 )
------------
23 'Waaqayyo gooftaan keessan hamma nuyi ceenutti galaana diimaa fuula keenya duraa akkuma gogse akkasuma immoo hamma isin ceetanitti Yordaanosin fuula keessan duraa in gogse.
24 Sabni warri kaan hundinuu harki Waaqayyoo jabaa ta'uu isaa akka beekaniif isinis bara hundumaa Waaqayyoon gooftaa keessan akka sodaattaniif kana godhe' jedhaa!" jedhe.

04/11/2021

Dhalootni ammaa maaf sagaalee waqaayyoo dhagaafachu dagattee????

Akkaa gaatiin kee gudda tahee hin dagatiin.

20/03/2021

Waqaayyoo dhimmaakoof fi dhimmaakee hojjetaa jiraa kanaaf anaaf ati maaf waqaayuoon galaateefachuutti caaliifna

16/11/2020

yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa ammaas ............... dabaalleen jedhaa gammadaa

22/10/2020

Gemechu Chala:
balballi nagaa kan Eebba kan hojii kan ga.ilaa akkanatti
duraa keeti kan banamee haa ta.uu maqaa yesusin

25/09/2020

KEENYAA lollaan waaqaa ......

Gemechu Chala:ATI GARUU…Dubartii tokkotu nama hin beekamneef ulfaaye.Sababiikanaaf maatiin ishee manaa ishee baasan.Guyy...
14/08/2020

Gemechu Chala:
ATI GARUU…
Dubartii tokkotu nama hin beekamneef ulfaaye.Sababii
kanaaf maatiin ishee manaa ishee baasan.Guyyaa tokko
yeroon da'umsa ishee yeroo ga'uu deessee mucaa ishee
kana karaa dura kosii(balfa) keessatti gatte.Namni mucaa
gatamte kana argu hundinuu funyaan isaa qabatee fiigee
bira darba .Namichi tokko garuu mucaa hin
handhuuramne,bishaaniin hin dhiqamin,dhiiga keessa waan
jirtuuf ilaaluun nama jibbisiisu balfa keessatti gatamtee jirtu
kana yemmuu arge garaan isaa baayyee raafamee mucaa
kana fudhatee gale.Akkuma galeen mucaa kana
handhuuree,bishaaniin dhiquudhaan wal'aansa isheef
barbaachisu hundumaa erga godheefi booda maqaa ishee
YERUSAALEM jedhee moggaase.
Waggaa digdama booda yeruseen ni guddatte.Reefensi
ishee dheeraa,mucaa durbaa baayyee bareeddu
taate.Kanaaf namni hundinuu jaalalaaf ishee dharra'uu
jalqabe.Dhirri ishee argu hundinuu utuu onneen isaa hin
nahin bira darbu hin jiru.Bareedinni ishee tokko lama
jedhanii ibsuun waraaqa hedduu barbaada.Walumaa galatti
bareedinni uumaan ishee badhaase ajaayiba.
Yeruseen akka abbaan ishee abdatuu fi gorsu hin
taane.Dhiiruma argitee wajjin ejjuu jalqabde.Akkasumas
guyyaa tokkoof night club n ishee darbu.Dhugdee
machoofte geeraraa galti.Abbaan ishee guddise kun immoo
waan ishee jaallatuuf halkan utuu isheen manatti hin galin
hirribni isa hin qabu.Yogguu inni gorsu illee miidhagummaa
ishee waan amanattuuf gorsa isaa ni tuffatte.Guyyaa tokko
tokko ammoo malqa kaffaluufiidhaan dhiira gara manaatti
fudhattee galtee wajjin ejjiti.
Yeruseen lafa kaate irraanfateetti abbaan.Ishee obsee
yogguu dadhabu guyyaa tokko akkas jedhee
akeekkachiise." Ati gaafa dhalatte hin handhuuramne, akka
qullooftuufis bishaaniin hin dhiqamne, soogiddaan hin
sukkuumamne, wayyaanis sitti hin maramne; ati gaafa
dhalatte sana ijaan ilaaluun waan nama jibbisiisuuf
bakkeetti gatamte malee, namni siif oo'uudhaaf wanta kana
keessaas tokko illee siif gochuudhaaf garaa siif laafe hin
turre.⁶ " 'Ani utuun darbuu ati dhiiga kee keessa ciiftee utuu
dhidhiitattu sin arge; ati dhiiga kee keessa utuma ciiftus:-
Jiraadhu! siin nan jedhe; 'Ani bishaaniin si dhiqee, dhiiga si
irraa qulleessee, dhadhaa ejersaa si dibe.” Ati garuu,Ati
garuu na tuffatte gorsa koos hin dhageenye.Akka abbaattis
na hin sodaanne,ulfinas naaf hin laanne na gantee
qabeenyan siif kenne diinota koof hirte" jedheen.Kana qofas
miti adaba cimaa ishee adabe.
Shamarreen kun macaafa Hisqeel 16 irra jirti.Kana kaasuun
koo waa malee miti.waaqayyo namoota baayyee balfa
keessaa fuudhee nama isaan godhee,qabeenya,beekumsa
keennef danuudha.Garuu namoota kana keessaa baayyeen
isaanii waaqayyo isa beekumsa,qabeenya isaaniif kenne
dhiisanii waan qaban amanachuudhaan waaqayyorraa kan
galgalan danuudha.Yaa obboleessa koo waaqayyoo tarree
namaa keessa si galchee,qabeenya,beekumsa sii kennee
abbaa kee irraa garagaltee jirtaa laata? Akkas siin jedhaa
jira waaqayyoo ''wanti ati qabdu hundinuu kan kooti kan
kee hin se'in,yoon barbaade sirkaa fudhadhaa kanaaf utuun
sitti hin dheekkamin gara kootti deebi'i'' siin jechaa
jira.kanaaf dafii deebi'i.
Maxxansa kana share gochuudhaan lubbuu badaa jirtu
oolchi.Waaqayyo ammoo gatii kee siif baasa.Akkasumas
page kana LIKE gochuudhaan barnoota asiratti darbu mara
hordofuu dandeessa.GALATOOMAA

https://telegram.me/GODGC
https://telegram.me/GODGC

06/08/2020

Sabni Israa'el Saba Warra Kaanii Wajjin Akka Walii Hin Galle Dhowwamuu Isaanii
1 Waaqayyo gooftaan kee biyya ati itti galtee qabachuuf jirtutti yommuu si geessu, biyyicha keessaa Heetota, Girgaashota, Amoorota, Kana'aanota, Pheriizota, Hiiwota, Yibusoota saba si caalaa baay'atanii fi jajjabaatan, saba baay'ee kana torban si duraa oofee in baasa. 2 Waaqayyo gooftaan kee harka kee keessa isaan yommuu buusu, atis isaan yommuu rukuttu, hunduma isaanii ajjeesi malee, isaanii wajjin kakuutti hin galin, oo'as isaan hin argisiisin!

3 Isaanitti hin soddoomin, intaloota kee ilmaan isaaniitti hin heerumsiisin, ilmaan kees intaloota isaanii hin fuusisin! 4 Kanaa achi isaan ilmaan kee waaqayyolii biraaf akka hojjetaniif Waaqayyo biraa in deebisu, dheekkamsi Waaqayyoo si irratti in boba'a, dafees si balleessa.

5 Kanaaf ati iddoo aarsaa isaanii diigi, utuboota dhagaa qulqullaa'aatti ilaalaman sanas caccabsi, mukkeetii isaan qiqqirixanii waaqayyittii tolfamtuuf dhaabanis jigsi! Bifa fakkeenya isaaniis ibiddaan gubi! Kunoo, akkas isaan godhi! 6 Ati Waaqayyo gooftaa keetiif saba qulqullaa'aa dha; Waaqayyo gooftaan kee akka ati addaan baatee saba dhuunfaa isaa taatuufitti, saba biyya lafaa irra jiran hundumaa keessaa si fo'ateera.

7 Waaqayyo sababii ati saba lafa irraa keessaa lakkoobsatti baay'attuuf si jaallate yookiis si fo'ate miti, ati saba lafa irraa keessaa lakkoobsatti muraasa. 8 Waaqayyo garuu waan si jaallateef kakuu abboota keetiif kakates waan eeguu barbaadeef, irree jabaadhaan mana garbummaa keessaa, harka Fara'oon mootii Gibxii jalaa si fure.

9 Egaa Waaqayyo gooftaan kee Waaqayyoo dha, isa beeki! Inni Waaqayyo amanamaa dha; inni warra isa jaallatanii abboommii isaa eeganiif hamma dhaloota kumaatti kakuu isaa in eega, gaarummaa isaas isaan in argisiisa. 10 Warra isa jibban garuu isaan balleessuudhaan gatii isaanii mataa isaaniitti in deebisa; inni warra isa jibbanitti achumaan dafee gatii isaanii mataa isaaniitti in deebisa.

11 Egaa ati abboommii, seerrata, wanta qajeelaa ta'es warra ani har'a si abboomu kana eegi!

Eebba Abboomamuu Keessaan Dhufu
12 Waan qajeelaa ta'e kana gaarii gootee yoo eegde, Waaqayyo gooftaan kee abboota keef isa kakate kakuu isaa siif in eega, gaarummaa isaas si argisiisa. 13 Inni si jaallata, si eebbisa, si baay'isas; inni biyya siif kennuuf abboota keetiif kakate keessatti dhala kee, midhaan maasii kee keessaa, waynii kee, dhadhaa ejersaa kee in eebbisa; saawwan kee fi bushaayee kee siif baay'isuudhaan si eebbisa.

14 Ati saba hundumaa caalaa in eebbifamta; nama kee keessaa dhiirris dubartiinis dhala kan dhabu, saawwan kee keessaas kan maseenu hin jiru. 15 Waaqayyo dhukkuba hundumaa sittii in qaba; inni dhukkuba hamaa ati biyya Gibxiitti beektu sana warra si jibban hundumaatti fida malee, sitti hin fidu.

16 Saba Waaqayyo gooftaan kee dabarsee sitti kennu hundumaa balleessi malee, isaaniif hin oo'in! Kiyyoo waan sitti ta'uuf waaqayyolii isaaniif hin hojjetin! 17 Ati, "Sabni kun lakkobsattoo ana caalu attamittan achii isaan baasa ree?" jettee garaa keetti in yaadda ta'a;

18 garuu wanta Waaqayyo gooftaan kee Fara'oonii fi warra Gibxii hundumaa irratti hojjete ba'eessa godhii yaadadhu malee, isaan hin sodaatin! 19 Ati yaalii isa guddaa ija keetiin argite sana, milikkita, dinqii, harka jabaa, irree ol fuudhamaas isa Waaqayyo gooftaan kee ittiin si baase sana yaadadhu! Waaqayyo gooftaan kee saba ati amma sodaattu kana hundumaas akkasuma in godha.

20 Kanuma irratti iyyuu warri hafanii si duraa dhokatan hamma balleeffamanitti Waaqayyo gooftaan kee soonsa isaanitti in erga. 21 Waaqayyo gooftaan kee, Waaqayyo inni guddaanii fi sodaatamaan sun sii wajjin waan jiruuf isaan hin sodaatin!

22 Waaqayyo gooftaan kee saba kana irraa jalaan si duraa oofee in baasa, bineensi akka sitti hin baay'annetti immoo hunduma isaanii al tokkoon hin balleessin! 23 Waaqayyo gooftaan kee harka kee keessa isaan in buusa; hamma isaan dhumanittis badiisa guddaa isaanitti in fida.

24 Inni mootota isaanii harka kee keessa in buusa; maqaa isaaniis waaqa jalaa in balleessita; namni tokko illee si dura dhaabachuu hin danda'u, ati isaan in balleessita. 25 Bifa fakkeenya waaqayyolii isaanii ibiddaan gubi! Inni kiyyoo akka sitti hin taanetti warqee fi meetii waaqayyolii isaaniitti uffifame hin hawwin! Inni Waaqayyo gooftaa kee duratti ciigga'amaa waan ta'eef, isa hin fudhatin!

26 Inni abaaramaa waan ta'eef, atis akkuma isaa abaaramaa akka hin taanetti raawwattee isa ciigga'i, isa tuffadhus malee, wanta ciiggaasisaa mana keetti hin galchin!

kessa deebii 7: 1.....

06/08/2020

What's on your mind? Sabni Israa'el Saba Warra Kaanii Wajjin Akka Walii Hin Galle Dhowwamuu Isaanii

05/08/2020

waqaayyoo egaa keti waqaayyoon wajjiin dubaachuukee itti fufii

02/06/2020

Waantii aduunyaa sodaachisee ati waqaayyoon dhagahii malee siin siin soodaachisuu

Gemechu Chala:Gemechu chalaARAARA WAAQAYYOO“Inni dhiiga isaa dhangalaasee du'uudhaan warra isatti amananiif mi'a araaraa...
19/04/2020

Gemechu Chala:
Gemechu chala
ARAARA WAAQAYYOO

“Inni dhiiga isaa dhangalaasee du'uudhaan warra isatti amananiif mi'a araaraa haa ta'uuf, Waaqayyo isa dhaabe. Waaqayyo ofii isaa qajeelaa akka ta'e mul'isuudhaaf kana godhe; obsa isaatiinis cubbuu namoonni kanaan dura hojjetan irra darbeeraaf.”
Rom. 3:25
“Nuyi amma illee diinota utuma jirruu, du'a ilma isaatiin Waaqayyotti erga araaramnee, amma immoo nuyi warri isatti araaramne jireenya isaatiin hammam caalaatti ooluuf jirra!”

“Kana duwwaas miti, gooftaa keenya Yesus Kristosiin amma araara waan qabnuufis Waaqayyotti gammaduu keenya in himanna malee.”
Rom. 5:10-11
“Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata!
Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaata!
Akka inni itti murtoo godhu, namni qoree bira hin ga'u!
Karaa isaas namni faanadha'ee hin hubatu!”
Rom. 11:33

https://telegram.me/GODGC

https://telegram.me/GODGC
https://telegram.me/GODGC
https://telegram.me/GODGC

https://telegram.me/GODGC

07/04/2020

Gemechu Chala:
Mxxaansaa 1ffaa
📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️💒💒💒💒💒💒💒💒💒💒💒
Maattii waqaayyoo nagaa gooftaa keenyaa yesuus kiristoos isiinif haata'uu jechaa

✝ waa'ee dhukkuunaa vaayireesii koroonaa )covid 19) quuba qabduu jedheen yaadaa gaaruu waantaa naa dhibbee fi baayee nas dinqisiisee tokkottuu jiraa innis maal yoo naan jettaan
1.inniis sagaaalee waqaayyoo akkas jedhaa
15 Wanti amma jiru isuma dur turee dha, wanti si'achi ta'us isuma dur ta'ee turee dha; Waaqayyo isuma darbe deebisee in fida.
Lallabaa 3.15
👍dursaa iyyuu akkaa kun jiruu waqaayyoo ni beekaa
🔑waantii waqaayyoo beekuu ijjollee isaa dursee barsiiseera kanaaf fuulaa waqaayyoottii waqaayyoo wajjiin hasa'uu dha furmaatnii
🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐🛐
🍎Of egaannoon jalqaabaa fi qorichii dhukkubaa kanan
1....WAQAAYYOON DHAGAHUUN ABBOMMII WAQAAYYOO EGUUN DANDII WAQAAYYOO IRRAA DEEMUUN FURMAATAA QORICHAA COMFIRM TAHEEDHA

31/03/2020

Dhalootaa dhimmaa basuu waqaayyoo ni barbaada.

29/03/2020

Yoh.16:33
Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo'eera” jedhe*.

25/03/2020

Biyyii lafaa rafaamee wargaama jiraa dachee haaluu gadii dhisee..?????

10/03/2020

1 Waaqayyo, inni Qiirosin moosise, "Qiiros saba lafa irraa harka isaa jala akka galfatuuf, moototas mi'a waraanaa akka hiikkachiisuuf 'Harka isaa mirgaa qabee isa nan gargaara'; balbaloonni biyya garaa garaatti geessan isaaf in banamu, karrawwan mandarootatti galchanis isatti hin cufaman" jedha. 2 Qiirosiin immoo, "Ani si dura adeemee isa ol ka'e hundumaa gad nan deebisa, balbaloota sibiila boorrajjii irraa hojjetaman nan caccabsa, danqaraa sibiilaas nan hurreessa;

3 ani qabeenya iddoo dukkanaa keessa jiru siif nan kenna, badhaadhummaa iddoo dhokataatti walitti qabames harka kee keessa nan buusa, yommus ati, ani gooftaa akkan ta'e maqaa keetiinis kanan si waame, Waaqayyo isa kan Israa'el ta'uu koo kanaan in beekta; 4 yoo ati ana beekuu dhabaatte iyyuu, Yaaqoob garbicha koo fi Israa'el isa ani fo'adheef jedhee, si waamee maqaa ulfinaa siif kenneera.

5 Waaqayyo ana duwwaa dha, ana malees Waaqayyo kan biraa hin jiru; yoo ati ana beekuu dhabaatte iyyuu ani immoo si hidhachiisee sin jabeessa. 6 Kanaanis ba'a-biiftuutii hamma lixa-biiftuutti, ani kophaa koo Waaqayyo akkan ta'e, ana malees Waaqayyo kan biraa akka hin jirre namoonni in beeku.

7 Ani ifa, dukkanas nan uuma; nagaa nan buusa, gooliis nan kaasa; ani Waaqayyo kana hundumaa nan hojjedha. 8 "Bantiiwwan waaqaa haa banaman, duumessoonni qajeelummaa gad haa roobsan, lafti banamee fayyina haa biqilchu, qajeelummaanis isaa wajjin biqilee haa guddatu! Ani Waaqayyo kana hundumaa nan godha" jedha.

9 Nama uumaa isaa qoccoluuf wayyoo! Inni akka suphee harka nama qodaa suphee dha'uu keessa jiruu ti; supheen dhooftuu isaatiin, "Ati maal hojjetta?" jechuu danda'aa ree? Wanti inni dha'es, "Ati harka hin toltu" ittiin jechuu danda'aa ree? 10 Mucaan abbaa isaatiin, "Ati nama attamii na dhalchuuf" jetta? Haadha isaatiinis, "Ati nama attamii na da'uuf jetta?" jechuu danda'aa ree?

11 Waaqayyo inni qulqulluun kan Israa'el inni isa uume, "Waa'ee wanta ta'uuf jiruu na gaafadhaa! Waa'ee ilmaan kootii warra ani uummadhee garuu,

Farfaanaan humnaa guddaa qaba farfaattootaa AAYIRAA  Kanaa ittii eebifamaa.
22/02/2020

Farfaanaan humnaa guddaa qaba farfaattootaa AAYIRAA Kanaa ittii eebifamaa.

FAARFANNAA AFAAN OROMOO BIFA LYRICS TIIN QOPHA'AN BAAYYEE ARGACHUU YOO BARBAADDAN GODHAA. KARAA TELEGRAM NU ARGACHUU YOO BARBAADDAN t.me/faaruu_tu...

22/02/2020

FAARFANNAA AFAAN OROMOO BIFA LYRICS TIIN QOPHA'AN BAAYYEE ARGACHUU YOO BARBAADDAN GODHAA. KARAA TELEGRAM NU ARGACHUU YOO BARBAADDAN t.me/faaruu_tu...

03/12/2019

Eebbii akka tasaa malee abarsii fi balaan dingaataa sii hi argattiin maqaa yesuus kiristoosiin

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Macaafa qulqulluu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Macaafa qulqulluu:

Videos

Share

Category

You may also like