Yeroon Media 1

Yeroon Media 1 media you can trust..want to see more job vacancies, sports, hot news and more like our page

NaqamteePoolisoonni naannoo Beenishaangul Gumuuz magaalaa Naqamtee buufachuudhaan jiraattota shororkeessaa jiru!Mootumma...
30/09/2021

Naqamtee
Poolisoonni naannoo Beenishaangul Gumuuz magaalaa Naqamtee buufachuudhaan jiraattota shororkeessaa jiru!
Mootummaan poolisoota naannoolee oromiyaa keessa facaasuudhaan ajjeechaa uummata irratti raawwachiisaa jira.
Haaluma walfakkaatuun godina Matakkalitti humna addaa naannoo Sidaamaa fi Amaaraa bobbaasuun uummatni rakkoo guddaaf saaxilamaa jira.
Rakkoowwaan oromiyaa keessatti uumamaa jiranif mootummaan naannoo oromiyaa gaafatama fudhachuuti qaba. Kana uummanni illee beekuuti qaba.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Kaayyoodhaan Masakamaa; Kaayyoo Jalattis Hiriira!(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)   Fulbaana ...
30/09/2021

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Kaayyoodhaan Masakamaa;
Kaayyoo Jalattis Hiriira!
(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)
Fulbaana 29 2021
Sabni Oromoo Impaayera Xoophiyaa kan sirna qeenxee fi ol'aantummaa saba tokkootiin
dhuunfatamte ofirraa cabsee, biyya Walabaa: kan nagaa, dimokiraasii fi wal-qixxummaan ilmaan
namaa keessatti kabajamu ijaarruuf Qabsoo roga maraa kan walirraa hin cine gaggeessaa yoona
gaheera. Qabsoo kana irrattis lubbuu qaalii ilmaan isaa dhiira-dhalaa osoo hin jenne duguugee itti gabbaraa bahe. Sirni jaarraa tokkoo fi walakkaa biyya kana seerrate sabaa fi sab-lammoota biyyattii
Afaan Qawwee jalatti ukkaamsuun, sarbamiinsa mirga namoomaa heedduu dhaqqabsiisaa tureera.
Ammas dhaqqabsiisuutti jira. Kana ofirraa qolachuuf Oromoon dhaaba isaa ABO jalatti hiriiree, Oromiyaa Walabaa kan hunduu nagaan keessa jiraatu gad dhaabuuf wareegama mara kaffalaa, lafee itti cabee, dhiiga itti lolaasaa yoona gahe.
Kanarraa ka'uun barattoonni Oromoo sadarkaa addaa addaa baroota dheeraaf fincila mootummaa irratti geggeessaa turaniiru. Akka jaarmayaatti ammoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo hoggana
ABO jalatti taligamuun Eebla, 2011 irraa ka'uun ifatti bu'uureffamee caasaa isaas goolee Oromiyaa mararra diriirfate. Kaayyoon hundeeffamuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabsoo uummanni Oromoo baroota dheeraaf Abbaa Biyyummaa isaa mirkaneeffachuu, gaaffii qe'ee ofii irratti abbaa
ta'uu, dheebuu nagaa, bilisummaa fi wal-qixxummaa gaafataa turee fi sabni Oromoo ammoo akka sabaatti hiree isaa ofiin mirkaneeffachuuf gaggeessaa ture tumsuun uummatasaa kakaasee qabsoo
sabichatti xumura gochuudha.
Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo baroota dheeraadhaaf wayita dhaabni isaa Addi Bilisummaa Oromoo dhiibbaa mootummoota darbaniin dhiibamee biyya hambaa turetti, caasaa isaa dirree Oromiyaa mararra diriirfachuun bifa qindaa'een ABO jalatti taligamee falmaa gaggeessaa ture.
Sochiiwwan Warraaqsaa maqaa "Fincila Diddaa Gabrummaa" jedhu moggaasuun Qeerroon
Bilisummaa Oromoo Oromiyaa hundarraa dargaggootaa fi dardarran sabboonummaa qabanii finaamusa dhaabaa eegan ijaaree gaaffiiwwan Oromoo kan durii hanga ammaa: Gaaffii lafaa, afaanii,eenyummaa fi dimokiraasii gaafachaa tureera.
Haaluma kanaan, Qeerroon Bilisummaa Oromoo bara 2014 keessa caasaa isaa dhaabbilee barnoota
ol'aanoo (Yuunvarsiitii) hanga sadarkaa gadiitti diriirfatuun ifatti sochiiwwan Warraaqsaa
uummaticha maandheeffate karaa nagaatiin gaggeessaa tureera. Sochii kanas karaa icciitii ta'een
qabsoo siyaasaa, afaanii fi eenyummmaa saba isaa barsiisuu fi gurmeessuutti cehe. Wayita sana Addi
Bilisummaa Oromoo mootummaa ADWUI/EPRDF'n galmee shororkeessummaa jalatti waan galmaa'eef jecha, hooggana isaa waliin bifa dhoksaa fi icciitiin qunnamaa jiraate.
Haaluma kanaan, Warraaqsa kana bifa qindaa'een sochoosuun kaayyoo fi aggaammii saamicha lafaa naannawaa Finfinnee fi magaaloota Oromiyaa mootummaa EPRDF'n raawwatamaa ture dura
dhaabbatuun fashaleesseera.
Mootummaan sab-boontota Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi namoota Adda Bilisummaa Oromoo waliin walitti hidhata qabdu jedhee shakku hunda, maqaa
"Shororkeessaa" fi "Farreen nageenyaa" farrajuun kaan hidhee, kaan ajjeesee, qabsaa'ota heedduus biyya abbaa isaanii Oromiyaa dhiisanii biyya hambaatti akka baqatan godheera.
Kanaan osoo hin geenye saamichi lafaa kun ammas bifa qindaa'aa ta'ee fi maqaa "Master Plan" jedhuun marroo lammaffaaf qote bulaa Oromoo lafa isaarraa beenyaa tokko malee ari'anii, kaan ammoo lafuma Abbaa isaa Oromiyaa irratti waardiyyaa taasisuun itti fufe. Kanaa fi kanneen biroo bu'uureffachuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo ammas bifa haaraan Sadaasa 12, bara 2015 Warraaqsa haaraa maqaa "Fincila Diddaa Gabrummaa" jedhuun Finfinneerraa km 75 fagaattee kan argamtu Lixa Shaggar magaalaa Ginciitti dhoose. Ibiddi achii qabate sun osoo hin turiin guyyoota
muraasa gidduutti guutuu Oromiyaa dhuunfachuu danda'eera. Warraaqsi Qeerroo kun itti fufiinsaan Master Plan hundeen buqqisuurra darbee, qabsoo hunda hammate kan
jedhamu ofitti dabalatee bara 2016tti daran ilmaan Oromoo biyya alaa fi keessa jiran sochoose.
Wareegamnii fi gaaga'amni lubbuu ilmaan isaarra gahus uummanni Oromoo falmaa hadhaawaa
taasiseen biyyittii raafama guddaa keessa galche. Warraaqsi Qeerroo kun bara 2011 hundeeffame irraa kaasee haga bara 2018 mootummaa Wayyaanee handhuura Oromiyaa Finfinnee irraa
buqqisuum Maqaleetti galchetti haala walirraa hin citneen gaggeeffamaa ture. Sochii kanaanis
Oromiyaa harka diinaarraa baraarfachuu danda'eera.
Dhuma bara 2018ttis Qeerroon jijjiirama siyaasaa guddaa biyyattii keessatti fidee fi waamicha mootummaan maqaa jijjiiramatu dhufee fi marii nagaa jedhuun dhiheesseen ABOn karaa nagaa qabsaa'uuf biyya seene. Jijjiirama siyaasaa yokaan ammoo marii nagaatu jira haa jedhamuyyuu malee, jijjiiramnis ta'e nagaan biyyittii keessatti dhufuu akka hin dandeenye Qeerroon qaaccessee hubata ture. Sababni isaa sirnii fi qaamni ilmaan Oromoo ajjeesisaa, hiisisaa fi biyyaa baasaa ture;
akkasumas qabeenyaa fi eenyummaa Oromoo saamsisaa ture ammayyuu bakkaa kaafamuu dhabuun
isaa, abdii bilisummaa fi nagaa waaraa biyyicha keessatti dhufuu malu dukkaneesse, laamshesses.
Qeerroon haala kanaan nagaan dhufuu akka hin dandeenye quba qabaatus, ABOn siyaasa karaa nagaa gaggeessuuf jecha, Waraana Bilisummaa Oromoo irraa of baasuun imala qabsoo hidhannoo irraa gama nagaan socho'uutti murteeffate.
Mootummaanis shiraa fi maltee ittiin WBO hiikkachiisan kalaqatee, maqaa araaraatiin 'Koree Teeknikaa' jedhee hundeesse. Karoora kanaan WBO sakaaluufis Oromiyaa gama kibbaa fi lixaatti bobbaase.
Waraanni Bilisummaa Oromoo shira kana dursee hubachuun gochaa fi sochii mootummaan yeroo
sana uummata Oromoo irratti raawwachuu eegale, karaa bifa jaarsummaa hin guunneen WBO sossobuutti seenuu fi haal-duree araaraaf WBOn lafa kaa'ate mootummaa biratti fudhatama dhabuu
isaa irraa ka'uun qabsoon karaa nagaa geggeeffamuu akka hin dandeenyee fi fuul-durattis dhufuu
akka hin dandeenye hubatuudhaan kaayyoo ABO ganamaa fi Qabsoo Hidhannootti akka fufu
labsatee hojiitti seene. Miseensota Qeerroo Bilisummaa Oromoofis, daandiin qabsoo karaa nagaa cufamuu fi hogganoota dabalatee, miseensonni akkasumas deggertootni ABO jumlaan hidhaatti
guuramuun abdii egeree qabsoo karaa nagaaf qaban jalaa dukkaneesse.
Hogganoonni ABO yerosii labsa labsaniin, "Ammaa booda qaama hidhatee bosona keessa socho'u
hin qabnu" jechuun WBO qofaatti baasuu fi qunnamtii irraa kutachuu, qaamonni dantaa dhuunfaaf ifaajii godhan Qabsoo fi wareegama ilmaan Oromoo hanga ammaa harka sirna kaleessaa OPDOtti deebisanii burjaajiin bal'aan uummata gidduutti uumamuun; Waraanni Bilisummaa Oromoo akkaataa kaayyoo dhaaba ABO ganamaa fi qabsoo hidhannoo itti fufsiisu aanjessuun hooggana haaraa akka of keessaa qopheeffatu dirqe. Kanumaan, Ajajaan Ol'aanaa ABO-WBO hundaa'ee qabsoon ABOs bosona Oromiyaa keessaa hogganmuu eegalte.Kanuma irraa kaasanii qaamonni Qeerroo hoogganna ofiin jedhan yeroo addaa addaatti Qeerroo qoqqooduu fi olola WBOn dambii dhaabaa diige jedhuun caasaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
bittinneessuuf burjaajii uumaa turuu fi ammas kanumatti jiraachuu waliin wal qabatee, Qeerroon Bilisummaa Oromoo burjaajii armaan olitti uumamee fi kanneen fuul-durattis uumamuu malan hambisuuf jecha, hoogganoota haaraa, caasaa fi sochii bifa haaraan diriirfatee hojiitti seenee jiraachuu ifa gochuu barbaanna.
Hogganoonni Qeerroo Bilisummaa Oromootis maree bal'aa yeroo addaa addaatti gaggeessaa
turaniin murtoowwan armaan gadii kanas dabarsuu isaa gad jabeessee ilmaan Oromoo hundaaf
dhaamuu barbaada!
1) Qeerroo Bilisummaa Oromoo warraaqsi guutummaa Oromiyaa, akkasumas sab-boontota ilmaan Oromoo kanneen Walloo fi Matakkal keessa jiran dabalatee akka gaggeeffamuuf qophii xumuree jiraachuu Oromoo maraaf ibsuu barbaadna.
2) Hoggansi, caaseffamnii fi akkaataan taligamuu jaarmayaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ajajaa Ol'aana ABO-WBO jalatti kan deebihe ta’uu gad-jabeessinee mirkaneessina.
3) Hojiiwwan warraaqsaa (labsa, ibsa ejjennoo, odeessii fi sochiiwwan) Qeerroon Bilisummaa
Oromoo taasisu biroon kamiyyuu amman booda gama miidiyaa Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatiin kan isiniif darbu ta’uu hubachiifna.
4) Casseffamni Qeerroo akkaataa ammaan duraatiin alatti bifa haaraatiin caaseffamaa waan jiruuf, ilmaan Oromoo bifa diinaaf banaa hin taaneen wal gurmeessin sosso’uu akka qaban waliif dhaamna.
5) Warraaqsii fi fincilli Oromiyaa maratti godhamu hundi wal utubbii hoogganoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Waraana Bilisummaa Oromootiin akka taasifamuu Qeerroon bilisummaa
Oromoo murtee fudhachuu ibsina.
6) Warreen dantaa dhuunfaaf fi gartuuf jecha Qabsoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessaa jiru qooduuf dhamaatanii fi wareegama Qeerroon Oromoo kumaatamaan irratti of kitime dura
dhaabbattan akka hatattamaan hammeenya keessan irraa deebitan akeekkachiisna.
Haaluma kanaan, akeeka Qabsoo Bilisummaa Oromoo galiin gahuuf sochii fi injifannoolee
warraaqsaan argaman mara tiksuun dirqama miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromoo ta'uu hubatuun, caasaan Qeerroo hundi qabsoo hidhannoo tumsuu fi caaseffama haaraa jalatti akka hiriiru murtee isaa dabarsuu barbaada.
Maayyii irratti, uummanni keenya kanneen biyya keessaa fi ala jirtan, akkasumas qabsaa'onnii fi quuqamtoonni saba Oromoo hundi roorroo fi gidiraa saba keenyarratti deemaa jiru jabaatee ofirraa qolachuuf wayita hojiitti seenee jiru kanatti, murtoo fi sochii warraaqsa Qeerroo Bilisummaa
Oromoo bifa haaraan eegale kana akka tumsitanii fi cina dhaabbattan waamicha dabarsina.
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati!
Injifannoo Uummata Oromoof!
Fulbaana 29, 2021
Finfinnee, Oromiyaa

30/09/2021

Oduu Aagaa waraanni Bilisimmaa Oromoo Zoonii lixaa Humna haaraa eebbisiisee jira.

30/09/2021

Hidhachuun furmaata ......Afaan Qawwee saba keenya bilisa baasuuf jirti.

05/09/2020

Kabajamtoota Hordoftoota keenya yeroo muraasaf median keenya karaa toora fb adda citee amma tooratti waan deebi'ee jiruuf. Isa adda citee tureef dhiifama isin gaafanna...ammas waamicha qeerroo marsaa 4ffaaf waamametti qophii hunda xumurre kan walitti deebinu ta'uu isin beeksifna.

17/08/2020

Mormiin Guutuu Oromiyaatti hardha dhohee Boris immoo irra caale akka ooletti eegama .qeerro teessus duuti sirraa hin dhàabbanne la'i falmadhu mootumma nama nyaata kan nafxanyaan dursamu ofirraa buqqisi.

17/08/2020

12-12-12 ........ protest

15/08/2020

"Harargee lixaa Aanaa xuulloo to Qeerroon aanichaa sa'a amma kana Hiriraa mormii gaggeessa jiruu qilleensa irra nuuf oolchi"

Oromoon jirtuu??

15/08/2020

Yaadni goonnii dhaabee guddatee gaara kaamuu haachaaluu....

06/08/2020

BB$: Hagayya 6/2020
Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadar Magaalaa Qobboo Keessatti Humnoonni Mootummaa Nama Maqaan isaa Nasruu Aliyyii je'amu ajjeesuun himame.

Ajjeechaa kunis kan raawwate humna Addaa Poolisii Oromiyaa yeroo tahu, Magaalaa Qobboo Ganda Tuuchaa keessatti akka tahe Namni naannicharraa yaada nuuf kenne ni mirkaneessa.
Nasruu Aliyyii, Ganama Har'aa erga rasaasan dhawamee booda Yaalaf Gara Dirree Dhawaa geeffamus Lubbuun hafuu hin dandeenye.

Nasruu Aliyyii Abbaa Ijoollee 3 yeroo tahu, Mana jireenya isaa duratti Humni addaa kun rasaasan rukutee ajjeesuu isaa jiraattonni ni dubbatan.

Nasruu Aliyyii rabbiin jannataan haa qananiisu jechaa, maatii fi firoottan akkasuma Oromoota ajjeechaa isaa kanatti gaddan hunda Rabbiin haa jajjabeessu jenna.

Oromiyaa kutaalee garagaraa keessatti Humni addaa Dhiheenya leenjifamee bobbaafame kun Hawaasa nagayaa ajjeesaa jira.

Erga Artisti Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamee fi Hooggantootaa fi miseensonni Paartilee Siyaasaa baay'een hidhamanii as, Oromiyaan dirree lolaa taatee jirti.

06/08/2020

Baga Hagayya 6 guyyaa seena qabeettin geeessan..Maarre har'as uggurraan diinagdee kan mootummaa naftiginnaa maaraachise har'as guyyaa seena qabeessa kana akka cimee itti fuufu. # oromo protest

05/08/2020

Coming soon on vision Entertainment

03/08/2020

Qeerroon bilisummaa oromoo qabsoo isaa karaa hundaan of eggannoo guddaan sochohuu qaba jarri bilxiginnaa akka saree maraatu oliif gadi fiigde nama ciniinuuf watwaataa jirti... # oromoprotest

02/08/2020

Uggurri diinagdee qeerroon labsame wiixata booru waan eegaluuf, Abbootiin qaabeenyaa konkolaataa isaanii bobbaasani qeerroon waliin akka walittti hin buune akkasumas qabeenya isaanii balaaf akka hin saaxille qeerroon oromiyaa abbootii qabeenyaatiif dhaamsa dabarsanii jiru. protest

02/08/2020

Bor qoqqobbiin siyaasa oromiyaa guutuutti waamame ....magaala magaalaatti karaan geessu cufuun qeerron oromiyaa galma akka geessisu shakkiin tokko hin jiru. Qeerroon diina isaa akkuma kana duriitti biyya isaati hari'ee baasa...hhh edaa warri amma kun eesaatti baqatu laata? protest

02/08/2020

siyaasaa hunduu atattamaan akka hiikaman.

01/08/2020

“Murtii Tokko melee Qeerrowwan Baaletti Hidhaman Muraasa.
Baale:
Osoo Mana Murtii hin dhihaatin qeerroowan Dambal-Baaletti
Hiraarfamaa jiran Muraasa.
1 Muhammed sh/Abdurahhim
2 Abdii Haaji qamar
3 Haaji muussaa Haaji aadam
4 Abduu ilmii
5 Kaliil Jamaal
6 Abaadir Huseen
7 A/Rahman Yuusuf
8 Umar ismaail
9 Saadiq Ayyuub
______________________________
Hidhamtoota murtii malee Baalee Diinshootti Hiraarfamaa jiranii fi
Tumaadhan Caccabsaman!
1,Abdurroo kadii
2 jamaal abduqquu
3 Awwal ibraahim Garutee
4 Jamaal muhammed husaa
5 Kadiir Obsaa Hajjii
6 Abdussalaam Sulxaan waashoo
7 Kadiir Tulaa Haaji
8 Fatii Tulaa Haaji maamma
9 Jeylaan ibraahim
10 Abduu Abaadir
11 Awwal Ibraahim
12 Awwal Amaan
13 Siraaj Amaan haaji ayyoolaa
Kanneen Tumaadhan Caccabsaman!
1 Abduu Kaliil
2 Abdulmannaan Kadiir Kabir said!
____________________
Qeerroowwaan Du'a hacaalu booda Baalee Aanaa Beeltu Kurkurruutti
Hidhamanii Hiraarfamaa jiran! haga tokko maqaan kinooti! Nama 26!
1,Diinoo ahmad
2,Hasan jamaal
3,Tasfaayee Girmaa
4,Muhammad Ahmad alii
5,Giraany Simee
6 miftahaa kaliil
7 Dureessaa jamaal
8 obsaa abdussalaam
9 Guutamaa gazzaali
10. Amaan muzayyan
11 Baalee Bayaan
12 awwal jamaal
13 shaffis haaji aadam
14 Sayyid abdoo Huseenoo
15 Abdulqaaliq(Sheeddoo)
16 Taammirat Mokonnin
17 Abdurazaaq maammee
18 Naajii Qaasim
19 Sheek ahmed abdurqe
20 Kadiir Aliyyii
21 Abdiisaa Badhaasoo
22 Anaaji K/Umar(Dubr)
23 ayyantuu abdul jawaad (Dubr)
24 Waarituu Sulxaan(Dubr)
25 sittiinaa jamaal(Dubr)
26 kadiir Maammee”

29/06/2020

HACHALUN naanno galaan condominiyeemitti qaawwen rukutame ajjefamuun dhaghame

24/06/2020
17/06/2020

MUST GO

BAALE  # Diinshoo magaala diinshootti amma mormii ummataa geggeeffamaa jira poolisoonnis gaasi nama boossisu ummaata nag...
13/06/2020

BAALE # Diinshoo magaala diinshootti amma mormii ummataa geggeeffamaa jira poolisoonnis gaasi nama boossisu ummaata nagaa irratti dhukaasaa jiru ..mormiin kunis ajjeechaa sadik irraan dheengadda ga'e kan jalqabedha.

Join godhaa page telegram dhugaa saba keenya bakkeetti kan baastu Birmajjii Mediahttps://t.me/birmajjii7
13/06/2020

Join godhaa page telegram dhugaa saba keenya bakkeetti kan baastu Birmajjii Media
https://t.me/birmajjii7

Dhugaan yoomuu mo'ataadha.

Maal jechaa jira namichi kun Dhuguman oromiyaan gola ciisichaasaa itti fakkaachuu hin diddu.
13/06/2020

Maal jechaa jira namichi kun Dhuguman oromiyaan gola ciisichaasaa itti fakkaachuu hin diddu.

13/06/2020
13/06/2020

274 signatures are still needed! Remove the Statue Minilik from Addis Ababa

12/06/2020
Weerarri vaayrasii koroonaa filannoo gaggeesuuf qophii ture gufachiiseera-  MM Dooktar AbiyFIB-Waxabajjii 12,2020Muummee...
12/06/2020

Weerarri vaayrasii koroonaa filannoo gaggeesuuf qophii ture gufachiiseera- MM Dooktar Abiy

FIB-Waxabajjii 12,2020
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Manni Maree Federeeshiinii dhimma filannoo fi walqabatan ilaalchisee murtoo haara galfii dabarserratti ibsa laataniiru.

Manni Maree federeeshiinii dhimma filannoo fi biroorratti murtee haara galfii dabrsuu kan ibsan Dooktar Abiy murtichis murtee waaytummaa eeggateedha jedhan.

Dooktar Abiy dhiibbaa weerarri vaayrasii koroonaa qaqqabseesu ittisuuf tarkaanfiiwwan heera mootummaa eeggate fudhatamaniiru jedhan.

Taateen kun adeemsa demookraasii akka shaakkalluuf tarkaanfii tokko gara fuula duraatti akka tarkaanfannu carraa uumeera.

Murteen darbes nageenya fi fayyaa ummataaf malee umrii paartiilee dheessuuf akka hin taane hubatamuu qaba jedha.

Filaannoo dheereessuun kan barbaachise wayita filaannoo miidhaa uummamu hir’isuuf kan kaayyeffameedha.

Qormaata gama diinagdee, hawaasummaa fi siyyaasaan ga’uu danda’u hir’isuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessattuu rakkoo balaa beelaa muudachuu danda’u hambsuuf malaa fi xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Dooktar Abiy.

Ityoophiyaatti guddinni demookiraasii akka dagaaguu fi waliigalteen biyyaalessaa akka uumammuuf Paartiin biyya bulchu dhimmoota biyyaalessa ijoorratti paartiilee siyyaasaa waliin marii taasisu itti fufa jedhan ibsa isaaniin.

Ilaalcha garaagaraa qabaannus biyyi teenya tokkuma kan jedhan Muummeen ministiraa, karaa tasgabbii fi qaroomina qabuun marii taasifnu itti fufna jedhan.

Murtee ijoo dhimma biyyaalessarratti waliigaluun sirreessaa adeemuun murteessa ta’uu ibsaniiru.

Daa’ima ganna sagaliitu waraana mootummaatin ajjeefame.GNN:- Waxabajjii 12/2020====================Godina wallagga lixaa...
12/06/2020

Daa’ima ganna sagaliitu waraana mootummaatin ajjeefame.
GNN:- Waxabajjii 12/2020
====================
Godina wallagga lixaa aanaa Gullisoo keessatti Daa’ima waggaa 9 bakka inni midhaan eegutti raayyan ittisa biyyaa rasaan ajjeesse.
Gadda dhuma hin qabnee fi gochaa gar-jabummaa abbaa irree Godina Wallagga Lixa Ona Gullisoo Ganda Jaarsoo Birbir jedhamutti, daa’ima umuriin isaa gannaa 9 maqaan Isaa Ayyaanas Waaqgaari jedhamu utuun inni Midhaan eegaa jiru kaleessa waaree booda loltonni Mootummaa rasaasa itti robsani ajjeesan.
Akka maddeen KMN gabaasanitti Maatiin isaa hiyyeessa, geggeessuufillee buusiidhaan Saanduqa fi wanneen biraa nama du'eef barbaachisu guunne naan jedhe Qeerroon Naannoo sanaa. Abbaan isaas Harka irra rukutame Mana yaalaa jira jedhan.
Ajjeechaan jumlaa qaamota mootummaatin raawwatamaa jiru Kan koorniyaa fi Saala akkasumas sababa hin filanne ta’uun isaa yeroon kun yeroo duguggaan sanyii oromoorratti raawwatamaa jiru ta’uu argisiisa!

Nama Waliin Mormaa Jirtan Kana Beekuun Barbaachisaadha Mistar Abiyoot This is   Abbaa Qeerroo Fi Qarree Oromo Kan dhugaa...
12/06/2020

Nama Waliin Mormaa Jirtan Kana Beekuun Barbaachisaadha Mistar Abiyoot This is Abbaa Qeerroo Fi Qarree Oromo Kan dhugaa Oromoo Qotee bollaa Baasu isa Shira keessan Addunyatti saaxilu isa Hammeenya keessan Osoo isin Hin aangomin Tilmaame isa Nuti Ilmaan Oromo Arrallee borullee Obbo Jawar waliin Jirra Maal Fiddan yaa yartuu Isin Waggaa 27 ol ilmaan oromoo Saamaa saamsisaa Ajjeesaa Ajjeechisiisaa har’a geessan kanaaf Tasuma Oromoof hin taatan Nuuf jiraadhu ❤️

Dubbii Dookumantarii! SOBAAMallattoo kufaatii mootummaa agarsiisu keessaa tokko dokumentarii qopheessuudha!Shakkamaan ka...
12/06/2020

Dubbii Dookumantarii! SOBAA

Mallattoo kufaatii mootummaa agarsiisu keessaa tokko dokumentarii qopheessuudha!

Shakkamaan kamuu yakki ittiin shakkame seeraan qulqullaa'ee murtii seeraatiin adabamuu qaba. Kanaa achi dookumantariin mana murtiitii miti. Shakkamaa kamuu mana murtiitiin malee dookumantariin adabuuf yaaluun sirrii miti.

Qaamni bifa kamiinuu yakka (ajjeechaa, saamichaa, sarbiinsa mirga dhala namaa adda addaa fi k.k.f...) shakkame tokko dhimmi isaa sun mana murtiitti dhiheeffamee dhimmi ittiin shakkame qulqullaa'ee adabbiin yakkichaan madaaltu mana murtiin itti kennamuu qaba malee dookumantariin irratti hojjatamuu hin qabu.

Bu'aan dookumantarii wal irratti hojjachuu keessaa argamtu maal akka taate dookumantariiwwan waggoota 27'n darban 'n yeroo yeroon nu daawwachiisaa bahe irraa arginee jirra. Ammas kanuma itti fufuun kisaaraa malee faayidaa homaatuu hin qabaatu.

Inni ammaa kun durii caalaa hamaadha. Dhimmi kun dhimma akka salphatti ilaallamuu qabuu miti.
Kanaaf....
Warreen dabareen keenya jettanii asii fi achiin dookumantarii wal irratti hojjachaa fi hojjachiisaa jirtan dubbiin kun fagoo isin hin deemsisuu dhiisaa!

  manni maree federeshinii filannoo biyyaleessaa irratti dabarse;~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~1. Jaal Daawud Ibsaa (HD-ABO Oromo ...
11/06/2020

manni maree federeshinii filannoo biyyaleessaa irratti dabarse;
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
1. Jaal Daawud Ibsaa (HD-ABO Oromo Liberation Front-OLF/ABO) murtichi kan siyaasaa malee bu'uura heera hin qabu jedhan.

2. Professor Mararaa Gudinaa (Dura ta'aa KFO
Oromo Federalist Congress - OFC) mootummaan aangoo akka dheereffatuuf miti kan qabsoofne jedhan.

BBC News Afaan Oromoo

07/06/2020

BB$: Waxabajjii 7/2020
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongoroo keessatti, Miidhaan Namoota Naannicha jiraataniin Qubattoota irra gahuun gabaafamee jira.

Qubattoonni Oromoon Harargee irraa Waggoota hedduu dura Aanaa Amuruu qubatanii turan, ji'a dabree irraa kaasee Mootummaan Gara Aanaa Abee Dongoroo Geessee qubsiisee jira.

Qubattoonni Saba Amaaraa Kanneen Aanicha keessaa Bara Dargii bakkicha qubsiifamanii turan, Qubattoonni Oromoo kanneen akkamiin lafa keenyarra qubatu jechuun Qawwee fi Meeshaalee Qara qabaniin reebuun, namoota hedduu akka miidhanii jirantu gabaafame.

Miidhamtoota Kanneen keessatti Hogganaa dhimma Fayyaa naannoo sanii dabalatee Namoota 15 oltu Mana yaalaa, Hospitaala Dongoroo fi Shaambuutti yaalamaa jira.

Lafa Oromiyaa keessatti Lammiin Oromoo saboota biraatin miidhamuun haaraya tahuu baatus, Ummanni Oromoo Qe'ee isaa irratti akka hin kabajamne kan godhe Bulchiinsa Quuqama Saba ofii qabu horachuu dadhabuudha je'u hayyoonni.

Alaabaan Naannoo Oromiyaa waajjiraalee naannichaa keessaakaafamuu eegalte fakkaata. Kun Abbaa Alangaa Oromiyaa dhiheenya...
07/06/2020

Alaabaan Naannoo Oromiyaa waajjiraalee naannichaa keessaa
kaafamuu eegalte fakkaata. Kun Abbaa Alangaa Oromiyaa dhiheenya
ibsa kenneedha. Sissiqeet goobana jedhan san suutuma suutam
Oromiyaa dhabamsiisuuf carraaqaa jiru. Isaantu dhabama malee hin
milkaayan.

07/06/2020

Godina Guji Lixa, Aana Dugda Daawwa, Magaalaa Fincaawaa, mana
hidha Qabalee keessatti dararama jiranu kan armaan gadiiti:-
1) Maammush(Gujii) Gammade
2) Dullacha Qadiida
3) Konso Dukkalle
4) Gammachuu Baqqala
5) Caala Toleera
6) Yahiqoob (Godaana) Uddo
7) Duuba Komoodo
8) Adoola (Quxxisu) Bariiso
9) Shaaqqole Boneyya
10) Duube Adula
11) Eebbisa Koronto
12) Kuukkuu Soraa
13) Ashulee Kabbadaa
14) Quraa Bursaano
15) Astar Bursaano
16) Bollee Goobana
17) Muluu Jiloo
18) Ushukka Leqqo
19) Meseret Elema
20) Xumme Jiloo
21) Areero Galma
22) Abram Jilo

07/06/2020

MM Abiy Ahmed guyyaa boruu Paarlaama dhiyaatanii gaaffii mana
maree irraa dhiyaatafuuf deebii kennuuf jedhu!
WAAN ARMAAN GADII BEEKUU QABNA:
1. PAARLMAAN SEERAA FI HEERAAN BEEKAMTI QABU YEROO
AMMAATTI HINJIRU. MISEENSI PAARLAAMA KAN PAARTII
BILXIGINNAA BAKKA BU’EE FILATAME TOKKO ILLEE HINJIRU.
2. AKKA KEEWWATA HEERAA 60 JALATTI BARRAA’EETTI, MANNI
MAREE GUYYAA EPRDF GARA BILXIGGINNAATI JIJJIIRAME IRRAA
EEGALEE HEERAAN BITTINAA’EE JIRA.

 # HappeningUnderNobelLaurateThis is also happening under a Nobel Peace Laurate, Abiy Ahmed.The pictures show govt secur...
06/06/2020

# HappeningUnderNobelLaurate
This is also happening under a Nobel Peace Laurate, Abiy Ahmed.
The pictures show govt security personnel (in military & police
uniforms) torturing & dehumanizing a desperate man [upper body
parts naked], in a public square in Munesa, Arsi, who had physically
been visibly weakened ostensibly due to the severe beatings and
tortures he sustained.
# Ethiopia # HappeningUnderNobelLaurate
Dictator abiy must go

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yeroon Media 1 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category