Kush Broadcasting Corporation

Kush Broadcasting Corporation Freedom & Freedom for kush People

04/28/2024

Har'a gahuun OPDO(PP ) dadhabinsa ykn laafina qabsaawota irraa kan maddee dha.

Siicoon tuffatamtuun OPDO(PP)n kan isheen haga har'aatti saba keenya miidhaa jirtuuf jabina isheen utuu hin taane laafina fi dadhabinsa mooraa qabsaawoota keenya irraan kan ka'ee dha.Utuu mooraan qabsoo fi qabsaawotaa cimee jabaatee mul'atee jiraate OPDOn haga kana uummata keenyaatti taphachuu mitiiti silaa kan ji'a tokko illee aangoo irra turtu hin turre.

Jiraachuu OPDO kaleessaa fi PP har'aatiif kan carraa jireenyaa saaqeef dadhabinsa ykn laafina qabsaawota keenyaa fi itituu dhabuu mooraa qabsoo keenyaa ta'uu beekamuu qaba. Kun ta'uun ammoo gadda guddaa fi qaaniidhalle.

04/27/2024

Oromoon gootota ilmaan isaa awwaalee boowee galee rafuu male gumaa baafachuu hin danda'u.

04/25/2024

የኦሮሞን ሕዝብ እያደሙ እየገደሉ እና እያሰቃዩ የአብይ አህመድ የኢትዮጵያ ብልፅግና ና ግንባታ ማለት ጭራሽ የማይሆን የከንቱ ከንቱ ነው።

04/25/2024

Oromoon dhiigfamaa fi ajjeefamaa Itoophiyaa Abiyi Ahimad ijaaru tasa gonkumaa hin jiraatu.

Via( SQBO)"“Shaggar Bahaa Aanaa   waraanni faashistii Abiyyi Barataa mana barnootaa Sadarkaa 2ffaa Booraatti Barataa kut...
04/24/2024

Via( SQBO)
"“Shaggar Bahaa Aanaa waraanni faashistii Abiyyi Barataa mana barnootaa Sadarkaa 2ffaa Booraatti Barataa kutaa 10ffaa kan tahe gara maatii isaatti galaa osoo jiruu waraanni rasaasaan ajjeesan .
Barataa Qananiisaa Daadhii Tufaa osoo gaarii fardaan gara maatii isaa galaa jiruu Humni waraanaa pp gaarii irraa buusee rasaasaan rukutee ajjeese."

04/20/2024

Oromoo qubaqabaadhu!
Kallattii hundaan duulli waraanaa hamaan Oromummaa irratti banamee jira!

"Galaalchessaa fi Barataa Yuuniversiitii Finfinnee kan tahe Sora Jirma Ali Ebla 10/2024 sirna Awwaalcha Qondaala Siyaasa...
04/20/2024

"Galaalchessaa fi Barataa Yuuniversiitii Finfinnee kan tahe Sora Jirma Ali Ebla 10/2024 sirna Awwaalcha Qondaala Siyaasaa ABO Jaal Battee Urgeessaa irratti argamuuf Finfinnee irraa gara Maqii kan imalee humnoota waraanaan tohatame hanga ammaa hin hiikamiin jira.

Sagalee haa taanuuf!"

04/20/2024

Oromoo ! Roorroo jechaan himuun namatti ulfaatu daangaa darbee jira. Tuffatamne, banneerra!

04/20/2024

"Maatii galaalchessaa SBO fi Qondaala Siyaasaa ABO Jaal Waaqoo Noolee Humni waraanaa faashistii Abiyyi rashanuun reeffa awwaalcha dhorke.

Namoonni 9 Ebla 14, 2024 Rashanamanii Reeffi isaanii gariin Ganda darbatamee gariin ganda darbatame hanga ammaa Reeffi guyyoota 5f tortoree hurufa keessatti Milishaan Waraabessa irraa eegaa jiru jechuun Waaqoon fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti barreesseera.

Maatiin waaqoo akka dhaqanii hin awwaalanne godhanii isaanis yoo boochiftaniif maqaa isaanii dhooftan isin Rashannaan doorsisaa jirus jedheera.

Namoota Ajjeefamanii hanga ammaa hin awwaalamin:

1) Sa'uudii Hajjii Waaqoo
2) Dr. Abdulkariim Abubakar/Jawaaroo Sadee
3) Ruqiyyaa Sadee fi namoonni 6 ammaaf maqaan addaan hin baafamin gandeen Bubbisaa fi Washaatti Reeffi isaanii tortoraa jira.

Warri manatti hafanis jaarrolii malee buqqa'anii baqatanii bakki amma jiran hin beekkamu.

Kan ummata kana akka Rashanaman ajajjee mallatteessee fi qabee kan kenne Bulchaa ona Adaabbaa Obbo Kamaal Haaji Tolaa fi Bulchaa Qoomaa Abaasaa Muhaammad Haaji Muussati."

Ajjeechaan Jumlaa Addababayitti Waraana Biltsiginnaa Namummaan Itti Hin Dhagahamneen Ummata Keenya Irratti Raawwatu Dhaa...
04/18/2024

Ajjeechaan Jumlaa Addababayitti Waraana Biltsiginnaa Namummaan Itti Hin Dhagahamneen Ummata Keenya Irratti Raawwatu Dhaabbachuu Qaba.

Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Gooliin Diimaan (ቀይ ሽብር/red terror) DERG caalaa ulfaataa fi hammaataa tahe goolesitoota Biltsiginnaan Oromiyaa keessatti daraan jabaatee itti fufeera. Ummata keenya oolii bulti dhoowwuun yakki namooma waraanni Biltsiginnaa ummata meesha maleeyyi irratti raawwatu kan yoomiiyyuu caalaa akkaan nu yaaddesseera.
Yakka tokkoon ala ummanni keenya maqaa gara garaa itti moggaafamuun guutummaa goleelee Oromiyaa keessatti Waraana Biltsiginnaan boortaan ajjeefamaara. Addi Bilisummaa Oromoo ajjeechaa suukaneessaa gar jabinnaan ummata meesha maleeyyii irratti raawatu gadi jabeessee balaaleffata duras dhaabbata.

Tibba kana jala bultii Ebla 15nii Ebla 14, 2024 kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Lixaa Onaa Adaabbaatti waraanni Biltsiginnaa miseensa maatii tokkoo ukkaamsanii deemuuniin kaan ajjeesanii gatanii kaan achi buutee dhabamsiisuu caasaa keenya irraa mirkaneeffaneerra.

Akka kanaan tarkaanfii ajjeechaa suukaneessaa ummata meesha maleeyyii ukkaamsuun irratti fudhataniin, namoota lama rasaasa itti roobsuun ajjeesanii namoota lama ammoo eerga rsaasaan rukutanii booda fuudhanii iddoon geessan hin baramin jira.

Kanneen yakka tokkoon ala roorifamuun ajjeefamanii fi achi buuteen dhabamsiifame,
1)​Haadha ijoollee 4 Aadde Ruqiyya Sadee
2)​Dargaggoo Abdulkariim Jawaaroo Sadee
3)​Dargaggoo Su’uudii Hajjii Waaqoo fi
4)​Nama ammaaf maqaan isaa hin baramne tokko akka keessatti argamu mirkaneeffanneera.
Aadde Ruuqiyyaa Saadee fi Dargaggoo Abdulkariim Jawaaroo Sadee eerga ajjeesanii booda reeffi Aadde Ruqiyyaa ganda Washa Jedhamutti gatamee kan Dargaggoo Abdulkariim ammoo ganda Bubbisaa jedhutti gatame. Sa’uudii Hajjii Waaqoo fi namni afuraffaan eerga rasaasaan reebanii ajjeefne jedhanii biraa deemanii booda isaanii lubbuun keessa jirtu ummanni naannoo argee mana wal’aansaatti eerga geessanii booda waraanni Biltsiginnaa faana dhahuun mana wal’aansaa seenanii fudhatanii achi buutee akka dhabamsiisan odeessi maatii irraa caasaa keenya dhaqqabe ni ifoomsa.

Maatiin tarkaanfii ajjeechaa waraana biltsiginnaan irratti fudhatame kunneen Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdaniin tibba darbe mana jireenyaa isaanii waraanni Biltsiginnaa ganda Haqoo Kaarratii erga qabeenyaa waliin jala gubee, lubbuu isaanii baafachuuf jecha akka Ona Adaabbatti baqatan Caasaan keenya nuuf mirkaneesseera.
Maatii ajjeefaman keessaa Aadde Ruqiyyaa Sadee Sirna Wayyaanee keessallee carraa gadi teessee ijoollee guddifachuu hin arganne. Ammas WBO waliin hidhata qabda ittiin jechuun yeroo hedduu hiraarsaa waan turaniif, ganda Haqoo Kaarraatii mana jireenyaa irraa gubanii waraana baqachuun maatii ishee waliin magaalaa Adaabbaatti akka galtee caasaan keenya nuuf himan.

Warra rasaasaan rukutamanii achi buuteen dhabame cinatti Reeffi Aadde Ruqiyyaa fi Dargaggoo Abdulkariimis ajjeefamanii gandoota fagotti waan gatamaniif maatiin dursee argatee awwaalachuu hin dandeenye. Eerga ummanni Naannoo awwaaluu eegaleetii dhaqqabanne jedhu maatiin. Gaddas akka hin teenneef waraanni mana nu marsee nu doorsisa jechuun caasaa keenyatti himaniiru maatiin Aadde Ruqiyyaa Sadee.

Tibba kana erga ajjeechaan suukanneessaan Qondaala siyaasaa Ol’aanaa ABO Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwatee as yoo xiqqaate namoonni 20 ol ta’an haala walfaakkaataan goleelee Oromiyaa gara garaa keessatti murna nama nyaataa abdii kutate paartii Biltsiginnaan ajjeefamuus ABOn mirkaneeffateera.

Godina Wallagaa Bahaa Ona Sibuu Siree bakka addaa ganda Lalisaa (Mootoo) jedhamutti Ebla 14, 2024 waraanni PP naasuu ummataa hin qabne namoota nagaa baay’inni isaanii 15 tahan bakka tokkotti jumlaan rashanuu akkasumas Kibba Oromiyaa Gujii fi Godina Wallagga Lixaa keessatti ajjechaa lammiilee nagaa irratti akka raawwate qulqulleeffanneera.
Bifuma wal fakkaatuun Lixa Oromiyaa Godina wallaggaa Lixaa Ona Boojjii Coqorsaa ganda Shaboo Meexiittis gaafa Ebla 17, 2024 nama maqaan isaa obbo Ayyalaa Biraasaa jedhamuu abbaa ijoollee ja'a(6) kan ta'e badii tokkoo malee nama hawaasaa keessatti kabajaa fi jaalala guddaa qabu waraanni murna Biltsiginnaa ajjeesaniiru.
Murni Biltsiginnaa waraana gaafatamaa fi namummaan itti hin dhaga’amne ummata qulqulluu irratti bobbaasuu, lola lafoo fi qilleensaa ummata irratti deemsisuun lubbuu qulqullootaa akka baalaatti harcaasuun ummata keenya jumlaan fixuun akkaan nu yaaddesseera. Kun ammoo akka ummanni keenya tarkaanfii of ittisuutti galuuf yaawicha akka goonuuf nu dirqisiisa.

Waan taheef, ummanni keenya guutummaa goleelee Oromiyaa cufa keessa jirtan Oromummaa keessaniin yakkamtanii ifatti ajjeechaa jumlaa Waraana Biltsiginnaan isin irratti deemaa jiru jalaa of baraaruuf of eeggannoo barbaachisu gochaa waan dandeettaniin of ittisaan dhaamsa keenya.

Gochaalee suukanneessaa waraana PPn waggoota shanan darbaniif walitti fufiinsaan Oromiyaa keessatti ummata nagaa irratti raawwatamaa ture, hidhaa fi ajjechaa jumlaa, reebicha ulfaataa, doorsisa, manneen ummataa ibiddaan gubuu fi summiin ummata gaaga’uu Biltsiginnaa akkuma kanaan duras dura dhaabbataa turre, ammas Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n dura dhaabbata; jabeessees balaaleffata.

Ajjeechaa suukaneessaa DERGn goolii Diimaa (ቀይ ሽብር/red terror) uumuun ummata fixe caalaa ajjeechaan suukaneessaan dachaan Goolii diima DERG caalu murna Biltsiginnaa “KOREE NAGEENYAA” Oromoo ajjeesuuf hundeeffamteen ummanni keenya duguugamaa jira. Kun Adda Bilisummaa Oromoo akkaan yaadesseera.

Gochaa suukanneessaa murni balleessee baduuf murteeffate partiin Biltsiginnaa waraana ummata keenya irratti addatti Deegartoota, Miseensota, Qondaalotaa fi Hoogantoota ABO irratti bobbaasuun dhaqqabsiisaa jiru akka dura dhaabbatanii fi balaaleffataniif ummanni Oromoo bal’aan keessaa fi alaa, lammiileen Oromiyaa, waliigalatti ummatoota biyya kanaaf gadi jabeesinee dhaamna.

Maayii irratti jaarmiyaaleen siviilii, dhaabbileen mirga namoomaa fi hawaasni iddil-addunyaas akka dura dhaabbatanii fi gocha kana morman waamicha taasisna.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 18, 2024
Finfinnee

04/16/2024

Seenaa gabaabaa seenaa Abboomaa Mitikkuu :

Madda:Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo:

Abboomaa Mitikkuu Waaqoo jedhama. Maqaan qabsoo inni ittiin beekamu 'Abbaa Xiiqii jedhama. Abbaa Xiiqii kan jedhameef xiiqii namaan qabatee osoo hin taane waan hojjatu tokko xiiqiin hojjatee galmaan gahu malee waan duubatti hin deebineefidha.
Carroomee umurii rifeensa lama itti biqilchan hin agarre, ganna 32 ykn 33 caala lafarra hin jiraanne, akka warri isa beekan jedhanitti. Garuu seenaa dhalootatti darbu hojjatee darbe jedhama.
Gaggeessitoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) 10 gammoojjii Somaaliyaa bakka Shinniggaa jedhamutti "amantiin adda hin baanu nu martuu Oromoodha" jedhanii ajjefamaniifi boolla Shinniggaatii olitti warra maqaasaanii seenan kaasu keessaa tokko Abboomaa Mitikkuu (Abbaa Xiiqiti).
Sochii barattoota yunivarsiitii keessatti shoora guddaa taphachuu kaasee hanga qabsoo hidhannootti nama fulla’eedha.
Abboomaa Mitikkuu nama beekaa, kutataafi waan itti amane dubbachuufi raawwachuuf duubatti hin deebine akka ta’e himu namoonni itti dhiyeenyan isa beekan.
Abboomaa Mitikkuu umurii gabaabaa jiraate keessatti maqaa guddaa akkamiin horate? Qabsoo uummanni Oromoo keessumaa bara Dargii gaggeesse keessatti shoorrisaa maali? Seenan maalin isa yaadata gaaffilee jedhaniifi kaan irratti xinxaala kana isiniif dhiyeessineerra.
Obbo Dheerressaa Qixxee yeroo Addi Bilisummaa Oromoo hundeeffamee kaasee qabsoo ABOn gaggeesse turaniifi Abboomaa Mitikkuu itti dhiyeenyan beekaniidha.
Bara Dargii keessa waggaa 10 hidhamanii erga bahanii booda bara Chaartaraa namoota biiroo ABO Naayiroobii Keeniyaatti akka bananiif ergaman keessaa nama jalqabaa akka ta’anis himu.
Obbo Dheeressaan turtii BBC waliin taasisaniin Abbomaa Mitikkuu, keessumaa Yunivarsiitii Finfinnee, kan yeroo sana Yunivarsiitii Qadaamaawwii Hayila Sillaasee, jedhamu kaasee sirriitti akka beekaniifi nama jabaa qabsoo Oromoo keessatti guumachee darbe ta’uu human.
‘Abboomaan maatii barateefi qabsaa’aa keessaa bahe’
Abbooman, Obbo Mitikkuu Waaqoofi haadhasaa Aadde Margee Miijanaaf ilma angafaati.
Obbolootasaa keessaa Abeel Mitikkuu yeroo dheeraaf waliin qabsaa’aa akka turan kan himan Obbo Dheeressaan, Abboomaa Mitikkuu maatii qabsa’aa, jabaafi barate keessatti dhalatee akka guddate dubbatu.
Abbaan Abboomaa Obbo Mitikkuu Waaqoo Yuunivasriitii Haramayyaa irraa bara bulchiinsa Hayilassillaasee nama digrii jalqabaan eebbifamaniifi miseensa Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessattis hirmaannaa guddaa qabaniidha. Baaroo Tumsaa fa'aa waliinis walitti dhufeenya gaarii akka qabanis himu.
"Barattoonni Oromoo bakka garaa garaa irraa dhufne mana Obbo Mitikkuutti wal-geenyee waa'ee qabsoo mariyataa turre," jechuun Abboomaa qofa osoo hin taane maatinuu qabsoo keessa akka turan himu.
Maatii qabsaa’aafi barate keessatti dhalachuun Abboomaafi obbolootasaa kan akka Abeeliif ija qabsoo akka baneefis kaasu.
“Obbo Mitikkuun miseensa [Waldaa] Maccaafi Tuulamaa keessaa tokko turan. Maatii sabboonaafi qabsaa’aa keessaa dhalata gurbaan kun [Abbooman],” jedhu.
Obbo Dheeressaan akka jedhanitti, Abboomaa Mitikkuu Gimbiitti dhalatus maatinsaa nama barateefi qabeenya waan qabaniif yeroo inni daa’imaa Finfinneetti galan. Kanarraa kan ka’e Finfinneetti yeroo sana manneen barnootaa bebbeekamoo kanneen akka American Community School fa’aatti barate. Mana baruumsaa kanatti ijoollee lammiilee biyya alaafi namoota qabeenya qabaniitu barata ture.
“Dhumarratti hanga yunivarsiitii galutti [kutaa 9-12] mana baruumsaa 'elliitii' [warri qaroon itti baratan] Tafarii Makonninitti barate,” jechuun Abboomas ta’ee maatii isaa wajjin sirriitti akka wal-beekan dubbatu Obbo Dheeressaan.
Baruumsan waggaa lama Abboomaa akka dursan kan himan Obbo Dheeressaan, osoo inni yunivarsiitii hin galiin daa’imummaa kaasee akka beekaniifi nama yaada ‘tarkaanfataa’fi waa walitti qabuufi gurmeessuu jaallatu akka ta’es himu.
Maatiin Abboomaa Mitikkuu Finfinneedhaa mana jireenyaafi jireenya fooyyee kan qaban ta’uusaanin manneen barnootaa bebbeekamootti barachuuf carraa argachuusaarraa kan ka’e Abbooman baruumsatti cimaafi dandeettii afaan Ingiliffaallee sirriitti qaba ture.
Kanarraa kan ka’e namoonni Abbomaa wajjin falmanii amansiisun akka itti ulfaatu himu Obbo Dheeressaan.
Yunivarsiititti Mallas Zeenaawwii caala Abboomaa Mitikkuutu beekamaa ture’
Abboomaa Mitikkuu osoo warraaqsi barattootaa hin eegalin dura bara 1973tti Yunivarsiitii Finfiinnee seene. Osoo inni waggaa lammaffaa baruumsa Ikonomiksii barataa jiruu warraaqsi barattootaa bara 1974tti dhohe. Yeroo sana namoota inni wajjin ture keessaa tokko qondaala duraanii TPLF waraana Kaaba Itoophiyaarratti du’e Abbaay Tsahaayyee wajjin Ikonomiksii barataa turan.
Muummee Ministeera duraanii Itoophiyaa kan turan Mallas Zenaawwii caalaa Abboomaafi Abbaay Tsahaayyee beekamoo akka turan himu Obbo Dheeressaan. Yeroo sana barreessaa olaanaa Gamtaa Barattootaa ta’uun dorgommii cimaa qaba ture. Barattoonni Oromoofi kan Tigraay irraa dhufan aangoo gaggeessummaa barattootaa of-harka galfachuuf dorgommii falmii cimaan akka turetu himama.
Abbooman nama Finfinneetti guddate ta’uusaatin barattoota saboota garaa garaa irraa dhufan biratti baay’ee jaallatamaa ture.
“Laggasaa [Mallas] Zeenaawwii beekamaa hin turre, inumaayyuu Abbaay Tsahaayyetu irra beekamaa ture. Mallas, Siyyee, [Abbaay Tsahaayyee]fi Abboomaan fa’aa 'baachii' tokko turan. Abboomaa wajjin kan dorgommii seene Mallas osoo hin taane namoota biraati.
“Ijoollee Finfinnee waan ta’eef warra Amaaraa, Oromoofi [kaan birratti] baay’ee jaallatama ture. Dandeettii cimaa qaba. Yoo barbaades konkolaatadhaan deema, garuu of-hin tuulu.
Xiiyyeeffannoonsaa qabsoo Oromoo jajjabbeessuufi ijoollee Oromoo jajjabeessurratti ture,” jechuun Abbooman sagalee guddaadhan barreessaa olaanaa Gamtaa Barattootaa ta’ee akka filatame kaasu gameessi siyaasaa Obbo Dheeressaa Qixxee.

Abboomaa Mitikkuu barreessaa olaanaa Gamtaa Barattoota yunivasriitii ta’ee osoo jiruu bara 1974tti warraaqsi Dargii aangotti fide dhohuun deemsa qabsoo isaa gara sadarkaa biraatti akka cehu taasise. Yeroon kun yeroo itti ABOn dhoksaan wixinee hundeeffama dhaabaa itti qopheessuu fa’aa eegaleedha.
Baruma sana namoonni akka Baaroo Tumsaa, Leencoo Lataa, Diimaa Noggoofi Abbiyuu Galataa fa’aa nama jaha ta’anii wixinee ABO qopheessaa akka turan himu Obbo Dheeressaan. Bifuma wal-fakkaatun yeroon warraaqsi itti eegalu kun yeroo barattoonni Oromoo kutaalee garaa garaa irraa heddumminaan yunivarsiitii seenan akka ta’e ragaalen ni himu.
Bara 1973/74 yeroo Baaroo Tumsaa fa’aa wixinee ABO hundeessuu qopheessan Abboomaan dargaggeessa ta’us “maatinsaa qabsaa’aa waan ta’aniif odeeffannoo sirriitti argata ture. ” jechuun warraaqsi bara 1974 dhohe dargaggoota Oromoo yunivarsiitii jiraniifi kanneen ABO hundeessan namoonni akka Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii fa’aa barattoora yunivasriitii wajjin wal-quunammuun sochiin qabsoo finiinaa ture.
Dargiin aangoo akkuma qabateen barattoonni sadarkaa lammaffaa hanga yunivarsiitii jiran baadiyyaatti duuluun hojii dadammaqiinsa uummataa akka hojjataniif Zamachaa ykn duula eegale.
Zamachaa kanaan barattoonni yunivarsiitii kutaa Itoophiyaa garaa garaatti ramadamanii duula uummata barsiisuufi dammaqasuu eegalanin Abboomaa Mitikkuu kara Kaaba Itoophiyaa naannoo Amaaraatti duule.
“Galaasaa Dilboo fa’aa gara ‘Nageellee Booranaatti’ duulan. Abboomaa Mitikkuu karaa Gondariin Daabat bakka jedhamutti duule. Isaa wajjin kan garasitti duule Daawud Ibsaati.
Aniifi Badhoon [Badhoo Dachaas] ammoo Wallorraan Addigiraatitti ramadamne,” jechuun Abboomaan ji’a jaha duula Dargiin labserratti erga hirmaatee booda bakka bu’aa barattootaa waan tureef Finfinneetti waamamuusaa himu Obbo Dheeressaan.
Baaroon koodii M-6 jedhuun Abboomaafi namoota shan waliin icciitin Somaaliyaatti erge
Abboomaa duula hawaasa barsiisufi dammaqsuu Dargiin labserraa waamamee akkuma gara Finfinnee dhufeen Barroo Tumsaa fa’aa hojii deeggarsa ABO akka hojjataniif karaa imbaasii Somaalee dhoksaan haala mijeessuun gara Somaaliyaatti isaan erge.
Baaroon yeroo sana dhaabbata Ye Hizbi Dirijjit (Ijaarsa Uummataa) jedhutti qindeessaafi namoota akka Sannaayit Likkeefi Hayilee Fidaa wajjin yeroo gabaabaf hojjatus, yeroo hedduu qabsoo Oromoo qindeessuufi daandii qabsiisurratti akka dabarseyu himama.
Abboomaa Mitikkuu Finfinneetti erga deebi’ee booda “Gadaafi Muhee Abdoo fa’aa wajjin wal-argee, Baaroon haala tokko tokko qiqindeessee jara kana Moqadishootti erguuf karaa imbasii Somaaliyaa haala mijeesse," jechuun namoota jaha wajjin Abboomaan gara Somaaliyaa akka deeme himu.
Yeroo sana Jaarraa [Abbaa Gadaa] fa'aa Moqaadishootti waan hidhamaniif isaan hiiksisuuf garasitti ergaman. "Namoonni jahaan ergaman: Abboomaa Mitikkkuu, Muhee Abdoo, Damisee Tacaanee, Bariisoo (Ibraahim Kaliil)fi Zakkaariyaas nama jedhamuufi namni biroo ammoo Usmaan jedhama.
"Koodii M-6 jedhamu tolchanii [Baaroo Tumsaa fa'aa] Moqadishootti ergan. Moqaadishoo gaafa gahan Abboomaa Mitikkuu hidhaa seene," jechuun dhimmi deemaniif milkaa'uu didee gara Yaman deemanii achiis simatamuu dhabanii akka deebi'an himu Obbo Dheeressaan.
Yamanirraa gara Moqadishootti deebi'anii achiimmoo tattaaffii Baaroo Tumsaa fa'iin Abboomaa Mitikkuu, Muhee Adoofi Damisee Tacaaneen bara 1975 gara dhumaa biyyaatti deebi'uusaanii himu.
Erga Somaaliyaatii deebi'ee booda kora ABO jalqabaa Hagayya 1976 taa'ame keessatti Abboomaa Mitikkuu koree giddu-galeessaa ta'ee filayame. Erga koree giddu-galeessaa ABO keessatti filatee hojii dhaaba gurmeessuufi ijaaruu keessatti qoodaa guddaa gumaachaa ture.
Abboomaan bitaadhan dhukaasa...
Erga Somaaliyatti rakkiin isa mudatee deebi'ee Finfinneetti bara 1977 keessa taateen inni hin eegne isa mudate. Halkan tokko Abboomaan konkolaataa oofee Kazaanchisii ka'ee gara mana abbaasaa Kiiloo jaha Imabsii Masirii cinaatti argamuutti osoo galaa jiruu qondaalli nageenyaa Dargii tokko isa ajjeesuuf isa hordofe.
"Osoo inni konkolaataa oofee galgala gara manaa galuu namni Dargii ajajaa shantamaa ofiin jedhu tokko mooraa Dargii keessaa itti bahee hordofee ajjeesuu barbaade.
Osuma dheesuu mana warraa gahee biraa hafuu didee konkolaataa keessaa bu'ee harka kennadhu gaafa jedhuun Abbooman shugguxii baasee bitaadhan dhukaasee ajjeese," jechuun waajjira poolisii dhaqee harka akka kennate yaadatu.
Abboomaan harka erga kennatee booda qodaalota Dargii keessaa namoonni dhoksaan qabsoo ABO deeggaraniifi Baaroo Tumsaa fa'aa akka inni wabiin bahee ala taa'ee dhimmasaa hordofuuf gargaaruu himu.
Qondaalli Dargii sun Abboomaa Mitikkuu ajjeesuu kan barbaade inni hojii ABO akka gaggeessu irratti bareetii jennee gaafannaan ABOtti shakkee osoo osoo hin taane miseensa Ihaappaa itti fakkaatee ajjeesuuf akka ture himan Obbo Dheeressaabn.
"Warri Dargiis namichatu ajjeesuuf hordofe jedhanii ji'a shanii, jaha hidhamee wabiin bahe. Aniifi Daawud Ibsaa yeroo sana yunivarsiitirraa addaan kunnee hojii hojjanna jennee Naqamtee jirra [hojii ABO dhoksaan hojjatamu].
"Abbaan Caalaa nu dursee Naqamte jira. Sadii taanee achi osoo jirruu Abboomaan dhufee nutti dabalame," jedhu.
Abbaa Caalaa Lataa kanaan dura turtii BBC waliin taasisaniin hojii ABO dhoksaan hojjachuuf maqaa ogeessa diingadee olaanaa jedhuun bulchaa Kutaa Wallagaa yeroo sanaa kan ta'an Obbo Abbiyyuu Galataa haala mijeessanii garas imaluu himan.
Namoonni akka Baaroo Tumsaafi Luba Guddinaa Tumsaa fa'aa qondaalota Dargii quuqama qaban kanneen akka Abbiyyuu Galataa fa'aa waliin ta'uun dhoksaan ABO ijaaraa hawaasa kakaasaa turan. Abbaa Caalaa Lataa hojii kanaaf gara Wallaggaa deemanii osoo jiranii Abboomaa Mitikkuu, Obbo Daawud Ibsaafi Obbo Dheeressaa Qixxee fa'aa itti dabalaman.
Obbo Dheeressaan akka jedhanitti, Abboomaan wabiidhan waan baheef beellamarratti akka dhiyaatuuf manni murtii waamuun hidhaa waggaa tokkoo guyyaan beellamaa geenyan Abbooman mana murtiitti deebi'ee itti murteesse.
Haata'u garuu, tattaaffii qondaalonni Dargii dhoksaan ABO wajjin hojjatan kanneen akka Koloneel Takkaa Tulluu fa'aa tattaffii gochuun Abboomaan baatii afur kan hin caalle hidhamee hiikame.
Yeroo Abboomaan hidhaa bahu namoonni akka Magarsaa Barii, Baaroo Tumsaa fa'aa qabsoo hidhannoof bosona seenaniiru waan ta'ee Abboomaanis mana hidhaatii bara 1977 gara dhumaa bahee guyyaa 20 caala mana akka hin turre himu Obbo Dheeressaan.
Ergasii dirree hidhannoo ABOn baha Oromiyaatti eegaletti imaluunis hojii jajjabaa akka hojjate kaasu.
"Yeroodhuma sana dafee bahee karaa bahaan waraanatti makame," jechuun osoo inni dirree bahaatti hojii jajjabaa hojjatuu Baaroo Tumsaa ajjeefame. Hogansa ABO keessaa nama jabaa kan ture Baaroo Tumsaa du'uun ABOtti rakkoo uume.
Du'uu Baaroo Tumsaan wal-qabatee waggoota dheeraf odeeffannoon ifa ta'e hin turre. Guyyaa Baaroo Tumsaa ajjeefamu namoota bira turan keessaa Obbo Leencoo Lataa fa'aa akka bira turan kan himan Obbo Dheeressaan, Baaroo kan ajjeese Badhoo Dachaas- namuma isaan waliin qabsootti gatii kaffale akka ta'e himan.
Hub: [Odeeffannoon Baaroo Tumsaa kan ajjeefame Badhoo Dachasiin jedhu addatti maatiirraa ykn dhaabarraa ifatti kan mirkanaa'e miti. Yaada dhuunfaati.]
"Badhoo Dachaas harka maaliin Baaroo Tumsaa ajjeese? jennee gaafanne. "Baaroo kan ajjeese hiriyaa kiyya Badhoo Dachaasi. Gurbaan mataa dhukkubsatee ture, Baaroo fa'aa anatu wal-barsiise. Waan mataa dhukkubsateef malee sagantaa biraa qabaatee miti Baaroon kan ajjeese.
"Leencoofi Abbaan Caalatuu bira turan. Leenconuu akka tasaatti bahe," jechuun Baaroon du'uunsaa waraana ijaarurratti rakkoo uumee akka ture himan Obbo Dheeressaan.
Boodarra namoonni akka Abboomaa Mitikkuufi Magarsaa Barii fa'aa waraana deebisanii ijaaran.
Yeroo qondaalonni ABO du'a Baaroo Tumsaarraa bayyanatanii waraana ijaaruu eegalan, Somaaliyaan duraan ABO ofirraa dhiibaa turte simachuun ABOdhaaf waajjira bante. Gama biroon ammoo ABOn yeroo sana Sudaan, Kaartumutti biiroo banatee ture.
"Warri Kaartuum jiran, Leencoo, Diimaa, Xahaa Abdii fa'aa Moqaadishoo dhaqanii hoggansi ABO Moqaadishoo akka dhaqu yeroo ergaa itti ergan, karaa Ogaaden keessa otuu bahanii Shinniggaa bakka jedhamutti Abboomaa dabalatee namni 10 bakka tokkotti dhuman," jechuun seenaa qondaalonni ABO shiftoota Somaaliyaatiin itti ajjeefaman yaadatu.
Abboomaa Mitikkuu (Abbaa Xiiqii) marsaa jalqabaa dhoksaan Baaroo Tumsaa namoota jaha koodii icciitii M-6 jedhuun Somaaliyaatti erge keessa ture.
Marsaa lammataa ammoo karaa Ogaaden miilaan qaxxaamuruuf qondaalota ABO kanneen akka Magarsaa Barii (Bariisoo Waabee), Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee), Yiggazuu Bantii (Doorii Barii), Umar (Falmataa), Faafaan Dooyyoo, Irranaa Qacalee, Marii Galaan, Dhaddachoo Boruu fa'aa wajjin gammoojjii Somaaliyaa keessatti hafe.
Du'a Baaroo Tumsaatti aanee ABO irraan miidhama guddaa kan gahe hoggantoonni isaa 10 bakka tokkotti dhumuusaaniiti.
Dhaabichi dhumaatii hoggansa isaarraa kan ka'e caba isa mudate irraa dandamachuuf yeroo dheeraa akka itti fudhate qondaalonni dhaabichaa yeroo garaa garaatti yoo dubbatan ni dhagahama.
Abboomaan Gadaa Gammadaa wajjin, keessumaa erga Somaaliyaatti jalqaba hidhamanii bahanii biyyatti deebi'anii hanga bakka tokkotti dhumansanitti xiiqii guddaadhan dhaaba ABO ijaarurratti humna guutuun hojjataa turuusaaniiti himama.
Abboomaa Mitikkuu akkuma maqaan qabsoosaa Abbaa Xiiqii jedhame nama xiiqin guutamee hojjataa tureefi dandeettii cimaa qabu akka ta'e himu Obbo Dheeressaa Qixxee.
Dandeettiin Abboomaa namoonni isa waliin baratan saboota biyyattii gara garaa keessaa dhufanillee dhugaa akka ba'aniif himama. fakkeenyaaf, ministirri muummee duraanii Itoophiyaa dandeetttii Aboomaa Mitikkuu nama diqisiifatu ture jedhama.
Mallas innumaattuu bakka Abboomaa Mitikkuu jirutti hin dubbatu ture. "Abbooman nama Laggasaaa [Mallas] Zeenaawwii fa'aa jala haasa'uu hin dandeenyedha.
"Xiiqidhaan waa hojjachuu jaallata. Abbaa Xiiqii jedhuun; humna tokko [humna waraanaa ABO] tokko Harar irraa fuudhee Ambo gara Waddeessatti dabarsuu keessatti shoora olaanaa taphate," jechuun umurii gabaabaa jiraate keessatti waan seenan ittiin isa yaadatu hojjachuusaafi osoo lubbuun jiraatee nama Mallas Zeenaawii fa'aa caalaa beekumsaafi dandeettii biyya gaggeessuu qabu akka ture kaasu.
Gaggeessitoota ABO Shinnigatti dhumaniifi Ebli 15 'Guyyaa Goototaa' jedhamuun yaadataman keessaa tokko kan ta'e Abboomaa Mitikkuu (Abbaa Xiiqii), nama umuriin xiqqaa ta'uu akka hin oolleefi yeroo ajjeefamu sana nama ganna 32 akka hin caalle dubbatu Obbo Dheeressaa Qixxee.

04/15/2024

Nageenyaa fi Jireenya Hoggantootaa fi Qondaalota ABO Mana Hidhaa Paartii Badhaadhinaa Keessatti Daraaramaa Jiran Ilaalchisee Ibsa ABO
Miseensonni, Hogganootni fi Qondaalonni Siyaasaa ABO humnoota tikaa Paartii Badhaadhinaan butamanii hidhamanii jiran Mana Murtiitiin walaba, akka gadhiifaman kan ajajamee ture yoo ta’e illee, hanga har’aatti mana hidhaatti dararamaa jiru. Erga Jaal Battee Urgeessaa Ebla 09/2024 haala suukanneessaan ajjeefamee booda, ummanni Oromoo fi maatiin yaaddoo ulfaataa keessa seenanii jiru. Humnoonni mootummaa waggoota shanan darban keessatti Onoota, gandootaa fi Godinoota Oromiyaa hundumaa keessatti yakkoota suukanneessoo ta’an hammana jechuun ulfaataa ta’e raawwatanii jiru. Humnoonni tikaa Paartii Badhaadhinaa kunniin lammiilee Oromiyaa keessumaa ammoo dargaggootaa fi gaggeessitoota siyaasaa irratti fuuleffachuudhaan gocha ajjeechaa, butanii dhabamsiisuu fi hidhaa osoo addaan hin kutin raawwachaa turan. Kanaafis ajjeechaa suukanneessaa fi rifaasisaan Hacaaluu Hundeessaa, Abduljabbaar Huseen, Mo’iboon Baqqalaa fi Battee Urgeessaa irratti raawwatame isaan ijoo dha.
Mootummaan hoogganoota ABO Finfinnee fi naannicha keessaa dhabamsiisuudhaaf karoora akka qabu ABOn odeeffannoo amanamaa qaba. Kanumaan walqabatee Addi Bilisummaa Oromoo miseensota isaatiif, keessumaa ammoo kanneen mana hidhaatti dararamaa jiran, kanneen akka:
1. Abdii Raggaasaa - Miseensa Koree Hoji-Raawwachiiftuu ABO
2. Mikaa’el Booran - Miseensa Koree Hoji-Raawwachiiftuu ABO
3. Kennesaa Ayyaanaa - Miseensa Mana Maree Biyyaalessaa ABO
4. Lammii Beenyaa - Qondaala Siyaasaa Olaanaa ABO
5. Dr. Gadaa Oljirraa - Bulchaa Waajjira Muummee ABO
6. Daawwit Abdataa - Qondaala Siyaasaa Olaanaa ABO
7. Gadaa Gabbisaa - Qondaala Siyaasaa Olaanaa ABO
8. Girmaa Xirunahi - Geggeessaa Warraaqsa Qeerroo, waggoota torban darbaniif osoo mana murtiitti hin dhihaatin mana hidhaatti dararamaa jira.

Addi Bilisummaa Oromoo waa’ee nageenya hidhamtoota kanneeniif yaaddoo ulfaataa keessa seenee jira. Kanaaf, Dhaabbileen mirga namoomaa, Dhaabbati Mirga Dhala Namaa, Amineesti Internaashinaal, Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa, UN fi Gamtaa Afrikaa dabalatee akkasumas hawaasni idi-addunyaa hoogganootaa fi qondaalota keenya waggoota arfan darbaniif mana hidhaa Paartii Badhaadhinaa keessatti dararamaa jiran duukaa bu’anii akka nuuf hordofan dhaammanna. Akkasumas dhaabbileen biyya keessaa fi idil-addunyaa, qaamoleen mirga dhala namaa fi namoonni nagaa jaallattan lubbuu fi jireenya hooggantoota keenya mana hidhaatti dararamaa jiranii, miseensotaa fi qondaalota keenyaa baraaruudhaan biyyattii badiisa irraa akka hanbiftan gaafanna.

Ummanni Oromoos of eeggannoo, dammaqiinsaa fi kutannoo akka qabaatu cimsinee gorsina. Tokkoo tokkoon ilmaan Oromoo fi lammiileen Itoophiyaa hundi sochii, nageenya hooggantoota isaanii fi miseensota hawaasa isaanii miidhuuf karoorfatan kam iyyuu akka hordofan waamicha goona. Lammiileen Oromiyaa gocha hammeenyaa dhala namaa irratti raawwatamu kam iyyuu aka mormanii fi balaaleffatan Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee dhaama. Haalli amma jiru kan itti fufu taanaan, ABO fi Dhaabotni Siyaasaa Oromoo gara tarkaanfii of irraa ittisuutti ce’uuf kan dirqaman ta’uu hubachiisuu barbaanna.


Injifannoo Ummata Bal'aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 14/2024
Finfinnee

04/14/2024

"Ajjeefamuu Jaal Battee Urgeessaa irratti Qoraannoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeesseen ragaaleen argaman akka armaan gadiiti.

Koreen Nageenyaa Ajjeechaa Jaal Battee Urgeessaa irratti erga raawwatee namoota ijaan argan jedhu hunda dhabamsiise!

1, Ebla 8/2024 komishinii poolisii Oromiyaa irraati jechuun Humni waraanaa fi qaamoleen sivilii akkasumas RIB Wixata waaree booda Jaal Battee Urgeessaa Hoteela qabatee jirutti deemanii isa qabanii qoratanii booda Lakkisanii deeman.

2, Ebla 8/2024 Humni waraanaa halkan waarii sa’aatii 6:00 akka Oromiyaatti humnaan pen*siyoonii Abbebee Giraazmach jedhamuu kutaa ciisichaa isaa cabsanii fuudhanii bahan.

3, Humni waraanaa Jaal Battee Urgeessaa fuudhee bahee bakka balfaa geessee ajjeesee akka bineensi nyaatuuf gatee biraa deemus akka carraa Naannoo Jaal Batteen itti gatame oomishni Blocket waan jiruuf waardiyoonni Naannoo sana eegan reeffa Jaal Battee bineensa irraa eegaa bulan.

4, jaal Battee Urgeessaa wayita ajjeefamuuf afaan du’aarra gahee jirutti sagalee isaa ol fuudhee humnoota waraanaa isa ajjeesan kanaan dhiigni koo Bilisummaa Oromoo dhangala’a Ana ajjeestan kaayyoo koo hin ajjeestan jechaa akka ture namootni oomisha blocket sana eegan jecha isaa dhagahaa turan.

5, Ebla 9/2024 barii reeffi Jaal Battee Urgeessaa argame irraa eegalee waardiyaan pen*siyoonii Abbebee Giraazmaach achi buutee isaa waraanni faashistii Koree Nageenyaa dhabamsiisan.
Waardiyaan pen*siyoonii Abbebee Giraazmach eegaa ture Maqaan isaa Mammiree nama jedhamu yoo tahu erga halkan jaal Batteen ajjeefamee eegalee du’aa fi jiraan isaa hin beekamu waraanni jaal Battee galaafate ragaa nutti taha jechuun Mammiree Mulgeetaa dhabamsiisanii jiru.

6, Abbaan peenisiyoonii Sanaa Abbebee Giraazmach hanga ammaa eessa akka jiru hin beekamu peenisiyooniin sun yeroo ammaa cufamee jira.

7, waardiyootni Naannoo Jaal Batteen itti ajjeefamee gatame turan namootni sadii humnoota waraanaa faash*tii kanaan akka ragaa hin baasneef taatee halkan sana ture ukkaamsisiisuuf humnootiin waraanaa isaan hidhee jira.

8, Obboleessa Jaal Battee Miloo Urgeessaa irratti yeroo ammaa obboleessa kee situ ajjeese jechuun poolisiin magaalaa Maqii ragaa barbaadaa akka jirus qorannoon Qeerroo mirkaneeffateera.

Haqaa fi dhugaa Jaal Battee dabsuuf koreen Nageenyaa erga Qondaala Siyaasaa ABO kana irratti ajjeechaa raawwatee obboleessa Jaal Battee dabalatee namoota ijaan arganii fi itti dhiyyeenyaan ajjeechaa sana beeku jedhe dhabamsiisee osoo jiruu namoota nagaa Ajjeechaa Jaal Batteen Walin qabanne hidhanij dararaa jiraachuus mirkaneeffanneerra.
Jaal Battee kan Ajjeechaa irratti raawwachiise Koree Nageenyaa yoo tahu komishinii poolisii Oromiyaa irraa akka tahes qorannoon Qeerroon gaggeesse ni mirkaneessa.
Qaamoleen Idil Addunyaa fi Mirgoota Namoomaa haqa Jaal Battee qorachuun yoo ifoomsuu barbaadan calqaba waardiyaan pen*siyoonii Abbebee Giraazmach nama Mammiree Mulgetaa jedhamu waraanni pp eessa akka geesse qulqulleeffachuu akkasumas waardiyoota wayita ajjeechaan sun raawwatame Naannoo sana turan taatee sana dhagahaa fageenya irraa hordofaa turan quunamuu qaba jenna"

Address

15002 Layhill Road
Silver Spring, MD

Telephone

+12404766301

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kush Broadcasting Corporation posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share

Category