04/16/2024
Seenaa gabaabaa seenaa Abboomaa Mitikkuu :
Madda:Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo:
Abboomaa Mitikkuu Waaqoo jedhama. Maqaan qabsoo inni ittiin beekamu 'Abbaa Xiiqii jedhama. Abbaa Xiiqii kan jedhameef xiiqii namaan qabatee osoo hin taane waan hojjatu tokko xiiqiin hojjatee galmaan gahu malee waan duubatti hin deebineefidha.
Carroomee umurii rifeensa lama itti biqilchan hin agarre, ganna 32 ykn 33 caala lafarra hin jiraanne, akka warri isa beekan jedhanitti. Garuu seenaa dhalootatti darbu hojjatee darbe jedhama.
Gaggeessitoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) 10 gammoojjii Somaaliyaa bakka Shinniggaa jedhamutti "amantiin adda hin baanu nu martuu Oromoodha" jedhanii ajjefamaniifi boolla Shinniggaatii olitti warra maqaasaanii seenan kaasu keessaa tokko Abboomaa Mitikkuu (Abbaa Xiiqiti).
Sochii barattoota yunivarsiitii keessatti shoora guddaa taphachuu kaasee hanga qabsoo hidhannootti nama fulla’eedha.
Abboomaa Mitikkuu nama beekaa, kutataafi waan itti amane dubbachuufi raawwachuuf duubatti hin deebine akka ta’e himu namoonni itti dhiyeenyan isa beekan.
Abboomaa Mitikkuu umurii gabaabaa jiraate keessatti maqaa guddaa akkamiin horate? Qabsoo uummanni Oromoo keessumaa bara Dargii gaggeesse keessatti shoorrisaa maali? Seenan maalin isa yaadata gaaffilee jedhaniifi kaan irratti xinxaala kana isiniif dhiyeessineerra.
Obbo Dheerressaa Qixxee yeroo Addi Bilisummaa Oromoo hundeeffamee kaasee qabsoo ABOn gaggeesse turaniifi Abboomaa Mitikkuu itti dhiyeenyan beekaniidha.
Bara Dargii keessa waggaa 10 hidhamanii erga bahanii booda bara Chaartaraa namoota biiroo ABO Naayiroobii Keeniyaatti akka bananiif ergaman keessaa nama jalqabaa akka ta’anis himu.
Obbo Dheeressaan turtii BBC waliin taasisaniin Abbomaa Mitikkuu, keessumaa Yunivarsiitii Finfinnee, kan yeroo sana Yunivarsiitii Qadaamaawwii Hayila Sillaasee, jedhamu kaasee sirriitti akka beekaniifi nama jabaa qabsoo Oromoo keessatti guumachee darbe ta’uu human.
‘Abboomaan maatii barateefi qabsaa’aa keessaa bahe’
Abbooman, Obbo Mitikkuu Waaqoofi haadhasaa Aadde Margee Miijanaaf ilma angafaati.
Obbolootasaa keessaa Abeel Mitikkuu yeroo dheeraaf waliin qabsaa’aa akka turan kan himan Obbo Dheeressaan, Abboomaa Mitikkuu maatii qabsa’aa, jabaafi barate keessatti dhalatee akka guddate dubbatu.
Abbaan Abboomaa Obbo Mitikkuu Waaqoo Yuunivasriitii Haramayyaa irraa bara bulchiinsa Hayilassillaasee nama digrii jalqabaan eebbifamaniifi miseensa Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessattis hirmaannaa guddaa qabaniidha. Baaroo Tumsaa fa'aa waliinis walitti dhufeenya gaarii akka qabanis himu.
"Barattoonni Oromoo bakka garaa garaa irraa dhufne mana Obbo Mitikkuutti wal-geenyee waa'ee qabsoo mariyataa turre," jechuun Abboomaa qofa osoo hin taane maatinuu qabsoo keessa akka turan himu.
Maatii qabsaa’aafi barate keessatti dhalachuun Abboomaafi obbolootasaa kan akka Abeeliif ija qabsoo akka baneefis kaasu.
“Obbo Mitikkuun miseensa [Waldaa] Maccaafi Tuulamaa keessaa tokko turan. Maatii sabboonaafi qabsaa’aa keessaa dhalata gurbaan kun [Abbooman],” jedhu.
Obbo Dheeressaan akka jedhanitti, Abboomaa Mitikkuu Gimbiitti dhalatus maatinsaa nama barateefi qabeenya waan qabaniif yeroo inni daa’imaa Finfinneetti galan. Kanarraa kan ka’e Finfinneetti yeroo sana manneen barnootaa bebbeekamoo kanneen akka American Community School fa’aatti barate. Mana baruumsaa kanatti ijoollee lammiilee biyya alaafi namoota qabeenya qabaniitu barata ture.
“Dhumarratti hanga yunivarsiitii galutti [kutaa 9-12] mana baruumsaa 'elliitii' [warri qaroon itti baratan] Tafarii Makonninitti barate,” jechuun Abboomas ta’ee maatii isaa wajjin sirriitti akka wal-beekan dubbatu Obbo Dheeressaan.
Baruumsan waggaa lama Abboomaa akka dursan kan himan Obbo Dheeressaan, osoo inni yunivarsiitii hin galiin daa’imummaa kaasee akka beekaniifi nama yaada ‘tarkaanfataa’fi waa walitti qabuufi gurmeessuu jaallatu akka ta’es himu.
Maatiin Abboomaa Mitikkuu Finfinneedhaa mana jireenyaafi jireenya fooyyee kan qaban ta’uusaanin manneen barnootaa bebbeekamootti barachuuf carraa argachuusaarraa kan ka’e Abbooman baruumsatti cimaafi dandeettii afaan Ingiliffaallee sirriitti qaba ture.
Kanarraa kan ka’e namoonni Abbomaa wajjin falmanii amansiisun akka itti ulfaatu himu Obbo Dheeressaan.
Yunivarsiititti Mallas Zeenaawwii caala Abboomaa Mitikkuutu beekamaa ture’
Abboomaa Mitikkuu osoo warraaqsi barattootaa hin eegalin dura bara 1973tti Yunivarsiitii Finfiinnee seene. Osoo inni waggaa lammaffaa baruumsa Ikonomiksii barataa jiruu warraaqsi barattootaa bara 1974tti dhohe. Yeroo sana namoota inni wajjin ture keessaa tokko qondaala duraanii TPLF waraana Kaaba Itoophiyaarratti du’e Abbaay Tsahaayyee wajjin Ikonomiksii barataa turan.
Muummee Ministeera duraanii Itoophiyaa kan turan Mallas Zenaawwii caalaa Abboomaafi Abbaay Tsahaayyee beekamoo akka turan himu Obbo Dheeressaan. Yeroo sana barreessaa olaanaa Gamtaa Barattootaa ta’uun dorgommii cimaa qaba ture. Barattoonni Oromoofi kan Tigraay irraa dhufan aangoo gaggeessummaa barattootaa of-harka galfachuuf dorgommii falmii cimaan akka turetu himama.
Abbooman nama Finfinneetti guddate ta’uusaatin barattoota saboota garaa garaa irraa dhufan biratti baay’ee jaallatamaa ture.
“Laggasaa [Mallas] Zeenaawwii beekamaa hin turre, inumaayyuu Abbaay Tsahaayyetu irra beekamaa ture. Mallas, Siyyee, [Abbaay Tsahaayyee]fi Abboomaan fa’aa 'baachii' tokko turan. Abboomaa wajjin kan dorgommii seene Mallas osoo hin taane namoota biraati.
“Ijoollee Finfinnee waan ta’eef warra Amaaraa, Oromoofi [kaan birratti] baay’ee jaallatama ture. Dandeettii cimaa qaba. Yoo barbaades konkolaatadhaan deema, garuu of-hin tuulu.
Xiiyyeeffannoonsaa qabsoo Oromoo jajjabbeessuufi ijoollee Oromoo jajjabeessurratti ture,” jechuun Abbooman sagalee guddaadhan barreessaa olaanaa Gamtaa Barattootaa ta’ee akka filatame kaasu gameessi siyaasaa Obbo Dheeressaa Qixxee.
Abboomaa Mitikkuu barreessaa olaanaa Gamtaa Barattoota yunivasriitii ta’ee osoo jiruu bara 1974tti warraaqsi Dargii aangotti fide dhohuun deemsa qabsoo isaa gara sadarkaa biraatti akka cehu taasise. Yeroon kun yeroo itti ABOn dhoksaan wixinee hundeeffama dhaabaa itti qopheessuu fa’aa eegaleedha.
Baruma sana namoonni akka Baaroo Tumsaa, Leencoo Lataa, Diimaa Noggoofi Abbiyuu Galataa fa’aa nama jaha ta’anii wixinee ABO qopheessaa akka turan himu Obbo Dheeressaan. Bifuma wal-fakkaatun yeroon warraaqsi itti eegalu kun yeroo barattoonni Oromoo kutaalee garaa garaa irraa heddumminaan yunivarsiitii seenan akka ta’e ragaalen ni himu.
Bara 1973/74 yeroo Baaroo Tumsaa fa’aa wixinee ABO hundeessuu qopheessan Abboomaan dargaggeessa ta’us “maatinsaa qabsaa’aa waan ta’aniif odeeffannoo sirriitti argata ture. ” jechuun warraaqsi bara 1974 dhohe dargaggoota Oromoo yunivarsiitii jiraniifi kanneen ABO hundeessan namoonni akka Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii fa’aa barattoora yunivasriitii wajjin wal-quunammuun sochiin qabsoo finiinaa ture.
Dargiin aangoo akkuma qabateen barattoonni sadarkaa lammaffaa hanga yunivarsiitii jiran baadiyyaatti duuluun hojii dadammaqiinsa uummataa akka hojjataniif Zamachaa ykn duula eegale.
Zamachaa kanaan barattoonni yunivarsiitii kutaa Itoophiyaa garaa garaatti ramadamanii duula uummata barsiisuufi dammaqasuu eegalanin Abboomaa Mitikkuu kara Kaaba Itoophiyaa naannoo Amaaraatti duule.
“Galaasaa Dilboo fa’aa gara ‘Nageellee Booranaatti’ duulan. Abboomaa Mitikkuu karaa Gondariin Daabat bakka jedhamutti duule. Isaa wajjin kan garasitti duule Daawud Ibsaati.
Aniifi Badhoon [Badhoo Dachaas] ammoo Wallorraan Addigiraatitti ramadamne,” jechuun Abboomaan ji’a jaha duula Dargiin labserratti erga hirmaatee booda bakka bu’aa barattootaa waan tureef Finfinneetti waamamuusaa himu Obbo Dheeressaan.
Baaroon koodii M-6 jedhuun Abboomaafi namoota shan waliin icciitin Somaaliyaatti erge
Abboomaa duula hawaasa barsiisufi dammaqsuu Dargiin labserraa waamamee akkuma gara Finfinnee dhufeen Barroo Tumsaa fa’aa hojii deeggarsa ABO akka hojjataniif karaa imbaasii Somaalee dhoksaan haala mijeessuun gara Somaaliyaatti isaan erge.
Baaroon yeroo sana dhaabbata Ye Hizbi Dirijjit (Ijaarsa Uummataa) jedhutti qindeessaafi namoota akka Sannaayit Likkeefi Hayilee Fidaa wajjin yeroo gabaabaf hojjatus, yeroo hedduu qabsoo Oromoo qindeessuufi daandii qabsiisurratti akka dabarseyu himama.
Abboomaa Mitikkuu Finfinneetti erga deebi’ee booda “Gadaafi Muhee Abdoo fa’aa wajjin wal-argee, Baaroon haala tokko tokko qiqindeessee jara kana Moqadishootti erguuf karaa imbasii Somaaliyaa haala mijeesse," jechuun namoota jaha wajjin Abboomaan gara Somaaliyaa akka deeme himu.
Yeroo sana Jaarraa [Abbaa Gadaa] fa'aa Moqaadishootti waan hidhamaniif isaan hiiksisuuf garasitti ergaman. "Namoonni jahaan ergaman: Abboomaa Mitikkkuu, Muhee Abdoo, Damisee Tacaanee, Bariisoo (Ibraahim Kaliil)fi Zakkaariyaas nama jedhamuufi namni biroo ammoo Usmaan jedhama.
"Koodii M-6 jedhamu tolchanii [Baaroo Tumsaa fa'aa] Moqadishootti ergan. Moqaadishoo gaafa gahan Abboomaa Mitikkuu hidhaa seene," jechuun dhimmi deemaniif milkaa'uu didee gara Yaman deemanii achiis simatamuu dhabanii akka deebi'an himu Obbo Dheeressaan.
Yamanirraa gara Moqadishootti deebi'anii achiimmoo tattaaffii Baaroo Tumsaa fa'iin Abboomaa Mitikkuu, Muhee Adoofi Damisee Tacaaneen bara 1975 gara dhumaa biyyaatti deebi'uusaanii himu.
Erga Somaaliyaatii deebi'ee booda kora ABO jalqabaa Hagayya 1976 taa'ame keessatti Abboomaa Mitikkuu koree giddu-galeessaa ta'ee filayame. Erga koree giddu-galeessaa ABO keessatti filatee hojii dhaaba gurmeessuufi ijaaruu keessatti qoodaa guddaa gumaachaa ture.
Abboomaan bitaadhan dhukaasa...
Erga Somaaliyatti rakkiin isa mudatee deebi'ee Finfinneetti bara 1977 keessa taateen inni hin eegne isa mudate. Halkan tokko Abboomaan konkolaataa oofee Kazaanchisii ka'ee gara mana abbaasaa Kiiloo jaha Imabsii Masirii cinaatti argamuutti osoo galaa jiruu qondaalli nageenyaa Dargii tokko isa ajjeesuuf isa hordofe.
"Osoo inni konkolaataa oofee galgala gara manaa galuu namni Dargii ajajaa shantamaa ofiin jedhu tokko mooraa Dargii keessaa itti bahee hordofee ajjeesuu barbaade.
Osuma dheesuu mana warraa gahee biraa hafuu didee konkolaataa keessaa bu'ee harka kennadhu gaafa jedhuun Abbooman shugguxii baasee bitaadhan dhukaasee ajjeese," jechuun waajjira poolisii dhaqee harka akka kennate yaadatu.
Abboomaan harka erga kennatee booda qodaalota Dargii keessaa namoonni dhoksaan qabsoo ABO deeggaraniifi Baaroo Tumsaa fa'aa akka inni wabiin bahee ala taa'ee dhimmasaa hordofuuf gargaaruu himu.
Qondaalli Dargii sun Abboomaa Mitikkuu ajjeesuu kan barbaade inni hojii ABO akka gaggeessu irratti bareetii jennee gaafannaan ABOtti shakkee osoo osoo hin taane miseensa Ihaappaa itti fakkaatee ajjeesuuf akka ture himan Obbo Dheeressaabn.
"Warri Dargiis namichatu ajjeesuuf hordofe jedhanii ji'a shanii, jaha hidhamee wabiin bahe. Aniifi Daawud Ibsaa yeroo sana yunivarsiitirraa addaan kunnee hojii hojjanna jennee Naqamtee jirra [hojii ABO dhoksaan hojjatamu].
"Abbaan Caalaa nu dursee Naqamte jira. Sadii taanee achi osoo jirruu Abboomaan dhufee nutti dabalame," jedhu.
Abbaa Caalaa Lataa kanaan dura turtii BBC waliin taasisaniin hojii ABO dhoksaan hojjachuuf maqaa ogeessa diingadee olaanaa jedhuun bulchaa Kutaa Wallagaa yeroo sanaa kan ta'an Obbo Abbiyyuu Galataa haala mijeessanii garas imaluu himan.
Namoonni akka Baaroo Tumsaafi Luba Guddinaa Tumsaa fa'aa qondaalota Dargii quuqama qaban kanneen akka Abbiyyuu Galataa fa'aa waliin ta'uun dhoksaan ABO ijaaraa hawaasa kakaasaa turan. Abbaa Caalaa Lataa hojii kanaaf gara Wallaggaa deemanii osoo jiranii Abboomaa Mitikkuu, Obbo Daawud Ibsaafi Obbo Dheeressaa Qixxee fa'aa itti dabalaman.
Obbo Dheeressaan akka jedhanitti, Abboomaan wabiidhan waan baheef beellamarratti akka dhiyaatuuf manni murtii waamuun hidhaa waggaa tokkoo guyyaan beellamaa geenyan Abbooman mana murtiitti deebi'ee itti murteesse.
Haata'u garuu, tattaaffii qondaalonni Dargii dhoksaan ABO wajjin hojjatan kanneen akka Koloneel Takkaa Tulluu fa'aa tattaffii gochuun Abboomaan baatii afur kan hin caalle hidhamee hiikame.
Yeroo Abboomaan hidhaa bahu namoonni akka Magarsaa Barii, Baaroo Tumsaa fa'aa qabsoo hidhannoof bosona seenaniiru waan ta'ee Abboomaanis mana hidhaatii bara 1977 gara dhumaa bahee guyyaa 20 caala mana akka hin turre himu Obbo Dheeressaan.
Ergasii dirree hidhannoo ABOn baha Oromiyaatti eegaletti imaluunis hojii jajjabaa akka hojjate kaasu.
"Yeroodhuma sana dafee bahee karaa bahaan waraanatti makame," jechuun osoo inni dirree bahaatti hojii jajjabaa hojjatuu Baaroo Tumsaa ajjeefame. Hogansa ABO keessaa nama jabaa kan ture Baaroo Tumsaa du'uun ABOtti rakkoo uume.
Du'uu Baaroo Tumsaan wal-qabatee waggoota dheeraf odeeffannoon ifa ta'e hin turre. Guyyaa Baaroo Tumsaa ajjeefamu namoota bira turan keessaa Obbo Leencoo Lataa fa'aa akka bira turan kan himan Obbo Dheeressaan, Baaroo kan ajjeese Badhoo Dachaas- namuma isaan waliin qabsootti gatii kaffale akka ta'e himan.
Hub: [Odeeffannoon Baaroo Tumsaa kan ajjeefame Badhoo Dachasiin jedhu addatti maatiirraa ykn dhaabarraa ifatti kan mirkanaa'e miti. Yaada dhuunfaati.]
"Badhoo Dachaas harka maaliin Baaroo Tumsaa ajjeese? jennee gaafanne. "Baaroo kan ajjeese hiriyaa kiyya Badhoo Dachaasi. Gurbaan mataa dhukkubsatee ture, Baaroo fa'aa anatu wal-barsiise. Waan mataa dhukkubsateef malee sagantaa biraa qabaatee miti Baaroon kan ajjeese.
"Leencoofi Abbaan Caalatuu bira turan. Leenconuu akka tasaatti bahe," jechuun Baaroon du'uunsaa waraana ijaarurratti rakkoo uumee akka ture himan Obbo Dheeressaan.
Boodarra namoonni akka Abboomaa Mitikkuufi Magarsaa Barii fa'aa waraana deebisanii ijaaran.
Yeroo qondaalonni ABO du'a Baaroo Tumsaarraa bayyanatanii waraana ijaaruu eegalan, Somaaliyaan duraan ABO ofirraa dhiibaa turte simachuun ABOdhaaf waajjira bante. Gama biroon ammoo ABOn yeroo sana Sudaan, Kaartumutti biiroo banatee ture.
"Warri Kaartuum jiran, Leencoo, Diimaa, Xahaa Abdii fa'aa Moqaadishoo dhaqanii hoggansi ABO Moqaadishoo akka dhaqu yeroo ergaa itti ergan, karaa Ogaaden keessa otuu bahanii Shinniggaa bakka jedhamutti Abboomaa dabalatee namni 10 bakka tokkotti dhuman," jechuun seenaa qondaalonni ABO shiftoota Somaaliyaatiin itti ajjeefaman yaadatu.
Abboomaa Mitikkuu (Abbaa Xiiqii) marsaa jalqabaa dhoksaan Baaroo Tumsaa namoota jaha koodii icciitii M-6 jedhuun Somaaliyaatti erge keessa ture.
Marsaa lammataa ammoo karaa Ogaaden miilaan qaxxaamuruuf qondaalota ABO kanneen akka Magarsaa Barii (Bariisoo Waabee), Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee), Yiggazuu Bantii (Doorii Barii), Umar (Falmataa), Faafaan Dooyyoo, Irranaa Qacalee, Marii Galaan, Dhaddachoo Boruu fa'aa wajjin gammoojjii Somaaliyaa keessatti hafe.
Du'a Baaroo Tumsaatti aanee ABO irraan miidhama guddaa kan gahe hoggantoonni isaa 10 bakka tokkotti dhumuusaaniiti.
Dhaabichi dhumaatii hoggansa isaarraa kan ka'e caba isa mudate irraa dandamachuuf yeroo dheeraa akka itti fudhate qondaalonni dhaabichaa yeroo garaa garaatti yoo dubbatan ni dhagahama.
Abboomaan Gadaa Gammadaa wajjin, keessumaa erga Somaaliyaatti jalqaba hidhamanii bahanii biyyatti deebi'anii hanga bakka tokkotti dhumansanitti xiiqii guddaadhan dhaaba ABO ijaarurratti humna guutuun hojjataa turuusaaniiti himama.
Abboomaa Mitikkuu akkuma maqaan qabsoosaa Abbaa Xiiqii jedhame nama xiiqin guutamee hojjataa tureefi dandeettii cimaa qabu akka ta'e himu Obbo Dheeressaa Qixxee.
Dandeettiin Abboomaa namoonni isa waliin baratan saboota biyyattii gara garaa keessaa dhufanillee dhugaa akka ba'aniif himama. fakkeenyaaf, ministirri muummee duraanii Itoophiyaa dandeetttii Aboomaa Mitikkuu nama diqisiifatu ture jedhama.
Mallas innumaattuu bakka Abboomaa Mitikkuu jirutti hin dubbatu ture. "Abbooman nama Laggasaaa [Mallas] Zeenaawwii fa'aa jala haasa'uu hin dandeenyedha.
"Xiiqidhaan waa hojjachuu jaallata. Abbaa Xiiqii jedhuun; humna tokko [humna waraanaa ABO] tokko Harar irraa fuudhee Ambo gara Waddeessatti dabarsuu keessatti shoora olaanaa taphate," jechuun umurii gabaabaa jiraate keessatti waan seenan ittiin isa yaadatu hojjachuusaafi osoo lubbuun jiraatee nama Mallas Zeenaawii fa'aa caalaa beekumsaafi dandeettii biyya gaggeessuu qabu akka ture kaasu.
Gaggeessitoota ABO Shinnigatti dhumaniifi Ebli 15 'Guyyaa Goototaa' jedhamuun yaadataman keessaa tokko kan ta'e Abboomaa Mitikkuu (Abbaa Xiiqii), nama umuriin xiqqaa ta'uu akka hin oolleefi yeroo ajjeefamu sana nama ganna 32 akka hin caalle dubbatu Obbo Dheeressaa Qixxee.