United States of Kush

United States of Kush Justice & freedom

11/13/2024

"Abbaa Irree ta'uun dirqama"

- Keessoo Biltsiginnaa.

Sirna-dhabaan PP geggeessitoota isaa olaanoo wajjin wanti dubbatee irratti waliif gale "Abbaa Irree ta'uun nuuf dirqama keenya" jedhan.

Maaliif? abbaa irree taatu gaaffii jedhuuf deebiin isaanii "biyyi kun biyya fedhii garagaraa fi saboota adda addaa qabdu waan taateef mootummaa hunda kanaaf mijataa ta'e ta'uu hin dandeenyu kanaafuu abbaa irree ta'uu qofaan biyya kana ceesifna jedhanii jiru.

Sochii FDG (Fincila Diddaa Garbummaa) Qeerroo Bilisummaa Oromoo tarkaanfachiisuu keessatti rakkoolee uummata keenya irratti fe'aman saaxiluun sagaleee qeerroo,Website Qeerroo,Youtube Qeerroo fi hawwisoon qeerroo hojii guddaa hojjetee impaayera socho'uu hin danda'u jedhame jiksinee xumurri qabsichaa garuu bacancareera yoo jenne soba hin fakkaatu.

Kaleessa yeroo Qeerroon gamtaa qabu namni mana namaa balbala beenyaa gahaa malee diiguu hin danda'u.Har'a garuu guutuu Itoophiyaatti kaffaltii humnaa oliirrra darbee yeroo manni jiraattootaa diigamu isayyuu ofiisaa kan diiguu dadhabe hidhamuu fi birrii ittiin manni isaa diigame kaffalu keessa jirti biyyi harka abbaa Irreetti kufte kun.

Kanaafuu, Qeerroon kaleessaa anniisaa isaa haaromsee jira.Akka joobiraatti koochoo isaa dhagaa gidduutti reebee of ammayyeessee qabsoo barbaachisaa taasisuuf haal duree xumuraa jira.Akkaataa ittiin Qeerroon as bahu kana jedhanii timaamuun hin danda'amu.Diinnis seenariyoo hedduu lafa naqatee kan jiru yoo ta'u,Qeerroon isarra dachaan tarkaanfataadha.

Hangasitti garuu abbaa irree jalatti kufnee imimmaan harmee keenyaa ilaallamoo ni qoorsinaa? Gaaffii hawaasa qabsoorraa ol deebi'ee duuriyyeen isuma imimmaan buusisaa jirtu kan ilaaludha.

Yaada keessan qooddadhaa!

11/13/2024

Alert ‼️

Eessaa Garamitti?
========

Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhamaatii yeroo dheeraatiin bara 2014 keessa yeroo hin yaadamnee fi hin eegamnetti dhohe,wareegama barbaachisaa itti baasuun hanga bara 2018 kan ture jijjiirama maqaa jedhuun Warraaksichi butamuun isaa kan hubatamudha.

Haala sochii fi adeemsa siyaasaa impaayera Itoophiyaa yeroo ammaa yoo ilaalle,gartuleeb kaayyoo hin qabne qabsoo Qeerrootti erga abbaa of taasisanii booda uummati keenya gidiraa bara Dargii dhagahaa guddannetti deebi'e.

Yeroo ammaatti,haala uummattooti impayerattii irra jiran yennaa hordofnu uummattooti Itoophiyaa hundi mootummaa Biltsiginnaa irraa abdii kutatanii jiru.

Odeessi keessoo biltsiginnaa akka agarsiisutti WARRAAKSI UUMMATTOOTA CUJQURFAMAA ITOOPHIYAA deebi'ee boba'uu akka danda'u shakkuun yaaddoo keessa galanii jiru.Mirkana oduu keessoo kanaatiif Biiroon Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa yaaddoo keessa seenuun dargaggoo gara diinagdeetti galchina jechuun xiyyeeffannaa dargaggootaa wayita bonaa kanatti fincila dhohuu malu hambisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiran hubanneerra.

Kanaafuu, Warraaksi irra deebii dhalachuun waan fardiidha.Hangasitti garuu haaldureewwan barbaachisan mijeessuun kan itti fufnu ta'a!

Nu eegaa! !

10/08/2024

Chali Ensermu
Oromia Today
Add godhaati hiriyoomfadhaa.

06/05/2024

Alert ‼️

Jaarmiyaan ABO-WBO miseensoota tika PP fi oomishtoota TPLF tuuta ijaaramee bu'uuraa qabsoo Bilisummaa Oromoo dhabamsisuuf tumsaa sirna PP fi karooraa Abiy Ahamed milkeessuuf carraaquu.
Jaarmiyaa tuutaa diina kun ijaarsaa waggaa hin guunnee qabaatullee, kaayyoo, Alaabaa, seenaa, Asxaa, sagantaa siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo fayyadamuun yakkaa. seenaa ijaarsaa isaaniraa, asxaa matta isaanni , alaabaa matayyaa fi sagantaa siyaasaa ABO-WBO ofi ibsuu dirqamaa ta'a.
ABO-WBO bakka bu'aa waraana Bilisummaa Oromoo miti, ijaarsaa sirna PP fi ilmaan habashaa Oromiyaa keessaatti afaan oromoo dubbatan, miseensaa Faannoo ti.
Addi Bilisummaa Oromoo Qabsoo haqaa uummata oromoof wareegamaa kaffalaa ture ammas itti jira.

05/09/2024

'Haqa dhabuun hiree Oromoo ta'eera'

ABO jechuun hoggantootaa fi Miseensota ABO qofaa jechuu miti. ABOn lafee dhiigaa foon ,afuura Oromoo keessa jira . Kanaaf diinni itti duulee balleesuu dadhabe.

Ajjeechaa fi hidhaan har’a sabboontota irratti raawwatamu akeekaa fi kaayyoo ABO dhabamsiisuuf osoo hin taane Oromoof kan dubbatu balleessuufidha.

Hanga Oromoon jiru kaayyoo fi Akeekni ABO ni jiraata!

ABO'n haa Lalisuu!!
W3O Haa Waaru!!
Following

04/15/2024

Nageenyaa fi Jireenya Hoggantootaa fi Qondaalota ABO Mana Hidhaa Paartii Badhaadhinaa Keessatti Daraaramaa Jiran Ilaalchisee Ibsa ABO
Miseensonni, Hogganootni fi Qondaalonni Siyaasaa ABO humnoota tikaa Paartii Badhaadhinaan butamanii hidhamanii jiran Mana Murtiitiin walaba, akka gadhiifaman kan ajajamee ture yoo ta’e illee, hanga har’aatti mana hidhaatti dararamaa jiru. Erga Jaal Battee Urgeessaa Ebla 09/2024 haala suukanneessaan ajjeefamee booda, ummanni Oromoo fi maatiin yaaddoo ulfaataa keessa seenanii jiru. Humnoonni mootummaa waggoota shanan darban keessatti Onoota, gandootaa fi Godinoota Oromiyaa hundumaa keessatti yakkoota suukanneessoo ta’an hammana jechuun ulfaataa ta’e raawwatanii jiru. Humnoonni tikaa Paartii Badhaadhinaa kunniin lammiilee Oromiyaa keessumaa ammoo dargaggootaa fi gaggeessitoota siyaasaa irratti fuuleffachuudhaan gocha ajjeechaa, butanii dhabamsiisuu fi hidhaa osoo addaan hin kutin raawwachaa turan. Kanaafis ajjeechaa suukanneessaa fi rifaasisaan Hacaaluu Hundeessaa, Abduljabbaar Huseen, Mo’iboon Baqqalaa fi Battee Urgeessaa irratti raawwatame isaan ijoo dha.
Mootummaan hoogganoota ABO Finfinnee fi naannicha keessaa dhabamsiisuudhaaf karoora akka qabu ABOn odeeffannoo amanamaa qaba. Kanumaan walqabatee Addi Bilisummaa Oromoo miseensota isaatiif, keessumaa ammoo kanneen mana hidhaatti dararamaa jiran, kanneen akka:
1. Abdii Raggaasaa - Miseensa Koree Hoji-Raawwachiiftuu ABO
2. Mikaa’el Booran - Miseensa Koree Hoji-Raawwachiiftuu ABO
3. Kennesaa Ayyaanaa - Miseensa Mana Maree Biyyaalessaa ABO
4. Lammii Beenyaa - Qondaala Siyaasaa Olaanaa ABO
5. Dr. Gadaa Oljirraa - Bulchaa Waajjira Muummee ABO
6. Daawwit Abdataa - Qondaala Siyaasaa Olaanaa ABO
7. Gadaa Gabbisaa - Qondaala Siyaasaa Olaanaa ABO
8. Girmaa Xirunahi - Geggeessaa Warraaqsa Qeerroo, waggoota torban darbaniif osoo mana murtiitti hin dhihaatin mana hidhaatti dararamaa jira.

Addi Bilisummaa Oromoo waa’ee nageenya hidhamtoota kanneeniif yaaddoo ulfaataa keessa seenee jira. Kanaaf, Dhaabbileen mirga namoomaa, Dhaabbati Mirga Dhala Namaa, Amineesti Internaashinaal, Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa, UN fi Gamtaa Afrikaa dabalatee akkasumas hawaasni idi-addunyaa hoogganootaa fi qondaalota keenya waggoota arfan darbaniif mana hidhaa Paartii Badhaadhinaa keessatti dararamaa jiran duukaa bu’anii akka nuuf hordofan dhaammanna. Akkasumas dhaabbileen biyya keessaa fi idil-addunyaa, qaamoleen mirga dhala namaa fi namoonni nagaa jaallattan lubbuu fi jireenya hooggantoota keenya mana hidhaatti dararamaa jiranii, miseensotaa fi qondaalota keenyaa baraaruudhaan biyyattii badiisa irraa akka hanbiftan gaafanna.

Ummanni Oromoos of eeggannoo, dammaqiinsaa fi kutannoo akka qabaatu cimsinee gorsina. Tokkoo tokkoon ilmaan Oromoo fi lammiileen Itoophiyaa hundi sochii, nageenya hooggantoota isaanii fi miseensota hawaasa isaanii miidhuuf karoorfatan kam iyyuu akka hordofan waamicha goona. Lammiileen Oromiyaa gocha hammeenyaa dhala namaa irratti raawwatamu kam iyyuu aka mormanii fi balaaleffatan Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee dhaama. Haalli amma jiru kan itti fufu taanaan, ABO fi Dhaabotni Siyaasaa Oromoo gara tarkaanfii of irraa ittisuutti ce’uuf kan dirqaman ta’uu hubachiisuu barbaanna.


Injifannoo Ummata Bal'aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 14/2024
Finfinnee

03/11/2024

Kush must unite as one people because unity is strength... together we stand divided we fall..
✌️

"Application"n KHUULLEE kan Gi'iiziitiin haala walsimatuun akkamitti qophaa'e?Kitaaboleen KHUULLEE qophaa'an akkamitti m...
02/03/2024

"Application"n KHUULLEE kan Gi'iiziitiin haala walsimatuun akkamitti qophaa'e?
Kitaaboleen KHUULLEE qophaa'an akkamitti mana maxxansaa "Birhaninnaa Salaam"tti maxxanfamuu danda'an?
Waatu duuba jira ennaa jennu callifneetii miti!

Warra Sabaaf dhaabbatuu fi dhugaa dubbatu hidhaa biyyi ijaaramtu hin jirtu.Sirni ppn amma ijaaraa jirtu kan Oromoo Oromu...
01/28/2024

Warra Sabaaf dhaabbatuu fi dhugaa dubbatu hidhaa biyyi ijaaramtu hin jirtu.

Sirni ppn amma ijaaraa jirtu kan Oromoo Oromummaa isaan boonu dararu kan saamtotaa fi warra garaaf jiraatu warra Oromoo hin taane maqaa Oromoon daldalu tumsu tahee argaa jirra.

Waggoota shanan Oromoon dararamaa jiraate sirnoota Minilik hanga wayyaaneetti dararameen gadi miti.

Qabsaahota haqaa hanga abboota amantaatti kan ajjeesuu fi hidhee dararu sirni pp ammas naasuu tokko malee warra sabaaf dubbatuu fi Saba biratti dhageettii qabu hidhee dararuutti jira.

Address

15002 Layhill Road
Silver Spring, MD
20906

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when United States of Kush posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to United States of Kush:

Videos

Share

Category