Dine Dreams

Dine Dreams Training/Leenjii gara garaa fi qophii Kaka'uumsa isiniif dhiheessina!

💙 Imaam Abuu Alii Fudeeyl ibnu Iyaadiin (Rahiimahullaah) akki je'e, "Wanni Shan (5) Milkii irraahi:1. Yaqiinni (Dhugooms...
01/12/2024

💙 Imaam Abuu Alii Fudeeyl ibnu Iyaadiin (Rahiimahullaah) akki je'e, "Wanni Shan (5) Milkii irraahi:

1. Yaqiinni (Dhugoomsuun) Qalbii keessatti tahe.
2. Allaah Sodaatuun Diina keessatti (ورع).
3. Duniyaa tana keessatti Kajeellaa Xiqqaatuun.
4. Ammas Qaanfannaan (Qaanfachuun)
5. Ammallee Beekumsa Qabaatuun irraahi."

○ Kitaabni 📚 irraa Fudhame Mujallada 10ffaa Fuula 216 حلية الأولياء

Iran
12/29/2023

Iran

AL IKHLAAS•••••••••••••► Akhlaaqaa fi Adaba Salafootaa keessaa inni tokko beekumsaa fi dalagaa isaanii keessatti ikhlaas...
12/29/2023

AL IKHLAAS
•••••••••••••

► Akhlaaqaa fi Adaba Salafootaa keessaa inni tokko beekumsaa fi dalagaa isaanii keessatti ikhlaasa qabaatuudha. Naa argaa fi Oftuulummaan isaan bira hin jirtu. Ergamaan Rabbii ﷺ “Rabbi dalagaa ikhlaasaan isaaf jecha fuula isaa barbaaduuf dalagamte malee hin qeebalu” jedhan

Ibraahim Attaymii (rahiimahullaah) “ Namni Ikhlaasaan ibaadaa dalagu, akkuma badii isaa nama jalaa dhokfatutti toltuu isaallee, dhokfata” jedhe

► Ash Shaabii (Rahiimahullaah) “ Akhlaaqa Ulamaa’ii keessaa tokko, beekumsa takka yoo argatan itti dalagu. Takkuma dalagatti seenaniin, waan namni isaaniin jedhu dhiisanii biraa deemanii, ibaadaa isaanii qofa irratti xiyyeeffatu. Dalagaan isaanii tun nama jidduu akka dhabaman isaan taasifti. Kanaaf namni isaan barbaacha deema. Namni isaan barbaadaa jiraachuu isaa yoo beekan, fitnaa isaan mudachuu danda’u sodaaf ka’anii baqatu” jedhe. (fitnaan as biratti ibsamte; ummanni dalagaa isaanii ilaalee waan isaan faarsuuf, faaruu san dheeysan)

► Fudeeyl ibn Iyaad (rahiimahullaah) “ Ulamaa’ii ykn ammoo aabida yoo toltuun isaa aangawootaa fi ilma namaa duratti himamuuf gammachuun itti dhagahamu, warra naa argaa barbaadu malee, warra Rabbiif jecha hojjatanii miti” jedhe.

► Yaa Obbolewwan Aakhiraa Hundi keenyayyuu jannata Kajeella, Jannata arkachuuf ammoo ibaadaa teenya haala gaariin qulqulleessinee dalagachuu qabna. Faaruun namaa, homaa nuuf hin fayyadu. Inumaayyuu miindaa argachuudhaa mallu nurraa balleessa. Kanaaf akkuma nama badii dhokfatutti, yeroo toltuu dalagnus haa dhoyfannu. Sadaqaan nuti goonu, Rabbii fi nu jidduu qofa haa jiraatu. Soomanaa fi Ibaadaa cufa isaatuu Rabbii keenyarraa miindaa kajeelaa haa hojjannu. Yoo san milkooyna.

Rabbi nama Isaaf jecha dalagaa Hunda Ikhlaasaan hojjatu nu haa godhu.

© Abu Ibtisam

https://t.me/IbsaaDhugaa

Salaata Jabeessi Salaanni Rizqii Siif Argamsiisa•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••☞ Salaanni: fayyaa kee si...
12/27/2023

Salaata Jabeessi Salaanni Rizqii Siif Argamsiisa
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

☞ Salaanni: fayyaa kee siif tiysa

☞ Salaanni: azaa sirraa deebisti

☞ Salaanni:dhukkuba sirraa deebisti..

☞ Salaanni: qalbii si jabeeysiti..

☞ Salaanni: fuula si ibsiti..

☞ Salaanni: gammachuu siif kanniti.

☞ Salaanni: hifannaa sirraa deemsifti.

☞ Salaanni: nashaaxa qaamaa siif kanniti..

☞ Salaanni: dhihana ruuhiiti

☞ Salaanni: ni'imaa Rabbii sirratti tiksa..

☞ Salaanni: dallansuu Rabbii sirraa deebisti

☞ Salaanni: qalbii siif ibsiti..

☞ Salaanni: sheyxaanarra si fageeysiti..

☞ Salaanni: Rabbitti si dhiheeysa..

☞ Salaanni: barakaa siif argamsiiftuu dha........ jecha Imaam ibnul qayyim.....

☞ YAA RABBI NAMA SALAATEE HIN BEEYNE HUDDAAF SALAATA LAAFFISI..

☞ YAA RABBI KANA SALAATUFIS QEEBALAMA ARGAMSIISI

☞ YAA RABBI SALAATA DUNIYAA KESSATTI TASGABBII AAKHIRATTI MILKIIN NU
BADHAASI...............AAAAMIIIIIN........

SHARE_GODHII_WALIIN_ GAHI_KHEYRII....

https://t.me/IbsaaDhugaa

Jazaan Keessan   !
12/23/2023

Jazaan Keessan !

Innaa lillaah wa innaa ileeyhi raaji'uun duuti ulamaa akkaan nama rifachiisa maal goona waan rabbiin namaaf godhe jaalat...
12/19/2023

Innaa lillaah wa innaa ileeyhi raaji'uun duuti ulamaa akkaan nama rifachiisa maal goona waan rabbiin namaaf godhe jaalatuudha ulamaa guddatu gara fuula rabbii nurraa deeme ardha ulamaa abbaa Fannii hundaa barsiisuu sheeka sheekkotaa kan laafan isa bira yoo dhufe jabaatu kan jabaan isa bira yoo dhufe irraa waa dabalatu leenjisaa daa'iwwaanii fii omishaa kaadimtoota diinii
Shek muktar abdallaa
Sheeka kiyya rabbiin caffee jaannataa isin haa qubsiisu
Ulamaan kun bakkoota gahan hundatti bu'uura diinii lafa kaayanii bira dabru
Kitaaba kaayanis qabu
Barsiisaa jaami'aa turan qananii biyya ormaa dhiisanii quuqama biyyaaf qabaniif biyya keessatti bu'uuraalee diin bu'uuressaa turan
Madrassaa galamsoo
Madrassaa magaalaa deefoo
Madrassaa magaalaa balballeettii
Madrassaa magaalaa machaaraa
Madrassaa magaalaa kotoraa
Madrassaa magaalaa birbirtii
Isaantu keessa deemun sochii godhanii dhaaban kana males nama hedduu qaranii dhalootaf laatan
Jaarmaya jijjiiramaa kan mana marii dhimmoota islaamummaa keessattis ulamoota baadiyyaa fii magaalatis ijaarudhaan akka godina harargee lixaaxxi sochii cimaa kan godhaa ture isaanii fii waahillaan isaaniti
Shek muktar abdallaa amala isaanii keessaa wanti ani beeku darasaa kaddamaa barsiisu kaddamamuu hin beekan rabbii achitti kaadima isaanif haagodhu
Yaa rabbi ulamaa teenya tan fula kee deebitee rahamataa godhiif.

Yaa Rahamaan Nuuf Aafiyyi !Sheekha Keenya, Abbaa Kombolchaa   Ni dhukkubaa Rahamaan ammumatti , kunfa yakuunitti nuuf ha...
12/17/2023

Yaa Rahamaan Nuuf Aafiyyi !

Sheekha Keenya, Abbaa Kombolchaa
Ni dhukkubaa Rahamaan ammumatti , kunfa yakuunitti nuuf haa Aafiyyu.
Aaaamiin Aaaamiin Aaaamiin Aaaamiin Aaaamiin

Wantoota sagal (9) milkaa'ina dalagaa/hojii keenyaa balleessan!(By Dr. Travis Bradberry)************1. HUMNAA OL WAADAA ...
12/17/2023

Wantoota sagal (9) milkaa'ina dalagaa/hojii keenyaa balleessan!
(By Dr. Travis Bradberry)
************
1. HUMNAA OL WAADAA GALUU fi WAAN XIQQOO RAAWWACHUU!
Maamiltootaaf, hiriyootaa fi namoota biroof waa raawwachuuf waadaa galuun hawwataadha. Kun keessumaa namoota hojii isaaniitti cimanii hojjatanii fi nan raawwadha jedhanii yaadan irratti argama.
Waadaa baay'isanii galuun dhiibbaa cimaa kan namarratti uumuu fi yoo hin dhugoomfamiin hafe ammoo maamila biratti kan nama qaanessu, galata nama dhowwatu, akkasumas hamilee nama buusu dha. Kanaafuu yoo namootaaf waadaa gallu, haga hojjachuuf qaqqabsiisuu dandeenyu tilmaamnee ta'uu qaba.

2. OFTUULUMMAA!
Namoonni tokko tokko yoo wantoonni lama sadi walitti aananii milkaa'aniif jalqabnii fi xumurri milkaa'inaa anuma jedhanii yaaduu eegalu. Mo'ichi ykn milkaa'inni gaariidha, hamilee namatti hora, nama boonsa. Rakkoon kan dhufu gaafa milkaa'inni sun sammuu namaa keesaa seenee oftuulummaa namatti horudha. Miirri kun akka tasaa fuulduratti kufaatiin yoo dhufe illee kan irraa baratan osoo hin taane kan ittiin miidhaman nama taasisa.

3. HOJII SIYAASESSUU!
Bakka hojiitti jabaatanii cichoominaan hojjatanii fudhatama argachuun ni danda'ama. Gama biroon ammoo kana dhiisaanii kanneen lola kakaasuun, garee uummachuun, hojjetoota biroo hadheessuun, oduu sobaa daddabarsuun fi kanneen biroo kana fakkaatan gochuun da'atanii jiraatan ni jiru. Kun hojii siyaassessuu dha.

4. HOOGGANAATTI of AGARSIISUUF QOFA HOJJACHUU!
Waan hoogganaan jaallatu dalaguu fi hoogganaa qofatti argamuuf fiiiguun laga hin ceessisu gaaras hin baasu. Namoota hojii dhugaan sirriitti dalagan biratti jibbamuu fida. Hoogganaa ofii biratti fudhatama argachuun barbaachisaa akka ta'e beekamaadha, garuu hojii dhugaadhaan hojjatamuun ta'uu qaba. Milkaa'ina hojii ofiitiifis ammalli kun gufuu guddaa ta'a.

5. BAKKA JIRANII fi AKKA JIRANITTI QUUFUU!
Kun waan qaban, waan beekan ykn waan irra jiranitti quufuu ykn sanaa ol darbuuf fedhii dhabuudha. Kun akka namni waan haaraa hin baranne, akka namni hin guddanne, hin jijjiiramneef gufuu guddaa ta'a.

6. JIJJIIRAMA SODAACHUU!
Jijjiirama sodaachuun obboleessa lakkuu 'bakka jiranitti quufuu' isa jedhuuti. Jijjiirama sodaachuun kun bakka jiranii fi akka jiranitti akka turaniif kan nama taasisuudha. Qorannoon tokko akka ibsutti namoota hojjettoota milkaa'an keessaa dhibbeentaa 90 (90%) kan ta'an jijjiiramatti kan baran fi warra jijjiirama hin sodaannedha. Jijjiiramni guddina dhala namaaf qaama isa tokko dha. Kanaaf jijjiirama sodaachuun rakkoo hamaa dha.

7. 'GALMA/KAAYYOO GUDDICHA' ARGUU DHABUU!
Dhamaatii guyyaa guyyaan ko'oommachaa ooluun salphaa dha. Haa ta'u malee hojii guyyaa guyyaa kana galma ofii kan yeroo dheeraa fuuldura ofii jiru waliin walsimsiisaa deemuun ammoo abshaalummaa barbaada. Jireenya jechuun waa'ee galma guddicha sanaati, isarratti xiyyeeffachuu baannaan waa hundatu babbada.

8. MIIRA GADADOO/MO'AMAA QABAACHUU!
Yeroo tokko tokko namootatti miirri mo'amuu fi fedhii dhabuu dhaga'amuu danda'a. Miirri kun garuu gara namoota ykn hojjattoota naannoo jiraniitti ni faca'a ykn daddarba. Namoonni miira hamaa kana facaasan, akkasumas waan hunda ceepha'aa oolan namoota waliin hojjatan akkasaan hin milkoofne taasisu.

9. MIIRA OFII MO'ACHUU fi TO'ACHUU DADHABUU!
Namoonni salphaadhumatti miirri isaanii (aarii, gammachuu, lola, mufii fi kkf) salphaatti fuula isaaniirraa dubbifamuu fi to'achuu hin dandeenye, hojii/dalagaa isaaniif ba'aa guddaa ta'a. Haala salphaatti aaranii obsuu ykn dhokfachuu dadhabuudhaan bakka hojiitti namatti jecha hin taane dubbachuu, xiqqeessuu fi nama cufuun miira ofii to'achuu dhabuu kanarraa dhufu illee hojii ofii waan balleessuu danda'an keessaa isa tokkodha.

****************
GALATOOMAA!

Babile, Hararghe, Ethiopia 🇪🇹🇪🇹📸 Hararghe Pictures
12/15/2023

Babile, Hararghe, Ethiopia 🇪🇹🇪🇹

📸 Hararghe Pictures

Beautiful places in turkey 🇹🇷
12/12/2023

Beautiful places in turkey 🇹🇷

12/11/2023

Vision 👍

👏 Waan Addaa Hojjatame arra. 👏Nama gatii haadhaa beekuuf haadha jechuun salphaa miti.Namni maqaan isaa     jedhamu Ameer...
12/08/2023

👏 Waan Addaa Hojjatame arra. 👏

Nama gatii haadhaa beekuuf haadha jechuun salphaa miti.

Namni maqaan isaa jedhamu Ameerikaa kan jiraatu "Harmee tiyya osoo isiin quba hin qabne yookaan kannaa tasaa godhee gammachisuun qaba" jechuun karaa Obboleessa keenya Tubeiin mana jireenyaa Qulqullina saa eeggate magaalaa Dirre Dhawaatti biteef.

Bitee wahi dhiisee meeshaalee mana saniif barbbaachisan guutumaa guututti bituun hanga kuduraa nyaataa fi Raashiina nyaata hojjattuu mana qulqulleessitutti qopheesseef.

Harmee tiyya osoo isiin lubbuun jirtuu hin gammachiisine yoomiin gammachiisa jachuun miliyoona kudha lamaa 12,000,000 basuun osoo isiin quba hin qabne kennaa waan hagana guddatu qopheesseef.

Maal kan qofa harmeen tiyya lafa deemuu hin qabdu roobaa fi aduu hadhaa qabbanaa dhandhamtee na guddiste deebitee akka agartu hin barbaadu jachuun Miliyoona lamaa fi kuma torbaan torbaa (2,700000) baasuun
manaa qopheesseef.

Eega kana hunda godhee booda Inshaa Allah waggaa kana mana isii bareedaa kana keessaa deemtee akka makkaa madiinaa dheeyxee mana rabbii bareeda sanitti hajjii gootu bellama seeneef.

Jireenya addunyaa kana keessatti osoo haati ofii lubbuun jirtuu haadha ofii gammachiisuu caalaa wanni nama gammachiisaa hin jiru. Meeqaatu haadha isaa gammachiisuuf karoora osoo qabu akka fi akka maletti harmee isaa if bira dhabe.

Ati ammoo obbaleessa keenya Alhamdulillaah Ja’i carra haadha tee kana hunda godhuufii arkatte kanaaf.

Hojiileen Kun hundi Vedio waraabbamee jira yaroo dhihotti gara YouTube Tube eeggadhaa!❤

Burj Khalifa 🇦🇪
12/06/2023

Burj Khalifa 🇦🇪

Maashaa Allaah ❤️
12/05/2023

Maashaa Allaah ❤️

  🕋🕌
12/04/2023

🕋🕌

Good morning, do you prefer tea or Turkish coffee?
12/04/2023

Good morning, do you prefer tea or Turkish coffee?

Riziqiin  akka siif banamu wantoota armaan gadii dalagii1.  Rabbitti amani 2.  Waan qabdutti shakkari3.  Salaata salaati...
12/04/2023

Riziqiin akka siif banamu wantoota armaan gadii dalagii
1. Rabbitti amani
2. Waan qabdutti shakkari
3. Salaata salaati
4. Jabaadhuu hojjadhuu/sababa geessii
5. Rabbitti tawakkula keenni
6. Fuudhi yookiin heerumi 👭

Dine Dreams

Seek knowledge with humility. It is the light that dispels the darkness of ignorance!Dine Dreams
12/04/2023

Seek knowledge with humility. It is the light that dispels the darkness of ignorance!

Dine Dreams

May Allah help all Muslims to visit Holy place Makkah Mukarrama and make prayers in Masjed Ul HarramAmeen ya Allah
12/02/2023

May Allah help all Muslims to visit Holy place Makkah Mukarrama and make prayers in Masjed Ul Harram
Ameen ya Allah

🌷💯🌷💯🌷💯Ijoollee Qaqqaaliiwwan Keenya 🌷
12/02/2023

🌷💯🌷💯🌷💯
Ijoollee Qaqqaaliiwwan Keenya 🌷

Zam Zam water The Purest water in the world 🤍💐Maashaa Allaah 🌷💯🌷
12/02/2023

Zam Zam water
The Purest water in the world 🤍💐

Maashaa Allaah 🌷💯🌷

Garaagarummaa   fi   ❤️
12/02/2023

Garaagarummaa fi ❤️

BUNA DHUGUU******************* Bu'aan qorannolee woggota hedduuf namoota buna dhugan irratti godhaman akka muldhisanitti...
12/01/2023

BUNA DHUGUU
*******************
Bu'aan qorannolee woggota hedduuf namoota buna dhugan irratti godhaman akka muldhisanitti:

Bunni keemikaala 'Kaafiin' jedhamu of keessaa qaba. Keemikaalli kun ammoo sammuu si'eessuun kaka'umsaa fi humna namaa uumuun, miira dadhabbii hirdhisuun, beekama. Hammi 'Kaafiniin' nama si'eessuu fi jijjirraa haalaa-amalaa namaa irratti fidu garuu namaa namatti garaagarummaa qaba.

Kaafiniin:
● Kaafiiniin Dhukkuba Tiruu Yeroo Dheera fi Kaansarii Tiruu ittisu irratti gahee qaba. Tiruun dhukkubsatte akka gadaanisa uumtee hin dadhabne tursiisuu irratti faayida qaba

● Baattuun hadhooftuu akka dhangala'aa hadhooftuu bullaayinsa nyaataaf barbaachisu akka gadi lakkiftu waan si'eessuuf uumamuu cirracha hadhooftuu ni hirdhisa.

● Kaafiniin amala "Theophylline" qoricha yeroo tokko tokko dhukkubaa Asmii yaaluuf kennamuun wolfakkaatu waan qabuuf ujummooleen qilleensaa akka babaldhatan gochuun hafuurri nama hanqachuu yeroo Asmi nama mudatu ni hirdhisa. Kaafiniin kana gochuuf garuu buna sinii hanga afuri dhuguu nama barbaachisa.

● Carraa dhukkuba sirna narvii kan qaamni ajaja malee akka sosocho'uu fi hollatu godhu "Parkinson's Disease" ni hirdhisa. Dhukkuba Sukkaara Gosa Lammeessoo, Dhukkuba Onnee Akka Tasaa, Kaansiriilee qaama garagara hirdhisu irratti gahee muraasa wohii qabaachuu akka danda'u qorannoolen dhihoo bahan ni muldhisu.

● Kaafiniin qorichoota dhukkubbi woyyeesan (antipain) heddutti makamuun dhukkubbi woyyeessuu irratti gahee qaba. Akkasumas dhugaatilee humna kennan (energy drink) adda adda keessatti dabalamuun humna akka kennu ni godhama. Qorichoota ulfatinna qaamaa hirdhisuuf tajaajilan irratti dabalamuun namonni humna argatanii sochii qaamaa akka godhan si'eessuf jecha itti dabalamee ni tolchama.

---
● Sammuun keenya si'eessummaa Kaafinii kana barachuu danda'a. Kanaaf araada namatti ta'uu, si'a'inna san argachuuf hamma dhugnus yeroo gara yerootti akka daballu nu gochuu danda'a. Dhuguu barree tasa addaan kutuun ammoo bowwoo, biibbaa, tasgabbii dhabuuf nu saaxila.

● Kaafiniin hobbaatiin godhee daa'ima gadaamessa keessatti guddinna irra jiru bira waan dhaquufi akkasumas haadhootii ulfaa irratti dafee dhiiga keessaa waan hin xuuxamnee fi hamma dhiigaa hobbaatiif daa'imni argatan waan hirdhisuuf yoo baay'ate ulfi akka nama irraa dhangala'u gochuu danda'a. Kanaaf haati ulfaa takkaa fi ulfaayuu barbaaddu guyyatti buna sinii lamaa olii otoo fayyadamuu baattee ni gorfama.

● Hormoonota hirriba akka rafnu godhan irratti dhiibbaa gochuun hirriba sirritti akka hin rafne ykn nu hin qabne gochuu danda'a. Haalli kun garuu adaduma namni bunaa dhugaa Kaafiiniin wolbaratuun hirdhataa deema. Haala kanaaf garuu buna gara galgala yeroo hirribaaf deemanitti dhuguu dhiisuun ni danda'ama.

● Onnee si'eessuun yeroo gababduuf dhahannaan onnee fi sosocho'iinsi dhiigaa akka dabalu gochuu danda'a. Akkasuma yeroo gababduu dhugame san booda jirtuuf dhiibbaa dhiigaa kan olkaasu ta'ullee; dhiibbaa dhiigaa dhaabbiin ol hin kaasu.

● Namoota Cinqaa Sammuu qaban irratti, kaafiiniin hedumminaan (sinii afurii ol yeroo tokko) yoo fudhatame sodaa, tasgabbii dhabuu, naasuufi cinqaa san itti hammeessuu danda'a. Garuu namoota Muukuu qaban irraa muukuu woyyeessuu irratti gahe qaba.

● Namoota tokko tokko irratti gubaa-laphee aasidiin garaachaa gara kallatti kokkee oldeemuun uumamu (GERD) - 'Qaar' isa jedhaniin san hammeessuu danda'a. Akkasuma haadholii garmalee buna baay'isan irratti carraa lafeen haphachuu ni dabala.

---
Bunni Kaafiniin alas Vaayitaminoota (B2, B3, B5) fi albuudota akka magnesium, manganese, potassium of keessaa waan qabuuf wolnyaaticha garagara qaama keessatti godhanis garagaaru danda'a.

Daa'immaniif ijoollee umriin isaanii woggaa 12 gadi ta'an buna akka hin dhugne gorfama. Dhahanna onnee fi dhibbaa dhiigaa dabaluun, sodaaf cinqaan,hirriba dhabuun, jijjiramni haalaa-amalaa isaan mudachuu waan danda'ufi.
---
---
Fayyaa ta'aa!
Bunaaf nagaa hin dhabinaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

JAARTII GAARIInamni jaartii gaarii yookaa Saaliha kenneef,cinaa diina isaa Rabbiin gargaare,jaartiin gaariin cinaa iimaa...
12/01/2023

JAARTII GAARII
namni jaartii gaarii yookaa Saaliha kenneef,cinaa diina isaa Rabbiin gargaare,jaartiin gaariin cinaa iimaanaati,hamtuuniis azaaba dun'yaati,"
Anas irraa odeeyfamee (R.I.H) Ergamaan Rabbii (S.A.W) nije'e "nama Rabbiin jaartii Saaliha (gaarii) isa soore Rabbiin cinaa imaanaa gargaare,cinaa hafe kessatti Rabbii haasodaatuu"
Silsilaa Sahiihaa.

Jaartii gaariin Jannata,iimanarratti sigargaarti, akkasuma guddisaa ilmaan kee siif tolchiti,Rabbiin dubartii teenya cufa saaliha haagodhu,warra akka Rabbiin je'etti deemee jannata seenan nuuf haataasisu amiin Allahumma aamiin

12/01/2023
May Allah replace all our Sadness with something Beautiful.
12/01/2023

May Allah replace all our Sadness with something Beautiful.

Nama amala sadi qabu arginaan,jaahila tahuu beekii, dafii bira darbi.EeeeNama osoo dhageeffatee hin xumurin deebii kennu...
12/01/2023

Nama amala sadi qabu arginaan,jaahila tahuu beekii, dafii bira darbi.

Eeee
Nama osoo dhageeffatee hin xumurin deebii kennu, nama osoo hin galiniif mormu,nama kabajaa namaa hinaaffaa isaatiif jecha gadi buusu arginaan,namtichi homaa hin beekuu,si galaafataa jalaa baqadhu.

Bro
Jaahila tuffannaan,kuftee beeki,biyya keessaa ol ka’ee si xiqqeessaa uf eegi,mataa irratti baattus si salphisaa hubadhu.

Obboleesso
Olmaa kee sirreeffadhu,jaahilatti hawwii tahii jiraadhu,
fuula kee dhiisii,sagalee keetuu akka dhagahee si jalaa hin xureessine,jaahila irraa uf tiksi,saayinsiifi Amantiinis waan jaahilaan jettu qabdii,akka itti waliin imalanis kallattii kahametu jiraa qayyabadhu!
💯💯💯💯💯💯💯💯💯

Somewhere in Ethiopia 🇪🇹 😉      where ⁉️
12/01/2023

Somewhere in Ethiopia 🇪🇹 😉
where ⁉️

Address

Minneapolis, MN

Opening Hours

Monday 9am - 5pm
Tuesday 9am - 5pm
Wednesday 9am - 5pm
Thursday 9am - 5pm
Friday 9am - 5pm
Saturday 9am - 5pm
Sunday 9am - 5pm

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dine Dreams posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share


Other News & Media Websites in Minneapolis

Show All