Wolaabuu Broadcasting Corporation - WBC

Wolaabuu Broadcasting Corporation - WBC Wolaabuu Broadcasting Corporation (WBC) is a nonprofit public broadcasting based in the U.S.
(17)

01/10/2024

Oduu Gaggabaaboo Ammajjii 10/2024

01/08/2024

Oduu Gaggabaaboo Ammajjii 08/2024

Oduu_Ijoo  Addi Bilisummaa Oromoo baqattoonni Oromoo Somaaliyaa keessa jiran balaaf saaxilamuu beeksise.Waliigaltee karr...
01/08/2024

Oduu_Ijoo
Addi Bilisummaa Oromoo baqattoonni Oromoo Somaaliyaa keessa jiran balaaf saaxilamuu beeksise.
Waliigaltee karra galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand jiddutti mallattaahe hordofuun, baqattoota Oromoo Somaaliyaa keessa jiran irratti aggaammiin garagaraa raawwatamaa jiraachuu ABO’n beeksise. Haaluma kanaan balaa dhufaa jiru kana hambisuufis hawaasni addunyaa fi mootummoonni akka birmatan gaafateera.
Adda Bilisummaa Oromoo ibsa kaleessa galgala baaseen dhimma karra galaanaa ilaalchsiee waliigaltee Itoophiyaa fi Somaalilaand jiddutti mallatteeffame hordofee muddamani siyaasaa Itoophiyaa fi Somaaliyaatti uumame kan isa yaaddeessu ta'u ibseera. Mootummoonni Somaaliyaa fi Itoophiyaa dhimmicha obsa fi mariidhaan akka hiikan gaafateera.
Kana malees, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN), Gamtaan Afrikaa (AU) fi Gamtaan Awurooppaa (EU) dhimma kana qabbeennuussuuf dhiibbaa dippilomaasii akka godhan dhaame.

Oduu_Ijoo  Sirni awwaalcha hayyuu amantii Islaamaa sheek Abduu Yaasiin har'aa waaaree booda magaalaa Finfinneetti raawwa...
01/07/2024

Oduu_Ijoo
Sirni awwaalcha hayyuu amantii Islaamaa sheek Abduu Yaasiin har'aa waaaree booda magaalaa Finfinneetti raawwatame.
Sheek Abduu Yaasin kaleessa Amajjii 6 bara 2023 salataa Ishaa'ii booda osoo gara manaa galaa jiran, qaama hanga ammaatti eennummaan isaa hin beekkaminiin rasaasaan rukutamanii ajjeefaman. Hawaasni muslimaa haqni hayyuu kanaa akka bahuu gaafataa kan jiru yoo tahu, poolisiin magaalaa Finfinnee yakka sukkanneessaa kana qorataa jiraachuu ibsee jira.
Sheekh Abduu Yaasin magaalaa Finfinnee naannawa Askoo jedhamutti imaamaa fi Kaaxiba Masjida Badrii yoo tahan, yeroo dheeraaf biyya Sa’uudii keessatti aalimoota akka Shekh Sudeeys (imaama Masjida Haramaa) fa’a barsiisaa akka turan seenaan isaanii ni muldhisa.

01/05/2024

Oduu Gaggabaaboo Ammajjii 05/2024

01/04/2024

Oduu Gaggabaaboo Ammajjii 04/2024

01/03/2024

Oduu Gaggabaaboo Ammajjii 03/2024

01/02/2024

Oduu Gaggabaaboo Ammajjii 02/2024

ODUU_AMMEE  Mootummaan Somaliyaa waligaltee kaleessa Bulchiinsa Somaliland fi Itoophiyaa jiddutti godhame mormuun, harii...
01/02/2024

ODUU_AMMEE
Mootummaan Somaliyaa waligaltee kaleessa Bulchiinsa Somaliland fi Itoophiyaa jiddutti godhame mormuun, hariiroo Itoophiyaa waliin qabu hunda kan addaan kutu tahuu akeekkachiise. Haaluma kanaan Finfinnetti Ambaasadarri Somaaliyaa Abdullaahi Muhammad Warfaa gara Maqdishoo akka deebi'u yaamameera.

Manni marii ministirootaa Somaaliyaa walgahii ariifachiisaa hardha geggeesse kanaan, Ityoophiyaan birmadummaa biyya kennaa cabsitee jirti jechuun yakke.

Waliigaltee Somaliland fi Itoophiyaan kaleessa waliif mallatteessaniin, Somaliland buufata galaanaa kiraadhaan Ityoophiyaaf kan kennitu yoo tahu, Ityoophiyaan ammoo Somaliland biyya wolabaa tahuu beekkamtii kennitiif jedhameera. Dabalataanis, Somaliland Dhaabbata Daandii Qilleensa Ityoophiyaa irraa gahee akka argattu ibsame. Gamni lamaan waligaltee guutuu yeroo gabaabaa keessatti waliif mallatteessu jedhamee eeggama.

01/01/2024

OduuGaggabaaboo Ammajjii 01/2024

Oduu_Ijoo  Guyyaa dhaloota Artist Haacaaluu Hundeessaa sababeeffachuun faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa hawaasa god...
01/01/2024

Oduu_Ijoo
Guyyaa dhaloota Artist Haacaaluu Hundeessaa sababeeffachuun faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa hawaasa godina Wallagga Lixaa aanaa Beegii keessatti weerara dhibee busaatiin miidhamaniif deeggarsa qorichaa taasise.
Sagantaa walharkaa fuudhinsa deeggarsaa irratti haadha manaa Haacaaluu fi walitti qabduu boordii faawudeeshinichaa Aadde Faantuu Damissoo dabalatee miseensonni boordii faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa argamaniiru.
Faawundeeshinichi qoricha dabalatee deeggarsa namoomaa hawaasa aanichaatif taasise kana, hogganaan hospitaala Beegii Dr. Birmaduu Mokonniin harkaa fuudhaniiru.

12/29/2023

Oduu Gaggabaaboo Muddee 29/2023

12/28/2023

Oduu Gaggabaaboo Muddee 28/2023

12/27/2023

Oduu Gaggabaaboo Muddee 27/2023

12/26/2023

Oduu Gaggabaaboo Muddee 26/2023

Oduu_Ijoo  Itoophiyaan idaa dhala bondii-Yuuroo, Dolaara miiliyoona 33 silaa kaleessa Muddee 25/2023 kafaluun irra ture ...
12/26/2023

Oduu_Ijoo
Itoophiyaan idaa dhala bondii-Yuuroo, Dolaara miiliyoona 33 silaa kaleessa Muddee 25/2023 kafaluun irra ture osoo hin kafalin hafuu Bloomberg gabaase. Guyyaan Kafaltii maallaqa kanaa torbee lama dura kan darbe tahus, ammas Itoophiyaan yeroo haragalfannaa guyyoota 14’f kennameef keessattis kafaluu hin dandeenne jedhameera. Mootummaan Itoophiyaa akka jedhutti garuu, maallaqa bondii-Yuuroo kana wanti hin kafaliniif, dhaabbilee idaa biyyattii irraa qaban hunda bifa tokkoon keessummeessuufi jedhee ture. Haatahu malee biyyattiin yeroon haragalfannaa kaffaltii idaa kaleessa eega dabree booda, Ityoophiyaan ifatti biyya idaa alaa ifirraa kafaluu hin danda’in taatee jirti.

12/25/2023

Oduu Gaggabaaboo Muddee 25/2023

Oduu_Ijoo  Miseensonni humnoota mootummaa, Ityoophiyatti itti gaafatamaa Baankii Misooma Afrikaa waajjira Itoophiyaa Dr....
12/25/2023

Oduu_Ijoo
Miseensonni humnoota mootummaa, Ityoophiyatti itti gaafatamaa Baankii Misooma Afrikaa waajjira Itoophiyaa Dr. Abdul Kamaaraa fi waahila isaa irratti haleellaa raawwachuun mana hidhaatti darban, eegdota ministra maallaqa Ityoophiyaa Ahmad Shidee tahuu gaazexaan Keeniyaa Daily Nation gabaase. Akka gabaasa kanaatti, eegdonni ministirichaa haleellaa kana kan raawwatan, Dolaara miiliyoona 5.2 mootummaan Itoophiyaa Baankii Misooma Afrikaatiif woggatti kafaluu qabu irratti waldhabdee uumameen akka taheefi, kanuma hordofuun, Dr. Abdulkamaaraa fi itti gaafatamaan sagantaa Itoophiyaa Boskoo Bukaniyaa reebamuu fi manni isaaniitis sakatta’amee laptooppiiwwan, nagaheewwan fi dokumentiiwwaan garagraa fudhatamuu ibsame. Baankiin Miseemaa Afrikaa, maallaqni mootummaa Itoophiyaa irraa gara herreega baankii Nayjeeriyaa Abuujaatti argamutti gale hin jiru kan jedhe yoo tahu, ministeerri maallaqa Itoophiyaa akka jedhutti ammoo, Dolaara miiliyoona 6 kan galche akkawuntii baankichaatti osoo hin taane, akkawuntii baankii kan biraa biyya Meeksikoo yookaan Paanamaa irraa, imeelii maqaa Baankii Misooma Afrikaatiin ergameefitti galchuu hime. Mootummaan Itoophiyaa dhimmichaa qorataa jira jechuu isaallee gabaasni kun ni addeessa. Baankiin Misooma Afrikaa kun haleellaa hojjattoota isaa irratti raawwatame kana hordofuun hojjattoota isaa lammiilee biyya biroo hunda Itoophiyaa irraa baasuuf akka murteesse torbee dabre beeksisuun isaa ni yaadatama.

12/22/2023

Oduu Gaggabaaboo Muddee 22/2023

12/21/2023

Oduu Gaggabaaboo Muddee 21/2023

12/20/2023

Oduu Gaggabaaboo Muddee20/2023

Oduu_Ijoo  Baankiin Misooma Afrikaa hojjettootasaa lammummaa biyya alaa qaban hatattamaan Itoophiyaa keessaa baasuuf ta’...
12/20/2023

Oduu_Ijoo
Baankiin Misooma Afrikaa hojjettootasaa lammummaa biyya alaa qaban hatattamaan Itoophiyaa keessaa baasuuf ta’uu beeksise. Baankichi murtii kanarra kan gahe baatii tokko dura hoji gaggeessaa baankichaa damee Itoophiyaa Dr Abdul Kamaaraa dabalatee hojjettoota isaa lama irratti Finfinnee keessatti qaamolee nageennaatiin haleellaa raawwatameen kan walqabatu tahuu ibsame.
Haleellaa san ilaalchisee baankiin misooma Afrikaa amma dura xalayaa komii mootummaa Itoophiyaatiif ergee kan ture yoo tahu, mootummaanis hatattamaan dhimmicharratti qorannoo gaggeessee bu’aa qorannoosaa akka ifa godhu ibsee ture.

Dubbi himaan Ministeera Haaja Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa miidiyaalee biyya keessaatiif Sadaasa 16 kenne irratti, Baankicha fi Ministeera Maallaqaa Itoophiyaa jiddutti dhimma kaffaltii waggaa irratti waldhabdeen uumame haleellaa saniif sababa yoo tahe akak ibsamu gaaffiin jedhu dhihaateefii ture.

Ambaasaaddar Mallas deebisaa kenneen, “taateen kun baankichi waajjira isaa akka cufu hin goone, hariiroon mootummaa Itoophiyaa waliin qabus hin cinne jedhee ture.
Haatahu malee Baankiin misooma Afrikaa ibsa yeroosan miidiyaaleef ergeen, haleellaan sun “taatee dippilomaasii baay’ee hamaa ta’ee fi, ergasii Baankiin Misooma Afrikaa hoggantoota mootummaa Itoophiyaatti komii sirnaa dhiyeessee jira” jechuun beeksise.

Mootummaan Itoophiyaa komii isaa sirnaan fudhachuu qofa osoo hin taane, “hammeenna gocha kanaa qaamonni seera cabsuu keessatti hirmaatan hundi gadi fageenyaan qoratamanii seeratti akka dhiyaatan, iftoominaa fi itti gaafatamummaan guutuu akka mirkanaa’u nu mirkaneessee jira,” jedhe ture.

Haata’u malee, mootummaan Itoophiyaa qorannoo qaamolee nageennaa haleellaa raawwataniiru jedhaman irratti gaggeeffame baankichaaf ibsuu dhabuu isaatinii fi hojjettoonni dhaabbaticha nageenna isaaniitiif biyyattii irraa amantaa dhabuu isaaniitiin, baankichi hojjettoota isaa idil addunyaa Itoophiyaa keessaa baasuuf murteessuu pireezidaantiin baankichaa Akinwumii Adeesinaa beeksisuu Royters gabaase. Waajjirri isaa Itoophiyaa keessa jiru banaa ta’e akka turuu fi murtiin kun hojjettoota lammii Itoophiyaa kan hin ilaallanne ta’uulle ibsame.
Akka gabaasa Rooyitarsiitti, Baankiin Misooma Afrikaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti piroojektiiwwan saddeet dolaara miiliyoona 308 qaban hojirra oolchaa jira.

12/19/2023

Oduu Gaggabaaboo Muddee 19/2023

Oduu hardhaa
12/18/2023

Oduu hardhaa

Oduu Gaggabaaboo Muddee 18/2023 ...

12/18/2023

Oduu Gaggabaaboo Muddee 18/2023

12/17/2023

Women's Power: Furtuu Fayyaa & Furtuu Barnoota Projects

Address

Minneapolis, MN

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wolaabuu Broadcasting Corporation - WBC posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share


Other Media/News Companies in Minneapolis

Show All