Oromic Islamic

Oromic Islamic OROMUMMAA FII ISLAAMUMMAA

Permanently closed.
27/09/2024
30/05/2024

Dargaggeessi kun islaamawuu dura wallisaa koriyaa ture, ammas youtuber beekkamaadha, ifiifuu xiqquma dura islaamawe garuu naannoo kibba kooriyaa ta masjidni hin jirretti, lafa bitee, nama gurmeessee masjida guddaa jaaree tajaajila kennaa jira.

Khanuma islaamummaaf haarawaa garuu hojii akkana fakkaattu hojjachuun saa hedduu na dinqisiise, Rabbiin irraa haa jaalatuu!
Jiddumaanuu; koriyaa fi japanittis amantiin islaamaa akkaan baballataa akka jirtu gabaafamaa jira. Rabbiin haqarratti isaan haa raggaasisu!

05/12/2023
29/11/2023
- Yaa RABBII nabi IBRAAHIIMﷺibidda inni keessatti darbame qabbana nagayaa isaaf taasiste,- Yaa RABBII nabi YUUNUS ﷺ erga...
10/11/2023

- Yaa RABBII nabi IBRAAHIIMﷺibidda inni keessatti darbame qabbana nagayaa isaaf taasiste,

- Yaa RABBII nabi YUUNUS ﷺ erga bishaan keessatti darbamee qurxummiin liqamfame, garaa qurxummii keessaa baastee isa jiraachiste,

- Yaa RABBII nabi YAAQUUBﷺ sababa ilma isaa nabi YUUSUF ﷺdhabuu isaatiin yaaddawee, cinqatee, hiraaree, ija isaa dhabee, waggaa dheeraa booda ilma isaa kan akkaan jaalatuun walitti fiddee agartuu isaa deebisteefi gammachiiste,

- Yaa RABBII nabi MUUSAAﷺfi ummata isaa gabrummaa fir'oownaa jalaa nagaya baastee bilisummaa handhuurfachiifte,

- Yaa RABBII nabi ZAKARIYYAAﷺerga inni dulloomee , yaroo silaa ilmoo argachuun hin kajeelamne keessatti nabi YAHYAA ﷺisaaf kannuudhaan qalbii isaa sabachiifte,

- Yaa RABBII nabi AYYUUBﷺ horii fi ilmaan isaa mara irraa fuutee dhukkuba adda addaatiin isa mokkortee,
Eegasi dhukkuba San hunda irraa qulqulleeysitee,
fayyistee, horii isaatii fi ilmaan isaa dacha dachaa godhuudhaan isaaf deebistee isa gammachiiste,

- Yaa RABBII nabi YUUSUFﷺbadii inni ofirratti hin beeyneen erga waggaa dheeraa mana hidhaa keessatti dabarse booda haqa isaa mullistee mana hidhaatii baastee mootii isa goote.

• Akka nabi IBRAAHIMIIF ibidda qabbana nagayaa goote isa baafte sanitti cinqataa hunda cinqii inni keessa jiru keessaa baasii gammachiisi.

• Akka nabi YUUNUS ﷺ bishaan baharaatii fi garaa qurxummii keessaa isa baastetti rakkataa mara rakkoo isaa furii tasgabbeeysi.

• Akka nabi YAAQUUB ﷺ nabi YUUSUFIIN walitti fiddee yaada baastetti,

haadhaa fi ilmoo, jaarsaa fi jaartii, Obboleeyyan addaan fagaatan hunda walitti fidii yaada baasii gammachiisi.
• Akka nabi ZAKARIYYAA ﷺ ilmoo isaaf kannuudhaan qalbii isaa sabachiiftetti kan ilmoo dhabee qalbii cabee rakkachaa jiru hunda ilmaan gaggaarii kanniifii qalbii isaa sabachiisi.

• Akka nabi AYYUUB ﷺ dhukkuba Amata (18) dhukkubsate San hundarraa qulqulleeysitee dhinsitetti kan dhukkuba garagaraatiin rakkachaa jiru mara fayyisii qulqulleeysi.

• Akka nabi YUUSUF ﷺ hidhaa baastetti kan haqaan maletti hidhame rabbi haa baasu t.me/Juwarmohamed/223 Juwar Mohammed

31/10/2023

Barsiisa Iyyasuus kiristoos
______________

Barsiisni Iyyasuus kiristoos maal ture?
Xiyyeeffannoon guddaan barsiisa Iyyasuus kiristoos, waa'ee Tokkochummaa Rabbii akka ta'e Qur'aanaa fi macaafa keessattis dubbatamee jira. Mee haa hubannuu!

" Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha. "
(Wangeela Marqoos 12: 29)

Kiristaanonni hedduun, ilaalchota dogoongora irratti hundaa'uudhaan Iyyasuus kiristoos gabbaru. Garuu barsiisni isaa akkas hin turre. Yesuus kiristoos waaqqessuun gati dhabeessa ta'uu dubbatee jira.

" ana waaqessuun isaanii akkasumaan, abboommii namaa akka seera Waaqayyootti barsiisu isa jedhe ba'eessa dubbate" jedhe." (Maatiwoos 15: 9)

Iyyasuus kiristoos gaaffii yahuudotaan gaafatame ennaa deebisu akkana jedheera.

Gurguddoota Yihudootaa keessaa tokko, "Yaa barsiisaa gaarii, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal godhu?" jedhee isa gaafate. Yesus immoo deebiseefii, "Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru. [Wangeela Luqaas 18:18_19]

Namni tokkos gaafa tokko gara yesuus dhufuudhaan, yaa barsiisaa gaarii jannata (jireenya bara baraa) argachuudhaaf maal hojjachuu qaba jedhee gaafate. Innis deebiseefii akkana jedheen;

Kunoo, namni tokko gara Yesus dhufee, "Yaa barsiisa! Jireenya bara baraa qabaachuuf hojii gaariin gochuun anaaf ta'u maal inni?" jedheen. Yesus immoo, "Waa'ee hojii gaarii maaliif ana gaafatta? Isa tokkicha sanatu gaarii dha; jireenya sanatti galuuu yoo feete garuu, abboommota eegi! ittiin jedhe. [Wangeela Maatiwoos 19:16_17]

Yesuus kiristoos seera waada moofaa keessa jiru tokkos shaaruudhaaf, akka hin ergamnes dubbateera. Waa'ee kanaa Maatiwoos haala armaan gadii kanaan barreesseera.

[Yesus, "Seeraa fi barsiisa raajotaa diiguudhaaf waanan dhufe hin se'inaa, ani isaan raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin dhufne. Ani dhuguman isinitti hima, hamma waaqnii fi lafti badanitti seericha keessaa fidalli xinnaan tokko yookiis gar tokkoon fidalaa odoo fiixaan hin ba'in hin badu].(Wangeela Maatiwoos 5:17_18)

Ergamaan anaan booda ergamu, waanuma hunda isiin barsiisa jedhees dubbateera.

" Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa. "(Yohaannis 14: 26)

Kitaabani seera uumama waa'ee dhagna qabachuu ilaalchisee akkana jedha:

Ammas kakuun koo inni anaa fi si gidduutti, namoota kee gidduutti, si booddeedhaanis sanyii kee gidduutti eeguun isiniif ta'u, 'Isin keessaa dhiirri hundinuu dhagna haa qabamu!' isa jedhuu dha. Isin gogaa foon keessan haguuge dhagna qabadhaa! Kunis kakuu isa anaa fi isin gidduutti dhaabateef milikkita in ta'a.[Seera uumamaa 17:10-11]

" Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti."
(Yuhaannis 17: 3)

Dubbiin kanneen armaan olii fakkaatan, Qur’aana keessattis bakka heddutti dubbatamaniiru.

إِنَّ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُۗ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ

Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan; kanaafuu Isa gabbaraa. Kun karaa qajeelaadha.” [Suuraa Aal-Imraan 3:51]

Karaan qajeela Iyyasuus kiristoos barsiise, karaa Islaamummaa qofa. Daandii tokkochummaa Rabbiiti. Qur'aanni akkana jedha.

وَإِذْ قَالَ ٱللَّهُ يَٰعِيسَى ٱبْنَ مَرْيَمَ ءَأَنتَ قُلْتَ لِلنَّاسِ ٱتَّخِذُونِى وَأُمِّىَ إِلَٰهَيْنِ مِن دُونِ ٱللَّهِۖ قَالَ سُبْحَٰنَكَ مَا يَكُونُ لِىٓ أَنْ أَقُولَ مَا لَيْسَ لِى بِحَقٍّۚ إِن كُنتُ قُلْتُهُۥ فَقَدْ عَلِمْتَهُۥۚ تَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِى وَلَآ أَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِكَۚ إِنَّكَ أَنتَ عَلَّٰمُ ٱلْغُيُوبِ

Yeroo Rabbiin "Yaa Iisaa Ilma Maryam! sila situ namootaan anaafi haadha kiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama taasifadhaa jedhee?" jedhu [yaadadhu][Inni] ni jedhe: "Ati qulqulloofte! Ani waan dhugaa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta'u. Yoo ani isa jedheera ta'eef, ati dhugumatti isa barteetta. Waan lubbuu kiyya keessaa ni beekta. Ani waan nafsii kee keessaa hin beeku. Dhugumatti, ati akkaan beekaa waan fagooti.[Suuraa Al-Maa'idaa 5:116]

" Yesus immoo, "Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru. "(Marqoos 10: 18)

Qopheessaan: Xaahir Galatoo

Oromia Media News Oromia Media Oromo Juwar Maker Juwar Mohamed ゚

31/10/2023

30/09/2023
30/09/2023
Gaafa namoonni aangoo qaban, ustaazonni hedduun, dhabbileen islaamaa baay'eenuu sagalee ol fuudhanii dubbachuu sodaatan ...
30/09/2023

Gaafa namoonni aangoo qaban, ustaazonni hedduun, dhabbileen islaamaa baay'eenuu sagalee ol fuudhanii dubbachuu sodaatan paarlaamaa keessatti qolee isaa ol fuudhee bookkisee waa'ee dhiibbaa barattoota muslimaa irra ga'uu kan dubbate Ustaz Kamil Shamsuuti.

Miidiyaalee biyya keessaafi alaa waliin halkaniifi guyyaa turtii gochuun sagalee hawaasa Muslimaa biyyatti adduunyaatti dhageessisuuf ustaazichi qabsoo guddaa gaggeesse, gaggeessaas jira.

Haafiza Qur'aanaa, hayyuu seeraa, imaama masjiidaa, kabajamoo miseensa mana marii bakka bu'oota uummataa ustaaz Kaamil, fiit awraarii qabsoo abbaa biyyummaa muslimoota biyyattii gaafa ''sagaleen keenya haa dhaga'amu (ድምፃችን ይስማ)'' ti.

Warri har'a ustaazni akkana jedhe jechuun ajandaa godhu hedduun kaleessa gaafa ijoolleen obboloottonni keenya sababa hijaabaatiif barnoota irraa hari'amanii nuuf birmadhaa jedhan gadi bahani barruu sarara tokkoo katabuu cal'isan ykn didan yookaan ammoo sodaataiidha.

Ustaaz Kaamil hijaaba haa baasani hin jenne. Inumaayyuu hijaaba uffachuu ministeerri barnootaas ta'ee qaamni kamuu isaan dhorkuu akka hin dandeenye jala muree dubbate.

Waa'ee niqaabaa kilaafni jiru beekamaadha.

Kanaan alatti barattoonni Muslimaa dubaraa obboloonni keenya hibaaba isaanii uffatanii kabaja isaaniitiin barachuu qabuudha ejjannoon ustaaz Kaamil.

Keenyas kanuma. Hijaabni waan nuti mootummaa kadhannuu miti.

Rabbii guddaatu itti ajaje. Seerri Itiyoophiyaan yeroo ammaa ittiin bulaa jirtuufi dambiin barnootaas waan kana hin dhorkine.

Otuma dhorkeellee dambii sanatu jijjiirama male seerri Rabbii hin jijjiiramu.

Hijaabaan walqabatee mootummaan yoo seera hin qabne seera haaraa baasuun dirqama isaati.

Sababni isaas ummata bulchaa jiru jiddugaleeffachuun dirqama isaati waan ta'eef.

Ethio Post Oromic Islamic

Address

Kampala

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromic Islamic posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromic Islamic:

Videos

Share

Category