27/01/2024
Naannoo hojjettoota mootummaa kuma 50f qormaata madaallii gahumsaa kennamuufi
Biiroon Pabliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa bara kana hojjeettoota mootummaa kuma 50 ta'aniif qormaata madaallii gahumsaa kennuuf karoorsuu fi hanga ammaatti hojjettoota kuma 12 ol qoruu ibse.
Qormaata gahumsa kanaanis hojjetaan qabxii darbiinsa galmeessu hin dandeenye "akka gahumsa ofii fooyyeessuuf" sadarkaa isaarraa gadi buufamee akka ramadamu ibsameera.
Bulchiinsi Naannoo Oromiyaa kenniinsa tajaajila isaa si'eessuufi hojjettoota isaa gahoomsuuf ALI bara 2012 sochii kan eegale yoo ta’u, bara 2015 gara hojiitti seenee hojjettootni 16,500 qormaata gahumsaa akka fudhatan taasisuu hogganaa itti aanaa biirichaa Yaa'iqoob Taaddasaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf himaniiru.
Akka Obbo Yaa'iqoob jedhanitti, kaayyoon qormaatichaa gahumsa hojjetaa tokko madaaluuf ta’uus, "inni qofaasaa gahaa waan hin taaneef" ulaagaalee biroo (muuxannoo, sadarkaa barnootaa, raawwii hojii fi naamumsa) madaalliif oolu. Qormaatichi 25% yoo qabatu, ulaagaaleen kaan 75% akka qabaatanis eeraniiru.
"Hojjetaan qabxii darbiinsa galmeessu hin dandeenye akka gahumsa ofii fooyyeessuuf sadarkaa isaarraa gadi buufamee ramadama," kan jedhan hogganichi, haata'u malee ni ari'ama jedhamee odeeffannoo tamsa'aa jiru dhugaa miti jedhan.
Qormaata laatamu cinaatti hojiin ragaa barnoota sobaa qulqulleessuu raawwatamaa jiraachuus ibsaniiru.