Alemu Amena pages

Of Gaggeessuu (Self leadership)▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬Jireenya keessatti gaggeessuummaan gosa hedduu jira. Kanneen keessaa tokkoo fi...
30/12/2024

Of Gaggeessuu (Self leadership)
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Jireenya keessatti gaggeessuummaan gosa hedduu jira. Kanneen keessaa tokkoo fi isa jalqabaa kan tahe of gaggeessuu dha. Kun immoo gosoota gaggeessummaa keessaa ulfaataa kan ta'edha. Ogeeyyiin gaggeessummaa hedduun of gaggeessuun gaggeessummaa isa jalqabaa akka ta'ee fi salphaatti kan hin ilaalamne akka ta'e ibsu.
Of gaggeessuun imaammata mataa ofii danda'e qaba. Isaan kana gabbifachuun immoo dandeetti of gaggeessuu ni dabalu. Isaanis:
1. Of beekuu/ self awareness/ Inni kun akka nama dhunfaatti sonawwan jireenya ofi beekuu, ciiminaa fi dadhabina ofii beekuu, of madaalaa deemuu fi namoota irraa dubdeebbii fudhachaa deemuu of keessatti qabate.
2. Of hoggannuu/ self management/ inni kun ammoo dandeetti yeroo ofii bulchuu fi miira ofi bulchuu of keessatti qabata. Kana guddisuuf ammoo akka toftaatti kan nu fayyadan: waan gaarii ofitti himu/positive self talk/, hiriyaa irraa dubdeebbii fudhachuu, waan tahu barbaadnu fakkiin kaa'uu/ visual board/ qabaachuu fa'adha.
3. Of sissi'eessuu/ self motivation/
Si'aa'iinaaf wanti barbaachisaan tokko fi guddaan galma ofii beekuudha.
Si'aa'iinni= Galma + Humna(energy)+ Xiqqaa irraa eegalani hojjachuu dha.
4. Of guddisuu ykn of barsisuu / self development/: akka nama of gaggeessuu tokkotti guyyuu dubbisuu, leenjii adda addaa fudhachuu fi namoota nu gorsan yookiin mentor godhachu barbaachisa.
5. Of gamaagamuu/ self reflection/: guyyuu waan keessa ole of gaafachuu fi ciiminaa fi laafina keenya adda baasaa deemuu fi jireenyi keenya haala kamiin akka deemaa jiru beekuu barbaachisa.

Akka walii galaatti dandeetti kana guddisuuf fayyadan
1. Mul'ataa fi galma ofii haala SMART ta'een kaa'achuu
2. Yeroo keenya urgent and important fayyadamuun sirnaan hogganuu
3. Bilchina miiraa ofii guddisuu
4. Nama har'aa irra dhaabbatanii boritti eessa gahuuf akka deemnuu fi addunyaan garam deemaa jirti beekuu/proactive/ fa'adha.
Kanan dubbiserraa kanan jaalladhe.

23/12/2024
🙆🙆🙆 Nagaan Boqoodhu
04/12/2024

🙆🙆🙆 Nagaan Boqoodhu

😭😭
Obboleettin keenya Farfattun gara gooftaa ishee deemteetti😭
Altuukoo maal gochuu dandeenyaka😭

10/08/2024

Waantan sitti dubbadhe siifan raawwadha Waantan sitti dubbadhe siifan raawwadha malee sin gatuuNi geessa bakka yaadde barruu koo g...

14/07/2024

HOJJETA MISOOMAF KILAASTERA
_____::::::::______-////////////////_______
Inisheetivi qonnaa Oomisha Qamadiif Ruuzi
Osoo jedhin boqonna dhaabne Avokaadof Muuzi.
Boqqolloof Mishinga Gaagura Ammayyaan Damma
AI fi Furdisa sanga kilaasteraan yeroon amma.
Ganamaf Galgala hojii Boqonnaare Waggaaf simisteera
Muuxanno gaarif Raaji Hojjeta misoomaaf kilaastera.
_
Kilaasteraan Madaale yeroon facaasa darbu
Warri Arsiif Baale Oomishe Qamadiif Garbuu.
_
Boraannif Harargeen Looni Jimmi Boqqolloof Muuzi
Warri Wallaggaa Buna Iluu Abbaa Boor Ruuzi.
_
Gujiin Horsiisa Looni Shawwaan Shunkurtiif Qullubbii
Harargeen Sanga Fooni kilaasterri nuuf tolche dubbii.
_
Oromiyaan dachee quufa Gammada cooma muraa
Hojjeta misooman Ifa Hooggansi rakkoosa furaa.
_
Boqonna wagga gaafannan jedhu hojin muddaa
Uffata seera jennan eessattu komin guddaa.
_
Mana jireenya hin qabnu gaaffichi deebi dhabe
Fayyuma nama hin komannu nuno Rabbitu qabe.
Isin haa geessu ergan koo yaa warra bulcha biyya
Hojjeta misooma rakkoof furmaata dhabe iyya.
_
Akka Barsiisa ta'e seene daree dhuunfa
Yaada koon of ga'e takaalla hiikkadhe guduunfa
Ani himacha rakko hidhii xuuxen cuunfa.
_
Akka Narsiif Farmaasi ijaare mana bareeda
Hammaatera qaala'insi ,yoom baqachu Arreeda.

Week end fi night ano hin qabu durgoo
HIN qabu ibsa soolari dadhabeera bituyyu dungoo.
_
Yoon argadhes barumsa wabiin koo kuma dhibba
Jireenyi qaala'era argachu koo iyyu nan jibba.
_
Wagga shan booda kanan fudhus ragaa
Keenya danqaran qooda sammuun dhabe nagaa.
Gaaffii keenyaf deebi nun hin jedhinati baga..
_
Tartiiba isa eeggate jijjiirran seera hin jiru
Akka firaaf soddaatin bakka gaaritti wal coru
Fira dhabaaf nagaatti oliif gad hunkuruu
Dimooshinifa jedhani mindasayyu qunxuru.
_
Gaaffi keenyaf deebi guutati afaan nagaa
Deebi nuuf kenna deebi quufe ragaa.

Address

Ambo
Shewa

Telephone

+251935876476

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Alemu Amena pages posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Alemu Amena pages:

Videos

Share