Chala Abrahim

Chala Abrahim Haala yeroo biyya keessatti mulaata jiru kan

19/12/2023
03/07/2023

Harka Keessan Rabbitti Ol Qabaa Aamiin Na Jalaa Ja’aa !!!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Bismillaahi Arrahmaani Arrahiim
Alhamdulillaahi Rabbil Aalamiin
Wassalaatu Wasaalaamu Alaa Rasuulillaahi
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam

Yaa Rabbii Keenya Dilii teenya hunda nuuf araarami
Yaa Rabbi dalagaa gaggaarii hunda nurraa qeebali
Yaa rabbi adunyatti jiruu gaarii Nu jiraachisi
Aakhiratti jannatul Firdoowsiin nu qananiisi

Yaa Rabbi waan nu jalaa bade Nuuf Mullisi
Yaa Rabbi waan nu jalaa fagaate hunda nuuf dhiheeysi

Yaa Rabbi Nama karaa Keetirratti du’u nu taasisi.
Yaa Rabbi Rizqii nutti ballisi
Kheeyriin dalaguu nuuf laaffisi

Yaa Rabbi shabaaba Keenya jaartii gaarii kenniif
Shamarran keenyaaf jaarsa gaarii kenni
Dhukkubsataa Keenya hunda nuuf fayyisi
Kan nurraa Aakhirame hundaaf Rahmata Nuuf godhi

Haadhaa abbaa keenyatti nuuf toli
Ibaadaa tee hunda Nuuf Laaffisi.

Yaa Rabbii keenya si kadhannee nuuf qeebali
Tan nurraa irratte atummaan itti nuuf guuti.

Aaaamiin Aaamiin Yaa Rabbal Aalamiin.

By: Ibsaa Dhugaa

https://www.facebook.com/profile.php?id=100079009500149

06/06/2023
06/06/2023

Hayyuu akkanaa qabaachuun qabeenya, hayyuu akaanaa qabaachuun jabeenya, hayyuu akkanaa dhabuun tiqqeenya!

Hayyuun hawaasa isaatiif mataadha, hawaasni qaama, qaamni mataa hin qabne akkuma jiraachuu hin dandeenye hawaasni hayyuu hin qabnees kabajamee jiraachuu hin dandeyu.

Hawaasni tokkummaaf dammaqa qabu hayyuu isaa tiiyfateeti jiruu leencaa jiraata,
Hawaasni wallaalaa fii faca'a qabu hayyuu isaa nyaateeti saree alagaatiin nyaadhamee jeedala tahee jiraata!

Hayyuun gaaddisa guddaadha, ummanni biqiltuu titiqqoodha, biqiltuun titiqqoon gaaddisa muka guddaa jalatti jiraatti, gaafa gaaddisni guddaan san irraa jige aduun itti baati.

Hayyuu arkachuutu jabaata malee dhabuun laaftuudha, Hayyoota qabdan jabeeyfadhaa.

Kanniisni mootii isaa kabajeeti gaaguratti galee daraaraa adda addaa irraa deeyma bareedaa san demmeeysee nu badhaasaa jira, Tiitichi mootii isaa ajjeeseeti dikee fii balfa gandaa gubbaa waan tortoree fii raqa nyaachaa jira!

Hayyoota keenya kan bahaa dhiha jiran umrii isaanii nuuf haa dheereysu.

29/12/2022

Yaa nama dhugaan rakkatee jiru
Osoo oltee hin bulle
RABBIIN ammumatti
Sihaa furu

18/11/2022

Sirba Hacee

Hinuman tiksee mala kulatoo,
Ashuffeen baddaa
loon hin gabbisuu,
Hinuman rafee malee yaa lammi,
Tokkummaa dhabuun nama hin raffisuu.

Halayyaan hallayumma
maltuu halayyan hurufa jedhee,
Alagaan alaguumaa
maaltu algaadhan fira jedhee.

Kobbortaa hormi naama hin baatu
yoo abaan offi baatatee malee,
Roorroo hormarra dhuftee,
Roorroo dinarraa dhuftee,
Maaltu namaa dhoowwa
abbaatu dhoowata malee.

Maaloo (x3)

Biyaa hormaa dhaquun nama hin dhibu
galuu nama dhibaay,
Biyaa offii yaa gaaddisa garbuu
aduun nama hin argu jarana.

Caamsaa dhuftan moo birraa
yaa sawileen koo saayan oboori,
Caamsaas hin dhufnuu birraa,
Caamsaas hin dhufnuu birraa.

Hin dhufnu kaloo nutti bitani,
Kaloo nutti bitani,
Kaloo nutti bitani,
Furdannaan haalbeedhaan nu fixanni,

Maaloo (x3)

Jabiloota koo,
ya jabiloota odaa jalaa,
Kan nama nyaatu nu keessaa jira,
Jabiloota koo,
ya jabiloota odaa jalaa,
Kan nama nyaatu nu keessaa jira.

Maaloo (x3)

Maasaan gamaa lafa hin baatu,
Maasaan gamaa lafa hin baatu,
Talbaa facaafata taatii,
Talbaa facaafata taatii,
Tokko du'ee, tokko hun taa'uu
wal gaggalaafata taatii,
wal gaggalaafata taatii.

Emmolee yaa garba ciisaa,
Waan offi maaltu gadhisa
Emmolee yaa garba ciisaa,
Waan offi maaltu gadhisa.

Maasaan gamaa lafa hin baatu,
Maasaan gamaa lafa hin baatu,
Talbaa facaafata taatii,
Talbaa facaafata taatii,
Tokko nyaate, tokko hun taa'uu
wal gaggalaafata taatii,
wal gaggalaafata taatii.

Emmolee yaa garba ciisaa,
Waan offi maaltu gadhisa
Emmolee yaa garba ciisaa,
Waan offi maaltu gadhisa.

Kana gadii xaafi calleessani,
Ilmaa namaa qeerroo jabeessani,
Oduu sobaa maalif odeessani,
Saba qulqulluu maa xureessani.

Emmolee yaa garba ciisaa,
Biyaa offi maaltu gadhisa
Emmolee yaa garba ciisaa,
Biyaa offi maaltu gadhisa.

Kana gadii xaafi calleessani,
Ilmaa namaa qeerroo jabeessani,
Oduu dhaaraa maalif odeessani,
Saba qulqulluu maa xureessani.

Emmolee yaa garba ciisaa,
Oromiyaa maaltu gadhisa
Emmolee yaa garba ciisaa,
Oromiyaa maaltu gadhi❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️🙏

12/11/2022
12/11/2022
12/11/2022

Address

Marsu
Mechara
ALHAMDULIL12

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Chala Abrahim posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Chala Abrahim:

Share


Other Digital creator in Mechara

Show All