Anuwee A/kariim

Anuwee A/kariim About health

01/12/2023
Hawaasni keenya Gara laafeysa fi rakkataa isaa Bira akka dhabbatu hojjin nu garsiisee jira.Alhamdulillaah Galatni hunda ...
08/10/2023

Hawaasni keenya Gara laafeysa fi rakkataa isaa Bira akka dhabbatu hojjin nu garsiisee jira.
Alhamdulillaah Galatni hunda warra daaโ€™ima kana Bira dhabbate hundaaf haa tahu.
Garu addaatti Afandiin galata guddaa qaba.
Umrii dheeradhu bro !
Jijjiramni dubbachu baannu ni mulโ€™ata.

02/10/2023

Qubee ati kaleessa suphitee boccee lafa nuuf keesseen
Har'a ittiin dubbachaa ittiin wal dhaggefachaa jirra!

Galata Guddaa dhaloota oromoo biraa qabda

19/09/2023

Maqaan isaa Faaruuq Dr. Zakir Naayik ja'ama. Ji'a 9 keessatti Qura'ana guututti Haffaze. Yaroo Quraana Haffazu suuraa, Aayata, Juuzii fi Fuulaa (Surah, Article, Chapter & page) bakkuma takkatti, yeroo takkatti haffaza ture. Kana qofa miti, waan namni tokko haffazuuf Guyyaa 5 -7 itti fudhatu, Inni Sa'aa 1 keeysatti haffaza. Ajiib!

Umrii isaa waggaa 8tti Nama 50,000 (kuma shantam) caalan dura dhaabbatee Muhaadaraa Daqiiqaa 5-15 geeysu, dabarsuu ture. Maasha Allah!

Muhaadaraan dheertuun Inni Yaroo jalqabaatiif gaggeeyse, Muhaadaraa sa'aa 2 taatu Yoo tahu, Kanas Miroofeesarootaa fi Doktoroota 119 dura dhaabbatee gorse. Yaroo Gorsu Ammaas yaroo Takka Osoo Hin Dogongorre Gorsa. Jacha Tokko Hoggaa Ja'ee Ragaa Quraana keeysaa Akkasuma Towraat fi Injiil keeysaahiis Ragaa Quubsaa Dhiheeyfata.

Maalummaa isaa tana abbaa isaa Dr. Zakir Naiktu gabaase. Maasha Allah!
Dargaggeeysa Qaalii kana hundi keessan akka jaalattan abdiin qaba. Rabbi isahaa tiiysu!

19/09/2023

Galaana Gaaromsaa Baga dhalatte Ammaas darbii jiraadhu Abbaa Gummaa happy birthda ๐ŸŽธโค๐ŸŽ‰๐ŸŽ‰๐ŸŽ‰๐ŸŽ‰๐ŸŽ‰

19/09/2023

Naggada Khasaaraa Hin Qabne
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข

1. Qurโ€™aana Qara'uu
2. Salaata Salaatuu
3. Sadaqaa kennuu

Rabbiin ol tahe akkana je'a:

ุฅู† ุงู„ุฐูŠู† ูŠุชู„ูˆู† ูƒุชุงุจ ุงู„ู„ู‡ ูˆุฃู‚ุงู…ูˆุง ุงู„ุตู„ุงุฉ ูˆุฃู†ูู‚ูˆุง ู…ู…ุง ุฑุฒู‚ู†ุงู‡ู… ุณุฑุง ูˆุนู„ุงู†ูŠุฉ ูŠุฑุฌูˆู† ุชุฌุงุฑุฉ ู„ู† ุชุจูˆุฑ

"Warri Kitaaba Allaah Qara'an, kan Salaata salaatan, ammas waan nuti Isaaniif hirreerraa kan kennan dhooysaa fi mullisuun, Isaan ni kajeelan daldala hin banne (hin kasaarre)." Suuraah Faaxir: 29

Naggada khasaaraa hin qabne jechuun kana yaa obboleeyyan

Quraana Rabbii Qara'uu, Salaata Rabbiin nurratti dirqama godhe guutuu Isii salaatuu fi Waan Rabbiin nutti kenni irraa sadaqaa dirqamaa Zakaah fi sadaqaa Sunnaah tan birootis sadaqachuudha.

Daldala khasaaraa hin beeyne kana itti haa jabaannu!

27/01/2023

Qulfiin ๐Ÿ”’๐Ÿ”‘ milkii, Rizqii fi gammachuu teetii harka khee haa seentu !

27/01/2023

Rabbi Rahmata isiniif hagodhu
Muzzana masjiida Muniir kan waggoota 42 Azaanii baasaa turan sheek Kaamil gara fuula Rabbi deemani.
Innaalillaahi wa'innaa Ilayhi Raaji'uun

27/01/2023
Lolli hidhatoota faannoofi liyyuu haayilii Amaaraatiin Uummata Oromoo Walloorratti baname hammaatee itti fufeera jedhan ...
27/01/2023

Lolli hidhatoota faannoofi liyyuu haayilii Amaaraatiin Uummata Oromoo Walloorratti baname hammaatee itti fufeera jedhan jiraattonni.

Aanaalee Godina addaa saba Oromoo Walloo adda addaa keessatti lolichi hammaatee itti fufuu kan himan maddeen, hanga ammaatti namoonni nagaan dhibbaan lakka'aman lubbuun darbuu OMN-tti himan.

Lolichi lola Oromummaa irratti baname ta'uu kan himan jiraattonni, guyyaa kaleessaa aanaalee Jiillee Dhummugaa fi Harxummaa Fursee keessatti lubbuun namoota hedduu akka darbetu himama.

Guyyaa har'aas Kamisee, bakka Diimtuufi Cuqorsoo akkasumas Iddoo Magnii jedhamu keessatti manneen jiraattotaa jumlaan gubachaa jiraachuufi daa'immaniufi dubartoonni ajjeefamaafi dararamaa jiraachuu OMN-tti himan.

Mootummaan federaalaa dhimmicha tasgabbeessuuf garas bobbaafamus, liyyuun haayilii amaaraa ajajamuufii waan dideef, lolli eegalame dhaabbachuu hin dandeenye jedhan maddeen.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://omnglobal.com/or/22202/

27/01/2023
27/01/2023
23/01/2023

Rizqiin teessan: ๐Ÿ‘‰Soomana duratti
Yoo samii keessa jiraatte Rabbi haa buusu !!
Yoo dachii keessa jiraatte Rabbi haa baasu !!
Yoo fagoo jiraatte Rabbi haa dhiheeysu !!
Yoo waa xiqqo taate Rabbi haa heddummeeysu !!
Yoo hedduu taate Rabbi haa barakeeysu !!
Yoo isin bira jiraatte Rabbi harka keessan keessa haa naqu !!

โœ๏ธ Kookeet tube sheek laik godha

23/01/2023
23/01/2023

"Nama Addunyaa Guutuu tana,Amantiin Islaamaatiin jijjiiruu RABBI sihaataasisu!โฃ๐Ÿคฒ

23/01/2023

Harmaa Nama Dhukkubsatee fi Nama Nama Dhukkubsatee Argetu Beeka Suuraa Obboleettii tana argite rabbiin sii haa fayyisuu jetenii
gotuu malee bira
Darbite du.aaii tana Ammiin utu jedhiin bira darbite rabbiin irraa sigafachunsa hin Ollu Wly subahanallah๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ
Yaa kiyya
Yaa tiyya
Rabbiin fayyaa guutu siif kenne Sirraa Hin hir.isiin

kiyya tiyya Atii kaan fayyaa tee hin qabne Wly rabbiin nii dandaha amumatii fayyaa tee sif haa debisuu
Wly Ammiin Jatuu malee biraan hon kutiin
Ammiin yaa alah ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ

Page kotiif hara tanan ๐…๐š๐ฆ๐ข๐ข ๐Ž๐ซ๐จ แ‹แˆš แŠฆแˆฎ like godhuun dagaatina Hadaraa jzk

23/01/2023

Iccitii moo'attootaa
******************
Bosona/Hurruma keessatti
1. Arbi bineensota irra guddaadha.
2. Sattawwaan hunda irra dheertuudha.
3. Yeeyyiin hunda isaanii irra abshaala ykn qaruuteedha.
4. Warabboon/ Darafeessi( cheetah) hunda caalaa saffisaadha.

Garuu odoo amaloota olitti tuqame kana tokkollee hin qabne mootiin isaanii lencuma.
Sababni isaa
โ€ข Leenci Jagna, gamna, ofitti amanamummaan soocha'a. Waan fedhe godhuuf eenyuyyuu hayyama hin gaafatu. Abbaa fedhe hin sodaatu
โ€ข Leenci wanti tokkolleen akka isa dhaabu hin dandeenye amana.
โ€ข Leenci balaa fudhatee waa hojjata
โ€ข Leenci bineensonni hundi nyaata isaa akka ta'an amana
โ€ข Leenci carraa argate hundatti fayyadamuu akka qabu amana . Akka isa miliqxu hin barbaadu
Kanaafuu
1. Saffisaa ta'uun dirqama miti.
2. Abshaala ta'uun sirraa hin eegamu
3. Qaruutee ta'uun sirraa hin eegamu
Wanni sirraa eegamu
4. Jagna tahuudha
5. Carraa argame fayyadamuu fi yaaluu danda'uudha
6. Wanni hundi ta'uu akka danda'u amanuu qabda
7. Akka dalaguu dandeessu ofitti amanuu qabda

* Leenci sa'aatii 20 rafee ,sa'aatii 4 qofa hojjatee foon malee hin nyaatu.
* Arbi sa'aatii 20 hojjatee marga qofa nyaata.

Istitiraateejii ati jireenya kee keessatti hordoftuutu yeroo hunda moo'ataa ykn chaampiyoonaa si godha!!
** Kanaafu injifataa ta'uuf miira leencaa qabaachuu qabda
Madda: Dr Fami
For more Follow ๐Ÿ‘‰Dr.Abdulfetah Ibrahim

23/01/2023

Guyyaa Qiyaamaa nama 70,000 kan akkuma Qabrii irraa bahaniin osoo cinqii Dirree Qiyaamaa hin agarre Jannata seenaniitu jira. Ummanni kun osoo waa takka hin gaafatamne, Osoo hin qoratamne Jannata seenan.!

Galmee warra Gaaffii takka malee Jannata seenanii kanneen keessatti Rabbi sihaa galmeeysu !!

21/01/2023

Rabbiin waa Sadii itti nuuf haa Dabalu:
1. Rizqii (Hiree)
2. Fayyaa fi
3. Umrii
Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiin๐Ÿคฒ
yeroo du,aahiin qeebalamtu kheeysa jirraa Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiin ja,aa

Imaamatu Hate!!!Dubbii Raaji!Guyyaa tokko Maatiin tokko imaama Masjiida nyaataaf manatti affeeran. Haati manaa osoo nyaa...
15/01/2023

Imaamatu Hate!!!

Dubbii Raaji!

Guyyaa tokko Maatiin tokko imaama Masjiida nyaataaf manatti affeeran. Haati manaa osoo nyaata dhiheessituu Maallaqni maaddii irratti isii harkaa buhe. Booda maallaqa sana ni dhaban. Imaamicha malee namni mana jaraa hin seenne. Maatiin sun Ijoollees hin qaban.
Warri mana sheektichatu maallaqa fuudhe jedhanii waan murteessaniif sheektichaan ooduu murteessan. Kanuma hordofee Abbaan manichaa Masjiida imaamtichi itti salaachisu dhaquu dhiisee jihoota lakkoofsise.

Osoo haala kanaan jiranuu Baatiin Ramadaanaa seene. Abbaan manichaa Baatiin baatii araaramaatii, imaamtichi as keessaa fira hin qabuu irra dabarreefii nyaatatti haa affeerru jedhe. Haati manaa isaa takka itti yaaddee, buustee baaste booda yaadicha fudhatte. Garuu haalduree kaa'atte. Innis dhimma maallaqa badee ifaan ifatti imaamichatti kaasuudha. Abbaan warraa ishees yaadicha ni fudhate.

Imaamticha nyaatatti affeeran. Nyaatanii dhuganii yeroo xumuran abbaan manaa dhimma maallaqa badee imaamichatti dubbate. Imaamtichi saalfataa boohuu eegale! Maallaqa natu fuudhe jedhe!

Kan naboochise hannaan na shakkuu keessan osoo hin taanee Guyyoota 365 guutuu osoo Qur'aanaa hin banin waggaan guutuun isin irra naanna'uudha jedhe!
Qarshii sana gaafas fuudheen Qur'aanaa keessa isiniif kaa'e jedhe. Abbaan manichaa ariitiidhaan Qur'aanaa fuudhee bane. Fuula jalqabaa iddoo suuraan Faatihaa itti argamuu maallaqa akkuma jirutti arge!

Haati manaa rifattee boo'ichatti seente, akka bishaanii imimmaan dhangalaaste. Waan see'aa badaa imaamichatti seeteef dhiifama gaafachuu isa bira deemte. Innis ani nama dadhabaadhaa Rabbii isa Qur'aanaa Isaa waggaa guutuu dagattee ittiin oodde araarama gaafadhu jedhe.

Taatee kana irraa waan hedduu baranna. Anis waa heddu jedhuu danda'a garuu isiniifan dhiise,
Mee ati akka keetti maal irraa baratte? irratti yaada keessan kennaa!

Waan dubbistaniif galatoomaa

โžฆ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin!

โžฆ Gฮฑโ„“ฮฑั‚ฯƒฯƒะผฮฑฮฑ!!!
ฮฅั”ส€ฯƒฯƒ Gฮฑฮฑส€ฮนฮน

sสœแด€ส€แด‡โ—ˆsสœแด€ส€แด‡โ—ˆsสœ

14/01/2023
14/01/2023

?

"Gaalli bakka oolee fakkaata" Raaddi harreen wajji ooltu ......... baratti" Nama wajji ooltu naaf himi nama ati taate anaatu siif himaa".

Hadiisa gorsa ajaa'ibaa tiifii dawaa ajaa'ibaa of keessaa qabu dubbisaa sheer waliif godhaa!!Ergaa tana walbiraan gayaa galata itti arkadhaa.

ุนูŽู†ู’ ุฃูŽุจููŠ ู‡ูุฑูŽูŠู’ุฑูŽุฉูŽ ุฑูŽุถููŠูŽ ุงู„ู„ู‡ู ู‚ุงู„ ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡ ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… (ุงู„ู…ุฑุก ุนู„ู‰ ุฏูŠู† ุฎู„ูŠู„ู‡ ูู„ูŠู†ุธุฑ ุฃุญุฏูƒู… ู…ู† ูŠุฎุงู„ู„) ุฑูˆุงู‡ ุฃุญู…ุฏ ูˆุงู„ุชุฑู…ุฐูŠ
Nabiyyiin Rabbii SAW akkana jadhan: "ilmi namaa amantuma waahila yokaa hiriyaa isaati qabaata, nama hiriyaa godhattan filadhaa"
hadiisa kana Imaamu Ahmadii fiii Trmiziitu gabaase.

Ulamaa'ii yokaa sheekkotaa wajji taa' uun yokaa saahibuun beekkomsaa fii sodaa rabbiiti namaaf dabala,
Hayyuu yokaa Aaqila saahibuun hayyummaadha siif dabala,
Dureessa saahibuun jaalal horiiti namaaf dabala,
Hiyyeessa yokaa miskiina saahibuun Galata rabbii beekuu fii waan rabbiin siif kanne jaalachuudha namaaf dabala,
ijoollee yokaa daa'ima saahibuun taphaafii qoosaa yokiin baacoo jaalatuudha namaaf dabala,
Nama jallaa (munaafiqa) yokaa nama badii hojjatu saahibuun jallina irratti gootomuudha namaaf dabala;

Makmaaksa kana irraahiis gorsa guddaatu fudhatama.
"ilmi Namaa saahiba tola saahiba bada"
(ุงู„ุตุงุญุจ ุณุงุญุจ)ู…ุซู„ ุนุฑุจูŠ.
Saahibni saahiba isaatiif akka konkolaataa walharkisuuti(akka tasaabiiti)

saahibni miidaiyaa hawaasaa irratti wal saahibdan jijjiirama namatti fiduu keessatti akkuma saahiba qaamaan wajji jiraataniiti.

Jechi keetii fii gochi kee ati itti yaadduus itti yaaduu baattuus nama saahiba keetii irratti jijjiirama guddaa akka fidu hin dagatin.

Ijoollee teessaniifii Haadha mana keessnii
Eenyu akka saahiban hordofaa qaceelloofii jallinni isaanii saahiba isaanii rratti hidhamee jira waan taheef.

yaa Rabbi saahiba gaarii nugodhi, saahibban gaarii nuuf godhi,
yaa rabbi nuqaceelchi, nuuf qaceelchi, nuun qaceelchi.

Address

Roobee
Jimma
40455568

Telephone

+251940455568

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Anuwee A/kariim posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Anuwee A/kariim:

Share