Hunde dhalota

Hunde dhalota BONINAN

02/09/2023

Mootummaan sababa Faannoo maqaa isaaniin hin waamneef ifa godhe.

Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa ‘’ Faannoon nuti beeknuufi wanti amma ta’aa jiru waan walitti dhufu miti,’’ jechuun dhihoo dubbataniiru.

‘’Faannoon yeroo biyyi weeraramtu duula. Waan qabu, eeboofi goraadee qabatee bahe diina bosona keessa falmudha. Inni amma jiru garuu qonnaan bulaa kan saamudha. Xaa’oo hatee kan gurgurudha,’’ jechuun himatan.

Kana dura aangawoonni mootummaa maqaa isaanii sababa lagataniif xiinxaltoonni tilmaama garaagaraa ka’anii turan.
⬇️⬇️
https://bbc.in/47YDOxp

02/09/2023

Biyya nageenyashee eegsisuuf garee Waagnar irratti hirkattu Maaliitiif amma maaltu fala?
===================
Biyyi Afriikaa Maaliin wayita hidhattoota foxxoquuf lolaniifi milishoota Islaamaa waraantuutti, humna mindeeffamtoota garee Waagnaritti fayyadamte. Garuu amma dursaan garichaa du’eera. Naga eegsiiftoonni UN’s bahaa kan jiran yoo ta’u, biyyattii rakkoon mudachuuf jira.

Gabaasaan BBC Feraas Kilaanii gammoojjii Kaaba hamaa biyyattiitti imaluun, waggaa darbe kana keessa gaazexessaa miidiyaa idil-addunyaa achi dhaqee ummata danqamee achi jiruun walargeedha. Gaazexeessaan kun akkasiin gabaaseera.
⬇️⬇️
https://bbc.in/45OPil6

02/09/2023

Indiyaan seenaa haaraa hojjette.
====
Yeroo jalqabaatiif saatelaayitii Aduutti erguun milkoofte.
Saatalaayitiin Aditya-L1 jedhamuun moggaafamte Sanbata xiqqaa kana kan dhukaate yeroo ta'u, waan Aduu qorachuuf, dachee irraa fageenya km miiliyoona 1.5 ta'u imalti. Kunis fageenya aduufi dachee gidduu jiru keessaa dhibbeentaa tokko qofa jechuudha.
⬇️⬇️
https://bbc.in/3LuE1z1

02/09/2023

IRRA DEEBIIN
Harmi bitaa fi mirgaa kan walcaalu yoo maal ta'edha? Sababi maali?
=============
Dubartoonni harmi isaanii lamaan yeroo walcaalu tasuma ofirratti argu.

Lammiin UK Naataalii Dii Peedee harmishee walcaalee nan arga jettee yaaddee hin beektu.

Dubartiin umrii waggaa 32 kun umriishee waggaa 20 gadi taatee turte harmi ishee lamaan akka wal caalu kan barte.

Haalli kun miiraa fi xiinsammuu ishee akkaan miidhuu dubbatti.

Jiraattuu magaalaa Wimboorni, Doorset kan taate Aadde Dii Peedee dubartoota kaan waliin ta'uun dhimma kanarratti muuxannoo qooduu eegalte.

Harmi dubartii bitaa fi mirga jiru guddinaan, qabeedhaan, teessumaan akkasumas foormiidhaan yoo adda addummaa qabaate rakkoon kun mudata.

Rakkoon kun sababoota garaagaraan dhufuu danda'a.

Isaan keessaa rakkoo hormoonii, dhaabbachuu marsaa laguu fi wal'aansa baqaqsanii yaaluu dhibee kaansariif taasifamu eeruun danda'ama.
⬇️⬇️
https://bbc.in/3Z2Azkn

01/09/2023

'Mudannoo kootu dhaabbata meeshaalee badan barbaadu akkan hundeessuuf na kakaase' - Ribqaa Dassaalany
======
Dhaabbanni meeshaalee namoota jalaa badan barbaaduun abbootii qabeenyaaf deebisuf hundaa’e magaala Finfinnee keessatti hojii eegaluusaa beeksisee jira.

Hundeessituu fi haati qabeenyaa dhaabbata ‘Haniel Felagi’ Aadde Ribqaa Dassaalany, “Mudannoo dhuunfaa kootu dhaabbata kana akkan hundeessuuf na kakaase” jedhu.

“Dhimma hojiif gara biyya alaa nan imalan ture. Akka tasaa guyyaa tokko paaspoortiikoo mana baankiitti iraanfadhee bahe.

Garuu achitti irraanfachuukoo hin yaadadhu ture” kan jedhan Aadde Ribqaan, sababa sanaan imala isaanii gara biyya alaa karoorfatanii turan haquu himan.

⬇️⬇️
https://bbc.in/45obN0B

01/09/2023
31/08/2023

Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Maayik Hamar guyyoota kudhaniif Keeniyaafi Itoophiyaa keessa turu.
Ergamaan Addaa yeroo gara garaatti Itoophiyaatti marmaaru kun miillana rakkoon nananolee Oromiyaafi Amaaraa keessa jiru karaa nagaan haala furamuu danda'urratti aanga'ootaafi qaamota dhimmi ilaallatu waliin dubbata jedhameera.
⬇️⬇️
https://bbc.in/45xRZrD

31/08/2023

Jimaafi Harargee
============
Uummanni Harargee dhimma jimaa jiruu isaanii waliin hedduu walqabate ilaalchisanii rakkoo himachuu kan jalqaban bubbuleera.
Qonaan-bultoonni omisha jimaa irraa galii maluuf argachuu dhabuu isaaniitiin rakkoo keessa jiraachuu waywaataa jiru.
Rakkoon kun kan qonnaan-bultootaa qofa ta'ee hin hafu, rakkoo galii guddaa jimaarraa argamuutis malee.
Mee maal jedhu?
⬇️⬇️
https://bbc.in/3YV5Ful

30/08/2023

¶ Addunyaa hogganuu irra of hogganuutu cimaadha! Of hogganuun of geggeessuudha! Ofgeggeessuuf immoo konkolaataan keenya sammuu keenyadha!

¶ Sammuun keenya guyyaa guyyaan akkuma garaan keenya soorata barbaadu,sammuunis qallaba sooratu jechoota barbaada.
Jechootni qallaba yaada sammuu keenyaati.qallabni gumbii jechoota yaada sammuu gaarii utuu tahe caalaa bareedadha.
( ) yaada gochuudha.

¶ Yaadni sammuu keenya hamaa yoo tahe fi isa seensa banaadha.Yaadni keenya hamaan hamma hammina keenya sammuu keenya booressa. Yaada sammuu boora'a calaluuf isa Ofitti deebi'uudha.
Ofitti deebi'uun Of ilaaluuf of barbaaduudha.
Namni of barbaadee of argate yaada sammuu si'ataa(active) qabaata...!

√ Yaada yaadamee fi calalametu ija godhata.
Yaada keessaa yaada yaadamu calali.

By:

30/08/2023
29/08/2023
29/08/2023
29/08/2023

Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa kan ta'an Maayik Hamar walitti bu'iinsa naannolee Oromiyaafi amaaraa keessatti deemaa jiran mariin akkaataa furamuu danda'anirratti dubbachuuf gara Itoophiyaatti imaluuf jiru.

Ergamaan Addaa kun A L I Wixata Hagayya 22,2015 irraa kaasee hanga Qaammee 03, 2015tti Keeniyaafi Itoophiyaatti guyyoota kudhaniif akka turan Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksiseera.

Turtii isaa Itoophiyaatti taasisuun adda-durummaan dhimmoonni kaasu keessaa walitti bui'insawwan naannolee Oromiyaafi Amaaraatti gaggeeffamaa jiran karaa nagaatiin furmaata akkaataa argachuu danda'urratti aanga'oota dhimmi ilaallatu waliin kan mariyatan ta'a.

https://bbc.in/3R2Xb2j

29/08/2023
29/08/2023

Obbo Baqqalaa Ameerikaa irraa biyyatti deebi'uuf maaltu abdii isaan kutachiise?

===============

Namni siyaasaa gameessi kun jijjiirama siyaasaa biyyatti deebi'uu isaanii yaaddessaa taasise wayita ibsan, ''walumaagalatti waggootni erga Itoophiyaa keessatti jijjiiramni siyaasaa dhufee jiran, addatti ammoo waggaan tokkichi darbe baayyee hamaadha'' jedhan.

''Waggaa tokkoo as inni jirummoo keessumaa baayyee kan nama gaddisiisudha.

''Namootni mana hidhaatii baafamanii ajjeefamu, abbaan barbaade qabee nama hidha, bakka buutee isaanii dhabamsiisa, hojiirraa ari'a, lafa isaarraa hin buqqa'a, Oromoon daangaan itti ce'amee manni irratti gubata, fayyaan ibiddaan gubama, namni ofiin boolla akka qotee keessatti ajjeefamulle ta'aa jira,'' jechuun haala siyaasaa Itoophiyaa keessaa ibsan.

Itti dabaluun ''waajiraaleen dhaabbilee siyaasaa guutummaa guutuutti cufamaniiru jechuudhaaf ni danda'ama'' kan jedhan Obbo Baqqalaan, sababa kanaatti sochii siyaasaas biyya keessati gaggeessuun hin danda'amu'' jedhan.

''Kana keessatti lubbuudhumaan jiraachuufuu haala nama sodaachisu keessa gahameera.

''Lammaffaa ammoo osoo biyya sanatti deebi'amees sochii siyaasaa gochuun waan hin danda'amneef, gama kootiin ammaan booda biyya sanatti deebi'uun bu'aa buusu hin qabu kanaaf biyyuma kana turuutu narra jira jedhee dhiyoo kanan murteeffadhe.''

Obbo Baqqalaan osoodhuma biyyatti deebi'aniillee hojii barsiisummaa Yunivarsiitii Finfinnee keessatti hojjetan itti fufuu akka hin dandeenye dubbatu.

Sababni ammoo akkuma mana hidhaatii bahaniin ''umriin kee jahaatama gaheera jedhaanii sooroma na baasan'' jedhamu dubbatu.

https://bbc.in/3QXgDgM

Suuraa- OFC

28/08/2023

Faransaay manneen barnootaa mootummaatti 'abaayaa' uffachuu dhorkuufi
*********
Faransaay manneen barnootaa hundatti uffata shamarran Musliimaa uffatan abaayaa (wandaboo dheeraa) akka hin uffatamne dhorkuuf ta’uu Ministeerri Barnoota biyyattii beeksiise.

Seerri kunis Fulbaana dhufaa gaafa 4 yeroo manni barnootaa deebii’ee eegalurraa qabee hojiirra kan oola jedhame.

Faransaay manneen barnootaafi gamoowwan mootummaa keessatti mallattoolee amantaa kamuu cimsitee kan dhorkitu yoo ta’u, kanaafis sababii seerawwan amantaan ala ta’an cabsa jetti.

Manneen barnootaa mootummaa keessatti hijaaba uffachu kan dhorkite bara 2014 irraa kaaftee turte.

👉🏾👉🏾https://bbc.in/44sRXQz

28/08/2023

'Biyya hambaatti hafuudhaaf, hooggansa KFO's dhiisuuf murteesseera'-Obbo Baqqalaa

28/08/2023
26/08/2023

Ashamaa!
Afoola-Ciigoo

Daadhiis ta'e farsoo hundarraa of eegaa,
qulqulluu bishaanii isa wayyaa dhugaa.
Jecha dachaa=__________________
Sookoo=________________________
Soorgoo=_______________________
Hirmaadhaa, walirraa baradhaa.
Odeeffannoo wayitaaf ammoo
⬇️⬇️
https://bbc.in/45q1fho

26/08/2023

🥇
Atileetiin Itoophiyaa Amaanee Bariisoo maaraatooniin shaampiyoonaa addunyaa taate
******
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Budaapest Hangaariitti gaggeeffamaa jiru guyyaa saddeettaffaan atileetonni Itoophiyaa mirgaan galan.
Fiigicha maaraatoonii ganama kana raawwateen atileet Amaanee Bariisoo sa'aatii 2:24:23 taheen warqee injifatte.
Atileetiin Itoophiyaa biroo Gotayitoom Gabrasillaasee ammoo lammaffaa bahuun meetii argatte.
Atileetiin Morookoo Fatima Ezzahra Gardadi sadaffaa bahuun nahaasa argatteetti.

Kanaanis gareen atileetiksii Itoophiyaa dorgommii Budaapest kanaan warqee lammeessoo argachuu danda'eera.

Suuraan: Getty Images

26/08/2023

Dorgommii fiigicha meetiraa 5,000 Budaapestitti gaggeeffameen Siifan Hasan 2ffaa bahuun xumurte.

Atileetiin Keeniyaa rikardii harkaa qabdu Feez Kipyegon warqee argatte.

Gudaaf Tsagaayee meetira 10,000 Itoophiyaaf warqee argamsiiftee meetira 5,000'n hin milkoofne.

Atileetiin dhalootaan Itoophiyaa Nezarlaandiif fiigdu, Siifan Hasan, meetira 1,500 sadaffaa baate, meetira 10,000 kuftee mo’amte, har’a 5,000m'n 2ffaa bahuun milkiin xumurte.

Dorgommii Maraatoonii Sambata har’aa gaggeeffameen Atileet Amaanee Bariisoo mo'achuun medaaliyaa warqee Itoophiyaaf argamsiifteetti.

Atileetiin Itoophiyaa biroo Gotayitoom Gabrasillaasee ammoo lammaffaa bahuun meetii argatte.

Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Hangarii magaalaa Buudaapestitti gaggeeffamaa jiruun Itoophiyaan medaaliyaa saddet argachuun USA, Ispeenii fi Jamaayikaatti aantee 4ffaa irra jirti. Biyyoota Afrikaa keessaa sadarkaa tokkoffaa irra jirti.

Suuraa: AFP
https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cyjwv1097pjo

26/08/2023
26/08/2023

Oladeemaan Ginciitti waggaa 17 dura bilbila kalaqee addunyaan raajeffate, Israa'eel Beellamaa eessa gahe?
*******
Waggaa17 dura Godina Shawaa Lixaa magaalaa Gincii keessa ol-adeemaan kutaa jahaffaa baratu kalaqni hojjete jiraattoota naannoo tajaajiluu eegaluun isaa tasa hidhaa isa buusee oole.

Umriin isaa xiqqaa ta'uutu hidhaarraa isa baraare.

Gabaa fi daandilee gubbaatti raadiyoo fi televizhinii hojjechuu dide suphuu ijoollummaadhumatti kan eegale oladeemaan kun, telefoona guyyaa tokko argeen raajjefamee telefoona mataa isaa kalaqe.

Ol-adeemaan meeshaalee elektirooniksii suphuufuu namni amanee meeshaasaa itti kennachuuf rakkatu, telefoona kalaqee jiraattota magaalichaa kaffaltii xiqqaan tajaajiluu eegalee ture.

Kalaqni isaa bilbilaa kun gabaa harkisaa deeme, gurra dhaabbata teelekoomii Itoophiyaas gahe. Yeroo kana ture hidhaa bu'uuf fiixeerra kan gahe.

Kalaqni isaa kun amma kaampanii sooftiweerii oomishu akka hundeessuu bu'uura ta'eera. Abbummaa kalaqoota hedduu ittiin argachuufis ka'umsadha.

Ijoollummaa isaatti hojjetaa dhaabbata teelee ta'eera, achiis Ministeerri Ittisaa Itoophiyaa oogummaa isaa barbaadee fudhate.

Boodas abbootii kalaqaa fi oogummaa addaa dhaabbata Ejensii Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa(INSA) yeroo jalqabaaf hundeessan keessaa tokko ta'e.

BBC wajjin turtii taasiseera, dubbisaa 👇
https://bbc.in/3EdmFm1

25/08/2023

Oduu Ammee
Naannoon Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa pirezidaantii haaraa gochuun muude.
Pirezidaantii naannichaa kan turan Dr Yiliqaal Kaffaalaa aangoo gadhiisuuf xalayaa dhiyeeffachuu hordofee manni maree naannichaa pirezidaantii haaraa muuduu ibse.
Odeessa kanaaf; 👉👉 https://bbc.in/3QPpYaA
Suuraa: FBC

24/08/2023
24/08/2023

Puutiin waa'ee ajjeechaa hogganaa Garee Waaginar dubbatan
**********
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin balaa xiyyaaraa kaleessaan booda yeroo jalqabaaf dubbatan.

Maatii namoota balaa kanaan du'aniif ergaa gaddaa dabarsaniiru. Hogganaan Garee Waaginar Yivgeenii Piriigoozhiin nama dandeettii daldalaa qabutti ibsan.

Ergaa karaa TV'n dabarsaniin waan dhalaterratti qorannoon ni taasifamaa jedhan-garuu kun waan yeroo fudhatudhas jedhaniiru.

Waa'ee balaa xiyyaaraa Roobii galgala Kamisa ganaman dhagahee jedhan Puutiin.

Puutiin,''akkan ani beekutti,'' Piriigoozhin ''Roobii kaleessaa ture Afrikaa irraa kan inni deebi'e. Achitti qondaalota argatee ture,'' jedhan.
https://bbc.in/3P9ZPSp

24/08/2023

Paakistaanitti konkolaataan funyoo yeroo baayyee seeraan ala namoota naannootiin tolfamu lubbuu galaafachaa jira.

Viidiyoon barcumni lafaa olitti meetira 274 irratti rarra'e kufuuf jedhu namoota saddeet qabatee ture.

Jiraattonni naannoo maaliif mala geejibaa balaafamaa kanaan imaluu filatu?

👉🏾👉🏾: https://bbc.in/3Pau1gg

24/08/2023
23/08/2023

KAAYYOO DHAABBATAA MALEE RAKKOO DHAABBATAAN HIN JIRU!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✪ Wantonni jireenya dhala namaa jijjiiruu danda'an hedduun galma hin ga'in kan hafaniif abdii kutannaa dhala namaa irraa kan ka'edha.

✪ Namni mo'u abdii hin kutatu; namni abdii kutatu immoo hin mo'u.

✪ Waan tokko hojjechuuf yaaltee itti milkaa'uu yoo baatte, sun kufaatii utuu hin taane muuxannoodha; muuxannoo sana irraa immoo waan tokko baratta.

✪ Fayyaa guutuu qabaannaan abdii kutachuuf sababa tokkollee hin qabdu.

✪ Jireenya kee keessatti sagalee wacaa naannoo kee jiruuf iddoo hin kennin!

✪ Qeeqa namootaa sodaachuunis kaayyoo kee irraa gara boodaa hin deebi'in! Hojii kamiyyuu yoo hojjette, gaarii ta'uu hamaa namoonni si qeeqan yeroo hundaa ni jiru.

✪ Jireenya kee keessatti raawwattee namoota kaaniin of hin madaalin! Eenyuun iyyuu hin dorgomin! Ga'umsa dhokataa keessa kee jiru gad baastee ittiin hojjechuuf qofa of dorgomi! Milkaa'ina kees ta'ee kufaatii kee kan nama biroon hin dorgomsiisin!

✪ Namni kan ittiin madaalamu madaallii sirriin namummaa isaa qofa. Sanaan ala madaalliwwan jiran hunduu madaalliwwan dogoggoraati.

✪ Qormaanni ati qoramtu kan namni qoramee hin beekne miti. Haa guddatu haa xiqqaatus namni kamiyyuu rakkoo mataa isaa qaba. Kanaafuu, haala keessa jirtu ilaaltee abdii hin kutin!

▣ Kaayyoo dhaabbataa malee rakkoo dhaabbataan hin jiru!

23/08/2023

Ergaa Saphaloo Kadiir

Sagantaan eebba kitaaba kiyyaa KAASA AREERAA (Kuusa Walaloo) kaniin sagantaa eebba kitaaba seenaa Abdii Qophee jecha dabarsee ture, ji'a itti aanu kana gaafa Fuulbana 20/ 2016 (መስከረም 20/2016) ykn (October 1, 2023 G.C) Finfinnee hoteela Ililliitti (bakka sagantaan Abdii Qophee fi Usmaayyoo Muussaa akkasuma Qabrii Soddamaa) itti eeybifametti eebbifamuuf qabamee jira. Guyyaa sagantaa eebba Kaasa Areeraa (kitaaba kiyya) kan olitti tuqame kana irratti sagantaa wal fakkaataan bakka wal fakkaataa fii guyyaa wal fakkaatatti yoo qabame shira tahuu hubachuun gaariidha. Kana booda shiraaf yoo tahe malee waliin hojjachuu fii waliif hojjachuu malee wal irratti hojjachuun gaarii miti. Sagantaa Abdii Mahammad Yuusuf (Abdii Qopheetti) aansee kiyyaatu jira. Sagantaa eebba kitaaba seenaa Abdii Qophee milkaa'inaan goolabuun gammachuu guddaa dha. Milkaa'ina sagantichaaf kan carraaqxaniis tahee guyyaa sagantaa arkamuun kan hirmaattan hundi galatoomaa.

(Yaadachiisa: barruu kiyya kana ragaaf qabadhaa - screenshot godhadhaa)

23/08/2023
23/08/2023

'Abbaa rikardii ta'ee qabxiin argadhe kanatti badaa gammadaa miti-Lammeechaa Girmaa

23/08/2023
23/08/2023
22/08/2023

Galatoomi Adeeroo!❤️🙏

Sagantaa eebba kitaaba seenaa Abdii Qophee kaleessa gaggeeffame milkeessuuf dureeysi keenya 'ispoonsara' sadarkaa tokkoffaa tahuun milkaa’ina sagantaaf gahee guddaa waan gumaacheef galata Oromummaatu isaan mala. Galatoomi adeeroo, ammallee dachaan tan qabdu irratti siif haa dabalu. Dureeysa dhugaa jechuun sihi. Eeyba itti roobsaa.

22/08/2023

Asham!
Mammaaksa Guyyuu BBC'rraa

Mammaaksa kana akkamiin hiikkattu?
Waliif qoodaa | Kan keessanis nuuf ergaa!


Odeessaale kaaniif marsariitii https://bbc.in/3ph0y9Z mil'adhaa

22/08/2023

Investigators say Diezani Alison-Madueke will appear in a London court in October - plus more.

22/08/2023
20/08/2023

Maali bineensi akkanatti jaalala beeku!!

Gaaf tokko abbaa manaa fi haati manaa wal qabatanii paarkii bineensotaa deeman. Yeroo achi gahaan jaldeessa jaalala ajaa'ibaatiin jaartii isaatii wajjin taphatu argan.
Jaartiin yeroo kana akkana jette" maali bineensi akkanatti jaalala beeku"!

Achi booda leenca jaarti isaatirraa kophaa bahee taa'u argan. Leenchi akkaa waan jaartiin isa bira hin jirreetti moggaatti siqee callisee taa'a! Jaartiin namicha kanaa " maali bineensoonni jaalala hin beeyne akkatti nama dabbaru " jette

Hoggaa kana abbaan manaa ishii mee leenca dhaltuu sana dhagaan darbadhu je'een. Ni darbatte! Leenci kormaan aaree baroodee dachii girgireeyse!
Haaya mee amma jaldeeysa dhaltuu sana dhagaan darbadhu je'een! Ni darbatte ! Jaldeessi kormaan miilli kiyya na haa baasuu jedhee utaale muka kore! Lubbuu isaa baasuuf jaartii isaa dhiisee biraa sokke!

Abbaan manaa jaartii isaatiin akkana je'e " Waan jaalala fakkaatee ijaan agartuun hin goowwomfamin! Kun amala goowwomsaa onnee jaalalarraa qullaa ykn duwwaa taate dhooksuuf godhamuudha! Nama garii kan tasgabbaawanii taa'an , onneen isaanii jaalalaan kan guutamteetu jira "

Zabana kana jaldeessi baayyeedha, garuu leenci baayyee muraasa!!

Address

Harer

Telephone

+251933602745

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hunde dhalota posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share



You may also like