Reyyan Mohammed

Reyyan Mohammed Insha allah

Akkuma Kaleessa Harris Bor  Ni Darba Garuu  Wonti Guddaan Kaleessi Maaliin Akka Darbe fi Maaliif Akka Darbe Beekuudha Is...
28/04/2024

Akkuma Kaleessa Harris
Bor Ni Darba Garuu Wonti Guddaan Kaleessi Maaliin Akka Darbe fi Maaliif Akka Darbe
Beekuudha Isa Beeknaan Waan
Harra Keessa Jirtu Akka Darbu
Beekte waan bor sifayyadu
Keewwatte Darbuudha Bu,aa
Harraa Bor Argita Kan boriif
Abdatta Waan Harra Hojjatteen
Abdataan Beelan Dadhabu
Argataan Qeeqan Dhabu Beeki!!

09/04/2024
Gufuu daandii kee irraa kaasi!Bara durii ture! Mootii tokkotu dhagaa guddaa tokko daandii namoonni irra deeman irra kees...
06/04/2024

Gufuu daandii kee irraa kaasi!
Bara durii ture! Mootii tokkotu dhagaa guddaa tokko daandii namoonni irra deeman irra keessise. Akkuma kun ta'eenis, bakka ta'e dhokatee namni dhagaa kana karaa irraa kaasu yoo jiraateef daawwachuu eegale. Namoonni baay'een arganiima irraa goranii darbuu turani. Gariinimmoo, maaliif akka mootichi karaa qulqullinatti eegsisuu dhiise wal harkaa fuudhanii ceepha'u. Garuu, isaan keessaa yaada dhagaa kana karaarraa kaasuu kan qabu tokkoyyuu hinturre. Mootichi hamma kana ilaaleema ajaa'ibsiifata. Ajaa'ibas!

Dhumarratti, qonnaan bulaan tokko ba'aa baatee itti dhufe. Akkuma itti dhiyaateenis, ba'aa isaa lafa godhee dhagaa guddaa kana karaarraa kaasuuf dhiibuu eegale. Inuma dhiiba; dhiibee dhiibees, dadhabii guddaan booda nimilkaa'e. Akkuma dhagaa kana kaasee daandii cina godheen, baattuu xinnoo bifa reektaangilii qabdu tokko, iddoo dhagaan sun ture jalaa arge. Yeroo banee ilaalu, waan lama ofkeessa qaba. Kunneenis warqee gatii jabeessaafi ergaa barreeffamee jiru tokkodha. Ergaan sinis akkana jedha; "Warqeen kun, kana nama dhagicha karaarraa kaaseeti!" Ergaa mootichaati!

Qonnaan bulaan kunis, waan namoonni kaan hinhubanne baratee darbe. Bu'aa dadhabbii isaas argatee deemsa isaa itti fufe. Akkas malee!

- Ba'aa keessa bu'aatu jira! Watonni gufuu nutti fakkaanii isaan dheessinu baay'een, anniisaa deemsa keenya fuulduraa nuuf ta'uu malu. Wanta anniisaa namaaf ta'ummoo, baqachuu osoo hintaane baachuutu nama baasa. Baachuu keessa dadhabuun ni jira; garuu dadhabbiin sun, gonfoo dadhabuun keenya nuuf qopheessuun yoo wal bira qabamu, ofumaati. Eeyyeen, baachuu keessa nyaachuutu jira; ba'aa keessaas bu'aa hedduutu argama. Waan kamuus badhaasa mataa isaa niqabaata. Gatii har'aa baafnu keessaan badhaasa keenya boruuf haalatu mijata. Ifaaja keenya ammaa keessaanis fuuldura keenya mil'anna. Dhugaadha! Biqiltuu har'a dhaabuuf dadhabnu bor gaaddisa yeroo dadhabbii nuuf ta'u. Yoo kun hinjirres sun hinjiru,....hindagatiin!

- Gufuun har'a irra darbamu borus achuma! Rakkoon har'a hinfuramne rakkooma ta'ee tura. Dhagaa sana karaa irraa kaasuu dhabuu isaaniif waan dhaban qabaachuu qofaa miti, kan jarri sun miidhaman. Dhagaan isaan irraa goranii darban yoomuu isaaniif gufuudha. Hamma isaan hinkaafnetti achuma jira; yeroo bahanis ta'e galan achuma taa'ee isaan eega. Deemsa isaan dhorka, karaa itti dhiphisa, rukutees isaan miidhuu danda'a, dhagichi. Rakkoon har'a hinfuramne borus rakkoodha, yookaan bifa jijjiirratee dhufa. Kanaafuu, furmaanni hundeen bakkaa kaasuudha. Yoos rakkootu bakkaa ka'a,...nirakkatas! Akkas kunoo!

- Wanti nama hinmiine ittuu nama jabeessa! Nama dhagaa guddaa sana dhiibee kaasetti, ba'aan isaa duraa akka itti salphatu nama hinshakkisiisu. Gara fuulduraattis, leenjii jabaa ta'aafi. Hammam jabaa akka ta'es nihubachiisa. Meeshaalee suphee irraa hojjetaman yoo fudhanne, isaan osoo tajaajila hinkenniin dura ibiddaan siila'uu qabu. Yoo akkana hintaane, bishaan of keessatti qabachuu hindanda'ani. Kanaafuu, dursa ibiddaan siila'uu qabu. Argitee? Hamma hinballeessinetti gubuunuu furmaata. Meeshaaleen kunis, osoo hingubatiinirra yoo gubatan irra jabaatu. Jabinni dhala namaas leenjii garagaraa keessaani. Yaaduu, yaaluu, kufuu, ka'uu, baachuu, dadhabuu,.....! Kanaafuu, jabina keenya waan nu jabeessuu danda'u qofaa keessatti haa eeggannu!

- Kaayyoof jecha gad jechuun ol jechuu fida! Namichi qofaa isaa dhagaa dhiibu sun, namoota biroo biratti akka maraatuutti ilaalamuu hinhafu. Baay'eenis dhaabatanii itti kolfu ta'a. Dhageettiin gurra isaafi agartuun ija isaa garuu, kaayyoo isaa qofaa irra ture. Gufuu of jalaa kaasuufi deemsa itti fufuudha, mul'anni isaa. Namootatti gowwaa fakkaatus inni kaayyoo isaaf gamna yeroo isaati. Nutis, kaayyoo keenyaaf gad jechuu haabarru. Kan kaayyoof gad-jedhetu, olkaafama!

Camera ,Editing & Color by RAYYAN MAHAMMADPOSTER DISEGNER BY Hamze Alp
04/04/2024

Camera ,Editing & Color by RAYYAN MAHAMMAD

POSTER DISEGNER BY Hamze Alp

02/02/2024

Abba Dibicho family█▓▒F░O░L░L░O░W▒▓█
┊┊┊▕▔╲▂▂▂╱▔▏
╭━━╮╭┈╮⠀╭┈╮╭━━╮
╰╰╰┃▏╭╮⠀╭╮▕┃╯╯╯
┈┃⠀┃▏┈┈▅┈┈▕┃⠀┃
┈┃⠀┃▏┈╰┻╯┈▕┃⠀┃
┈┃⠀╰█▓▒░M░E░▒▓█🕋

█▓▒F░O░L░L░O░W▒▓█┊┊┊▕▔╲▂▂▂╱▔▏╭━━╮╭┈╮⠀╭┈╮╭━━╮╰╰╰┃▏╭╮⠀╭╮▕┃╯╯╯┈┃⠀┃▏┈┈▅┈┈▕┃⠀┃┈┃⠀┃▏┈╰┻╯┈▕┃⠀┃┈┃⠀╰█▓▒░M░E░▒▓█🕋
02/02/2024

█▓▒F░O░L░L░O░W▒▓█
┊┊┊▕▔╲▂▂▂╱▔▏
╭━━╮╭┈╮⠀╭┈╮╭━━╮
╰╰╰┃▏╭╮⠀╭╮▕┃╯╯╯
┈┃⠀┃▏┈┈▅┈┈▕┃⠀┃
┈┃⠀┃▏┈╰┻╯┈▕┃⠀┃
┈┃⠀╰█▓▒░M░E░▒▓█🕋

11/01/2024

Seenaa ajaiba tana dhageyfadha😊😊

11/11/2022

Taaziyaa gadda hangafticha keenya adeeroo ali birraa irra jirraa kanaafuu warri tana keeysa koonsartii dhaaf poostara tamsaasaa jirtan. Salphina akkanaa kana ani keeysa hin jiru isintu itti gaafatama.

Gadda Onnee nama cabsu!😭😭Gaaddisa artii Oromoo, falmaa bilisummaa fi waqixxummaa dhala namaa kan ta'e Dr. Artiist Alii B...
06/11/2022

Gadda Onnee nama cabsu!😭😭

Gaaddisa artii Oromoo, falmaa bilisummaa fi waqixxummaa dhala namaa kan ta'e Dr. Artiist Alii Birraa du'aan boqochuun ummata Itoophiyaa maraaf addatti ammoo ummata Oromoof gadda ulfaataadha.

Alii Birraa guddina artii Oromoo qofa otoo hin taane kallattii guddina siyaas-diinagdeefi hawaasummaa ummata Oromoo akeekuun injifannoo ummanni keenya har'a gonfateef nama gumaachaa qaalii taasisedha. Gumaacha Dr. Artiist Alii Birraa taasise dhaloonni bara baraan yaadata. Dr. Artiist Alii Birraa nama artiif amanamee ummataaf jiraate waan ta'eef sirboonni isaa Itoophiyaa biratti jaalala, sadarkaa idil addunyaatti ammoo dinqisifannaa guddaa argachuu danda'aniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dr. Kabajaa Alii Birraaf Jannata ummata Oromoo, dinqisifattootaafi maatii isaatiif ammoo jajjabina hawwaa Sirna geggeessaa goota tokkoof raawwachuudhaaf Koreen Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaan hogganamu hojiitti galee jira.

Rabbiin Aalii jannataatti isaan haa dabalu😭

Arra akka lakkoofsa Ethiopiatti guyyaarraa sa'aa 8:00 irratti channel https://youtube.com/c/FARAANSTUDIO Art Farhaan Bad...
29/10/2022

Arra akka lakkoofsa Ethiopiatti guyyaarraa sa'aa 8:00 irratti channel https://youtube.com/c/FARAANSTUDIO Art Farhaan Baddeeysaa irratti ni gadhiifama. Inshaa allaah.

Fayyaa adeeroo alii birraatiif du'aayiin teeysan murteeysituudhaa kanaaf Rabbi kadhaaf.Bi'iznillaah ni fayya.
23/10/2022

Fayyaa adeeroo alii birraatiif du'aayiin teeysan murteeysituudhaa kanaaf Rabbi kadhaaf.
Bi'iznillaah ni fayya.

Today's best photo ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤
21/10/2022

Today's best photo ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤







20/10/2022

OROMIA11: TURTII ARTIST FARHAAN SULEE WAJJIIN TAASIFNE.

Yeroo dhiyotti nu eegadha
20/10/2022

Yeroo dhiyotti nu eegadha

Today's best Photo 🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍
05/10/2022

Today's best Photo 🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍







05/10/2022

GEM Tv :- Sabboontuu Fi Galataa Labuu - Onnee Fuute - Ethiopian Oromo Music 2022 [Official Video]Check Out New Ethiopian Music Videos by Golden Ethio Music. ...

05/10/2022
05/10/2022
😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭Godinnni Harargee Bahaa Aanaan Mayyuu Mulluqee ,Qumbii,Gola odaa Akkana keeysa jirti. Yaarabbii dirmadhu.
08/08/2022

😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭
Godinnni Harargee Bahaa Aanaan Mayyuu Mulluqee ,Qumbii,Gola odaa Akkana keeysa jirti. Yaarabbii dirmadhu.

LUBBUU LAMMII HAA BARAARRUGO/H.LIXAA A/ Burqaa DhintuuHoongeen booranafi  Baale Bahaa miidhee ture aanaalee h/lixaa gama...
07/08/2022

LUBBUU LAMMII HAA BARAARRU

GO/H.LIXAA A/ Burqaa Dhintuu
Hoongeen booranafi Baale Bahaa miidhee ture aanaalee h/lixaa gama gadii jiran hunda miidhaa jiraachuu namni lammii yaaduu fii dhiigu hundi argee dhagayuu qaba akkasumas hawaasni keenya beelaaf dheebuun saaxilamee fala ofii dhabeet jira.
Lammiin lammiif.

Aanaan kun aanaa horsiisee bulaati akkuma gujii,baale fi harargee bahaa iddoo tokko tokkotti hongeen mudaatetti aanaa burqaa dhintuu kanas ummanni dhumaa jira sababa roobni dhabamuutiin midhaan qotanii facaasan osoo hin margin hafe kana Margees achumaan aduun gubate. ummanni dhumaa jira bishaan Haroon leetira 20 qar.70 - 80 bitaa jiran bishaan dhugaatii leetira 20 qar. 90 - 100 bitaa jira.
Rabbiin haa dirmatuuf jenna.

07/08/2022
07/08/2022

#

07/08/2022

Address

Dirre Dawa
Dire Dawa

Telephone

+251979513632

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Reyyan Mohammed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Reyyan Mohammed:

Videos

Share

Category